- Последний пост
- 11 июл.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Goota Elemoo Qilxuutis tahe, Hundee Dhaabaa, Taaddasaa Birruutis tahe Laggasaa waggii dura waggoota meeqa dursee sabaaf warreegamuun billiqqii biiftuu qabsoo bilisummaa Oromoo dhiigaan addeesse kana maqaan isaa hanga kaafamuu qabu osoo hin dhawamiin awwaalamee hanga ammaa hafuun isaa waan Hedduu nama gaddisiissuu dha!!. "Sa'aa Abbaan Gaafa Cabse Ambitti ija jaamsitti" ja'anii mitiree!!. Seenaan bara baraan Goota Gootarra Dhiiraa Jaal Ramadaan Husseen Haa Yaadatu. Rabbi Jannataan Haa qananniissu. #Horaa_Bulaa Deebanaa. Seenaa Oromo Madda Beekumsaa fi Oddeefannootti. Follow fi Like Gochuun hordoofaa!!.
Qeerroo Oromoo Mataa tuutaa tan biyya keessattis mootummaa diinaa isaanii tahen falmanii, dadhabnaan deeggarsa biyya ambaa itti kadhatanii, ofiif warreegamanii Saba isaaniitiif dukkanaa ibsuuf gammoojii Yamanii ka'anii, gammoojiii Soomaaliyaa osoo qaxxaamuruuf jadhan Kokkee Waraana Ziyaad Barree jidduuti qarqabamuu mudatan kana keessa dargaggoo Onneen Gaaraa, Goota Lapheen sibiilaa tahe tokkootu ture, Ramadaan. Loltoonni Ziyaad Barree kuun oliin taankii fi Xayyaararraa xuluubsaa bubbu'uun, kuun lafoo dallayya tahanii marsuun, akka qeerroon hidhannoo lafa kaayyanii fi bakka jiranirraa hin sassoone qajeelfama kennan. Qeerroon Oromoo Saba Bal'aa Oromoo keessaa bahanii kophaa biyya ambatti diinaan marfamte tunnis,"#Nutti_Warra_Mootummaa_Soomaaliyaa-mormuu_miti, nutti Saba Naf*anyaan biyya nurraa fudhattee, lafa teenyarratti waan nu gabroomsaniif bilisummaa argachuuf qabsaa'uuf deemu malee isinii wajiin #rakkoo_hin_qabnu. Biyya keessan keessa darbuu qofa barbaanna malee dhimma tokko biyya keessanirraa hin qabnu....." jechuun Loltoota mootummaa Soomaaliyaa amansiisanii bira darbuuf yaaliin taasisanis hin milkoofne. Loltooni Soomaaliyaa "#isin_Osoo_nu_hin_hayyamsiisin_biyya_keenya keessa akka feetanitti seentanii baatu, biyyi keenya araddaa abbaa keessanii seetan moo...." jechuun akka harka kennan yookiin akka isaan rukkutan qeerroo ganamaatti akkeekkachiissan. Yeroo kana keessa ture dargaggeessi Onnee Gaaraa, kan lapheen Sibiilaa "#erga_diinni_diina_tahefuu rukkuteen du'a malee harka kenne hin du'u, harka kennee booji'amuuf miti kaniin manaa bahef, diinni Oromoo kan manaatis, kan alaatis diinni diinuma, tokkumma, lubbuun koo isin obboloota kiyyaaf fidaa haa taatu, ani osoon lubbuun jiruu isin nadura rukkutamtanii du'a keessan ilaalu hin fadhu...." jadhee Jaallan qabsoo isaa miseensa qeerroo ganamaatiif dhaamsa dabarsee, meeshaa waraanaa harkaa qabu gara loltoota Soomaaliyaati gara galche. Garuu maal godha gaa loltoonni mootummaa Soomaalee jalqabayyuu qophaa'ani eegachaa jiran, isa dursanii rassaasa itti roobsan. Warreegamni Qabsoo bilisummaa Oromoo kan maqaa Dhaaba ABO tiin gaggeefamuus yeroo duraatiif achitti kaffalamuu gaafate. Warreegama kana kaffaluun, duungoo bilisummaa Oromoo dhiiga isaatiin gammoojii Soomaaliyyaa keessatti namni jalqaba qabsiise kunnis #RAMADAN_HUSSEEN_KALIIL goota Oromoo maqaan isaa dhokate kana