tgindex
Shanan Gibe Post

Shanan Gibe Post

Статистика

Odeeffannoo qabatamaa Siyaasa Diinagdee Ispoortii isin biraan geenya. Chanaala keenya hordofaa🥰🙏🙏

Последний пост
17 февр.
Последнее чтение
14 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
14 авг.
Подписчики
1 172
0 за сутки
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
457
20 постов
Вовлечённость
39,0%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • Ramadan Mubarak Baga geessan . Guyyaan soomana Ramadana boru tahuun beekamee jira.

  • #kutaa_12ffaa Qabxiin darbiinsaa 300 ture 297 ta’e. Barattoota qabxii qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan qabxiin isaanii gara dhibbeentaa 50tti siqsamuun akka darban akka taasifamu murtaa’e. Ministeerri ministeera barnootaa Pirofeeser Birhaanuu naggaan barattoonni qormaata kutaa 12ffaa bara 2017 dhibbeentaa 49.50 - 49.99 fidan qabxiin isaanii gara dhibbeentaa 50tti siqsamuun akka darbaniif murtaa’uu isaa beeksisuun xalayaa Yuunivarsitiileef erganiiru. Bifuma kanaanis qabxiin darbiinsaa 600 irraa 300 ture gara 297tti gadi kan siqe yommuu ta’u barattoonni 297 fidan gara dhaabbilee barnoota olaanootti ramadamuun barumsa isaanii ka itti fufan ni ta’a.

  • Qabxiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa guyyaa boruu ifooma. Kanaan wolqabatee guyyaa boruu sa'aatii 10 irratti ministeerri barnootaa midiyaaf ibsa ni kenna.

  • barattoni university channel kana join godhaa isin fayyadaa https://t.me/Munewerabdella

  • ODUU: Biyyummaa Filisxeemiif adeemsi beekamtii kennuu ''amma eegaluu qaba'' - Jarman Ministirri Haajaa Alaa Jarman Johaan Wadefaal biyyummaa Filisxeemiif adeemsi beekamtii kennuu ''amma eegaluu qaba'' jedhan. Jarman beekamtiin Filisxeem argattu xumura waan hundaa ta'uu danda'aas jedhaniiru.

  • ODUU: Angawootni Keeniyaa Godaantota Itoophiyaa 16 To’annoo Jala Oolchan Angawootni Keeniyaa Sambata darbe lammilee Itoophiyaa seeraan ala godaanaa turan 16, Keeniyaa, kutaa bulchiinsa Kibba Kaajiyaadoo jedhamutti to’annoo jala oolchuun gabaafame.  Lammileen Itoophiyaa kunis wayita to’annoo jala oolfaman, konkolaataa geejjibaa keessa utuu dhokatanii jiranii ta’uutu himame. Miidiyaaleen Keeniyaa akka gabaasanitti, godaantonni kun seeraan ala utuu geejjibaan imalaa jiranii Keeniyaa Kutaa Bulchiinsa Kibba #Kaajiyaadoo, ganda Kimaanaa jedhamu keessatti eegdota Dhaabbata (Big Life Foundation) kan kunuunsa qabeenya uumamaa paarkii Amboseelii Saavootiin to’ataman. Angawootni Immigireeshinii Keeniyaas godaantota Sambata to’annoo jala oolfaman kana dhimma isaanii hordofaa jiru.

  • ODUU: Yuunivarsiitiin Riift Vaalii Kaampaasii Amboo barattoota kuma 4 fi 168 ol eebbise Adooleessa 20,2017 Yuunivarsiitiin Riift Vaalii Damee Amboo barattoota kuma 4 fi 168 Sadarkaa Digirii jalqabaa hanga gulataa 4ffaatti kaampaasii isaa Magaalaa Amboo keessatti Muumee adda addaatiin barsiisaa ture eebbisiiseera. Yuuniversitichi Hojii Baruuf barsuu hojjechaa jiruun Lammiilee hedduu Barnootaan ga'oomsuun eegeree Biyyaaf dhaloota Barnootaan ga'oome Oomishaa jiraachuu ibsameera. Kantiibaan Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuu dhaloota Biyyaaf Wabii ta'u bocuun ga'ee hunda keenyaati jechuun himanii itoophiyaa Badhaate dhaloota itti aanu dhaalchisuuf dhaloota Barnootaan ijaaruun murteessaa ta'uu himaniiru. Diiniin Yuuniversiitii Rifti Vaalii Kaampaasii Amboo obbo Geetahuun Gammachuu yuuniversitichi Marsaa 10ffaaf Barattoota Sadarkaa Digirii fi galantaan kuma 4 fi 168 eebbisee jiraachuu himaniiru. pirezandaantii itti Aanaa Barnoota Fagoo Yuniversiitii Riftivaalii Dr.Sanbatoo Bushaa gama isaaniin Yuuniversiitichi Lammii Barate Addunyaa Dhaalchisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himanii Cabinsa qulqullina Barnootaa furuuf hojjechaa jirraa jedhan

