tgindex
Hundeysa Suleiman ♾️

Hundeysa Suleiman ♾️

Статистика
@hundeysa1английский

📍 BUSINESS | ECONOMICS | STRATEGY | MARKETING In Afaan Oromoo | Amharic 🌍 Breaking down the what, how & why behind them into simple, practical insights. 📊 📍My goal is to make knowledge understandable, useful & actionable for everyday growth.

Последний пост
10 июн.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
71
Тип
открытый
Язык
английский
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
994
−2 за 4 дн.
Сутки
−1
−0,10%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
202
40 постов
Вовлечённость
20,3%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 71
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • Deeggartoonni istaadiyeema guutuu tapha daawachuuf, Abbootiin qabeenyaa garuu daldalaaf achi jiru. Kanuma | 8ssoo #Ethiopia #viralpost #Oromoo #HundeysaSuleiman #oro #business #afaanoromoo

  • Xiyyeeffannoon sharafa haaraya, ogummaan itti fayyadami. Kanuma | 7ssoo #Ethiopia #viralpost #Oromoo #HundeysaSuleiman #oro #business #afaanoromoo

  • Gonfoon arra ati qaxaamuran goonfatte cuftinuu idaa ati hegeree dhala waliin kafaluuf jirtu. Kanuma | 6ssoo #Ethiopia #viralpost #Oromoo #HundeysaSuleiman #oro #business #afaanoromoo

  • Ilmi nama oomisha naannoo isaati. Naannoo kee guyya guyyaan eenyu akka ati taatu si bocaa jiru; kanaaf ammoo hayyama sin gaafatu. Kanuma | 5ssoo #viralpost #hundeysasuleiman #oro #Ethiopia #fypシ゚viralシ #business #diinaggee

  • Iftinni miraa miti; tarsiimoodha. Kanuma | 4sso #viralpost #hundeysasuleiman #Ethiopia #business #oro

  • Dandeeytiin obsaan eeggachuudha, hamma irra baayyeen namaa tilmaamuu olitti gatii guddoo baafti. Kanuma | 3ssoo #Ethiopia #viralpost #Oromoo #HundeysaSuleiman

  • Moggaasa kee fana dhahuu bikka cimina itti qabdu daran cimsuu fii bikkaa hanqinni arkameeti yaroon adda baaste tarkaanfii fooyye'insa akka taasistu si gargaara. Dhaabbileen bebbeekamoon addunyaarratti akkaan beekamaa tahan kanneen akka #Nike #Apple #coca_cola #Google fii k. K. F. cufti isaanii karaa armaan olitti ibsaman kanarra deemuudhan eenyummaa daldalaa (brand identities) cimaa jaaruuf isaan dandeeysiseeti jira.  Moggaasa isaanii ibsaniiru, qajeelfama guca eenyummaa daldalaa (brand style guide) uumuun, moggaasa isaanii waliin walsimsiisanii jiru, moggaasa isaanii beeysisaniiru, akkasumas moggaasa isaanii faana dhahanii jiru. Kanarraa kan ka'e dhaabbileen kunneen addunyaarratti maqaa beekamaa fii milkaahaa horatanii jiran. Akka biyya keenyatti fakkeenya gaarii dhaabbileen tahuu dandahaan Baankiileedha. Baankiiwwan biyyatti eenyummaa daldalaa cimaa jaaruu isaanii wanni beeynuun cufti keenyahuu baankii itti qofa osoo taane tan itti hin fayyamnellee yaroo arkinu moggaasa isaanii osoo hin laalle halluuwwan (colors) isaanii qofa laalun kun Baankii kana sinimmoo Baankii sani jattanii akka adda baastan shakkii takkallee hin qabu. Dubbii tana mirkaneeyfachuuf ani Tolee(emoji) dhan halluuwwan baankoota sadihii isiniin gaafadha. Isiniis link'n ani sanduyaa (comment) jala isiniif kaayen channel telegram #Hundeysa_Suleiman ♾️'tiin username @hundeysa1 maqaa baankoota sadeen barreeysa. 📌Follow us on Telegram | Facebook | TikTok 📍 Stay informed to stay ahead of businesses Hundeysa Suleiman ~ Ogeeysa biyya kuush #Bizinasii #AfaanOromoo #trending #oro #viralpost

