Booji'aa Caalii
СтатистикаMootummaa jechuun qaama masaraa qabate osoo hin taane; qaama uummata qabatedha!
- Последний пост
- 8 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 37
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 371
- 1/48двое суток
- 425
- 1/72трое суток
- 458
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Bakakkaa Birgeed! One PKM And Many AKM, yoom Eessattii dhiisi. hiikameeraa!
Dubbii qamadii Yuukireen biyya alaatti ergamaa lammilee Yuukireen lubbuu gaaga'e xiinxali, Shimallis Abdiisaafaa uummata biyya keessa beelessaa alatti ergaa jirra isa jedhan ilaali, akkaataa amma naannoon Tigiraay itti of bulchaa jirtuu fi lol-a naannoo Oromiyaaf Amaa-raa ilaali. Qaala'insa jireenyaa, akkasumas lol-a Sudan keessa seenuu Xoophiyaa xiinxali. Dubbiin deemee faana gamtaa Sooviyet hordofaa jira!!
Bara 1989 dhumarraa eegalee sosochiin gaafilee hiree murteeffannaa, walabummaa fi ofiin of bulchuu sabootaa fi sablammoota gamtaa soviyet keessa jiraataniin gaafatamuu eegale. Bittaa Baaltik jala kan jiraata turan, Estonia, Latvia fi Lithuanian nuti yeroo Staliin aangoo qabate humnaan weera-ramnee malee biyya walabaa turre jechuun gaaffii jabeessan. Gaaffileen isaanii xiyyeeffannoo addunyaa akka argatuuf ji'a Aug, 23, 1989 keessa lammileen miiliyoona lamaa ol ta'an biyyoota sadan irra walitti dhufuun magaalaa guddoo Estonia irra eegaluun hanga magaala Luteeniyaa Vilines gahutti hiriira harka wal qabachuu geggeessuun xiyyeeffannoo addunyaa argatan. Gorbachoov naannoleen kun akka ofiin of bulchaniif ajaja dabarsus mormiin gara biraatii isa mudatee ture. Boodarra mormii isa mudate kana hordofee Gorbaachov yaada isaa jijjiiruun tarkaanfiin humnaa akka fudhatamu ajaje. Waraa-nni soviyet Luteeniyaa keessatti warra fincila kaasan jedhanii fi buufata Raadiyoo oduu mormii tamsaasaa ture tarkaanfii fudhate, hiriirtota irrattis ajjee-chaa juumlaa raawate. Aug, 19,1991 Hojiin Gorbachoof bitaa kan itti gale caasaan waraa-naa biyyatti, caasaa tikaa KGB waliin ta'uun fonqolcha raawwate. Gorbachooviin aangoo irra kaasuun hidh-amaa mana keessaa taasisan. Guutuun biyya sanii komandi poostiin akka bulu taasifame. Gara jalqaba fonqolchi isaan geggeessan waan milkaa'e itti fakkaatee ture, garuu fonqolchitoonni dogoggora tokko raawwataniiru, innis barreessaa oolaanaa gita Raashiyaa paartii koministii Raashiyaa kan ta'e Booris Stil Gorbachoov waliin hidhuu hanqachuu isaaniiti. Booris akkuma fonqolichi geggeeffameen borumtaa isaa Raashiyaanonni fonqolcha kana akka hin deggerre, akkasuma dirreetti bahanii akka morman labsii dabarse. Raashiyaanonni hedduunis dubbii isaa kana qalbeeffachuun isa waliin hiriiran. Waraa-nni Soviyet gara mormitootaatti ergaman uummata irratti hin dhukaafnu jechuun fonqolchi sun akka hin milkoofne taasisan. Fonqolchi geggeeffame guyyaa sadaffaatti kufaa ta'e. Gorbaachoofis gara biiroo isaatti deebi'e. Bulchiinsi Gorbaachoov akka gatii hin qabne itti dhiyeenyaan ilaalamuu jalqabe. Kana hordofee Yuukireen Dec. 1,1991 murtee uummataatiin harka 100% keessa harka 90%n Gamtaa Soviyet keessaa bahuuf sagalee kennan. Yuukireen malee gamtaan Soviyet gamtaadha jedhamuun hin yaadamu. Maarree Dec 8,1991 hooggantoonni naannolee sadanii Ruusiyaa, Yuukireen fi Beelarus, Beelarus keessatti wal gahuun gamtaa Sooviyeet keessaa bahuu fi biyya walabaa ta'uu waliif mirkaneessan. Geggeessitoonni walii galtee akka mallatteessaniin booda Gorbachooviin beeksisan. Dhimma icciitii dii-gamuu biyyaa irratti kan hin hirmaanne Gorbachoov teessoo olaanaa gamtichaa kan