Abdurazak.Husein Official Chanal
Статистика⛳️Haqaaf ! ⚖️Let's do our best to serve justice! 🔐Justice For All✍️ """......and avoid the false statement (Forged wetness, lying speech)"""
- Последний пост
- 08:33
- Последнее чтение
- ещё не заходили
- Постов за неделю
- 6
- Всего постов
- 106
- Тип
- открытый
- Язык
- английский
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 124
- 1/48двое суток
- 142
- 1/72трое суток
- 153
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa; 16)Dandeettiin raawwachiisummaa miseensa milishaafi Gaachana Sirnaa akka cimu qaama dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun leenjii adda addaa ni kenna; akka kennamu ni taasisa; bu’a qabeessummaa isaa ni hordofa; 17)Hawaasni Gandichaa seera, aadaafi duudhaa bu’uureeffachuun waldiddaa akka hiikkatuuf Manni Murtii Aadaa akka cimu ni hojjeta; ni qindeessa; 18) Manneen Murtii Aadaa fooyya’aa akka deeman hojii gargaaru kamiyyuu ni hojjeta; Dambii Gurmaa’insa Gandoota Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe lakk 250/2016 Keewwata 42 ✍️ Waajjirri Nagaa fi Milishaa caasaa nagaa fi tasgabbii uumuuf diriiree yommuu ta'uu milishaan qaama nageenya naannoo ta'ee hojiin isaanii mirgaa fi walabummaa lammiiwwanii kabajuun, nama yakka raawwate seeraan qabee battalumatti qaama angoon ifatti kennamteef dabarsuu qaba malee qaama murtii murtessuuf ykn adabbiif nama hidhuu miti. Kana malees Seeraa alaa nama hiidhuun seeraa yakkan kan nama adabsiisu tahuu beektanii, Qaamni ol'aantummaa seeraa kabachiisuuf hoojjetu ofiifiis ol'aantummaa seeraa kabajuun dirqama tahuu hubatanii mirgootaa laammileen bu'uuran qaban kabachiisuu irratti haa hoojjetuun Dhaamsa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadar. Maddi Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadar
𝙈𝙞𝙡𝙞𝙨𝙝𝙖𝙖𝙨 𝙩𝙖'𝙚𝙚 𝘾𝙖𝙖𝙨𝙖𝙖𝙣 𝙂𝙖𝙣𝙙𝙖 𝘼𝙧𝙖𝙙𝙙𝙖𝙖 (𝙂𝙖𝙣𝙙𝙤𝙤𝙩𝙖) 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙩𝙩𝙞 𝙣𝙖𝙢𝙖 𝙝𝙞𝙙𝙝𝙪𝙪 𝙣𝙞 𝙙𝙖𝙣𝙙𝙖’𝙪? Heera mootummaa fi seerota dhimma kanaan wal qabatan waliin haa ilaaluu. Akkaataa Heera Mootummaa Rippabliika Dimokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa (HMFDRI) keessatti ibsametti, bilisummaan namootaa mirga bu'uuraa lammilee waan ta’eef seeraa ala sarbamuu hin qabu. namni kamiyyuu sababa seeraan ala ta'een bilisummaa isaa dhabuu hin qabu jechuun sababa seeraan alaatiin qabamuu ykn hidhamuu akka hin qabne Heera Federaalaa Dimokraatawaa Rippabliika Dimokraatawaa Itoophiyaa Keessaattis eegumsa addaa taasiseefii jira. Akkaataa Heera Mootummaa Rippabliika Dimokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa (HMFDRI keessatti ibsameetti, Heeri kana keessatti angoon qaamolee seeraa bastuu, seeraa hiiktuu fi seeraa raawwachiiftuu ifatti kan tumame jira. dabalatan akka Naannoo Oromiyaatii dhiheenya Bulchiinsi motummaa Naannoo Oromiyaa Dambii haaraa Dambii Lakk 250/2016 Dambii Gurmaa'insi caasaa Gandoota Naannoo Oromiyaa jechuun kaayyoo tajaajila