tgindex
Dr NafYad Getu

Dr NafYad Getu

Статистика

Baga Nagaan Dhuftan Sabakoo!

Последний пост
17:22
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
28
Всего постов
67
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
9 437
−22 за 4 дн.
Сутки
−1
−0,01%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
419
40 постов
Вовлечённость
4,4%
к подписчикам
Постов в день
4,0
всего 67
Упоминаний
1
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
318
1/48двое суток
364
1/72трое суток
393

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 17:221451

    FAAYIDAA_FAYYAA_LAWUZII /OCHOLONII (PEANUT) Ocholoniin nyaata firin isaanii yommuu nyaattaman faayidaa heddu ilma namaaf kennaniidhaa. Faayidaa kanneen kan kennus of keessaa qabiyyee heddu kan akka Pirootiinii, cooma fayya qabeessa(healthy fat), Vaayitaminoota garagaraa kan akka vit B1,B2, B3,B6, B9,E, fa'a, albuudota akka Pootaasiyeemi,Soodiyeemii,fi kkf akkasumas faayiberiin kan badhaadhedhaa. Faayida isaa keessaa muraasni:- *Fayyumma gogaa keenyaa eeguun akka miidhagnuu fi ifnu godhaa. *Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e akka qabaannuf heddu gargaara *Seelii sanyii kormaa/Spermii lakkoofsan akka baay'atuuf ni tolaa, akkasumas rakkoo dhala dhabuu/infertility dhiiraa ni hir'isaa *Dhukkuboota sirna onnee fi sirna dhiigaa waliin walqabataan kanneen akka dhibee onnee, olka'uu dhiibbaa dhiigaa, hir'inna dhiigaa fi kkf nurraa ittisa *Fayyummaa kalee keenyaaf gaariidha *Fayyummaa tiru keenyaaf hedduu gargaaraa *Dandeettii wa yaadachuu fi si'aa'inna ni dabalaa *Namoota dhukkuba sukkaaraa qabaniif filatamaadha. *Dhukkubbii dugdaa, gurraa, mataa fi kkf ni wayyeessa *Dhukkuboota sirna hargansu huban tokko tokko fknf Utaalloo fa'a nurraa ittisaa *Dhibee Kaanserii garagara fknf Kaanserii mar'umman furdaa fa'a nurraa ittisaa *Fayyumma ija keenyaf heddu gargaaraa. Fayyaan faaya. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • Faayidaalee Injoorrii -------------------------------------------------- 1. Cholesterol ni hir'isa. 2. Summii qaama keenya keessaa ni dhabamsiisa. 3. Waqtii ulfaaf bayeessa. 4. Fayyaa ija keenyaaf. 5. Dhibee asmii fi allergy'f. 6. Hanga sukkaaraa qaama keenya keessaa ni hir'isa. 7. Dhibee kaanserii nurraa ittisa. 8. Dhiibbaa dhiigaa ni to'ata. 9. Dheekkamuu qaamaa nurraa ittisa. 10. Gogaa kenyaaf nitola. 11. Ija keenyaaf. 12. Nyaata bulleeysuuf. Galatooma!!! Fayyaan faaya. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌

  • QUUFA MORMAA (GOITER) Quufni mormaa dhiita’uu yookiin guddachuu xannacha ‘Taayiroyidii’ jedhamuuti. Xannachi kunis morma keenya gara fuulduraatiin kan argamu yoo ta’u, faayidaan isaa hoormoonii taayirooyidii maddisiisuudha. *Akkamittiin namatti dhufa? 1. Hir’ina aayoodiinii. Hir’inni Aayoodiinii akkuma addunyaatti kan quufa mormaa fidan keessaa gahee olaanaa taphatu yoo ta’u, biyyoota guddatan keessaatti garuu hagas mara miti. Namoonni naannoo gaarreewwanii jiraatanii, bishaan gaarreen jalaa dhugan fi kan nyaata galaana biratti biqile irraa soorratan hir’ina aayoodiiniitiif nii saaxilamu. 2. Dhibee gireeviisii (Grave’s disease) 3. Ulfaa’uu, 4. Biqila xannacha taayirooyidii irratti biqilu (Thyroid tumors) 5. Dhibama xannacha taayirooyidii kan ‘taayiroodaayitiis’ jedhamuu fi kkf niin dhufuu danda’a. *Mallattoon isaa maali? 1. Dhiita’uu mormaa gara fuulduree, 2. Rakkoo liqimsuu fi hafuraa baafachuu irratti dhufu, 3. Qufaa fi 4. Jijjiirama sagalee. 5. Haala dhibee dhiita’uu xannacha kana fide irratti hundaa’uun mallattoo garaa garaa illee nii mul’isa. a. Haayiper-Taayiroodisim kan jedhamu yeroo hoormooniin taayirooyidii nafa keenya keessatti baay’atudha. Mallattooleen isaas:- i. Ulfaatina qaamaa hir’isuu ii. Rukuttaan onnee fi fedhiin nyaataa dabaluu iii. Nanna’uu, hollannaa harkaa fi dafquu iv. Dadhabbii, jeeqama sirna marsaa laguu fi kkf v. Dhibee Gireevisii keessatti immoo, iji dhiibamee as ba’uun (Exophthalmos)illee nii mul’ata. *Akkamittiin yaalama? Yaaliin quufa mormaa, dhibee quufa mormaa kana fidan irratti hundaa’uun kennama. 1. Yoo hanqina aayoodiini ta’e, aayoodiinii sana bakka buusuu. 2. Guddinni xannacha kanaa kan xiqqaa ta’eefi miidhaa hin fidne yoo ta’e, hordoffiidhuma gochaa jijjiirama isaa irratti hundaa’anii yaalii gochuufii. 3. Namoota dhibee dabaluu hoormoonii taayirooyidii ‘Haayiper-taayirooyidiizimii’ qabanif qoricha hoormoonii kana qaama keessaa hir’isu kennuufii (Akka hoormooniin kun hin uumamne gochuudha. Fayyaan faaya. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • Faayidaa Dubbaa/Buqqee (Dabaaqula) ***** 1. Fayyaa onnee keenyaaf. 2. Fayyaa ija keenyaaf. 3. Raammoo garaa keessaa qulqulleessuuf. 4. Dhukkubbii buusaawwaniif. (For arthritis) 5. Cholesterol hamaa hir'isuuf. 6. Cirracha kalee akka hin uumamne taasisuuf. 7. Daa'imman halkan siree keessatti fincaa'aniif ni gargaara. 8. Namoota dhibee sukkaaraa qabaniif. 9. Moluu yeroo malee dhufu ni hir'isa. 10. Dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaama keenyaa ni dabala. 11. Keemikaalota qaama keessatti summii ta'an dhabamsiisuuf. 12. Hirriba gaarii fi fayya qabeessa argachuuf. 13. Fayyaa gogaa keenyaaf. Galatooma!!! Fayyaan faaya. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌

  • Namoonni tokko tokko keessattu dubartoonni gaafa fincaan qabatanii turaanii fincaa'an akka waan walqunnamtii saalaa godhanii quufanitti miirri gammachuu itti dhagayama. Haa ta'uu malee fincaan qabatanii turuun kalee waan miidhuf, fincaan yeroo nama qabe yeroon fincaa'un gaaridha. Ulfaadhaa! Fayyaa dayaa! Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • Dhiironni hiyyeessaa fi qaaaman qal'aa ta'an dubartii harma guddaa hawwu. Dhiirti sooressii fi furdaan dubartii qal'oo fi harma xiqqoo fedha. Dubartoonni fufurdoon carraan dhiira abbaa qabeenyaa heerumuu salphaatti argamuu dhabuu danda'a. Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌

  • Dhukkubbii mataa wal-qunnamtii saalaan wal qabatu (coital cephalgia) *************** Inni kun miiraa mataa dhukkubbii yeroo miirri wal-qunnamtii saalaa olka’u , yeroo wal-qunnamtii saalaa yookiin wal-qunnamtii saalaa booda namatti dhaga’aamuudha. Kunis daqiiqaa muraasaa hamma guyyootatti darbees torbanootaaf turuu danda’a. Inni kunis yeroo baayyee bakka lamatti qoodamu: 1.Mataa dhukkubbii akkauma miirri wal-qunnamtii dabalaa deemuun jabaataa deemuu dha. Dhukkubbiin kun akkuma miiraa walqunnamtii saalaa jalqabuu fi olka’aa deemuun suuta suuta dhukkubbii dabalaa deemuudha. 2. Innii 2ffaan immoo dhukkubbii mataa yeroo miiraa dhumaa walqunnamtii saalaa (orgasm) irraa gahamu wajjin walqabatee jalqabuudha. Namoonni baayyeen lamaan isaanii qabaachuu danda’u.Namoota tokko tokko keessatti yeroo muraasa booda yaala tokko malee ofumaa dhiisa. SABABOOTA ISAA ****** 1 Bal’achuu ujummoo dhiigaa sammuu keessaa (Intracranial Aneurysm) 2.Dhiphachuu ujummoo dhiiga gara sammuutti geessan (cerebral vasoconstriction syndrome) 3.Qorichoota mala qusannaa maatii (dubartoota ) keessatti 4.Tarsa’uu ujummoo dhiigaa sammuu keessaa (dissection) 5.Seeraan ala walqabachuu ujummoolee dhiigaa sammuu keessaa( A-V malformation) 6. Dhukkubbii mataa gosa biraa qabaachuu fkn bowwoo mataa daanaa 7.Saalaa dhiiraa keessatti ni heddummaa ta. MIIDHAAN ISAA MAALII? ***** 1.Sababa dhukkubbii kana sodataniif miira namoonni wal-qunnamtii saalaaf qaban hirdhisuu danda’a. 2.Wal-qunnamtii saalaa sodaachuu YAALA *** *Namoonni dhukkubbii akkasii qaban ogeessa fayyaa dubbisuun yaala argachuu danda’u! Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • Dhukkuboota Adurree irraa nama qabuu danda'an! 1. Cat Scratch disease. Baakteeriyaa Bartonella henselae kan dhufuu fi yoo adurreen nama hanqooqxu yokaan ciniintu kan namatti darbudha. Mataa dhukkubsuu, qaama gubuu fi xannacha hiitessuun beekama. 2. Fangasii ringworm jedhamu kan yoo rifeensi adurree gogaa namaarra bu'u nama qabachuun hooksisee baballatee gogaa namaa miidhu. 3. Infekshinii Prootoozowaa Toxoplasma gondi jedhamu. Mallattoolee akka qufaa argisiisa. Namoonni kuun ni dandamatu, dubartoota ulfaa fi namoota dhukkuba biraa qabaniif garuu dhukkuba cimaadha. 4. Akkuma saree fi bineensita birootti "dhukkuba saree maraattee" yokaan rabies illee yoo qabaatte ni dabarsiti. Fayyaan faaya!!! Fayyaa ta'aa!!! Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇 💧💧💧💧 ❣️❣️❣️❣️ Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇 @naf37fspainbv💌