taate Raashiyaa fi biyya qabiyyeen lafaa ishee guddoo taate Yuukireenin dabalatee naannicha mootummichatti mata dhukkubbii ta'an(Gorbachev dreams crushed). Mootichi utuu hin jaallatiin Dec 25,1991 ayyaana gannaatiin foddaa Tiiviitti bahuudhaan biyyattii baraaruudhaaf waan danda'u hunda akka taasise, yaaliin isaa akka hin milkoofne dubbachuudhaan aangoo fedhii isaatiin gadhiisuuf akka ta'e dubbate. Halkan sana waggaa 74ffaaf kabajaan mirmirfamaa kan turte alaabaan gamtaa Soviyet diimtuun sun buufamuudhaan bakka isaa alaabaan federeeshinii Raashiyaa kan halluu sadii qabdu teessoo mootummaa keessatti fannifamte. Waan namni hin eegne halkanicha raawwatame. Ameerikaa dabalatee biyyoonni lixaa hedduun biyyoota 15 bilisa bahan, Istooniyaa, Belarus Liteeniyaa, Lativiyaa, Azarbaajaan, Gorjiyaa, Raashiyaa, Uzibikistaan, Moldovaa, Yuukireen, Armeeniyaa, Kyrgyzstan, Kazakhstan, Tajakistan, fi Turkimenistaniif ergaa gammachuu dabarsuu eegalan. Beekamtiin tora tooraan laatamuufi eegalte. Beektonni hedduun Gorbachov biyya guddoo lafaan dhahee cabse jechuun quba itti qaban. Ilaalcha Perestrikaa fi Ida'amuu jedhu barruu armaan olii keessatti wal bira qabdee xiinxaluu hin dagariin, waraa-na Afganistaanii fi Kaaba xoophiyaa ta'aa turee fi ammas ka'uuf duubaan (proxy war) xoophiyaa keessatti akkuma Kooriyaa keessatti raawwatamaa ture xiinxali.
Guutuu addunyaatti warra lixaa kan waraa-nan, biyyota Soshaalistiin bara deggersi taasifameef ture. Birjinev(Brezhnev) soviyeetota gatii guddaa kan baasise lo-la Afgahan 1979 kan eegalchiise yemmuu ta'u, soviyet soshaalitii waraa-na Afganistaan kan Ameerikaan deggeramu lol-toota Mujahidii irraa eeguuf jettee kan bante akka salphaatti xumuramuu kan hin dandeenye ture. Irra caalaa waraa-na Vetinamiin gaaga'amni guddaan kan isheerra gahe Ameerikaan, lol-a kana mo'achuudhaaf Soviyeetota haaloo bahachuudhaaf deggersa guddaa finciltoota Afgaanistaaniif godhaa turte. Birjinev (Brezhnev) bara aangoo isaatti dinagdeen soviyet akka laamsha'uuf gahee guddaa taphate. Gama gadi bu'uu gatii boba'aatiin, gama babal'achuu hanqachuu industirii fi warshaaleetiin, dinagdeen soviyet gadi quucaruun, jireenyi uummatichaa rakkoo ulfaataa keessa seene. Qaala'insi jireenyaa uummata mataa cabs-uu itti fufe. Waraa-nni Afganistaan jireenya uummataa guyyaadha gara guyyaatti laamshessuu itti fufe. Kanaan hin dhaabbanne, 1982 Birjinev(Brezhnev) dhibee onneetiin lubbuun isaa dabarte. Kana hordofee isa bakka bu'uun aangootti kan bahan geggeessitoonni lamaan Yuri Andropov fi Konstrantin Chernenko garaa garummaa waggaa lamaatiin lubbuun isaanii addunyaa irra dabarte. Kana gidduun biyyatti waraa-nnii dinagdee ishee butuche, qaawwi geggeessummaa ishee mudate. Guyyoota muraasa gidduutti xumurama jedhamee kan eegale waraa-nni Afgaanistaan guyyoota irra gara guyyootaatti, ji'oota irra gara ji'ootaatti fi gara waggoota lakkoofsisuutti jabaataa itti fufe. Waraa-nni Soviyet kumaatamaan lakkaa'aman dachee Afgaanistaan irratti akka baalaatti harca'an. Beekamtii fi guddummaa isaan addunyaa biratti qaban gadi bu'aa dhufe. Soviyet rakkoo keessa seente keessa nii baasu jedhamanii kan muudaman geggeessitoonni umurii fi rakkoo dhukkubaan dachee irraa godaanaa as gahan. March 19, 1985 nama ganna 54 Mikaa'eel Gorbaachooviin(Mikhail Gorbachev) dura taa'aa paartii fi geggeessaa gamtaa Soviyet gochuun muudan. Gorbaachoov nama sirriiti barate, dhimmoota seeraa, fi geggeessummaa irratti nama hubannoo qabudha. Umuriin illee geggeessitoota darban irra umuriin xiqqaa akka ta'edha. Namni kun