Musa.H.Ⓜ️.Law Room
СтатистикаA blog About Ethiopian Law and Free legal education
- Последний пост
- 14 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 12
- Всего постов
- 89
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 12 130
- 1/48двое суток
- 13 900
- 1/72трое суток
- 14 992
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Kireessaan Yeroo Barbaadee fi Akka Barbaadetti Kanfaltii Kiraa Dabaluu ykn Kireeffataa Baasuu ni Danda’aa? ============================================================================== Tarii deebiin qabxii gaaffiin kennamu kireessitoota qabeenya manaa (keessattuu mana jireenyaa)tti toluu dhiisuu mala. Inumaayyuu darbees mustachios nidanda’a ta’u . Garuu deebichi deebii seera bu’ura godhatee dhiyaatu waan ta’ee fi Seera wallaaluun immoo itti gaafatamummaa kan hinoolchine waan ta’eef hundaafuu ciniinnatan hubachuun faayidaa malee miidhaa hedduu hinqabaatu. Itoophiyaa keessatti dhimmi kiraa manaa keessaayyuu yeroo ammaa seerri kallattiin kan itti bahedha. Labsiin To'annoo fi Bulchiinsa Kiraa Mana Jireenyaa Lkk, 1320/2024 Hariiroo Kireessaa fi Kireeffataa gidduu jiruu fi haala daballii gatii kiraa ilaalchisee tumaalee adda addaa fi addaa hammatee hojii irra oolee jira.. Qabxiin inni duraa Labsii kanaan walqabatee ilaalamu kireessaan gatii kiraa manaa akka barbaade lafumaa ka’ee yeroo fedhetti dabaluu nidanda’a moo miti kan jedhudha. Kanaan walqabatee kereessaan salphaatti "borii eegalee kaffaltiin kiraa Birrii 5000 ykn 10,000 ni dabala" jedhee fedha isaatiin qofa murteessuu akka hindandeenye labsicha irraa ni hubatama. Kana jechuun kireessaan gonkuma gatii kiraa mana ofii gonkuma dabalatu hindanda’u yaada jedhu labsichi hinqabu garuu daballiin kiraa haala seeraan hayyamamee fi adeemsa tumameen qofa raawwatamuu akka qabu toohannaa cimaa gochuu labsichaattu mul’ata. Qabxiin inni biroo kireessaan yeroo barbaadetti kireeffataa mana koo har’aa ykn boruu kaasee gad-lakkisii bahi jechuun akka fedhe mana gad-lakkisiisuuf mirga niqaba moo miti kan jedhudha. Kireeffataan akkaataa waliigaltee seeneetti gatii kiraa waliigalame yeroon kanfaluun namusaa fi tasgabbiin mana kireeffate nageenya isaa eegee hanga jiraatetti, yeroon waliigaltee otuu hinxumuramin kireessaan abbaa manaa ta'uu isaa qofa caqasee yeroo barbaadetti manaa ari'uu hin danda'u. Kanaaf immoo waliigalteen kiraa isaan giddutti raawwatamu barreeffamaan jiraachuun hedduu murteessaadha. Waliigalteen isaaniitis hamma gatii kiraa, yeroo turmaata isaa, haala kaffaltii, haaromsa waliigaltee fi haala waliigalteen itti addaan citu ifatti mul'isuu qaba. Gama biraan kireessaniis qabeenya isaa bulfachuu fi ittifayyadamuu ilaalchisee mirga abbaa qabeenyummaa isaatis labsichi tilmaama keessa galchuun kan bahe fakkaata. Fakkeenyaaf, kireeffataan gatii kiraa Akkaataa Waliigalteetti yeroo fi sirnaan yoo kaffaluu baate, waliigaltee cabsuun yoo itti fufe, mana sana haala seeraan alaatiin yoo itti fayyadame ykn gochaa biroo waliigaltee/seera candy yoo raawwate, kireessaan adeemsa seeraan kaa'ame hordofuudhaan mirga isaa kabachiifachuu ni danda'a. Walumaagalatti: Kireessaan yeroo barbaadee fi akkuma fedhetti gatii kiraa dabaluu hin danda'u. Kireeffataas sababa fi adeemsa seeraa malee humnaan ari'uun hin danda'amu. Kireeffataanis dirqama waliigaltee isaa akkaataa waliigalameen eegee raawwachuun nageenya qabeenya manaa kireeffate eegee jiraachuuf dirqama qaba. Waliigaltee kiraa barreeffamaan gochuun fi seeraan galmeessisuun eegumsa qaama lamaaniifuu ni fayyadama. Guutuu labsichaa 👇👇👇 https://t.me/speaklawinabsentia argachuu dandeessu.
