tgindex
Gadaa Media Network-GMN

Gadaa Media Network-GMN

Статистика

Gadaa Media Network-GMN Miidiyaa kabaja fi safuu,aadaa fi Eenyummaa,Amantii fi Duudhaa Oromoo tiksee eguun sagalee fi lallaba https://www.youtube.com/c/GadaaMediaNetworkGMN

Последний пост
29 июл.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
2 673
−2 за 2 дн.
Сутки
−3
−0,11%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
180
20 постов
Вовлечённость
6,7%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
1
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
136
1/48двое суток
155
1/72трое суток
168

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • https://www.youtube.com/live/102AzEIqQIw?si=9mFuKbATlwSzWiyF

  • видео или голосовое, без подписи

  • Lammiileen Itoophiyaa fi Keeniyaa gowwomfamanii Eeshiyaa cehan yakkaan dararama jiru. Lammiileen Keeniyaa fi Itoophiyaa hojii barbaacha dallaalotaan gowwoomfamanii gara Eeshiyaa godaanan dabalaa jiru. Lammiileen kunneen mooraa gowwoomsaan oonlaayinii gaggeeffamutti naqamanii gochaa waliindhahuu oonlaayiniirratti akka hirmaatan dirqisiifamu jedha gabaasni Dhaabbata Godaantotaa UN (IOM) Dhaabbanni Godaantotaa Idil-Addunyaa (IOM) akka jedhutti, networkiin yakkaa namoota biyya alaatii hojii barbaadan gowwoomsuun, mooraa eegumsa addaa qabu keessatti ugguruun gowwoomsa oonlaayinii akka raawwatan doorsisuu, dararuu fi reebuu raawwataa jiru. Hogganaan Guyyaa Ittisa Daddabarsa Godaansaa IOM Roobii yaada kennaniin lammiileen baay'een Afrikaa Bahaa balaa wiirtuu gowwoomsaa oonlaayinii Eeshiyaa kanarraa baraaramaa warra jiran keessayi. Adeemsi kun tooftaa daddabarsa namootaa seeraan alaa haaraa uumamaa jiru ta'uu eeran. Saaxilamtoonni beeksisaafi hojii hawwataan akka jiruutti himamuun qacaramu jedhan. Haa ta'uu malee, yoo achi gahan hedduu isaanii paaspoortiin isaanii jalaa fudatama, gowwoomsa oonlaayiniirratti akka hirmaatan dirqisiifamu, kana akka godhaniifis hordoffiin cimaan irratti raawwatama jedha. Akka Ejensiin kun jedhutti kanneen balaa kanarraa hafan gochaa gowwoomsaa kana diduu isaaniin reebichi irratti raawwatamuu, miidhaa saalaaf saaxilamuu, beeleffamuu fi kophaatti baafamanii hidhamuu himatu. Daarektarri IOM kan Baha, Gaanfaa fi Kibba Afrikaa Frantz Celestin "miidhamtoonni Baha Afrikaa balaa kanarraa oolanirraa wanti hubatamu yakki kun fagoo akka hin jirre dha" jedhan "Networkiin yakkaa kun namoota hojii barbaada naannoo Baha Afrikaatti argamanirratti xiyyeeffachuun odeessa sobaa hojiin biyya alaa jiraachuu hima"jedhan. IOM dallaalonni namaa kunneen networkii isaanii bal'isuun Eeshiyaa cehanii Afrikaarraa nama qacaraa jiru jedha. Ejensichi bara 2022fi 2025, jidduu saaxilamtoota Kibba Baha Eeshiyaa 3,500 kan biyyoota 39 irraa kanaaf saaxilaman gargaaruu hima. Baay'inni lammiilee kanneenii biyyoota Indooneeshiyaa, Indiyaa, Siriilaankaa, Baangilaadesh, Itoophiyaa fi keeniyaa irraayi. Madda: BBC

  • видео или голосовое, без подписи

  • Taphattoonni guddattootaa kubbaa miilaa Itoophiyaa 20 ol ta'an Siwiidinitti baduun dhaga'ame. Taphattoonni guddattootaa kubbaa miilaa Itoophiyaa fi hoogganoonni gareechaa 20 ol ta’an dorgommii 'Gothia Cup' kan Magaalaa Gothenbuurg Siwiidinitti geggeeffamerratti hirmaachaa turan baduu isaanii poolisiin Siwiidin beeksiseera. Poolisiin akka ibsetti, ijoolleen badaan kun umriin isaanii waggaa 14 hanga 17 kan ta’an yoo ta’u, hoogganaan garee tokkoo fi kanneen biroon garecha waliin imalan biroonis waliin badaniiru. Gabaasni arganne akka mul’isutti, dhimmi kun kan beekame guyyaa xumura dorgommiichaa irratti ta’uun ibsameera. Mana barumsaa ijoolleen kun keessa qubatanii turan keessaa dursanii beeksisa tokko malee ka'anii deemuun isaanii erga mirkanaa’ee booda, bulchiinsi mana barumsichaa poolisiidhaaf eeruu kenne. Bakka buutuun Kutaa Qorannoo Namoota Badanii Siwiidin "Ellinor Halldin" namoonni kun gara Itoophiyaatti kan hin deebine ta’uu isaanii mirkaneessaniiru. Taatee kanaan walqabatee gama Mootummaa Itoophiyaas ta'e Embaasiin Itoophiyaa Siwiidinitti argamuutiin wanti jedhame hin jiru.