tahe. #Ramadaan_Husseen_Kaliil Akka lakkoofsa faranjii bara 1945 Ona Ituu Carcar, toora kaarra qurqurraa naannoo Laga Arbaatti akka dhalate himama. Ramamadaan dhimma sabaarratti warra laayyoo hin qabne, warra Maqaan Badduu mannaa mataan badduu wayya ja'ee gootummaan ummata ofiitiif if warreegu, warra goototaa kan Kanniisaan duule diinarraa qawwee hiikatu, warra nama ganuu hin beekne kan si dura lubbuu ofii siif dabarsee laatu ilmaan Kura Galaanirraa dhiira uumamee as burqee dha. Gameessa Aadaa fi hooda kana keessatti guddatee daraare dha. Ramadaan ilma Adeera #Dr_Sheikh_Mahammadrashaad_Abdullee kan tahe ilma #Husseen_Kaliili. Hortee warra #Ituu_Baayee ti. #Ramadaan Husseen Kaliil osoo Sahillitti warreegama qabsoo Oromoo isa jalqabaa tahee hin warreegamin dura, tuuta qeerroo ganamaa keessatti malayyii dhimma Alaa WABO tahun tajaajilaa ture. Gita hojii isaa kana keessattis milkaa'ina guddaa galmeessuun gahuumsa isaa hojiin goota agarsiisuu dandayyee dha. Warreegamuu Ramadaaniin booda, Jaarraa Abbaa Gadaa fi miseensonni Qeerroo ganamaa hafan #35 qabamanii Soomaaliyaa magaalaa #Barbaraa mana hidhaa #Mandheeraa jedhamutti, Onkoololeeysa 10 bara 1970 hidhaman. Walii galatti wagga 5 fi guyyaa 12 akka mana hidhaa keessa turan ragaan ni addeessa. Miseensi Qeerroo ganamaa fi billiqii biiftuu bilisummaa Oromoo #Ramadan_Husseen_Kaliil nama shiileessaa qabsoo Bilisummaa Oromootaa tahuun lubbuu isaa dabarsee kennuuf hiriiree qofa osoo hin tahin, murataa seena dagatamuun hin qabne dhiigaan ummata Oromootiif barreesse, kutataa guyyaa cinqii ti.
#Qeerroon_Qabsoo_Bilisummaa_Oromoo_Hammayyaa_Keessatti_Jalqaba_Warreegame_Eenyuu?. #RAMADAAN MAALIIF DAGATAME?. Gootichi Oromoo Soorreessi Jaarraa Abbaa Gadaatiis tahe miseensoonni Qeerroo ganamaa hanga ammaa lubbuun jiran tokko tokko waa'ee hundeessuu ABO, eegallii qabsoo bilisummaa Oromoo fi wa'ee Qeerroo Ganamaa hogu haasawan yoo dhageessan maqaa dargaggoo tokkoo irra daddeebi'anii ni kaasu. Dargaggoon kun eenyu?!. Goota Saba isaa biratti DAGATAME!!. Qeerroon Ganamaa marsaa 1ffaa fi marsaan 2ffaanis erga leenjii fi deeggarsa meeshaa waraanaa biyyoota ambarraa argatan booda, jiddu gala qabsoo biyya keessaa #battala_Carcar_Xirrootti gaggeessuuf sababni murteessanii fi gara carcar imaluuf karoorfachuun isaanii wanni namatti agarsiissuu yoo jiraate, miseensi baayyeen Qeerroo Ganamaa ilmaan Oromoo Ona Ituurraa tahuu isaanii fi battala qabsoo carcar Keessa jirtuu duraanumayyuu sirritti kan beekan tahurraa akka tahe hubachuun salphaa dha. Qabsoon Bilisummaa Oromoo bifa hammayyaan biyyoota Ambaa keessatti unkuramtee, san boodas gara biyyatti as tarkaanfattee Harargheetti gaggeefamuu jalqabde keessatti, warreegamni lubbuu inni jalqabaa kaffalame lubbuu ilmaan Oromoo Ituu akka tahe wal nama hin gaafachiissu. Warreegamni qabsoo sochii bilisummaa bifa hammayya "A" jattee kan eegalte gootota Ituu Akka Ramadaanii (Biyyaa Alatti) fi Hundee Dhaabaa (biyya keessatti) tiin tahuusaa seenaan qabsoo bilisummaa Oromoo ragaa dha. Arraaf warreegama jalqabaa biyya keessatti kaffalame mooggaatti