Shamil N Mohammed Officials
СтатистикаChaanaaliin kun Sammuukeef si fayyada Itti dhihaadhaa qabaa Bashannanaafi barnoota Hunda isaatu qabaa. Facebook: https://www.facebook.com/shamilnmohammed?mibextid=ZbWKwL Yaadaaf: @Gurrachicha
- Последний пост
- 29 июл.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 35
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 132
- 1/48двое суток
- 151
- 1/72трое суток
- 163
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
https://t.me/khubeintelligencetechnolgies
Dhiibbaa Jimaafi Diinagdee Islaamaa! Barreessaa: Shamil Nasir Mohammed @sammuukeef
True happiness is not derived from external achievements like wealth or status, but rather through the cultivation of meaningful connections and purposeful labor. According to the research, long-term well-being is anchored in stable relationships, particularly those built on deep friendship and mutual support rather than fleeting passion. Beyond social ties, professional satisfaction stems from intrinsic motivations, such as a sense of earned success and a commitment to serving others. Individuals often sabotage their own joy by objectifying themselves as mere tools for productivity, neglecting the spiritual and moral alignment necessary for true excellence. To achieve a flourishing life, one must transition from a mindset of accumulation to one of intentional refinement, stripping away superficial desires to reveal a more authentic self. Ultimately, enduring joy is a systematic practice rooted in faith, family, and work that reflects one's deepest values.
Research consistently shows that life satisfaction is not driven by worldly rewards like money or prestige, but is instead rooted in the quality of one's relationships and the underlying values of one's work. Arthur Brooks identifies three "maxims" for happiness, noting that while Mother Nature drives humans to chase pleasure and honor, enduring satisfaction requires mindful habits that prioritize faith, family, friendship, and meaningful work. ### The Impact of Relationships on Life Satisfaction Brooks highlights that investing in family and friends is the most effective and feasible way to improve happiness. Research from the Harvard Study of Adult Development indicates that stable relationships, particularly long-term romantic partnerships, are the single most important predictor of happiness and health in old age. * Companionate Love over Passion: While falling in love is exhilarating, staying in love through "companionate love"—based on stable affection, mutual understanding, and commitment—is what builds long-term well-being. Brooks notes that marriage is most beneficial when spouses regard each other as best friends. * Friendships Outside and Inside Work: Having at least two close friends, including one outside of a marriage, correlates with higher self-esteem and lower depression. In the workplace, social ties are crucial; 70 percent of employees believe work friendship is the most important element of a happy career. * Classical Perspective: This modern research echoes Aristotle’s view that a friend is a "second self" and that human nature is fundamentally social, meaning that a happy life is impossible in isolation. ### The Role of Work Values in Life Satisfaction Life satisfaction at work is determined less by the specific job title and more by "who" you work with and "why" you work. * Intrinsic vs. Extrinsic Goals: Pursuing work for extrinsic rewards like money or fame actually lowers satisfaction and can extinguish the intrinsic joy found in an activity. Instead, Brooks advises focusing on "intrinsic goals," specifically earned success (the sense of professional efficacy and