  • Akkamiin eenyummaa daldalaa jaarranna? **💥 Dhaabbilee fii daldaltoonni Jaarraa 21ffaa tan keeysatti milkaahuuf tooftaalee fii tarsiimoo Jaarraa tana waliin isaan tarkaanfachiisu hordofuun dirqama filannoo hin qabne. Tooftaalee fii tarsiimoo Jaarraa 21ffaa kana keeysatti  dhaabbileen dorgommaa isaanii caalani arkamuu dandaha keeysaa eenyummaa daldalaa cimaa jaaruun isa tokko fii hangafa. Kanumaafi dhaabbileen baayyeen maallaqaa danuu dhangalaasun wanni eenyummaa daldalaa cimaa jaarachaa jirananiifiis. Dhaabbileen daldalaa bara dorgommii kana keeysatti milkaahuu barbaadu kamuu horii dhangalaasun eenyummaan daldalaa (brand identity) cimaa jaarachuu qaba. Eenyummaan daldalaa (brand identity) cimaa jaarachuun bu'aawwan armaan gadii daldalaa kee goonfachiisa: ☆ Maamiltoota hawwachuu  ☆ Amanamummaa jaaruu ☆ Gurgurtaa dabaluu fii k.k.f Hub: Barbaachisummaa isaa ballinaan baruuf barreeyfama guyyaa kaleeysaa isiniif maxxansinee turre dubbisaa. Akkaataa eenyummaa daldalaa jaaruuf isin gargaaran akka armaan gaditti isiniif dhiheeysineeti jirra kunooti: ✔️ 1. Moggaasa ibsuu (Define your brand) Eenyummaa daldalaa cimaa jaaruuf tarkaanfiin jalqabaa eenyummaa daldalaa keetiif maqaa baasudha. Kunis Duudhaa (Value) , ergamaa (Mission) fii mullata (Vision) dhaabbata keeysanii adda baasuu dabalata. Dhaabbata keeysan maaltu adda taasisa? Kaayoon keeysan maali? Gaafiiwwan olitti laalle tanaaf deebii quubsa erga deebiste booda hubannoo gahaa waahee eenyummaa daldalaa keetii qabaattee jechuudha. Erga hubannoo ifa waahee eenyummaa daldalaa keetii erga qabaatte booda, meeshaalee maxxansaa garaagaraa eenyummaa daldalaa dhaabbata keetii kana ibsan irratti horii dhangalaasun (invest) bifaa kaayoo fii duudhaa dhaabbata keetii waliin walsimuun itti fufiinsaan qabuun oomisha fii tajaajila dhaabbatichi laatu cufarratti akkasumas meeyishaalee beeysisaa fii dhaadheeysa ka'umurratti fayyadamuu qabu. ✔️ 2. Qajeelfama guca eenyummaa daldalaa(Create a branding style guide): Qajeelfamni guca eenyummaa daldalaa dhaabbata galmee akkaataa fii wantoota dhaabbaticha bikka bu'an kanneen akka moddaasa daldalaa, asxaa, halluuwwan, boca qubeewwanii fii wantoota mullata dhaabbatichaa bikka ibsuuf itti fayyadamnu kan if keeysa qabuudha. Qajeelfamni kun akkaataa eenyummaa daldalaa keetii bifa itti fufiinsa qabuun tajaajila fii oomishaa dhaabbatichi laatu cufarratti akkasumas meeyishaalee dhaadheeysa fii beeysisaa hundaan walsimsiisuun eenyummaan daldalaa dhaabbatichaa jijjiirama tokkoo malee akka hujiirraa oolu mirkaneessuuf akkaan barbaachisaa fii murteeysadha. ✔️ 3. Moggaasa (branding) tokko qabaadhu: Yaa'aalee qunnamtii (commination channel) hunda irratti moggaasa daldalaa (branding) tokko qofa itti fufiinsaan fayyadamuun barbaachisaa dha. Kana jechuun asxaa, halluu, qubee, fii garsiiftuwwan eenyummaa daldalaa walfakkaataa marsariitii, qunnamsiistu hawaasaa (Social media), meeyishaalee maxxansaa fii meeyishaalee beeysisaa fii dhaadheeysa cufarratti fayyadamuu jechuudha. Dhaabbanni tokko itti fufiinsaan eenyummaa daldalaa (brand identity) walfakkaataa fayyadamuun dhaabbatichi eenyummaa cimaa fii beekamaa tahe uumuuf isa gargaara. ✔️ 4. Moggaasa (branding) kee beeysisi: Erga eenyummaa daldalaa (brand identity) tokko filattee booda itti fufiinsaaan maamiltootaa xiyyeeffannoo keetti irratti beeysisuun moggaasa fii eenyummaa daldalaa cimaa fii amnamaa akka horattu si taasisa. Moggaasa daldalaa kee karaaleen adda addaa hedduutu jira, isaanii keeysaa hangafoonni kanneen armaan gadiiti: ☆ Beeksisuu (Advertising) ☆ Sab-qunnamtii (Public relations) ☆ Odeeysituuhawaasaa (Social media) ☆ Qabeysisuu (Content Marketing) ☆ Imeleeysisuu (Email marketing) ✔️ 5. Moggaasa hangoolalu (Monitor your branding): Raawwii hujii eenyummaa daldalaa keeysanii hordofuun akkaataa barbaachisummaa isaatiin sirreeyfama yaroon taasisuun barbaachisaa dha. Kunis dhaqqabummaa (Reachable), hirmaata (Engagement), fii gururi'a (sentiment) hordoftoota keetii faana dhahuu (tracking) dabalata.