dhiisnee warreegama bilisummaa Oromoo biyya ambaa keessatti yeroo jalqabaatiif kaffalame haa ilaalu. Asirratti Maqaan Dargaggoo Goota gootarra dhiiraa tokkoo osoo hin kaafamne darbuun irbuu dha. #Ramadaan_Husseen_Kaliil. Dubbichi akkanaan jalqaba. Seenaa qabsoo Qeerroo Oromoo yeroo ammaa Oromiyaa bira taree Itoophiyaa guutuu keessatti shoora guddaa taphachuu dandayye kana gadi fageenyaan hubaachuuf seenaa Dargaggoota Bilisa Baaftoota Oromoo/ Qeerroo Gananaa ofduuba dachaane ilaaluun dirqama nutti taha. Tuutni Qeerroo Ganamaa ABO Erga hundeessan booda, hojii Diploomaasii ulfaataa hojjataniin loltoota Oromootiif biyya Yemenitti leenjiin waraanaa Kumaandummaa fi leenjii siyaasaa addunyaaleessaatiin ofcimsanii, akkasumas barnoota hammayyaa yeroon isaan gaafattus fudhatanii, deeggarsa meeshaa waraanaa biyyoota Syria fi Iraq irraa argataniin deeggaramuun hidhannoo guutatanii gara biyyaa seenanii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo bifa hammayyaatiin gaarreen Carcar Keessatti balaqqiissuuf imala gara biyyaa ofii jalqaban. Marsaan duraa miseensa wabo Qeerroo ganamaa jechuun kan beekaman, Qeerroo ciccimoon 36 gara Oromiyaa lixanii akka seenanii fi san booda kutaa oromiyaa hunda keessatti warraaqsa bilisummaa qabsiisuuf ofqopheessaniin amni jalqabame. Yoo kana Qeerroon Ganamaa hooggansa Abdukariim Ibraahim(Jaarraa Abbaa Gadaa)tiin Onkoleessa 7/ bara 1970 Yaman Edanirraa doonii lamatti Meeshaa waraanaa fe'atanii gara biyyatti qaceeluun, halkaan lamaa fii guyyaa lama booda xarafa biyya Somaaliiyaa gahan. Akkaatuma karoora dheeraa qabatanitti gaarreen carcar seenanii qabsoo waraana diddaa gabrumma jalqabuuf dura gammoojii Soomaaliyaa qaxxaamuruun dirqama itti taate. Kanuma milkeessuuf deemsa gara biyya abbaa isaanii jalqaban. Haa tahu garuu Bakki dooniin meeshaa waraanaa isaaniif fee'atte akka itti dhaabatuuf barbaadan Kaaba Soomaaliyyaa Zeeyilaa fi Asab jidduu ture. Garuu doggoongoora Shufeerii Doonichaa taasiseen bakka #Saahil_Kundhahar ja'amtutti bu'uuf dirqaman. Otoo meeshaa isaanii kaan ashawaa fi tussii keessatti awwaalatanii, uffata Waraanaa uffatanii, hidhannoo isaanii Ziinnaara mudhii guutatanii isaanumaa deemsaaf ka'ee loltoonni mootummaa Soomaalee Lafaa fi Samiin Taankii fi Xayyaaraan Qeerroo jajjabee akka sibiilaa tana marsan. Duuba Sahilii fi guyyaan kun warreegama qabsoo bilisummaa ummata Oromoo isa #jalqabaa taate Qeerroo tana gaafachuunsaa hin oolle.
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
20. Aadam Muhammad Alii(Laafaa) 21. Ahmad Nuur Alii(Arroo) 22. Ahmad Nuur Hassan 23. Abdulkariim Muhammad Ana's(Jifaaraa) 24. Muhammad Sheek Hassan(Nibarbaannaa) 25. Aadam Abubakar(Moluu) 26. Ahmad Muhammad Abdurahmaan 27. Muhammad Ibraahim Waday(Shantam Shubbisaa) 28. Ahmad Nuur Muussaa Na'ee 29. Abdallaa Bakrii 30. Muhammad Alii 31. Ahmad Umar Abdallaa 32. Ahmad Haashii 33. Hajjii Maamoo 34. Ramadan Husseen Kaliil 35. Abdurahman Muhammad Yonis(Tuujii) 36. Ahmad Yuusuf Ibrahim (Turee Leencoo). #Horaa_Bulaa Deebana Ituu Oromoo Post Madda Oddeefannoo fi Beekumsaa ti.
