Abu Saalih 🔊
Статистика- Последний пост
- 7 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 47
- 1/48двое суток
- 53
- 1/72трое суток
- 58
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
без подписи
Iyaafannoo Nama suuraa kana irratti argitan Kun She Abdulwahab H/Amaan jedhama. Namni Kun jireenya ofii ijijjiruuf karaa bahara su'udiitiin deemuudhaan sagaleen isaa dhabame. Kanaaf namni nama kana argitan Akka nu beysistan kabajaan isin gaafanna. Lakk. Bilbila 0931083152 0918922669
Sunnaalee fi Hojiiwwan Jaalatamoo Guyyaa Jimaataa 🛁 Qaama Dhiqachuu 👕 Uffata qulqulluu uffachuu fi urgooftuu dibachuu. 🕌 Yeroodhaan gara masjiidaatti deemuu. 🚶 Yoo danda'ame miilaan deemuu. 📖 Suura Al-Kahf dubbisuu. 🤲 Nabiyyii Muhammad ﷺ irratti salawaata baay'isuu. 📿 Du'aa fi zikrii baay'isuu. 👂 Khuxbaa callisanii xiyyeeffannoon hanga xumuraatti dhaggeeffachuu. 🕌 Tahiyyatul Masjid salaatuu (khuxbaan dura yoo seename). ⏰ Yeroo du'aa'iin itti qeebalamu barbaaduu fi san keessatti Rabbi kadhachuu. 📖 Qur'aana baay'inaan qara'uu. 💰 Sadaqaa kennuu fi hojii gaarii
Gurbaan xiqqaa viidiyoo kanartatti argitan kun akkana jechuudhaan gaafatamee : Osoo carraa ijaan Yaa nama rabbiin ni'imaa ijaaf afyaa siif keennee ho ni'imaa rabbiin sitti oolee kana yaadadhuu xiiqii ketis dhiisiti waanuma qabdu haaluma jirtu irratti Rabbiin galata galfadhu ❗️❗️ Alhamdulillaah... كفيفٌ وأبصرَ جسرَ النجــــــاة .. وكم من بصيرٍ أضاعَ الجسـورْ
без подписи
مُحمّدٌ حَبِيبِي ﷺ "صَلُّوا على الهادي البشيرِ وأبْشِرُوا قد فازَ منْ صلّى عليهِ و أكثرَ"
Yaada Dheereessu kutaa 2ffaa https://youtu.be/WSo28oXbeZ8?si=QI-o1oI3iBYdFkc1
🛑 Eergaa of eeggannoo 🛑 • Yeroo amma kana namoonni hedduun telegram isaanii hack jalaa ta'e waan hin taane fi link gara garaa namoota isin beektanii fi group irratti ofumaa isaa eerguun too toohannoo malee tahaa jira. • Kanaaf link kamiyyu kan isinii eergamu tuquu hin qabdanii akkasuma wantoota inni isin gaafatu akka password seensa gonkumaa itti guutuu hin qabdan ‼️ * Warroota telegramni keessan hack isin jalaa ta'e ammoo step asii gadii fayyadamuun of irra balleessuu dandeessu : 1, Jalqaba setting telegram irra seentani 2, Ergasii privacy and security kan jedhu filattu 3, Ergasii Devices kan jedhu tuqtuu 4, Ergasii Terminate all other sessions kan jedhu tuquun balleessuu dandeessu. 🔄 Yoo modela bilbila keessani malee kan biraa jiraatee step kanaan isinii baduu dide ammo sa'atii muraasa booda turuudhaan yaalaa. https://t.me/Alfurqaan_books
Yaada Dheereessu kutaa 1ffaa https://youtu.be/ift0N2BvGWU?si=pGXlkwVlq_f46LMG
Namni Jannata argachuuf barbaadu haa oobsu
وكانَ رسولُ اللهِ ﷺ مُنيرَ الوَجْهِ مُشْرِقَ المُحَيَّا..
