tgindex
Jirra Nutis

Miidhama ummataa muldhisuuf

Последний пост
20 мая 2023 г.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
12
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
15 авг.
Подписчики
68
мало замеров
Замеров пока мало
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
70
12 постов
Вовлечённость
102,9%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 12
Упоминаний
1
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 20 мая 2023 г.104из ahmedin99

    Yoo xiqqaate ijaarsi magaalota haaraa "Magaalaa Shaggar" jedhamu bifa haaraa fi karoora haaraadhaan waan karoorfameef, akka karoora haaraa magaalichaatti bakki kun masjiidaaf osoo hin taane kaayyoo biraatiif qophaa'e waan ta’eef (innumtuu pilaanichi masjidaaf akka mijatu gochuudha malee akka tasaa ka’anii masjida diiguun sirrii miti), bulchiinsonni Magaalaa Shaggar "akka karoora haaraatti bakki masjiidaaf isinii qophaa'e kana" jedhanii bakka bu’aa dhiheessanii mariifi wal hubannaadhaan ijaarsa magaalichaa keessatti masjinni akka ijaaramu godhanii dubbii fixuu hin barbaanne. Wanti isaan qabatamaan hojjataa jiran amantichaafi Muslimootaaf kabaja xiqqoollee osoo hin agarsiisin masjiidota diiguutti seenan. Gaafa haala kana hubattuufi yeroo qabatamaanis sochii nama gaddisuusu kan masjiidota hedduu Magaalaa Shaggar keessa jiran jumlaan diiguuf godhamu ilaalte, dhimmichi gaaffii seera qabeessummaa osoo hin taane, [namoonni manneen irraa diigamaa jiran irra caalaan Muslimoota ta’uus ilaalcha keessa galchuudhaan] dhimmichi shira Masjiidotaa fi Muslimoota magaalaa Shaggar keessaa qulqulleessuuf godhamaaru isaan jalaa fakkaateera. Kana galmaan gahuun dachii Itoophiyaa keessatti gonkumaa waan hin yaadamneefi Magaalaan Shaggar Masjidaa fi Muslimoota of keessaa qulqulleessuuf murteeffatee yoo itti fufe, Magaalattiin Hawaasa Muslimaa walakkaa biyyattiitiif "rakkina" malee "madda boonsaa" ta’uu gonkuma hin dandeessu!