mootummaa gara uummataatti gadi buusuufi qulqullina kenna tajaajilaa mirkaneessuuf kan diriirseedha. Caasaan Gurmaa’insa Gandoota kun uummanni baasii fi dhamaatii malee dhiyeenyaan tajaajila haqa qabeessa akka argatu, Hariiroo mootummaa fi uummataa cimisuuf kan kaayyeffatan. Caasaalee haaraa Dambii kanan hundeffamaan keessa tokkoo Waajjira Nagaa fi milishaatii. Akkaataa Dambii Gurmaa’insa Caasaa Gandaa Lakk. 250/2016 Keewwata 42 jalatii angoo fi daangaan gahee hojii Waajjira Nagaa fi Milishaa akka armaan gadiitti tumame jira. 42.Aangoofi Hojii Waajjira Nagaafi Milishaa Aangoofi hojiin seerota birootiin kennameef akkuma eegametti ta’ee, Waajjirri Nagaafi Milishaa Gandaa aangoofi hojii armaan gadii ni qabaata: 1) Nagaafi tasgabbiin Gandichaa akka eegamu ni hojjeta; ummanni akka hirmaatu ni taasisa; qaamolee dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni hojjeta; 2) Ka’umsa rakkoolee nageenyaafi walitti bu’iinsaa qorachuun adda ni baasa; akka furamu ni hojjeta; qaama dhimmi ilaalu ni beeksisa; 3) Hawaasa Gandichaa gidduutti walkabajuufi wal danda’uun akka jiraatu qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ni hojjeta; 4) Manni Maree nageenyaa Gandichaa akka cimu ni hojjeta; ni deeggara; 5) 5) Sochii meeshaalee waraanaa seeraan alaa ni to’ata; qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni hojjeta; 6) Qubannaan seeraan alaa Gandicha keessatti akka hin gaggeeffamne ni to’ata; tarkaanfiin akka fudhatamu ni taasisa; 7) Hojiiwwan qaamolee haqaafi nageenyaatiin hojjetamu ni deeggara; namoota yakka raawwatanii Gandicha keessa socho’an adda baasuun qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; ragaa qabachuun ni hordofa; 8) Gandicha keessatti qabeenya waliinii madda rakkoo nageenya akka hin taane qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta; 9) Qaamolee nageenyaafi ummataa qindeessuun bu’uuraalee misoomaa Gandichaa keessatti argamaniif eegumsa barbaachisaa ni taasisa; 10)Humnoota nageenyaa Gandichaa kanneen akka Milishaafi Gaachana Sirnaa ol’aantummaan ni hooggana; ni qindeessa; humnoota nageenyaa biroo waliin qindoominaan ni hojjeta; 11)Humna milishaa Gandichaa ni filachiisa; akka leenji’an ni taasisa; hidhannoo akka argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta; ni bobbaasa; ni bulcha; 12)Akkaataa ulaagaa baheetiin miseensa Gaachana Sirnaa ni filachiisa; akka leenji’an ni taasisa; ni gurmeessa; akkaataa barbaachisummaa isaatti ni hidhachiisa; hojiitti ni bobbaasa; ni hordofa; 13)Akkaataa hojimaata diriireen miseensota milishaafi Gaachana Sirnaatiif uffanni seeraa akka guutamu ni hojjeta; ni qindeessa; 14)Tajaajila poolisii hawaasaa Gandichaa ol’aantummaan ni hooggana; hojiiwwan oppireeshinii qaamolee nageenyaa Gandichaan raawwataman ni qindeessa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjeta; 15)Raawwii hojii Gaachana Sirnaa Gandichaa ni hordofa; ni deeggara; gabaasa raawwii hojii isaanii qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii
Waa'een Finfinnee fi Dirree Daawaa ajandaa of danda'ee qofatti deebii argatu miti. Sirna keessatti kan ilaalamu dha. Namni hunduu bakka ofii dhaabbatu dhaabbateetu xiinxalaa jira. Xiinxalli kun hunduu sirna akkamii keessatti kan jedhu dursee deebii barbaada. === Caaseffama mootummaa federaaliizimii keessatti wantoota gurguddaa afur mootummaa qoodama" daangaa lafaa (territory), aangoo (power), birmadummaa (sovereignty) fi qabeenya (resource) dha. ===Kana irratti hundoofnee Heera RFDI yoo sakattane wantoonni kun arfanuu qoodamaniiru. Kan hin qoodamne hin jiru. == qoodamiinsa kana keessatti Finfinneen bifa mootummaa gara gadii jiruu (urban local government) taatee Heerichumaan hundeeffamte. Territorially, Naannoo Oromiyaa keessatti, itti waamamne ishee Mootummaa Federaalaaf taatee ijaaramte. Kwt.49 irraa ni hubatama. === Sirna keessatti ilaalamti kanan jedhes wantoonni armaan olii kan itti fufan yoo ta'e waa'een Magaalaa Finfinnee i.e. urban local government ta'uu, itti waamamni ishee mootummaa federaalaaf ta'uu, daangaa lafaa (terriroty) Oromiyaa jala/keessa/handhuura ta'uu, Magaalaa of bulchitu (self-governing City) ta'uu, teessoo mootummaa federaalaa ta'uu....hubachuun barbaachisaa dha. === Yaanni kanaa alaa sirnuma kanaa ala jiru wajjin/keessatti kan ilaalamu ta'a jechuu dha.
Adeemsa Waldiddaan Lafa Baadiyaa Naannoo Oromiyaatiin Walqabatee Uumamu Ittiin Furamu: Xiinxala Dhimmaa” ===========================Source:#Jemal Kumbi FB Kan olitti warabbiin dhiyaate mata duree barreeffama (case analysis/comment) qo’annoo Seerota Bulchiinsa Lafa Baadiyaa mootummaa naannoo Oromiyaa fi hiikkoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Fedeaalaan galmee Lkk 169648 ta’erratti murtii laateen kennamuun Jiildii 24ffaa keessatti maxxanfamee argamu irratti xiinxala dhimmaa Joornaalii Seeraa Oromiyaatiif obboo Dassaaleny Biraanuutiin gumaachamuun maxxansa 14ffaa Joornaalichaa keessatti maxxanfamedha. Obboo Dassaaleny Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigalaa fi Inistiitutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaattis leenjisaa beekamaa buleessadha. ============================== Barreeffamichi lafti qabeenya ummataa fi mootummaa ta’uu fi lammiileen dhuunfaa mirga abbaa qabiyyummaa fi itti fayyadamaa qofa kan qaban ta’uun Heera Mootummaa Federaalaa fi kan Naannoo Oromiyaa keessattis imaammata bu’uraa ta’uun kan kan tumame ta’uu isaa, abbaan qabiyyee lafa isaa irraa mirga seeraan ala buqqa’uu dhabuu kan qabu akka ta’ee fi kanaafis eegumsi heeraan kan taasifameef akka ta’e kutaa see sana keessatti gabaabinaan ibsee jira. Kana malees wldiddaan ittifayyadamaa fi mirga abbaa qabiyyummaa Lafa Baadiyaa irratti naannicha keessatti uumamus kan ittiin furamu sirni seeraa ifaan labsiidhaan diriirfamee kan jiru akka ta’e tumaalee heeraa, Seerota Bulchiinsa fi Ittifayyadamaa