tgindex
F

Finfinne News Network

Статистика

FNN media qabsoo Oromoo ti. Odeeffannoon qabsoo keessatti akka gaazaati. Kanaaf mootummaan abbaa irree lola nurratti bana. Maatiin FNN media keessan jiraachisaa

Последний пост
14 авг.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
8
Всего постов
21
Тип
открытый
Язык
om
Категория
Новости и СМИ
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
611
−1 за 2 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
46
21 постов
Вовлечённость
7,5%
к подписчикам
Постов в день
1,1
всего 21
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
30
1/48двое суток
34
1/72трое суток
37

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • https://fnnmedia.org/blog/2026/8/14/gabaasa-haala-nageenyaa-godina-wallaggaa/

  • https://youtu.be/ICuQh8k9798?si=8nFKD4Jhnl2rF3pV

  • https://fnnmedia.org/blog/2026/8/12/godina-horroo-guduruu-wallaggaa-aanaa-abee-dongoroo-keessatti-humni-finxaalessi-faannoo-guddaan-walitti-qabamee-jiraachuu-odeessi-maddeen-dhaqqabe-ni-mulisa/

  • https://www.facebook.com/share/1EReezkC21/

  • https://www.facebook.com/share/1EReezkC21/

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • Naannawa Magaalaa Mata Haaraatti Kirkirri lafaa rektari iskeelii 4.6 muudate. FNN.Hagayya.10/2026.Halkan edaa, Hagayya 09/2026 kirkirri lafaa reektar Iskeelii 4.6 gahu Naannoo Oromiyaa magaalaa Matahaaraa dhiyeennatti argamutti muudachuufi sosochiin isaas naannawwaa Affaar dhiyeennatti argaman keessattis dhagaa’amuu 'VolcanoDiscovery' gabaaseera. VolcanoDiscovery akka gabaasetti, socho’iinsi lafaa kun Hagayya 09/2026 toora galgala keessaa sa'atii 2 fi daqiiqaa 11 irratti kan ta’eefi wiirtuun raafama isaas Magaalaa Matahaaraa irraa gara bahaa-dhiha-bahaatti kiilomeetira 18, akkasumas magaalaa Awaash irraa kiilomeetira 23 fageennarratti argama jedhame. Dhaabbatichi ragaawwan Dhaabbata Tajaajila Jiyoolojii Yunaayitiid Isqaates (USGS) fi Wiirtuu Seismoloojii Yuuroop-Medeetiraaniyaan (EMSC) caqasuun akka gabaasetti, chocho'iinsi lafaa kun gad-fageenna kiiloomeetira 10 irratti uumame. VolcanoDiscovery'n akka beeysisetti, jiraattonni naannoo wiirtuu raafama lafaa kanaa socho'iinsi lafaa sirnaan itti dhagahamu, garuu gara Magaalaa Matahaaraatti socho’iinsi xiqqaan qofti dhagaahamuun ibsameera. Odeeffannoo haaraa gadi dhiifameen socho'iinsi lafaa kanatti aansee taateen biroo kan hin galmeeffamne ta'uu marsariitiin sun dabalataan ibseera. Socho'iinsi lafaa kun naannoo sochiin kirkira lafaa hammaan ol'aanaa ta'e keessatti kan muudateedha. Daataan seenaa VolcanoDiscovery akka agarsiisutti, bara 2000 as wiirtuu raafamaa kana irraa kiilomeetira 100 keessatti socho'iinsi lafaa haga reektar iskeelii 5 ol ta'e yoo xiqqaate yeroo 18 galmeeffameera. Kirkirri lafaa kaluu kanaa kun, socho'iinsi lafaa hammaan rektar Iskeelii 4.6 qabu kan biraan wiirtuu raafama dhiyeenna kanaa irraa gara dhihaatti kiilomeetira 40 fagaatu irratti Adoolessa 21/2026 raawwatamee torban sagal booda kan uumameedha. Naannoon kun waggoota as-kaluu kanaa keessatti sochii kirkira lafaa cimaas keessummeesseera. Akka gabaasa VolcanoDiscovery'tti, Gurraandhala 14/2025 irratti socho'iinsi lafaa haga rektar iskeelii 6.0 qabu Matahaaraa irraa gara kaaba-bahaatti kiilomeetira 8 fageenna irratti muudate.