dhimma gamtaa Soviyeet walxaxaa nii fura jedhamee kan itti abdatame ture. Gorbaachoov akkuma aangootti dhufeen waantoota lama ifa taasise, innis Glasnost fi Perestroirka. Glasnost(Iftoomina) Perestroika(deebisanii ijaaruu). Kana hordofee gamtaa Soviyeet keessatti miidiyaaleef bilisummaan kennamee taatee duraa irra hanga ammaatti akka gabaasan taasifame. Rakkoof darar-aa uummataas ifaan ifatti gabaasan. Boodarra waan uumatatti himamee raawwatamaa turan jijjiramuun waan hundi uummatatti bitaa galuutti ka'e. Perestroika kan jedhame tarkaanfiin deebisanii sooviyet ijaaruu itti fufee, biyya waraa-nni Afgaanistaan daar-aatti deebise bayyannachisuuf tarsiimoon lafa kaa'amte, meeshaaleen daldalaa biyyoota alaa irra keesumaa biyyoota lixaa irra akka galan yoo eeyyamu, achumaan akkuma sadarkaa sadarkaatti malaammalchiitoota mootummaa keessa jiran aangoo irra kaasuun, bakkeewwan adda addaatti isaan bittimsuun malaammachitoota hiri'suuf yaalee tureera. Keesumaa gurgurtaa boba'aa dinagdeen soviyet irratti hirkatee ture dhiibbaa alaa fi keessaa irra danda'amachiisuuf biyyoota akka xoophiyaa dabalatee deggersi waraa-naa akka hin taasifamne hiri'suu irratti gahee guddaa taphate. Gorbaachoov waan gamtichi ittiin hin beekamne di tarkaanfii gamticha hin madaalle waan fudhateef michoonni gamtichaa suuta suuta fuula irra galagalchachuu itti fufan. Pooland filannoo bilisaa gochuun mootummaa koministii hin taane gadi dhaabde, Hangaariin daangaa Ostiriyaa cuftee turte bante. Kun hundi yeroo ta'u Gorbaachoov akka geggeessitoota darbanii waraa-na lafoofis qilleensarraa hin bobbaafne. Callisee dhiise. Waan hunda dursa waraa-na qabbanaa'aan gara xumuraatti dhiyaachuu hordofee daangaa guddichi Ijaarsa Barliin jedhamu kan warra bahaa fi dhihaa adda qoodu Nov 9,1989 diig-amuu eegale. Yeroo muraasa booda biyyoonni sirna koministii hordofan kufuu eegalan.
Yeroo kana lammiileen Gamtaa Soviyet, Russia, Yukireen, Belarus, Joorjiyaa fi k.k.fn waliin ta'uun, aarsaa guddaa kaffaluun waraa-na Hitl-eer biyya isaanii keessa ariyuu irra darbanii hanga magaala Barliinitti deebisanii halee-luudhaan alaabaa isaanii handaara magaalota Barliin irratti miira injifannootiin gadi dhaabuun mirmirsan. Gamtaan Sooviyet lammilee ishee 20M ol weera-ra kanaan dhabdeetti. Yeroo sanatti biyyoota lolich-arratti himaatan, keessaa biyya aarsaa guddaa baafte turte jedhamuun galmoofte. Lolli kunis lola lammilee biyyattii tokkummaan dhii-gaaf lafeen walitti firoomses ta'ee galmaa'ee ture. Qaama seenaa waloo gamtichaa ta'ees galmee addunyaa qabatee leellifamaa tureera, garuu itti hin fufne; Xumura waraa-na addunyaa 2ffaa hordofee, soviyet biyyoota irree guddaa qaban(supper power) jedhamuun toora Ameerikaa teesse. Booda irree ishee agarsiisuun Ameerikaan waliin ta'uun Jarmaniin qooddatte. Waggoota itti aanan soviyet warra lixaaf mata bowwuu taatee teesse. Oomisha midhaanii, meeshalee waraa-naa fi tekinoloojiin dorgomaa dhabde. Ameerikaa dhiphisuutti kaate. March 1953 staliin dhibee stirookiin lubbuun isaa dabarte. Lubbuun darbuu isaa hordofee soviyet Nikitaa Kiruucheeviin (Nikita Khrushchev) geggeessaa godhattee bakka buufatte. Kiruucheev akkuma aangoo warra kominist qabateen dubbiiwwaan dinqiisisoo afaan isaa keessa bahaniin addunyaa ajaa'ibsiisuu eegale. Kiruucheev Miidhawwan staliin lammilee soviyet irraan gahaa ture dhoksaa tokko malee gadi diig-ee kan gurri dhaga'u hundatti lallabe. Dubbachuu qofaan hin dhaabne, hidha-mtoota staliin bakkeewwan garaa garaatti ukkaa-msee dara-raa ture hunda tokko utuu hin hambisiin