mootummaa naannichaa kanaan dura hojii irra turan (Labsii Lkk 130/99 fi Dambii Lkk 151/2005) fi akkasumas Labsii Lkk 248/2015 yeroo ammaa hojiii irra jiru caqasuun adeemsa Waldiddaan ittiin furamu ifa ta’e seera baaftuun (caffeen) mootummaa naannichaa kan tume ta’uu isaatis kutaa 2ffaa barreeffamichaa keessatti ka’uun bal’inaan ilaalamee jira. Akkasumas seenaa dhufaatii fi firiin ijoo dhimma Dhaddachi Ijibbaataa MMWF glme Lkk 169648 irratti ilaalamee gabaabinaan kutaa 3ffaa keessatti kan agarsiifame yoo ta’u inni ijoonis Waldiddaan qabiyyee Lafa Baadiyaa ilaalchisee iyyataa fi waamamtoota giddutti naannicha keessatti ka’ee ture mana Murtii Aanaatti jalqaba dhiyaachuun akkaataa Labsii Lkk 130/99 yeroo sana hojii irra tureetti kwt 16n dursee jaarsolii araaraan gandarratti ilaalamu malee kallattiin mana murtiitti dhiyaachuu hinqabu jedhamee kufaa ta’uun murtaa’uudhaan Manneen Murtii Naannichaa sadarkaan jiranittis ol’iyyannoo fi Ijibbaataan ilaalamee eega cime booda dhaddacha ijibbaataa MMWFtti immoo jaarsummaan filannoodha malee dirqama miti jechuun murtii Manneen Murtii Naannichaa diigee falmiin Waldiddaa Lafa Baadiyaa irratti ka’u kallattiin mana Murtiitti dhiyaachuu akka danda’u murteessuu isaa barreeffamichi kutaa 3ffaa keessatti ibsee jira. Gama biraan aangoo seera baasuu, seera hiikuu fi seera raawwachiisuu mootummaa Federaalaa fi naannooleef adda addaan heericha kwt 51 fi 52 jalatti kan qooda me akka ta’ee fi bu’uruma kanaan mootummaan naannoleetis dhimmoota heericha kwt 52(2(d)) jalatti Lafa ilaalchisee seera baasuu aangoo kennameefitti fayyadamuun mootummaan Naannoo Oromiyaa Labsii Durant Lkk 130/99 kwt 16 jalatti fi dambii labsicha raawwachiisuuf bahe kwt 18 jalatti waldiddaan Lafa baadiyaan walqabatee naannicha keessattiwka’u jalqaba gandarratti jaarsummaan dursee ilaalamuu akka qabuu fi adeemsa kana malee kallattiin mana murtiitti dhiyaachuu akka hinqabne mootummaan naannichaa tumachuu isaa barreeffamichi kutaa 4ffaa keessatti bal’inaan eega xiinxale booda dhumarrattis hiikkoon dhaddacha ijibbaataa MMWFn dhimma glme olitti caqame irratti kenname faallaa heeraa fi Labsii caffeen naannichaa baafatee ta’uu irra darbee birkaddummaa aangoo seera baafachuu mootummaa naannichaaf heeraan kennameef kan cabse ta’uu isaa guduunfaa waliigalaan goolabee jira. Gumaachi beekamtii fi dandeettii barreessichaa dhuunfatti daraan kan olbaasu ta’uun gamattis maqaa fi beekamtii Inistiitiyutichaatis suga kan itti godhu waan ta’eef obboo Dassaalenyin dabalatee ogeessonni joornaalichaaf gumaacha taasisan hundi galata guddaatu malaaf. https://t.me/speaklawinabsentia
без подписи
#Sirreefama Caasaalee Aanaa Muudamtootaa fi Hojjatoota Mootummaa gaafa 4/10/2018
