Kuusaa Kitaaboota Afaan Oromoo
СтатистикаKitaaboota Afaan oromootiin barreeffaman PDF'n argachuudhaaf mana kana qunnamaa! Gaafii fii Yaada qabdan 👉 https://t.me/gactu irratti nuuf ergaa!
- Последний пост
- 9 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 532
- 1/48двое суток
- 609
- 1/72трое суток
- 657
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
без подписи
Kana hunda hojjechuu cinatti garuu Tattaaffiin hayyichi kun Somaaliyaa keessa osoo jiruu godhe itti fufa qabsoo Misratti jalqabamte tahuu dagachuu hin feesisu. Tuniis Afaan Oromoo Afaan ittiin Barruutiifi afaan barnootaa gochuudha. Tattaaffii Qubee afaan Oromoo moggaasuuf godhamte keessatti kitaabni duraa “FURA AFAAN OROMOO” yoo tahu bara 1969-itti Maqdishotti barreefame. Seenaan isaa bal’aadha.Qubeen laatiin Akka qubee Afaan oromoo ta’ee hojii irra oolu humnootni keessaas ta’e kan biyya alaa baay’een dhiibbaa hangana hin jedhamne taasisaa turan. Dr. Mohammed Reshaad garuu mataa isaaniitiin gufuu kana hunda irra aanuudhaan kitaaba seera Afaan oromootii fi Qubee Afaan oromoo kan “FURA AFAAN OROMOO” jedhu kana yeroo jalqabaatiif barreessan. Sh.Mohaammed Rashaad ergasii kitaaba kana qofa osoo hin taane qubee ofiif uume kanaan kitaaboota amamtiis baay’ee barreesseera. Haaluma kanaan Qubeen amma guutuu oromiyaatti hojii irra oolaa jirtuus qubee Shekh Mohammad Rashaad qabsoo fi wareegama meeqaan gaafas lafa kaa’ee nuuf dabarse sana. Hojii isaa guddoo kanaafis Bara 2009 A.L.A tti Waldaa Qorannoo Oromoo/ Oromo Studies Association’s(OSA) irraa badhaasa argateera. Hojiin Dr. Mohammad Rashad waan barreeffama gabaabaa kana keessatti tarreeffamee dhumuu miti. Yoo Barbaachisaa ta’e mata duree of danda’een irratti haasa’uun ni danda’ama. Walumaa galatti ifaajeen Sheekootiin teenya Afaan Oromoo Afaan Barreeffamaa taasisuudhaaf taasisan gabaabinaan kana fakkaata. . Eegaa Namootni Ifaajee kana hunda osoo beekanii qubee Afaan oromoo jijjiiruuf oliif gad wixiifatan yoo jiraatan sababni “Qubeen amma jirtu kun joolletti ulaafte” jedhu sababa quubsaa miti. Maalif yoo jettan nutiis qubeedhuma kanaan barannee as geenye waan ta’eef qubeen waan tokkollee akka hin ulfaanne ni beekna. Isin garuu lakkii namootni qubee kana uuman yookiin Uumamuu qubee kanaatiif sabab ta’an baay’inaan, Sheeka,… sheeka,… sheeka,… waan ta’aniif maqaa sheeka jedhu kanaatu nutti ulfaate yoo jettan wayya natti fakkaata. . Goolabbii… ----- Ifaajee hayyoota gurguddoo armaan olii kana yeroon tarreessu, namoota biraa kan Afaan oromoo sadarkaa amma irra jiru kanaan dhaqqaban hin jiran jechuu kiyya akka hin taane akka naaf hubattaniin barbaada. . Eegaa “Dubbii fi Uleen gabaabduu wayya!” jetti oromoon yeroo maakmaaku. Gabaabumatti maal jechuu barbaadeetii, Qubee Afaan oromoo tuttuquu jechuun ifaajee hayyoota kanaa irra miilaan daddeemuu dha waan ta’ee namootni waan kanaan taphachuu barbaadan seenaa gaarii balleessanii seenaa gurraacha irratti of galmeessuu irraa akka of qusatan jechuu barbaadeeti. Nagayatti! --- ●Wabii Barreeffama kiyyaa …. Dr. Abdulsamad Muhammed, Seenaa Barreefama Afaan Oromootiifi Shoora Dr. Sheek Mahammad Rashaad| Waxabajjii 17, 2013 The Oromo of Ethiopia, a History: 1570-1860 (Trenton: Red Sea Press, 1994) Hayward and Hassan, "The Oromo Orthography of Shaykh Bakri Saṗalō", Bulletin of the School of Oriental and African Studies, 44 (1981) Mekonnen Hunde, Lexical Standardization in Oromo.( May, 2002) Opride website and other many source Urjii Ahmad, 2014/1435. (Aqiidaa Ulamaa’ii Teenyaa, fuula 90-95)
Qubeen Sheekh bakriin Ummata isaatiif boce kun yeroo muraasa barsiifamaa tureera. Haa ta’uu malee garuu Sirni mootummaa yeroo sana ture akka oromoon of baree waa baru waan hin barbaanneef karaa garagaraatiin akka qancaree aawwalamu yookiin naannoo muraasa qofa irratti akka daangeeffamu godhee ture. . 3. Sheek Mohammedreshad Abdullee --- Dr. Sheekh Muhammad Rashaad Abdullee Bara 1934 Abbaa Isaa Kabiir Kabir Abdulle Kabir Mummaya Umar Jarra Jiloo Dirba Aleloo Mayyuu Limmoo fii Haadha Isaa Faaximaa Shurraa Irraa dhalatan. Bakki Dhaloota Isaa Ammoo Goodina Harargee Lixaa Laga Arbaa bakka jedhamutti Dr. Muhammad Rashaad seenaa dubbatamtee hin dhumne dalagee jira. Saba ifiitiif waan dandahame hunda dalaguudhaan Sheek Muhammad Rashaad fakkenya addaa nuuf taha, Inni Sheekha, Gaazeexeeysaa, walaleeysaa, barreeysaa, barsiisaa, qabsaawaa fii Abbaa Seenaa, Abbaa Qubee Afaan Oromooti ture. . ●►Sheek Mohammedreshad Abdullee Akkamiin gara tattaaffii Qubee Afaan Oromoo uumuutti seenana? . Sheek Mohammedreshad Abdullee turtii barnoota isaa kan biyyoota garagaraa kanneen akka Oman, Joordan, Siiriyaa, Saudi Arabiyaa, fii Masrii keessatti taasisan keessaa turtiin inni biyya misraa yuuniversitii Al Azhar keessatti taasise akka taatee tokko isa guddaatti yaadatama. Sheek Mohammedreshad Abdullee kan barnoota amantii qofa osoo hin taane dhimmi waa’ee saba isaa oromootiis akkaan isa yaaddeessu yeroo barnootaaf Universitii Al Azhar keessa turanitti, Yuuniversitiii kana keessatti kutaa afaanii(Department of Language) keessa damee afaannan alagaa(Foreign Languege) itti barsiifamuutu jira ture. Dr. Sheek Mohammedreshad is suutatti itti dhihaatanii dubbiin tun dhugaa tahuu hoggaa hubatan carraa kanatti fayyadamuudhaan seerumaani “Afaan Oromootis nuu naqaa” jedhanii gaaffii saanii dhiheeffatan. Haa ta’uu malee garuu Gaaffiin saanii fudhatama arganne. Isaaniis cal’isaniituma hin teeny gaafiin isaa “Maalif” akka fudhatama dhabde yeroo gaafatan. “Afaan Oromoo Qubee hin qabu; kanaaf dinne” deebiin jedhu laatameefii ture. Eyyeen murannoon Afaan Oromootiif qubee of danda’e barbaaduus yeroo kana ciminaan jalqabe. Deebiin jarri deebisaniif kuniis hayyicha kana garamitti akka bobbaase tilmaamuun nama hin dhibu. Gadaan achiin