Qaroo Post
описание
Qaroo Post is an Educational and news media established with a great vision to be the best Media in our country CHANNELIIN Qaroo Post ODEEFFANNOO WAYTAAWAA YEROO YEROOTTI SINIIF LAKKISA https://telega.io/c/QarooPost
2 503
подписчиков
Охват к подписчикам
13,2%
ERR
Реакции к просмотрам
0,12%
18 на 37 постов
Пересылки к просмотрам
0,03%
5
Постов в день
0,0
всего 37
Где отзываются чаще
доля реакций к просмотрам- 7 нояб. 2024 г.Guyyaa har'a Fiilmiin Afaan Oromoo Mata dureen isaa Finnaaf jedhamu Tele Tv irratti lakkifamuuf walii galteen mallatteeffameera. Finfinnee, Hoteela Goolden Tuulippitti kan gaggeeffame sagantaan walii galtee mallatteessuu kun Tele Tv fi Miiltoo Pictures gidduutti raawwatamuun Fiilmiin Finnaaf Fiilmii Afaan Oromoo isa jalqabaa Tele Tv irratti lakkifamu ta'eera. Tele Tv irratti kanaan dura Fiilmota Afaana Anaariffaa nuraasni kan lakkifaman yemmuu ta'u, Afaan Amaariffaatti aansee Fiilmii Tele Tv yaabe isa lammataas ta'eera. Fiilmiin Finnaaf sagantaalee badhaasaa gara garaa irratti kaadhimamuu irra darbee badhaasota hedduu fudhachuun isaa ni yaadatama. Adeemsu kunis damee Fiilmii Afaan Oromoof dadammaqiinsa ni uuma jedhamee amanama. Sagantaa akana irrattis ogeessonni Fiilmii hedduun argamaniiru. Miseensota Fiilmii Finnaaf akkasumas Jaalattoonni fi Dinqisiifattoonni Fiilmii Oromoo baga gammaddan baga gammanne. Tele Tv buufadhaa https://teletv.et/download yookaan https://www.teletv.et #TeleTv #Finnaaf @Fiilmiin @QarooPost1,41%
- 2 авг. 2024 г.#Itoophiyaa #2ffaa Biyyi keenya Itiyoophiyaan dorgommii xumuraa meetira kuma 10 dhiirotaan karaa Barrihuu Araggaawii meedaaliyaa meetii argatteerti. Baga Gammaddan👏 @QarooPost0,51%
- 30 июл. 2024 г.#Finfinnee #Balaa tiraafikaa Adooleessa 23 Bara 2016 A L.I Magaalaa gudditti biyyatti Fi handhuura oromiyaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas silk laaftootti balaa tiraafikaan lubbuun namoota sadi( 3) darbuu komishiniin ittisa balaa Fi ibiddaa bulchiinsa magaalaa finfinnee ibse. Dabalataanis Ogeessa sabqunamtii ummataa komichinichaa Kan ta'an Obbo Nigaatuu Maammoo Akka ibsanitti namoota lubbuun isaanii darbeen ala namoonni afur (4) miidhaan qaamaa cimaan irra gahuu ibsan . Balichis Kan dhaqqabuu danda'e konkolaataan piikaappii abbaa gaabbiinaa cimdii ykn double gaabbiinaa pickup namoota torba (7) fe'ee deemaa ture konkolaataa fe'umsaa guddaa dhaabatee ture waliin walitti bu'uuni. Hojjattoonni koomishinichaas namoota miidhaan qaamaa irra gahe konkoolaticha keessaa baasuu Fi namoota lubbuun isaanii darbe ammoo Akka qoratamu poolisii magaalichaaf dabarsanii kennuu isaanii obbo Nigaatuu maammoon dabalataan ibsaniiru . Poolisiin magaalichaas sababa balaa kanaa Akka qorachaa Jirus ibsaniiru. @QarooPost0,42%
- 11 мар. 2025 г.без подписи0,42%
- 25 маяBubbee S1E12 Tiyyaan gara Bubbeetti Jiituu taatee dhufteetti. Waan ajaa’ibaa ilaaluuf qophooftanii? Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/IcGVKl1o1RI?si=b23JcbiKgl5k1TEV0,40%