  • https://youtu.be/FsdSHU6BMtI?si=Q7QXOgYEr0T1jzH0

  • https://fnnmedia.org/blog/2026/8/9/strong-cases-independent-republic-oromia/

  • https://www.youtube.com/live/pBP47R2hTQE?is=qZkGK_O9sJBkHxau

  • https://youtu.be/RDPGqAYX0BE?si=a1OeWJJqL4hT8KPh

  • https://youtu.be/J92YGtn8HUw?si=nbk_YFS11In7ZTUt

  • https://youtu.be/TZYtFW8Cn7Y

  • видео или голосовое, без подписи

  • Waraanni Sudaan haleellaa Diroonii Mana Murtii Aadaa Dhiha Daarfuur irratti raawwateen namoonni 35 ajjeefaman FNN. Hagayya 03/ 2026. Haleellaa diroondhaan waraanni Sudaan Dilbata kaleessaa mana murtii aadaa naannoo Kaaba Daarfuur keessatti argamu irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 35 ajjeefamuufi hedduun isaanii miidhamuu dhaabbilee mirga namoomaa fi namoota ijaan argan caqasuun France 24 gabaaseera. Haleellaan kun ganda Gaara Al-Zawaayaa jedhamtu kan Kaabkaabiyaatti dhiyaattee argamtutti naannoo sa'aatii 1:00 irratti kan raawwatame yoo ta'u, sunis yeroo namoonni nagaa, hooggantoota hawaasaa waliin sababa walitti bu'iinsa naannoo fi gosaa furuuf mana murtii aadaa naannoo irratti walga'aniitti kan mudatedha. Haleellaan kun yeroo raawwatamus walga'ichi gaaddisa mukaa jalatti gaggeeffamaa akka ture gabaasameera. Gareen mirga namoomaa Sudaan "Emergency Lawyers" jedhamu fi miidhaa waraana biyyattii keessatti gama lamaaniinuu raawwatamu galmeessaa ture, haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 35 ajjeefamuu isaanii beeksiseera. Namni ijaan arge tokko akka ibsetti, namoota ajjeefaman keessaa afran hooggantoota gosaa fi lamaan immoo ajajjoota waraana finciltoota Raappiid Sappoorti Foorsisi (RSF) ta'uun isaanii eerameera. Gandi miidhaan kun irra gahe kun bakka RSF’n to'atee jiru keessatti kan argamtudha, akkasumas gamoon mana murtii aadaa sunis haleellaa kanaan miidhamuu isaatu gabaasame. Bulchiinsi Raappiid Sappoort Foorsis (RSF) haleellaa kana "yakka suukanneessaa" jechuun kan balaaleffate yoo ta'u, baay'inni namoota du'anii 37, kanneen madaa'an immoo 50 ta’uu ibse. Gama Waraana Sudaaniin deebiin kenname kan hin jirre ta'uun ibsameera. Gaara Al-Zawaayaa magaalaa guddoo Kaaba Daarfuur, El-Fasheer irraa gara dhihaatti kiilomeetira 150 fagaattee argamti.