  • видео или голосовое, без подписи

  • ODUU: Xiyyaarri Raashiyaa imaltoota 49 fe’ee imalaa ture Raadaariin ala ta’e Xiyyaarri Raashiyaa imaltoota 49 fe’ee imalaa ture Kutaa Baha Raashiyaa bulchiinsa Amuuritti Raadaariin ala ta’uun dhagahame. Xiyyaarri achi buuteen isaa dhabame kun daa’immaan 5 dabalatee imaltoota 43 fi hojjettoota balallii 6 fe’ee imalaa turuu Bulchaan Amuur Vaaslii Oorloov himaniiru. Xiyyaarri Antoonoov AN – 24 jedhamu kun Bulchiinsa Amuuri ka’uun karaa Bilaagoovishicheesikiin gara Tiiyindaatti imalaa turuu BBCn gabaaseera. Yeroo ammaa lubbuu baraartoonni xiyyaaricha barbaadaa jiraachuu himame.

  • ODUU: Pir. Isaayyaas Itoophiyaan 'dubbii barbaadurra rakkoo keessooshee haa furtu' jedhan. Itoophiyaan 'dubbii barbaaduurra rakkoo keessoo ishee furuurratti haa xiyyeeffattu' jechuun Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afarwarqii dubbatan. Gaaffiifi deebii guyyaa Roobii miidiyaa biyyaalessaa Ertiraarratti darbeerratti kan dubbatan yoo ta'u Gaaffii fi deebiin isaanii kuni kan torban darbeerraa aaneefi dhimma biyya keessaarratti xiyyeeffata jedhameera. Turtii isaaniin waa'ee biyya ollaa Sudaan akkasumas michuu Itoophiyaa kan taate Yunaayitid Arab Emireet himachuun dubbatani. Bulchaan Ertiraa waggoota dheeraaf bulchaa jiran kun torban darbe nuti nagaa barbaanna, waraana ololaa kan nutti bane aangawoota Itoophiyaati jechuun himatanii turan.

  • ODUU ISPOORTII: Raashfoordi Baarseloonaatti makame Taphataan duraanii Maanchiister Yuunaayitiid Maarkas Raashfoordi ergisaan Kilaba Ispeen Baarseloonaatti makame. Turtii waggaa tokkoof Baarseloonaatti makamuu ibsame. Dargaggoon umrii waggaa 27 Maarkas Raashfoordi bara taphaa 2024/25 Baatii Amajjii eegalee ergisaan Astoon Viilaa keessa turuun ni yaadatama. Taphataan kun Baarseloonaatti makamuu hordofee Maanchiister Yuunaayitiid hawwii gaarii hawweefira. Jifataan sarara cinaa lammiin Ingiliiz kun turtii isaa Baarseloonaan lakkoofsa 14 uffachuun kan taphatu ta'uu mirkanaa'eera.

  • Marcus Rashford gara barcelona Here We Go . Rashford taphataa Manchister United kan ture amma gara kilaba barcelona imaluuf qorannoon medikaala torbee dhufu raawwatama. Maddi :Fabrizio Romano

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • #Oduu: Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramuu hin dandeenye ji’a Hagayyaa dhufu keessa ni qoramu - Ministeera Barnootaa Naannoo Amaaraatti barattoonni yeroo darbe qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramuu hindandeenye, sirreeffamtoonni mana sirreessaa keessa jiranii fi barattoonni turanii barmsa eegalan ji’a Hagayyaa dhufu keessa kan qoraman ta’uu, Ministeerri Barnootaa beeksise. Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa ibsa kennaniin, barattoonni kuma 4 fi 966, Hagayyaa 16 hanga 26, 2017 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoraman kunneen, waraqaa irratti kan qoraman ta’uu eeranii jiru.