  • Akkamiin eenyummaa daldalaa jaarranna? **💥

  • Kuni karaalee eenyummaa daldalaa cimaa itti jaaran keeysa tokko. #Nike: Nike uffata atileetiksii fii kophee miila, akkasumas asxaa (✔️) iconic swoosh taheen beekama.  Eenyummaan daldalaa isaa hunduu onnata fii onnachiisaan kan wal qabatu yoo tahu, Duula dhaadheeysa (Marketing campaigns) isaa yaroo baayyee atileetota duudhaalee kanneeniin faayamaniin kan agarsiisuu tahe jechuudha.  #Kookaa Koolaa: Kookaa Koolaan harncaata mi'aawaa fii nama mirqaansuun beekama. Akkasumaas asxaa diimaa fii adiidhan beekama. Eenyummaan daldalaa isaa hunduu gammachuu fii mirqaanan kan wal qabate yoo tahu, duula dhaadheeysa (Marketing campaigns) isaa yaroo baayyee namoota bakka hawaasummaatti Kookaa Koolaa dhudha'aa mirqaananii fii gammadan agarsiisa. Akkasumaas dhaabbileen biyya teenya keeysa jiran keeysa Kanneen akka Baankii daldalaa Itoophiyaa (Commercial Bank of Ethiopia) , Baankii Awaash (Awash Bank),  Baankii Hujii Gamtaa Oromiyaa (Cooperative Bank of oromia), Kophee Anbassaa, Aannan Maama (Mama Milk), fii kanneen biroo hedduudha. Warriin olitti maqaa dhawe kun fakkeenya muraasa dhaabbilee eenyummaa daldalaa cimaa qabaniiti. Eenyummaa daldalaa kee irratti horii dhangalaasun (invast), maqaa addaa, yaadatamuu fii gabaa xiyyeeffannoo kee wajjin walsimu ummachuu daldalaa keetiif akkan barbaachisaadh. Kunis galaana dorgommii kana keeysatti akka ol kaate mullattu si taasisa. Akkasumaas maqaa gaarii (Credibility) fii amanamummaa(trust) akka horattu, gurgurtaan kee akka dabalu, fii amanamummaa maamiltootaa akka arkattu si gargaara. Jaarraa 21ffaa bara galaannii dorgommii dhaabbilee hedduu liqimsaa jiru kana keeysatti dhaabbileeniis tahe namoonni dhunfa galaana dorgommii kana keeysa ol bahanii mullachuuf akka tooftaa fii tarsiimoo daldalaa cimaatti eenyummaa daldalaa cimaa jaaruun dirqama taha. Tooftaalee fii tarsiimoo eenyummaa daldalaa gaarii jaaruudhaf isin dandeeysisu kutaa biraa keeysatti kan waliif qoonnu taha. Hubannoon daldalaa jaarraa 21ffaa keeysatti milkaahinaaf wabii siif tahuu dandaha arkachuuf channel telegram @hundeysa1 join godhaa. ✍️🏿 Hundeysa Suleiman ~ Ogeeysa biyya kuush! ✨️💫 Haggayya, 03, 2024. Finfinnee Kuushlaand irraahi 🫰🏾 Hubannoo arkadhu, gararreetti mulladhu!✌🏾 #Oro #diinaggee #AfaanOromoo #biizinasa #Ethiopia

  • Brand identity (Eenyummaa daldalaa) maali? 💥 *** Eenyummaan daldalaa (brand identity) cimaan maqaa dhaabbata daldalaa (brand identity) tokko salphaatti kan beeysisuu fii dhaabbilee biroo irra kan adda godhu jechuudha. Innis walitti qabaa wantoota eenyummaa daldalaa tokko uumuu hunda isaaniis: maqaa dhaabbata, asxaa, halluu, boca qubee (font), Haqaara(packaging) fii ergaa kan dabalatu taha. Eenyummaa daldalaa cimaa (Strong brand identity) jaaruun daldalaaf jaarraa 21ffaa yaroo gabaa daldalaa dorgommii taate keeysatti milkaahuuf akkaan mureeysadha. Daldalli gosa kamuu kamuu dorgomtoota isaa keeysa ol ke'ee mullachuuf eenyummaan daldalaa (brand identity) cimaan dorgomaa isaa caalee gabaa keeysatti beekamuuf isa gargaara akkasumaas maamiltoota hedduu hawwachuu fii amanamummaa jaaruufiis isa gargaara. Eenyummaa daldalaa cimaa jaaruu addunyaarratti yaroo dheeraf dhaabbileen daldalaa, dhaabbilee mootummaa fii miti mootummaa akkasumaas dhaabbileen hawaasummaa fii amantilleen maallaqaa gurguddaa irratti dhangalaasun jaaracha turaniiti jiru. Dhaabbileen bebbeekamoon addunyaarratti ol ka'anii mullachuuf doolara miliyoonitaan dhangalaasun eenyummaa daldalaa cimaa jaarurratti wal dorgommurratti arkamu. Wanni kun yaroo biyya teenyattis ji'oota muraasa dura ijo dubbii tahuun arkameeti jirra. Akka fakkeenyatti Baankiin Abbaay (Abay Bank) qarshii biyya teenya miliyoona torba dhangalaasun eenyummaa daldalaa dhaabbata kiyya ni ibsa jattee yaaddu hojjachiisteeti jirti. Eenyummaa daldalaa (brand identity) cimaa jaaruun sababoota hedduudhaaf barbaachisaa dha. Sababoota san keeysaa hangafoonni kunooti: ✔️ Eenyummaan daldalaa (brand identity) dorgomtoota kumaatama eeysa maamiloonni salphaatti akka addaan si baafatan gargaara. Daldalaa addunyaa yaroo ammaa dorgommii guutame kana keeysatti eenyummaa daldalaa (brand identity) cimaa qabaachuun dorgommii tana irra aanuudhaf si gargaara. Kun immoo maamiltoota amanamoo (Loyal customer) qabaachuuf akkaan si barbaachisa. Eenyummaan daldalaa adda tahuu, yaadatamuu fii gabaa xiyyeeffannoo keetii wajjin kan walsimu tahuu qaba. ✔️ Eenyummaan daldalaa (brand identity) amanamummaa fii maqaa gaarii (Credibilityl) jaara. Eenyummaan daldalaa (brand identity) cimaan gabaa xiyyeeffannoo (target market) kee biratti maqaa gaarii fii amanamummaa akka horattu si gargaara. Maamiltoonni kee yaroo meeyishaalee dhaadheeysa fii beeysisaa hunda keeysatti eenyummaa daldalaa walfakkaataa yaroo mara arkan, dhaabbata kee amanuu fii waan ati dhiheeysitu amanuuf hin rakkatan kun immoo maamiltoota amanamoo fii waahee oomisha keetii namootaaf himu siif uuma. Kuniis qooda gabaa (Market share) kee yaroo mara akka dabalaa deemu taasisa. ✔️ Eenyummaan daldalaa gurgurtaa ni guddisa. Eenyummaan daldalaa cimaan gurgurtaan tee akka dabaluuf si gargaara. Maamiltoonni dhaabbata kee ilaalchisee ilaalcha gaarii yaroo qabaatan oomisha ykn tajaajila kee bitachuuf carraan isaanii guddaadha. ✔️ Eenyummaan daldalaa (brand identity) amanamummaa maamilaa ni jaara. Eenyummaan daldalaa (brand identity) cimaan amanamummaa maamilaa jaaruuf si gargaara. Maamiltoonni maqaa kee irratti muuxannoo gaarii yaroo qabaatan maamiltoota amanamoo oomisha ykn tajaajila kee bitachuu akka itti fufan taasisuuf carraa guddaadha uuma. Walumaagalatti, daldala bara dorgommii kana keeysatti dhaabbanni milkaahuu  barbaaddu kamuu eenyummaa daldalaa (brand identity) cimaa jaaruuf horii dhangalaasun (invest) barbaachisaadha. Eenyummaa daldalaa keetii irratti horii dhangalaasun (invast) hubannoo eenyummaa daldalaa, amantaa, amanamummaa, gurgurtaa fii amanamummaa maamilaa akkaan dabala. Akkasumaas dabalataan faayidaa hedduu argachuuf si dandeeysa. #Fakkeenyonni dhaabbilee akka addunyaatti eenyummaa daldalaa cimaa qabanii kunooti: #Apple: Apple wanni beekamuun Boca(design)bareedaa, oomishoota kalaqaan guutaman, fii tajaajila maamiltootaa gaarii taheen maamiltootaaf dhiheeysuudha. Eenyummaan daldalaa isaa meeyishaalee gabaaf dhiheeysu hunda keeysatti, akkasumaas marsariitii (website) isaa irraa kaasee hanga manneen daldalaa isaatti walfakkaataadha.

