OF-IJAARUU
СтатистикаJireenyi keenya akkuma ijaarsa manaati. ni ijaarama. 1️⃣ Self discovery 2️⃣ Spiritual mind set 3️⃣ we filter out anything we don't want to have show up by Gods word and Focus on what matters 4️⃣ Waan jireenya fooniif Hafuura Ijaarutu dubbatama!
- Последний пост
- 14 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 4
- Всего постов
- 44
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 136
- 1/48двое суток
- 155
- 1/72трое суток
- 168
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
“Inni garuu deebisee, "Ani nyaata isin hin beekne kanan nyaadhu qaba" isaaniin jedhe.” — Yoh. 4:32 Guyyaa Kana Yesuus Bartoota Isaa Waliin Karaa Deemaa Waan ooleef Baayyee Dadhabee Akka Ture Dubbiin Sagalee Waaqayyoo nu Hubachiisa! Kutaa Biyya Samariya,Mandara Sikaar Jedhamtu tokko Dhufee boolla Bishaanii tokko bukkee taa'e Bartoonni Isaa Ammoo Nyaata bituudhaaf Adeemanii Turan! Gidduu Kanatti Dubartii biyyaa Samiryaa tokko Bishaan Waraabbachuudhaaf Dhufte Gooftaan Akkas Isheedhaam Jedhe! Bishaan Kana irraa Namni Dhugu Hundumtuu Deebi'ee hin Dheebota. bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa inni dhugu bara baraan hin dheebotu! Bishaan inni ani kennuufiif jiru, isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta'a Jedhee Misraachoo Kana itti hime Gooftaan!! Gooftaadhaaf Galanni Guddaan haa ta'u,.. Gidduu Inni Dubartii Kana Faana haasa'aa Jirutti Bartoonni Gooftaa Deebi'aniif Dhufani Waa nyaadhu ittiin Jedhan! Nyaata isin hin beekne Kanan nyaadhu Qaba,Nyaanni Koo Jedhe Gooftaan! Jaalala Isa Na Ergee Gochuu,Hojii Isaa Raawachuudha Jedhe Yesuus!! Yesuus Foon Uffattee Jira,Buddeenni Hin barbaachisu Jedhaa hin Jiru Yesuus! Garuu Kan Dursu tokkotu Jira,Isa Buddeenni Namaaf Kennu Caalaa ,Isa Dhugaatiin Namaaf Kennu Caalaatti Gammachuu Lubbuudhaaf Kan Kennu tokkotu Jira innis Fedha Isa na Ergee raawwachuudha Jedhe Yesuus! Isa Rawwachaa Jira waan ta'eef Yeroo Bartoonni Gara Isaa Dhufan! Nus Kanumaaf Waamamne Fedha Waaqayyo Lafa Kana irratti Goone Darbuudhaaf, Gammachiuu Dhugaan, Lubbuun Namaa Satisfaction Kan ishee argattu waan Kamiinuu Keessan miti,Fedha Waaqayyo Raawwachuudhanidha! Nama Dhugaatti Gooftaa Duukaa bu'uuf Gammachuun Isaa Isa kana Keessa jira! Gammachuun,Boqonnaan,Kan Lubbuun Namaa Satisfaction argattu Fedha Waaqayyo Godhuudhanidha,Isa Raawwachaas Jiraachuudhanidha! Gooftaadhaaf Galanni Guddaan haa ta'u! Waan alaan mumul'atuu, Material dhaan mitiJireenyi Hafuura Namaa Kan haaressu,Kan Jabeessu Fedha Waaqayyo Raawwachudha! Agartanii? Buddeenni hammam Barbaachisa Jiraachudhaaf? Fayyummadhaaf Hammam barbaachisa? Nyaatikoo Fedha Isa Na erge, Gochuudha :Isa Raawwachuudha Jedhe Gooftaan!! Fakkeenya Gooftaa Fudhachuu Nuuf ta'a Obboloota kooo!! Gooftaan Ayyaana isaa Hunduma Keenyaaf Haa Baayyisu! Halkan Nagaa isiniif haa Ta'u ♥️