accomplishment) and service to others (the belief that your work makes the world better). * The Danger of Self-Objectification: A major barrier to satisfaction is "self-objectification," where individuals reduce their humanity to a single characteristic, such as job performance or professional standing. This turns a person into a "work machine," sacrificing love and fun for a joyless search for success. * Integration with Virtue: Aristotle argued that the Chief Good is "a working of the soul in the way of excellence," suggesting that happiness comes from acting well and nobly in one's pursuits. Similarly, Brooks notes that when work aligns with one's moral or spiritual values, it can be a "divine profession" that provides deep spiritual pleasure. ### A Strategy for Flourishing Ultimately, Brooks argues that happiness is a combination of enjoyment, satisfaction, and purpose. Achieving this requires a shift from a "canvas" mindset (adding more money and possessions) to a "sculpture" mindset (chipping away inauthentic parts of yourself to reveal your true self). He suggests that by treating relationship building and purposeful work as systematic habits rather than occasional "hacks," individuals can manage their own joy effectively. Shamil Nasir Mohammed
Namni #Aksiyoona baankii tokko bitatee qabu tokko du’e Qabeenyichii kan Eenyuu taha? Karaa kamiin? Namoonni Hedduun Yeroo Aksiyoona Dhaabata tokko bitachuuf ka'aan Wantoota akkana kana yaadani sodaatuu mee waliin haa ilaalluu. Aksiyoonni sun akka qabeenya dhuunfaa isaa keessaa tokkootti ilaalamu. Kanaaf, seera #dhaalaatiin qoodamu. Akka waliigalaatti, aksiyoonni sun hin badu, hin dhaabbatus; garuu gara warra dhaalaa seeraan mirga qabanitti darbu. Seera dhaalaa biyyoota hedduu keessatti, akkasumas haala waliigalaa Itoophiyaa keessatti, qabeenyi nama du’e jalqaba warra dhaalaa isaatiin fudhatama. Warri dhaalaa kunis dursee maatii dhiigaan walitti dhihaatan, jechuunis abbaa manaa ykn haadha manaa, ijoollee, fi yeroo tokko tokko maatii akka abbaa, haadha, obboleessa fi obboleettii ta’u. Yoo ijoolleen jiran, isaan dursa guddaa qabu; yoo hin jirre ta’e, abbaa manaa ykn haadha manaa fi maatiin biroo tartiiba seeraan murtaa’een fudhatu. Akkaataa itti aksiyoonni sun darbu, adeemsa seeraa dhaalaatiin qindaa’a. Jalqaba ragaan du’aa (#death_certificate) dhiyaata. Itti aansuun, #mana_murtii ykn qaama mootummaa ilaallatu keessatti ragaan eenyummaa warra dhaalaa mirkanaa’a. Sana booda, galmeen aksiyoonaa #baankii sana keessatti maqaa nama du’e irraa gara maqaa warra dhaalaa jijjiirama. Kun “transfer of ownership” jedhamee beekama. Yoo nama du’e sun waraqaa dhaalaa (will) barreessee jiraate, qabeenyi isaa akkamitti akka qoodamu keessatti ibsa kennee ta’a. Haaluma kanaan, aksiyoonnis akkuma fedhii isaa keessatti ibsameetti qoodamu. Garuu yoo waraqaan dhaalaa hin jirre ta’e, seerri biyyattii ofumaan tartiiba qoodinsa murteessa. Dursi kennamu irratti, ijoollee fi haadha manaa ykn abbaa manaa dursa qabu. Yoo isaan hin jirre ta’e, maatiin sadarkaa itti aanu, akka abbaa fi haadhaa, itti aansuun obboloota fi firoota biroo seeraan ibsamanitti darbu. Namni kamiyyuu qabeenya kana fudhatu seeraan mirkanaa’ee galmaa’uu qaba. Kanaaf, aksiyoonni baankii nama du’e tokkoo qabeenya dhaalaati; warra dhaalaa isaatti darbu; adeemsi isaa immoo karaa seeraa fi galmee baankii keessatti sirnaan raawwatama. Yoo hanga Asitti dubbiftee jiraatte galatoomi. Shamil Nasir