  • Brand identity (Eenyummaa daldalaa) maali? 💥

  • ✔️ Oomishaa fii tajaajila haaraya kalaquu fii galchuu: Haaromsa diinaggee kana keeysatti dhaabbileen daldalaa kalaqaa,  oomishaa fii tajaajila haaraya uumuun carraa haaraya uumuu umame irra akka fayyadamtan isinbtaasisa. Daldaltoonni kana godhuu dandayan haala diinaggee haaraya kana keeysatti milkaahuuf carraa guddaa qaban jechuudha. ✔️ Teeknooloojii haaraya bituu: Teeknooloojiin dhaabbileen daldalaa gahumsaa fii oomishaa akka tahan isin gargaara. Kunis baasii hirisuu fii haala diinaggee haaraya keeysatti dorgomummaa keeysan fooyyessuuf isin dandeeysisa. ✔️ Tajaajila maamiltootaa irratti xiyyeeffachu: Gabaa dorgommii qabu keeysatti daldaltoonni tajaajila maamiltootaa gaarii tahe kennuu irratti xiyyeeffachuu qabdu. Kunis maamiltoota keeysan qabachuu fii daldala keeysan  guddisuuf wabii isiniif taha. ✔️ Onnata (insheetivii) mootummaatti fayyadamuu: Mootummaan yaroo adda addatti dhaabbilee daldalaatiif onnachiiftuu kennuudhaan akka isaan horii isaanii dhangalaasun daldala isaanii milkeeyfatuun cinatti namoota gargaraatiif carraa hojii uuman ni jajjabeessa.  Dhaabbileen daldalaa onnachiiftoota kanneenitti fayyadamuun baasii isaanii hirisuu fii dorgomummaa isaanii fooyyessuudhan daldala isaanii akka  milkeeyfatan taasisa jechuudha. Keeysattu yaroo akka amma keeysa jirruu tanatti wantoota mootummaan xiyyeeffate irratti hojjatu adda baasun onnachiiftuu gargaara arkachuun ni dandayama fakkeenyaaf biyya teenyatti wantoota amma mootummaan xiyyeeffannoodhan irratti hojjacha jiru kanneen akka turiizii turiizii fii qonnaa irratti hojjachuun waan akkan bu'aa qabu. ✔️ Haala faayinaansii cimaa qabaachuu. Daldaltoonni qormaata haaromsa diinaggee guddaan akka amma biyyi teenya godhaa jirtu kana dandamachuuf dhaabbii faayinaansii cimaa qabaachuu qabu. Kana jechuun maallaqa fayya qabu qabaachuu, sadarkaan liqii gadi aanaa, fii raasammana (Capital) argachuu jechuudha. Haala kana dadamachuuf dhaabbileen raasammana gaarii hin qabne tarsiimoo gaariidhan if utubuun akkaan murteeysa taha. Fakkeenyaaf Michooma gaarii Dhiheeysitoota, maamiltoota fii daldatoota biraa waliin qabaachuun dirqama taha jechuudha. ✔️ Maamilootaa fii dhiyeessitoota michooma jaaru. Maamiltootaa fii dhiheeysitoota waliin michooma cimsuun dhaabbileen daldalaa qormaata haaromsa diinaggee guddaan fidu keeysatti akka dandamatan taasisuun daldalli akka itti fufu taasisa. Akkasuma maamiltoota dhaabbata fii amanan (Loyal customer) waliin daldaluun itti fufinsa daldala tokkootiif akkan barbaachisadha. Dabaltaan dhiheeysitoota waliin michooma gaarii qabaachuun wabii itti fufiinsa daldala tahuun gargaara dhiheeysitoonni yaroo akka amma keeysa jirruu tanatti dursa daldalaa hariiroo gaarii waliin qabaniif dursa kennuun waan beekhamadha akkasumaas jijjiirraan gatii yaroo gabaabdu keeysatti waan mudaluuf haala kafaltii mijataa tahe arkachuuf carraa guddaa akka qaabattan isaanii taasisa jechuudha. ✔️ Cichoomina qabaachuu. Haaromsi diinaggee guddaan sochii diinaggee irratti jijjiirama gaarii fiduu dhabuu mala keeysatti gara jaqaba irratti jijjiirama hamaa fidu dandaha. Kun amaluma yaroo biyyoonni jijjiiraa diinaggee taasisan mullatu. Biyyoonni diinaggee cimaa qabanuu haala kana keeysummeesuun waanuma jiru waan taheef. Dhaabbileen daldala isaanii haala diinaggee haaraya kanaan wajiin walsimsiisuuf carraaqqii godhan irratti cichooma fii cimina qabaachuu qabu. Akkasumaas tarsiimoo fii tooftaa diinaggee yaroo jijjiirama fayyadamuun faayidaa jijjiiramni fidurraa fayyadama akka taatan isin taasisa. Tooftaa fii tarsiimoon daldala keeysan yoo taligadan jijjiirama diinaggee biyyi teenya eegalte tana keeysatti fayyadamtoota qooda leenca akkaa taatan hawwii tiyya. Asumaa hangaan yaroo qabutti dhimma daldala fii diinaggeetiin wal qabatu karaan itti isin biraan gayu. Channel telegram fii WhatsApp #Hundeysa Suleiman ♾️ ~ Uuda Beekumsa join godhuun maatii tahuu hin dagatinaa! Link'n telegram jala jirti. 👇🏾 Carraaqqii tarsiimoon carroomsa 🫡 Hundeysa Suleiman ~ Ogeeysa biyya kuush! 💛✨️ Adooleysa 31, Finfinnee, Kuushlaand irraahi.

