- Последний пост
- 9 мая
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 15 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
https://youtu.be/kLFWtaNjpew?si=vIl7-3FaI6-mOigC
https://youtu.be/ymarx-raA20?si=xk0WAxg3G5KWAiwk
без подписи
Arsenalii fi Paarlamaa Keeniyaa ➡️ Arsenal dorgommii Shaampiyoonsiliigii Awuurooppaatiin xumuraaf darbuu hordofee paarlamaa Keeniyaa keessatti ijoo dubbii ta'eera. ➡️ Miseensi Mana Marechaa ‘Senator Cherargei’ jedhaman walgahii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa kanarratti Arsenal waancaaf darbuutti gammaduun, Afa-Yaa'ii ammoo deggaraa Maanchistar Yuunayitidi jechuun qoccolaniiru. ➡️Seeneetarichi, “Kabajamoo Af-yaa'ii, isin deeggaraa Man United ta'uu qabdu. Arsenal morkii xumuraa akka mo'atuuf, har'a Bayern Munich PSG akka injifattu nan abdadha,” jechuun kaleessa guyyaa dubbatanii turan. ➡️ Deggartoonni Arsenal biyya Keeniyaa keessa jiran garuu erga Seeneetarichi deggaraa Arsenal tahuu baranii mufataniiru. Akka deeggartoonni jedhanitti, Seeneetarichi yoo garee tokko deeggaru gareen sun ni kufa jedhamee amanama. Odeeffannoo dabalataa argachuu karaalee armaan gadii nu hordofaa!👇 YouTube:http://www.youtube.com/@afromiyaa Facebook:https://www.facebook.com/Afromiya Telegram: https://t.me/ShinniigaaChannel TikTok:https://www.tiktok.com/@afromiya.1?_r=1&_t=ZS-95ubn1Dvp2b
Odeessa: Iraan Ameerikaa akeekkachiste. Iraan sochii loltoota galaanaa Ameerikaa bishaanota Hormuz keessatti taasifamu walii-galtee dhukaasa dhaabuu diiguu danda'a jechuun akeekkachiiste. Odeeffannoo dabalataa argachuu karaalee armaan gadii nu hordofaa!👇 YouTube:http://www.youtube.com/@afromiyaa Facebook:https://www.facebook.com/Afromiya Telegram: https://t.me/ShinniigaaChannel TikTok:https://www.tiktok.com/@afromiya.1?_r=1&_t=ZS-95ubn1Dvp2b
без подписи
Maanchistar Yuunayitidii fi Liiverpuul (Supper Sunday) Dorgommii Pirimeerliigii Ingilizii torbee 35ffaan taphni cimaan torban kana Maanchistar Yuunayitidi fi Liiverpuul giddutti sa'aatii 11:00 eegalee Ooldtiraafoorditti ni geggeeffama. Maayikil Kaarik taphataa yoo turetti Liverpuul waliin si’a 33 kan taphate yoo ta’u, kunis seenaa tapha isaa keessatti kilaba hunda caalaa Liverpuul waliin taphate isa taasisa. Yeroo Carrick Yuunayitidi leenjisuu eegae, Liverpuul qabxii sadiin isaan dura ture, amma garuu Yuunayitidi qabxii sadiin Liverpuuliin dura jira. Yuunayitidi tapha kanaan qabxii yoo argate hirmaannaa Shaampiyoonsiliigii Awuurooppaa ni mirkaneeffata. Taphataan United Matheus Cunha miidhaa irra ture irraa deebi’uun garee keessatti ni hirmaata jedhamee eegama. Gama Liverpool-n, Mohamed Salah sababa miidhaa xiqqoo irra gaheen tapha kanaan ala ta’eera. Leenjisaan Liverpool Arne Slot akka jedhanitti, miidhaan Salah sun xiqqoo waan ta'eef dhuma bara dorgommii kanaa irratti ni deebi'a. Kana malees Alexander Isaak sababa miidhamaa hin hirmaatu jedhameera. Odeeffannoo dabalataa argachuu karaalee armaan gadii nu hordofaa!👇 YouTube:http://www.youtube.com/@afromiyaa Facebook:https://www.facebook.com/Afromiya Telegram: https://t.me/ShinniigaaChannel TikTok:https://www.tiktok.com/@afromiya.1?_r=1&_t=ZS-95ubn1Dvp2b