Yaadni Furmaataa Marii Biyyoolessaa Irraa Argamu Bu'aa Kallattiidhaan Tumaalee Heera Fooyyessiisuu Ni Qabaa? ^^^^√√√√^^^^^^√√√√√√√^^^^^^^^√√√√√ ✅Labsiin Koomishinii Marii Biyyoolessaa Itoophiyaa Hundeessuuf bahe, Labsiin Lakk.1265/2014 kwt 4(2) jalatti itti waamamni koomishinichaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif ta'uu tuma. ✅Labsichi kwt 6(4) jalatti immoo kaayyoo koomishinichaa keessaa tokko Yaadotni furmaataa maricha irraa argame hojiirra akka ooluuf deeggarsa taasisuun lammilee, akkasumas mootummaafi uummata gidduutti sirni dimokiraasii wal amantaa irratti hundaa'e sadarkaa biyyoolessaatti akka ijaaramu taasisuu ta'uu ibseera. ✅Keewwata 9(10) jalattis, gahee hojiifi itti gaafatamummaawwan koomishinichaa keessaa tokko yaadota gorsaa (furmaataa) marii irraa argamanifi sanada tooftaa ittiin yaadni furmaataa hojiirra oolu ibsu qopheessuun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif, Qaama raawwachiistuudhaafi qaamolee mootummaa ilaallatan kan biroodhaaf kan dhiyeessuufi uummataaf ifa kan godhu ta'uu tumeera. ✅Kana malees, kwt 9(11) jalatti mootummaan yaadota furmaataa marii irraa argaman hojiirra oolchuu akka danda'uuf karoora ifaafi qabatamaa ta'e akka qopheeffatuuf deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta'uu tumeera. ✅Itti fufuun, kwt 21(2) jalatti aangoofi gahee hojii Manni Maree Koomishinichaa qabu tarreessuun isaan keessaa tokko yaadota furmaataa koreewwaniin qophaa'anii dhiyaataniifi marii Uummataatiin argaman tarreeffamaan sakatta'uunifi qindeessuun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif, Qaama Raawwachiistuufi qaama mootummaa ilaallatu biroodhaaf akka dhiyaatuuf murteessuu (mirkaneessuu) akka ta'e tumeera. 👉Tumaalee kanarraa kan hubatamu, koomishinichi To'annoofi Ol'aantummaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa jalatti hojii isaa kan hojjetu ta'uu; yaadota furmaataa marii irraa argamanis qaama kanaaf kan dhiyeessu ta'uu; adeemsa yaadota furmaataa dhiyaatan hojiirra oolchuuf deemamu keessattis deeggarsa kan taasisuufi hojiirra oolmaan isaas karoora ifaafi qabatamaa (adeemsa dabalataa biroo) qabaachuu kan qabu ta'uudha. 👌Kanarra darbee, Yaadni Furmaataa dhiyaatu bu'aa Kallattiidhaan tumaalee heeraa fooyyessiisuu akka qabu labsichi hin akeeku. Heerri biyya keenyaa kan fooyya'u akkaataa (adeemsa) heericha kwt 105 jalatti tumameen ta'uun isaas ni beekama. ❓❓Mee isin akkamitti hubattan? Yaada nuuf qoodaa. Join:-@desberofMM Desalegn B.
Namni Tokko Qabeenya Dhuunfaa Gaa'ilaan Dura Horate Gurguree Gaa'ila Keessatti Qabeenya Biroo Yoo Biteefi Qabeenyicha Mana Murtiitti Yoo Hin Raggaasifanne Ta'e, Carraa Maallaqa Qabeenyichaaf Baase Deebifachuu Ni Qabamoo Hin Qabuu? °°°°===°°°°°°=====°°°°°°°========= Seerri Maatii Oromiyaa, Labsiin Lakk.69/95fi 83/96 kwt 74 mata duree "Qabeenyaa Bittaa Gurgurtaan Argame" jedhu jalatti: 👉1) Abbawarraa fi haatiwarraa erga walfuudhaniin booda qabeenyi tokkoon isaanii qabeenya dhuunfaa isaatiin jijjiiruun argatu ykn qabeenya dhuunfaa isaatiin bitatu yookiin maallaqni qabeenya dhuunfaa isaa gurguree argatu kanuma dhuunfaa isaa ta'a. 