Baga Iida Al-Adhaa bara 1447ffaa nagaan itti isin gahee! Hawaasa muslimaa hundaaf iidni kun kan gammachuu, wal-jaalalaa fi wal-gargaarsaa isiniif haa ta'u. Rabbiin ibaadaa keenya nuuf haa qeebalu. Baga nagaan itti isin gahee!" @Alfurqaan_books
اليوم 9 ذو الحجة لعام 1447 هـ
Sunnaa takbiiraa kana jabeessaa أحيوا سنه التكبير . الله أكبر ، الله أكبر ، الله أكبر ، لا إله إلا الله الله أكبر ، الله أكبر ، ولله الحمد. Allahu akbar , Allahu akbar ,Allahu akbar , laa ilaaha illa llaah ,Allahu akbar , Allahu akbar , walillahil hamd @Azkaar_Media
без подписи
اليوم 27 ذو القعدة لعام 1447 هـ
اليوم 10 ذو القعدة لعام 1447 هـ
اليوم 5 شوال لعام 1447 هـ
اليوم 4 شوال لعام 1447 هـ
Zakaatul Fixr Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin. Zakaatul Fixr زكاة الفطر Jechuun Zakaa(Sadaqaa) Sababa Furiinsa Ji'a Ramadaanaatiif, Dogongoroota Nama Soome Irraa Argaman Akka Qulqulleessituuf, Hiyyeessa Gammachiisuuf Jedhamee Kennamuudha. Zakaatul Fixr Sadaqatul Fixr Jedhamtees Ni Waamamti. Zakaan Fixrii Galgala Xumura Ramadaanaa Irraa Kaasee Hanga Salaata Iidaatti Dirqamummaan Namarra Jirti. Akka Ifa Ta'uuf Mee Tokko Tokkoon Haa Ilaalluu. 1. Daa'imni Tokko Osoo Galgala Xumura Ramadaanaa Erga Aduun Dhiitee Dhalatee Zakaan Fixrii Dirqama Irratti Hin Taatu. Osoo Immoo Hin Galgalaa'in Guyyaa Osoo Dhalatee Dirqamaan Irraa Baasuu Qaban. 2. Namni Tokko Osoo Ramadaana Guyyaa Aduun Osoo Hin Dhihin Du'ee Dirqamni Irra Hin Jiru. 3. Zakaan Fixrii Dirqama. Nabiyyiin Keenya ﷺ Dhiira, dubartii, xiqqaa, guddaa, gabraa fi bilisa irratti Dirqama ta'uu Isii ibsanii jiran. 4. Ulfa Garaa jiru irraa baasuun dirqamaa miti. Garuu Yoo Zakaa Fixrii Irraa Baasan Ni Jaallatama. 5. Zakaa Fixrii Yeroon Inni Bahu Dirqamaan Galgala Iidaa Irraa Hanga Salaata Iidaati. Guyyaa Tokkoo fi Lamas Dursanii Baasuun Ni Ta'a. Garuu Caalaan Ganama Iidaa San Baasuudha. 6. Zakaan Fixrii Nyaata Naannotti Argamu Irraa Baha. Kanniin Akka Garbuu, Qamadii , Boqqolloo, Xaafii, Timiraa fi Kkfdha. Ulamaa'iin Akka Ibsanitti Namni Tokko Nyaata Nannoo Kiiloo Sadi'ii (3kg) Baasuu Qaba jedhan. 7. Zakaan Fixrii Salaata Dura Baafamuu Qabdi. Salaata Booda Yoo Baasan Sadaqaa Taati Malee Zakaa Fixrii Jedhamtee Hin Ilaalamtu. Zakaan Fixrii Kan Kennuuf Qulqullina, Kan Kennamuuf Immoo Gammachuudha. Ibsa Dabalataa Bal'inaan ni Ilaalla. Gaafii Keessan Comment irratti ergaa. ✍ Abdurahman Mujahid Fillah https://t.me/AbduIslamApologist