Sirbootaa fi Walaloo Afaan oromoo
СтатистикаPromote our culture @oromoo1000 @Poem_oromoo @oro_Music @Oro_Comedian @World_music @Ethiopian music Old music and music melody, lyrics https://t.me/boost/oromoo1000
- Последний пост
- 12 авг.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 1
- Всего постов
- 29
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 996
- 1/48двое суток
- 1 141
- 1/72трое суток
- 1 231
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Uumama kee argee Si hubachuuf yaalee Dur risaan si se'a Baallee kee ilaalee Otoo lafa teessuu Daara otoo haatuu Sagalee cirattee Boroodhan yoo baatu Baallee kee mul'isuuf Gaafa batachitu Lukkuu ta'uun bare Gaafa of ibsitu! ...caaru kee eeggali.. "Oolmaa gaarii" #Iccitii_Jaalalaa #Walaloojaalalaa #afaanoromoo #walaaloo
NATTI YAA HAFUU Sitti haasa'e too Ergaa naa hubbane Jaalala sif kennee Ergaa narra hin fudhane Si kuununsuu koo Ergaa fakkaate gabara Si maale jechuun koo Ergaa sifaggesse naraa Si gaabaruu koo Anatti yaa hafuu Si jaaladhaa jedhee Lammuu kadha hin dhufu ....Naati yaa hafu.... #walaaloo #afaanoromoo #Walaloojaalalaa #Iccitii_Jaalalaa
Bulee si argachuuf Si arguu lagadhee Jireenya kee yaadee Jiruu koo dagadhee Otuman si eeguu Abdiin bara dheeraa Ati hinjirtu silaa Manni koos oneera! Qalbiif haamileen koos Har’a humna hinqabu Eenyuttan himadha Bakka na dhukkubu Good night
Gaaffii..? **""""""* Lubbuu fira dhabde Jaalalaan hirkiftee Qalbii namaan cabde Du'arraa ittiftee Dhukkubsataa siin fayye Miiltoo bara qaataa Fayyiftee ajjeesuuf Maalif yaalte laata? #walaaloo #afaanoromoo #Walaloojaalalaa
без подписи
Qe'een Arsii Jila qaba! #Arsii jilaaf yaa'a Eebbaan yoo saaqu! Dhiltee Dhinnaa............... Hobba'aa (Hoffolaa) Dhiltee Dhinnaa............. Hobba'aa (Hoffolaa) Dhiltee Dhinnaa............... ijarraa hafaa; hafaa nu hambisaa Faatee waaqni dhagayi............. Dhagayi Lafti sii dhagayi.......................... Dhagayi Dhibbi dhagayi............................. Dhagayi Dhibaayyuun dhagayi................. Dhagayi Gadaan dhagayi.......................... Dhagahi Gadaamojjiin dhagayi............... Dhagayi Gadabitti nu galchi.................... Galchi Gadaa nu hulluuqsisi.............. Hulluuqsisi Dolool'oo yaasi........................ Yaasi Yaa’aa gabbisi............. gabbisi cinii sangoomsi.............sangoomsi sangaa wondabsi.................wondabsi Waraana qaqeessi............... qaqeessi Oromoo qaqatti nuu bulchi......... bulchi Jinfuu tuuli..................... Tuuli Tuulaa diinaa buqqisi.................. buqqisi barbadaa barii godhi.................godhi bara nagaya godhi....................godhi Oromoo biifaa si godhi.............. Si Godhi Biiftuu ganamaa si godhi............ Si Godhi Ejersa gaaraa si godhi................ Si Roobi Korma nyaaraa si godhi............... Si Roobi Bokkaa sii roobi............ Sii Roobi Bokkuu sii moosisi.......... Sii Moosisi Laftana ititi...................... Ititi Itittuu nu obaasi........... Obaasi sun toltu'u (2x)................haa qabattu (2x) erga jedhanii eebbisanii .
