Shine Graphics & Production
СтатистикаLINK KANA SEENUN https://www.youtube.com/channel/UCdBYQjPWhIv18Pk_Twv3CDg FAARFANNAAWWAN GARAGARAA DHAGGEFFACHUUN EEBBIFAMAA. #SUBSCRIBE #LIKE #SHARE GOCHUUN IMMOO NAMOOTA BIRAAN GAHAAN DHAAMSA KOOTI. Na qunnamuuf : @Korsiko fayyadama.
- Последний пост
- 14 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 7
- Всего постов
- 28
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Видео
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 7
- 1/48двое суток
- 8
- 1/72трое суток
- 8
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
https://youtu.be/WCQqmIOBpmk?si=TmvUxSXgq4a75TNI
Iji koo gara gaarotaatti ol in ilaala, gargaarsi koo eessaa dhufa? Gargaarsi koo Waaqayyo biraa in dhufa; inni immoo isa bantiiwwan waaqaa, lafas uumee dha. Inni miilli kee akka sigigaatu hin godhu, inni si eegus hin mugu. Kunoo, inni Israa'elin eegu, matumaa hin mugu, hin rafus. Waaqayyo si eega, Waaqayyo gaaddisa kee ti, inni gara mirga kee jira. Guyyaa aduun si hin rukutu, halkanis ji'i si hin miidhu. Waaqayyo hamaa hundumaattii si eega, inni jireenya kee in eega. Waaqayyo gad ba'uu kee, ol galuu kees ammaa jalqabee hamma bara baraatti in eega. Ameen! Faarfannaa 121:1-8 #hope #onevoice #newlife
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
...''Nagaan Isiniif Haa Ta'u!''... Yohanis 20:26 🤚 @HopeInHisRutern
Sababa miirri keenya gegeedderamaa ta’eef, isa Waaqayyo hin jijjiiramne kana hubachuun baayyee nu rakkisa. Har’a amanamoota, borimmoo miti. Har’a jabeessinee jaallanna, borimmoo kan biraa dha. Har’a dhugaa dubbachuuf waadaa seenna, borimmoo qaanii malee sobna. Waaqayyo akkas miti. *inni yeroo hundumaa amanamaa dha (2 Xim. 2:13); *Inni yeroo hundumaa ni jaallata (Erm. 31:3); *Inni yeroo hundumaa dhugaa dha (Tit. 1:2); *Inni hin geedderamu (Ibro . 6:17.)
WANTI FEDHA WAAQAYYOO DUUBA TA'U TOKKO'LLEE HIN JIRU.😊 @HopeInHisRutern
Bubbeen Kami Illee Yesuus irraa addaan si baasuu hin danda'u. "Jabaadhaa, Innoo anaa hin sodaatinaa." Maatiwoos 14:26 Pheexiroos gaafi tokko Yesuus galaana irratti argee gara Yesuusiin dhaquu barbaade. Haa ta'u garuu, murtoo inni gara Yesuusiin dhaquu irratti murteesse irratti bubbee jabaan itti ka'e. Innis haala qilleensaa sana ni sodaate. Yesuus garuu qilleensa jabaa sana keessatti hixatee harka isaa qabe. Bubbeen har'a gara Yesuusiin dhaquu barbaaddee sirratti ka'ee si sodaachiisaa jiru baay'een jiraachuu danda'a. Bubbeen yookaan qilleensi kun karaa: 1. Maatiikeetiin sirratti ka'uu danda'a 2. Karaa bakka hojiikeetiin sirratti ka'uu danda'a. 3. Karaa nama ati jaallattuun sirratti ka'uu danda'a. 4. Karaa mana barumsaakeetiin sirratti ka'uu danda'a. 5. Karaa siyaasaan sirratti ka'uu danda'a. 6. Karaa qaalayiinsa jireenyaa sirratti ka'uu danda'a. ta'a. Warroonni kun akka ati gara Yesuus hin deemneef si sodaachiisuu danda'u. Yesuus Kiristoos inni hundumaa danda'uqilleensa sana callisiisee harka pheexiroosiin qabe. Har'a illee taanaan gara isaa akka ati hin dhufneen wantoonni si sodaachiisan yoo jiraatan illee, ati gara Yesuusiin dhaquuf murteessi inni harkakee si qaba. Qilleensa si sodaachiisu irratti illee mo'icha siif keenna. Akkuma Pheexiroos harkakee gara isa bubbee jireenyaa sirraa gabi gochuu danda'utti qabi. Maatiwoos 14:22-33 Halkan gaarii Madda Fuulbarru:Chala Aga ✍️