hiikee gadi dhiise. Seeronni mirgoota namoomaa sarban(ukkaamsan) tokko tokkos akka laaffattan taasiseera. Garuu olaantummaan paartii siyaasaa tokkoo akkuma itti fufu taasisuun geggeessummaa isaa itti fufe. Yeroo geggeessummaa isaa kanatti waraa-nni qabbanaa'aan(cold war) akkuma itti fufetti ture. Ameerikaa fi gamtaan Soviyet kallatti wal waraa-nuu haa dhiisan malee bifa dhokataan(proxy war) waraa-na geggeessuu hojii idilee taasifataniiru. Kunis dachee Koriyaa irratti garee lama deggeruun waraa-na geggeessaniru. Yeroo waraa-nni qabbanaa'aa (Cold war) gara waraa-na abiddaatti jijjiiramuuf fiixee irra gahetti, Oct 19, 1962tti, Kiruucheev Kuubaa keessa kan turan kanneen akka Fidal Kaastiroo waliin ta'uun weera-ra Ameerikaa ofirraa ittisuuf qophii waraa-naa gahaa icciitiin Ameerikaa irratti taasisaa turan, Kiruucheev misaa'eelota fageenya dheeraa furga'an dhoksaan warra Fidal Kaaatiroof fa'iif Kuubaa keessatti dhaabe. Achii basaa-sni Ameerikaa qophii kana hordofuun erga irra faganii xayyaara fayyadamuun iddoo qubannaa misaa'eelotaa kana suuraa kaafanan Kenediin buufanni humna galaanaa Kuubaa akka marfamtu ajajan. Ajaja kana booda humni galaanarraa abidda baatu gamtaa Sooviyeetii fi Ameerikaa walitti qajeeluun boodarra geggeessitoonni lamaan gama Soviyet fi Ameerikaa wal gahanii mari'achuun wal balleessuu irraa gara wal bayyaannachiisuutti ce'an. Mareen geggeessitoota lamaanii kunis addunyaa badii Niwukilaraa irra baraare. Bara bulchiinsa Kiruucheev kun yeroo itti soviyet saayinsii fi tekinoloojiin akka malee fagaatte turte. Sooviyet seenaa dhalamaa keessatti kan isheen hawwaa abuurte. Yuurii Gaagarii gara hawwaatti erguun seenaa jalqabaa galmeessite. Sooviyeetotaaf yeroon kun yeroo milkaa'inaa ture jechuun nii danda'ama. 1964 akka tasaa Nikita Kiruuchev aangoo irra akka ka'u poolit biiroon soviyet murtoo dabarse. Kun akka ta'uuf yaada kan dhiyeesse Liyoned Birjinev (Leonid Brezhnev) yeroo ta'u, Birjinev namni kun kallattiidhan aangoo irra ka'ee sooroma akka bahu taasise. Itti fufee ofii isaa barreessaa olaanaa paartii koministii Soviyet ta'uun geggeessumaa qabate. Birjinev(Brezhnev) yeroo geggeessummaa isaa kanatti yeroo irreen waraa-naa isaa addunyaa duratti mul'ate ture. Waraa- na kooriyaati hanga waraa-na Vetnhamitti, Vetnhamii hanga Angoolaatti, Itoophiyaa keessa waraa-na Ogaden dabalatee jechuudha.
Seenaa Gamtaa Sooviyeet Rashiyaa hubachuuf jalqaba irratti Sooviyeetiin kan bakka buute seenaa Raashiyaa hubachuutu barbaachisa! Yeroo sana waggoottan dura, Bara 1917 Raashiyaan mootii Nikolas 2ffaadhaan bulaa turte. Lammileen biyya sanaa Nikolaas 2ffaa akka ergamaa waaqaatti ilaalu turan. Raashiyaa geggeessuuf dibamee waaqa biraa kan sabichaaf ergame jechuun dubbatamaafii ture. Namichi aangoo eenyuuf illee utuu hin hiriin Raashiyaa geggeessaa ture. Mootiin kunis lammileen biyya sanaa akka garb-aatti mootichaaf sa'a 24 akka hojjetan dirqamsiisaa ture. Raashiyaan yeroo kana turte kan waraa-na addunyaa 1ffaa keessa seente. Waraa-na kana keessatti gaaga-ama siyaasaa fi dinagdee isheen keessummeessite waan salphaa hin turre. Gaagamni isheerra gahe kun diig-umaaf fiixee irraan ishee gahee ture. Kana gidduutti dargaggoonni akka Vilaadmir Leeniin yaadama Karl Marx qabatee aangoorra kan jiru Nikolas 2ffaa irratti fincila kaasan. Mormiin dargaggootaa kun ji'oota lakkaawwachuun itti fufee Nikolas 2ffaan mormitoota dirree irratti bahan irratti rasaa-sa roobsisuuf yeroo yaalutti waraa-nni biyyattii eeyyamamaa ta'uu dhabuudhaan, March 15, 1917 mootiin Nikolas 2ffaa