duraa irra caalatti tanuma ofiif barachuuf itti tattaafatan turte; tan achiin boodaa immoo, saba isaa barsiisuuf tattaaffii adda citii hin qabne itti jalqabani. Afaan oromoo sababa qubee mataa ofii hin qabneef kabaja Afaanootni biro qaban isa dhoorkuun baay’ee itti dhagayame. Sababa kana irraa kan ka’e Afaan oromoo Qubee qabaatee afaan ittiin barreeffamu tahuu akka qabu itti amanuudhaan furmaata barbaaduu jalqabe. Kana boodaa ifaajee fi bu’aa bahiin inni dabarse hunda ni tarreessina yoon jedhe baarreeffamni waan dheeratuuf kana asumatti gubbaa utaaleetiin gara xumura qubee inni argateetti isin dabarsa. Hayyichi tattaaffiin isaa akkuma itti fufetti jirti. . Bara 1962tti Barnoota isaa Universitii Al-Azhaar irraa qabxii ol-aanaadhaan xumuruudhaan piresedaantii masrii kan yeroo sanii kan ture Jamaal Abdul Naasir harkaa badhaasa meedaaliyaa fudhate. Kanumaaniis Bara 1962tti Yuuniversitichi Damee isaa kan Kaaba-dhiha soomaaliya kan naannoo Burao jedhamtutti argamu bakka bu’ummadhaan akka hojjetuuf itti gaafatamummaa laateefii ture. Sheikh mohammed Rashaad Yeroo Burao ture kanattiis kitaaba waa’ee siyaasaa kan “Zadusuwar li Tahriril`aqxar” jedhamu jildii lama barreessee ture. Naannoo Burao jedhamu kanattti waggaa sadiif Al-Azhaar yuniversitiidhaaf erga hojjete booda quuqaan saba isaa waan itti dhaabbattuuf imala gara itti saba isaa gargaaruu danda’uutti imaluuf murteesse. Yeroo sanitti haalli biyya keessa jiru isaaf mijaawaa akka hin taane waan hubateef teessoo isaa moqaadishoo godhachuudhaaf murteessuudhaan Akka hayyuu Afaaniitti mootummaa Soomaalii qunname. Asittiis carraaqqii guddaa booda Sagantaa Raadiyoo Kan Afaan Oromo jalqabuu danda’e. Sagantaa kanaanis Gaazaxeessas Ayub Abubakar waliin ta’uudhaan Bara 1965 – 1984tti irratti hojjechaa turuun isaanii seenaa yoomiyyuu hin dagatamneedha.
WAA’EE ARGANNOO QUBEE AFAAN OROMOO! *** Hubachiisa: Barreeffamni kun kan barreeffame Waxabajjii 10, 2017 A.L.A’ tti waa’ee “L-A-G-I-M” wajjiin wal-qabatee yoo tahu irra deebiidhaan kan maxxanfame namoota tokko tokkoof Hubannoo uumuudhaafi. - KAN ISINITTI ULFAATE QUBEEDHA MOO ABBOOTII QUBEETI? . {waatoo jala waatu jira} - Ilmi namaa beekkamtummaa argachuuf jecha wanta hin taane hin qabu, dalagaa dhabaafis wanta hin hojjenne hin qabu. Ilmi namaa waan hawaasaa fi saba isaa fayyadu tolchee dhalootaaf dabarsuun beekamtummaa ni argata. Akkasuma karaa faallaatiin waa balleessuu/jal’isuunis beekamtummaa ni argata. Haaluma kanaan Abbootiin keenya warren quuqama saba isaanii irraa qaban Qubee Afaan oromoo amma itti fayyadamnu kana haala bareedaa ta’ee bocanii dhalootaaf dabarsuudhaan beekumtii yoo argatan, warri amma qubee kana diiguudhaan haaroomsa itti goona jedhan kunniin immoo karaa badiitiin beekamtummaa kuufachuuf yaalii godhaa jiru. Wanti nama ajaa’ibsiisu garuu namnootni waan kana hojjetan hojii akka hojii ijoollee xixiqqoon taphattuutiin taphatan. Maaliif jennaan qubee Afaan guddaa saba bal’aa kanaa dhiisaatii sabni xiqqaan duudhaa fii seenaa hin qabne tokkoo illeen dhimma gurguddaa akkanaa kana irratti humna danda’uun namoota beektoota jedhee yaadu irratti mariisisuun waanuma hin hafne. Kan keenya kun garuu baasa/ajaa’iba! Namni seenaa Afaan Oromoo ittiin sadarkaa kana ga’e beeku akkuma salphaatti qoosaa akkanaa kanaaf lafaa hin ka’u. . Afaan Oromoo sadarkaa amma jiru kana irra kan ga’e akkanumaan osoo hin taane sadarkaa fii ifaajee hangana hin jedhamne keessa dabreeti. Mee gabaabinaan seenaa Afaan oromoo haa ilaallu:- . 1.Anniyyii fii Daanniyyi --- Akka Ragaaleen gara garaa argisiisutti, Ifaajee Afaan Oromootiin barreessuuf godhamte yoo ilaallu; Ragaan harkaa qabnu akka mul’isutti kitaabni duraa Raayya (wallo) keessatti bara sheekoota Aanniyyi fi Daanniyyi akka keessa barreeffameedha. Kitaamni kuniis kitaaba manzuumaati. Kan inni barreeffameenis harkaan yoo ta’u qubeen inni itti fayyadame immoo qubee Afaan Arabaati. Qubee Afaan Arabaatiin Afaan oromoo barreessun Jabinaa fii hanqinaas ni qaba. A.Jabina:- Qubeen Afaan Arabaa wanti barreeffama Afaan oromootiif mijeessu seera dheerina, gabaabina, laafinaafi jabeenya sagalee mul’isan sirritti kan qabu ta’uu isaati.kanaafis: ●Dheereessuudhaaf=Madd(آ) ●Jabeessuudhaaf=Shaddaah(ّ) fii kkf yoo qabaatu. Akka dubbachiiftuutti imoo:- ●a=fatah(َ) ●i=kasra(ِ) fi ●u=damma(ُ) fa’a kan qabuu dha. B.Hanqina:-Akka hanqinaatti immoo qubeen Afaan Arabaa Qubeewwan sagaleewwan Afaan oromoo bakka bu’anii barreessuu danda’an hanga tokko hin qabu. Fakkeenyaaf: kanneen akka; c, ch, dh, g, ny fi ph fa’a. Haa ta’uu malee garuu Sagaleewwan Afaan oromoo barreessuu keessatti Qubeewwan warra Saabaa irra haalaan wayya. Sheekootiin tuniis(Anniyyi fi Daanniyi) qubee kanaan kan fayyadamaniis kanumaaf fakkaata. . 2.Sheeikh Bakrii saphalo --- Hayyoota Oromoo kanneen Afaan Oromootiif qubee qoranii qopheessuuf tattaaffii godhan keessaa, kan duraatiifi guddichi, -Sheek Bakrii Saphalooti. Sheek Bakrii Saphaalloo maqaan dhalootaa isaanii Abubakar Garad Usmaan jedhamu. Kan dhalatanis Bara 1895 tti Sheikh Bakriin hayyuu, walaleessaa fi barsiisaa ta’uus Hunda caala kan inni ittiin beekamuu fi ittiin yaadatamu garuu Bara 1956tti qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatini. . Qubeen Saphaloo qubee ajaa’ibaati. Qubee takkittiin Afrikaa keessatti dhalattees isii tana. Qubee ilma Oromootiin qoramtee Oromiyaa keessatti dhalatte tahuu isiitiin malees, qubee saba Oromoo saba qubee ofii qabu taasifte waan taateef ayaa hundi keenya ittiin boonnu, tan yaadqalbii sabaa ar’aas jajjabeeysituufi niis dagaasituun jedha. Asirratti waa himee taruun fedha. Qubeen Saabaa(Qubee Amma Afaan Amaaraa fi Tigree itti fayyadamu) Qubee biyya Yamanitti dhalattee warra Habashaatiin gara Afrikaa as goodaante malee Afrikaa keessatti hin dhalanne.