  • Tooftaa fii tarsiimoon daldalaan itti fayyadamuu qabu maali? : Daldaltoonni haala diinaggee haaraya kana wajjin tarkaanfatuu fii walsimatuun carraa haaromsi diinaggee uumutti fayyadamuudhaaf tooftaa fii tarsiimoon daldala isaanii taliguun akkan barbaachisadha. Haaromsa diinaggee guddaa kana keeysatti guddina daldalaa isaanii daran guddisuu fii daldala keeysa turuudhaaf tooftaalee fii tarsiimoo yaroo tana waliin deemu hordofutt haajama jechuudha. Yaroo haaromsa diinaggee kana keeysa daldaltoonni tooftaa fii tarsiimoon daldala isaanii gaggeeyfatan carraa guddachuu guddaa qabu jechuudha. Akkasuma daldaltoonni yaroo tanatti tooftaa fii tarsiimoon diinaggee ammaayyaween yoo sosoohan malee daldalanii milkaahuun haa hafuuti carraan isaan daldala keeysa turuutu akkaan sodaachisa taha. Wanni yaroo tana akkaan hammeeysu keeysa tokkoo biyyi teenya daldalli isiin gaggeeysitu yaroo biyya biraattin wal bira qabnee laallu daldala barri itti dabre fii akkaan boodatti hafaadha. Dabalataan daldalli biyya teenya irra-jireeysan daldala maatiiti kana jechuun daldalli kana geggeeyfamu oggeeysa fii oggummaan osoo taane muuxannoo fii dhalmayaan tahuun isaa sodaa jiru dachaan akka dabalu taasisa.  Kanaafuu daldaltoonni keenya yaroo tanatti oduu miidiyaalee fii namoonni gargaraa qorannoo fii hubannoo gayaan maletti facaasaniin birrannaa keeysa galuun daldala keeysan akka balaarra hin buusne if eeggannoo godhuu qabdan. Akkasumaas haaromsa kana keeysan durooma jettanni bololaa fii hawwii hin malle keeysa seentanii qabeenya keeysan qisaasuun akka qabne isiniin jechuun barbaada yoo dandeeysan qorannoo mataa keeysanii taasisun sochii daldala keeysanii tooftaa fii tarsiimoo gaggeeysuun akkan murteeysadha. Yoo haalli daldala keeysanii kan isin daangeysu tahe ogeeyyii fii maddoota amantan qofarraa gorsaa fii odeeyfannoo fudhachuun milkaahinaa fii hegeree daldala keeysaniitiif akkan barbaachisadha. Yaroon amma keeysa jirru tun tan sodaa fii hawwiin keeysa dabran osoo hin taane yaroo tooftaa fii tarsiimoo masakamuun carraa haaromsa diinaggee kanatti fayyadamuu daldala keeysaniif milkaahina aalootan tahuu hubachuun akka bu'aa irraa buufattan abdiin qaba. Kanaafuu waan arkame hunda sodaa fii birrannaan hubachuun gaarii tahee natti hin mullatu waa garii carraatti jijjiruuniis waan dandayamuuf. Tooftaa fii tarsiimoo taliga daldalaa yaroo tana waliin ni deema ja'amee amanamu kan daldaltoonni biyyoota biraattis yaroo jijjiiraa diinaggee bitti isaanii taasiftu keeysatti dhimma itti bahuun irraa fayyadamuun isaanii mirkanaawe keeysa kana haala qabatamaa biyyi teenya yaroo amma keeysa jirtu tana keeysatti daldaltoonni keenyas yoo sirnaan dhimma itti baatan irraa ni fayyadamtan je'ee amane keeysa muraasni kunooti: 👇🏾 ✔️ Dhiibbaa haaromsi kun daldala keeysan irratti qabu adda baasuu: Dhaabbileen daldalaa dhiibbaa haaromsi kun daldala isaanii, baasii fii galii isaanii irratti qabu if eeggannoodhaan madaaluu qabu. Kunis tooftaalee fii tarsiimoo haala diinaggee haaraya kanaan wajiin walsimatu qopheeysuuf kan gargaaru taha. Dhiheeysa fii tajaajila maamiltootaaf dhiheeysan teeknooloojiin utubuun dorgomummaa, dhaqqabuma, sadarkaa tajaajila fii qunnamtii maamiltootaa waliin qaban daran cimsuu qabu. Tooftaalee fii tarsiimoo hujiirra oolchaniis yaroo yarootii madaaluun yoo fooyya'insi barbaachise fooyye'insa yaroon taasisuu. Akkasumaas daldala Teeknooloojii fii oggummaan gaggeeysu, dabaltaan tajaajila gorsa fii oggummaa dhaabbilee fii namoota tajaajila gorsa dhiheeysan waliin hojjechuu akkan murteeysadha. ✔️Yaroo waliin tarkaanfatu fii madaquu dandahuu: Daldaltoonni haala haaromsa diinaggee jijjiirame kana keeysatti dorgomummaa isaanii dabaluudhaaf jijjiirama wajiin wal-simsatuu fii tarkaanfatuu dandahuun. Kunis moodeela daldalaa isaanii, dhiheeysii oomishaa ykn gabaa xiyyeeffannoo isaanii jijjiiruu kan dabalatu tahuu mala jechuudha. Kan jechuun daldaltoonni akkumabhaala gabaa daldalaa isaanii odeeyfatanitti odeeyfannoo haala jijjiirama diinaggee   maddoota amanamoo fii Oggeeyyiirra barbaadun akkaan barbaachisaadha.