без подписи
Taphoonni primerliigii torbee 35ffaan Ingilizii Jimaata har'aatii eegaluun hanga Wiixataatti ni taphatamu. Galgala kana Liidis Yuunayitidi dirree isaa Ellan Rood irratti Barniley ni keessummeessa. Bor ammoo dursaan liigichaa Arsenal dirree isaa Emiratesitti Fulhamii wajjin ni taphata. Taphni kun galgala sa'aatii 1:30tti kan taphatamu yoo ta'u, Arsenal yoo injifate hanga Maanchistar siitiin taphatutti garaagarummaa qabxii ja'atiin liigicha dursuun morkataa waancaa kan tahe Maanchistar siitii dhiibbaa keessa ni galcha jedhamee eegama. Boruma sa'aatii 11:00tti ammoo taphoonni sadii ni geggeeffamu. Akka kanaan Woolvis Sandarlaand, Niwkaastil Biraayitan, Bireentford Weestaam Yuunayitidi wajjin ni taphatu. Dilbata sa'aatii 11:30 irraa eegaluun Maanchistar Yuunayitidi dirree isaa Old Trafford irratti Liverpooliin ni keessummeessa. Taphoota biroo Dilbata taphatamaniin Sa'aatii 10:00 irratti Bornimaawuzi Kiristaal paalaasii wajjin yoo taphatu, galgala sa'aatii 3:00tti ammoo Astoon Viilaan kilaba rakkoo keessa jiru Tootinaaham wajjin ni taphata. Wiixata taphoonni lama ni geggeeffamu. Akka kanaan Cheelsiin dirree isaa Istaamford Birjiitti Nootingaam Foorset wajjin yoo taphatu, Maanchistar siitiin Kara dirree Eevertan Hiil diikson Istaadiyeemiitti imaluun ni morkaata. Odeeffannoo dabalataa argachuu karaalee armaan gadii nu hordofaa!👇 YouTube:http://www.youtube.com/@afromiyaa Facebook:https://www.facebook.com/Afromiya Telegram: https://t.me/ShinniigaaChannel TikTok:https://www.tiktok.com/@afromiya.1?_r=1&_t=ZS-95ubn1Dvp2b
без подписи
Guyyaa Hojjettootaa fi Seenaa Isaa Guyyaan Hojjettootaa Addunyaa (May Day) ka'umsa isaa sochii hojjettoota Ameerikaa, magaalaa Chikaagoo keessatti sa'aatii hojii daangeessuuf taasifame irraa madda. Keessumaa bara 1886 jeequmsa "Haymarket" jedhamuun beekamuun walqabatee wareegama hojjettoonni kaffalan yaadachuuf, bara 1889 walga'ii Paariisitti taasifameen Caamsaa 1 akka Guyyaa Hojjettootaa Addunyaatti akka kabajamu murtaa'e. Bara 1891 irraa eegalees addunyaa guutuutti babal'achuun kabajamuu jalqabe. Injifannoowwan fi Haala Addummaa Sochiin kun mirgoota bu’uuraa hojjettootaa hedduu mirkaneessiseera. Isaan keessaas sa'aatii hojii murteessuu, hojii humnaa daa'immanii dhabamsiisuu, fi eegumsa mindaa xiqqaa diriirsuun isaan ijoodha. Haata'u malee, wanti nama ajaa'ibu, sochiin kun Ameerikaa keessatti kan jalqabame ta'us, Ameerikaan guyyaa kana Caamsaa 1 osoo hin taane, Fulbaana keessa Wiixata