dheekkamsa dargaggootaatiin masaraa mootummaa keessa akka humna uummatatiin mana mootummaa isaa keessa akka gadi baafamu taasifame. Fonqolfamuu Nikolas 2ffaa booda mootummaan yeroo hundeeffame. Mootummaan yeroo erga hundeeffameen booda lo-lli walii waliinii biyya sana keessa ture akka dhaabbatu taasifame. Master of revolution kan jedhamu jireenya baqattummaatiin Swizerland keessa kan jiraataa ture, Viladmir leenin akka gara biyyaatti deebifamu taasifame. Innis akkuma achii gara biyyaatti deebi'een ji'a muraasa booda hiriyoota isaa gaafa qabsoo waliin wal ta'uun mootummaa yeroo humnaan kuffisuun aangoo qabate. Akkuma isaan aangoo qabataniin loll-i walii waliinii Raashiyaa deebi'ee ka'ee itti fufe. Waraa-nni diimaan Leeniinfaa kan Faransaay, Ingiliziin deggeraman "Waraa-na adii Ameerikaan deggeraman waliin lol-a waggoota shanii erga geggeessanii booda, bara 1922 lubbuu uummata miiliyoona hedduu itti kaffalanii gamtaa Sooviyet gadi dhaaban. Vilaadmir Leeniin January 19, 1924 irra deddeebiin dhibee Istirookii dhukkubsataa waan tureef lubbuun isaa dabarte. Lubbuun darbuu Leeniin hordofee jaarmiyaa isaanii keessatti iddoo olaanaa kan qabu Jooseph Stalin bakka isaa akka bu'u sagalee caalmaan murtaa'e. Akka seenaan himutti Leeniin utuu lubbuun jiruu Staliin akka bakka isa hin buune irra deddeebiin himaa ture jedha. Waanuma fedheefuu Staliin erga filatamee Gamticha Sooviyeet hoogganuu itti fufee booda haalonni ariitiin jijjiiramuu itti fufan. Alaan warri ilaalan Staliin gamticha bulchuun dhagaa bu'uuraa guddicha yoo jedhan lammilee biyyattiif yeroo yaaddessaa ture. Qabeenyi dhaabbataa waan jedhamu hin turre. Lafti misoomaa isaan qaban hundi mootummaan irraa fudhatame. Lammileen biyyatti jireenya harkaa gara afaanii jiraachuuf dirqaman. Namni hammeenya kan dubbate battaluma fuudhamee mooraa dara-ramaa fi ajjee-chaatti darbama. Sababa gochaa Staliin kanaan lammileen Yuukireen kuma dhibbaan lakkaa'aman waan nyaatan dhabanii beelaan dhum-aniiru. Staliin oomisha isaanii kanneen akka qamadii irraa fuudhuun gara biyya alaatti ergaa ture. Yeroo Qamadii kana gara biyya alaatti baasu kana akka waan uummaticha irra hafee gabaa addunyaaf dhiyaatutti olola sobaa addunyaatti himaa ture. Staliin aangoo isaatiif nama lubbuu isaa laatudha. Kanaaf immoo hiriyoota isaa gaafa qabsoo Leeninfaa waliin turan aangoo kootiif nii yaaddessu jechuudhaab hunda guuree juumlaan dhab-amsiise. Bara 1939 Staliin walii galtee nagaa Hitl-eer waliin mallatteessus, June 1941 Hitl-eer walii galticha diig-uun weer-ara guddaa gamtaa sooviyeet irratti bane. Seenaa keessatti waraa-na guddaa jedhamu gamticha irratti bane. Waraa-nni Jarman 3.5M ol kan hanga funyaaniitti hidh-atan daangaa Soviyet cabs-uun kiilomeetira 200 ol keessa seenuun halee-llaa eegalan. Utuu hin turiin Moskoon bahan.
Waraa-nni seeraan hin taaligamne, injifachuu dhiisiiti, karaa injifannoo hin bahu! Meeshaa waraa-naa ammayyaawaa hidhatus dursee yoo kaayyoo lol-uuf sammuu keessa hin qabaanne inni akka daakuu qilleensa irratti ol darbameeti. Hedduminni isaa yoo tokkummaa fi kaayyoo irratti calalamuun hin hundoofne innoo akka tuuta goondaa tooraan yaatuu miilli irra ejjeteeti!!
Safuu dha boo Bireen Lola kaabaa Itoophiyaatti eegalee bakka isaalle quba hin qabu garagalee warra gaazexessaa gaafata 😜🤣
Odeessa Waraana Kaabaa Waraanni Biraanu Julaa kan booji'aamu malee booji'uuf hin leenjine lola salphaa TDF waliin godheen hanga ammatti loltoonni K/Abiyyi 350 TDFn qabamaniiru. 🫴Yaa Oromoo lola si hin ilaallanneetti dhiiga kee hin dhangalaasin.