  • Tooftaa fii tarsiimoon daldalaan itti fayyadamuu qabu maali?

  • #Jaarraa 21ffaaf maaltu barbaachisaa? ***💫

  • Fakkeenyaaf dhaabbileen daldalaa jaarraa 21ffaa kana keeysatti tooftaalee kanaan milkaawaan haa waliin laallu. #Amazon: Amaazoon kalaqaan adda dureedha. Dhaabbatichi yeroo hunda teeknooloojiiwwanii fii oomishaalee haaraya raajii jaarraa kanaa warra tahe kanneen akka sammuu namtolchee (Artificial intelligence), Kilaawd kompiitiing (Cloud computing) fii geejjibaa diroonii ( Drone Deliver) irratti invast godhaa jira. Amaazoon tajaajila maamiltootaa gaarii tahe kennuu fii maamiltoota isaa waliin hariiroo cimaa uumuu irrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira. Haa tahuuti garuu dhaabbileen daldalaa biyya teenya keeysa jiran tajaajila fii teeknooloojiiwwan olitti ibsaman kana hujiirra oolchuuf ammatti itti ulfaachuu mala garuu karaa qunnamtii isaanii fooyyessuu qabu #Fakkeenyaaf Miidiyaa hawaasummaa (Social Media) fii Maarsireetti (Website) dhaabbileen isaaniitiif tolchuun haala qunnamtii maamiltootaa isaanii waliin qaban hanga humna isaanitti teeknooloojii fii tooftaa jaarraa 21ffaa keeysatti milkaahinaaf isaan qaadhimu fayyadamuu qabu. #Google: Google's akkasuma warra kalaqaan adda duree tahani. Dhaabbatichi yaroo hunda oomishaalee fii tajaajiloota haaraya kanneen akka konkolaataa ifiin oofamu (self driving car), Addunyaa qilleensa (virtual reality) fii sammuu namtolchee (Artificial intelligence) hujiirraa oolchuudhan hangafumma qabateeti jira. Google wannii adda isa taasisu keeysaa garee cimaa jaaruu (Build a strong team) fii haala hojii gaarii uumuu (Creating positive work environment) irrattis xiyyeeffatee hojjechaadha. Akkuma sadarkaa daldalaa biyya teenyatti yoo yaanne kalaqoota olitti tarreeysine kana humuu fii bituuniis ulfaatu mala garuu garee cimaa jaaruu fii haala hojii gaarii uumuun ni dandahama. Garuu dhugaan qabatamaan biyya keenya jiru faalla waan tahe fakkata. Wanni biraa haa hafuti hojjataan biyya keenya miinduma isaatu guyyaa seerri dhaabbata akka kafaluuf isaaf mureeysetti arkacha hin jiru. Kun tahuun isaa gita hujii itti miindeeyfamerratti itti gaafatamummaa seeran itti kenname bahachuu dhabuu isaatiif dhiibbaa guddaa akka itti tahu meeqa keenyatu beeka?! Kun itti gaafatamummaa gahumsaan bahachuu akka hojjataa hanqisu qorannoolee gargaraa ni mirkaneeysa. Dhibbaa akkamii akka qabu ballinaa mata-duree biraa keeysatti waliif kan qoonnu taha. #Tesla: Tesla'n itti fufiinsa (Sustainability) irratti hangafumman dursa. Dhaabbatichi makiinoota tirikaan (electric vehicle) fii oomishaalee anniisaa aduu (solar energy) oomishuun xiyyeeffatee hojjeta. Teslaan dhiibbaa sababa oomishaaleetiin naannoo irra gahu hirisuu fii hegeree itti fufiinsa qabu jaaruufis murateeti jira. Kuni fakkeenyota muraasa tarsiimoo daldalaa jaarraa 21ffaa keeysatti dhaabbileen daldalaa bebbeekkamoo fii milkaahoo tahuu sadarkaa addunyaatti daadda hin qabne fayyadamuun milkaahinaa fii maqaa arra qaban kana goonfachuuf isaan dandeeysise keeysa hangafoota. Isiniis tarsiimoo kanneen fudhachuudhaan dhaabbileen daldalaa diinaggee addunyaa saffisaan jijjiiramaa jiru kana keeysatti carraa milkaahina daldala keeysanii akka isiniif tinnisu shakkii hin qabu. #DiinaggeeAfaanOromoo #Entrepreneur #MacroeconomicReform #Ogeeysa #Ikoonomiiksii #Business #visionbankluminary #Insights Carraaqqii tarsiimoon milkeeysa 🫡✨️💫✌🏾 Hundeysa Suleiman ~Ogeeysa biyya kuush Hagayya, 02, 2024 Finfinnee Kuushlaand