"#Aksiyoona baankii ( #Bank_Share) bituun hammam faayidaa qaba? Aksiyoona baankii bituun jechuun qaama baankii sanaa taʼuu jechuudha; maallaqa keessa kaaʼuu qofa miti. Faayidaawwan Qoodinsa buʼaa (Dividend) Baankonni hedduun waggaa waggaatti buʼaa isaanii qooddatu. Kunis yeroo dheeraatti madda galii passiivii taʼuu dandaʼa. Guddina gatii aksiyoonaa. Yoo baankiin guddate, gatiin aksiyoona keetii ni dabala. Ittisa qaalaʼina jireenyaa (Inflation hedge) Yeroo dheeraatti, aksiyoonni caalaatti qaalaʼina jireenyaa caaluudhaan guddatu. Salphata gurgurtaa (Liquidity) Aksiyoona gurguruun lafa ykn mana gurguruu caalaa salphaadha (haala gabaa irratti hundaaʼa).🥰 Yeroo barbaadeeti gurgurtee itti bashannantaa☺️ Nageenya maatii yeroo dheeraa qaba. Yoo waggoota dheeraa qabamanii tursiifaman: Qoodinsi buʼaa barnoota ijoollee, yaala fayyaa, ykn boqonnaa hojii booda siritti siritti si gargaaruu dandaʼa Aksiyoonni ijoolleetti dabarfamuu dandaʼa Walitti qabamuun buʼaa (compounding) obsaan namatti hojjetaa deema. Kanaaf, aksiyoonni baankii namoota karoora yeroo dheeraa qabaniif caalaatti Faayidaa qaba; namoota yeroo gabaabaa qofa yaadaniif immoo Fayyaduu dhabuu dandahaa. #Aksiyoonni baankii invastimantii daldalaa biraa irraa maaltuu adda godha. Aksiyoona baankii keessatti , maallaqni kee osoo ati rafaa jirtu hojjeta. Aksiyoona #baankii fi qabeenya dhaabatta (lafa, mana, konkolaataa) Qabeenya dhaabattaan Qaamaan mulʼata Nageenya sammuu siif kenna Kiraa irraa galii argamsiisuu dandaʼa Jireenya guyyaa guyyaa keessatti si fayyada Garuu Baasii suphaa sii gaafata Gibiraa, suphaa, fi hirʼina gatii (addatti konkolaataa ) qaba Saldhanni gurgurtaa gadi aanaa (gurguruun yeroo fudhata) Rakkoo falmii ykn jijjiirama imaammataa Konkolaataan yeroo baayʼee qabeenya itti fayyadaman (consumption asset) dha; invastimantii miti (gatiin isaa gadi buʼa). Aksiyoona baankii – humnaa fi daangaa isaa Baasii suphaa hin qabu Sadarkaa sadarkaan guddisuu dandaʼama (xinnaan jalqabdee guddaa taʼa) Bulchiinsa ogeessotaa qaba. Qabeenya yeroo dheeraa ijaara. Aksiyyoonni baankii nageenya maatii yeroo dheeraa callisanii ijaarudha. Qabeenyi qaamaa fayyadamummaa guyyaa guyyaa fi tasgabbii sammuu kenna. Walumaa galattii Yoo haallii siif mijjatee callaan si harka jiraatee Jireenyaa Eegaree keetiiti fi Maatii keetii siritti utubuuf Share baankii bitadhu." Obsa Girma
Andu'aalam Sirbasaa "Hiriyaa Lubbuu " jedhu keessatti waayee Hiriyaa Lubbuu isaa gaafa haasaa'u, " Gaggaafachuun koo oolmaakee Waan siif game fakkaata Ni deemtaa keen sodaadha Of gowwomsuuf yaalus waankee Shakkiit fiigee natti kaata Si shakkuuttan maraadha Hin dandeenye an bareedduu, Sirrachuuf of dhamaasaa Shakkiinkee natti abaasa " jedheet eegala. Oolmaa ishee gaggafachuun isaa, akka ishee nuffisiise, akka isheef game , sababa irra deddeebi'ee gaafateefis tarii aartee, maaf na cinqa jettee na gattee deemtis jedhee sodaa isaa dubbata. Lakki ani isheen shakku jedhees ofitti yoo hime ishee shakkuu dhiisuu akkan dandeenye, shakkiinis fiigee akka isatti kaatu, miira gaddaa keessa taa'ee hima. Sirrachuufis yaalee, yaalee ittuu caalatti akka shakku, shakkiin dhiisuu akkan dandeenye abdii kutee dubbata. Rakkoon isaa shakkii qofas miti; inaaffas qaba. " Namni hunduumtuu yoo si laaluu Lapheekoot na dhaabbata Qalbiin koo si sassata " jedhee yeroo namni ishee ilaalu akka inaafu, akka onneen isaa qax jettee dhaabbattu, ofii isaafiyyuu yeroo ilaalun akka waan jalaa dhumtuutti sasaataa ilaalu san namni yeroo ilaalu argee gubata. Achii as deebi'ee gochoonni isaa hundi, shakkiinsaa, inaaffaan isaa hundi jaalala malee jibbaa fi hammina akkan taane, " Hiriyaa Lubbuu, Iftuu dukkanaa Miyaa cubbuu, nan godhin ana, gaaddiduu hamaa Mee jaalalaaf, kamtu caalaa, Dagatamuu moo, shakkamuu wayya, isat jaalalaa. Shakkamuu wayya, isat jaalala " jedhee itti hima. Shakkii fi inaaffan qooqa jaalala isaa ittiin ibsatu akka ta'e hubachiisuuf yaalaa, waanan si shakkeefis nan hammeessin jedhee kadhataan. Itti