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • Naannoon Amaaraa magaalaan Finfinnee teessoo taasifachuuf ajanadaa dhiyeefachuun dhaga'ame. Marii Biyyooleessaa kan jedhameefi dhaabbilee siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhageettii qaban hundaan "diraamaa siyaasaati" kan jedhame magaalaa Finfinneetti erga geggeeffamuu eegalee torban lama lakkoofsisuuf jira. Marii kanarratti kanneen ajandaa dhiyeefatan keessaa Naannoon Amaaraa magaalaa Bahaardaritti dabalataan magaalaa Finfinnee teessoo mootummaa isaa taasifachuuf ajanadaa dhiyeeffachuun dhaga'ameera. Naannichi waajjiraaleen isaa gartokko magaalaa Finfinnee akka dhufan yaada dhiyeesseera. Kana malees, heerri mootummaa fooyya'ee magaalaan Finfinnee naannoo akka taatu yookiin federaala jalatti kallattiin akka bultu gaafateera. Dabalataan Naannoon Amaaraa magaalaan Finfinnee akka feetetti babal'achuu akka qabdu sanada kana irratti daangeffamuu magaalattii mormee yaada dhiyeessuun barameera. Oromiyaan akka magaalaa Finfinnee irraa waa hin qabneetti yaada isaas dhiheessa. Tibbana magaalota Oromiyaa lachan jechuunis Finfinneefi Dirree Dhawaa ilaalchisee filannoowwaan garagaraa qaama Koomishinii Marii Biyyooleessaa jedhamu kanaan dhiyaateera. Akka kanaan magaalaa Finfinneef filannoon afur kan dhjyaate yoo ta'u isaanis:- 1) Siitii isteetii akka taatu 2) Qaama mootummaa Federaalaa akka taatu 3) Qaama Oromiyaa akka taatu 4) Naannoo of dandeesse akka bultu kan jedhudha. Magaalaa Dirree Dhawaa ilaalchisee ammoo filannoowwan 3 kan dhiyaatan yoo tahu isaaniis:- 1) Siitii isteetii akka taatu 2) Qaama mootummaa Federaalaa akka taatu 3) Naannoo of dandeesse akka taatu. Dhimmi magaalota Oromiyaa kun garuu gama uummata Oromootiin "sarara diimaa" jedhamuun dheekkamsa guddaa kaasaa jira.

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • Waraanni Bilisummaa Oromoo kaadhimamtoota haaraa leenjisee bobbaase. Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii cimaa humnoota bilxiginnaa irratti fudhachuun cinatti kaadhimamtoota haaraa leenjisee bobbaasuu itti fufe. Haala kanaan waraanichi ilmaan Oromoo roorroofi cunqursaa saba isaanii irra gahaa jirutti xumura gochuuf bahan simachuun leenjii waraanaafi siyaasaa erga kennaafii turee booda xumursiisuun haala ho'aa ta'een eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti qondaalonni Waraana Bilisummaa Oromoo argamuun eebbifamtootaaf ergaa garagaraa dabarsaniiru.

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • Aanaa Giddaa Ayyaanaatti uummanni maqaa gibiraatiin hiraarfamaa akka jiru himame. Mootummaan Bilxiginnaa uummata rakkoo nageenyaan qe'eefi qabeenyaa isaarraa buqqa'ee rakkoof hamtuuf saaxilamaa ture maqaa gibiraatiin hiraarsaa jiraachuu jiraattonni himaniiru. Haala kanaan Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti uummanni maqaa gibiraatiin saamamaafi hiraarfamaa jiraachuu maddeen naannichaa himaniiru. Bakkeewwan rakkoon nageenyaa jiruufi 'sarara diimaa' jedhamuun beekaman gandoofa akka Jaangirii, Dirree Guddaa, Alii, Caaliyaa, Waastii fi kkf caasaa mootummaan deeme gaafachuu waan hin dandeenyeef gibirii Mootummaa galu qaba jedhame 3% kan bara kana yoo ta’u, 8.5% kan gandoota armaan oliiti tuqamee daldalaan magaala Ayyaanaa keessa jiru baasu qabu jedhame nama Geetuu Faqqaadee jedhamuufi itti gaaftama Waajjira daldalaa aanaa Giddaa Ayyaanaa ta'e, Magarsaa Baayisaa fi Nama Kuumarraa jedhamun saamichi humnaa olii maqaa gibiraan geggeeffama jiraachuu jiraattonni himaniiru. Gocha qaamolee mootummaa kanarraa kan ka'e, daldaltoonni waajjira bulchiinsaa biratti walga'anii gaaffii qaban dhiyeeffachuu fedhan illee hanga yoonaa qaamni isaan dubbise akka hin jirre jiraattonni himaniiru.

  • https://www.youtube.com/live/ls5gn53ofE0?si=h3f2VDlRP56v_5wu

Gadaa Media Network-GMN — tgindex