  • ODUU ISPOORTII: Maan Yuunaayitid Biriyaan Muubeemoo mallatteessuuf waliigale. Maan Yuunaayitid taphataa sarara fuulduraa Lammii Kaameroon fi Bireentifoord mallatteessisuuf waliigaltee irra gahaniiru. Gareen Roobeen Amooriimin leenji'u The Red Devils turtii guyyoota 40 olii itti fudhatus taphataa yeroo dheeraaf barbaadaa turan Biriyaan Muubeemoo kan ofii gochuuf waliigalaniiru, Bireentifoord taphaticharraa Paawondii 65M fi booddee kan dabalamu Paawondii 5M kan argatu ni ta'a

  • Qabsoo uummataa laga ceesisuuf dhaloonni ammaa siyaasaa bittaa fi gurgurtaa keessaa bahuu qaba jedhu Piroofeesar Mararaa Guddinaa. Qabsoon siyaasaa Itoophiyaa waggoota shantamman darbanii dimookraasii dhugoomsuu hin dandeenye jedhu dura taa'aan KFO Prof. Mararaan. Itoophiyaan maraammartoo jeequmsaa keessa bahuu hin dandeenye kan jedhan Piroofeesar Mararaan, kun immoo mootummaan fedha uummataan dhaabbatu dhugoomsuu dadhabuu irraa kan madde akka ta'e himan. Waggoota 50 caalan darbaniif waldhaansoo siyaasaa keessa kan turan Piroofeesar Mararaan jijjiiramni dhugaa fi wabii qabu mootummaa fedha uummataa hundeessuu qofa jedhan. Akkuma yeroon deemu qabsoonis bal’achaa dhufuu kan ibsan hayyuun siyaasaa, hojimaanni badaanis babal’ateera, hanni babal’ataa dhufe, naamusa dhabuun sadarkaa olaanaan babal’ate jedhan. Ilaalchi bittaa gurgurtaan hamaan siyaasa keessatti dhufuu himu. Dhaloonni kun siyaasaa bittaafi gurgurtaa keessa darbuu akka qabu dhaaman hayyuun siyaasaa kun. Egeree biyyaaf waan saditu murteessaa dha kan jedhan hayyuun siyaasaa kun, Nagaa waaraa, siyaasaa qajeelchuu (uummanni mootummaa ofii akka filatu gochuu) fi guddina diinagdee dhugoomsuu dha jedhan turtii Mo’aa TV waliin tolchaniin. Maraammartoo bu’aa siyaasaa hin buufne keessaa ba’uufi qabsoo sabaa laga ceesisuuf mooraan siyaasaa wal dhaggeeffachuu akka qabu dhaaman dura taa'aan KFO Piroofeesar Mararaan. Kan qindeesse abdurahman Mohammed

  • видео или голосовое, без подписи

  • Shakkamtooti Piraankii hojjechuun ummata dogoggorsan to’ataman! Shakkamtoonni uffata dambii Abbaa Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfiinnee fakkaatu uffachuun ummata dogogorsaa turan to’atamuu Poolisiin Magaalichaa beeksise. Shakkamtoonni kunneen uffata Dambii fakkaatu uffachuun akka hojjetaan Abbaa taayitichaa hojmaata seeraan alaa raawwatee fakkeessuun beeksisa Suuqii hojjechuu isaanii Poolisii Magaalaa Finfinneetti Daayrektarri Hariiroo Ummataa Komaandar Maarqoos Taaddasaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru. Namoonni kunneen haala kanaan jiraattoota hedduu dogogorsiisuu eeraniiru. Yeroo ammaa to’annoo jala ooluun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu dubbataniiru.

  • Halkan Naannoo sa’a 4:00 tti kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 5.1 galmaa’eera. Bakka yaadaatti isin biraa mudateera taanaan haala naannoo keessan ture ibsaa!

Shanan Gibe Post — tgindex