DEEBINE! ***** Waggoota muraasa dura miidiyaa kana irratti Kaaf**toota islaamummaa irraa komii fii hamii garara garaa qabaniif deebii quubsaa kennaan turuun kiyya (maqaa waaniin jijjiireef hedduun keessan na yaadachuu dhiisuu maltu) ni yaadatama. Inshaa Allaah dhiheenyatti barreeffamoota ragaa quubsaadhaan dabaalamaniin deebii kennuu itti fufna. Islaamummaas ni barsiifna itti yaamnas. Hangasittuu iddoolee/cuqaasaalee armaan gadii kanneen irratti nu hordofaa nu eegaa. Gaafiilee deebii argachuu qabu jettanii yaaddaniis yoo jiraate naaf barreessuu dandeessu dursee deebisaa itti kennuuf nan yaala inshaa Allaah! 🌎Telegram Channel: https://t.me/WhisperOne 🌍Telegram Group: https://t.me/Whisper_Gaachana 🌏Facebook: https://www.facebook.com/whisper.one 🌍X(twitter): https://x.com/WhisperApologia 🌎Website: https://gaachana.wordpress.com/
ሀልዎተ ኢሥላም (ቅድመ ሙሐመድ 'ﷺ' ) ... የክርስቲያን አቃቢያን መታወቂያ ላይ የ አደጋ ጊዜ መውጫ ተብለው ከሰፈሩ ጥያቄዎች አንዱ ይህ "ቅድመ ሙሐመድ 'ﷺ' ባሉ ታሪካዊ ማስረጃዎች የእስልምና መኖር ሊረጋገጥ ይችላልን?" የተሰኘው ጥያቄ ነው ...ጥያቄውም እንደ ጥያቄ በአድማጩ ማህበረሰብ ላይ በተንሰራፋበት አውድ ተገቢውን መልስ ከማቅረብ አኳያ በኛ በኩል ካሉ አካላት ግልጽ እና አመርቂ እይታ ባለመመልከቴ ይህቺን መጣጥፍ አሰፍር ዘንድ ወደድሁ። የፍጥረተ አለሙ አስገኚ እኛ የሰው ልጆችን ሲፈጥር እሱን ለመገዛት የተመራን በመሆን ውስጥ ቃል የተገባልንን ገነት እንድናገኝ በሚል አላማ እንደሆነ በተከበረ ቃሉ አበክሮ ይነግረናል። (51፥56፣2፥21) ወደዚህች ምድር ሲያመጣንም እሱን ለመታዘዝም ሆነ ለማመፅ ከሚያበቃን የምርጫ ነፃነት “Free Will” ጋር ሲሆን ለፍጡራኑ ካለው ውዴታ በተነሳ ለገዛ ምርጫችን ሳይተወን በመልካም የሚያዙ በመጥፎ የሚያስጠነቅቁ ነብያትና መልዕክተኞችን ሲልክ ቆይቶ የነዚሁ ማገባደጃ እና ማብቂያ በማድረግ ነብዩ ሙሐመድን 'ﷺ' ከተከበረው ቃሉ ጋር ለአለም ልኳቸዋል። ይህ ነብያት የተላኩበት ለብቸኛው አምላክ እጅ የመስጠት (የመታዘዝ፣የመገዛት) መንገድ በዓረቢኛ የቃል አጠቃቀም ውስጥ ኢሥላም "اسلام" ተብሎ ሲጠራ የዚህ መንገድ አስኳል እና ምሰሶ የሆነው የአንድ እና ብቸኛ አምላክ አስተምህሮ "Monotheism" የነብያቱ መሠረታዊ አጀንዳ መሆኑን ጠቋሚ የሆኑ ዘርፈ ብዙ መረጃዎች ቢኖሩም በነዚህ መረጃዎች ላይ እንደ አንድ አርዕስት ለመመለስ በማሰብ በዛሬው ነጥብ ላይ አንዳንድ አስፈላጊ ግምገማዎችን እንቃኝ … ዘርፈ ብዙ መሣሪያዎችን በመጠቀም ስለ አላፊ ክስተቶች የሚያትት የጥናት ዘርፍ "ታሪክ" ተብሎ ሲጠራ በዘርፉ ላይ ጥናት የሚያደርጉ ምሁራን ደግሞ "ታሪካውያን" በሚል የማዕረግ ስም እንጠራቸዋለን። ሴኩላር ዘርፉ ቀላል የማይባሉ ክስተቶችን እውነታነት እንዳረጋገጠልን ሁሉ ታሪካውያኑ በተለያየ ጊዜ ውስጥ ከማስረጃ ውስንነት አንፃር በአንዳንድ ክስተቶች ውስጥ ዝምታን መምረጣቸው የክስተቱን ህልውና ሙሉ ለሙሉ ጥያቄ ውስጥ የሚያስገባ (አለመከሰቱን፣አለመኖሩን) እንደማያመላክት ያስገነዘቡን ዘርፈ ብዙ ታሪካዊ ክስተቶች ለቁጥር አታካች ናቸው ለምሳሌ፦ በአያሌ የብሉይ ኪዳን ጥቅሶች ውስጥ ሰፍረው የምናገኛቸው ኬጥያውያን "Hittites" 'ሁጎ ዊንክለር' በተሰኘ ጀርመናዊ አርኪዮሎጂስት የመሪነት ውጥን በ 20 ክ/ዘመን ህልውናቸውን ስነ ቅርስ እስኪያረጋግጠው ድረስ ከታሪካውያኑ ዘንድ የነበረው ግምገማ ከአፈ ታሪክ የዘለለ አልነበረም ይለናል 'Dr. Ira M. Price' :- “The Hittites are often mentioned in the Old Testament. Otherwise they were a forgotten people until the second half of the nineteenth century. The lack of extra-biblical testimony to their existence led some scholars about a half-century ago to deny their historicity.” [¹] … በሌላ አቅጣጫ አብዝሀኛው ማህበረሰብ ኢ-ርቱዕ "Secondary" ለምንለው እንደ ታሪክ መጻሕፍት ያሉ የምንጭ አይነቶች ተጋላጭ ከመሆኑ ጋር "history is written by the winners" እንዲል 'Napoleon Bonaparte' የታሪክ ምሁራን እና ጸሐፍት ምንጮች እንኳ አሸናፊ እንደሆነው አካል ፍላጎት ሲቀረፁ እና ሲረቁ የሚስተዋልበት አጋጣሚ እጅጉን ሰፊ ነው። 'Edward H. Carr' "What Is History?" በተሰኘ መጽሐፉ ላይ “Study the historian before you begin to study the facts.” [²] ሲል ያሳሰበን በዚሁ ስሌት እና ቀመር አይደለምን? ለዚህ ነጥብ ማሳያ በመሆን ከሚቀርቡ ቁጥር ስፍር ከሌላቸው ማስረጃዎች መካከል ቤ/ክርስቲያን አንዷ ነች! ከጥንታዊቷ ቤ/ክርስቲያን ተቃራኒ አቅጣጫ ቆመዋል ተብለው በመታመን ምንፍቅና "Heretics" በሚል የአመለካከት መደብ ውስጥ የተካተቱ አካላት እንደ ምሳሌ መጥቀስ ይቻላል! "የነገረ አበው አባት" በመባል የሚታወቀው 'ቅዱስ አውሳብዮስ ዘ ቂሳሪያ' ስራ የሆነው "Church History" የተሰኘ መጽሐፍ (VIII) መቅድም ላይ እንዲህ ከማለቱ ጋር፦ “But we shall introduce into this history ...only those events which may be useful first to ourselves and afterwards to posterity.” ይበልጡኑ ከ2 ተኛው እስከ 5ተኛው ክ/ዘመን ባለው የክርስትና ታሪካዊ ዳራ ውስጥ አያሌ በክርስትና ጎራ ስር ምድብነት የነበራቸው አንጃዎች እንደነበሩና ጠንከር ባለ ግብግብ ውስጥ በመግባት አንዱ አንዱን ሲያዳክም እና ሲጥል በዘለቀበት ፍልሚያ ውስጥ የአሸናፊነቱን ቦታ የያዘችው አካል "Proto Orthodox" በተቃራኒ የአመለካከት አቅጣጫ ላይ ቆመዋል ብላ ያመነችባቸውን አካላት ሄተሮዶክስ "Heterodox" በሚል ቅፅል በመቀፀል ቀላል የማይባል ጥፋትን ከማድረስ አልፎ ለዚህ ጥቃት ተጋላጭ የሆኑትን አካላት ታሪክ እንደመሰላት አድርጋ ከፃፈችው ከራሷ ከድል አድራጊዋ ቤ/ክርስቲያን የመረጃ ምንጮች እንድናገኝ እንዳደረገች 'Bart D. Ehrman' የተሰኘ አሜሪካዊ የአዲስ ኪዳን ምሁር "The Lost Christianities" በተሰኘ መጽሐፉ የመጀመሪያ ምዕራፍ ላይ በሰፊው ያትትልናል ... [³] … በማህበራዊ ፖለቲካዊ አውድ የሚወሰነው ታሪክ ዝምታ "Historical Silence" ቅድመ ሙሐመድ 'ﷺ' የእስልምናን ህልውና ውድቅ የሚያደርግ እይታ "argumuntum ad ignoratium" በተሰኘ ህፀፅ ውስጥ መመደቡን በማስያዝ እስልምና በታሪክ ምንድን ነው? ቢሉ የታሪክ እና ታሪካውያኑ ግምገማስ ምንድን ነው? በማለት መጠይቃችንን እያሰፈርን በጊዜ ውስጥ ስለነበረው ጊዜ አሳላፊ ከሆነው ጌታ ቃል (ቁርዓን) ግንዛቤ ስር አርዕስቶቻችንን በማስጠለል የዛሬዋን መጣጥፍ እናገባድዳለን። “ለእናንተ ከሃይማኖት ያንን በእርሱ ኑሕን ያዘዘበትን ደነገገላችሁ፡፡ ያንንም ወዳንተ ያወረድነውን ያንንም በእርሱ ኢብራሂምን ሙሳንና ዒሳንም ያዘዝንበትን ሃይማኖትን በትክክል አቋቁሙ በእርሱም አትለያዩ ማለትን (ደነገግን)።” — Surah Ash Shuara 42:13 __ ማጣቀሻዎች፦ [1] Ira M. Price, The Monuments and the Old Testament (1909), pp. 75–6 [2] Edward H. Carr, What is History? (1961), p. 26 [3] Bart D. Ehrman, The Lost Christianities (2003), Ch. 1 ... Written By: Akhi Ahmed Respond https://t.me/ahmedrespond