Sirbootaa fi Walaloo Afaan oromoo pinned «Ijoollummaa💔 "”** Gaaf umriin ijoollee Waan hinjirre argaa Abjuu guddaa tuulee Abdiin guddaa eegaa Ari'een qaqqabaaf Fiigeen qaba jedhee Borun humna dhabaaf Miira kiyya hidhee Humna otoon dhabuu Haamilee ergifadhee Qalbii otoon cabuu Didee ciniinnadhee...…»
Ijoollummaa💔 "”** Gaaf umriin ijoollee Waan hinjirre argaa Abjuu guddaa tuulee Abdiin guddaa eegaa Ari'een qaqqabaaf Fiigeen qaba jedhee Borun humna dhabaaf Miira kiyya hidhee Humna otoon dhabuu Haamilee ergifadhee Qalbii otoon cabuu Didee ciniinnadhee... Galma koos hin geenye Boqodhees hin teenye Abdii guduunfadhee Sagal gitintiraa Otoon mucucaadhuu Ammas karaan jira! #Iccitii_koo #Walaloojaalalaa #walaaloo #afaanoromoo
Hiree ***. Okkoluu kee hawwee Si cabsuu hin dharraane Garuu waanti hundi Akkan yaade hintaane! Abdii kee obsaan tikseen Jaalalaaf hunda haalee Aangoo hiree cabseen Jaalala muuduf yaale! Ta'us..... Hireen erga kutee Riqicha jaalalaa Madaa koof madaa kee Ormi maaf ilaala? Hireedhan mormuurra Amanuutu caalaa!
Sirbaa hacee tokkoo mee na afferamaa... Siif jiraadhee du'uun koo Silaa waan hin oollee Silaa waan hin oollee Gaariif hammeenya kee Waliisaan wallaalee Waliisaan wallaalee Anaan na qabattee Maaf anaan na miitaa Beekta anaan anatu Silaa jiruu keef jiraataa Kanan gaabbu kan na arsuu An waa lama dhabduun ta'ee Kanan gaabbu kan na arsuu Bifuma tokkoon meeqan du'e Kan si dinqu maqaa keetinan Fira faana gargar ba'ee Lammii kootin gargar ba'ee Kan si dinquu si filadhus Yaadni kankee yoom naaf ta'e Ofittummaan kee sumaaf ta'ee Kan si dinqu kan na arsuu An waa lama dhabduun ta'ee Kanan gaabbu kan na arsuu Bifuma tokkoon meeqan du'ee Gaarummaa kee kanatu Hammeenya kee kanatu egaa Yoom ifa naaf ta'aaa Bifa tokkoon qofa maaloo Al meeqan siif du'aa Bifa tokkoon qofa maaloo Al meeqan siif du'aa Osoo naaf milkaa'ee Osoo naaf milkaa'ee An fira koo kiisee Dhiifama saanii argadhee Oson sirraa gargar ba'ee Osoo naaf milkaa'ee Si wajjiin jiraachuun nattafee Osoon lammii kootti makamee Isan du'ee du'aa ka'ee Kanan gaabbu kan na arsuu An waa lama dhabduun ta'ee Kanan gaabbu kan na arsuu Bifum tokkoon meeqan du'e ~~~~~~ __Har'a___ Hunduu gaabbee jira! Harka si nyaate ibiddi ittaa qabatu Lubbun kee jennataan haa boqotu
Ni darbaaf amanee Obsee tolaaf hamaa Balbala abdii banee Callisaan wargamaa Isa miira ganee Ta'us ani nama!