#Goottan_Gootarra_Dhiiraa!! TARREE MAQAA QEERROO GANAMAA 36!! Goototni ilmaan Ituu, Afran Qalloo, Humbannaa, fi Arsii Shanan barreentummaa keessaa Afur bakka bu'u. Akkumma beekamu Sirna mootummoota Naf*anyaa darban keessatti akka Saba tokkotti wal ijaaruun sossoo'uu dhiisiiti, akka nama dhuunfattuu ani Oromoodha jatte, eenyummaa kee afaan guutattee himatte jiraachuun yeroo warreegama nama gaafatu ture. Haa tahu Garuu, bara 1960ni irraa kaasee Oromoon sochii mirga ofii kabachiissu Iddoo hundatti wal ijaaree sossoo'uurraa wanti ofduuba deebisuu dandayye hin jirtu ture. Ilmaan barreentummaa akka sabaa ti roorroon alagaa waan itti heddummaachaa dhufeef mana teenye du'uurra falmannee du'uu wayya yaada ja'uun gurmiin qabsaa'uu jalqaban. fincila Oromoota Ituu, Fincila qotee bulaa Baalee fi diigamuu sochii Tuuta hawwissoo afran Qalloo fi kkf booda, walitti dhaamanii, bilisummaa ofiitiif falmachuuf gara biyya ollootaa qajeelan. Soomaaliyaa, Yamani, Egypti hanga Iraq akkaata mootummoota biyyoota kanarraa deeggarsa itti argachuu dandayyan haala mijjeeffachuun qabsoo hammayyaa jalqaban. Barri isaa sept 5, bara 1969 ilmaan Oromoo bareentummaa namni 51 gahan, hoggansa Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu, Mullis Gadaa fi kkf niin qajeelfamanii, biyya Soomaalee Moqqaadishooti, boqqoonnaa qabsoo bilisummaa Oromoo bifa haarawaan falmachuuf biqiltuu #ABO jattu gadi dhaaban. Gurmuun tunnis baqqatoota Oromoo gara biyya Soomaalee fi Arabaatti dhangalaa turan baayyee ofitti dabalachuun Leenjii Loltummaa Biyya Yaman kibbaa, Edanitti Kaambii loltoota Eertiraa wajiin akka fudhatan Arab Leaguen hayyamameefi. Leenjii tanas qixxa gahan erga fudhataniin booda gara biyyaa qajeelan. Gurmii isaanii miseensa 36 qabdu tanaanis #Qeerroo_Ganamaa jechuudhaan of moggaasan. Namni Maqaan Ramadaan kan seenaa isaa Post kaleessaarratti ibsine Sahillitti kan warreegame yoo tahu, Jaarraa Abbaa Gadaa dabalatee 35 hafan mootummaa Ziyaad Barree kan yeroo gabaabdu san qofaaf firummaa Mootummaa Haayilasilaasee wajiin horateen qabamanii murtiin du'aa itti kennamte. Yeroof murtiin du'aa sun osoo irratti hin raawwatamiin turuun mana hidhaa #Mandheer, Soomaalii laanditti waggaa 5 fi guyyaa 12 erga hidhaman booda dhiifamaan gadi lakkifamuu dandayyan. Itti aanaa hoggansaa yeroo sanii kan ture #Elemoo_Qilxuu yeroo Qeerroon ganamaa Humna mootummaa Somaaliyaa harkatti kuftu sanatti wajiin hin ture. Hoggansi Tokkooffaa Jaarraa Abbaa Gadaa waan tuuta kanaa wajiin marsaa durarratti sochoo'uuf murteesseef, Elemoo Qilxuu yeroo kana achu yaman loltoota ABO kaambii leenjii ti hafan hogganuuf hafe. Haa tahu Elemoonis oduu Qeerroon ganamaa tan marsaa duraa too'annaa mootummaa Soomaaliyaa jala seenan jattu tun hammilee isa hin tuuyne, inumaa daran imaanaa gateetti isarratti kuftee galmaan gahuuf bara 1973 Qeerroo ganamaa Marsaa lammaffaa hogganuun, Ona Ituu Carcar Xirrooti qajeeluun gaarreen carcar irratti ibida qabsoo bilisummaa qabsiisuun, goota imaanaa Sabaa lafa hin keenye tahuusaa dhiigaan nu barsiise. #Maqaa_Miseensoota_Qeerroo1Ganamaa_marsaa_1ffaa, Ramadaan dabalatee kaneen Mandheeritti waggaa shan hidhamanii bahanii akka armaan gadii kanatti isiniif dhiheesina. 