Kiristaanootaatu dhugaa dubbate moo Iyyesuusi? - KKIRISTAANOOTA:- "Iyesus ilmaan nama baasufi dhiiga ofii dhangalaase male Amanta ofii ballifachuufi jecha dhiiga nama hinjisine" - 🔪Macaafa Qulqulluu keessatti Iyyesuus Akkana Jedha🗡:- …………………………………………………… 🔪«Yesuus Immoo, "Biyya Lafaa Irratti nagaa fiduudhaaf Waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani #billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne. Ani nama tokko abbaa isaa wajjiin, intala haadha ishee wajjin, haadha manaa ilma amaatii ishee wajjiin walitti naquuf dhufeera.»jedha (matewos 10:34-45)🗡 ………………………………………………… 🔪«Yesus, "Ani ibidda lafa irra buusuudhaafan dhufe; ibiddichi utuu kanaan dura bobeeffameera ta'ee attamnan hawwan ture.»(Luqaasi 12:49)🗡 ………………………………………………… 🔪«Amma garuu diinota koo warra isaan irratti mo'uu koo hin barbaanne kana, as fidaa ija koo duratti isaan #gorra'aa!' jedhee abboome." jedhe.»(Luqaasi 19:27)🗡 ………………………………………………… 🔪«Inni immoo deebisee, "Amma garuu, horii, qalqalloos kan qabu haa fudhatu; namni waa hin qabne immoo wayyaa isaa gurguree #billaa haa bitatu!»(Luqaas 22:36)🗡 ………………………………………………… 🔪Isiniifi Iyyesuus kamtu dhugaa dubbate laata🗡❓ Dabalataaf Gaachana Media irratti nu hordofaa: Telegram: https://t.me/GaachanaMedia Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1 Website: https://gaachana.wordpress.com/ ❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
ERGAA GABAABDUU!-{kutaa-2ffaa} . {Qajeelfamoota saglan…!} . Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa ta’eetiin. Yeroo baay’ee ilmi namaa gochaanis ta’ee jechaan, wanti daangaa walitti dabruuf qajeelfamoota Rabbiin(s.w) qur’aana isaa kabajamaa keessatti lafa nuuf kaa’ee hubachuu fii itti hojjechuu dhabuu irraa kan ka’ee dha. Rabbiin(s.w) suuratul hujuraat keessatti mu’mintootaaf qajeelfama 9(sagal) lafa kaa’ee jira. Namni kamiyyuu nama kamiiniyyuu irratti waa dubbachuun dura qajeelfamoota saglan kanneen yaadachuun dirqama. Qajeelfamoonni kunniin maal fa’aa dha:- . 1. Dubbii adda baafadhaa(فَتَبَيَّنُوٓاْ):- ●Yeroo Oduun takka nama irraa siif dhufte oduu sun tamsaaftee erga miidhaan lubbuu keetirra yookiin nama biraa irra ga’e gaabbuurra jalqaba oduu san mirkaneeffachuutu sirra jira. Rabbiin(s.w) akkana jedha:- . «Yaa warra amantan! Yoo fincilaan tokko oduun isinitti dhufe, akka wallaalumaan namoota miitanii, ergasii waan hojjattan irratti hin gaabbineef dubbii adda baafadhaa.»(Al-hujuraat 49:6) . 2. Wal qixxeessaa(وَأَقۡسِطُوٓاْۖ):- . «...wal qixxeessaa Dhugumatti, Rabbiin warra wal qixxeessan jaallata.»(Al-hujuraat 49:9) . 3. Tolchaa(فَأَصۡلِحُواْ):- . «Mu’uminoonni obboleeyyani; kanaafuu gidduu obboleeyyan keessanii tolchaa Akka mararfatamtanuuf jecha Rabbiin sodaadhaa.»(Al-hujuraat 49:10) . 4.Hin tuffatin(لَا يَسۡخَرۡ):- . «Yaa warra amantan! Dhiironni dhiirota biraa hin tuffatin Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala. Dubartoonnis dubartoota biraa (hin tuffatin)Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala.»(Al-hujuraat 49:11) . 5. Maqaa wal hin xureessinaa(وَلَا تَلۡمِزُوٓاْ):- . «Tokkoon keessan isa biraa maqaa hin xureessin,»(Al-hujuraat 49:11) . 6. Maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaa(وَلَا تَنَابَزُواْ):- . «…Maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaa Erga amanuutii maqaan faasiquummaa (amantiin alaa) akkam fokkataa dha! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota.»(Al-hujuraat 49:11) . 7. Seehaa (mamii) irraa Hedduu fagaadhaa(ٱجۡتَنِبُواْ كَثِيرٗا مِّنَ ٱلظَّنِّ):- . «Yaa warra amantan! Hedduu seehaa (mamii) irraa fagaadhaa; gariin seehaa diliidha.»(49:12) . 8. Wal hin basaasinaa(وَلَا تَجَسَّسُواْ):- . «…Walis hin basaasinaa…»(Al-hujuraat 49:12) . 9. Gariin keessanis garii hin hamatin(وَلَا يَغۡتَب بَّعۡضُكُم بَعۡضًاۚ):- . ●Wal hamachuun akka nama foon du’aa walii nyaachuuti. Namni kamiyyuu foon obboleessa isaa du’aa kutatee nyaachuu akka hin barbaadne dhugaa ifa galtuu dha. eega akkas ta’e foon obboleessa isaa jiraa nyaachuu hoo maalif hin jibbine. Rabbiin(s.w) akkana nuun jedha:- . «Gariin keessanis garii hin hamatin Tokkoon keessan foon obboleessa isaa odoo du’ee jiruu nyaachuu ni fedhaa? (Yeroo) san ni jibbitanii (isa jiraa hoo maalif nyaachuu feetan?)»