fufees, " Ahaaa Ormatti amanuun dadhaba Ahaaa Sitti inaafuttan gammada Ahaaaaa Libsu Inaafan si sassataa. Ahaaaa An si shakkuttan gammada " jedhee Ormatti akka isheen amanne, shakkuu isaa ammas akkan dhiifne, sirumaa inaaffaa fi shakkii qabutti akka gammadu itti hima. Garuu akkamiin shakkuun , inaafuun nama gammachiisa!? Ajab! "Kennaa Ofirroo koo hawwii koo fudhadhu Faajjii jaalala godhi, shakkii koos hubadhu Jaallikoo dhugaan kan keessaan muldhatu Gocha ta'u beeki, inaaffaas simadhu. Isan si gaggaafadhu, isan si cinqu, isan namni si ilaale jedhee inaafu hundumaa mallattoo/ faajjii jaalalaa koo ta'u bari jedhaan, Inaaffaan isaas meeshaa jaalalli dhugaa inni qabuuf keessan ittiin muldhatu godhee, akka kennaa qaalii isheef kennuu danda'uutti, inaaffaa koo simadhu jedhee akka simattuuf, akka hubattuuf, akka ija mararteen isa ilaaltuuf kadhata. "Wanta jaalataniif yaada kennu bakkaa Anis hamaaf miti kanaafan si shakka Sitti inaafuuf ka'ee, ofiif yaaduun haala Shakkiin jibba ta'e, hiikkoonsaas jaalalaa" Irra deebi'ee, sababa ishee jaaltuuf akka ishee yaadu, ammuma ishee yaadu ammaoo akka ishee shakku,shakkiin isaa jaalala akka ta'e, hamaaf akkan shakkinee itti hima. "Kennaa qaalii kankoo jaalallee miidhagdu An siif ta'ee kennee, na waliin jiraadhu Hin mufatin maaloo inaaffaa gaafiin koof Sinsinniidha hin se'in, jaalalaam shakkiin koo Ee naa gala sirrii, amantii dhabuuni Miira miidha dhugaa daangarra darbuuni Kankoo qofa ta'uu kankeetan barbaada Shakkiin qabsiisetti deebi'ee of waada" Amma shakkiin isaa akka baay'ate, daangaa akka darbe, miira isheeyyuu akka miidhe, haga isheen wanti kun jaalaala miitiilaa jettee yaaddutti iyyuu akka qabsiise ofirratti baree, shakkii qabsiisetti ofii isaayyuu deebisee ofumaa akka of waadaa jiru itti himaa, in mufatin maaloo jedhee kadhataa, fedhiin isaan kan isaa qofa akka taatu, isa faana qofa akka jiraattu, ta'uu arraba tolee amansiifachuuf yaala. ==== Andualem Mallattooleen jaalala dhugaa isa "siifan du'a, siifan caba" waliin jedhan qofa akkan taane, namni dhugaan wal jaalatu akka wal shakku, walitti inaafu, wal sassatu sagalee kiilolee fi yedaloo gurra namaa seenanii sammuu namaa weeraran sanaan nutti hime. Yeroo tokko tokko gochi nuti miira keenya ibsaachuuf goonu isa baramerraa adda akka ta'e faaruu kanaan nu qaraasisee. Lalisaa Indiris Adam fi Andualem Gosaa galatoomaa🥰 @sammuukeef @orolovechats
видео или голосовое, без подписи
AN HIN BEEKU! Akka dallansuu maleekaa, akka aarii Ulaan ati bantee baate, egereensaa maali ? Golakee, Kofakee… Orma keessa sirbu, hin inaaftuu ? Ariitiidhaan shaashii gattee, kan xiiqoftu!. Akka habaqii, hafuuruma tokkoon qilleessatti of laattaa ? Har’a waan gootetti, bor gaabbiitti seentee quba of nyaattaa? An hin beeku! Garaankee danda’ee, waa hunda dagattaa ? Kofakee naaf dhiigeen, Ormatti baqattaa? Imimmaan kee carii, ciqileen haqattaa? Ammas an hin beeku!. Dur, imimmaan kee yoo cobe, anatu siif haqaa Amma utuu lola’uu, goda gahee, eessa dhaqa Tarii, ati akkan si beeku, ati akkan si eegu sana mitii taata. Tarii, bor gaafa gaabbitu, yeroo ati deebitu, natu hin jiruu laata? An hin beeku!. @orolovechats
@sammuukeef
@sammuukeef
Bubbee S1E12 Tiyyaan gara Bubbeetti Jiituu taatee dhufteetti. Waan ajaa’ibaa ilaaluuf qophooftanii? Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/IcGVKl1o1RI?si=b23JcbiKgl5k1TEV