New Comers /Baga Nagaan Dhuftatti Gara Channel Kanatti Ijigayyo Tesfaye Mery Fetene Gemechu Baga Nagaan Dhuftan! Welcome! Gooftaan Bara Keessan Haa Eebbisu ♥️
Bara Nohitti Sababii Jal'ina Ilmaan Namootaaf Waaqayyo Bishaan Badiisaan Lafa Kana irrra isaan Haxaa'e! Bara sanatti Kan Lafa irratti Hafe,Warra Markabicha Keessa Turan ilmaan Nohi,Seem,Kaamii Fi Yaafeet Turan! Ergasii Garuu ilmaan Nohi,Seem,Kaamiif Yaafeet Ijoollota Godhatan,Saba Baayyees ta'an Biyya lafaa irras tamsa'an! Qomoon Ijoollee Nohi Kun Guyyaa tokko Waan Fedha Waaqayyo hin taanee Karoorsuu Jalqaban! Walitti waa Dudubachuu Jalqaban! Inni tokko Isaa Kaaniin "Kottaa Mandara Riqaan Isaa bantii Waaqaa Bira Gahu Ofii Keenyaaf on Ijaarranna,ittiin Maqaa Hin Godhanna" waliin Jedhan! IJaaruu Jalqabanis! Kayyoon Ijaarsa Isaanii Maqaa ittiin Argachuuf,Ulfina ittiin Godhachuuf dha! Maqaa Keenyaaf Beekamtii,Keemyaaf Jedhan!! Waan Ulfina Waaqayyo hin qabne,Waan Waaqayyo itti hin Waamamne! passion isaanii fame(Beekamtiidha),Gatii Kamuu baasanii Beekamuudhaaf ! Baayyee Gowwoota Turan, dhalootni Kun Waan Waaqayyo Bishaan Badiisaa sanaan Godhe, Akkamitti Akkanni Irra Lafaa kana Qulqulleesse,utuu Qalbifate,Waan fedha Waaqayyo hin taane, Hin Karoorsu Ture! Akka isaan Biyya lafaa irra Bittimmaa'anii Guutaan,Kan barbaade Waaqayyoodha! Isan Garuu Riqaa kana Ijaarre Akka iddoo biraa hin Adeemnetti ittiin maqaa hin Godhanna waliin Jedhan!! Siluma Yaadni Jal'inaa Keessanii isaan Waan Jiruuf,Lafa Mijataa diriiraa ta'e Gaafa argatan raawwachuuf ka'an! Yeroo isaan Waliin mari'atan, isaan Keessa Namni tokkollee Kan isaan falleessu hin argamne Ture,Wal Deebisu hin Dandeenye,Warruma Yaadaan Karaa Waaqayyo irraa Ofiifu Jal'atantu Gorsas Wal+harkaa Fudhataa Ture! Waaqayyoon malee Ulfina argachuuf,Waan Waaqayyo itti waamamnetti maqaa Godhachuuf Dadhaban! Ulfina Waaqayyo utuu Hin Dursiisiin Ulfina Keenyaaf Jedhan,Maqaa Waaqayyo Utuu hin Dursiisiin Maqaa Keenyaaf Jedhan! Maqaan Maqaa Waaqayyo irratti Ol ka'u barbaadu, Ulfinni Ulfina Waaqayyo irratti Ka'uu Barbaadu,Raawwate Fiixaan Bahuu Hin Danda'u! Waaqayyotu Ofii isaati Akkanni Fiixaan hin baane Godha! Gooftaadhaaf Baruma baraan Galanni Haa ta'u! Waaqayyo