  • видео или голосовое, без подписи

  • Balaa #Sigiga_Lafaa Naannoo #Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Gadaamii Tsaadqaane Maaramiitti mudateen #amantoonni 14 du’an FNN. Hagayya 03/ 2026. Bulchiinsi Godina Shawaa Kaabaa, Naannoo Amaaraa Gadaamii Qulqulluu Tsaadaqaane maaramii kan Debre Mitmaqtti balaa sigiga lafaa uumameen amantoonni kadhatarra turan 14 du'anii, torba miidhaan adda addaa irra gahuu beeksise. Bulchiinsi Godinichaa, namoota torba qaamaan miidhaman keessaa shan miidhaa ulfaataan irra gahuu kan ibse yoo ta'u, namoonni lama kaan salphaa ta’uu dabalee eereera. Hojjettoonni balaa tasaa, barbaacha, lubbuu baraaruu fi yaala fayyaa utuu geggeessanii, miidhamtoota iddoo balaa sanaa baasuus dabalee ibse. Bulchiinsichi ibsa baaseen, maatii warra lubbuun isaanii darbeetiif gadda itti dhaga'ame ibsuun, warri miidhaan irra gaheefis dafanii akka fayyaa guutuutti deebi’aniif hawwee jira. Akkasumas qondaaltota Godina Shawaa Kaabaa, qaamolee nageenyaa, ogeessota fayyaa fi jiraattota naannichaa gumaacha qindaa'aa baraarsa fi deeggarsaa taasisan kan Bulchiinsa Godina Shawaa kaabaa YemaaneBirhaan Tasfaa galateeffateera. Dabalataanis Bulchiinsi Shawaa Kaabaa, Abbaa Amantaa Abuna Qilemenxoos, kanneen balaa kanaan lubbuun isaanii darbeef kadhannaa awwaalaa geggeessuuf, madaa'otaaf kadhachuuf, fi warra balaa kanaan miidhamaniif deeggarsa afuuraa fi gadda isaanii ibsuuf Gadaamii sana turan dinqisifateera.

  • GABAASA ODUU Walitti Bu'iinsi Haaraan Tigraayitti Uumame; Qaamoleen Lamaanuu Ibsa Wal Faallessu Baasan Naannoo kaaba dhiha Itoophiyaa, daangaa Sudaanitti dhiyaatu, keessumaa kallattii Sharariinaa jedhamutti, Humna Ittisa Biyyaa fi humnoota TPLF gidduutti walitti bu'iinsi haaraan uumamuu isaa hordofuun qaamoleen dhimmicha irratti ibsa isaanii mootummaa fi TPLF irraa dhiyeessaniiru. FNN Hagayya 1/2026. Gareen TPLF ibsa har'a baaseen, mootummaa federaalaa irraa "waraanni ifa ta'e nurratti banameera" jechuun mootummaa mootummaa federaalaa himate. Uummanni Tigraay, mootummaa ala jiraatan, dhaabbileen amantii fi qaamoleen hawaasaa biroos yeroo kana keessatti mootummaa isaanii cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeesseera. Kanaan dura hoggantoonni waraanaa TPLF keessaa tokko ta'an Gabra Gabratsaadiqis, eebba hidhattootaa irratti mootummaa federaalaa injifachuun filannoo jiru keessaa isa guddaa ta'uu dubbatanii turan jechuun ibsameera. Gama mootummaa federaalaatiin ammoo, hanga ammaatti ibsi bal'aan hin baane. Haa ta'u malee, mootummaa bakka bu'uun Doktar Abrahaam Balaay ibsa gabaabaa kennaniiru. Doktar Abrahaam Balaay ibsa isaanii keessatti TPLF'n halkan kaleessaa kallattii Sharariinaatiin haleellaa jalqabuu himuun, gareen sun dargaggootaa fi daa'imman waraana keessatti hirmaachisuun balaa guddaa uumaa jira jechuun himataniiru. Dabalataanis, gaaffiin uummata Tigraay waraanaan furmaata akka hin arganne ibsuun, rakkooleen jiran marii, nagaa fi wal-dhaggeeffachuun qofa furmaata argachuu akka danda'an hubachiisaniiru. Uummanni nagaa jaallatu hundis waraanni akka dhaabbatuufi nagaan akka buufamu mootummaa irraa waamichi dhiyaateera. Walitti bu'iinsi haaraan kun yeroo nageenyi naannoo Tigraay ammas yaaddessaa ta'etti uumame. Haa ta'u malee, odeeffannoowwan qaamoleen lameen dhiyeessan hanga ammaatti qaama walaba ta'een guutummaatti hin mirkanaa'in.

  • https://youtu.be/c_5kErDvH2Q?si=fkuZFgMxuJipPNxs

Finfinne News Network — tgindex