  • 20 мая 2023 г.71из ahmedin99

    Magaalaan Shaggar Masjiidotaa fi Muslimoota kan of keessaa qulqulleessu yoo ta’e Muslimootaaf "rakkina" malee madda boonsaa ta'uu gonkumaa hin danda’u! 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴 Mootummaan biyyattii kan bulchu lammiiwwan bakka bu’ee, maqaa lammiitiin akka ta’e hundaafuu ifaadha. Osoo kun ta’uu baatee aangawoonni mootummaa hunduu akkuma keenya lammii idileeti; silaa mirga ykn aangoo nurraa adda ta’e hin qabaatan ture. Biyyattiin kan waloo ta’uun yoo mormame malee qabeenyii fi carraan biyyattiin qabdu hunduu kan walooti. Osoo akkana ta’ee jiruu, magaalota biyya keenyaa hunda keessatti yeroo maastar pilaaniin qophaa’u, warra pilaanicha qopheessu qofa osoo hin taane, hoggantoonni siyaasaas hanga yoomiitti masjida qofa adda baasanii pilaanii keessaa dagatu laata? Ummanni muslimaa akka lammiitti maastar pilaanii keessatti masjiidonni karoorfamee dagatamuudhaan gaaffileen Muslimootaa masjidaafi hijaaba qofa irratti daangeffamee akka hafu gochuudhaan gaaffilee ummata Muslimaa isaan kana qofa fakkeessanii sochiiwwan amantichaa gufuuleen kan guutaman taasisuun tooftaa dhaabbachuu qabuudha. Gaaffiiwwan mirgaa bu'uura ta’an kunniin "maastar pilaanii irratti masjidni asitti argama" jechuudhaan osoo hin gaafatamin deebii argachuu qabu turan. Ykn yoo gaafataman gaaffiiwwan salphaatti deebii argachuu qaban turan. Haa ta’u malee, Muslimoonni biyyattii guutuu keessa jiran lafa masjidaa kadhachuun ykn maallaqa isaaniitiin lafa bitanii ibaadaaf itti fayyadamuun, ykn sanarra kutee qabsoofi dhiigaan [qabsoo qabiyyee masjidaa kabachiisuuf godhamu keessatti Muslimoonni humna nageenyaatiin ajjeefaman baay’eedha] masjida aragchuun yoo hin dhaabbanne mirgi Muslimootaa ni kabajama jechuun hin danda’amu. Namoonni tokko tokko masjiidonni "seeraan ala" waan ta'aniif diigamaa jiru nuun jedhu. Nama ajaa'iba. Warra kanaafi fakkaattota isaanii kan nuti gaafannu masjiidonni "seera qabeessa" jedhaman kam akka ta'an nuuf himaa kan jedhuudha. Finfinnee dabalatee masjiidonni waggoota kudhanii ol erga itti salaatamee booda carraaqqiifi roorroo meeqaan kaartaan akka kennamu eenyunuu ni beeka. Masjiidota gurguddaa akka Anwaarii fi Masjida Nuur (Baniin Safar) dabalatee kanneen bara Haylesillaaseetii jalqabee Finfinnee keessa turanillee kaartaa kan argatan 1990moota keessa yeroo Obbo Arkabee Qubaayi kantiibaa turaniidha. Kanumaa wajjin, Masjidni Anwaar bara Xaaliyaanii kan ijaarame yoo ta’u, Masjidni Nuur immoo weerara Xaaliyaaniin dura kan tureedha. Masjiidonni kun qabsoo ummata Muslimaa adda hin cinneen ijaaramanii waggaa hedduuf achitti ibaadaa hojjataa kan turan ta'us waggoota kurnan hedduu booda kaartaa seera qabeessa argatan. Magaalota baay’ee naannoo lammiileen jiraatan keessatti, bakka bulchiinsonni maqaa ummataatiin aangoo qabatan jiranitti, maastar pilaaniin itti yaadamee masjiidota irraanfachaa kan jiran yoo ta’u, ummanni Musliimaa naannoo sanaa gaaffiin lafa Masjidaa isaan dadhabsiifnaan qabeenya ofii baasanii lafaafi mana bituudhaan kanuma itti salaataa jiran “masjiidummaaf hin eeyyamamne” jechuudhaan diiguun irra deddeebiin mul’achaa ture. Qorannoofi yaadannoo baay’ee booda adeemsa seeraatiin lafa mana amantii biroo irra baay’ee xiqqoo taate kennuun, kana jechuun bifa loogiin guutameen adeemsi tokkoof kaareedhaan kaaniif immoo hektaaraan kennuu dhaabbachuu qaba. Adeemsiifi hojimaanni loogiin guutaman kuniifi kanneen isaan fakkaatan hunduu qabsoo yeroo gabaabaa, giddu galaafi dheeraa majlisniifi Ummanni Muslimaa godhuun maletti jijjiiramuu hin danda’u. Masjiidonni har'a "seeraan ala" isaan jedhan kunniin halkan tokkotti ijaaramanii bulan osoo hin taane, inumaayyuu, osoma ummanniifi fi mootummaan beekuu Hawaasni Muslimaa waggootaaf itti fayyadamaa turan.