Waaqa Hinafuudha Ulfina Isaaf Ajandaa isaanii Kana Gidduu Gale Waaqayyo! Afaan isaanii Waliin Dhahe,Waliin Make Akka waanti isaan Yaadan Fiixaan hin baane Godhe! Waaqayyo Akka isaan Wal hin dhageenye Godhe, Confused Akka isaan ta'an Godhe! Maqaan Iddoo Sana kana irratti "Babel" Jedhame! Babel Jechuun "Waliin makamaa" Jechuudha! Waaqayyotu Afaan isaanii Waliin make,Har'as Waaqayyo Ajandaa Maqaa Isaa irratti,Yaada Isaa Irratti ol ka'u Hundumaa Gidduu Gale Akkanni Fiixaan Hin baane Godha,Godhaa Jiras! Maqaa Keenyaf osoo hin taanee Maqaa Gooftaa Isa Nu irratti Waamame Jiru Dursiisuun Nuuf haa ta'u! Ulfina Keenyaf osoo hin Taane Ulfina Gooftaaf Jiraachuun Nuuf haa ta'u! Of Beeksisuuf osoo hin Taane Gooftaa Qofa Beeksisuuf Jiraachuun Nuuf haa ta'u! Ajandaaan Fedha Waaqayyo,Akeeka Isaa Falleessu Laphee Keenya Keessa Gola Keenya Keessas Hin Jiraatiin Maqaa Gooftaa Yesuusiin! Gooftaan Bara Keessan haa Eebbisu ♥️ Guyya Nagaa isiniif haa Ta'u 👋
Nagaan Goooftaa Hunduma Keessaniif Haa Baayyatu ✋ Akkam Jirtu?
Far. 73 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ²⁴ ati gorsa keetiin ana in geggeessita, kana booddees ulfinatti ana in fudhatta. ²⁵ Waaqa irratti si malee eenyuun nan qabaadha ree? Lafa irrattis si malee maalan eeggadha ree? ²⁶ Foon koo, keessi namummaa koos yoo gad dhuman iyyuu, Waaqayyo garaa koo in jajjabeessa, bara baraanis qooda anaaf in ta'a.
Gaafa Hundumtuu Akkan yaade ta'uu Didu Nagaa Dhabee Sodaannanis yoo na marsuu Haala Hundumaarra Ija Kaaseen si ilaala Akka Dhabaa Jireenya Koo Yoos toora Gala Si ilaaleen Jajjabaadhaa*2 ATI anaaf Nagaa Koodha . Nagaa Sammuu Kooti .............. .. Song by ...Dawit Waaree Nagaa isiniif haa Ta'u ♥️
“Ati, "Waanuma namni ana hojjeteen isa hojjedha, gatii hojii isaatiis isaaf nan deebisa" hin jedhin!” — Fak. 24:29
Waanaan Jechuu Barbaade Kan Ibsuufin na hin Rakkisne Gooftaa Duwwaan Arge anis,Sababiinsa ammoo Anatu Ibsee Isa hubachiisuu danda'eef Osoo hin taane, inni Osoon hin dubbatiin Waanaan Dubbachuu Barbaade Hubachuu waan Danda'eefidha! Michummaa Isaa wajjin Qabnu,ISA kamiinuu Gararraatti Caalchifachuu Nuuf ta'aan Dhaamsa Kooti! Halkan Nagaa isiniif haa Ta'u ♥️
Qaawwaa Namootni Quba itti Qabanii irratti Haasa'an,ATI Garuu Irra Dhaabbadhu Duuchi, Akka Qaawwaan hin mul'anne Godhi,Guutu ta'e Akkanni Mul'atutti Hojjedhu! Dilbata Gaarii isiniif haa Ta'u ♥️
https://youtu.be/F6eo9olFtgU?si=bxIaiJUiTX5iZmNO