👉2) Kan Keewwata kana keewwata xiqqaa (1)n tumame raawwatamaa kan ta'u, qabeenyi bittaa gurgurtaan argame kan dhuunfaa naaf yaa jedhamu jedhee gaaffii gareen tokko yoo dhiyeessee fi manni murtii yoo raggaasisu qofaa ta'uu tumeera. ✅Seerichi, itti fufuun, kwt 78(2) jalatti immoo haala olitti ibsameen qabeenya walfuutotaa keessaa qabeenya dhuunfaa isa tokkootii yoo jedhame malee, abbawarraa fi haati warraa erga walfuudhanii booda bittaafi gurgurtaadhaan qabeenyi argamu hunduu qabeenya waliinii ta'a jechuun tumeera. Haala kanaan, qabeenyi gaa'ila keessatti bittaafi gurgurtaadhaan argamu kamiyyuu, akkaataa seerri ajajutti kan dhuunfaati yoo jechiisifame malee, kan waliinii ta'a jechuudha. Kana jechuun, sababa kan dhuunfaa ta'uu raggaasifachuu dhabuutiin qabeenyumti dhuunfaa jijjiiramellee qabeenya abbaan warraafi haati warraa mirga abbaa qabeenyummaa waloo irratti qabaatan ta'a jechuudha. ✅Seerichi kwt 113 jalattis: 👉1) Abbaan warraa yookiin haati warraa kan dhuunfaa isaa ta'uu hubachiisuudhaan qabeenya dhuunfaa isaa ta'e deebisanii fudhachuuf mirga qabu. 👉2) Abbaawarraa fi haadhawaraa keessaa tokko, qabeenya dhuunfaa isaa ykn ishee kan ta'e, nama birootiif kan darbe ta'uu isaa fi bittaaf gurgurtaadhuma kanaan maallaqni argames qabeenya waliinitti kan makame ta'uu isaa yoo ibse, qabeenya yookiin maallaqa qabeenya kana wajjin walmadaala qabeenya waliinii irraa dursee fudhachuudhaaf mirga qaba. 👉3) Abbaan warraa fi haatiwarraa qabeenya dhuunfaa isaanii haalli itti fudhatan yoo jiraate, lammaanuu dhuma irratti hanga qabeenyaa argame irraa akkuma buusii isaaniitti hanga isaan gahuu danda'u fudhachuudhaaf mirga qabu. 🔽Fakkeenyaaf, abbaan warraa konkolaataa FSR gaa'ilaan dura dhuunfaatti horate qarshii Miliyona Shaniin gurguree, gaa'ila keessatti Magaalaa Dukam keessaa mana yoo bite, manicha irratti mirga abbaa qabeenyummaa dhuunfaa argachuuf mana murtiitti iyyatee kan dhuunfaa ta'uu isaa raggaasifachuu qaba. Haala kanaan, kan dhuunfaa isaa hin taasifanne yoo ta'e garuu manichi qabeenya waliinii ta'a. Kana jechuun garuu adeemsa qulqulleessa qabeenya dhirsaafi niitii keessatti maallaqni bittaa manaatiif bahe hin deebi'uuf jechuu miti; Manicha irratti abbaa hin ta'u malee maallaqa baasuu isaa hubachiisee deebifachuu danda'a jechuudha. 👌Kanàaf, abbaan warraa manichi kan dhuunfaa isaa ta'uu yoo raggaasifate, manicha irratti mirga abbaa qabeenyummaa dhuunfaa kan qabaatu yemmuu ta'u, yoo hin raggaasifanne garuu furmaatni seeraa kan biroon seeraan taa'ee jira. Kunis, maallaqni manni ittiin bitame akka idaa gaa'ilaatti qabamee, dhuma irratti gaa'illi diigamee qabeenyi wayita qulqullaa'u baasiin ykn buusiin isaa sun akka deebi'uuf taasifama jechuudha. Haala kanaan, yeroo itti baasiin ykn maallaqni manni ittiin bitame naaf haa deebi'u jedhamee gaafatamus seeraan daangeffameera jechuudha. ❓❓Yaada kana akkamitti ilaaltan? Mee gumaachaa. Join:-@desberofMM Desalegn B.