" Hin hifatiin abdiin Itti geeyuu teessaa Yaadaan naan rakkinii, numa baana keessaa Jajajarrii gaarii miti , Nuduraa balleessaa Suutumaa jalaa too , Obsa barbachisaa Qabeenyaan toltii , Ja'an kennanii Ifii daddabanii Rabbiin sakkabanii " Ali Shabboo "Namuumsaa tilmamaa hamileedha wajjii Hoggonyuu karayyuu , Wannii hojjannuu hundii Akka bu'aa fidduu mariin ta'uu qabdii Warra mana tokko jaaruu jidduu Waldiddaa qurramaa jettee jetteen fidduu Sanirraa dabree badiin haa uumamtuu Irraa haasa'uudhaan mariin haa uumamtuu Hojirrattii bobba'ee odoo tolchuuf deemuu Ni balleessa namuu , kan balleesinee hin jiruu Badii hojjatanii yoo ifdhooysan hamtuu Badii ifii himanii yoo irraa baraan toltuu ....." Alii Shabboo "Afaan kiyyaan hawaasadhee akkaan dheebuun baanee Jiruun na mijjooytuu biyya biyyaa baanee ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ Osoon firraa hin eegiin Jiruun walvwaldahannee Yaaboo eenyumatiin dhaamsa siif dhaama Ka gadii jennee Yaadaan wajjiin jiraa wal arkuun jabaatee Dhaamsallee siif dhaamuun garaarra ulfaatee Fagoo halaaltti teenyee walmararraa Akka fedhii tenyaa hinarkannuu maal tarraa Akkanaan hin haftuu walqunnamuuf jirraa....." Dr.Ali Shabboo ★★★★★★★★ Akkaa-gara dhabee hanga har'aa taa'ee, Naannawuu jibbee qonna malee je'ee, Magaalaa nagayatti baadiyaatti ka'ee, Dongoree hakaafee adutti waadamee, Daf'qa kiyya nyaachuuf facaasee murachuuf, Kunoo kurfaawe fedhii bakkan gayuuf '" Dr. Ali Shabboo ☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆ ~ Seenaan Mahammad Qopheerra xiqquma waraabnee seenaan isaa guddaadha. osoo barreeffamee kitaaba hedduu taha. Gara fulduraatiis barreessuuf yaalla.Hojiin isaa hin dhokottuu , ifumaaf afaan baaftee dubbatti. ~ Beekaa ofii osoo lubbuun jiru faarsuun dirqama keenya hundaati. Keenyafuu hayyuu jabaa akka sabaatti qabnu baheessa namaa dhiira olmaa gaarii sabaaf oolee Hayyuu keenya Mahammed Qophee kabajuun,jaalachuun, faarsuun, dirqama Ummata inni dalagaa tureeti. Afran Qallo ➡️ JABAAA OFII ABBAATU JABEEFFATA ! 👉 HANDHURA OROMIYAA ,FINFINNEE ! GALATOOMAA !!! Daniel Hambisa #Ilaalcha_Qajeelaa_Jireenya_Fooyayaa'aaf #followever @sammuukeef
Yaanni koo gama keetii Yaanni koo sirbaa Gama koon deebinee Duuba maaliin taraa (×2) •••••••••••••••••••••••••••• Shimbirroo hintaanee Barararee hin dhufuu Balleen dhabeef malee An sibiraan hafuu ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ Shimbirroo hintaanee Bararee hin dhufuu Goflaan dhabeef malee Ansibiraan hafuu Qaadhimaa joollummaa Hirihaa ganamaa Bar yaa guutuu namaa Abdiin tiyya sumaa ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ Yaanni koo gama keetii Yaanni koo sirbaa Gama koon deebinee Duuba maaliin taraa (×4) \\~~ Sirba kana Wallistoota shanituu walduraa duubaan sirbe , • Abdi Buun Habiib • Ali Shaboo • Abdi Qophee • Abitaaw Kabaddaa • Nugusuu Taamiraat Wallistoota Mahammad Qophee Sirboota kenneef keessaa muraasa. ▪︎ Dr. Alii Birraa ▪︎ Dr. Alii Shabboo ▪︎ Artiist Shantam Shubisaa ▪︎ Artiist Abitaaw Kabaddaa ▪︎ Halloo Dawwee ▪︎ Almaaz Tafarraa ▪︎ Amalmaal Abatee ▪︎ Taadalaa Gamachuu ▪︎Geetachoo Haayilamariyaam ▪︎ Abdii Buuh ▪︎ Qamaar Yuusuf ▪︎ Muussaa Turkii ▪︎ Yuusuf Haarun ▪︎ Kaamil Husseen ▪︎ Nuuriyaa Yuusuuf ▪︎ Mahammad Qophee nama Qotee bultoota Oromoo warra barnoota hin qabne kan sagalee qaban kan akka Yuusuf Haarunfi Kaamiil Husseen nama sirbisise. Mohammad Qoohee walaloon sirba isaa ajaa'ibaa jaallatamoo fi ergaa dabarsuu ol ammaas umrii dheeraa qabachuun bilchinaa cimnina guddaa isaa mullifti. =============== Fakkeenyaaf walaloo hawwaattu inni Qopheesse keessaa muraasa haa ilaallu. ☆☆☆☆☆☆☆☆ Ibsituu hangaatuu Yaa urjii filfilee bareedduu akka teetii hinagarree takallee (×2) ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ Leonardo DaVinci suuraa harkaan kaasee Moonaalizaa je'ee maqaadhaas moggasee Odoo rabbiin godhee sitana garsiisee silaa Moonaalizaa bar ciree facaasee (×2) ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ rifeensa kee dheeraa naannoo lashlash gootee fuula diimaa gubbaan Qarmaa kee hidhattee Callee qarshii wajiin Morma