Sanbata Garii Guutuu isaa gadi Lakkifame jira ittiin eebbifamaa https://youtu.be/8zAApceShtk?si=QqEeS3lIVr4YgXeN Waan kenyaa jabefachuu Aadaa kenyaa 💪💪💪💪
видео или голосовое, без подписи
Happy Sabbath ✨
https://www.facebook.com/share/19JBC6j6bd/
https://youtu.be/OTXXP2arZG0?si=D5VqLl2ClaTWwlpe
Wangeelli waan lama dadhabbii isaas baannee bu'aa isaas eeganna Yoo akkas hin taane of-gowwomsinechi abdii maalii qabna. Happy sabbath 🙌
✝️ “Ani hamman jirutti sin galateeffadha, harka koo ol qabees maqaa kee nan waammadha.” — Far. 63:4 Hunduma keessaniif SANBATA GAARII haa ta'u!🙌 🌟 Outstanding Poster designed by: @haftuu_graphics
https://youtu.be/WsQU-psRBjc?si=XD_YatAqMrpBzPLv
Ergaa guddaatu irraa baratama. killeen yoo alaan cabee, jireenyi nii dhaabbata. Yoo keessaan cabee garuu, jireenya haaraatu eegala! Guddinni fi jijjiiramni dhugaa alaan sin mudatu; keessoo kee ( your inner potential) keessaa burqa. Dhiibbaan alaa, qorumsi fi jechi namaa si cabsuu danda'a, garuu kutannoo fi milkaa'ina keessoo keetiin cabsitee yoo baate, addunyaa kana irra dhibbaa guddaa uumuu dandeessa. Humna keessoo kee beekuun sodaa fi mamii kee cabsiitii ba'i. Milkaa'inni kee dhiibbaa alaa utuu hin ta'in, mul'ata fi onnee kee isa keessaa irraa madaalama! Mul'ata kee milkeessuuf abbaa kaayyoo fi abbaa seenaa ta'uun harka kee jira. Har'a keessoo keetiin jijjiirama eegali!
видео или голосовое, без подписи
Nama kabaji malee hinsodaatiin. Hunda gaafa eegaluuf jettu Jabaa Waaqayyoon Jilbeenfadhuu itti waami. Kanumaan galma geessa. Lakkoofsi Zeeroo jedhee eegalee Miiliyoona ta’a, xiqqoo irraa eegaluu hinsodaatiin. #kanuma
Irraa baradhaa Bineensan yeroo heddu fakkeenya irraa fudhadhee fayyadame arge kana duukaa wal baraa. Bineensa akkaan xiqqoodha, Yeroo baayyee qofaa deemuun beekamu, maqaan isaa ‘Honey badger’ jedhama. Haa ta’u malee, waan tokko gochuuf ka’ee eenyuun sodaatee duubatti hin deebi’u. Sodaa xiqqoon keessa isaa hin jiru; kanaanis ‘Guinness World Records’ irratti "bineensa sodaa hin beekne" jedhamee galmaa’ee jira. Bineensota sodaatamoo ta’an kan akka Leencaa, Qeerrensa, Jawwee, Bofa fi Naacha bishaan keessaa daangaa isaatti yoo darban, Cichoomina, xiiqii fi jabinaan dura dhaabbatee lolee injifachuun gala. Bineensonni amala isaa beekan humna isaa beekan, akka inni xiiqiin sibiraa hin hafne waan beekaniif yoo lola hinbarbaadan ta’e beekaa bira darbanii deemu. Bineensa mirga isaa kabachiifatee bosona keessa jiraatudha. Gaafa lolu humna isaan utuu hintaane malaan lola. Akka fakkeenyaa Yoo isaan Afaan bananii liqimsuuniif ka’an arraba afaan isaanii keessa ciniinee hingadhiisu, Maddi isaanii ciniinee