1. Abdulkariim Ibrahim Haamid (Jaarraa Abbaa Gadaa) 2. Abdulkariim Aadam Lakkuu (Sooraa) 3. Mahamud Sheek Muhammad Umar Bookee 4. Umar Abubakar Ibraahim 5. Muhammad Abdulkariim (Areedoo) 6. Muhammad Abdullaahii (Koosum) 7. Bakrii Ibraahim (Abbaa Fatoo) 8. Barii Ahimad Baabilee 9. Muhammad Ahimed Umar (koormooso) 10. Muhammad Abdulqaadir Shaltaataa 11. Ahammad Nahaammad Umar( Caalaa) 12. Muhammad Abdullaahii Alii(Muudee) 13. Ahmad Muhammad Muussaaa (Mullata) 14. Muhammad Kabiir Iissaa(Jarjarso) 15. Ahmad Muhammad Usmaan (Daammacaa) 16. Muhammad Saanii Umar (Horoo) 17. Husseen Abbaa Waaqaa(Baale) 18. Jamaal Abdulqaadir 19. Ahmad Iissee
без подписи
SEENAA INJINAR TASFAAHUUN CAMADAA Kutaa 2ffaa Yakka dharaa miseensummaa ABOtiin himatamee jireenya mana dukkaanaa waggaa fi ji’a sadiin duubatti Adoolessa bara 2008 mana murtiitti kan dhiyaate Tasfaahuun Camadaa, gaafa 31/03/2010 dhaddacha barcuma ilmaan Tigraayiin guutameen murtii hidhaa umurii guutuun akka hidhamu itti murteeffame. Du’a isaa arguun malee murtii kamiinuu quufuu kan hin dandeenye mootummaan wayyaanees, gaafa 04/04/2011 mana hidhaa keessaa milquuf karoorfataa jirtu jedhee sobaan yakkuudhaan Masfin Abbabaa fi Tasfaahuun Camadaa mana hidhaa keessaa ukkaamsee ciraa dhabamsiise. Gartuun Qorattootaa ilmaan Tigraay suduudaan Mallas Zeenaawwiin qajeelfamu bool’a keessatti bool’a biraa qotee, dukkana keessatti dukkana biraa qopheessuun hanga qaamni isaanii bututee sammuun isaanii hadoodutti reebichaan hunkuteesse. Dirmammuu qaamaa, madaa onnee fi godaannisa sammuu irraa fayyuu hin dandahamneen kan eele Tasfaahuun Camadaa dhukkubsatee akka hin yaalamne taassifamuun gaafa 24/08/2013 du’aan Addunyaa kana irraa boqate. Qarriffaan bulguu lafee ilmaan Oromoo qulqulluu qorquu barates dhiiga Injinar Tasfaahuun Camadaa qeensee habbuuqqate. “Bilisa ta’eee dhaladhee, bilisa ta’ee jiraachuu dhorkamus bilisummaa kiyyaaf qabsaawaa du’uu irraa kan na dhorkuu danda’u humni tokkollee hin jiru, hin jiraatuus!” jechuun kan beekamu Injinar Tasfaahuun Camadaa, adeemsa daddagalfataa fi ulfaataa eegale galmaan gahuuf milkii itti dhabee aarsaa lubbuu ilmaan Oromoo kumaatamni Oromummaa isaanii qofaaf kanfalaa turanitti baasuun kichuutti cabee hafuuf dirqame. Haata’uutii gootumaan, qarummaa fi fakeenyummaan Injinar Tasfahuun Camadaa seenaa qabsoo Oromoo keessatti yomiyyuu cululuqee jiraachuun isaa Dirqama. Seenaa Oromoo
https://t.me/Accepttelegramstarsbot?start=_tgr_kjF7qYw5YjI0
