tgindex
Aartii Oromoo

Afaan Oromoo haa cimsinu Aadaa keenya haa ibsinu!

Последний пост
14 авг.
Последнее чтение
14 авг.
Постов за неделю
21
Всего постов
27
Тип
открытый
Язык
om
Категория
Новости и СМИ (по похожим)
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
3 433
−5 за 3 дн.
Сутки
−3
−0,09%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
228
26 постов
Вовлечённость
6,6%
к подписчикам
Постов в день
3,0
всего 27
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
212
1/48двое суток
242
1/72трое суток
262

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • Waliif rifachuu, waliif na'uu, nama of biraa dhabameef yaadannoo taasisuun dirqamni jiraachuu baatullee, hawaasummaa fi walitti dhufeenya mana hojii wanta dirqamsu na fakkaata. Kanas tahee sana garuu, Warqeenis hafamu, walgaanis diriiru lubbuusaa deeffachuu hin dandeenyu; garraamummaa fi qajeelummaanis du’a akka nama hin oolchine, umrii dheeraa akka namaaf hin laanne irraa baranneerra. Har'i waggaa isaati; waggaa tokko guutuu ijoolleen isaa qor-qalbii cabanii, yaadaan bittinanii guyyuun "Abbaa Keenya!" Jedhu!💔 Silaa irra jiraatee akkuma nama kamuu wabii tahaaf; akkuma eenyuunuu hojjatees jiraachisa, barsiisees uummataaf biyyaaf baasa! Amma yaadanis cabanii, abbaas dhabanii nama ededa lamaan gidduu dhaabbatee keessaas bahuuf abbaadha, keessattis hafuuf jireenyi mankaraarsaa tahuudhaan rakkootti jiru. Ani waa tokkon kadha; namni, dhalli namaa gaafuma dhalatu du'e, haxxiffattee du'uu dandeessa, gufuu salphaan, balaa konkolaataan,…balaa kamiins tahu dhibamee, namni dachee kanarratti hafu hin jiru. Waaqayyo umrii lafa kanarra jiraannutti laphee garraamummaa, amala qajeelaa fi hawaasummaatti walii galtee akka qabaannu, ofirra dabarree miira namummaa fi namaaf tahuu akka qabaannuuf nu haa gargaaru. Silas kan du'e(wareegame) yoo yaadattee boosseef, gadditeefin alatti wanti fiddu hin jiruutii, waggaa tokko guyyaa tokko bakka taatetti, still now dhabamuun isaa amma gaaffuu nuuf tahutti tahuun egaa Waaqayyo wanta hundumaa sababaaf godhaatii, nus har’aa qabnee amannee fudhachuun ekeraan Mokee akka boqottu, lubbuun isaas jennata akka dhaaltuuf Waaqa uumaa akka amantii keenyaatti kadhachuufi qofa. Waaqayyo lubbuusaa jennata haa dhaalchisu; maatii, firoottan, jaalattoota fi dinqisiifattoota isaa maraaf jajjabina hawwaa, hunduma keenyaaf ammoo miira namummaa fi waliif na'uu nuuf haa kennu!🙏 Firris alagaanis gaafuma du'aa qofa akka hin taane, dhaamsaaf ergaa mara keenyaa nuuf haa tahu!🥹 Hagayya-08-2018 Abdinaol Abera✍️ Giincii, Oromiyaa

