RAFIIQUL ISLAAM 🇸🇩
Статистика✅️ Al-Isra'a 17:81 በልም «እውነት መጣ ውሸትም ተወገደ፤ እነሆ ውሸት ተወጋጅ ነውና፡፡» And say, "Truth has come, and falsehood has departed. Indeed is falsehood, [by nature], ever bound to depart." Jedhi “Dhugaan dhufe; sobni dhabame, sobni dhabamaa ta’eera”. @Rafiqul_Islaam
- Последний пост
- 17 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 3
- Всего постов
- 22
- Тип
- открытый
- Язык
- английский
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 565
- 1/48двое суток
- 647
- 1/72трое суток
- 698
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Kiristaanonni "Waa'ee eenyumma Yesuus nutu isin Muslimoota caala beeka" jedhan. Tole dhugaan jiru faallaa kanaa ta'us dubbii gabaabsuuf yaada keessan kanaan yoon walii gale, ✅Waa'ee Yesuus isin caalaa immoo barattoota Yesuus kan isaa wajjin turantu beeka. Isaan Yesuus Nabiyyiidha jedhan. “Hundumti isaaniis, na'anii, "Raajiin guddaan nu keessaa ka'eera; Waaqayyo saba isaa ilaaleera" jedhanii Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessan.” ⎨Luq. 7:16⎦. ✅ Barattoota isaa caalaa immoo Yesuustu waa'ee ofii beeka. Inni ani Nabiyyiidha jechuun of ibse(mat. 13 :57). Akkasumas ani nama jechuun of ibse. “Ani dhugicha isan Waaqayyo irraa dhaga'e isinitti himeera; isin garuu ana nama akkasii ajjeesuu barbaaddu; Abrahaam akka kana hin hojjenne.”⎝Yoh. 8:40⎭. ✅ Yesuus Caalaa immoo Rabbii isa uumetu Waa'ee isaa beeka. Rabbiin Garbicha koo isaan jedhe. “Waaqayyo itti fufee, "Kunoo, garbichi koo inni ani ol ol qabu, inni ani fo'adhe, inni ani jaalladhu isa kana" ⎡Isaayaas . 42:1⎭. Kanaaf Namni Yesuus Waaqa jedhu nama barattoota Yesuus, Yesuusii fi Rabbiin caalaan waa'ee Yesuus beeka jedhuudha. Isin Kiristaanonni Yoo Macaafa keessan kana hin hordofne maal hordofaa jirtu ? Barnoota amantii Islaamaa fi Kiristaanaa walbira qabdanii barachuu yoo barbaaddan Chaanaalii keenya armaan gadii join godha! 👇👇👇👇 @Saahibuddiin28 https://t.me/Rafiiqul_Islaam/41
✅𝐃𝐡𝐮𝐠𝐮𝐦𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐧𝐢 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐚 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢?✅ Kitaabni tokko jecha waaqaati jedhamuudhaaf ulaagaale inni guttachu qabu hedduutu jira Kannen keessas 1, Jechonni faallaan keessa dhabamuu 2, Jechonni waaqaaf hin malle keessa dhabamuu 3, Jechonni nama keessa dhabamu utuma jecha tokkollee ta'e. 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐧𝐢 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐔𝐥𝐚𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐎𝐥𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐈𝐛𝐬𝐚𝐦𝐞 𝐐𝐚𝐛𝐚 [1] Keyyattota Macaafa Qulqullu Keessaa Wal Fallessan “Yabbinni gaanichaas hamma bal'ina harkaa ti; hidhiin isaa inni akka hidhii shiiniitti garagalee hojjetame daraaraa habaaboo in fakkaata; gaanichi liitrii afurtamii afur baata.” — 1Mot. 7:26 “Yabbinni gaanichaa hamma bal'ina harkaatti, hidhiin isaa inni akka hidhii shiiniitti garagalee hojjetame daraaraa habaaboo fakkaata; gaanichi liitrii kuma jaatamii ja'a nyaata.” — 2Sen. 4:5 𝐆𝐚𝐚𝐟𝐟𝐢𝐢: 𝐋𝐢𝐢𝐭𝐢𝐫𝐢𝐢 𝐀𝐟𝐮𝐫𝐭𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐀𝐟𝐮𝐫𝐢 (44)𝐦𝐨𝐨? 𝐋𝐢𝐢𝐭𝐢𝐫𝐢𝐢 𝐊𝐮𝐦𝐚 𝐉𝐚𝐚𝐭𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐉𝐚'𝐚𝐚 (66,000) [2] “Solomoon gola fardeen warri konkolaattota isaa harkisan itti galan kuma afurtama, abboota fardeenii immoo kuma kudha lama qaba ture.” — 1Mot. 4:26 Fi “Solomoon kutaawwan manaa fardeen itti galanii fi kutaawwan manaa konkolaattonni keessa kaa'aman kuma afur qaba ture; abboonni fardeenii isaa kuma kudha lama turan; inni isaan kana keessaa gar tokko mandaroota konkolaattonni keessa kaa'aman keessa in kaa'e, gara kaan immoo of bira Yerusaalem mandara mootii keessa in kaa'e.” — 2Sen. 9:25 Gaaffi Kuma Afurtama (40,000)Moo? Kuma Afuri (4000) [3] “Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii lamaa ture; inni waggaa tokko Yerusaalem keessa taa'ee mo'e; haati isaa Ataaliyaa intala Ahaab Omrii mootii Israa'el turte.” — 2Mot. 8:26 “Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa digdamii lamaa ture; inni waggaa tokko Yerusaalem keessa taa'ee mo'e; haati isaa Ataaliyaan intala Ahaab Omrii ti.” — 2Sen. 22:2 Kamtu Sirriidha 42? moo 22? [4] “Toorri hidda dhaloota Yesus Kristos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam isa kana.” — Mat. 1:1 “Abrahaam Yisihaqin dhalche; Yisihaq Yaaqoobin dhalche; Yaaqoob Yihudaa fi obboloota Yihudaa dhalche.” — Mat. 1:2 Fi (Luq 3:23-38 “Yesus hojii isaa yommuu jalqabe, dhalatee akka waggaa soddomaa ti; hidda dhaloota isaa yeroo lakkaa'anis ilma Yoseef jedhaniin; Yoseef ilma Elii,” — Luq. 3:23 • . Keyyattonni kunnin waa'e hidda dhaloota iyesus kiristoos dubbatu garu lamaan isanii𝐬 maqaadhan, lakkofsaanis wal hin fakkatan hiddi dhaloota isa kamiijenne fudhanna? Iyesus yoo waaqa ta'e akkamitti hidda dhaloota qabaate? [5] “Kana irratti mootichi, "Wanta gaarii ta'ee isinitti mul'atu nan godha" isaaniin jedhe; yommus mootichi karra bukkee in dhaabate, loltoonni immoo dhibba dhibbaan, kuma kumaan lolaaf in ba'an.” — 2Sam. 18:4 FI “Namoonni Sooriyaa warri Damaasqoo keessa jiraatan Hadaad-Ezer mootii Zobaa gargaaruudhaaf in dhufan; Daawit immoo isaan keessaa namoota kuma digdamii lama rukutee in ajjeese.” — 1Sen. 18:5 Isa kamtu dhugaadha? 700 moo 1700 ✅Join, Share & Like Jzk.🥰🥰🥰 ✅ @Rafiiqul_Islaam ✅
𝐆𝐀𝐀𝐅𝐅𝐈𝐈