Sooddoon lafa abbaasaa Oromoorra kan jiraatuufi aadaasaa kabajee kunuunsee eeggatee hidda sanyii Oromoo Oromummasaatiin boonudha. 👇👇👇👇👇👇👇👇 Chaanalii fulla facebooki https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid0dxqLdupQWwmXq68rEv5gUjdhzsdYC3EsgbDi8PU92sp8eNYXHBB2urCsFhmZrFebl&id=100070310832056&mibextid=Nif5oz
#Sadan_Sooddoo Tuulamni Ijoollee sadii qaba.Isaanis Daaccii, Bachoo fi Jillee dha. Yeroo mara namooti hedduun gaafa maqaa Sooddoo jedhu dhagayan akka qomoo Guraageetti kan ilaalan hedduu dha. Sooddoon ijoollee sadii godhatee lafasaa maqaasaatiin moggaafatee irra jiraachaa ture. Sadan ijoollee sooddoo; Odituu, Ummee(Tum’e) fi Liiban jedhamu. Isaan kunniinidha kan har’a sadan sooddoo jedhamanii beekaman. Lafti Sooddoo naannoo Shawa kibba lixaa, Kibba laga Hawaas (Awaash)irraa hamma Arsiisi fi daangaa naannoo uummattoota kibbaa ga’a. Karaa kaabaa immoo Bachoofi Galaan, Kraaaa lixaa, Waliisoo wajjin wal daangessa. Giddu galli siyaasaa fi amantii Odaa Nabee yoo ta’u,giddu galli heeraafi seera kan itti tumaniifi labsii labsan Odaa kallachaa jedhama. Aanoti Sooddoo ,Daacii , Walisoo, Tolee, bu’ii, Qarsa Maalimmaan fi Soddoo Daacii yemmuu ta’u karaa ba’aatiin Maqii dugdaa, karaa kibbaatiin, aanaa bu’iitiin daangeffama. Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalle Sooddoon ilma daaccii yeroo ta’u, Daacciin Ilmaan sadii godhate sadan sana keessaa inni tokko Sooddoo dha. Isaan kaanimmoo Galaaniifi Aboo jedhamu. Goototni ilmaan Oromoo lakkaa’amanii hindhuman. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti Taddeesee Birruu, Abdiisaa Aagaa, Waaqoo Guutuu, Oliiqaa Dingilii fi kan kana fakkaatan yeroo mara kaafna. Egaa goototi kunniin, Ilmaan Oromoo fi lafa Oromiyaa naannoo adda addaarratti kan dhalatan ta’uun beekamaadha. Akkuma kana ilmaan Oromoo damee Tuulamaa warra sadan sooddoorraa goototi dhalatanis hedduudha. Bara Xaaliyaaniin biyya keenya weerarte gootummaa olaanaa raawwatanii diina biyya weeraruu dhufe wajjin kokkee walqabanii gootummaa isaanii kan mirkaneessan ilmaan Oromoo baayi’ee maqaa dhahuun ni danda’ama.Abdiisaa Aagaa,Jeneraal Taaddasaa Birruu Oliiqaa Dingilfi isaan kaanis maqaa dhahuun ni danda’ama. Gootota Oromoo dame Tuulamaa ilmaan sadan Sooddoo keessaa hedduu maqaa dhayuun ni danda’ama. Duula Xaaliyaanii 1ffaa fi 2ffaa irratti kan hirmaateefi Duula Maqaleefi aduwaarratti gootummaa guddaa kan raawwatanii beekamtii guddaa argatan keessaa kan maqaansaa akka biyyoolessaatti waamamu Dajjaazimaachi Baalchaa Safoo (abbaa nafsoo) damee Tuulamaa ilma Oromoo hidda Sooddoo ta’uunsaa beekamaa dha. Gootootni sadan Sooddoo heddumminaan haa jiraataniyyuu malee akka fakkeenyaatti goota jalqabaa kan ta’an Suuraa Goota Sooddoo, Baalchaa abbaa Safoo (Abbaa Nafsoo) kanatti Fayyadamneerra. Dajjaazimaachi Baalchaan bulchaa naannoo Sidaamoo fi boodammoo Harar ta’uun tajaajilaa turaniiru. Xaliyaaniin lafa abbaa isaanii weeraruuf yeroo dhufe sana rukutuudhaan gootummaa guddaa raawwataniiru. Baalchaan