(Al-hujuraat 49:12) . •►Goolabbii…! ●Mu’mintoonni yeroo hunda aayaata Rabbii yaadachuufii wal yaadachiisuun dirqama. Rabbiin(s.w) qur’aana isaa kabajamaa keessatti akkana jedha:- . وَذَكِّرۡ فَإِنَّ ٱلذِّكۡرَىٰ تَنفَعُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ . «Yaadachiisi; yaadachiifni mu’uminoota ni fayyaddii.»(Suuratul Zaariyaat 51:55) . Eyyeen! Yeroo waa dubbanna yookiin hojjennu hunda yoo xiqqaate Qajeelfamoota salgan(9) kanneen yaadachuu qabna. Hamtuu irraa gorree kheeyrii addunyattis aakhirattis nu fayyaddu hojjechuu qabna. Qajeelfamoota kanneenis ta’ee, Qajeelfamoota biro kan Rabbiin(s.w) qur’aana isaa keessatti, Rassuulli(ﷺ) immoo hadiisa isaa keessatti nuuf lafa kaaye hunda itti hojjechuu nuuf haa laaffisu. Wassalaam aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh… _______________ ...✍ Gaachana Media _______________ Dabalataaf Gaachana Media irratti nu hordofaa: Telegram: https://t.me/GaachanaMedia Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1 Website: https://gaachana.wordpress.com/ ❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
ERGAA GABAABDUU!-{kutaa-1ffaa} . {Kabajaa Dubartii Muslimaa Eeguu!} . Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa ta’eetiin. Amantiin Islaamaa naamusaa fi kabaja ilma namaatiif amantii xiyyeeffannaa guddaa kannituu dha. keessaattuu kabajaa nama muslimaa. Keessaattuu kabajaa dubartii muslimaa. Namni tokko waan nama tokko jibbe qofaaf maq-balleessa baay’ee irratti raawwachuu ni danda’a. keessattuu jaarraa amma keessa jirru kana keessatti meeshaalee tekinooloojii kan barri fidetti fayyadamuudhaan wanta baay’ee hojjechuun ni danda’ama. Hanga tabaroo ilma namaatti jechuu kooti. Haa ta’uu malee garuu wanti tokko kan akka muslimaatti nuti dagachuu hin qabne osoo naamusa nama muslimaa tokko salphisuu fii kabajaa nama muslimaa tokko salphisuun dhoorkaa akka ta’ee dha. Yoo kijibaan Maqaa Namaa balleessitee kabajaa nama tokkoo yookiin dubartii qulqulluu taate takkaa salphifte kun immoo dilii gurguddoo irraayi. Rabbiim(s.w) qur’aana isaa kabajamaa keessatti akkana jedha:- . إِنَّ ٱلَّذِينَ يَرۡمُونَ ٱلۡمُحۡصَنَٰتِ ٱلۡغَٰفِلَٰتِ ٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ لُعِنُواْ فِي ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِ وَلَهُمۡ عَذَابٌ عَظِيمٞ . «Dhugumatti, isaan dubartoota tikfamoo, sagaagalummaa irraa dagatoofi mu’uminoota ta’an maqaa xureessan, addunyaafi Aakhiraattis abaaramaniiru Isaaniif adabbii guddaatu jira»(Suuratu An-Nuur 24:23) . ●►Keewwata qur’aanaa kana keessatti Rabbiin(s.w) namoota “dubartoota tikfamoo, sagaagalummaa irraa dagatoofi mu’uminoota ta’an maqaa xureessan” ni akeekkachiise. Namoota dubartii muslimaa qulqulluu kan sagaggaalumma hin hojjetin maqaa balleessu Rabbiin(s.w) isaan addunyaafi Aakhiraattis isaan abaare. Aakhiratti adabbii guddaa isaaniif qpheesse. Namoonni akkasii san rahmata Rabbii irraayillee fageeffamoo dha. . ●Rassuulli Rabbii(ﷺ) hadiisa isaanii keessatti akka dubbatanitti maqaa dubartoota tikfamoo, sagaagalummaa irraa dagatoofi mu’uminoota ta’anii xureessuun cubbuu gurguddoo Azaaba nama seensiftu irraa akka taatee dha. mee hadiisa kana waliin haa ilaallu:- . عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ، عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ: «اجْتَنِبُوا السَّبْعَ المُوبِقَاتِ»، قَالُوا: يَا رَسُولَ اللَّهِ وَمَا هُنَّ؟ قَالَ: «الشِّرْكُ بِاللَّهِ، وَالسِّحْرُ، وَقَتْلُ النَّفْسِ الَّتِي حَرَّمَ اللَّهُ إِلَّا بِالحَقِّ، وَأَكْلُ الرِّبَا، وَأَكْلُ مَالِ اليَتِيمِ، وَالتَّوَلِّي يَوْمَ الزَّحْفِ، وَقَذْفُ المُحْصَنَاتِ المُؤْمِنَاتِ الغَافِلاَتِ» . Abu hureeraa’n(رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ) Nabiyyii Rabbii(ﷺ) irraa akka odeessetti:- “Dilii/cubbuu 7(torba) tan nama halaaktu(ibiddatti nama geessitu) irraa fagaadhaa.” ‘Yaa ergamaa Rabbi(ﷺ) isiin sun tami?’ Jedhanii gaafatan. “Rabbitti waa qindeessuu(shirkii), sihrii, Lubbuu Rabbiin (ajjeessuu) haraama godhe haqaan ala ajjeesuu, Qabeenya yatiimaa nyaachuu, Dhala(ribaa) nyaachuu, dirree lolaarraa dheeysuu fi dubartoota tikfamoo, mu’uminoota fi sagaagalummaa irraa dagatoo ta’an maqaa xureessuu dha.” jedhan.