#Beeksisa_Qaacarrii Dhaabbanni NGO UNICEF gitoota hojii adda addaa irratti beeksisa qaacarrii baasanii waan warri dorgoomuuf fedhii qabdan odeeffannoo isaa guutuu fi akkaataa galmee asii argachuu dandeessu 👇👇 https://harmeejobs.com/company/unicef/
#Beeksisa_Qaacarrii Warshaan Sibiilaa AMG steal factory gitoota hojii soddoma (30) tahan irratti baayyinaan hojjatoota qaacaruuf beeksisa qaacarrii baasanii waan jiraniif warri dorgoomuuf fedhii qabdan odeeffannoo isaa guutuu fi akkaataa galmee asii argachuu dandeessu 👇👇 https://ethiojobshub.com/amg-holdings-job/
#Beeksisa_Qaacarrii Beeksisa qaacarri ministeerri dhimma alaa Itiyoopiyaa ogeesoota seeraatiif baaseedha. Warri fedhii qabdan dorgoomuu dandeessu.
Qooda qabeenya Dhaalaa Du'aatti Hirmaachuuf Qabeenya Osoo Du’aan lubbuun Jiruu Fudhatame Deebisuun Dirqamaa (collation) ? ================================== Seera Dhaalaa kwt 1065 - 1067; Murtii Dhadhacha Ijbt Glm Lkk 113247, 160761, 162475 fi Murtii haaraa glm lkk 249367 ta’errattti gaafa 28/05/2017 kenname waliin kan ilaalame =========================== ✍🏻Qabeenya Dhaalaa kennaan otuu dhaalchisaab jiru fudhatame du’a isaa booda qabeenya dhaalaatti deebisuun (collation) yaadama seeraa gama tokkoon mirga dhaaltota kennaan fudhatan hinqabnee eeguu fi akkasumas gama biraan dhaalaan kennaa fudhate dabalataan hanga kennaa fudhateen alatti qooda isa dhaqqabuu qabu akka hindhabne eeguuf diriirfamedha. Kanaaf collation dhaaltota kennaa hinqabne qofa otuu hintaane Dhaalaa kennaa fudhates mirga isaa eeguun haqummaan akka jiraatu kan godhu yoo ta’u Seera Hariiroo Hawaasaa Kwt 1065 - 1067 jalatti bal’inaan diriirfamee jira. ✍🏻Dhaddachi ijbt MMWF glm Lkk 113247, 160761 fi 162475 ta’an irratti dhaalaan qabeenya du’aa otuu du’aan jiru kennaan fudhate du’a booda qixa qabeenya fudhateen qooda qabeenya dhaalaa keessaa bahuu akka qabu murteessuun hiikkoo dirqisiisaa kan kenne yoo ta’u kunis dhaaltuun kennaa fudhate gonkuma dhaala du’aa keessatti hirmaachuu hinqabu hiikkoo jedhu otuu hintaane hanga qabeenya kennaan fudhatee qooda qabeenya dhaalaa keessatti makamuun shalagamee hangi kennaan fudhate hanga hanga qooda dhaalaan isa gahuu ol yoo ta’e kan fudhate qabatee qooda keessatti hirmaachuu irraa akka hafuu fi hangi fudhate hanga qooda silaa argachuu qabuu gad yoo ta’e immoo garaarummaa hafe dhaaltota kaan waliin qooddachuu akka qabu hiikkoo agarsiisudha. ✍🏻Dhimma murtii haaraa glm Lkk 249367 ta’erratti gaafa 28/05/2017 kennameenis iyyataan gama tokkoon qabiyyee iddoo lamaa otuu dhaalchisaan jiru kennaan fudhate akkuma jirutti qabachuun gama kaaniin immoo qabeenya dhaalchisaa hafe dhaaltota kaan waliin hirmaachuuf gaaffiin dhiyeesse seeraan ala akka ta’ee fi yoo dhaala keessatti hirmaachuu barbaade qabiyyeewwan kennaan dursee fudhate deebisee dhaalatti makuu ykn immoo qabiyyee lamaan isaa qabatee dhaala du’aan ala ta’uu qaba jechuun murteessee jira. ✍🏻Gabaabumatti karaa lama fayyadamuun akka hindanda’amne murtiin haaraan kun ifatti hiikkoo kan kenneedha. https://t.me/speaklawinabsentia