canceeyfattee Lafa laaluu diddee Ijji too silaaltee (×2) ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ Bareedduu Oromoo Fayfayoo Magallee Qalloo mudhii soonsaa Leeymaan ija kullee (×2) ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ Ibsituu hangaatuu yaa urjii filfillee Bareedduu akka teetii hinagarree takallee (×2) ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ rifeensa kee dheeraa Naannoo lashlash gootee Fuula diimaa gubbaan Qarmaa hidhattee Callee qarshii wajiin Morma canceeyfattee Lafa laaluu diddee Ijji too silaaltee (×2) ••••••••••••••••••••• Silaa sumaan faarsaa Jechaa natti xiqqaataa Dhaabbattuu mullattee Deemtu unkaa toltaa Galanni haagayuu kan si uumee gootaa Bareedduu Oromoo Mee akkam nagootaa ••••••••••••••••••••••••• Bareedduu Oromoo Fayfayoo Magallee Qalloo mudhii soonsaa Leeymaan ija kullee (×2) •••••••••••••••••••••••••• Ibsituu hangaatuu yaa urjii filfilee bareedduu akka teetii hinagarree takallee (×2) ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ Sadeetaa maammuudii Shushubdee hidhattee Sabbataa manqoxiin Mudhii ziil gootee Kururtaa handaraa Gurra keetii kayyattee Sideemtuu agarraan Namuu sidawwatee ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ Ijji gurguddoon Waay urjii fakkeenyaa Masalaa Aananii Ilkaan kee addeenyaa Siituu tahaa malee Bareedduu Addunyaa Ajaa'iba Rabbii Sidawwitii teenyaa (×2) Dr. Alii Birraa " Halkan Dukkana keeysatti Kophaa Imimmaan jaalalaa wal rarraphaa Yeroon dabarsinee tan gammachuu Garaan koo dadhabee irraanfachuu " Dr. Ali Shabboo " Dubra Oromoo looshaa " Shantam Shubbisaa " Jaalala biyya ifii fageenyi hin dahuu Miila tahaa malee garaan biyyaan bahuu Magaallee biyya too ayyoo yaa gudee Yaanni kee akka malee na waadee na waadee "Dr. Ali Birraa " Barbaannee walbarraa, Walirraa barraa Wajji tarkaaffannaa Yaroo keenyatu har'aa Ka dhihaa ka bahaa Ka dhidhinaa ka booroo Irree tokkoon kaanee Haa walbarruu dhiiroo Nutu walwallaallee Mee maaluma tarraa Xiqqaa guddaan keenyaan Ilmaan biyyaa maraa Oromoottan martuu Ilmaan haadha takkaa, Hireen isaani takkaa , Gara gara duuluun Laalaa mee wahii akkaa ?" Halloo Daawwee " Yaa Rabbii yaa jabaa hirkoof sumaan qabaa " Dr .Ali Birraa
Waltajjii wa'ee Eenyummaa, Afaan, Aadaafi Seenaa Oromootiin walqabatuu Afaan Oromoo walteessuu, Afaan Oromoo Afaan Hojiii Mootummaa Feedeeralaa akka tahuufis qorannoo gargaraa godhuun yaada,foyya'insaa kennuunis tahee marii kamuu irratti hifadhe, dadhabee osoo jennee yeroo isaa wareegee hirmachuun qooda isaa bahaa ture bahaas jira. Nama Siyaasaa tasgabawaa fi bilchataa namatiis obsa,kutannoo fi murannoon isaa adda ejjaanoon cimaan tasgabbii waa baasee, buusee bitaa fi mirgaas laalee waa murtessuu akka tahee hojiin isaatu ni himti. Qopheen waan itti amanerraa duubatti nama jadhuu miti ,Miseensa Adda Bilisummaa Oromoo tahuunis mirga Oromoo kabachisuuf yeroo dheeraaf karaa addaa addaan nama qabsawa ture. ceehumsa booda ABO’n eega dhiibamee biyya bahee booda Qopheen ifirratti murteessee karaan dandayuun Ummata kiyyaaf hojjachuun qaba jechuun Paartii biyyaatti hafe DH.D.U.O(OPDO) itti makamee hojiilee gaggaarii hedduu hojjachaa ture. Namoota sabboontoota sirna wayyanee keessa ta'anii sirnicharratti qabsa'aa turan keessaa tokko warra ala jiruu wajjiiniis hojii boonsaa warra hojjate Mahammad Qopheeti. Mootii Artii fi Artiistoota hangafticha keenya Wallisaa Jaallatamaa Abbaa keenya Dr. Alii Birraa sirna biyya bulchuu amansiisee namni biyyatti galchee ummata waliin Ali Birraa wal qunnamsise Kabajamoo Mahammad Qopheeti. Mohammed Qophee miseensa mana maree bakka bu'ootaa (Paarmaalaa) tahuniis yeroo dheeraaf ummataan filatamee ummata isaa kan akkana jaallatuu tajaajilee jira. Gaafa Jiilli Hangaftootaa