tgindex
Sagalee Waaqayyoo

Sagalee Waaqayyoo

Статистика

Haalli mijatan hin jiru, Garuu inni haala mijeessu yesuus nu waliin jira! YESUUS!😊 @Subscribe @Share Gochuu hin dagatinaa Galatoomaa!😊👇 www.youtube.com/@WordPowerTube

Последний пост
13 авг.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
2
Всего постов
23
Тип
открытый
Язык
om
Категория
Видео
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
332
0 за 2 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
298
23 постов
Вовлечённость
89,8%
к подписчикам
Постов в день
0,3
всего 23
Упоминаний
3
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
33
1/48двое суток
37
1/72трое суток
40

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • без подписи

  • WANTI FEDHA WAAQAYYOO DUUBA TA'U TOKKO'LLEE HIN JIRU.😊 @HopeInHisRutern

  • 7 июл.197102

    HIN DAGATIN! kadhannaa caalaa humni guddaan hin jiru. AMANTII Caalaa jabinni guddaan  hin jiru. WAAQAYYOO Caalaa immoo wanti guddaa hin jiru.😊

  • Yeroo tokko tokko jireenyi namatti hadha'a;🥹 Dhoksaatti boossa😢 eenyullee si cina akka waan in jirre sitti fakkaata gaddaarraan kan ka'ees onneen namaa in caba 💔  garuu Waaqayyo imimmaan hundumaa in arga, sagalee boo'icha namaas in dhaggeeffata,  Akkuma Aggaar gaaf tokkoo.😊 ..."Aggaar, maal taate? Mucichi iddoo jirutti Waaqayyo sagalee isaa dhaga'eeraatii hin sodaatin! S/Uumamaa 21:17 WAAQAYYO SAGALEE BO'ICHA KEE DHAGA'EERA!😊 @latinaaf 💬

  • '' Fannoon dhukkubbii cubbuun onnee waaqayyootti fide miira keenya isa adoodaatti mul'isa''.___ Education, p. 263

  • Waaqayyo gooftaan kattaa yeroo hundumaa jiraatu waan ta'eef, bara baraan isa amanadhaa! Isaiah 26:4 😊 @HopeInHisReturn

  • Warri dhoksaatti Waaqayyoon barbaaduudhaan fedhii isaanii itti himanii gargaarsa kadhatan, kadhaan isaanii akkanumaan hin ta’u. “Abbaan keessan Inni dhoksaatti Isa  kadhattan mul’inatti isiniif ni ksenna.” Yoo guyyaa hundumaa filannaa keenya Yesuusiin godhanne humni biyya lafaa kan hin argamne nu marsee jiraachuu isaa ni hubanna. Yesuusiin ilaaluudhaan gara fakkaattii isaatiitti jijjiiramna. Isa ilaaluudhaan ni jijjiiramna. Amalli keenya laafaa ta’a, ni qullaa’a, mootummaa Waaqayyoofis kan malu ta’a. Gooftaa keenyaa wajjin walitti dhufeenya dhugaa qabaachuun keenya qulqullummaa keenyaa fi jaalala keenya dabalaa deema. Kadhannaa keessa guddachuutu jira. Barumsa Waaqummaa baranna, kunis of eeggannaa fi kaka’umsa nuti qabnuun mul’ata.

  • Waaqayyo, guyyaa rakkinaatti kadhata keef deebii siif haa kennu! Waaqayyo inni kan Yaaqoob, maqaa isaatiin si haa eegu! Inni mana qulqullummaa isaa keessaa gargaarsa siif haa ergu! Irkoos Xiyoonii siif haa kennu! Inni kennaa kee hundumaa siif haa yaadatu, faaraanis gara aarsaa qalma keetii siif haa ilaalu! Waan garaan kee jaallatu siif haa kennu! Akeeka kee hundumaas siif haa raawwatu! Faarfannaa 20:1-4 @shinegraphicsandpro Waaqayyoo Gaariidha 😊 Join this page!

  • Amma ofii keessan fooyyessitanitti ykn gaarummaa fuula Waaqayyootti isin dhiyeessuu amma argattanitti kiristoos irraa akka of fageessitaniif yaada diinni isiniif dhiyeessu hin fudhatinaa. Amma sun ta'utti eegdu yoo ta'e yoom iyyuu gara Yesuus dhufuu hin dandeessan. Yeroo seexanni moofaa abaarsaa keessan isinitti argisiisu isin immoo isa Waaqayyo "Kan gara koo dhufu gadi baasee bakkeetti hin ari'u" jedhe sana irra deebi'aatii itti himaa. Waaqayyoo Gaariidha 😊  @shinegraphicsandpro

  • Yesuus qofatu ifa, jireenya, nageenyaa fi wabii bara baraa ti. Ameen! 😊 @HopeInHisReturn

  • "Kadhata keenyaaf deebiin akkuma nuti hawwinetti dafee dhufuu dhiisuu ni danda'a, wanti nuti gaafannes qajeelaa ta'uu dhiisuu mala; garuu yoo nuti amantii dhabnee abdii hin kutannu ta'e, Inni wanta ijoollee Isaatiif baay'ee gaarii ta'e beeku, isa nuti gaafanne caalaa waan baay'ee gaarii kenna." Sons and Daughters of God p. 92