  • WAGGAA TOKKO: Wareegama qaalii! Obboo Mokonnin Baqqalaa(1972-2017)😭 Waggaa kana ture; Hagayya 08/2017 A.L.I’tti guyyaa abaramtuu fi addunyaan maatii maratti dukkanaa'uun gadda nutti galchite; guyyichi maaliif akka bari’e hunduma keenyaaf gaaffiidha. Ol adeemaa biyyaa fi uummata isaa onnee qulqulluun tajaajilu, nama ogummaa barateen biyyaaf uummata isaa tajaajilaa jiru, eessuma kiyya garraamii gadi-galoofi aramaneen ajjeef-te!💔 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii(Giincii)'tti I/G Bulchiinsaaf Nageenyaa ta'uun tajaajilaa kan turan, isa dura hooggansaan seektaroota hedduurra Aanaa Ejersa Lafoo(Olankomii) irratti hawaasa isaa itti gaafatamummaa itti kennameef dirqama ogummaa isaan tajaajiluu qabuun uummata isaaf hojjechaa tureera. Nama hawaasa biratti hedduu jaalatamu, garraamiif amala qabeessa ture; Obboo Makonnin Baqqalaa Tsaggaayee Wayyeessaa Badhaasaa Nyaanyuraa Dabbis, nama quuqama saba isaaf ciisee hin bulle ture. Garuu maal godhu?! Nu sadarkaa maatiitti maatiitti qor-qalbiin miira qabnuuf qofaan cabnee gadduufin alatti, furmaatni fiduu dandeenyu jiraatuus baatu, dhiira onnee qabuuf xiiqeffataan akkasii silaa sadarkaa aanaaf godinaarra darbee naannoof biyya bulchu tureyyu; silas isa barate maaltu jaalata?! Kan kabaja qabu hattuuf saam-tuudha; gadi galoof, haramaneedha. Har'a Waaqa hin komannu; ijoollee sammuu qaban, barumsa isaaniitti qaxalee ta’an xixiqqoo ganaa ol guddatan qaba, isaan yaadanis tahu humna qabnuun bira dhaabbannee sadarkaa inni gaheefi isaa olitti baasuuf haamilee tahuufi qofatuu nurraa eegama. Namuu mootummaa biyya bulchaa jirurraa ajaja fudhatee, seeraaf dambii biyyaa bu’uureffachuun uummataaf biyyasaa ni tajaajila; ogummaaf dandeettii, akkasuma muuxannoo qabduun jaalattee osoo hin taane, ogummaa keessoo keetu si dirqee uummata keef akka hojjettu si taasisa. Kun dirqama hunduma keenyarraa fuuldurattis eeggatuudha; namni barate uummataaf biyyasaa itti gaafatamummaa fi dirqama ogummaa barateen tajaajiluu wanta qabuuf, kana namuu tolchee beeka! Garuu, mootummaanis tahee uummatni nama itti gaafatamummaa itti kenname biyyaaf uummata isaa tajaajiluurratti xiyyeeffatee sirnaan ergama isaa bahateef beenyaa barbaachisuufi yoo xiqqaate, yaadannoo taasisuun murteessaadha. Akkuma gaafa ogummaa qabduun, bakka aarsaa lubbuu si gaafatutti illee of dhiiftee uummataa fi biyyaaf aarsaa taatu, mootummaan ykn qaamoleen mootummaa qaama isaan gidduu aarsaa kanfaleef beenyaa barbaachisuufi yaadannoo murteessaa gochuufi danda’uu qaba! Akka komiitti, eessumni kiyya kun I/G dhimma nageenyaa ture; rakkoo forthwith magaalaa keessatti taheen, nama tasgabbeessuuf jedhee aarsaa qaalii lubbuusaa itti dhabedha. Qaamonni seeraa yeroo sana turanis tahee amma jiran, rifaatuu hedduu keessa galuun miira namummaa qabaataniif illee, beenyaa nama kanaaf kanfalamuu qabullee wanti hanga yoonaa taasifame hin jiru; inumaa sadarkaa staff'tti illee yaadannoo namni hiriyyummaan wal biraa dhabameetti namni garagalee ilaale hin jiru. Kun maaliif?! Wanti jedhu maatii gidduutti mufii uumus, komachuun alatti furmaatni fiduu dandeenyu hin jiru. Namni kun uummataaf biyyaaf jedhee aarsaa kanfale; rakkoo nageenya yeroo sana magaalaatti uumameen wareegame, garuu hanga yoonaa callisuun, yoo xiqqaate ijoollee isaa jajjabeessuuf yaadannoo wanta tahuu qabu, namni dhuunfaan illee gochuu danda’u sadarkaa mootummaatti taasifamuufi hafuun hedduu nu gaddisiisee, maatiitti mufiis uumeera. Kana yeroon jedhu, namni kamiyyuu amma malee har'aa keenya iyyuu Waaqa tokkicha qofaatu beeka; ittis yaadamee ykn tasaan balaa ykn wareegamni taasifamu kamuu, yoo uummata ofiif, biyyaaf taate gootummaadha malee gadhummaa miti. Namootni(qaamoleen) hooggansarra jiranii mootummaa(uummata) tajaajilan, qaama biraa wareegame dagachuunis gaarii natti hin fakkaatu; namni kamuu wanta boru dabareen eeggatuudha. Har'a malee boruu keenya hin beeknukaa! Keessumaa siyaasa unstable tahe kana keessatti namuu wabii hin qabu; qabaatus, namummaa wanti jedhu jira.