Heera Barreeffamaa ISA jalqabaa Addunyaa kanaa beektuu ? Har'a addunyaan yeroo waa'ee 'Heera Mootummaa', 'Mirga Namoomaa' fi 'Bilisummaa Amantii' gadi fageenyaan dubbattu, baay'ee keenyaaf gaaffii saaqamaa ta'uutu jira. Innis Heerri barreeffamaa inni jalqabaa yoomii fi eenyuun qophaa'e ? Kan jedhuudha. Isin Heera barreeffamaa isa jalqabaa addunyaa irraatti eenyuu fi yoom akka qophaa'e beektuu? Yoo hin beekneef, Seenaan yeroo dheeraa addunyaa kanaa akka mirkaneessutti, qoraasuma teessuma har'aatiin waggoota 1400 dura, magaalaa Madiinaa keessatti sanadni seenaawaan hundee kanneen qabate tokko dhalatee ture. Sanadni seenaa dhala namaa fi Islaamaa keessatti iddoo guddaa qabu kunis "Sahiifatul Madiinaa" (Heera Madiinaa) jedhamuun beekama. Innis Heera Barreeffamaa Isa Jalqabaa (First Written Constitution) kan walitti dhufeenya, mirga fi dirqama hawaasota adda addaa magaalaa Madiinaa keessa jiraatanii murteessuudha. Sanadni seenaawaan kunis Nabiyyii fi Ergamaa Rabbii, Muhammad (S.A.W)'n bara 622 A.L.I (Bara 1ffaa Hijraa) keessa qophaa'e. Barbaachisummaa Heerichaa Ergamaan Rabbii (S.A.W) yeroo Makkah irraa gara Madiinaatti godaanan, Madiinaan magaalaa hawaasa lakkoofsaan baay'eefi aadaa adda addaa ta'e qabduu fi dhimmoota gurguddoo wanta sanada kana gaafataniin kan guutamte turte. Jalqaba irratti, gosoonni Aarabootaa kan Madiinaa akka Aws fi Khazraj waggoota hedduudhaaf (Woggaa 120 'f) waraana walitti fufiinsa qabu kan "Waraana Bu'aas" jedhamuun dhiiga wal-dhangalaasaa turan. Dabalataanis, Qureeyshonni Makkah Muslimoota balleessuufi Madiinaa weeraruuf sodaa fi yaaddoo alaa uumaa turan. Kanaafuu, hawaasa ilaalcha fi amantiin adda addaa ta'e kana keessatti nageenya fi tasgabbii waaraa uumuuf, gosoota adda addaa gara hawaasa tokkootti fiduuf, Madiinaa diina alaa irraa waloo ta'anii ittisuuf fi mirga amantii hundaaf mirkaneessuuf heerri waloo garmalee barbaachisaa ture. Qaamota Heerichaaf mallatteessan Sanada seena-qabeessaa kana hirmaachisuu fi mallatteessuu keessatti qaamoleen gurguddoon Madiinaa keessa jiraatan hundi qooda fudhaniiru. Isaanis: Muslimoota Makkah irraa godaanan (Muhaajiriina), Muslimoota Madiinaa kan gosa Aws fi Khazraj irraa ta'an (Ansaara), gosoota Yahoodaa gurguddoo akka Banuu Qaynoqaa', Banuu Nadiir, Banuu Qurayzaa fi gosoota xixiqqoo biroo, akkasumas Aaraboota amantii aadaa (mushrikoota) Madiinaa keessa jiraatan hunda hammata ture. Qabiyyee Heerichaa Sanadni kun kaayyowwan gurguddoo kanneen galmaan gahuuf, qabxiilee murteessoo ta'an shan of keessatti qabatee dhihaate. Jalqaba irratti, heerichi jiraattota Madiinaa hunda amantii fi gosaan osoo addaan hin baasin akka Hawaasa Tokkoatti ("Ummah Tokkoatti") labse. Lammaffaa irratti, Bilisummaa Amantii guutuu mirkaneessuun, "Yahoodonni amantii isaanii, Muslimoonnis amantii isaanii hordofuuf mirga guutuu qabu; namni amantii isaatiin dhiibbaan irra hin gahu" jedhee murteesse. Sadaffaa irratti, Ittisa Waliigalaa uumuudhaan, yoo diinni alaa Madiinaa weerare Muslimootaa fi Yahoodonni walitti dhufanii Madiinaa akka ittisan, baasiin waraanaas waloo akka ta'u qajeelche. Afaaffaa irratti, Haqa fi Seera dhaabuun, yakki hojjetame nama hojjete qofa kan ilaallatu malee gosa sana guutuu irra akka hin geessise, akkasumas sarbamaa fi miidhamaa gargaaruun dirqama hawaasa hundaati. Xumura irratti, yoo gosoota Madiinaa keessa jiran gidduutti wal-dhabdeen uumame, Murtii Dhumataatiif gara Rabbii fi Ergamaa Isaa (Muhammad S.A.W)tti akka deebi'u kaa'e. Walumaagalatti seenaa dhala namaa keessatti Sahiifatul Madiinaa bakka boonsaa fi guddaa qaba. Sanadni kun heera Mootummaa Inggilizi (Magna Carta) isa bara 1215tti barreeffame dura waggoota 600 dura kan dhalate ta'uun isaa, Heera Barreeffamaa Isa Jalqabaa Addunyaa isa taasisa. Dabalataanis, amantiinii fi saboonni adda addaa akkamitti haqa fi wal-kabajaan waliin jiraachuu akka danda'an fakkeenya addunyaati (Model Pluralism). Dhuma irratti, mirga jiraachuu, mirga qabeenyaa fi bilisummaa amantii namoota xiqqaa (minorities) mirkaneessuudhaan, seenaa mirga namoomaa keessatti boqonnaa haaraa fi ifaa ta'ee bara baraaf tura. Barnoota dabalataaf Chanalii 👉 @Saahibuddiin28 👈 join godha. https://t.me/Rafiiqul_Islaam/38
✨ 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐟𝐢 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢: 𝐓𝐨𝐤𝐤𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢/𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨 ✨ ━━━━━✨━━━━━ 1️⃣ 𝐓𝐨𝐤𝐤𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 (𝐎𝐧𝐞𝐧𝐞𝐬𝐬 𝐨𝐟 𝐆𝐨𝐝) 📖 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢: Al-Ikhlas 112:1 قُلۡ هُوَ ٱللَّهُ أَحَدٌ Say, "He is Allāh, [who is] One,[1] Jedhi: "Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) tokkicha.[1] 📜 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢: “Yaa Israa'el dhaga'i! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa tokkicha!” [Seera Keessa Deebii 6:4] “Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.” — [Maarqoos 12:29] ━━━━━✨━━━━━ 2️⃣ 𝐈𝐬𝐚 𝐐𝐨𝐟𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐛𝐚𝐫𝐮𝐮 / 𝐒𝐚𝐠𝐚𝐝𝐮𝐮 (𝐖𝐨𝐫𝐬𝐡𝐢𝐩 𝐆𝐨𝐝 𝐀𝐥𝐨𝐧𝐞) 📖 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢: Ṭā Hā 20:14 إِنَّنِيٓ أَنَا ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱعۡبُدۡنِي وَأَقِمِ ٱلصَّلَوٰةَ لِذِكۡرِيٓ Indeed, I am Allāh. There is no deity except Me, so worship Me and establish prayer for My remembrance. Ani anumaatu Allaahdha; dhugaan gabbaramaan hin jiru Ana malee! Ana gabbari. Yaadannoo kiyyaaf salaata seeraan salaati. 📜 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢: “Yommus Yesus immoo, "Seexana nana, argaa koo duraa turi! 'Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!' kan jedhu caafameera" jedheen.” [Maatiwoos 4:10] ━━━━━✨━━━━━ 3️⃣ 𝐄𝐞𝐧𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐍𝐚𝐛𝐢𝐢 𝐄𝐞𝐬𝐚𝐚 / 𝐘𝐞𝐬𝐮𝐮𝐬 (𝐉𝐞𝐬𝐮𝐬 𝐚𝐬 𝐚 𝐏𝐫𝐨𝐩𝐡𝐞𝐭) 📖 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐣𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢: Maryam 19:30 قَالَ إِنِّي عَبۡدُ ٱللَّهِ ءَاتَىٰنِيَ ٱلۡكِتَٰبَ وَجَعَلَنِي نَبِيࣰّا [Jesus] said, "Indeed, I am the servant of Allāh. He has given me the Scripture and made me a prophet. (daa’imichi) ni jedhe: “ ani gabricha Rabbiiti, Inni kitaaba naaf kenneera; nabiyyiis na taasisee jira. 📜 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐐𝐮𝐥𝐪𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐊𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢: “Tuuti isaa wajjin adeemus, "Kun raajicha, Yesus nama Naazireet kutaa biyya Galiiiaa ti" jedhee deebise.” [Maatiwoos 21:11] ━━━━━✨━━━━━ Dhugaan amantaa hundee irratti Tokkummaa Uumaa (Rabbii) amanuu fi Isa qofa gabbaruu irratti kan hunda'eedha. 📚 𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐂𝐨𝐦𝐩𝐚𝐫𝐚𝐭𝐢𝐯𝐞 𝐟𝐢 𝐊𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐨𝐭𝐚 𝐝𝐚𝐛𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐚𝐟 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐉𝐎𝐈𝐍 𝐠𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚! 👇 𝐉𝐨𝐢𝐧 𝐇𝐞𝐫𝐞: 👇 🔗 https://t.me/+LjQDHUqKPAYzYjE0 🔗 https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0