  • без подписи

  • Angaa’onni Iraan, dubartoota hijaaba hin uffanne adda baasuuf, bakkeewwan hawaasaa adda addatti kaameeraa fannisuu isaanii, poolisiin beeksise. Dubartoonni rifeensa isaanii utuu hin haguugiin argaman, “akka adabbiitti ergaa barreeffamaa bilbilaan akeekkachisi” akka ergamuuf poolisiin himeera. Kun “seera hijaabaa irratti mormii” ka’u hir’isuuf gargaara jedha poolisiin. Bara darbe shamarreen Mahsaa Aminii jedhamtu, seeraa hijaabaa cabsite jedhamuun to’annoo jala oolfamte booda, lubbuun ishee erga darbee biyyatti keessatti mormiin guddaa ka'eera. Erga Aminii ajjeefamtee booda, keessumaa magaalaa gurguddoo biyyatti keessatti, to’annoo jala oolfamuu utuu danda’anii dubartoonni hedduun hijaaba uffachuu dhiisuun mormii isaanii agarsiisa turani. Ibsi poolisii miidiyaa mootummaa Islamic Repablic News Agency irratti ba’e akka eerutti, sirni kun kaameera “ogeessa” jedhamu fi maloota biroo fayyadamuun “kanneen seericha cabsan adda baasuun ragaa fi ergaa akeekkachisaa erga.” Bara 1979’tti Warraaqsi Islaamummaa hiikkaa seeraa amantaa ciccimoo erga hojiirra oolcheerraa eegalee, dubartoonni hijaabaan rifeensa isaanii akka haguugan seeraan tumeera. Dubartoonni seericha cabsan addabbii maallaqaa ykn hidhaatu isaan eeggata. Ibsi poolisii Sanbata ba’e kun, hijaabni “hundee guddina Iraan” keessaa tokko akka ta’ee ibsuun abbootiin daldalaa seera kana “sakkata’umsa cimaa” taasisuun akka hojiirra oolchan gaafateera. Dubartoota hijaaba hin uffanne irratti haleellaan hawaasaan raawwatamuus jira.

  • без подписи

  • MM Abiy Ahimad lammiilee Musliimaa galii gadaanaaf Maaddii qoodan Finfinnee, Bitooteessa 28, 2015 -Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad lammiilee Musliimaa galii gadaanaaf Afxiraa Ramadaanaa sababeeffachuun maaddii qoodaniiru. Sagantaa Maaddii qooduu kanarratti Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa, miseensota hojii raawwachiistota olaanoo Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee, qondaaltota olaanoo mootummaa, akkasumaas lammiilee Musliimaa galii gadaanaan jiraatan argamaniiru. Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad tibba darbe Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf gabaase dhiyeessan irratti, hawaasni Sooma Ramadaanaa fi Ayyaana Du'aa Ka'uun sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyiif maaddii akka qoodan waamicha dhiyeessuun isaanii kan yaadatamuudha. Kana hordofees Finfinnee fi naannawaa biyyattii birootti maaddii qooduu fi gochaaleen tola ooltummaa biroon gaggeeffamaa jiru. #Oromiyaa #Ityoophiyaa

  • без подписи

  • Haala Yeroorratti ibsa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarraa kenname Finfinnee, Bitooteessa 28, 2015 Haala yeroo biyyattii ilaalchisuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaan ibsa kenneera. Haaluma kanaan Birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsaa biyyattii eegsisuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa  hunda galeessaa cimaa tokko ijaaruuf kallattii kaa'eera. Bu'uuruma kanaan humnoota addaa tokkoon tokkoon naannolee gara caasaa nageenyaa akka seenaniif sochii qabatamaa gaggeesuu eegaluu ibseera. Miseensota humna addaa naannolee akka filannoo fi fedhiii isaaniitti Raayyaa Ittisaatti, Poolisii Federaalaatti yookaan miseensummaan Poolisii naannoleetti makamuu danda'u. Yaada kanarratti hoggantoota fi miseensota humna addaa waliin waliigalteerra ga'ameera. Kanaan duraa hoggantoota naannoleen qorannoo gaggeeffameen bu'aa argame garaagarummaa tokko malee waliigalteerra ga'ameera. Hojiileen kunneen akka hojiirra oolan ummanni gaafachaa tureera. Kana hordofees sochii qabatamaan eegalameera.