- 21 янв.Itiyoophiyaatti Miidiyaaleen 309 eeyyama seera qabeessa argatanii socho’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa beeksise. Wayita ammaa Miidiyaaleen Biroodkaastii 175, Maxxansaa 20, Bakka Bu’oonni Miidiyaalee alaa 35, Marsariitii 73, Biroodkaastii Kaffaltii Intarneetii 5 fi Biroodkaastii kaffaltiin alaa 1 karaa seera qabeessaan galma’uun eeyyama argatanii hojiirra jiru jedhe. Kanneen keessaa 254 tamsaasarra jiraachuu eeruun, 55 immoo qophiirra jiraachuu ibseera. Abbaan Taayitichaa baatiwwan jahan darban miidiyaalee 39 damee eeyyama, hordoffii fi mirkaneessaa gahumsaan tajaajilli Sartafikeetii kennamuufii eereera. waggoottan darban guddina damichaa saffisisuuf jijjiirama seeraa fi hojmaataa taasiseen lakkoofsi miidiyaalee , akaakuu akkasumas dhaqqabummaan isaanii guddachuu himeera. Abbaan taayitichaa akkaataa labsii fi seera biyyattii bu’uureeffachuun eeyyama tajaajila tamsaasaa ni murteessa, ni kenna, ni haaromsa, ni dhorka akkasumas ni haqa. Maddii Oduu kanaa: FMC @Qaroopost0,39%
- 1 дек. 2024 г.Mootummaan Naannoo Oromiyaa garee hidhattoota WBO irraa adda bahe waliin waliigaltee nagaa mallatteessuun beekame. Mootummaan Naannoo Oromiyaa garee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa adda bahe, kan ajajaa zoonii giddu galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaan durfamu waliin waliigaltee nagaa mallatteessuu beeksise. Waliigalteen Kun Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaa gidduu mallattaa’us hamma ammaatti bal'inaan wanti ifatti ibsame hin jiru. Sanyii Nagaasaan Ji’a Fulbaana darbee gareen isaanii kana booda jaarmiyaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marrootin hogganamu jalatti akka hin sochoone ibsanii turan. Akkasumas mootummaa waliinis mari'achuuf fedhii akka qaban himanii turan. Yeroo sanas Waajjirri Sab-qunnamtii ABO-WBO, Sanyii Nagaasaan ji’oota dura “sababa gocha gantummaatiin” garee kana keessaa ari’amuu ibsee ture. Haatahu malee WBOn dhimma waliigaltee araaraa har'a mallatteeffame ilaalchisee hanga ammaatti ibsa kenne hin qabu. #Addis Standard wabeeffanne. @QarooPost0,24%
- 31 июл. 2024 г.без подписи0,23%
- 10 дек. 2024 г.10/12/2024 Dhaabbileen Siivilii ugguramanii jiran ‘hireen keenya balaa irratti kufe’ jechuun yaaddoo isaanii ibsan. Dhaabbileen siivilii “gochaalee dantaa biyyaa miidhan irratti hirmaatan” jedhamuun Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Siivilii Itoophiyaatin ugguraman hireen isaanii balaa irratti kufuu ibsan. Herreegni baankii isaanis jalaa ugguramuu hordofee hojjattootaaf mindaa kaffaluuf rakkachuu himan. Dhaabbilee Giddugala Dagaagina Mirgaafi Dimookraasii (CARD) fi Waldaa Ogeeyyii Seeraa Mirga Namoomaaf jedhaman herreegni baankii isaanii waan uggurameef hojjattootaaf mindaa kaffaluu fi sochiilee biroo gaggeessuu dadhabuu hoggantoonni dhaabbilee kanneen himaniiru. Daareektarri Giddugala Dagaagina Mirgaafi Dimookraasii (CARD) Mogas Damissee sochiin giddugalichaa waan dhaabbateef rakkoo mudateef furmaata laachuu akka hin danda’amne VOAtti himaniiru. #Addis istaandaardi wabeeffanne. @QarooPost0,18%
- 15 июл.📢 Advertising in this channel You can place an ad via Telega․io. It takes just a few minutes. Formats and current rates: View details0,00%
- 11 июл.Bubbee S1E18 Misirroo Siitkoomiin Bubbee garamitti deemaa jira? Bubbee fi Jiituun gaa’ela dhaabbatan moo? Michuun akkam taati laata? Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa! https://youtu.be/LTPnq2dNB9I?si=IHWVrXF9HvyuK3_K0,00%
- 2 июн.Bubbee S1E13 Hirmii Siitkoomiin Bubbee sadarkaa biraatti ce’aa jira. Jiituun (Tiyyaan) erga dhuftee as bifa haaraan ol ka’ee hojjatamaa jira. Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa! https://youtu.be/8-Nt6pP5zNU?si=vVtZktknEvtdaTDw0,00%