Dajjaazimaachi Baalchaan Soorama ba’anii utuu jiranii Xaaliyaaniin deebitee biyyaa weerartee jennaan dulloomeera jedhanii utuu hin taa’in umrii waggaa 73ffaa isaatti,”… biyyi koo diinaan weeraramtee gabroomuu ishee taa’ee hin ilaalu jechuudhaan, xaaliyaaniitti duulanii utuu lolanii lubbuun isaanii dabarte. Goototi ilmaan Oromoo Sooddoo isaan qofaas miti, Gootota lafti Sooddoo biqilchite keessaa gootummaa isaaniitiin kan beekaman Dajjaazimaachi Baqqalaa wayyaa Obsees isaan tokkodha. Gootummaa olaanaa raawwataniif maqaa isaaniitiin manni barumsaa finfinnee keessatti moggafamee yaadannoof jira. Gooti ilma Oromoo lafti Sooddoo biqilchite keessaa kan gootummaa isaaniitiin beekaman, Dajjaazimaachi G/maariyaam Gaarii Godaanadha. Gootummaa isaanii kanaafis yaadannoo akka ta’uuf maqaa isaaniitiin magaalaa Finfinnee keessatti kan argamu manni barumsaa Lise G/Maariyaam jedhamu maqaa isaaniitiin moggaafame.Yeroo baayi’ee garuu maqaan abbaafi akkaakayyuu isaanii barreessitoota mootummoota dabraniin hin ibsamne. Egaa kabajamtoota dubbistootaa! goototi sadan Sooddoo baayi’eedha.Kan akka Dajjaazimaaci Ganamee Badhaanee, Fituwararii Merdaasaa Gadaa,Fituwraarii Taddesee Gananame, Qenyi azmach Bayyanee Guddataa Awaash, akka akka fakkeenyaatti kaasuu dandeenya.
без подписи
Haala akkas dabaan xaxameen Injinar Tasfaahuun Camadaa fi Injirner Mesfisn Abbabaa gara Maa’ikalaawwii, qilee lafee Oromoo qaqqaalii qorxomsee ammallee guutuu didee kan biraa dabalachuuf afaan banee taa’utti, kan darbataman. Maikalawwii keessatti waggaa tokko fi ji’a sadii guutuu reebicha fi dararama daangaa hin qabne jalatti qoratmaa bahan... itti fufa Seenaa Oromoo
SEENAA TASFAAHUN CAMADAA GURMEESSAA (1976-2013) Kutaa 1ffaa Injinar Tasfaahuun Camadaa abbaa isaa Obbo Camadaa Gurmeessaa fi harmee isaa Aadde Giddinesh Beenyaa irraa bara 1976 tti godina Horroo Guduruu Wallaggaa , aanaa Guduruu, ganda Harbuu jedhamutti dhalate. Tasfaahuun, carraa dhiphoo ilmaan Oromoo waanjoo gabrummaa jala jiraatanii barachuuf qaban argatan keessaa nama tokko ture. Umuriin barnootaaf isa gahees barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi gidduu galeessaa mana barumsaa Looyyaa fi Finca’aatti barachuun, kan sadarkaa lammaffaa ammoo magaala Shaambootti itti fufee bara 1996 xumure. Qabxii olaanaa galmeessuunis Yuunvarsiitii Finfinnee seenee gaafa Adoolessa bara 2001 Digrii jalqabaan (BSc) Civil Engineering eebbifame. Erga eebbifameen booda: Fulbaana bara 2004 hanga Amajjii bara 2005 tti supha daandii Arsii- Baalee, projektii Abbaa Taayitaa Daandii Baadiyaa Oromiyaa fi projektii gamtaa misooma baadiyaa Arsii- Baalee Ityoo Xaaliyaaniin durfamu ‘unit’ manaajerummaan; Projektii daandii Dagalee-Birbirsaa RR50 (regular project in Salle-Nonno District in extreme South-west of Ilu-Abba-Bore Zone); Projektii daandii qubatiinsaaf afur si’a takkaan deemaa turan: Kone-Cawwaaqaa, Baddallee-Kolosirri, Gachii-Catee