Daily Spiritual Feeding
СтатистикаJESUS CHRIST PROCLAIMERS CHURCH Buy ads: https://telega.io/c/dailyspiritualfeeding #Go to your vision...! Contact: @SanyiiGootaa3
- Последний пост
- 14 авг.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 2
- Всего постов
- 29
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 45
- 1/48двое суток
- 51
- 1/72трое суток
- 55
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
видео или голосовое, без подписи
Qofaa koo taanaan adeemsaaf hin akeeku! Ati Cal jennaan ani jireenya hin beeku! Faana kee dhabnaan lafti lafaan na mara! Dura koo deemi Adeemsa sirraan baraa, Na hin liqimsiin, na hin nyaatiin haalli baraa! #Uffee-Barsiisaakoo @SanyiiGootaa3
#Dubbisi si fayyadaa 1. Ilaalchi Sammuu Keetii Carraa Keetii Murteessa Dweck akka ibsitetti, dandeettiin kee kan uumamaa qofa miti. Namni "dandeettiin koo dhaabbataadha" jedhee amanu (Fixed Mindset) carraan inni itti milkaa'u gadi bu'aadha. Inni "nan danda'a, nan fooyya'as" jedhu (Growth Mindset) garuu bakka yaade ga'a. 2. Kufaatiin Barsiisaadha Malee Xumura Mitii Namoonni mindset guddinaa qaban, yoo kufan akka waan dandeettii hin qabneetti of hin laalan. 3. Carraaqqiin (Effort) Sona Milkaa'inaati Mindset dhaabbataa keessatti, "yoo dandeettii qabaatte carraaqqiin si hin barbaachisu" jedhamee amanama. Garuu kitaabni kun, carraaqqiin waan dandeettii kee gara ogummaatti jijjiiru ta'uu isaa addeessa. 4. Qeeqa (Criticism) Akka Galteetti Fudhadhu Yeroo namoonni si qeequan ykn yaada siif kennan, namoonni milkaa'an qeeqa sana keessaa waan isaan fooyyessu qofarratti xiyyeeffatu. 5. Milkaa'ina Warra Kaaniitti Hin Inaafin Namoonni kaan yoo milkaayan sodaachuu ykn inaafuu mannaa, "Inni akkamitti milkaa'e? Maalan irraa baradha?" jedhanii of gaafachuu qabu. 6. Dubbii "Ammaaf" (The Power of Not Yet) "Kana hin danda'u" jechuu mannaa, "Ammaaf kana hin dandeenye" jechuu baradhu. Jechi "Ammaaf" jedhu sun gara fuulduraatti akka dandeessu abdii fi carraaqqii siif kenna. 7. Rakkoowwan (Challenges) Simadhu Rakkoon yeroo si mudatu baqachuu mannaa itti deemi. Rakkoon sammuu kee akka hojjetu fi akka dandeettii haaraa uumtu si taasisa. 8. Dandeettiin Ni Gabbata (Neuroplasticity) Sammuun keenya akka maashaa (muscle) dha. Yeroo nuti waan haaraa barannu fi itti carraaqnu, hidhaan neeroonii sammuu keenya keessaa ni jabaata. 9. Of-Madaaluu fi Of-Sirreessu Yeroo hunda deemsa kee madaali. Mindset guddinaa qabaachuun barumsa irraa gara barumsatti ce'uu dha 10. Mindset Jijjiiruun Ni Danda'ama Hundi keenya bakka tokko tokkotti mindset dhaabbataa qabaachuu dandeenya.
“Ani immoo, "Yaa Waaqayyo, anaaf oo'i, ani si duratti cubbuu hojjedheera, na fayyisi!" jedhee kadhadheera.” — Far. 41:4
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
“Of eeggadhaa! Miindaa guutuu akka argattaniif, kanaa achi inni itti dadhabdan hundinuu isin duraa in bada.” — 2Yoh. 1:8
видео или голосовое, без подписи
Ergaa Ganamaa
“Hin Daganneem Gooftaa isati Dhimmakoo gidduu galte” Addisu 😍🙏 #Ati-Sirriidha !
видео или голосовое, без подписи
# Beeksisa Barattoota #Qormaata_Naannoo_Kutaa_8ffaa Bara 2018 Fudhatan Hundaaf ---------- BBO - Adoolessa 14/2018 Qormaatni Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 Waxabajjii 11-12/2018 tti kennamaa ture qabxiin/firiin/ isaa guyyaa boruu Adoolessa 15/2018 Waaree Dura Sa'aatii 4:00 -6:00 keessatti kan ibsamu ta'a. Kanaafuu, Fuula Media Haqaa kanarratti akka nu hordoftan beeksifna. #Hubachiisa:- #Qabxiin_Qormaata_Kutaa_6ffaa guyyoota kudhan booda kan ibsamu ta'uu odeeffannoo argannerraa hubachuun danda'ameera. Obsaan nu eeggadhaa!
Yesuus Kun Gooftaa dha! Dhaloonni isatti baqate jireenya fayya-qabeessa jiraata! Yesuus furtuu biyyaa!