Artii fi Artiistoota Baandii Guddichaa fi kan jalqabaa akka Yuunivarsitii Artii, Afaan, Aadaa fi Seenaa Oromooti hojjate miseensonni Baandii Afran Qalloo biyyatti galuu sagantaan bareedaa fi midhagaan akkasi akka qopha'uu warreen godhan keessaa tokko Mahammed Qopheeti. Faaruu Oromiyaa Oromiyaaa jettuu kana akkaan jaalannu kan hundi keenya mana barumsaatti faarsaa barannee ammaas ganamuu Oromiyaa guutuutti yeroo wal fakkaataatti farfatamtuu , kana waltajjii mootummaa hundarratti Caffee Oromiyaa dabalatee , waldorgommii Ispoortii maqaa naannoo Oromiyaatiin gaggaeeffamtu kamuu irratti kan farfamtuu namni barreesse isa. ♦FAARUU OROMIYAA! ☆☆☆☆☆☆☆☆☆ Oromiyaa Oromiyaa Haadha seenaa guddaa Handhuura Oromootaa Galma sirna Gadaa Dachee heeraafi seeraa Haadha caffee Odaa Badhaatuus gabbattuus Magarsituu hundaa Xurii bara dhibbaa Dhiigaan sirraa dhiqnee Wareegama qaaliin Alaabaa kee ol qabnee Gammannee gammadii Bokkuu deebifannee Nagaafi dimokraasii Tabaroo namummaa Misooma amansiisaa Guddina hatattamaa Uummatoota wajjiniis Jaalalaa fi tokkummaa Wabii jireenyaatiif Goone kaayyoo cimaa Irree gamteeffannee Kanee nu abdadhu Oromiyaa Laliisii Dagaagii jiraadhu! " Sirboota walaloo maxxanfanii beekaman 200 ol barreessuun gumaache, kan hin maxxanfamiin lakkoofsa hin qabu. walaloon sirba isaa ajaa'ibaa akka fkn. SIRBI YAANNI KOO Jedhu haafudhannu! ergaa jaalaa guddaa dabarsa jecha jabaatti fayyadamee namni hin jaalanneen hin jiru. ☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆ Yaanni koo gama keetii Yaanni koo sirbaa Gama koon deebinee Yaa jaalallee firaa Koo garaan obsa dhabee duuba maaliin taraa (×2) ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ Akka madaa qubaa Yaanni garaa gubaa Ofirraan rafaa malee An hin qabuu hirribaa •••••••••••••••••••••••••• Akka madaa qubaa Yaanni garaa gubee Qalbiidhaan siinargaa Abdiin garaa sobee Imimmaan harcaasee Yaada keen gaggabee Hafuuran baafadhuu Hirriballee dhabee ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ Yaanni koo gama keetii Yaanni koo sirbaa Gama koon deebinee , Yaa jaalallee firaa Koo garaan obsa dhabee duuba maaliin taraa (×2) ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎ Wa'ee Aadaa keetii Hinfixuu siif himee Oonneen koo mana keetii Siituu cufee deemee (×2) ••••••••••••••••••••••••••• Jaalalaan si jaalluu Atuu quba qabdaa Maa garaa jabattee An yadaan na gubdaa ▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎▪︎
#Seenaa_Dr_MOHAAMMED_AHMED (Mohammed Qophee) 🔴 Baheessa Namaa Dhiira Olmaa Gaarii Sabaaf Oole Osoo Lubbuun Jiruu seenaan isaa himamuu qaba. Afran Qalloo irraa odeefame! 🚩Seenaa Gabaabaa Kabajamoo Dr Mahaammed Ahamed Muussaa ( Mohammed Qophee ) Mahammad Ahmad Qophee kan dhalatee Oromiyaa Bahaa ,Kutaa Harargee ,Koonyaa Obrarraa ,Aanaa Meettaa , Iddoo Seena qabeetti Dirree Murti Guutoo naannnoo Calanqoo Caliitti dhalatee guddate. Mahammad Ahmad Qophee ijoollummaasatiin nama hubataa qaruxee dafee waa hubatuu fi nama hundaan waliigaluu ture.Qopheen ilma Qotee bulaa cimaafi qabataa waan tureef akka fedheetti qananii'aa bakka barbaadeetti carraa namoota jajjaboo waliin barachuufi waliin hojjachuutis hiree argatee sadoon guddate. Hayyoota guddinaa fi dagaagina Afaan Oromoo keessatti shoora olaanaa gumaachan keessaa tarree duraarratti argama.Mahammad Ahmad Qophee hayyuu Seenaa ,Afaan fi Aadaa Oromoo guddaa, Qabsaawaa mirga Oromoo, Falmaa mirga namoomaa, Qorataa, Abukaatoo Jaalalaafi Obolummaa, Gaazaxeessaa, Barreessaafi Walaleessaa guddaadha. Raadiyoo Itoophiyaa damee Hararitti qophii Afaan Oromooti warra akka Miliyoon Lammaa ,Abubakar Muussaa, Abdi Qophee fi Shawaaluul Mangistuufaatti dabalamuun bilisaan mindeeffamee hojii Gaazaxeessumma tokko jedhee