"Hin hawwin firoota..!" ++++++++++++++++++ Jabaattee jabaa ta'uuf Hanga dandeessu fiigdee Cimtee lafaa ka'uuf Mammadooftee dhiigdee Abdii kee abdatte Akka waadaatti eegdee Lubbuu kee itti laattee Yeroo itti wareegdee Gaafa guyyaan geessee Milkaa'uu kee argu Warri kalee diinas Firooma munaagu! Kanaafuu... Osoo nama hin ta'in Lakkooftus baroota Osoo galma hin gahin Hin hawwin firoota! Guyyaa gaarii qabadha. #Iccitii_koo #walaaloo #AfaanOromoo
Madaa koof otoon boo'uu Miidhama koo lakkaa'ee Lola darbe keessatti Yoon si miidhera ta'e... Siin miidhamuu koo aarus Si miidhu hin yaanne anii Dhiifama koo fudhadhuu Madaa kee ittiin wal'aani! #Iccitii_Jaalalaa #walaaloo #Iccitii_koo #Walaloojaalalaa
Ijaan si jaala'e..! ******* "Akkaa hubnii tuqnee Tolchee si kunuunsaa Dhuukke fi daara agaraan Fulduraa kee of buusa Yoo si maddii dhabadhu Milaa koottu naafisaa Araabni koo hidhaame Dubbachuu caalisaa Innii afaan koo qabee Argaa kee na soddachisu Jaalalaa ijaatu na qabe Kan kophaa na dubbaachisu. " #Walaloojaalalaa #Iccitii_koo #walaaloo #Iccitii_Jaalalaa
без подписи
Kitaaba tolaan rabsamee dubbisa wallaalle; dubbifnee irraa barachuu wallaalle! Addaan baanee hinhafnu yaa jigaakoo, Sirras enyu naa beeka gubaakoo Kan darbes amma dhiisi sitti hin kaasu natti hin kaasiin, Wanna yeroon nugoote san yaaddee sammuu hin gaabbin Waan bonni gogse gannatu jiisa, Ooleen bula malee yooman sidhiisa? Barris dabareedhaan nama geechi yoo Rabbi jedhee (2x) Barri hindarba na eegi, Gadaatu kan milkiiti Beelbaan nu fura yoomuu hir’uun barana guutti Waliif galla kulleekoo waldhabni nama miiti An nan dhufa na eegi Irreecha baranaatti Waaqeffanna galletoo malkaa Hor-Arsadiitti Waan jirtu numat hiika, anaaf sumat walbeeka (2x) Jirtuu mammagaallan koodee tiyyaa Yaa jaalala ijoollummaa kan biyyaa An amma si argun koo waan hin oolle Nan dhabe dacheerra kan sicaale, Waan na dhukkubus wannan wallaale Gad jedhee gaaffera lafa laalee! Bakkalchi dhugaa mumul’achaa jira Barri dukkanaa suni darbeera Mee kamtu akkakee natti dhiyaata Arge firri koo suma ijibbaata Lafti haa fagaatu, rakkinni haa hammaatu Anaaf si argachuurra homtuu hin caalu Rabbi yoo jedhe kullee koo galli hin oolu Qopheechi bakkee hin bulu (2x) Egaa koo galli hin oolu . . . Qobeechi bakkee hin bulu Qallookoo galli hin oolu . . . Qobeechi bakkee hin bulu Asii fi achi hinlaalu . . . Qobeechi bakkee hin bulu Dhabeera kan sicaalu . . . Qobeechi bakkee hin bulu Gargar bane hin hafnu yaa jigaakoo Simalees namuu hin beeku gubaakoo An amma wannan yaaden iccitiidhaan sitti odeessee Hin hambisu rakkoon kun na tiruukee biyyaa baase Waan bonni gogse gannatu jiisa, Ooleen bula malee yooman sidhiisa? Barris dabareedhaan nama geechi yoo Rabbi jedhee (2x) Namatti nan himiinii loyeen dhufa qarreetti Kunoo yoo iyya Hindaaqqoo afoo lafa bariitti Bara meeqa wal sakaalle wal ilaalle akka