fi Yaanfaa- Ballattii; Akkasumas ijaarsa waajira aanaa Cawwaaqaa magaalaa Iluu-Hararitti bu’uureffame projekti manaajerii ta’uun yoo dalagu; Onkoloolessa bara 2001 hanga Adoolessa bara 2003 tti ammoo projektii Siree-Nuunnuu-Arjoo RR50 godina Wallaggaa ‘site engineer’ ta’uun, Tasfaahuun Camadaa saba isaa tajaajilaa ture. Sababaa shakkii fi jibbinsa Wayyaneen ilmaan Oromoo qaroo irratti qabdu irraa Tesfahunsi dararamni itti baayyatuu irraan fi lubbuun barbaadamuu irraa biyya lakkisee jalqaba bara 2005 gara Keeniyaatti baqachuuf dirqame. Keeniyaa magaala Naayiroobiittis dhibdee fi dararaa hojjetee jiraachuuf isa rakkisee, biyyaa bahuuf murtii isa fudhachiise waajjira Mootummoota Gamtoomanitti Koomishinera Ol’aanaa Dhimma Baqattootaa (UNHCR)tti himachuun, nama nagaa roorroo dheessee nageenya ofiif dahannaa gaaafatu ta’uun gaafa mirkanaa’u waraqaa jireenyaa fi sochii UNHCR irraa argatee ture. Haa tahu malee sababaa gahaa fi qabatamaa osoo hin qabaatne gaafa 27/ 04/2007 walta’iinsa mootummaa Keeniyaa fi Wayyaneetiin waahila isaa hireen baqattummaa waliin isaan irra geesse, Injinar Masfin Abbabaa Abdiisaa waliin ukkaamfaman. Dhaaba gaaddidduu mootummaa Ameerikaan hundaa’e biyyoonni akka Ugaandaa fi Keeniyaafaa miseensa itti ta’an, Joint Anti-Terrorism Task Force (JATT) jedhamu keessatti miseensa kan taate Itoophiyaan dahoo maqaa shororkeessitummaa adamsuu jedhuun ilmaan Oromoo baqattummaan biyyoota ollaa ishee jiraatan ukkaamsaa jiraachuun ishee beekamaa dha. Haaluma kanaanis Tasfaahun Camadaa fi Mesfin Abbabaa yakka dharaa maqaa shororkeessummaan faaluun gargaarsa mootummaa Keeniyaatti dhimma baatee ukkaamsuun sababa shororkeessitoota gaanfa Afrikaa Finfinneetti qoranna jedhuun (JATT East African Main Branch Investigation in Addis Abbaba) akka dabarfamanii isheef laataman gochuu dandeesse. Injinar Tasfaahuun Camadaa fi Injinar Masfin Abbabaas gaafa 12/05/2007 halkan keessaa sa’aatii 2:00 tti harkaa fi ija hidhamanii Moyyaaleerraan Itoophaatti dabarfamanii kennaman. Biyyatti dabarfamuun duratti ammoo gaafa qabaman 27/04/2007 irraa kaasee hanga gaafa 12/05/2007 tti (National bureau of Investigation-NBI) head office naannoo Tirm Valley jedhamu jiru keessatti qorattoota FBI Amerikaa fi Keeniyaa Anti-Terror Police Unitjedhamaniin qoratamaa turan. Eerga qoramaata isaanii xumuranii booda dursaan qorannoo kanaa namni Fraansis jedhamus dargaggoonni ukkaamfaman kun yakka shororkeessitummaa waliin wal qabatu tokkkollee kan dalagan waan hin qabneef mootummaan Keeniyaa akka dafee gad isaan lakkisuu qabu murtii dabarse. Garuu dubartiin Keeniyaa Lelian jedhamtu tan waajjira CID jedhamu keessatti Officer taate maallaqa harka wayaa jalaan wayyaanotaan afaan kaahamteef bitamtee ilmaan Oromoo qaroo sabaa turan dabarsitee laachuun abjuu isaanii doomsite. Carraa qulqullummaan hidhaa keessaa bahuuf qabanis jalaa galaafatte.