Murtiin/tarkaanfiin qaama bulchiinsaan hojjetaa hojii irraa gaggeessuun fudhatamu qaama aangoo abbaa seerummaa qabutti akka hindhiyaanne dhoorkuun seerri tumamus ta’ee tarkaanfiin/murtiin bulchiinsaa kennamu faallaa heeraati dha. ==================================== Seeronni qaama mootummaa kamiinuu bahanis ta’ee murtiin ykn tarkaanfiin hojjetaa hojiirraa gaggeessuu manni hojii mootummaa ykn ittigaafatamaa mana hojii mootummaa kamiinuu hojjettoota irratti kennamu ykn fudhatamu mana murtiis ta'ee qaama aangoo abbaa seerummaa qabu biratti dhiyaatanii akka hin ilaalamne dhorku Heera Mootummaa kwt, 37(1) kan faallessu waan ta'eef raawwatiinsa hinqabu jechuu Manni Maree Federeeshiinii hiikkoo haaraa kennee jira. Manni Maree Federeeshinii; Glm Lkk, 142/17 ta’erratti murtii gaafa 27/01/2018 kenname. https://t.me/speaklawinabsentia
⚖Kitaabni kun mata dureen isaa "Kitaaba Adeemsa Waliigalaa Dhimma Yakkaa Kan Himannaan Dura Jiru,Adeemsa Dhagaha Dhimma Yakkaa Sirna Idilee,fi Ol'iyyannoo Yakkaa" kan jedhu yoo ta'u,Kitaabichi kutaa 4tti qoodamee kan qophaa'eedha. ⚖️Kitaabichi qaamolee haqaatiif,dhimma dhaddacha irratti mudatuuf furmaata kennuu fi ummata keenya bal'aaf faayidaa ol'aanaa qaba jedheen yaada.Dubbisaa irraa fayyadamaa. ✍️Qopheessaan:Muhaammadxayyib Nuuree. https://t.me/Ardaaseeraa
☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️ Namoota_Hojjataa_Mootummaa_Tahanii_Qaxaramuu_Hin_Dandeenye. 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 Labsii Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lak.215/2011 keewwata 14/B jalatti haalaawwaan hoojjetaa Mootummaa tahuun qaxaramuu hin dandeessifne yoo ibsu namoonni Yakka malaammaltummaa, amantaa hir’isuu, hannaa fi gowwoomsuu yookiin dirqisiisee gudeeduu raawwatee Mana Murtii aangoo qabuun kan itti murtaa’ee fi hin moggaaffamne kamiyyuu; Akka hoojjetaa Mootummaa tahuun qaxaramuu hin dandeenye ifaan tumee jira.
https://youtube.com/shorts/QaKDz3rjnSE?si=IQeBHefLXYcc_V6x
Dambii Lafti Faayidaa Uuummataaf Jecha Yommuu Gadi Lakkifamu Beenyaa Kanfalamuu fi Kaafamtoota Misoomaa Deebisanii Dhaabuuf Mana Maree Ministeerotaatin Bahe Lakk.472/2012 Afaan Oromootti Kan Hiikame. Subscribe➤ https://www.youtube.com/@binimoslawyer4786
Namni waan nyaatu dhabee beela'e qabeenya nama biroo beela bahuuf yoo hate ni akkam taha? Seerri yakkaa MFDRI bara 1996 fooyya'ee bahe keewwata 852/1 jalatti haala namni kamiyyuu hubachuu dandahuun akka armaan gadii kanatti tumee argama. 👉Namni kamiyyuu rakkinaan yookiin fedhiin kakaee yookiin hubannaa dhabuun qabeenya nama biroo gatiin isaa xiqqoo tae battalumatti nyaachuuf yookiin itti tajaajilamuuf kan fudhate yoo tae; adabbii maallaqaa qarshii shantama hin caalleen yookiin hidhaa mana turmaataa guyyaa kudha shan hin caalleen ni adabama. 👉Balleessichi hannicha kan raawwate rakkina yookiin dhabiinsa sirriitti mirkanaaeen yookiin kakaafamee yoo tae, manni murtichaa adabbii itti murteessuu dhiisuu ni dandaa. Wanti hatame sun gatiin isaa salphaa tauu yookiin tauu dhabuu, yakki hannaa jiraachuu isaaf wanti buuura tae yaanni badhaadhina hin malle argachuu /keewwata 665/ hanna salphaaf fudhatama haa qabaatu haadhabu yaanni jedhu madaalamuu kan qabu akka haala dubbichaatti, buuura barmaatilee naannichaafi wanta hatame sana ilaaluun taa. Seera wallaaluun itti gaafatamummaa jalaa nama hin baasu! Galatoomaa👏
Manneen Murtii Seerummaan ifaan gaafatame tokko ragaadhaan hin mirkanoofne yoo ta’e, kanuma kanuma agarsiisuun murtii irratti kennuu qabu malee callisaan darbuun isaanii Seera Adeemsa falmii kan hin hordofnedha.