видео или голосовое, без подписи
Jireenyi kitaaba guyyaa guyyaan barreessinu garuu gaafa fuulli xumuramu cufnudha. Kitaaba Jireenyaa keessatti boqonnaawwan hedduutu jiru. Boqonnaan tokko kolfaan kan jalqabu yoo ta’u, kan biraan immoo imimmaan bakka bu’a. Tokko kabajaan yoo xumuramu, inni kaan immoo gad of qabuun jalqaba. Garuu xumurri boqonnaawwan hundumaa tokkodha-"Darbi!" Hanga meeqa ta'eera! Waggoonni lakkoofne qofa osoo hin taane, miira nuti baannee turre darbee jira. Gantummaan nu mudate qalbii keenya cabsee ta'uu danda'a, garuu gantummaan sun har'a akka kaleessaa hin jiru. Ta'eera Namoota yeroo tokko aangoo irra taa'anii turan meeqatu har'a illee hin dubbatamne? Bareedinni yeroo badu, qabeenyi yeroo dhumu, humni yeroo dhumu, wanti hafe "eenyummaa" kee fi "Uumaa kee" dha. Gammachuun gaafa dhufu: Hin boonin, ni darba waan ta'eef. Yeroo gidiraan dhufu: Hin gaddiin, innis ni darba. Yeroo namoonni si ganan: Uumaan hin jijjiiramne gama kee waan jiruuf hin aarin. Warri hin duuna jedhan ni du’an, warri hin mo’amne jedhanis injifatamee kufanii, warri deebi’ee hin kaannu jedhanis. Duuti fi darbuun leensii jireenyaati. Gaafa leensii kanaan arginu jibbi hiika dhaba. Aarii Bakka hin qabu. Sababni isaas hundi keenya imaltoota yeroof dhaabbannu waan taaneef. Wanti osoo hin jijjiiramne hafu gara laafina har'a agarsiifnuu fi jireenya amanamaa jiraannu qofa. Kaleessa seenaadha, boru iccitiidha, har'a garuu kennaadha. Har'a nagaan jiraadhaa; bor Uumaaf kenni; kaleessas galata waliin ergaa. Kun darbe kan hin dabarre waan hin jirreef! #Walumaa-gala Jireenyi Kristoos...!
видео или голосовое, без подписи
📖Gufuuwwan Kadhataa📡 **** 🤏🏾Dhiifama gochuu dadhabu.......Marq.11:25 • Kadhachuuf yommuu dhaabattan, abbaan keessan inni waaqa irraa yakka keessan akka isiniif dhiisutti, namni tokko waa isinitti yakkee yaada keessan miidheera yoo ta'e dhiisaaf*! 🤏🏾Cubbuu dhokataa...Farf.66:18 • Ani hamaa gochuu garaa kootti utuun yaadeera ta'ee, gooftichi matumaa ana hin dhaggeeffatu ture 🤏🏾. Oftulummaa.....Yaq.4:6 • Inni ayyaana isa caalu immoo in kenna; kanaaf caaffanni qulqullaa'aan,“Waaqayyo warra kooraanol of qabaniin in morma; warra gad of deebisaniif garuu ayyaana in kenna” in jedha* 🤏🏾 Gaa'ila jeeqamaa..1Phex.3:7 • Akkasuma isinis dhiirota nana, dubartoota keessaniif beekaatii wajjin jiraadhaa! Walii wajjin jireenya isa tola isiniif kennamutti galuuf waan jirtaniif, kadhanni keessan gufuu argatee akka hin ittifamnetti, dubartii keessan akka gar tokko dhagna keessanii isa dadhabaatti ulfina kennaaf*! 🤏🏾 Mamii....Yaq.1:6 • Garuu utuu hin mamin amantiidhaan haa kadhatu; namni mamu akka dha'aa galaanaa isa qilleensaan asii fi achi oofamee darbatamuu ti*. 🤏🏾Waaqayyoolii tolfamoo..........His.14:3 • Yaa mucaa namaa! Jarri kun waaqayyolii tolfamoo isaanii garaa isaanii keessa kaa'ataniiru, yakka isaanii isa isaanitti gufuu ta'es of dura dhaabbataniiru; egaa akka isaan ana waa gaafatan nan godhaa ree*? 🤏🏾.Yaada hamaa..Yaq.4:3 •Yoo kadhattan immoo, yaada hamaadhaan waan kadhattaniif hin fudhattan; isin kajeellaa keessan itti ba'uudhaaf yaaddanii in kadhattu 🤏🏾 Hiyyeessa gargaaruudiduu......Fak.21:13 • Nama, hiyyeessa rakkateegargaarsaaf iyyuuf, inni dhaga'uu didu,yommuu inni ofii rakkatee gargaarsaaf iyyus immoo hin dhaga'amuuf 🤏🏾. Amantii hir'uu qabaachuu..........Ibr.11:6 •Amantii malee immoo Waaqayyoon gammachiisuun hin danda'amu. Eenyu illee Waaqayyootti dhi'aachuu yoo barbaade, inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun isa irra jira @SanyiiGootaa3
видео или голосовое, без подписи
SIIN NAAF WAYYA🤲 Oduu baraa hin simatin gurrikoo Harka kee irratti haa yaa'u hafuurrikoo!
Qol. 1 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ²⁶ Dubbiin kun bara durii durii jalqabee dhaloota turan duraa dhokatee ture, amma garuu warra Waaqayyoof qulqullaanittii mul'ifameera. ²⁷ Waaqayyoo doksaa ulfinaan guutuu kana warra saba isaa hin ta'in keessatti agarsisudhaan warra kan isaatiitti beeksisuu jaallate. Dhoksaan mul'ifame kunis Kristos isa isin keessa jiruu dha; inni ulfina isin argachuuf jirtaniif abdii keessan. ²⁸ Nus isuma labsina; namni hundinuu karaa Kristos nama ga'aa ta'ee, fuula Waaqayyoo dura akka dhaabatuuf nama hundumaa in gorsina; ogummaa hundumaanis in barsiifna.