  • Amantii dhaan yeroo nuti jabina isaatti maramnu, haala abdii hin qabnee fi gaddisiisaa ta'e ni jijjiira. Jechoota hadhaa'oo dhaan ulfina Waaqayyoo hin xinneessinaa; qooda kanaa garaa keessaniin, lubbuu keessaniin, sagalee keessaniin isa galateeffadhaa.... waantotni jiran akkamitti akka isaan gaarummaatti jijjiiraman ilaalaa. Waaqayyoo Gaariidha 😊

  • Rakkinnii fi dhiphinni yeroo hundumaa sammuu keessan akka raasanii fi nyaara akka isin guursisaniif hin heyyaminaafii. Yoo heyyamtaniif, yeroo hundaa haarii dhaaf sababa hin dhabdan. Jireenyi akkuma nuti ishee goone dha. jireenya irraa waanti nuti argannus waanuma barbaadnu dha. haarii dhaa fi dhiphina faana dhoofna taanaan baayyee arganna. Haasaa fi yaadni keenyas isaaniin liqimfama. Haa ta'u malee waan hundumaa iyyuu gaarummaa isaa irratti yoo xiyyeeffanne kan nu gammachiisuu danda'uu fi fuulli keenya akka ifu waan godhu amma nu ga'u ni arganna. Waaqayyoo Waadaa Seenera!

  • Boo'icha, jireenya hadha'aa fi garaa cabaa dhaan hacuucamnee akka hafnu Waaqayyo hin barbaadu. ... Fayyisaa inni eebbifamaan namoota iji isaanii imimmaaniin haguugamee isa arguu dadhaban cina/bira dhaabatee jira. Yeroo nuti amantii dhaan isatti maramnee akka inni nu geggeessuuf isa kadhannu argee harka keenya jabeessee qabuu hawwa. Nagaa fi jajjabeessuun Yesuus jireenya keenya keessa akka seenu yoo heyyamneef gara onnee isaa isa jaalalaan guuteetti dhiyaanna... Waaqayyoo Waadaa Seenera!

  • Kiristoos jalqabaa fi dhuma adeemsa keenyaa qofa utuu hin taane tarkaanfii keenya tokkoo tokkoo isaa keessatti nu waliin jira. Maatiin iyya, beela, ijoollee isaanii irraa gurra isaanii deebisuu danda'u ta'a; Waaqayyo garuu iyya lubbuu rakkina keessa jirtuu jalaa cal jechuu hin danda'u. Waaqayyoo Waadaa Seenera! #Ameen #sagaleewaaqayyoo #jesus #hope #faith #

  • Alaazaar du'ee guyyaa afur boolla keessa ture Yesuus dhaqee "Alaazaar" jedhee waamee kaasee Isa jiraachise; Yesuus Kirstoos  Jireenya kee keessaa waan dhibame humna du'aa ka'uu sanaan bakkatti siif deebisuu in danda'a.😊 #Ameen

  • Waaqayyo biraa waa barbaaddee deebii malee hafuu wanti jedhamu hin jiru; inni imaanaa kee hin nyaatu waadaa gales hin diigu. waan gaafatten olitti utuunni deebii siif laatu yoo ta'e malee, gonkuma qaana'uun hin jiru. Inni Haala kee hundumaarra in caala; WAAQAYYO AMANAMAADHA.😊 Gaarummaan inni nuuf qabu guddaa jabaa dha, amanamummaan isaas bara baraan in jiraata. Waaqayyoon jajadhaa! Far. 117:2 #sagaleewaaqayyoo

  • Haalli keenya maal iyyuu yoo ta'e jaalalli waaqayyoo hin jijjiiramu sinsinniis hin beeku; qabaannus dhabnus waaqayyo nu jaallata si jaallata na jaallata.😊 #sagaleewaaqayyoo #jesus #hope #faith

  • 14 февр.34531из barumsasanbataa

    “Kennaa isaa isa hammas hin jedhamneef, Waaqayyoof galanni haa ta'u!” — 2Qor. 9:15 15 ስለማይነገር ስጦታው እግዚአብሔር ይመስገን። 2 Corinthians 9:15 “Thanks be unto God for his unspeakable gift.” — 2 Corinthians 9:15 (KJV)

  • Amani Akka waaqayyo hojiirra jiru; Yooma arguu dadhabdelle amani inni waan haaraa siif raawwata. Inni waan SI barbaachisu beeka, jireenya kee keessatti wanta ta'aa jiru, akkasuma rakkoo ati wallaansoo qabaa jirtu. Inni argaa jira. Waaqayyo argeera; wanta ati in beekne waan SI barbaachisu. Mee isumaaf dhiisi isa qofaatu furmaata jireenyakeetidha. Waan hundumaa; yaaddoo kee, dadhabbii kee, gaaffikee, guutummaa jireenyake harkasatti laadhu Isa harkaas deebitee of in baasin! Inni furmata waan hundumaadha yoomati arguu dadhabdellee inni hojiirra jira. Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa! Phex. 5:7😊 #SagaleeWaaqayyoo #Hope #faith #jesus