[Sahiih muslim 1/89 fi Sahiih Al-Bukhaarii 4/2766] . ●Eegaa! Dhimmi nuti akka laaftutti ilaalaa jirru kun kan gara ibiddaatti nama geessu erga ta’e. yaa kabajamtootaa fii jaalatamtoo obboleewwan muslimaa gochaa fii jecha keenya keessattiis taphaafis ta’ee dhugaaf naamusaa fi kabajaa dubartii muslimaa salphisuu irra haa of eegnuu. . Ammallee namausaa fii kabajaa nama muslimaa kamiyyuu salphisuu irraa haa of qusannuu. Namni muslimaa wal guddisa malee wal hin salphisu; wal gorfata amlee wal hin jibbu waan ta’eef. . Inshaa Allaah yoon haqa qunname Rabbuma kiyyarraayi. Yoon dogoggore immoo sheeyxaanaa fii lubbuu tiyyarraayi. Wallaahu A’lam! Hanga kutaa itti aanuun walitti deebinutti Wassalaam Aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh. ___________________________ ...✍ Gaachana Media ___________________________ Dabalataaf Gaachana Media irratti nu hordofaa: Telegram: https://t.me/GaachanaMedia Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1 Website: https://gaachana.wordpress.com/ ❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
KUNIIS NI JIRA...! ............. ............. ............. Namticha jiraachuu rabbiitti hin amanne(atheist) tokkootu yeroo baay’ee namootni amantii garagaraa amantii tiyyatu dhugaadha lakki tiyyatu dhugaadha jedhanii yeroo wal morman waan dhagayuuf mee aamantoota kanniinirra muxannon argadhu yoo jiraate jechuudhaan amantiilee gurguddo addunyaa tanaa warren jedhaman:-Amantii Islaama,Kiristiyaana fi Yahuudaa irraa beektoota tokko tokko waamuudhaan gaafii faafachuu jalqabe. Jalqaba Beekaa Amantii Yahuudaatiin ❝Mee Akka Amantii keessaniitti Eenyuutu Jannata seena?❞ jedhee gaafate. Yahuudichiniis ❝Akka Amantii Teenyaatti Namni Tokko Yoo Nabi Muussatti Amanee Kitaaba isarratti bu’e(Towraat) Qeebale Jannata Ni Argata Kanan Ala Kan jiru hundi Warra Ibiddaati❞ Jechuudhaan Deebise. Athiestichi ammalle itti aansuudhaan Gaafuma wal fakkaata kan ❝Akka amantii keessaniitti Eenyuutu jannata Argata?❞ jedhu Beekaa Amantii kiristiyaanaa kanaaf dhiheessef. Kiristaanichiis ❝akka amantii keenyaatti namni tokko iyyesuusitti amanee kitaaba isarratti bu’e(injiil) yoo amane malee kan biraa hundi qabsiisaa/qoraan ibiddati!❞ jechuun deebise. Namtichi(Athiest)’n itti fufuudhaan gaafuma isa armaan olii kana ❝mee jarri lamaan yaada isaanii ibsanii, Atihoo Akka Amantii Islaamatti Eenyuutu Kan Jannataati Eenyuutu Kan Ibiddati?❞ Jechuun Aalima amantii Islaamaa bakka bu’eef gaaffii dhiheessef. Aalimtichiniis ❝jalqaba gara yaada amantii islaamaatti dhufuu kootiin dura qabxiilee jarri lamaaan kaasan irratti yaada(comment) kennun barbaada.❞ jechuun akka armaan gadii kanatti ibseef. ❝Dhugumatti akka yahuudiin jedhutti Nabi Muusatti Amanuu fii Kitaaba Isarratti Bu’e(Towraat) qeebaluun jannata kan nama galchu yoo ta’e Nuti Muslimoonni Shakkii Tokko Malee isaanii wajjiin jannata ni seenna,sababni isaas Muusaan Ergamaa Rabbii Ta’uu Itti amanna,Towraatis Rabbirra akka kennameef ni amanna waan ta’eef.❞ jechuudhaan yaada yahuudichaa irratti erga yaada kennen bood itti fufuudhaan: ❝Osuma Ta’eelle Ammaas akka kiristaanni Jedhu Jannatni Kan argamu Iyyasuusitti Amanuu fi Kitaaba isarratti bu’etti amanuudhaan yoo ta’ees Nuti Muslimoonni Yeroo Lammaffaatiif kiristaanoota wajjiin Jannata kan gallu/ seennu ta’a ,sababni isaas Nuti Muslimoonni Iyyasuus Ergamaa Rabbii Ta’uu Ni amanna Akkasuma Kitaabni Injiil jedhamu akka kennameefis ni amanna waan ta’eef.❞ jedhee ibsa gabaabaa erga kenneefii booda itti aansuudhaan, ❝Haa ta’uu malee garuu karaan Jannataa kan dhugaa yeroo ammaan tanaa kan argamu Nabiyyii Mahmmed(s.a.w) tti amanuu fi Ergaa Rabbii kan Xumuraa Kan Ergamaa Xumuraa irratti Bu’e Qur’aana Qeebalanii Hojiirra Oolchuudhaan Qofa Waan Ta’eef Ulaagaa kanaaniis Jannata Kan argatu Muslimoota Qofa Yoo ta’u kan kanaa ala jiru hundi warra ibidda ta’uun waan shakkii hin qabneedha.❞ jechuudhaan shaakkii tokko malee jala sararee warra qalbii bilisa taate qabuuf ergaa gabaabduu kan Namni Keessatti Of ilaalu Lafa Kaa’eef. ===========ALHAMDULILLAH=========== {Amantiin Islaama Nabiyyi Tokkotti amanaa tokko dhiisaa hin jettu Kitaaba tokkotti amanaa Tokko dhiisaa hin jettu,akkasuma dhugaa dhooysaa hordoftoota horadhaa illee hin jettu} _______ ...✍ Gaachana Media _______ Dabalataaf Gaachana Media irratti nu hordofaa: Telegram: https://t.me/GaachanaMedia Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1 Website: https://gaachana.wordpress.com/ ❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