📢 𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀! 📢 𝑯𝒂𝒍𝒒𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒃𝒃𝒂𝒂 𝑱𝒊𝒇𝒂𝒂𝒓 bifa idileetiin (lafarratti) magaalaa Jimmaa keessatti barattoota kumaatamaan lakkaa'aman fanniiwwan barnoota Islaamaa guutuu barsiisaa jiraachuun isaa ni beekama. 𝑨𝒍𝒉𝒂𝒎𝒅𝒖𝒍𝒊𝒍𝒍𝒂𝒉! Amma immoo barnoota lafarratti baratamaa jiru kana bifa sagaleetiin (Audio) waraabuudhaan darsiiwwan garaa garaa chanalii kana irratti maxxansuu jalqabeera. ✨ 𝑭𝒂𝒏𝒏𝒊𝒊𝒘𝒘𝒂𝒏 (𝑮𝒐𝒔𝒂 𝑩𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂) 𝑫𝒉𝒊𝒉𝒂𝒂𝒕𝒂𝒏: 📖 𝑨𝒒𝒊𝒊𝒅𝒂𝒂 & 𝑻𝒂𝒘𝒉𝒊𝒊𝒅𝒂 ⚖️ 𝑭𝒊𝒒𝒉𝒊𝒊 & 𝑴𝒔𝒖𝒖𝒍𝒖𝒍-𝑭𝒊𝒒𝒉𝒊𝒊 📜 𝑯𝒂𝒅𝒊𝒊𝒔𝒂 & 𝑺𝒆𝒆𝒏𝒂𝒂 (𝑺𝒊𝒊𝒓𝒂𝒂) 🗣️ 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑨𝒓𝒂𝒃𝒊𝒇𝒇𝒂𝒂 (Nahwii, Sarfii, Balaagaa, Manxiqaa fi kanneen biroos...) 🎙️ 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂𝒏: Sheikh Saddaam Huseen Kanaafuu, obboloonni bakka jirtan irraa barnoota kana hordofuu fi beekumsa keessan gabbifachuu barbaaddan 𝑱𝑶𝑰𝑵 godhuudhaan irraa fayyadamaa! Hiriyoota keessaniifis 𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬 godhaa! 🔗 𝑳𝒊𝒏𝒌𝒊𝒊 𝑪𝒉𝒂𝒏𝒂𝒍𝒊𝒊: https://t.me/+N8Z16msrdWhmYzJk https://t.me/+LjQDHUqKPAYzYjE0 https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0
QUR’AANNI JECHA ALLAAHAA TAHUU SABACHISUU. [At-Taubah 9:6] {وَإِنۡ أَحَدࣱ مِّنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ ٱسۡتَجَارَكَ فَأَجِرۡهُ حَتَّىٰ يَسۡمَعَ كَلَٰمَ ٱللَّهِ ثُمَّ أَبۡلِغۡهُ مَأۡمَنَهُۥۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ قَوۡمࣱ لَّا يَعۡلَمُونَ} {Yoo tokkoon qindeessitoota irraa ta’e nagaya gochuu sirra barbaade,nagaya isaaf godhi hanga inni jecha Rabbii (qur'aana) dhagahutti, Sana booda iddoo nagaya isaatiin isa ga’i, Kun waan isaan ummata hin beekne ta’aniifi.} [Al-Baqarah 2:75] {۞أَفَتَطۡمَعُونَ أَن يُؤۡمِنُواْ لَكُمۡ وَقَدۡ كَانَ فَرِيقࣱ مِّنۡهُمۡ يَسۡمَعُونَ كَلَٰمَ ٱللَّهِ ثُمَّ يُحَرِّفُونَهُۥ مِنۢ بَعۡدِ مَا عَقَلُوهُ وَهُمۡ يَعۡلَمُونَ} {Sila! isiniif amanuu kajeeltuu? kan gareen isaan (Yahuudaa) irraa ta’e haasa’a Rabbii dhaga’anii eega hubatanii booda odoo beekanuu jijjiiran jiranuu.} [Al-Fath 48:15] {يُرِيدُونَ أَن يُبَدِّلُواْ كَلَٰمَ ٱللَّهِۚ قُل لَّن تَتَّبِعُونَا كَذَٰلِكُمۡ قَالَ ٱللَّهُ مِن قَبۡلُۖ فَسَيَقُولُونَ بَلۡ تَحۡسُدُونَنَاۚ بَلۡ كَانُواْ لَا يَفۡقَهُونَ إِلَّا قَلِيلࣰا} {Jecha Rabbii jijjiiruu fedhu. “Nu hin hordoftan! Rabbiin duraanis akkasuma jedhe” jedhiin. “Isin nu waanyitu (hassaddu)” jechuuf jiru. Waa xiqqoo malee hin hubatanu.} [Al-Kahf 18:27] {وَٱتۡلُ مَآ أُوحِيَ إِلَيۡكَ مِن كِتَابِ رَبِّكَۖ لَا مُبَدِّلَ لِكَلِمَٰتِهِۦ وَلَن تَجِدَ مِن دُونِهِۦ مُلۡتَحَدࣰا} {Waan kitaaba Gooftaa keetii (Qur’aana) irraa gara keetti beeksisa godhame dubbisi, Jechoota Isaatii jijjiiraan hin jiru. Isa malee iddoo itti dabdan hin argattu.} [An-Naml 27:76] {إِنَّ هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ يَقُصُّ عَلَىٰ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ أَكۡثَرَ ٱلَّذِي هُمۡ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ} [Dhugumatti, Qur’aanni kun Ilmaan Israa’iil irratti irra hedduu waan isaan isa keessatti wal dhabanii isaaniif odeessa.] IBSA. Aayaatoota dabarsine keessatti Qur’aanni jecha Rabbii tahuu hubbanaa. Ahlus-Sunnaan Qur’aanni amma Muslimootni bakka hunda dubbisan kuni jecha Rabbii tahuu amanan. Qur’aanii jecha Rabbiiti, Jibriil Rabbiiraa dhagahee Nabi Muhammad Jibriil irraa dhagaye, Nabi Muhammad Sahaaboota irratti qara’ee isaanis Isarraa dhagayan, haaluma kanaan hanga guyyaa arraatti qara’amaa dhagayamaa jira. Sagaleen namni Qur’aanaan qara’u tan abbaa qara’ee yoo taatu jechi inni dubbisaa jiru kan dhagayamu sun ammoo jecha Rabbii. QUR’AANA RABBIIN BUUSUU SABACHISUU. [Al-An'am 6:92] ﴿وَهَٰذَا كِتَابٌ أَنزَلْنَاهُ مُبَارَكٌ﴾ Ragaan jecha Rabbiiti: {kun kitaaba nuti buufne, kan barakaa qabu.} [Al-Hashr 59:21] {لَوۡ أَنزَلۡنَا هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ عَلَىٰ جَبَلࣲ لَّرَأَيۡتَهُۥ خَٰشِعࣰا مُّتَصَدِّعࣰا مِّنۡ خَشۡيَةِ ٱللَّهِۚ } {Odoo Qur'aana kana gaara irratti buufnee, silaa isa nigarta sodaataa dhodhoohaa sodaa Rabbiirraa.} [An-Nahl 16:101 - 103] {وَإِذَا بَدَّلۡنَآ ءَايَةࣰ مَّكَانَ ءَايَةࣲ وَٱللَّهُ أَعۡلَمُ بِمَا يُنَزِّلُ قَالُوٓاْ إِنَّمَآ أَنتَ مُفۡتَرِۭۚ بَلۡ أَكۡثَرُهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ قُلۡ نَزَّلَهُۥ رُوحُ ٱلۡقُدُسِ مِن رَّبِّكَ بِٱلۡحَقِّ لِيُثَبِّتَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَهُدࣰى وَبُشۡرَىٰ لِلۡمُسۡلِمِينَ وَلَقَدۡ نَعۡلَمُ أَنَّهُمۡ يَقُولُونَ إِنَّمَا يُعَلِّمُهُۥ بَشَرࣱۗ لِّسَانُ ٱلَّذِي يُلۡحِدُونَ إِلَيۡهِ أَعۡجَمِيࣱّ وَهَٰذَا لِسَانٌ عَرَبِيࣱّ مُّبِينٌ} {Yeroo keeyyata tokko bakka keeyyata biraa jijjiirre, Rabbiin waan buusu akkan beekaadha; “Ati (yaa Muhammad!) soba of biraa uumaa malee kan biraa miti” jedhu. Dhugumatti irra baay’een isaanii hin beekanu.} {Jedhi ruuhul qudus (Jibriil) Gooftaa kee irraa dhugaan isa (Qur'aana) buuse, Akka warra amanan (haqa irra) gadi dhaabuuf, Muslimootaaf qajeelumaafi gammachuu ta’ee (buuse).} {Nuti dhugumatti “kan (Qur’aana) isa barsiisu nama malee waan biraa miti” jechuu isaanii ni beekna. Qooqni inni isaan gara isaatti jallisanii ‘Ajamii’dha, (Qur’aanni) kun immoo qooqa Arabiffaa ifa bahaadha.} IBSA. Aayaatoota dabarsine keessatti Qur’aana Rabbiin buusuu hubanna. Qur’aanii waan Nabi Muhammad ifiif uumee miti garuu Rabbii irraa karaa Malaayikaa Isaa Jibriiliin Nabi Muhammad irratti buuse. https://t.me/Rafiiqul_Islaam/35