видео или голосовое, без подписи
Oduu Gama Sudaan Nu Dhaqabe Waraanni mootummaa Sudaan kan Jeneraal Al-Burhaaniin hoogganamu dhiheenya kana haleellaa cimaa waraana Amity(RSF) irratti raawwateen diroonota hedduu Itoophiyaa keessatti Omishaaman haleellaa fi ajjeechaaf gara Sudaan ergaman kuffisuu isaa gabaase jira. Dirooniin kunneen ammoo Itophiyaa keessatti wal-ta'iinsa UAE (United Arab Emirates) Omishaaman kan ergaman ta'u ragaa suuraa waliin wal qabsiisun gabaase jira. Kun kan ibsuu bulchaan Impayeera Itophiyaa K/Abiyyi kan biyya keessaa isa hanqannaan ganfa Africa shororkeessaa akka jiru argiisisa.
Keenya Oluuma WBO'n Zoonii Madda Albuudaa kaadhimamtoota haaraa yeroo dheeraaf leenjii waraanummaa fi siyaasaa kenaafii ture xumuruun dirqama ittii aanutti bobbaaseera Injifannoo Uummata Oromoof
Akkuma Estoniyaa, Luteeniyaafaa Oromoon seenaa isaa bareechee addunyaatti himachuun mirga hiree murteeffannaa isaa galmaan gahachuuti qaba!! Afaan guutee nuti biyya qabna ture, koloneeff-ataatu biyya keenya humnaan nu harkaa fudhate jechuu danda'uuti. Estoniyaa, Luteeniyaa fi biyyoonni biroon gaafa gamtaa Sooviyeet irratti fincilan, seenaa isaanii bareechanii addunyaatti himata. Addunyaas dhageessifatan. Sana booda warraaqsa walitti qabsiisuun dhugaa isaanii harkatti galfatan. Kanaafuu Oromiyaan Biyya turte jechuudhaan seenaan keetii fi seenaa qabsoo keetii bareechachuuf hojjechuuti qabna. Isa dura garuu seenessa dagachiisaa Xoophiyaa Oromootu ijaare, Xoophiyaan biyya keenya jettu sammuu keessa remove gochuuti qabda. Xoophiyaan kan kee miti, xoophiyaan kan warra karaa Baab-El Mandab dhufaniiti. Atakkaroo akkasii keessaa bahi. Dhaloonni akka atakkaroo akkanaatti seenuuf daandii hin saaqiin. Addunyaan akka maleetti akka si hubattuuf carraa hin kenniin. Gamtaa Sooviyet Raashiyaa kan diig-e dhugaa qabsaa'otaa fi hacuucamtoota. Yugoslavias diig-e haqa warraaqtotaati. Haqee tottolchii gaafatadhu. Irratti qabsaa'i. Tarsiimoo fi tooftaa ammayyaawaa dhugaan deggerameen tarkaanfadhu, gaafa sana nii injifatta!!
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
Oromoon lama miidhamuun isarra hin jiraatu. Takka miidhamee miidhama lammataa of baraaruuti qaba!!
Waan cigaasisaan kun yeroo raawwatu waraa-nni mootummaa mooraa keessa taa'ee akka fiilmiitti daawwataa ture. Boodarra garuu waraa-nni mootummaa kunuu duguu-ggaa kana irratti hirmaatee argame. Kanuma gidduutti immoo ollaa koo hin ajjee-su, hiriyaa koo hin ajjee-su kan jedhan Hutiiwwan hedduun Tutsoota waliin ajjee-famaniiru. Akka carraa ta'ee Tutsoonni duguu-ggaa kana irraa hafanii dhokachuun jiraataa turanis turaniiru. Taateen kun hundi gaafa raawaatamu garuu mootummoonni addunyaa dhaga'anii akka isa hin dhageenyeetti dhimmichaaf gurra cufatanii turaniiru. Ruwaandaa keessa kan turan naga eegsiftoonni hir'ataniiru. Yeroo sana kan achi turan waraa-nni Faransaay hidhatt-oota Hutii deggeruun dargaggoonni Inter Haamwee akka jabaataniif gahee guddaa bahateera. April 6,1994 kan eegale duulli sanyii mancaa-suu, boodarra sochii Addi bilisa baasaa Ruwaandaa duguu-ggaa sanyii kana dhaabsisuuf taasiseen tasgabbii uumuun, July 18,1994 magaalaa