GAAFA GAD AANTUMMAAN SI BOOJI'E! *-----------------------------*------------------------------* Namtichaatu akkuma biyya wayii dhaqetti saree gaabbbinaa konkolaataa teessee adeemtu arge. Yeroo kana maal jedhe sitti fakkaata? ❝Ah Osumaan sareedhuma tanallee tahee maal qaba.❞ jedhe. Yeroo kana hiriyyaan isaa kan isa cinaa jiru ❝Aboo ati osoo saree taatee illee saree gaabbinaa teessu rana osoo hin taane, saree tanuma gujufa namaa irraa balfaa fi bocola funaantu san taata.❞ jedheenii deebiseef jedhan. - Eyyeen! Gaafa miirri gad aantummaa si booji'e akkana. Kan ol jedhee mul'te hundi waanuma si caalu sitti fakkaateeti Waan sii gadii tahuuf hawwita. Beekkamaan hundi beekaa sitti fakkaateeti fakkeenya godhattee hallayyaa wajjiin seenta. Obboleessoo! Obboleettii... waan hunda dura miira gad aantummaa kan si keessa jiru ajjeesi. Injifadhu. Sammuun ilma namaa wal qixa akkataa itti fayyadamaatu wal dhaba malee. Kanaaf Namoota babbeekkamoodhaaf jilbiiffachuu jalaa of bilisoomsi. Beekkamaa tahuurra beekaa tahuun akka caalu beeki. Beekkamtummaa fi beekaa tahuunis gara gara tahuu beeki. Gonkumayyuu wantaa fi nama sii gadii tahuuf hin hawwin hadaraa! ___ ...✍ Gaachana Media ___ Dabalataaf Gaachana Media irratti nu hordofaa: Telegram: https://t.me/GaachanaMedia Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1 Website: https://gaachana.wordpress.com/ ❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
IYYESUUS DU'A INJIFATEERAA?? _______/\__________ Maqaa Rabbii Akkaan mararfataa, Akkaan Raahmata godhaa ta'eetiin. Yeroo baay'ee kiristiyaanoonnj "Iyyesuus du'ee du'a mo'ee/injifatee ka'e" yoo jedhan ni dhageenya. Dhugaa dubbachuudhaaf akka amantii islaamaatti Iyyesuus du'ees, fannifamees jennee hin amannu. Sababiin isaas Raabbii(s.w) Qur'aana keessatti haala shakkii tokkollee hin qabneen nuuf hime waan ta'eef. . Haa ta'uu malee garuu macaafuma warra kiristiyaanaallee yoo Qoranne kan ka'e Iyyesuus Humnaa fii Aangoo Isaatiin barnoota jedhu hin argannu. Kiristiyaanoonni "Iyyesuus aangoo isaatiin du'a injifate" jedhanii amanu; Macaafni Qulqulluun Immoo "Lakkii inni ofiif hin kaanee waaqayyo isa uumeetu du'aa isa kaasee"' Jedha. jecha isanii fi jecha Eegaa! Jecha macaafa Qulqulluu fi jecha warra kiristiyaana ofiin jedhanii kana keessaa kamtu dhugaa dha? Ragaalee Armaan Gadii Kanneen Sirritti haa Dubbifnu mee:- . «Isa Namoota Gara Jireenyaatti Geessu Ajjeeftan, Waaqayyo Immoo Du’aa Isa Kaase, Kanaafis Nuyi Dhuga-Baatuu Dha.»( Hojii Ergamootaa 3:15) . «Isi Yesusin In Fanniftan, In Ajjeeftanis; Waaqayyo Garuu Warra Du’an Keessaa Isa Kaase.»( Hojii Ergamootaa 4:10) . «Nuyi Biyya Yahuudootaatii fi Mandara Yerusaalemitti, Waan Yesus Hojjeta Hundumaaf Dhuga-Baatuu Isaa Ti; Jarris Isuma Mukatti Fannisanii Ajjeesan. Waaqayyo Garuu Guyyaa Sadaffaatti Du’aa Isa Kaasee, Akka Inni Mul’atu Godhe.»( Hojii Ergamootaa 10:39-40) . «Sababaa Du’a Isatti Farachiisu HIn Arganne; Utuma Kana Beekanii Garuu Akka Inni Ajjeefamuuf Philaaxosin In Gaafatan. Waa’ee Isaatiif Kan Caafame Hundumaa Erga Raawwatanii, Muka Fannoo Irraa Gad Buusanii Awwaala Keessa Kaa’an. Waaqayyo Garuu Warra Du’an Keessaa Isa Kaase.»( Hojii Ergamootaa 13:28-30) . «Yesus Kana, Waaqayyo Du’aa Kaaseera; Nus Hundumti Keenya Isa Kanaaf Dhuga-Baatuu Dha.»(Hojii Ergamootaa 2:32) . «Waaqayyo Abboota Keenyaa, Yesusin, Isa Isin Mukatti Fanniftanii Ajjeeftan, Du’aa kaaseera.»(Hojii Ergamootaa 5:30) . «Iyyesuus Gooftaa Akka Ta’e Afaan keetiin Yoo beeksifte, #Waaqayyo_Du’aa_Akka_Isa_Kaase Immoo Garaa Keetti Yoo Amnte Fayyina Bara Baraa In Argatta.»(Gara Warra Roomaa 10:9) Eegaa! Kan Iyyesuus Du'aa Kaase Waaqayyoo erga ta'e, isin Iyyesuus dhiiftanii Waaqayyoo Isa Iyyesuusiin Du'aa kaase kanatti maalif hin amanne???? . Dhugaan ni qal'atti malee hin cittu! Rabbiin dhugaa dhooksuu irraa nu haa baraaru. Aamiin. --- Dabalataaf Gaachana Media irratti nu hordofaa: Telegram: https://t.me/GaachanaMedia Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia Youtube: https://youtube.com/GaachanaMedia1 Website: https://gaachana.wordpress.com/ ❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