  • без подписи

  • 🛑Qarshii Kuma 10 kan baasu dhiirota 600’tti nu barbaachisa. Maqaa Akkaawontii “ Markaz Daarussalaam” Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa :- 1000512577192 Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa:- 1014200050856 Baankii Awaash:-  014251146550800 Erga tana namoota biraatif share godhuun namoottan kheeyrii barbaadaniif heeru kennuun ajrii haa baay’ifannuu. Rabbi nurraa haa qeebaluu. Nagahee ittiin galii gootan karaa keessatiin nuuf ergaa. Kan asii gaditti nu duuban suuraa irratti dhaabbatee argamu, obboleeyyan teenna sagallan islaamummaa fudhatan keessa nuun wal arguuf Boorana irraa hanga Jinkaatti yeroo dhufan suuraa waliin kan kaanedha. Markaza daarussalaamif kutaa dabalataa ijaaruf yokaan ijaarsa markazichaa xummuruuf yokaan odeeffannoo dabalataa yoo barbaaddan Sagallan islaamummaa fudhatan keessa tokko kan ta’ee Amiira Markaza Daarussalaam Dr. Galgaloo Areeroo Bilbila 0910108866 tin qunnamuu ni dandeettan.

  • Warroottan Islaaman Saglanii fi Waa’ee keenya 🛑🛑🛑🛑🛑🛑🛑🛑🛑🛑🛑🛑🛑 Naannoo Booranaatti uummannii isaanii islaamummaa akka hubataniif Mindaa isaanii irraa muranii walitti buusun akkasumas namoota garaagaraa hirmaachisuun hanga danda’an qabsaa’a jiru. Sagallan Islaamumaatti dhufaniidha. Isaan keessaa namnii saddeeti Yuunversitii yeroo barachaa jiranitti gara islaamummaatti kan dhufaniidha. Naannoo Booranaatti sababa hongee waggoottan darban tureetin qaamottan kafarsiison barattoota kumaatamaan lakkaa’amtu, isanii barsiifna jechuun amantii isaanii, kan maatii isaanii fi firoottan isaanii jijjiirsisun wanti hojjatamaa jiru isaan yaaddesseera. Fakkeenyaf dhaabbatnii tokko qofti barattoota kuma tokkoo ( 1000 ) baruumsa isanii barsiifna jechuun maatii isaanii irraa fuudhanii amantii isaanii jijjiirsisu irratti hojjachuu isaanii dhiyeenyatti argaa jiru. Isaanis humna qabaatanii baldhinnaan diinaa isaanitiif hojjachuuf kakka’uumsa guddaa qabu. Humna xiqqaa qabaachu waliin harka isaanii mammaratanii hin teenye. Hanga humna isaanitti hawaasii isaanii diinaa akka hubatu gochuuf waggaa lamaan duratti Majlisa Naannoo Oromiyaa irraa “Markaza Daarussalaam” jechuun heeyyama fudhatanii sochii isaanitiif kan akka Sheekh Alii Jimmaatin gargaarsifatanii Godina Booranaa Magaala Yaaballootti barattoota shantamii jaha (56) fudhatanii barsiisaa jiru. Barattooti yeroo baruumsa isaanii xummuran gara maatii isaanitti deebi’uun hawaasa isaanii diinaa akka barsiisan karoorfatan. Humna qabaatanii akka qaamolee biraa barattoota kumaatamaan lakkaawaman fudhachuu baatanis barattoota dhibbaatamaan lakkaa’aman fudhatanii humnoota kafarsiisoo naannoo isaanii marsaanii jiran dura dhaabbachuun ijoolle hanga danda’an adoo barsiisanii gammachuun isaanii daangaa hin qabdu ture. Garuu kan humna