Macaafa Qulqulluu keessatti yommuu ibsa waa’ee nabiyyii keenya kabajamoo (Sallallaahu Alayhi Wasallam) haasofnu, warroota kitaabaa wajjin onnee guutuun marii godhuuf ragaa gahaa qabna; sababni isaatis dhugaawwan mirkanaayan muraasonni wanta jiraniif. Yommuu gaafii sadarkaa addunyaa kan jireenya yeroo maraa irraa eegallu nuti akka muslimootaatti isaaniif ragaalee mirkanaayan dhiheessuun beekkumsa gad fagoo isa hubannoo ilaalchaa uumaa ta’ee fayyadamuu qabna. Isa ilaacha warroota kitaabaa kan dogoggoraa san gara sirrii kan jijjiiru ta’e qabatamaan dhiheessuu qabna. Nuti waa’ee nabiyyii keenya kabajamaa (Sallallaahu Alayhi Wasallam) dhugaawwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran qorachuu akka dandeenyu Qur’aana keessa akeekaa kanneen ta’an qabxiilee “Dhugumaan qaama keessa foon bicuun takka ni jirti; yommuu isheen balloofte qaamni guutuun ni ballaaya. Yoo isheen sirroofte qaamni guutuun ni sirraaya; dammaqaa! Isheenillee onnee dha.” Sadarkaa addunyaatti walqunnamtiin amantii jidduu jiru guddachuun isaa carraawwanii fi falmiiwwan heddu uumeera. Sababa kanaan yeroo tokko tokko sammuu qormaataa fi shakkiin tokko kan biro wajjiin waldhabu isa muudata. Waa’ee addunyaa dhugaa hubannoo dogoggoraa qabnu dhabamsiisuuf onnee irratti irkachuun nurra jiraata. Yoo kana goonu, waa’ee nabiyyii islaamaa kan dhugaa tokko taanee ilaalcha addunyaa kan dogoggoraa dhabamsiisuu ni dandeenya. Onnee qulqulluu fi sammuu gad fagoon jireenya kee kan amantaa keessatti dhiibbaa ol’aanaa fiduu ni dandeetta. Adeemsa akkanaatiin bilisummaan sirrii fi dogoggora jiddutti filachuun ni jira. Kana godhuun jireenya daangaa hin qabne argachuu ni dandeetta, dhugaa dha heeyyama Allaahaatiin. Macaafa Qulqulluu keessatti yommuu ibsa waa’ee nabiyyii keenya kabajamoo (Sallallaahu Alayhi Wasallam) haasofnu, warroota kitaabaa wajjin onnee guutuun marii godhuuf ragaa gahaa qabna; sababni isaatis dhugaawwan mirkanaayan muraasonni wanta jiraniif. Yommuu gaafii sadarkaa addunyaa kan jireenya yeroo maraa irraa eegallu nuti akka muslimootaatti isaaniif ragaalee mirkanaayan dhiheessuun beekkumsa gad fagoo isa hubannoo ilaalchaa uumaa ta’ee fayyadamuu qabna. Isa ilaacha warroota kitaabaa kan dogoggoraa san gara sirrii kan jijjiiru ta’e qabatamaan dhiheessuu qabna. Nuti waa’ee nabiyyii keenya kabajamaa (Sallallaahu Alayhi Wasallam) dhugaawwan Macaafa Qulqulluu keessa jiran qorachuu akka dandeenyu Qur’aana keessa akeekaa kanneen ta’an qabxiilee raggaasisan ni qabna. Kanniin keessaa dhugaa dhaa muraastootni kanneen asi olitti caqasamanii dha. Kanaafuu, asi olitti kanneen tuqamanii fi keewwattoota Qur’aanaa kanneen birootis akkaan qalbeeffachuun nabiyyii keenya kabajamoo (Sallallaahu Alayhi Wasallam) gama ibsitoota Macaafa Qulqulluutiin hiikuun barbaachisummaa bu’uraa qabu. Isaan dhugaa dhoksuuf hanga barbaadan carraaqqii godhuuf yoo yaalanii fi yoo ifaajan, ibsitootni kunniin seenaa, jireenya, akkaataa taa’umsa lafaa, gochootaa fi namummaa/eenyummaa nabiyyii islaamaa kabajamoo (Sallallaahu Alayhi Wasallam) wajjiin kanneen akkaan walsimatanii fi isaaniin alatti seenaa ilmaan namaa keessatti nabiyyoota birootiif kanneen hin mallee dha. Kun kan muldhisu islaamummaan laabooraatoorii Macaafa Qulqulluu keessatti raggaasifamee kan mirkanaayee ta’uu isaa ti. Warri kitaabaa dhugaawwan kanniin kijibsiisuuf yoo uggan, kun kan muldhisu isaan kitaabaa dhuunfaa isaanii akka waan kijibsiisaniiti. Dhugaa dhoksuuf carraaqqiin isaanii ol’aanaan akkuma jirutti ta’ee, Macaafni Qulqulluun ergamaa Allaaha kan sadarkaa addunyaa, isa ilmaan namaa hundaa gara daandii qajeelaa hoogganuu kan danda’u baruumsa islaamummaa wajjiin odeeffannoo sirreessee walitti firoomsa. https://t.me/Rafiiqul_Islaam/32
Warri Kitaabaa Dhugaa Dhoksuu Isaanii Allaahaan (Subhaanahu Wata’aalaa) akkana jedha: “Yaa Ilmaan Israa’il! Tola kiyya kan Ani isin irratti oole yaadadhaa. Waadaa kiyyas guutaa; Anis waadaa keessan ni guuta. Ana qofas sodaadhaa. Waan (Qur’aana) Ani buuse kan dhugo’oomsaa waan isin bira jiruu (tawraati fi wangeelii) ta’ettis amanaa. Jalqaba mama isatti kafarees hin ta’inaa. Keewwatoota kiyyaanis gatii xiqqoon hin bitatinaa; ammas Ana qofa sodaadha. Haqas kijibaan walitti hin makinaa; odoo beektanis dhugaa hin dhoksinaa.” (Al-Qur’aan 2:40-42) Dhugaa dhokfame san hubatuuf, yommuu dhimma kana qorannu obsaa fi sammuu keessan kan logii irraa bilisa ta’e kabajaan ni gaafanna; sababni isaatis akka ilmaan isaanii kanneen dhiiraatti osoo beekan ilmaan Israa’eel waa’ee nabi Muhammad (Sallallaahu Alayhi Wasallam) dhugaa beekaa dhoksanii jiru. Allaahaan (Subhaanahu Wata’aalaa) akkana jedha: “Warreen kitaaba isaanif kennine (yahuudotaa fi kiristaanonni) akka ilmaan isaanii beekanitti isa (nabi Muhammadiin) beeku. Garuu dhugumatti gareewwan isaan irraa ta’an gariin odoo beekan dhugaa dhoksan. Dhugaan (kun) Gooftaa kee irraa dhufe. Kanaaf warreen maman irraa hin ta’in.” (Al-Qur’aan 2:146-147) Israa’eelonni nabiyyicha kabajamoo irraa fuula isaanii akka garagalchan kan isaan godhe qabxiin duraa fedhiin isaanii kan wantoota duniyaa (material needs) qaban irra caalaa guddachuu isaa yoo ta’u hanga sadarkaa isaanii wanta kana irraa isaan sosochosu hin jirretti adeeman. Kan biroo hafee ajajni Gooftaa ol’aanaa illee isaan hin deebifne. Kanaafuu, fedhii mataa isaaniitiif gabricha ta’uuf gahan. Kana irraa kan ka’e Allaahaan (Subhaanahu Wata’aalaa) akkana jedha: “Dhugumatti, Nuti Muusaaf kitaaba kenniinee jirra; isa boodas ergamoota walitti aansinee (erguun