#Beeksisa_Qaacarrii Baankiin Daashin gitoota hojii adda addaa irratti beeksisa qaacarrii baasanii waan jiraniif warri dorgoomuuf fedhii qabdan odeeffannoo isaa guutuu fi akkaataa galmee asii argachuu dandeessu 👇👇 https://harmeejobs.com/company/dashen-bank-s-c/
без подписи
#Sirreefama Caasaalee Aanaa Muudamtootaa fi Hojjatoota Mootummaa gaafa 4/10/2018 irraa eegalee hojiirra oolu
#Beeksisa_Qaacarrii Baankiin Awaash gitoota hojii adda addaa irratti beeksisa qaacarrii baasanii waan jiraniif warri dorgoomuuf fedhii qabdan odeeffannoo isaa guutuu fi akkaataa galmee asii argachuu dandeessu 👇👇 https://ethiojobshub.com/awash-bank-job-2/
Yaadni Furmaataa Marii Biyyoolessaa Irraa Argamu Bu'aa Kallattiidhaan Tumaalee Heera Fooyyessiisuu Ni Qabaa? ^^^^√√√√^^^^^^√√√√√√√^^^^^^^^√√√√√ ✅Labsiin Koomishinii Marii Biyyoolessaa Itoophiyaa Hundeessuuf bahe, Labsiin Lakk.1265/2014 kwt 4(2) jalatti itti waamamni koomishinichaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif ta'uu tuma. ✅Labsichi kwt 6(4) jalatti immoo kaayyoo koomishinichaa keessaa tokko Yaadotni furmaataa maricha irraa argame hojiirra akka ooluuf deeggarsa taasisuun lammilee, akkasumas mootummaafi uummata gidduutti sirni dimokiraasii wal amantaa irratti hundaa'e sadarkaa biyyoolessaatti akka ijaaramu taasisuu ta'uu ibseera. ✅Keewwata 9(10) jalattis, gahee hojiifi itti gaafatamummaawwan koomishinichaa keessaa tokko yaadota gorsaa (furmaataa) marii irraa argamanifi sanada tooftaa ittiin yaadni furmaataa hojiirra oolu ibsu qopheessuun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif, Qaama raawwachiistuudhaafi qaamolee mootummaa ilaallatan kan biroodhaaf kan dhiyeessuufi uummataaf ifa kan godhu ta'uu tumeera. ✅Kana malees, kwt 9(11) jalatti mootummaan yaadota furmaataa marii irraa argaman hojiirra oolchuu akka danda'uuf karoora ifaafi qabatamaa ta'e akka qopheeffatuuf deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta'uu tumeera. ✅Itti fufuun, kwt 21(2) jalatti aangoofi gahee hojii Manni Maree Koomishinichaa qabu tarreessuun isaan keessaa tokko yaadota furmaataa koreewwaniin qophaa'anii dhiyaataniifi marii Uummataatiin argaman tarreeffamaan sakatta'uunifi qindeessuun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif, Qaama Raawwachiistuufi qaama mootummaa ilaallatu biroodhaaf akka dhiyaatuuf murteessuu (mirkaneessuu) akka ta'e tumeera. 👉Tumaalee kanarraa kan hubatamu, koomishinichi To'annoofi Ol'aantummaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa jalatti hojii isaa kan hojjetu ta'uu; yaadota furmaataa marii irraa argamanis qaama kanaaf kan dhiyeessu ta'uu; adeemsa yaadota furmaataa dhiyaatan hojiirra oolchuuf deemamu keessattis deeggarsa kan taasisuufi hojiirra oolmaan isaas karoora ifaafi qabatamaa (adeemsa dabalataa biroo) qabaachuu kan qabu ta'uudha. 👌Kanarra darbee, Yaadni Furmaataa dhiyaatu bu'aa Kallattiidhaan tumaalee heeraa fooyyessiisuu akka qabu labsichi hin akeeku. Heerri biyya keenyaa kan fooyya'u akkaataa (adeemsa) heericha kwt 105 jalatti tumameen ta'uun isaas ni beekama. ❓❓Mee isin akkamitti hubattan? Yaada nuuf qoodaa. Join:-@desberofMM Desalegn B.