Gaafa Aarte Jirtuuf,Gaafa Waan haasa'amaa Jiru Guutummaansaa/Dhugummaa Isaa Hin Beekne) Haasa'uu Kee Caala ,Callisuu Danda'uu Keetu Bu'aa Guddaa Siif Qaba! Guyyyaa Nagaa isiniif haa Ta'u ♥️
Waaqayyoon Faana Jiraachuun Gaaffiin Namaa utuu hin deebi'iin,Laphee Namaaa Gammachiisa ,Keessi Namaa Gammachuudhaan Akka Guutu Godha! Gammachuun nama dhugaatti waayyoon Jaallatu Waan Barbaaduu Waaqayyo biraan argachuu isaa osoo hin Taane Waaqayyo Wajjin Wal argaa Jiraachuu Isaadha! Halkan Nagaa isiniif haa Ta'u ♥️
“.. ........., waan tokko nan godha; wanta na booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha.” — Filp. 3:13
Waan Kamiinuu Akka Ittiin Madaalluuf Kan Nuuf Kenname Dubbii Waaqayyooti! Yaada Mataa Keenya ,Tilmaama Keenya, Logically Yaaduu Keenya Miti! Waan Dubbiin Waaqayyoo hin Deggarre Kamiinu,ilaalacha Keenyaan foyyeessuu Hin Dandeenyu,Wayyeessu hin Dandeenyu! Agartanii?? Keessuma Nu Dargaggoota biraatti Dhugaatti Guddina Jireenya Hafuura Keenyatti Danqaa Guddaa ta'eera Jedhe kanan amanu Kanadha!! Agartanii yaadni Keenya Waan Dubbii Waaqayyoo Sirrii miti Jedhu,Homaa hin Jedhu nuun Jedha! Jireenya Keenya Hafuura Standard WAAQAYYO irratti barbaadu Irraa Gad buusa! Compromise Gochuu Jalqabna,Homaa hin Jedhu Jechuu Jalqabna! Dadhabbii Hamma Fedhe Yoo Qabaanne,Waanta Dubbiin Waaqayyoo Cubbuudha Jedhu, Cubbuudha Jechuutu Nurra Jiraata! Waanta Dubbiin Waaqayyoo Sirrii Miti Jedhu;Nus irratti Walii galuun Sirrii miti Jechuu nurra Jiraata! Malee Foyyeessuuf,Fudhatamaa Gochuuf Dhama'uun Miti! Yaada Keenyaan Foyyeessuu dhama'uun,Waanta Dubbiin Waaqayyoo Dogoggoradha Jedhu yaada Mataa Keenyaan Sadarkaa Isaa ol kaasuuf Dhama'uun Dogoggora Guddaadha! Dhugaatti yaada Keenya Waan Hafuura irraa Ka'anne Jirra yoo ta'e Garuu Kan Nuti Barbaadnu Isa Waaqayyo Barbaadu Sanadha,malee Isa Kan Ofii Keenya Miti! dheebuun Keenya Isa nuun Gammachiisu osoo hin Taane,Gooftaa Kan Gammachiisu Duuka Bu'uu irra Jira Waan ta'eef! Gooftaan Ayyaana Isaa Hunduma Keenyaaf haa Baayyisu ♥️ Guyyaa Nagaa Isiniif haa ta'u ✋
Fedha Waaqayyo Beekuun,Waan Kamiinuu Bekuu Irra Guddaa In Caala! Waayee Warra Qolosayiis Namni Waaqayyo Phaawuloos Waan Gaarii Dhaga'e! Phaawuloos Nama Jaallatu,Nama Isatti Baayye Dhiyoo ta'e Ephafiras Jedhamu Irraa waayee Warra Qolosayiis Odeeffate! Waayee Keenyas Waanti Gaarii Akka Dhaga'amu Danda'amutti Gooftaan Ayyaana Isaa Nuuf haa Baayyisu! Waayee Isaanii Waanti Inni Dhaga'e Waanta Gooftaa Isa Galateeffachiisu Ture,Waanta Akkanni Isaan Jabaatanii itti Fufaniifis Akka isaaniif Kadhatu Isaan Godhe Ture! Gooftaadhaaf Galanni Guddaan haa ta'u Namni