isatti) hordofsiifnee jirra. Iisaa ilma Maryamiifis mallattoowwan ifa ta’an kenninee jirra; Hafuura Qulqulluunis (Jibriilinis-AS) isa jajjabeessinee jirra. Sila isin yeroo ergamaan tokko waan lubbuun teessan hin feenen isinitti dhufe hunda ni boontuu? Akka kanaanis garii kijibsiiftanii jirtu; gariis ajjeeftanii jirtu.” (Al-Qur’aan 2:87) “Yaa warra kitaabaa! Ergamaan keenya kan irra hedduu kitaabaa irraa isa isin dhoksaa turtan isiniif ibsuu fi baay’ee isaa immoo dhiifamaan irra isiniif darbu isiniif dhufeera. Dhugumatti, Rabbiin irraa nuura fi kitaaba ifa ta’etu isiniif dhufe. Rabbiin sanaan nama jaalala Isaa hordofe karaalee nagaa (isaan) qajeelcha. (Ammas isaan) dukkannoota irraa gara ifnanaatti hayyama Isaatin isaan baasa. (Isumaan) gara karaa sirrii ta’ees isaan qajeelcha.” (Al-Qur’aan 5:15-16) Hadiisa Nu’imaan Ibnu Bashiir (Radiyallaahu Anhu)⁴ odeessaniin nabi Muhammad (Sallallaahu Alayhi Wasallam) akkana jechuun isaanii gabaafameera: “Dhugumaan qaama keessa foon bicuun takka ni jirti; yommuu isheen balloofte qaamni guutuun ni ballaaya. Yoo isheen sirroofte qaamni guutuun ni sirraaya; dammaqaa! Isheenillee onnee dha.” Sadarkaa addunyaatti walqunnamtiin amantii jidduu jiru guddachuun isaa carraawwanii fi falmiiwwan heddu uumeera. Sababa kanaan yeroo tokko tokko sammuu qormaataa fi shakkiin tokko kan biro wajjiin waldhabu isa muudata. Waa’ee addunyaa dhugaa hubannoo dogoggoraa qabnu dhabamsiisuuf onnee irratti irkachuun nurra jiraata. Yoo kana goonu, waa’ee nabiyyii islaamaa kan dhugaa tokko taanee ilaalcha addunyaa kan dogoggoraa dhabamsiisuu ni dandeenya. Onnee qulqulluu fi sammuu gad fagoon jireenya kee kan amantaa keessatti dhiibbaa ol’aanaa fiduu ni dandeetta. Adeemsa akkanaatiin bilisummaan sirrii fi dogoggora jiddutti filachuun ni jira. Kana godhuun jireenya daangaa hin qabne argachuu ni dandeetta, dhugaa dha heeyyama Allaahaatiin. Inshaa Allaah Itti fufaa..... https://t.me/Rafiiqul_Islaam/31
𝑨𝒔𝒔𝒂𝒍𝒂𝒂𝒎𝒖 𝑨𝒍𝒆𝒚𝒊𝒌𝒖𝒎 𝑾𝒐𝒓𝒂𝒉𝒎𝒂𝒕𝒖𝒍𝒍𝒂𝒂𝒉𝒊 𝑾𝒐𝒃𝒂𝒓𝒂𝒌𝒂𝒂𝒕𝒖𝒉𝒖𝒖 الحمد لله رب العالمين 🤲 Gammachuu guddaadhaan isin beeksisna! 🎉 Tola Rabbiitiin ergasii deeggarsa keessaniin fuulli Telegram keenya hordoftoota 1,000 (1️⃣🔠) ga'eera. Kun milkaa'ina keenya qofa osoo hin taane, milkaa'ina maatii keenya hundaati. Galanni guddaan Rabbii keenyaaf haa ta'u. Itti aansuunis, galata guddaa isin hundaaf dhiyeessina. Jaalalli, deeggarsi, qoodinsi fi jajjabeessi isin nuuf taasistan hojii kana cimsuun akka itti fufu nu taasiseera. Rabbiin (ﷻ) hunda keessan mindaa gaarii haa badhaasu. Hojii gaarii kana ikhlaasa irratti nu haa tikfatu. Beekumsa bu'a qabeessa babal'isuu keessatti nu haa milkeessu. Aamiin. 🤝 Amma illee nu deeggaruu itti fufaa.🍎 Maxxansa keenya qoodaa. 🌐 Hiriyoota keessan nu hordofsiisaa. 🌹 Jazaakumullaahu Khayran Kasiiran. Baarakallaahu fiikum. 🤍 Join godhaa Irraa fayyadamaa!! https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0 https://t.me/+1a9c55bufmpiZjk0
𝐍𝐀𝐌𝐎𝐎𝐍𝐍𝐈 𝐈𝐒𝐋𝐀𝐀𝐌𝐔𝐌𝐌𝐀𝐀𝐍 𝐀𝐉𝐉𝐄𝐄𝐂𝐇𝐀𝐀𝐓𝐓𝐈 𝐀𝐉𝐀𝐉𝐀 𝐉𝐄𝐓𝐓𝐀𝐍𝐈𝐈𝐅 𝐌𝐄𝐄 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀 𝐐𝐔𝐑'𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀 𝐅𝐈𝐈 𝐌𝐀𝐂𝐀𝐀𝐅𝐀 𝐈𝐑𝐑𝐀𝐀 𝐖𝐎𝐋 𝐁𝐈𝐑𝐀 𝐐𝐀𝐁𝐔𝐔𝐃𝐇𝐀𝐀𝐍 𝐇𝐀𝐀 𝐈𝐋𝐀𝐀𝐋𝐋𝐔𝐔!! Join @Rafiiqul_Islaam godhaa!! ﴿مِنْ أَجْلِ ذَٰلِكَ كَتَبْنَا عَلَىٰ بَنِىٓ إِسْرَٰٓءِيلَ أَنَّهُۥ مَن قَتَلَ نَفْسًۢا بِغَيْرِ نَفْسٍ أَوْ فَسَادٍۢ فِى ٱلْأَرْضِ فَكَأَنَّمَا قَتَلَ ٱلنَّاسَ جَمِيعًۭا وَمَنْ أَحْيَاهَا فَكَأَنَّمَآ أَحْيَا ٱلنَّاسَ جَمِيعًۭا ۚ وَلَقَدْ جَآءَتْهُمْ رُسُلُنَا بِٱلْبَيِّنَٰتِ ثُمَّ إِنَّ كَثِيرًۭا مِّنْهُم بَعْدَ ذَٰلِكَ فِى ٱلْأَرْضِ لَمُسْرِفُونَ﴾ Sababa kanaan Ilmaan Israa’iil irratti ’’namni lubbuu tokko lubbuu biraatiin yookiin dachii keessa balleessuun alatti ajjeese akka waan nama hunda ajjeeseti; namni ishee jiraachises akka waan nama hunda jiraachiseeti’’ jechuu murteessineDhugumatti, ergamoonni keenya ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhuftee jirtiErgasii irra hedduun isaanii sana booda dachii keessatti daangaa dabroodha. [ المائدة]-(32 : 5) “Iddoo koo isa qulqullaa'aatti jalqabaatii, jaarsa, dubartii, dargaggeessa, durba, ijoollee xixinnoo, ajjeesaa! Haa ta'u iyyuu malee, warra milikkita of irraa qaban keessaa nama tokkotti illee hin dhi'aatinaa!" jedhe; isaanis jaarsolii mana qulqullummaa dura turanitti in jalqaban.” — His. 9:6 “"Isin kan abbaa isa tokkoo, kan Seexanaa ti; kajeellaa hamaa isa kan abbaa keessaniis gochuu in feetu. Jalqabumaa jalqabee inni sun nama ajjeesaa ture; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, inni dhugaa irra hin dhaabanne. Inni sobaa dha, abbaa sobaa tis; kanaaf yommuu sobu isa garaa isaa keessa jiru in dubbata.” — Yoh. 8:44 “Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu, halalummaa fi xuraa'ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa'amus, of keessaa ajjeesaa.” — Qol. 3:5 “Yoyaadaan lubichi isheen mana qulqullummaa keessatti akka ajjeefamtu waan hin barbaanneef, "Tarree keessan gidduudhaa gad ishee baasaa! Nama ishee duukaa bu'uu barbaadus billaadhaan ajjeesaa!" jedhee, angafoota dhibbaa in abboome.” — 2Mot. 11:15 “Ahaaziyaan mootiin Yihudaa wanta ta'e kana yommuu arge, karaa Bet-Haagan irra ol in baqate; Yehuun garuu sagalee guddaadhaan, "Isas immoo ajjeesaa!" jechaa, isa in ari'e; ol ba'a Guuritti mandara Yible'aam bukkeetti konkolaataa isaa keessatti isa in madeessan; inni garuu Megidootti baqatee achitti in du'e.” — 2Mot. 9:27 “Namoota wayyi irraa hin bunne, 'Utuu inni Waaqayyoo fi mootii arrabsuu dhageenyeerra' jedhanii sobaan dhugaa irratti ba'an lama qopheessaatii fuullee isaa teessisaatii isa irratti dhugaa baasisaa! Kana booddees mandarattii keessaa gad baasaatii dhagaadhaan dha'aatii isa ajjeesaa!" kan jedhu ture.” — 1Mot. 21:10 “Iizaabel yeroo raajota Waaqayyoo ajjeesaa turtetti, Obaadiyaan immoo raajota dhibba tokko jalaa fuudhee, shantama shantamaan holqa dhagaa keessa isaan dhoksee, achitti buddeenaa fi bishaan in kennisiisaaf ture.” — 1Mot. 18:4 “Saa'ol kana irratti, "Daawitin ajjeesaa!" jedhee, ilma isaa Yonaataanitti, hojjetoota isaa hundumaattis in hime; Yonaataan garuu Daawitin baay'isee waan jaallatuuf,” — 1Sam. 19:1 “Warra mandara sana keessa jiraatan hundumaa billaadhaan ajjeesaa! Saba sanaa fi horii isaanii hundumaa qara billaatiin raawwadhaa balleessaa!” — Kes. 13:15 “Museen kana irratti abboota firdii warra Israa'eliin, "Isin tokkon tokkon keessan nama keessan keessaa Ba'aal isa Phe'or nama waaqeffatu ajjeesaa!" jedhe.” — Lak. 25:5 𝐐oph𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚𝐧: 𝚁𝙰𝙵𝙸𝙸𝚀𝚄𝙻 𝙸𝚂𝙻𝙰𝙰𝙼 https://t.me/Rafiiqul_Islaam/29