isaanitiin godhuuyyuu dhiisii ijaarsa markazaa kan qabsoo meeqan jalqabameeyyuu xummuruu dadhabanii dhaabuf dirqamanii jiru. Osoo haala kana keessa jiranuu ji’a darbee keessa gara jinkaa dhufuu keenya yeroo dhagahan, yeruma sun Dargaggootii torba (7) nu qunnamuuf rakkoo keessa jiran nu waliin qoodachuuf furmaata barbaadun akka gargaarru nutti himuuf Boorana irraa kiiloo meetira 215 deemuun hanga jinkaatti dhufanii, jinkaatti wal agarre. Rakkoo naannoo isaanii keessa jiru naaf ibsan. Dargaggootii jaalala isaan diinaa isaanitiif qabaniin, ofuma isaanii irraa ka’uun qabsoo isaan godha turan yeroo dhaga’uu baay’ee dinqisiifadhe. Uummannii isaanii adoo diinaa hin hubatin qaamaa kafarsiison akka hin fudhatamne yaaddoo isaan qaban ilaalee Rabbiin oobjuun isaanii bakkaan haa gahuufii. Waggoottan muraasan duratti amantii islaamummaa fudhatanii amantii isaaniitif yeroo akkana qabsa’an, sochii warroottan saglan islaamummaa fudhatan gargaaruf nuti hangam tokko qophii? Ati hoo? Isan hoo? Obboleeyyan teenna ta booranaa tun akkana jechuun gaafii isaanii naa dhiyeessan. “ Ijaarsa Markazaa kan jalqabne nuuf xummuraa. Akkuma qaamotaa biraa barattoota kumaatamaan lakkaawan fudhannee barsiisu barbaanna. Nu gargaara. Yoo kana dadhabdanis barattoota fudhachuun humna keenya akka guddifannu, kutaalee dabalataa nuu ijaara. Kan biraa yo hafellee Mazkaza jalqabne xummuruu irratti nu gargaara. Karaa garaagaraatin nu bira dhaabbadha. “ Waggoottan muraasan duratti amantii islaamummaa fudhatanii hawaasa isaanitiif yaadda’anii mindaa isaanii ji’aan irra muruu bira dabree sochii dargaggoota tanaa bira dhaabbachuuf hagam qophii jirtan? Ati hoo? Isan hoo? Waggoottan muraasan duratti amantii islaamummaa kan fudhatan obboleeyyan teenna tun diinaa isaanitiif yoo akkana dhama’an hawaasa isaanii qaamoleen kafarsiison akka hin fudhanne osoo qabsaa’anuu, Nuti warroottan waggoottan hedduuf islaamummaa keessa turre, hangam tokko gahee keenya bahaa jirra? Godina Booranaa Magaala Yaaballootti kan argamu “Markaznii  Daarussalaam” ijaarsaaf xummursiisuf wanti isaan barbaachisu qarshii Mil. 6 qofa. Qarshii tana cufuuf 🛑 Qarshii Mil. 1 kan baasu dhiirota 6. 🛑 Qarshii Kuma 500  kan baasu dhiirota 12 🛑 Qarshii Kuma 100 kan baasu dhiirota 60 🛑Qarshii Kuma 50 kan baasu dhiirota 120

  • Yeroo Jalqabaatif Ameerikaatti Dubartiin Muslimaa Uffannaa Hijaabaa Uffatte Haadha Murtii ta'uun Muudamte! Lammii Ameerikaa 🇺🇸 kan taate Doktar Naadiyaa Khaaif Kutaa Bulchiinsa Niiwujarsii khewssatti Haadha Murtii ta'uun Muudamtee Jirti. Ani dubartoota muslimaa idila addunyaa mara bakka bu'ee Ameerikaatti haadha murtii ta'ee muudamuu kootti baayyeen gammadee jira.haqummaa fi adaba islaamummaa irraa baradheen tajaajila haqa qabeessa kennuuf waadaa nin seena jette. Maashaa Allaah