#Beeksisa_Qaacarrii. Biiroon Barnootaa Oromiyaa Mana Barumsaa Bultii Addaa Ifaa Boruutiif Barsiisoota qaacaruuf beeksisa baasanii waan jiraniif odeeffannoo isaa guutuu asii argachuu dandeessu. https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632
#Beeksisa_Qaacarrii. Komishiniin Siivil Sarvisii Federaalaa gitoota hojii adda addaa beeksisa qaacarrii haarawa baasanii waan jiraniif warri dorgoomuuf fedhii qabdan akkaataa galmee fi odeeffannoo guutuu liinkii armaan gadii kanaan seenuun fuula FB keenya irraa argachuu dandeessu https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632
#Qajeelfama Gurmaa'insa Kilaastara Manneen Hojii Qaama Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Qajeelfama Lakkoofsa 16/2015
MORMIIWWAN SADARKAA DURAA: Mormii Himatamaan "Himataan Dhimmicha Irraa Dantaa ykn Mirga Hin Qabu" Jechuun Kaasu Irratti Xiyyeeffachuun Join:-@desberofMM Desalegn
Abbaan manaa yookaan haati manaa gaa'ila keessatti qabeenya dhuunfaa isaanii gurguranii maallaqa baankii kaa'an, maallaqni sun qabeenya dhuunfaa isaanii ta'uu isaa mirkaneessuuf addatti galmeessisuuf dirqama hin qaban jechuun Manni Murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijjibaata Lakk. Galmee, 221394,ta'een Muddee 29, 2014 sagalee Caalmaan murteessee jira. Guutuu murtii kanaa galmee 221394 waliin maxxansine irraa Channel telgm koo jalatti ni argattu.
#Beeksisa_Qaacarrii. Dhaabbanni Daandii Xiyyaara Itiyoopiyaa gitoota baayyee irratti beeksisa qaacarrii baasanii waan jiraniif warri dorgoomuuf fedhii qabdan liinkii odeeffannoo guutuu irraa argatan dabalatee akkaataa galmee fi odeeffannoo isaa guutuu liinkii armaan gadii kanaan seenuun fuula FB keenya irraa argachuu dandeessu https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632
Falmii Mirga Abbaa Qabiyyummaa Lafa Baadiyyaatiin Walqabatee Osuma Himatamaan Mormii Sadarkaa Duraa Darbiinsa Yeroo Kaasee Jiruu Bira Darbamee Haala Argannaa Kee Mirkaneessi Jechuun Ni Danda'amaa? (Hiikkoo Dirqisiisaa Dhaddacha Ijibbaataa MMWFfi Hiikkoo Mana Maree Federeeshinii Tilmaama Keessa Galchuun) °°°°✓✓✓✓°°°°°✓✓✓✓°°°°°✓✓✓✓ ......Barreeffama olitti dhoobame keessaa kan fudhatame.... ✅"Hiikkoo seeraafi Heeraa wayita kennamus tumaan addatti hojiirra ooluu hin qabne ykn Heera faallessu ibsamuu qaba jechuudha. Sababni isaas duuba seera adeemsaafi seera ragaas imaammatni dorgomaata'eefi kabajamuu qabu waan jiruuf. Manneen murtii idilee adeemsa seeraa eeggachuun akkaataa sadarkaa mirkaneessa ragaa seeraan tumameen ragaa madaalanii murtii seera bu'uuraa (Substantive law)irratti hundaa'e kennanii bakka jiranitti, tumaa seera adeemsaa ykn buúuraa ykn ragaa tumaa heeraa waliin wal faallesse osoo ifatti hin ibsin, waanuma hojjechuun irraa eegamu hojjetanii osoo jiranii duuchumatti murtichi tumaa heeraa tokko