Rabbiin keenya tokkicha malee kan biraa hin jiru. #Roomaa:- 3:30 "ወይስ እግዚአብሔር የአይሁድ ብቻ አምላክ ነውን? የአሕዛብስ ደግሞ አምላክ አይደለምን? አዎን፥ የተገረዘን ስለ እምነት ያልተገረዘንም በእምነት የሚያጸድቅ አምላክ አንድ ስለ ሆነ የአሕዛብ ደግሞ አምላክ ነው። "Waaqayyo tokkicha erga ta’ee, saba yahuudotaa warra dhagna qabatan amantii isaaniitiin, saba warra kaan warra dhagna hin qabatinis amantiidhuma isaaniitiin qajeelota isaan ni godhata". #Phawuloos; ummata roomaa jiraniif, akka itti Waaqayyoo qajeela nama godhu yeennaa barreessu, #Waaqayyo_tokko” jedhe. waaqayyo tokkichi kunis, waaqa isa saba hunda abboomu ta’uu ibse. Saba yihuudaas saba kaanis hundumaaf waaqa akka ta’es ni ibse. 🛑 Macaafa keessaa bakka baay’eetti; Yesuus, “yaa Israa’eel” jechuun lallabaa akka ture beekamaadha. Maaliif ummata Israa’eel qofa maqaa dhahee waamuu filate? Bakka biraatti immoo, “Ani hoolota mana Israa’eelii bada qofaafan ergame” maaliif jedhe? Kun; Yesuus, ummata hunda abboomuu akka hin dandeenye nu hubachiisa. #Sirriidhas. Yesuus, barsiisaadha waan ta’eef, barsiisaan tokko biyya hunda barsiisuu hin danda’u. Waaqni garuu, waan hunda danda’aa waan ta’eef, saba hunda akka humna isaatti abboomuu fi qajeelchuu ni danda’a. 🔴 Phaawus, akka kanatti barsiise. Ummatni Roomaas akka kanatti fudhatani. Warri ammaa, waan macaafa keessa hin jirre fidanii, dogongoratti maaliif seenani? قُلۡ أَغَيۡرَ ٱللَّهِ أَبۡغِي رَبࣰّا وَهُوَ رَبُّ كُلِّ شَيۡءࣲۚ وَلَا تَكۡسِبُ كُلُّ نَفۡسٍ إِلَّا عَلَيۡهَاۚ Jedhi: "Sila ani Rabbiin ala Gooftaa biraa barbaadaa odoo Inni Gooftaa waan hundaa ta’ee jiru? Lubbuun hundi isheedhuma irratti malee (badii) hin hojjattu. [An'am 6:164] https://t.me/Qoranno_Amantii_Kiristanaa
Gabaabumatti, namni daangeffamaa, qaama qabuu fi ijaan mul’atu dha. Waaqummaan immoo faallaa isaa, guutuu, qaama hin qabnee fi ijaan hin mul’anne dha: Hose’aa 11:9: “Ani Waaqadha malee nama miti.” διότι Θεὸς ἐγώ εἰμι καὶ οὐκ ἄνθρωπος· Rabbiin uumama hundaan ala jiraatee, uumamoota hunda marsaa fi isaan irratti aangoo qaba. Inni uumama keessatti daangeffamee waan hin jirreef nama miti. Namni garuu uumama qaama gabaabaa, qoma daangeffamaa fi bakka muraasa keessatti argamu dha. Yesuus immoo eenyummaa isaatiin nama Rabbi irraa dhaga’ee dubbachaa ture qofa: Yohaannis 8:40: “Amma garuu, ana nama dhugaa Rabbi irraa dhaga’e isinitti hime ajjeesuuf barbaaddu.” νῦν δὲ ζητεῖτέ με ἀποκτεῖναι, ἄνθρωπον ὃς τὴν ἀλήθειαν ὑμῖν λελάληκα, ἣν ἤκουσα παρὰ τοῦ Θεοῦ· Keeyyata kana keessatti jechoonni “Theos — Θεὸς”, jechuun “Waaqa” fi “Anthropos — ἄνθρωπος”, jechuun “nama”, caasaa afaaniitiin eenyummaa lama adda addaa ta’anii kaa’amaniiru. “Waaqni” dubbii dhageessisu, jechuunis Subject, yoo ta’u; “namni” immoo isa dhaga’u, jechuunis Object, dha. Waaqa fi nama gidduu gochi “dhaga’e” jedhu waan jiruuf, Waaqni isa dhageessisu fi namni isa dhaga’u eenyummaa lama adda addaa ta’uu isaanii ifatti mul’isa. Yesuus, nama guutuu ta’ee, Waaqa guutuu irraa dhaga’ee yoo dubbate; inni dhaqna qabatee fi mucaa dhiiraa ta’e, namni guutuun, caasaa afaaniitiin Waaqummaa irraa adda baafamee kaa’ameera. Namni Waaqa irraa dhaga’ee dubbatu immoo eenyummaa isaatiin nabiyyii fi ergamaa dha. Yesuus ilma Maryam, uumama isaatiin nama, eenyummaa isaatiin Masiih ta’ee osoo jiruu, warri “Inni Waaqa” jedhan dhugumatti kafaraniiru: Al-Maa’idah 5:17: “Dhugumatti warri, ‘Rabbiin isuma Masiih ilma Maryam’ jedhan kafaraniiru.” لَّقَدْ كَفَرَ الَّذِينَ قَالُوا إِنَّ اللَّهَ هُوَ الْمَسِيحُ ابْنُ مَرْيَمَ Wal-makaa namni uume kana sirreessuuf beekumsi tiyooloojii, falmiin loojikii yookaan mala xiinsammuu kamiyyuu yoo dhihaate illee, deebii nama quubsuu kennuun hin danda’amne. Furmaanni isaa, mucaa gadameessa dubartii keessatti ulfaa’e, dhalate, dhaqna qabate, qaama wal-hormaataa qabu fi dhiira ta’e gabbaruu dhiisuudha. Waamichi keenya, mucaa dhiiraa sana gabbaruu mannaa, Rabbii tokkicha mucaa sana gadameessa Maryam keessatti uume akka gabbartan isin waamuudha. Rabbiin keenya Allaah, Isa Waaqummaa Isaatiin qaama namaa hin qabne, hidaayaa isiniif haa kennu! Nuufis istiqamaa, jechuunis karaa sirrii irratti jabaachuu haa kennu! Wassalaamu aleeykum. Ustaaz @Wahidcom kan barreeffame https://t.me/Rafiiqul_Islaam/27
#Saala Yesuus Maqaa Rabbii Ar-Rahmaan, Ar-Rahiimiin. Al-Maa’idah 5:17: “Dhugumatti warri, ‘Rabbiin isuma Masiih ilma Maryam’ jedhan kafaraniiru.” لَّقَدْ كَفَرَ الَّذِينَ قَالُوا إِنَّ اللَّهَ هُوَ الْمَسِيحُ ابْنُ مَرْيَمَ As keessatti jechi “saala” jedhu, garaagarummaa qaama saalaa dhiiraa fi dubartii, jechuunis qaama wal-hormaataa — Sexual Organ jechuu dha. Jechi “ulfa” jedhu immoo, uumama gadameessa keessatti adeemsa adda addaa keessa darbe jechuu dha. Ulfi Qulqullittii Maryam gadameessa keessatti baattee fi mucaan isheen deesse, saala isaatiin dhiira ture: Luqaas 1:31: “Kunoo, ni ulfoofta; ilma dhiiraa ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee ni moggaasta.” καὶ ἰδοὺ συλλήμψῃ ἐν γαστρὶ καὶ τέξῃ υἱόν, καὶ καλέσεις τὸ ὄνομα αὐτοῦ Ἰησοῦν. Jechi “dhiira” jedhu ramaddii fi amaloota qaama foonii agarsiisa. Kunis ifatti inni uumama ta’uu isaa mul’isa. Maqaan mucaa dhiiraa sanaa afaan Ibrootaan Yahshuwaa — יְהוֹשֻׁעַ, afaan Giriikii Koineetiin immoo Iesous — Ἰησοῦς jedhama. Maqaan