guddoo Ruwaandaa to'achuudhaan duguuggaan sanyii guyyaa 100ffaa isaatti xumura argatuuf gahee guddaa bahateera. Guyyoota 100 kana keessatti Tutsoota 750,000tu oltu ajjee-fame, salphaadha kan hin jedhamne Hutoonnis waliin ajjee-famaniiru. Waraa-nni Kagameefaa kigaalii akkuma to'ateen Hutoonni yakk-a kana raawwataa turan Ruwaandaa gadi dhiisanii baqachuu eegalan. Achiis Dimokiraatik koongootti kooluu galan. Waraa-nni adda bilisa baasaa Ruwaandaa immoo haalo bahinsa kana hin jedhamne dargaggoota Inter Haamwee irratti raawwate. Duguu-ggaa sanyii kanaaf galtee sababaa kan ta'e halee-llaa xiyyaara perezedantichaa haa ta'u iyyuu malee, isa dura waggootaaf Hutii bulchaa kan ture yeroo dheeraaf itti karoorsuun qophii cimaa taasisaa akka turetu himama. Boodarras qorannoon irratti mirkanaa'eera. Kanneen duguu-ggaa kana irratti kallattii fi alkallattiin hirmaatan kan qabaman yemmuu ta'u, seera addunyaa fi seera biyyattiin dhimmi isaanii ilaalamee murtii isaaniis fudhataniiru. Irra caalaa hundeessaa abbaa RTL kan ta'e, Felicien Kabuga doolaara hedduu ramaduun duguu-ggaa sanaf galtee propogandaa hojjechiisaa fi dargaggoota Inter Haamweef meeshaalee akka qoonc-oraa bitee itti hiruun akka isaan duguu-ggaa sana raawwatanii tumsa taasisaa kan ture lammii Ruwandaa ta'ee Ruwaandaa keessa badee waggoota 26f miliqee barbaadamaa kan ture waggaa jahaf(6) dura, bara 2020 Faransaay keessatti argamuun umurii isaa ganna 86tti mana murtiitti dhiyaachuun dhimma isaa hordofaa jira. Kitaaba Immaculéé kan "Left to Tell" irraa argattu!! Seenaan irra deebi'uun uummata keenya irratti raawwatamaa jira. Akkuma Tutsotaaf maqaan Bararoo jedhu moggaafameef Oromoof immoo maqaa Shan-ee jedhu moggaasuun waggootan saddeettan darbaniif maqaa kanaan akka baalaatti harcaasaa turaniiru, ammas itti jiru. Keessumaa uummati lixa Oromiyaa, kibba Oromiyaa, Shawaa, Walloo, hanga yeroo dhihootti immoo Arsii fi Baalee maqaa shan-ee jedhamu kanaan gatii inni hin baafne hin jiru, waajjira mootummaa keessa waraqaan eenyummaa isaa ilaalamee ari'atameera, ajjee-fameera, dhaabbilee barnootaa keessa ari'ameera, kanneen humna qaban biyya alaatti baqachuun kanneen hafan bosonatti baqataniiru. Ammayyuu dhalataan wallaggaa godina biraa dhimma dhuunfaa isaaf yoo deeme loqoda isaa ilaaluun battala maqaa shan-ee jedhu itti laachuun akka barbaadan isa godhu. Kun kan uummata Oromoo irratti sirna biltsiginnaatiin ta'edha. Sirni biltsiginnaa daba kallattii lamaa Oromoo irratti dalagaa jira. Saboota ollaa waliin lol-a keessa seenuun akkuma Oromoof maqaa sha-ne jedhu moggaasee ajjee-see hidh-uun dara-ru Tigireef maqaa Juntaa jedhu moggaasuun ajjee-saa fi dara-raa tureera. Isaan sirni kun sirna Oromooti jedhu, inni immoo Oromoo akka diin-a guddaatti ilaala. Jarri maqaan itti mogga'ee akka baalaa harca'e kun haaloo dachaa lama Oromootti kuufatee jira. Haaloo inni jalqabaa sababa biltsiginnaan maqaa Oromoo himatee isaan halee-leef haaloo nutti qabata. Inni lammataa Oromoo qofa waan taaneef haaloo nu qabata. Kanaaf sirni kun sirba maqaa Oromootiin diin-a dachaa dachaa Oromootti horaa jiru waan ta'eef tokkummaan irratti qabsaa'amuuti qaba.