faallessa jechuun yoo diigame, manni murtiis hojii'uma hojjechuun irraa eegamu (akka dirqamaatti) osoo hojjetee jiruu murtichi akka jalaa diigametti hubata; irraas hin baratu jechuudha. ✅Uummata biratti immoo hojii'umti mootummaa akka wal faallessaa jirutti hubatamee mootummaan fudhatamummaa siyaasaa akka dhabu taasisa jechuudha. As irratti hiikkoon dhaddacha Ijibbaataatiin (sagalee caalmaatiin) kenname jechuun olitti ibsine waa'ee amala addaa lafti qabuu ibsuun ala sirna addaa ittimormiin sadarkaa duraa duuchumatti bira darbamee dhimmi argannaa qulqullaa'uu danda'u haala kallattii agarsiisuun kan hin keenye taúunifi hiikkoon Mana Maree Federeeshiniitiin kennames gama kanaan iftoomina kan hin qabne taúun hubatamuu qaba. Kanàaf, haalonni (adeemsonni) itti dhaddachi Ijibbaataas ta'e Manni MareeFedereeshinii murtiiwwan mana Murtii idileetiin kennaman diigaa jiran ilaalamuuqabu yaada jedhun qaba. Mee yaada wal haa jijjiirru.(Guutummaa murtiiwwan saniisdubbisaa) Isin akkamitti hubattan? Waan taajjabdan qabduu? ❓❓❓ Join:-@desberofMM Desalegn B.
#Beeksisa_Qaacarrii. Imbaasiin British Finfinnee jiru gitoota hojii adda addaa irratti beeksisa qaacarrii baasanii waan jiraniif warri dorgoomuuf fedhii qabdan odeeffannoo isaa guutuu fi akkaataa galmee asii argachuu dandeessu 👇👇 https://harmeejobs.com/company/british-embassy/
Murtiin/tarkaanfiin qaama bulchiinsaan hojjetaa hojii irraa gaggeessuun fudhatamu qaama aangoo abbaa seerummaa qabutti akka hindhiyaanne dhoorkuun seerri tumamus ta’ee tarkaanfiin/murtiin bulchiinsaa kennamu faallaa heeraati dha. ==================================== Seeronni qaama mootummaa kamiinuu bahanis ta’ee murtiin ykn tarkaanfiin hojjetaa hojiirraa gaggeessuu manni hojii mootummaa ykn ittigaafatamaa mana hojii mootummaa kamiinuu hojjettoota irratti kennamu ykn fudhatamu mana murtiis ta'ee qaama aangoo abbaa seerummaa qabu biratti dhiyaatanii akka hin ilaalamne dhorku Heera Mootummaa kwt, 37(1) kan faallessu waan ta'eef raawwatiinsa hinqabu jechuu Manni Maree Federeeshiinii hiikkoo haaraa kennee jira. Manni Maree Federeeshinii; Glm Lkk, 142/17 ta’erratti murtii gaafa 27/01/2018 kenname. https://t.me/speaklawinabsentia
Shallaggii darbiinsa yerootiif jecha, himannaan kallattii tokko Mana Murtiitti dhiyaatee jira kan jedhamu, guyyaa Rajistiraarri galmeen akka banamuuf qajeelche irraa eegalee osoo hin taane, guyyaa galmeen ‘Bantuu Galmeetiin’ baname irraa eegalee ta’uu isaa.Galmeen battaluma Rajistiraarri qajeelchetti hin banamiin kan hafe- sababa sa’aan hojii Mana Murtii gaheef yoo ta’e, hojjetaan mana galmee sababa hin jiraanneef yoo ta’ee fi sababoota biroo Manni Murtii uumeen kan hin banamiin hafe ta’uu isaa himataan mirkaneessuu yoo danda’e garuu -kan lakkaawamuu qabu guyyaa Rajisitiraarri qajeelche irraa eegalee ta’uu isaa.