jalqabaa irratti kabajji. Yeroo ammaa Guyyaan Hojjettootaa kaayyoo gurguddoo lama qaba: inni jalqabaa gumaacha hojjettoonni misooma dinagdee fi hawaasummaaf godhan beekamtii kennuuf yoo ta'u, inni lammaffaan immoo rakkoolee ammayyaa kanneen akka qaala'iinsa jireenyaa, dhimma mindaa madaalawaa, fi dhiibbaa teeknoloojiin hojii irratti qabuuf sagalee tokkoon falmachuuf kan tajaajiludha. Odeeffannoo dabalataa argachuu karaalee armaan gadii nu hordofaa!👇 YouTube:http://www.youtube.com/@afromiyaa Facebook:https://www.facebook.com/Afromiya Telegram: https://t.me/ShinniigaaChannel TikTok:https://www.tiktok.com/@afromiya.1?_r=1&_t=ZS-95ubn1Dvp2b
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
Odeeffannoo Ispoortii Gaggabaaboo Ganama kanaa ➡️ Supper kompiiter carraa waancaa primerliigii injifachuu Maanchistar siitiif kenne. Arsenalii fi Maanchistar siitiin Walqixa qabxii 78 galmeessuun garaagarummaa galchiitiin Maanchistar siitiin Shaampiyooni taha jedhee. Itti walii galtu? ➡️ Galchii 970 ffaa kan lakkoofsise Kiristiyaanoo Roonaaldoon hiriyootasaa wajjin osoo shubbisuu mul'ateera. Kunis ijoo dubbii miidiyaalee ta'eera. ➡️ Kilabni primerliigii keessaa gadi bu'uun isaa mirka'anaa'e Barniley leenjisaa isaa Iskoot Paarker hojii leenjisummaa irraa geggeesse. ➡️ Taphoota Liigii Awuurooppaa halkan edaa taphatamaniin Nootingaam Foorset dirree isaa irratti Aston villa galchii 1-0 dhaan yoo injifatu, Ispoortiingi Biraagaanis dirree isaa irratti SC Feriburgi 2-1 injifateera. Odeeffannoo dabalataa argachuu karaalee armaan gadii nu hordofaa!👇 YouTube:http://www.youtube.com/@afromiyaa Facebook:https://www.facebook.com/Afromiya Telegram: https://t.me/ShinniigaaChannel TikTok:https://www.tiktok.com/@afromiya.1?_r=1&_t=ZS-95ubn1Dvp2b
без подписи
Guddina mormii fi gocha loogii hambisuuf jecha, Biiroon Waldaa Kubbaa Miilaa Idil-addunyaa (IFAB) jijjiirama seeraa lama kan waancaa addunyaa bara 2026 irratti hojiirra oolu mirkaneesseera. Qabxiileen ijoon akka armaan gadiitti dhiyaataniiru: 1. Afaan Haguggatanii Dubbachuun Kaardii Diimaa Nama Argamsiisa Abbootiin madaallii taphataa yeroo walitti bu’iinsa uumamu afaan isaa haguuggatee mormituu isaa dubbisuuf yaalu kamiyyuu kaardii diimaan dirree keessaa ari’uuf aangoo guutuu qabu. Kaayyoo:Taphattoonni jechoota arrabsoo fi loogii qaban abbootii madaallii fi kaameraa jalaa akka hin dhoksine dhowwuuf. Yaada FIFA: Piresidantiin FIFA Gianni Infantino akka jedhanitti, "Taphataan waan dhoksu hin qabne, yeroo dubbatu afaan isaa haguuggachuuf sababa hin qabu." Aangoo Abbaa Madaallii:Murteen kun haala yeroo sana jiru irratti hundaa’uun discretion (aangoo) abbaa madaallii ta’a. 2. Mirmattiin Dirree Gadhiisanii Ba’uu Abbootiin madaallii taphattoota murtee abbaa madaallii mormuun dirree gadhiisanii ba’an kaardii diimaan adabuuf aangoo