alagaatti Natti hirkadhu qallookoo nut gaaddisa waliiti Bashaqqanna galleetoo qa’ee itti guddannetti Wan haftes numatu hiika anaaf sumatu wal beeka Jirtuu mammagaallan koodee tiyyaa Yaa jaalala ijoollummaa kan biyyaa An barsana hin beeku nan araada Wannan gate mooji nan barbaada Dhiitus hoo bariitus gaabbiin aada Hirriba dhoowwee yaadaan na waada Bakkalchi dhugaa mumul’achaa jira Barri dukkanaa suni darbeera Mee kamtu akkakee natti dhiyaata Arge firri koo suma ijibbaata Lafti haa fagaatu, rakkinni haa hammaatu Anaaf si argachuurra homtuu hin caalu Rabbi yoo jedhe kullee koo galli hin oolu Qopheechi bakkee hin bulu (2x) Mariituu hunda hiika . . . Qobeechi bakkee hin bulu Hir’uu tenyaa nutu beekaa . . . Qobeechi bakkee hin bulu Jibbaaf hammeenya diigi … Qobeechi bakkee hin bulu Hora-Arsadiitti na eegi … Qobeechi bakkee hin bulu! Jaamboo Jootee sirba osoo hin taane, kitaaba guddaa barreesse ture. Quxisuu ta’ee dhalatee angafoota waggaa shantamman kanaa qabsoo eegalan gorsa hayyuu gorsaa ture. Namatu isa hin hubanne. Yaa humna walaloo kanaa; yaa ergaa isaa! Akkamitti haadhoowwan garaa tokkoo walitti hidhuuf, araarsuuf, waan darbe dagatanii isa dhufuuf garaa tokkoon malkaarra dhaabatanii egeree ofiif akka Waaqa galateeffatan itti qajeelche garaa nama roraasa. Garaa nama nyaata! Namuu badii kaleessaa waliif dhiisee, fira ijibbaataa wal godhatee karaa hafte akka waliin imalu akeekee ture. Maal godharee? Baratu bara qajeelaa itti dhaga’an ta’uun dhibe natti fakkaata! ‘BELBA’ (Waggoota 8 dura)
HIN KAASINAA! ===≠========== Yoo gundoorra kaa’ame Daaratti gangalata Salphinaan dhangi’emee Bakka Ulfina lagata. Daaraa keessaa kaafamuun Gulantaa ta’uu hin barree, Waraabessi haa nyaatuu Hin kaasinaa foon Harree! #TorbeeHaace #haceweek #walaaloo #Iccitii_koo #Walaloojaalalaa
Sirbootaa fi Walaloo Afaan oromoo pinned a photo
Dhugaa faana dhooftee Kijiba lagatta "Guddattuu koo" jettee Harmee keen kakatta Riqicha Oromummaa Daandiin ati deemtu Gabrummaa alagaatiif "Tole" jechuu hin beektu! Kutataa xiqiidhaan Mar'umaansaa dhubbuu Korma koo didaa koo Didaa hamminaafi cubbuu Hiriyyaa qulqulluu Fira gaafa rakkoo #Haacee koo @waloo_Leta
Hin Ajjeesina dhira koo ================== Hin ajjeessina dhiraa koo Sooba itti dhaalchitaani Hi tummiin korma koo Hidhaa bara galchiitanni Kan qoote qootte haamaa Yoo seeraan faacasaani Kan joore haaqaf jooraan Rasaasan Adaamsaani Koormaa miillii rasaasa Joora koo garaa mul'aata Dhiira faani hasaasaa Seena kee ni dubbaata Qaaruxxe dhaari gaddite Kan diroonin dadhabbe Atu beektaa silaa akkaasa Dirqiitu gadsiqabee..... ..... Silaa.... Kan gaalataa kee beknee Wa'ee kee dhaadhessaa Goota maadiin dadhabdee Yaartu goolatti ajjessa. Araara shiraa qabu Haaqa fakkin farfame Kan kaalesa caalaa Oromummaan yakkaame 😭😭😭😭😭😭😭😭😭 Maddii fuula fb soolaan #Iccitii_koo #walaaloo #TorbeeHaace #haceweek