kun Yesuus Naazireet dhalachuu fi uumamuu isaa dura illee namoota uumamaniif kan ittiin waamaman ture: Luqaas 2:21: “Guyyaan saddeet yeroo guute, akka dhaqna qabatan, maqaan isaa Yesuus jedhamee waamame; maqaa kana immoo osoo inni gadameessa keessatti hin ulfaa’in dura ergamaan moggaaseef.” Καὶ ὅτε ἐπλήσθησαν ἡμέραι ὀκτὼ τοῦ περιτεμεῖν αὐτόν, καὶ ἐκλήθη τὸ ὄνομα αὐτοῦ Ἰησοῦς, τὸ κληθὲν ὑπὸ τοῦ ἀγγέλου πρὸ τοῦ συλλημφθῆναι αὐτὸν ἐν τῇ κοιλίᾳ. Jechi “akka dhaqna qabatan” jedhu jala sararamuu qaba. Wanti dhaqna qabamu qaama wal-hormaataa isaa ti; wanti muramee gatamu immoo gogaa qaama saalaa irratti argamu dha. Rabbiin jalqaba yookaan madda hin qabu. Mucaan dhiiraa kun garuu guyyaa saddeetffaa irra ga’e; kanaaf jalqabaa fi madda qaba. Mana Kiristaanaa Ortodoksii Bahaatti Amajjii 1, biyya keenya keessatti immoo Amajjii 6, waggaa waggaadhaan ayyaanni “Dhaqna Qabannaa Yesuus — The Circumcision of Christ” jedhamee yaadatama. Kunis guyyaa mucaan dhiiraa sun dhaqna qabate yaadachuuf dha. Jechi “gizirat” jedhu jecha Gi’izii yoo ta’u, hiikni isaa “dhaqna qabachuu — Circumcision” jechuu dha: Haymanota Abboota, Boqonnaa 70, Lakkoofsa 24: “Inni nama akkuma ta’e, waan fooniif malutti dhaqna qabate.” Dirsana Masqalaa, Boqonnaa 3, Lakkoofsa 26: “Seera Kakuu Moofaa raawwachuuf guyyaa saddeetffaatti akka daa’immaniitti dhaqna qabate.” Yesuus mucaa dhiiraa guyyaa saddeetffaatti dhaqna qabate dha. Erga dhaqna qabatee fi mucaa dhiiraa ta’ee, saala qaba jechuu dha. Waaqni garuu Hafuura. Hafuurri immoo foonii fi lafee waan hin qabneef, saala hin qabu: Yohaannis 4:24: “Waaqni Hafuura.” Πνεῦμα ὁ Θεός Luqaas 24:39: “Hafuurri foonii fi lafee hin qabu.” ὅτι πνεῦμα σάρκα καὶ ὀστέα οὐκ Jechi “hafuura” jedhu, wanta ijaan hin mul’anne, qaama hin qabnee fi laafaa ta’e jechuu dha. Inni faallaa wanta qaama qabuu fi ijaan mul’atuuti. Akka barsiisa Tawaahidootti, Waaqummaan qabeenya fi amaloota namummaa kan ofii isaa godhate yoo ta’e, Waaqummaan qaama wal-hormaataa namummaa illee qabeenya ofii godhateeraa? “Lakki” yoo jettan, barsiifni Tawaahidoo sun bu’uura dhaba. “Eeyyee” yoo jettan immoo, “Waaqummaan qaama wal-hormaataa qaba” jechuu ta’a. Kun rakkoo “Foon Uffachuu — Incarnation Dilemma” jedhamu dha. “Eeyyee” yoo jedhame, rakkoon itti aanu: Waaqummaa eenyuutu qaama wal-hormaataa qaba? Waaqummaa Ilmaa moo Waaqummaa Sadanichaa? “Waaqummaa Ilmaa” yoo jedhame, Waaqummaa Abbaa fi Hafuura Qulqulluu kan qaama wal-hormaataa hin qabne adda qabnaa? “Waaqummaa Sadanichaa” yoo jedhame immoo, Abbaanii fi Hafuurri Qulqulluun qaama wal-hormaataa qabu jechuu dhaa? Waaqa fi nama akka lilmoo fi qaphxii, akka caffee fi dhoqqee, akka meeshaalee adda addaa tokko gochuuf, yeroo fi bakka adda addaatti walga’ii geggeessuun maal fayyada? “Waaqummaan qoodama hin qabu; tokko salphaa dha — Divine is Simple” jedhamee, nama uumame waliin walitti makame — Composition — yoo jedhame, “Waaqummaan walitti qabama qaamota adda addaa ti — Divine is Complex” jechuu hin ta’uu? https://t.me/Rafiiqul_Islaam/26
#Saala Yesuus https://t.me/Rafiiqul_Islaam/25
𝐈𝐲𝐲𝐚𝐬𝐮𝐮𝐬𝐢𝐢𝐧 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐉𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐈𝐧𝐧𝐢𝐧𝐮𝐮 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨𝐨𝐧 𝐐𝐚𝐛𝐚 𝐉𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚. (𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚) 𝐐𝐮𝐫'𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐌𝐚𝐜𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐃𝐮𝐛𝐛𝐚𝐭𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐉𝐢𝐫𝐮 𝐖𝐨𝐥𝐮𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐇𝐚𝐚 𝐢𝐥𝐚𝐚𝐥𝐥𝐮𝐮 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀 𝐐𝐔𝐑'𝐀𝐀𝐍𝐀𝐀 𝐓𝐚𝐟𝐬𝐢𝐢𝐫𝐚 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 Al-Imraan 3:51 إِنَّ اللَّهَ رَبِّي وَرَبُّكُمْ فَاعْبُدُوهُ ۗ هَٰذَا صِرَاطٌ مُّسْتَقِيمٌ Dhugumatti Rabbiin Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan; kanaafuu Isa gabbaraaKun karaa qajeelaadha.” 𝐀𝐦𝐡𝐚𝐫𝐢𝐜 𝐓𝐚𝐟𝐬𝐢𝐫 Al-Imran 3:51 إِنَّ اللَّهَ رَبِّي وَرَبُّكُمْ فَاعْبُدُوهُ ۗ هَٰذَا صِرَاطٌ مُّسْتَقِيمٌ «አላህ ጌታዬና ጌታችሁ ነው፤ ስለዚህ ተገዙት፤ ይህ ቀጥተኛ መንገድ ነው» (አላቸው)፡፡ 𝐄𝐧𝐠𝐥𝐢𝐬𝐡 𝐓𝐚𝐟𝐬𝐞𝐫 Aal-e-Imran 3:51 إِنَّ ٱللَّهَ رَبِّى وَرَبُّكُمْ فَٱعْبُدُوهُۗ هَٰذَا صِرَٰطٌ مُّسْتَقِيمٌ Indeed, Allah is my Lord and your Lord, so worship Him. That is the straight path." 𝐑𝐀𝐆𝐀𝐀 𝐌𝐀𝐂𝐀𝐀𝐅𝐀𝐀 𝐀𝐦𝐡𝐚𝐫𝐢𝐜 𝐁𝐢𝐛𝐥𝐞 “ኢየሱስም መልሶ እንዲህ አለው፦ ከትእዛዛቱ ሁሉ ፊተኛይቱ፦ እስራኤል ሆይ፥ ስማ፤ ጌታ አምላካችን አንድ ጌታ ነው፥” — ማርቆስ 12፥29 𝐀𝐫𝐚𝐛𝐢𝐜 𝐁𝐢𝐛𝐥𝐞 مرقس 12 : 29 فَأَجَابَهُ يَسُوعُ: «أُولَى الْوَصَايَا جَمِيعاً هِيَ: اسْمَعْ يَاإِسْرَائِيلُ، الرَّبُّ إِلهُنَا رَبٌّ وَاحِدٌ 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐁𝐢𝐛𝐥𝐞 “Yesus deebisee, "Inni hundumaa irra caalu, 'Dhaga'i, yaa Israa'el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha.” — Mar. 12:29 1, 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐧𝐢 𝐥𝐚𝐦𝐚𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚𝐚? 2, 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐧𝐢 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐚? 3, 𝐄𝐫𝐠𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐪𝐚 𝐭𝐚𝐡𝐞𝐞 𝐞𝐞𝐧𝐲𝐮𝐮𝐧 𝐰𝐚𝐚𝐪𝐚 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐞? https://t.me/Rafiiqul_Islaam/24