Malli Argannaa Mirga Abbaa Qabeenyummaa 'Specification' ykn 'Transformation' ykn 'Processing' Jedhamu Mala Akkamiiti? ^^^^√√√√^^^^^√√√√√√^^^^^^√√√√√√√√ Qabeenya Jijjiiramuudhaan Argame (Transformation ykn Specification) (SHH kwt 1182) Namni tokko humna isaa fi yaada gaariidhaan qabeenya socho'aa nama biroo fayyadamuun waan haarayaa kan biraa tokko yoo hojjete taatee uumamu ilaallata. Qabeenya haarayaa ykn jijjiirame kana irratti eenyutu abbaa qabeenyaa ta'uu qaba gaaffiin jedhu ka'uun isaa hin hafu. Deebiin gaaffii kanaa haalota irratti kan hundaa'edha. Kunis, gatiin humna isaa gatii wanta hojjetamee ykn haaromfamee kan caalu yoo ta'e, wanti haarayaan hojjetame ykn jijjiirame sun kan nama humna isaa itti dhangalaasee hojjetee ykn jijjiiree ta'a. Gatiin qabeenya haaromfamee kan caalu yoo ta'e garuu wanti hojjetame ykn haaromfame kanuma abbaa qabeenyichaa ta'a. Tilmaamni hojichaafi gatiin wanta haaromfamee wayita walqixa ta'u wanti haarayaan hojjetame ykn haaromfame kan eenyuu ta'a gaaffii jedhuuf deebii hin kennu. Akka waliigalaatti, safartuuleen tilmaama keessa galuu qaban: 👉Hojichi waan haarayaa kan uume ta'uu qaba. 👉Namni hojicha hojjete yaada gaariidhaan kan hojjete ta'uu qaba. 👉Gatiin humnaa hojichaaf bahe gatii wanta jijjiirame sanii ol ta'uu qaba. Haalotni kun yoo guutaman wanti hojjetame sun kan nama humnaafi beekumsa isaa fayyadamee hojjetee ykn jijjiiree ta'a. Namoonni qabeenya socho'aa nama biroo fayyadamuun wanta haarayaa hojjechuu danda'an kanneen akka namoota uffata hodhanii, nyaata bilcheessanii, fakkii kaasanii, huccuu dhahaniifi Kkf dabalata. (Madda: Moojula Inistituyuutiin Leenjii Federaalaa Seera Qabeenyaa Irratti Qopheesse) Hubachiisa: 👉Biyyoota tokko tokkotti gatiin humnaafi gatiin qabeenya jijjiiramee wal qixa yoo ta'e, qabeenya waliinii isaanii ta'a. 👉Sirna argannaa kun qabeenya hin sochoone hin ilaallatu. Join:-@desberofMM Desalegn B.
https://youtube.com/shorts/zjssdZbWsJQ?si=oHgkHOnVrfoGBOe4
без подписи
без подписи
#Kaffaltii Taarifa Galii Haaraa Moodeela_Dambii Taarifaa Galii Mana Qopheessaa Magaaloota Naannoo Oromiyaa Haaraa irra Deebiin Fooyyaa'e gaafa 09/10/2018 bahe.