  • Gaalli sababa dheerina isaatiif jecha gaaddisa jalatti dheessee boqotu hin qabu. Bona faannisaa aduuf kattaa lafa gammoojjiin waxalamaa, ganna ammoo mataan isaa bokkaafi cabbiin reebamaa obsee dandamatee jiraata. Hoolaan ho’a baqatti; Re’een rooba dheessiti. Gaalli garuu lamaanuu danda’ee jiraata. Obsa Gaalaa! Leenci qaamaan Arba irra xiqqaata. Roobii caala maddata. Bineensota hedduutu qaamaan Leenca caala. Garuu, Leenci mootii bineensota maraatti. Bineensota mara biratti sodaatamee jiraata. Ayyaana qaba. Surraa hunda sodaachisu gonfate. Sodaa Leencaa! Tafkiin ilbiisa xiqqoodha. Uumama hedduun ija gurguddaa qaba. Nama dabalatee jechuudha. Tafkiin garii ofiifuu baay’ee xiqqoodha. Ija namaanuu daftee hin mul’attu. Ijjishee garuu kan namaa caala arga. Dukkana keessa hidda dhiiga namaa urtee dhiiga xuuxxi. Namuu qabachuuf gaafa hiixatu argitee miliqxi. Ijji takfii dukkana keessa arga. In qabamu; ni miliqa. Dafee arga. Ija Lukkuu! Lukkuun qaamaan xiqqoodha. Gurri Lukkuus akkaan maddeedha. Garuu waan dinqii tokkotu jira. Lukkuu bool’a gad fagoo qiliilee keessa yoo bulchite, iyya Lukkuu isa lafarraa jiruu nidhageessi. Bineensotaafi beelladoota hedduun gurra gurguddaa qabu. Garuu, Lukkuun hin dorgoman. Lukkuun bakka rakkisaa keessattiyyuu ogummaa/gurra sagalee walii itti dhageessu qabdi. Egaa maal jechuu barbaadeen seetan? Uummanni keenyas haala rakkisaafi mijataa osoo hin jenne, akka Gaalaatti waa hunda dandamatee kaayyoosaaf jiraachuu qaba. Ejjennoo hin daddaaqamne qabaachuutu irra jiraata. Akka Leencaatti sodaatamee, kabajamee of kabachiisee jiraachuu qaba. Ogummaa ittiin akka Tafkiitti dukkana keessa waa argu, halaalatti diinotasaa argee of oolchu qabaachuutu irra jiraata. Gurra akka Lukkuutti ittiin wal dhaga’uufi waa dhaga’uu qabaachuu qaba. Obsa Gaalaa, sodaa Leencaa, ija Tafkii, gurra Lukkuu isiniif haa kennu! Ayyaanaaf ogummaa warra kaanirraa adda isin godhu argadhaabboo! Kaanenus Kaasaa✍️

  • HAA DAMMAQNU! Mat. 7💥 ³ Maaliif huuba ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta? Utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu? ⁴ Yookiis attamitti obboleessa keetiin, 'Lakkii huuba ija kee keessaa siifan baasa' jetta ree? Kunoo, utubaanoo ija kee keessa jiraa! Macaafni qulqulluu illee ni dubbata; dhalootni kun ammas dammaquu qaba, kuunnoo jenna, kunoo jennee of jalattuu rakkachaa jirra! Ofii karra saaqnee, horma qe’ee nu orfutti quba hin qabnu; wal tahuu qabna yaa jamaa! Yoo akkas hin taane miidiyaa hawaasaan acabaccabnee buuna; boonyee boochisuun alatti furmaatni hin dhufu! Ijaarami! Wal tahi! Tokkoomi! Osoo ofii walii hin galiin, alagaan nuuf toltii eeguun wanta halkan abjootan barii arguudha.

  • ODUU DANSAA💥 Barataan qaxaleen Kaalid Bashir qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017tti, qabxii 600 keessaa 592 fiduudhaan akka biyyaatti qabxii ajaa'iba fidee ture, carraa barumsa tolaa(scholarship ) argateen gara yuunivarsiitii beekamaa addunyaa kanaa kan ta'e Harvard University imalee jira. Barumsa gaarii, congrats

  • Bara cabbiin hammaate Agadaa qotatuuree? Bara Lammiin wal nyaate Alagaa komatuuree?💔

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • XIYYEEFFANNOO! Godina Wallaggaa Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa ergamtoonni TPLF, murni Faannoo ofiin jedhu uummata nagaa madeessaa, aj*eesaa, qe'eerraa buqqisaa jira. Uummata nagayaa Angar Guutee kanaaf qaamni kamiyyuu xiyyeeffannaa kennuun, qaama uummata ajj-eesaa, dararaa jiru kana balaaleffachuu qabna! Diinni uummata fixaa dirree waraanaa babal'ifachaa deema taanaan, sabaafis tahee biyyaaf rakkoo fi yaaddoo guddaadha; mootummaannis tahee hawaasni martuu, keessumaa uummatni Oromoo yeroo kanatti wal tumsuudhaan diina ofirraa qolachuu, waloodhaan gochoota suukkanneessaa akkanaa balaaleffachuu qaba! Lolli keessoo, diinaaf karra saaqa; ijaaramuu, tokkoomuu fi wal tahuun obbolootaa, hormaaf(diinaaf) bowwoo wanta tahuuf, kanafaa ilaaluun Oromoon wal tahuun, wal qooduu dhiisuun gaariidha.