Waaqayyo Phaawuloos Waayee Amantii isaanii Dhaga'e,Waayee Jaalala isaan Qulqullootaaf,obbolotaaf qabanii Dhaga'e Gooftaa Galateeffata! Warra Qolosayiis Biraatti, Amantoota Sana Keessatti Wangeelli Mootummaa Waaqayyo isaan Dhaga'anii Fudhatan,Sagalee Misraachoo isaan Amananii Fudhatan! Isaan Gidduutti Ija Godhachaa,Guddachaa Ture! Jaalalli Amantootni Waliif Qaban, Isa Hafuurri Qulqulluun Laphee isaanii Keessatti Dhangalaase,Isa Waaqayyoon biraa ta'e Waan ta'eef Namni Waaqayyo Phaawuloos Waan Kana Gaafa Dhaga'uu Baayyee Gooftaa Galateeffata!! Gooftaan Jaalala Isa Kana Laphee Keenya Keessatti Haa Dhangalaasu,Jaalalli inni Kun Isa Hafuurri Qulqulluun Qofti Keessa Namatti Dhangalaase , Obbolootas Akka Jaallannu Godhuudha! Egaa Namni Waaqayyo Phaawuloos Kun waan Isaaniif Kadhatu Qaba Isa Keessa tokko Isaan Fedha Waaqayyo Hubachuudhaan Akka isaan Guutamaniif Isaaniif Kadhata! Gooftaadhaaf Galanni Guddaan Haa ta'u! Fedha Waaqayyo Hubachuudhaan,Fedha Waaqayyo Beekuudhan Akka isaan Guutamaniif! Galgala Kana Waan tokko Isin yaadachiisa Beekumsi Guddaan,Beekumsi Hundumaarra Caalu,Fedha Waaqayyo Beekuudha! Obboloota Koo,Bara Keessa Jiraatnu Kana Beekumsa Gosa baayyeetu Jira ,Namni Beekumsa waaan baayyetiinis Guutamee jira, Beekumsi Hundumaarra Caalu Garuu Fedha Waaqayyo Beekuudha! Gooftaan Fedha Isaa Beekuudhaan nu Haa Guutu, Beekumsi inni Kun Beekumsa Addunyaa Kanarra Guute Jiru Hundumaarra hin Caala! Gooftaan Ayyaana Isaa Hunduma Keenyaaf haa Baayyisu ✋ Halkan Nagaa isiniif haa Ta'u ♥️
Waamicha Jireenya Keessan irra Jiruuf Of-Eeggadha! Guyyaa Nagaa isiniif haa Ta'u ♥️
.....Lubbuun koo ol Si Dhaggeeffatti Ganama Waa Jette situ Cal jette Kanaaf Onneen Koo Utuuma itti Dhaga'amu ....Ta'us yoo ta'uu Bates Waanti an Abjo'adhe sun Hundi Nan darba Kunis Mudannaadha,Sirra Jira Kan Koo Hiddi Hin hafu Beeka yaadni kee,hin ta'a Eege Guyyaasa ....." Song by "Alemu
Mata Duree Koo Yeroo Hundumaa Anaaf Isa Caaluu Faarfannaa Jajuun Koo Suma Homaan si hin madaalu Utuu si waamiin oole Buluu hin Danda'u ammaa ammaa si Yaada*2 Dheebuu Lubbuu Koo barbaacha Koo Ofii Koo irratti si Moosifadhaa Kan baraabraakoo YESUUS Jireenya Koo Kan barabaraa Koo waan Hundumaan Guutu Kan barabaraa Koo Karaa Kee Natti hin hir'atu Song by : Bikila Kebede
It's Sunday ....See you in Church!
“yaada ani isiniif yaade anuma duwwaatu beeka; innis yaada nagaa fi yaada wanta isin gara fuula duraatti eeggattan isiniif raawwachuu ti malee, yaada isin balleessu miti.” — Er. 29:11 Halkan Nagaa isiniif haa Ta'u ♥️