eegale. Ittuma fufuun dhabbiin,itti fufee ammaas, qopheessaa sangataati hanga hogganaa kutaa qophii sagantaa ta'uutti hojjate. Mahammad Qophee nama faxina hojiif uumame waan ta'eef dandeettii isaa jaallachaa yeroo yeroon muuxannoo isaa gabbifata waan deemuuf yeroo gabaabaa keessatti hogganaa Raadiiyoo damee Harar tahee.Kutannoo fi murannoon cimina inni guyya guyyaan agarsiisuu arganii Kutaa Harargeetti itti waamamaa Ministeeraa Beeksisaa godhan. Ittuma fufuun gara jiddu galeessa biyyattiitti jijjiramee Dhaabbata Preesii Itoophiyaa taajijiluu danda'ee jira. Namni oguummaa walaloo fi Yeedaloon fakkeenya isaaf tahe gama walalootiin Hundeessaa baandii Afran Qalloo, Barreessaa, Gaazeexeessaa fi Walaleessaa Qabsawaa Oromoo guddaa Abubakar Muussaa Wadaayi .Yadaloon ammo Tasfayee Lammeessaati. Qophii tamsaasa kallattii (Live) Afaan Oromoon dabarsuun nama jalqabaati.Baandiin guddichi Oromoo Baandiin Afran Qalloo akka faca'een miseensota akka Ali Shaboo, Halloofi Almaaz Tafarraa walitti qabee " Baandii Biiftuu Biyya Teenyaa " hundeessuun walaloo achi keessatti walaloo sirbaa namni beeressee utubaa kan ture Mahammad Qopheedha. Dookumantii Mootummaan Naannoo Oromiyaa itti hundeeffame hunda ,Qama mootummaa sadeenifuu (Judiciary, Legislative and Excutive ) Dookumantiilee mootummaa Naannoo itti fayyadamaa jiru hunda Kan Mana Murtii, Kan Abbaa murtii, Kan bulchinsaa, Kan Caffee, kan koree hoji rawwachiftuu Dookumantii hunda Afaan Oromootiin nama qopheesse . "Speech writer " Pireezedantiilee Mootummaa Naannoo Oromiyaa jaha dubbi isaan waltajjiirratti, miidiyaa fi hoggantootaa fi miseensota duratti ba'aanii dubbatan isatu barreessaa ture. Heera mootummaa (Constitution) Afaan Oromooti namni hiike Mohammad Qopheeti. Ayyaanni Sabaafi Sablamootaa 2ffaadha hanga jahaffaatti Sanada qopheessee Muummicha Ministeeraaf ,Mana marii Feedereeshinii fi Pireesdantiilee Naannoo hundaaf barreessuun jiddu gala tokkorraa akka darbuu namni godhees isa. Afaan Oromoo Koolleejjii fi Yuuniveersitiilee keessatti gaafa baratamuu jalqabuu Kallattii baruu fi barsiisuu warra qooheessan keessaa tokko. Faruulee Mootummaa , Feedeeralaa , Kan Naannoolee ,kan guyyaaa Ayyaanaa , kan Barnootaa kan miidiyaalee ETV ,Oromiyaa fi FANA OBNf guutummaan guututti namni barreessaa turees isa.Mahammad Qopheen FANA'n Afaan Oromootiin akka hundeeffamu warra godhan keessaa tokko qofa osoo hin taane warra tajaajiluun lafa qabaachisaniidha. Qabsawoota Maqaa ABOn mootummaan dararaa ture hedduu keessa ture.Maatii qabsaawoota leeccalloon fi yaadaaniis harka lafa jalaan hedduu gargaaree hamilee itti horaa ture jajjabeessaa ture.
⭐️ Launch the TickBit AI agen: $30 welcome bonus and passive USDT income in one click 📍No investment required 📍Profit every second 📍Automatic withdrawals from $0.1 📍Income 24/7 ‼️LAUNCH AND RECEIVE 30 USDT‼️ #ad 📢 InsideAd
Check this out: must-see flicks & series you gotta download NOW 🍿🔥 Behind The Glamour (Nollywood) for that juicy drama, Penthouse (18+) if you’re feeling bold, and Cat’s Eye (Anime) for your weekend binge. Oh, and Pro Bono (Kdrama) to keep things spicy! Don’t miss out—hit NaijaDeleys.Com 2️⃣ for the download magic 💥👉 Join here. Trust me, you’ll thank me later! #ad 📢 InsideAds Free Subscribers
You’ve been told that working harder means earning more. Unbelievable but proven: sometimes, slowing down and choosing the right digital hustle brings more steady income-and peace of mind. At Hustler Hub, we guide you gently through the noise, helping you build online income without sleepless nights or constant stress. Ready for comfort in your hustle? Join us: Hustler Hub and start earning calmly. #ad 📢 InsideAds Free Subscribers
https://t.me/Walaloon_Jaalala/6234