ICCITII PAASTAROOTA PHEENXEE! *************************************** Yeroo dhihoo dura oduuwwan argaaf dhageettiif namatti ulfaatan biyyoota olla fii biyyoota alaa kanneen biro irraa dhagayaa turre. Pasteriin biyya akkanaa hordoftoota isaa irratti waan akkanaa raawwate, waan akkasii raawwate oduulee jettu. Ta’uus wantoonni akkasii biyya keenya keessatti ni mul’atu jennee hin tilmaamne. Ta’uus yeroo dhihoo as wanta orma irratti ilaallee ittiin qoosaa turre sun osoo tokkolleen hin hafin akkuma jiruun ummata keenya irratti raawwatamuu erga jalqabee bubbuluu eegaleeti jira. Eegaa paastaroonni kunniin ilaalchisee akkamitti akka ummata keenya akka sobaa jiranii fii maaliin akka sobaa jiran saaxiluudhaaf hojjechuun dirqama nama shira isaanii hubatee hundaati. Aniis akka nama tokkootti shira kana saaxiluudhaaf muradhee ka’een jira. Wantoota jara kanaan wal qabatanii hojjetamaa jiran raga qabatamaa wajjiin hubachuu namni barbaadu linkii armaan gadii kana tuqaatii chaanaalii “youtube” kiyya “Subscribe” godhaa na hordofaa. Yeroo dhihoo keessatti xiinxala ajaa’ibaatiin as baana inshaa Allaah! Gaachana Media [https://youtube.com/GaachanaMedia1] Namoota biraa akka dhaqqabuufis “share” godhaa. Yoo kheyrii tana irratti na jajjabeessuu barbaaddan “subscribe” gochuudhaan nu hordofaa nutis “Docummentry” ajaa’iba ajaa’ibaa bifa qindaa’ee fii walitti fufaa ta’een gad lakkisuu jalqaba inshaa Allaah! Gaachana Media Telegram: https://t.me/GaachanaMedia Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia Youtube: www.youtube.com/GaachanaMedia1 Website: https://gaachana.wordpress.com/ Share…..Share….Share….Share….Share…
Gaachana Media Telegram: https://t.me/gaachanaMedia Facebook: www.fb.com/GaachanaMedia Youtube: https://bit.ly/3jHse1f
https://youtu.be/3iyOljs0WSE
https://youtu.be/zfIjrOkqrXY
https://youtu.be/hlab4TVOTB4
https://youtu.be/mXVOLTMLvjk
Gaachana Media ✅Daaw'adhaa ✅Subscribe godhaa ✅Jajjabeessaa ✅Midiyaa keessaniin https://youtu.be/m6LC3NEdrKw
NAMOOTA "INSULIN" FAYYADAMANIIF! Insuliiniin Qiricha namota dhibee sukkaraa qabaniif akkaan barbaachisaa tahee fi lubbuu baraaruudha. Sababa kanaafis Akkaataa itti fayyadamaa fi qabinsa qoricha kanaa keessatti of eeggannoo guddaa taasisuun dirqama. Akkasumaas Qorichi kun mataan isaa kunuunsa ol aanaa kan nurraa barbaaduudha. Sababni isaas qoricha kana haala barbaachisuun yoo kunuunsin eek an hin qabne tahe hamma sukkara qaama keenyaa keessa jiruu bifa gahaa taheen gad hir’isuu keessatti bu’aan inni qabu xiqqaachaa dhufa waan taheef. Har’a qabxiilee muraasa haala qabiinsa, kunuunsaa fi itti fayyadama qoricha kanaatiin wal qabatee namoota baay’ee biratti mul’atan waliin ilaalla. Dogoggora – 1ffaa Waraqaa guyyaa qorichi tajaajila isaa itti xumuru (Expiry date) ofirraa qabu kan qaama bilqaaxa qorichaa irratti argamu irraa kaasuu. Qorichi kun yoo yeroon isaa darbe(Expired) faayidaan inni qaama keenyaaf kennu hir’achaa adeema waan taheef yeroo yerotti guyyaa tajaajila isaa ilaaluun hordofuun barbaachisaadha. Waraqaa yeroon tajaajilaa (Expiry date) irratti barreeffame sana yoo irraa gatne immoo kana hordofuun ni ulfaata. Kanaafuu waraqaa sana irraa gatuun dogoggora. Dogoggora – 2ffaa Qoricha yeroo ol keenyu balbala firijii irra kaayuu. Kuniis yeroo tajaajila garagaraatiif jecha balbala firijii bannuufi cufnu qorichi hanga walitti raafamuu qabuu ol walitti raafamuudhaan qabiyyeen qorichichaa qaama bilqaaticha qoricha of keessa qabuu irratti maxxanee akka hafu carraan itti taasisu jira. Kanaafuu dogoggora kana hanbisuudhaaf qorichicha kana yeroo firijii keessa ol keenyu qaama firijii dhaabbataa hin sochoose irra kaayuutu filatama. Dogoggora – 3ffaa Insuliini haalluun isaa jijjiirame fayyadamuu. Insuliinii gosa "NPH insulin” jedhamu kan haalluu gara aannaniitti dhiyaatu qabu irraa kan hafe insuliiniin kanneen biroo bifti isaanii xaliila bishaan qulqulluu fakkaatuudha. Qorichoonni kunniin haalluuwwan baraman kanaa ala gara haalluu biraatti jijjiiramuu yoo hubanne isa dhiifnee gara mana qorichaatti deebisuudhaan isa nagayaatti jijjiirrachuutu barbaachisa. Dogoggora – 4ffaa Lilmee takkatti irra daddeebiidhaan fayyadamuu! Akkumaan barreeffama kana duraa keessatti isiniif barreesse lilmeen takka yeroodhuma takka itti fayyadamuudhaaf tolfamte. Garuu faallaa kanaatiin lilmee takka yeroo baay’eedhaaf irra daddeebiidhaan itti fayyadamuun dogoggora. Akkasumaas dhibee garagaraatiif nu saaxila. --- Kanaafuu Dogoggoroota akkanaa kan xixiqqaa fakkaatan garuu kaaraa kallattiinis tahee alkallattiin fayyaa keenya kana irraa of eeguun barbaachisaadha. Kana hir’isuudhaafis itti dhiheenyaan waa’ee fayyaa keessaniifi qoricha keessanii ogeessan keessan wajjiin mari’adhaa. --- Qoricha keenya haa kunuunsinu! Qoricha kunuunsuun fayyaa keenya kunuunsuudha! --- Odeeffannoo dabalataatiif uuda armaan gadii kanneen irratti na hordofaa! Telegram: https://t.me/pharmacistelias Facebook: www.fb.com/Pharmacistelias Youtube: www.youtube.com/Pharmacistelias TikTok: @PharmacistElias Instagram:https://www.instagram.com/pharmacistelias