qabu. Hogganoota Garee: Seerri kun qondaaltota garee (leenjistoota fi hojjettoota) taphattoonni dirree akka gadhiisanii ba’an kakaasanis ni dabalata. Mo’amuu (Forfeit):Gareen sababa kanaan taphni akka addaan citu taasise, akka waan mo’ameetti (forfeit) lakkaama. Sababa Seerri Kun Ba’eef Jijjiiramni kun kan dhufe dhimmoota gurguddoo dhiheenya kana uumaman irratti hundaa’uuni: Dhimma Gianluca Prestianni: Taphataan kilaba Benfica Gianluca Prestianni, taphataa Real Madrid Vinícius Júnior irratti afaan isaa haguuggatee jecha loogii saalaa (homophobic) dubbateera jedhamuun UEFA-n tapha ja’aaf adabameera. Mormii AFCON: Waancaa Afrikaa bara 2025 (kan Amajjii 2026 taphatame) irratti, gareen Senegaal adabbii (penalty) Morookoof kenname mormuun dirree gadhiisanii ba’anii turan. Kanaan walqabatee bu’aan taphaa gara Morookootti akka jijjiiramu taasifameera. Seerotni kun hundi gareewwan 48 waancaa addunyaa bara 2026 irratti hirmaatan hundaaf duraan dursa ni beeksisamu.
без подписи
Lammiin Hindii tokko lafee obboleettii isaa Baankii geessuun ijoo dubbii miidiyaalee ta'e. Taateen tibbana biyya Hindii, naannoo Odishaa, bulchiinsa Nu'apaadaa keessatti mudate qalbii fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa booji'eera. Namichi kun akka jedhutti, maallaqa herrega obboleettii isaa irra jiru baasuuf gara Baankiitti deddeebi'aa ture. Garuu, qondaaltonni Baankii, “namni herregni kun kan isaa ta’e sun qaamaan dhihaachuu qaba,” jechuun maallaqa kennuufii didan. Obboleessi ishee kun isheen du’uusheefi inni immoo dhaaltuu ishee ta’uusaa ibsuufis, qondaaltonni sun amanuu diduun ykn qajeelfama baankii jabaa hordofuun dhimma isaa akka hin raawwanneef gabaafameera. Haala kanaan abdii kan kutate namichi kun, dhumarratti lafee (skeleton) obboleettii isaa ishee waggaa muraasa dura duutee lafa keessaa baasee, uffata itti uffisuun baatee baankii geesse. Gochi kun namoota baankii keessa turan hunda kan naasise yoo ta’u, miidiyaalee hawaasaa irratti dhimma xiyyeeffannoo guddaa argate ta’eera. Gocha kanaan booda, qondaaltonni baankii fi aanga’oonni naannichaa dhimma kana qorachuun, maallaqa herrega sana keessa jiru akka isaaf kennamu godhaniiru. Haa ta’u malee, dhimmi kun hojmaata baankii fi rakkoo namoonni hiyyeeyyiin tajaajila mootummaa argachuuf mudatan irratti falmii guddaa kaaseera. Dhimmi kun miidiyaalee biyya keessaa fi idil-addunyaa irratti akka fakkeenya rakkoo bulchiinsa gaarii fi gara-laafina dhabuu qondaaltotaatti dhihaadannoo uumeera. Maddoota *Hindustan Times *The New Indian Express: *NDTV/India Today Odeeffannoo dabalataa argachuu karaalee armaan gadii nu hordofaa!👇 YouTube:http://www.youtube.com/@afromiyaa Facebook:https://www.facebook.com/Afromiya Telegram: https://t.me/ShinniigaaChannel TikTok:https://www.tiktok.com/@afromiya.1?_r=1&_t=ZS-95ubn1Dvp2b