hingadhiisu itti rarra’ee irraa hinbu’u. Bineensi kun waa nyaachuuf barbaacha yoo kaate bofti yoo summii isheen hidditee, Kanniisn itti duuddee yoo deemsa dhowwite daqiiqaa murtaa’e qofaafi, Summii bofaa damdamatee ka’ee bofattii ajjeessee nyaataan, Kanniisa damma dammeessitee afaan boollaa fi gaaguraa akkasumas holqa mukaa keessaa yoo arge, Damma nyaachuuf manaa bahe sana dhiisee hingalu, karoorsee cichee itti seennaan ilkeen kanniisaa duubatti hindeebistuun, utuma hiddamuu utuma itti dudanii deemsa dhowwanii kaayyoo isaa galmaan gahee nyaata isaa nyaatee gala. Goota soda hinbeekne. ‘Honey Badger’, gogaan isaa cimaadha, Ilkaan isaa baayyee qara akkasumas Qeensa isaa kan inni ittiin boolla qotu baayyee qara waan taheef bineensonni kaan akka isa sodaataan godhaanii. Kanarraa maal barattu: Karoora tokko baastee galmaan gahuuf gaafa deemtu hundinu dirree naaf tahee galmaanin gahadha, namootni naannookoo jiranis harka walitti naa rukutu ‘Abshir’ jedhanii haamilee natti horu jettee hin eegiin, Akkasumas fuulduratti akkan deemuuf najajjabeessu jettee hin yaadiin. Bu’aa bahii hedduutu fuuldurakee jira. Bu’aa bahii namtolche fi kan uumamaa. Bu’aa ba’ii namtolchee keessaa muraasni: • "Eci, maal siif godhaa gab jedhii gadi taa’i" • "Amma akkamitti gadi buutee hojii gad-aanaa hojjetta?" • "Qarshii argachuuf aarsaa akka kanaa hin kaffalin!" • ‘’Bara dhufuu eegallee waliin eegalla amma dhiisii taa’i” • “Ati kana booda maal bu’aa buustaa” • "Umuriin kee deemeera, kana booda waan akkasii hojjechuu hin dandeessu" • "Hanga isa baratteen hojii argattutti callisii taa’i" , ISAAN KUN Jechoota akka Summii bofa keessa nama seenuun nama takaaluun beekamanidha. Kaan immoo ati diddee gaafa cichitee of jijjiiruuf jettee deemsa eegaltu qaamaan dhufanii sitakaaluu barbaadu. Yeroo ammaa kana of jijjiiruuf dirqama isa baratteen tahuu hinqabu, of jijjiiruuf fedhii qabda taanaan gurra kee qabadhu, Hiriyaa miira kee cabsu fi abdii si kutachiisu irraa fagaadhu; kan walta’iinsa fi deeggarsa gaarii siif kennu garuu amanamummaan filachuun fuulduratti deemi. Rakkina kee kan dhiibee siirraa fonqolchu siqofa, siqofaatu siif jira. Harka namaa hin eegiin. Qofaakee dhiibii ofirraa kaasi, gara fuulduratti gaafa deemtu eejjennoo fi kutannoo qabaadhu, akka bishaan gabateerraa hin tahini murteessi of jijjiiruuf murteessinaan cichoomina fi kutannoo akka bineensatti ‘Honey Bagder’kanaa rakkina fuuldurakee kan mana siseenaa jiru kana dhaabbadhuu kokkeetti qabii seenaa godhii darbi. Utuu human qabduu, utuu sammuu qabduu jechoota namaan hidhamtee teessee harka namaa kan eegaa kan jirtu utuu aduun sitti hin dhihiin ka’i. Sijijjiiruuf, humna kan qabu siqofaadha. Of jijjiiruuf gaafa murteessitu, madaallii keessoo kee wajjin taasiisi. Maree fi oduu baay’isuu dhiisi, hunda hojiin agarsiisi. Namoota siqeeqan, sinaaffisuu barbaadan akkasumas ati waan nama taatu itti hinfakkaanne situfataa turan sana hojiin agarsiisiitiin afaan fi boquu isaanii gad qabachiisi.