  • #Jaarraa 21ffaaf maaltu barbaachisaa? ***💫 Tarsiimoo Jaarraa 21ffaa Milkaa'ina Daldalaa. Jaarraa 21ffaa keeysatti dhaabbileen daldalaa haala diinaggee addunyaa hanga libsuu ijaatti jijjiiramaa oolu kana keeysatti milkaahuuf tooftaalee haaraya daldalaa jaarraa 21ffaa waliin tarkaanfatu fayyadamuun sadarkaa milkaahinaa fii dorgomummaa isaanii eeysisuuf akkaan isaan barbaachisa. Akkasumaas dhaabbilee daldala isaaniin dorgumu irrattiis ol-aantummaa isaanii mirkaneeysuun qooda gabaa (Market share) daran akka ballifatan isaan taasisa. Tooftaaleen ijoo dhaabbileen daldalaa jaarraa 21ffaa keeysatti akka milkaahoo tahan isaan dandeeysisu keeysa kanneen armaan gadiiti. ✔️ Kalaqa irratti xiyyeeffachuu (Focus on innovation): Kalaqni jaarraa 21ffaa keeysatti milkaahinaaf nama dhunfaatiifiis tahe dhaabbilee daldalaatiif furtuudha. Dhaabbileen daldalaa dorgommii keeysatti gararree (ahead) jiraachuu fii fedhii maamiltoota isaanii guutuuf yeroo hunda kalaqa irratti xiyyeeffachuu qabu. Kana jechuun qorannoo fii dagaagina irratti invast godhuu, akkasumas oomishaa fii tajaajiloota haaraya irratti galchuuf kasaara fudhachuuf onnee qabaachuu jechuudha. ✔️ Teeknooloojii madayfachuu (Embrace technology): Teeknooloojiin akkaataa daldaltoonni daldala itti geggeeyfatan jijjiiruun sadarkaa daldalichaa ol kaasa. Dhaabbileen daldalaa gahumsa, oomishtummaa fii tajaajila maamiltootaa isaanii fooyyessuuf teeknooloojii madaqsuun milkaahina daldala isaaniitiif oolfachuu qabu. Kana jechuun teeknooloojiiwwan haaraya kanneen akka Miidiyaa hawaasummaa (Social media) Maarsireet (website) fii Gurgurtaa qilleensarraa (online selling) irratti invast gochuu jechuudha. ✔️ Maamilarratti Xiyyeeffachuu (Customer Centric): Daldalaa kamiifuu maamiltoonni dugugguruu lafee duuydati. Jaarraa 21ffaa keeysa ammoo bara odeeyfannoon hanga libsuu ijaatti addunyaa wal geeysu kana keeysatti maamiltoonni yaroo kamiyyuu caalaa humna guddaa akka qabaatan taasiseeti jira. Jaarraa kan keeysa dhaabbileen daldalaa tajaajila maamiltootaa gaarii tahe kennuu fii maamiltoota isaanii waliin hariiroo gaarii uumuu irratti xiyyeeffachuu qabu. Kana jechuun fedhii (demand) fii qaala (need) isaanii hubachuu, akkasumas yaada isaaniif deebii quubsa yaroon laachu jechuudha. ✔️ Faxina (Agile) fii Madaqoo (adaptable) tahu: Baruma kam keeysattu haalli daldalaa jijjiiramaadha. Bara amma nuti keeysa jirru kanatti immoo saffisaa tilmaamuuf nama dhubuun jijijjiiramuun amala daldala jaarraa 21ffaa tahuu hubachuun akkaan barbaachisasha. Dhaabbileen daldalaa jijjiirama kanaaf deebii kennuudhaaf daddafoo fii madaqoo tahuu qabu. Kana jechuun akka barbaachisummaa isaatti tooftaalee fii tarsiimoo yaroo waliin isaan tarkaanfachiisu fii hujii isaanii saffisaan jijjiiruu dandahuu fayyadamuu jechuudha. ✔️ Garee cimaa jaaruu (Build a strong team): Jaarraa 21ffaa keeysatti milkaahinaaf gareen cimaan akkaan barbaachisaa dha. Dhaabbileen daldalaa hojjettoota isaanii irratti invast godhuu fii haala hojii gaarii uumuu qabu. Kana jechuun carraa leenjii fii gahumsaa isaanii dagaagsu kennuu, akkasumas bu’aa hojjettootaaf beekamtii, onnachiistuu fii badhaasaa kennuu jechuudha. ✔️ Itti fufiinsa qabaadhu (Be sustainable): Itti fufiinsi maamiltootaa fii invastarootaaf barbaachisummaan isaa daran dabalaa dhufaa jira. Dhaabbileen daldalaa dhiibbaa naannoo irratti qaban hirisuu fii hegeree itti fufiinsa qabu jaaruuf tooftaalee itti fufiinsa qaban fudhachuu qabu. Kana jechuun faalama qilleensa xiqqeessu, anniisaa haaromfamuu dandahu fayyadamuu, akkasumas meeshaalee deebisanii fayyadamuu(recycling) fii irra deebiin fayyadamuu (reusing) jechuudha. Tooftaalee olitti tarreeyfamanii fii haala qabatamaa daldalaa isaanii waliin tarkaanfatu fudhachuudhaan jaarraa 21ffaa keeysatti carraa milkaahina daldala isaanii dachaan dabaluu ni dandahu. Akkaataa daldaltoonni tooftaalee kanneenitti fayyadamaa jiran fakkeenyota addaa tokko tokko kunooti:

  • Diinaggee jabaa qabaachuu fii Sharafa jabaa qabaachuun tokkoo? 💥 : Biyyi takka sharafni isii gad bu'ee kan doolara yoo dabale jechuun diinaggeen biyyi san kufaadha jechuu miti. Sharafni biyya takkaa ol ke'e jechuuniis diinaggee kee jabaadha jechuu miti. Biyyi takka tarsiimoo diinaggee isiitiif fayyadurraa dhaabbatteeti akkata itti doolara waliin jijjiirraa gootu murteeffatti. Fakkeenyaaf bara 2024tti akka Baankii ln Addunyaa baasetti #diinaggee_guddaa (Biggest economy) addunyaa dursaa ta jirtu USA (🇺🇸) dha. GDP $26,954 biliyoona. Itti aansuun Chaayinaan (🇨🇳), Jarman ( 🇩🇪), Jaapan (🇯🇵), fii Hindii (🇮🇳) dhatu hanga shaneessootti wal duraa duuba qabatee jira. Akkasuma Sharafa jabaa akka addunyaatti baankii addunyaa bara 2024tti baase waliin haa laallu. Sharafa jabaa qabaachuun addunyaa ta dursaa jirtu Kuwait. Dinar (🇰🇼) akka addunyaatti sharafa jabaa tahuu dursuurratti arkama. akkasuma Bahrain (🇧🇭) dinar, Omani Rial (🇴🇲), Jordan (🇯🇴) Dinar fii Britain (🇬🇧) pound wal duraa duuba hanga shaneessootti arkama. Guyyaa arra jechuuniis Adooleysa ,29,2024tti. Sharafa biyyoota kana doolarratti yoggaa sharafaman meeqa tahu? 1, Kuwait dinar 🇰🇼 1= 3.27$ USA 🇺🇸. 2, Bahrain dinar 🇧🇭 1=2.65 $ USA 🇺🇸. 3, Omani Rial 🇴🇲 1= 2.60$ USA 🇺🇸. 4, Jordan Dinar 🇯🇴 1= 1.41$ USA 🇺🇸. 5, UK pound 🇬🇧 1=1.28 $ USA 🇺🇸. Akkuma olitti gartan kana biyyoonni Sharafa jabaa qabanii fii biyyoonnii diinaggee jabaa qaba akka wal adda tahan adda baafattan je'eetin yaada. Kara biraatiin Chaayinaan diinaggee jabaa qabaachuun sadarkaa lammeessoo irratti arkamti akka addunyaatti garuu guyyaa arraa Dollar 🇺🇸 1= 7.26 Chinese yuan 🇨🇳 akkasuma Dollar USA 1= 154.03 Japan yen 🇯🇵. Guyyaa arra qarshii biyya teenya Ethiopia 🇪🇹 1= 2.66 Japanese yen 🇯🇵 taati. Kana jechuun qarshiin jaapan teenyaa gadi jechuudha. duuba biyyi teenya addunyaarraa diinaggeen sadarkaa kamirra jirti? Tana isiniifin dhiisa. Saniifuu biyyi takka sharafa isii sababoota gargaraatiin gad buusti. Kun immoo tarsiimoo hegeree biyya takkaatiif ni fayyada ja'amee itti amanameen jaha. Jechaadha. Haaromsa diinaggee biyyi teenya jalqabde kana milkeessuuf mootummaa fii miti mootummaa akkasumaas dhaabbileen hawaasummaa gehe ol aana qabu. Kanaafuu namuu waan akka dhunfaatti irraa eegamu bahatu qaba je'eetin amana. Yaroo haaromsa diinaggee godhamu tana keessatti mootummaan toohannoo diinaggee akkasumaas diyaa (subsidies) gaarii namoonni galii gad aana qaban (low income) keessattu hojjattootaaf (Keessafuu Barsiisoota, Waraana, hojjattoota fayyaa fii k.k.f ) addatti bifa haala qabatamaa biyyatti madaaluun sirreeyfamni godhamuu qaba. Yoo kun hin taane qaalayinsa meeshaalee amma huu nama if jibbisiise kana gubbaatti dhiibba biraa uumun akka seeraa dhablummaa fii hanni daran babalatu taasisuun biyya teenyaas kara hin malletti geeysu mala. Hub: Tarsiimoo fii tooftaa jabaadha haaromsa diinaggee kana hornaguun waan akkaan barbaachisaati. Sharafa armaan olitti irraa dubbanne cuftinuu kan baankiiti malee kan magaalaa dhoysaati (Parallel Market) akka taane hubadha. Hub: Suuraan data qabdu olitti eerame qabdu comment jala jirti. Adooleysa, 29, 2024. Finfinnee Oromiyaa ©️ Hundeysa Suleiman 🫡 🇪🇹 ✌🏾 #Treasure #Ethiopia #MacroeconomicReform #SecondHomeGrownEconomicReform #HaaromsaGiinaggee #fypシ゚viralシ #foryouシ #trendingnow #viralpost #followme #AfaanOromoo #Oromobusiness

  • без подписи