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • Siifis haadha-haadha keeti Roorroof imimmaan lolaafte, Qubataadhaaf bakka laattee Ofiishee handaraatti of baafte, Gara laafummaadhaaf beeki Garraamummaatu ishee nyaate, Harka isheetiin tola ooltee Nama daaraa hare taate! Haadha keeti isheen boossu Joortuun irqinfattee aaddu, Arjaa malee-tola malee Tasuma hammina hin yaaddu! Lafa'shee arjummaaf jettee Irraa kuttee qubachiistee, Warra qullaa deemtee dhufte Akka uffannaa hubachiistee, Garaan quufe salfii dhabee Abaraamtuun akka Gaangoo, Ilkaanuma keenya nyaatteen Nu ciniinte akka Waangoo! Latii!✍️

  • Wal-igoo (Walaloo cigoo) “Ulaagaan ati lufte Jabaa ta’us dadhabaa Silaas utuu dhuftee Ganamaan maal qaba!?” Jennaan: “Ganamaan nama hin amanu Kaleessa’n amanee jiile Ganamaan hin dhufu Atumti dhaqiif’illee!” Jette! Nan dhaqa moo nan hafa Ganamaanoo in rafaa! Lalisaa Indiris Adam

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • FINFINNEE, OROMIYAA!💥 Waanti Oromoon miliyoonni 60 ol afaan tokkoon, yaada tokkoon irratti walii galuuf, akka gumaa ijaatti eeggatu dhimma Finfinneeti. FINFINNEE JECHUUN,… 👉 Qe'ee ulfoo warra Tuulamaa. 👉 Magaalaa Guddoo Oromiyaa. 👉 Teessoo mootummaa Federaalaa Itoophiyaa (FDRE). 👉 Teessoo Gamtaa Afrikaa (AU). 👉 Teessoo dhaabbilee dippilomaasii hedduu. 👉 Wiirtuu siyaasaa Uummata Oromoo fi biyyattii. 👉 Teessoo Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa. 👉 Qe'ee Abeebee Tufaa Munaa. 👉 Lafa seena-qabeessa. 👉 Qe'ee walgahii Oromoo hundaati Lafti Oromoo lafee Oromooti. Yoo irratti cabeyyuu kulkulfataa irra jiraata malee namaaf hin dhiisuu. Kanaaf dhimma Finfinnee irratti homtu hin laafu. Irraa jiraachuu irratti hojjachuu eenyuuyyuu hin dhorkine. Garuu Handhuurri isaa yoo tuqamu ni dhukkuba kanaaf tuttuqqaa hin jaalatu. Uummata biyyittiin haa bareeddu haa guddattu jedhee, qaala'insi jireenyaa mataa isaa yoo naannessu obsee, callisee, jiraachaa jiru kana dubbii hin barbaadinaa! Warri ajandaa dhimma Finfinnee kana harka qabdan ilaa fi ilaameen waan duubaa funduraa ilaala sirritti. Murtoo Uummata mufachiisu akka hin murteessine. Shan ciqilfatanii, Shan garagalanii xiinxaluu nama gaafata waa'een Finfinnee! Kun seera fi seenaa uummata Oromoo fi hawaasa Oromiyaa maraati; dhimma keenyaaf saba biraa wanti galchu hin jiraatu, guddifachaa fi moggaasaan, keessummaa dhufanii qe’ee dhaaluun aad-malee, sirnis seerris, uummatni Oromoos tole hin jedhu! Qe'ee teenya irratti hin sarminu; hedduu nu bulchan, inumaa mirga kabachiifnaafin ammas osoo ilmi Oromoo aangoorra jiruu, uummatni Oromoo akkuma kaleessaa cunqursaaf sirni bittaa sun hin dhaalu! Mootummaanis seenaa gurraacha akka hin keenye tolchinee beekna; uummatnis qe’eesaa hormaaf dabarsee hin laatu, kan ofii kooti jechaa, kan hormaa keenya taha jechuun abadan hin yaadamu! Finfinneen kanuma Oromooti; Oromoon ammoo alagaa hammatee guddifachuuf waliin jiraachuutti ni amana!

  • видео или голосовое, без подписи

Aartii Oromoo — tgindex