“Barruu kana erga dubbistee booda Kiristos Kiristaanummaa akka hin beeknee fi Kiristaanonnis Kiristosiin akka hin beekne hubattu.” ~ Kiristoosi fi Kiristaanummaa jidduu garaa-garummaan guddaan akka jirus barruu tana irraa ni barattu... 🛑 1. Barsiisa Kiristaanummaa: RABBIIN (Waaqayyoon) tokko fi sadii dha. Barsiisa Yesus Kiristos: RABBIIN (Waaqayyoon) tokkicha qofa (Maarqos 12:29) 🛑 2. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos Waaqayyoo dha. Barsiisa Yesus Kiristos: Ani Waaqayyo miti. (Yohaannis 12:44) 🛑 3. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos Waaqa hin qabu. Barsiisa Yesus Kiristos: Lakki. Ani Waaqayyoon qaba. (Yohaannis 20:17) 🛑 4. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos uumaa malee uumamaa miti. Barsiisa Yesus Kiristos: Lakki. Ani uumamaa dha. (Yohaannis 5:26) 🛑 5. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos raajii miti. Barsiisa Yesus Kiristos: Ani raajiidha. (Maarqos 6:4), (Maatewos 13:57) 🛑 6. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos kan erge malee kan ergame miti Barsiisa Yesus Kiristos: Ani ergamaa ergamee dha. (Yohaannis 12:49), (Yohaannis 7:16) 🛑 7. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos samii seenuu danda’a. Barsiisa Yesus Kiristos: Ani samii seenuu hin danda'u. (Maatewos 20:23) 🛑 8. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos guyyaa du'aa ka'uu sana Waaqayyoo dha. Barsiisa Yesus Kiristos: Lakki. Akkuma lafarratti aangoo waaqaummaa hin qabne, yeroo sanallee abbaa caalaa xiqqaa dha. (Yohaannis 8:28) 🛑 9. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos addunyaa hundaaf dhufe. Barsiisa Yesus Kiristos: Ani Israa'eloota qofaaf ergame. (Maatewos 15:24) 🛑 10. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos wanta hundumaa gochuu ni dandaʼa. Barsiisa Yesus Kiristos: Humna kootiin homaa gochuu hin danda'u. (Yohaannis 5:30) 🛑 11. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos waaʼee guyyaa duʼaa kaʼuu ni beeka. Barsiisa Yesus Kiristos: Guyyaa dhumaa (qiyaamaa) hin beeku. (Maarqos 13:32) 🛑 12. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos Yihudootaan fannifame. Barsiisa Yesus Kiristos: Lakki. Isaan ana barbaaduuf jiru, garuu iddoo ani jiru dhufuu hin danda'an. (Yohaannis 8:21-22) 🛑 13. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos humna ofii isaatiin dinqii hojjetaa ture. Barsiisa Yesus Kiristos: Lakki. Fedhii kootiin osoo hin taane, fedha waaqa kootiin dinqii hojjedhe. (Luqaas 17:20), (Maatewos 12:28) 🛑 14. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristositti amanuu qofatu mootummaa waaqayootti (jannatatti) nama galcha. Barsiisa Yesus Kiristos: Lakki. Waaqayyoo ana erge sanatti yoo amante qofa mootummaa waaqayyoo (jannata) galta. (Yohaannis 17:3) 🛑 15. Barsiisa Kiristaanummaa: Seerrii fi barsiisni Tawraatii Yesusiin shaaramee ykn haqamee jira. Barsiisa Yesus Kiristos: Seera haquuf ykn shaaruuf hin dhufne. (Maatewos 5:17) 🛑 16. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristos Nabi Muhammadiin hin beeku ture. Barsiisa Yesus Kiristos: Raajiin ana booda dhufu jira, innis waan hunda isinitti hima. (Yohaannis 16:12-14) 🛑 17. Barsiisa Kiristaanummaa: Waa'ee Ka'aba (kallatti muslimtoonni itti gara-galanii sagadaa jiran) kana Yesus Kiristos homaa hin dubbanne. Barsiisa Yesus Kiristos: Ana booda kallattiin itti gara-galtanii sagaddan ni jijjiirama.(Yohaannis 4:19-21) 🛑 18. Barsiisa Kiristaanummaa: Yesus Kiristosiin waaqeffachuu qabna. Barsiisa Yesus Kiristos: Ana osoo hin taane, waaqa kiyyaa fi keessan kan ta'e, waaqayyoo tokkicha waaqeffadhaa. (Maatewos 4:10) 🛑 19. Barsiisa Kiristaanummaa: Waaqayyoo fi Yesus Kiristos tokko. Barsiisa Yesus Kiristos: Abbaan na caala. (Yohaannis 14:28), (Yohaannis 13:16) 🛑 20. Barsiisa Kiristaanummaa: Waaqa keenya lafarratti argineerra. Barsiisa Yesus Kiristos: Abbaa keenya Waaqayyo namni lafarratti ijaan argee hin jiru. (Yohaannis 5:37), (Yohaannis 6:46) Barruu tana walii qoodaa Kiristaanota hunda biraan gahaa. Jzk ❤ 𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗻: © 𝗜𝗳𝗮𝗮 𝗗𝗵𝘂𝗴𝗮𝗮 https://t.me/Rafiiqul_Islaam/22
🌿 بِسْمِ اللّٰهِ الرَّحْمٰنِ الرَّحِيمِ 🌿 SADARKAA SALAWAATA NABIYYII ﷺ IRRATTI BUUSUUN QABU Rabbiin olta'aan akkana jedha: Al-Ahzab 33:56 إِنَّ ٱللَّهَ وَمَلَٰٓئِكَتَهُۥ يُصَلُّونَ عَلَى ٱلنَّبِيِّۚ يَآأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ صَلُّواْ عَلَيۡهِ وَسَلِّمُواْ تَسۡلِيمًا Rabbiifi maleykonni Isaas nabiyyii irratti rahmata buusu. Yaa warra amantan! (isinis) rahmata isa irratti buusaa; nageenyas buusinsa buusaa. Nabiyyiin ﷺ ni jedhan: ««مَنْ صَلَّى عَلَيَّ صَلَاةً وَاحِدَةً صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ بِهَا عَشْرًا»» "Namni yeroo tokko na ìratti salawaata buuse, Rabbiin isa irratti yeroo kudhan rahmata buusa." Kanaaf: - Nabiyyii ﷺ irratti salawaata baay'isuu. - Guyyaa Jumu'aa caalaatti irratti jabaachuu. - Yeroo maqaan isaanii dhaga'amu hundatti salawaata buusuu. اللَّهُمَّ صَلِّ وَسَلِّمْ عَلَى نَبِيِّنَا مُحَمَّدٍ ﷺ Yaa Rabbii! Nabi keenya Muhammad ﷺ irratti rahmataa fi nageenya buusi. ✍️ Rafiiqul Islaam https://t.me/Rafiiqul_Islaam/21
𝐆𝐀𝐀𝐅𝐅𝐈𝐈 𝐇𝐈𝐑𝐌𝐀𝐀𝐂𝐇𝐈𝐒𝐀𝐀! 💡 Ergamaan Rabbii (S.A.W) labsa "Bara kana booda mushrikni Hajjii hin godhu, Ka'abaas qullaan hin Xawwafu" jedhu uummatatti akka labsuuf (himuuf) eenyuun gara Makkaatti ergan?
🔤🔤🔤🔤🔤🔤🔤🔤🔤1️⃣0️⃣ jajjaboo kanneen Yesuus Kiristoos Gooftaa miti, nama taʼuu isaa irratti xiyyeeffatan kana kiristaanonni deebii isaa nuuf deebisaa. 1️⃣. Yoo Yesuus Waaqa taʼe, maaliif “Abbaan kiyya ana irra guddaadha” (Yohaannis 14:28) jedhe? 2️⃣. Yoo inni Gooftaa taʼe, maaliif Waaqa kadhachaa ture? (Maatewos 26:39) 3️⃣. Yoo inni Waaqa taʼe, maaliif “Ani of kootiin homaa hin hojjedhu” jedhe? (Yohaannis 5:30) 4️⃣. Yoo inni Waaqa taʼe, maaliif beelaʼe, dheebote, rafee, dadhabe? (Maatewos 4:2, Yohaannis 4:6) 5️⃣. Yoo inni Waaqa taʼe, maaliif “Guyyaa san namni beeku hin jiru, ilma illee hin beeku” jedhe? (Maarkos 13:32) 6️⃣. Yoo inni Waaqa taʼe, maaliif “Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, maaliif na dhiifte?” jedhee kadhate? (Maatewos 27:46) 7️⃣. Yoo inni Waaqa taʼe, maaliif “Nama” ofiin of waame? (Maatewos 20:28) 8️⃣. Yoo inni Waaqa taʼe, maaliif Waaqaaf ajajamee hojjete, osoo hin taʼin ofiin ajaje? (Yohaannis 12:49) 9️⃣. Yoo inni Waaqa taʼe, maaliif ergamaa (Nabii) jedhamuu hin mormine? (Luqaas 7:16) 1️⃣0️⃣. Yoo inni Waaqa taʼe, maaliif duʼuu sodaatuu fi duʼa irraa kadhachuu mulʼise? (Ibroota 5:7) 🔠🔠🔠🔠 🔠🔠 👇👇 🌐 @Rafiiqul_Islaam 🌐