Akkuma xiyyaarri perezedantii dhahamee cacc-abeen booda aanga'oonni fi ministeeronni biyyattii finciloota Hutiin adamfam-anii akka ajjee-faman taasifame. Kunis muummee ministeeraa dabalatee jechuudha. Yeroo kana qaawwaa aangoo guddaatu uumame. Namni Théoneste Bagosora kan jechamu saban Hutii kan ta'e yeroodhaaf mootummaa Ruwandaa akka ta'u yeroo bulchinsaa parlaamaatiin filamuun geggeessaa yeroo taasifame. Taatee kana duuba kan turan Kagameefaa akka ta'etu dubbatama. Kana malees taatee kana kan raawwate waraa+na biyyattii kan Hutotaan geggeeffamus jedhaman. Sababni isaa immoo hoogganni keenya akkamitti maal irra ka'ee maxxantuu waliin mariif taa'a kan jedhu tures jedhama. Gareen Kagameefaa immoo lol-a dafanii xumuruudhaaf xiyyaara perezedantii ruk-utanii kuffiisan jedhameetu dubbatama, kun herrega siyaasati. Kun waan yeroodhaaf hibboo ta'ee hafedha. Xiyyaarri dhahamtee akkuma caccab-deen sa'aatii muraasa keessatti dargaggoota "Inter Hamwe" jedhaniif kuusi meeshaa waraa+naa banamee meeshaan akka hiramuuf taasifame. Isaanis akkuma meeshaa fudhataniin daandiwwaan cufuu eegalan. Itti fufuun dhaabbilee mootummaa keessa maqaa namootaa fudhachuun magaalaa keessa naanna'uun Tutsoota adda foo'anii ajjee-suu eegalan. Irra caalaa isaanii dargaggoonni Inter Hamwe kun warra sadarkaa mootummaatti leenjifamanii fi raayyaa ittisa biyyaa, poolisii idilee fi kkkf cinatti beekamtuu guddaa qabanidha. Akka milishaa naannoo fi gaachana sirnaatti ilaalamu. Garuu immoo walii galtee araraa dura deggersi barbaachisu hundi karaa finxaa-lleeyyii Hutii taasifamaafii warra turee fi Tutsii akka ajjee+saniif qophii gahee taasisaa warra turanidha. Xiyyaarri perezedantii caccab-uu hordofee RTLM(Radio Television Libre des Mille, Collines) kan jedhamu, hoogganni keenya qaaliin Tutsootaan nu jalaa ajjee+fameera jechuun olola afarsuu eegale. Oolee utuu hin buliin "Bararoo" kana biyya keenya keessaa qulqulleessinee baasuuti qabna, Hutii ta'ee labsii kana kan mormu yoo jiraate isarratti tarkaa-nfii cimaatu fudhatama jechuun irra deddeebiin gabaasota wal fakkaatu dhiyeessuu itti fufe. Tamsaasa raadiyoonii kana hordofee magaalota Ruwandaa garaagaraa keessattii fi naannoolee baadiyaa keessatti Tutsiiwwan hedduun akka ajaa'ibaatti harca'an. Waggaa dheeraadhaaf kan beektan ollaan keessan akka tasaa manc-aa fi goraa-dee baatee balbala mana keessanii irra dhaabbatee isin ajjee+suuf yoo jedhu maaltu isinitti dhaga'amaa? Maaloo na dhiisi, ani akkuma kee hiyyeessa, akkuma kee dadhabaadha, akkuma kee fira hin qabu, akkuma kee mana kiraattin gala yeroo jettan ani yoon si ajjee-suu dhiise, gareen biraa dhufee si ajjee-suun isaa hin oolu, ajjee-famuun kee hin oolu kanaafuu anumti isin ajjee-suu wayya jedhee yeroo isin ajjee-su maaltu isinitti dhaga'ama? Yeroo sanatti namni Ruwandaa keessa jiraatu sabummaan isaa waraqaa eenyummaa isaas irratti barreeffamaa waan tureef salphumatti dargaggoonni Inter Haamwee daandiilee cufuudhaan daandiilee irratti waraqaa eenyummaa sakatta'uudhaan sabummaa isaanii gaafachudhaan bakkuma waraqaa eenyummaa isaanii ilaalanitti ajjee-sanii gataa turan. Itti dabalee raadiyoon biyya sanaa tamsaasa kallattiin Tutsoonni hamma kanaa iddoo akkanaatti dhokatanii jiraataa jiru, kannee hanga ta'an mana amantaa akkasii, masgiida, waldaa fikkn keessa waan jiraniif deemaati tarkaan-fii irratti fudhadhaa jedhanii daandii agarsiisaa turan. Tutsiin lakkoofsa hanganaa ta'an daandii akkanaa irra bahuun gara Ugaandaatti miliqaa jiru dura goraa, Bararoon utuu Ruwaandaa kesssa hin bahiin dhabamsiisaa jechuun ajaja dabarsaa ture. Namoonni hedduun daandii gubbaa irratti kara bahanii galan dhabanii akka baalaatti harca'aniiru. Namoonni hedduun dargaggoota baatanii guddisaniin ajjee-famaniiru, abbaan manaa haadha manaa Tutsii fuudhee daa'ima irraa qabu, haadha manaa isaaf ijoollee isaa ajjee-seera, haati manaa abbaa manaa Tutsiitti herumte ijoollee ishee fi abbaa ijoollee ishee ajjee-fteetti, hojjettoonni hooggana isaanii Tutsii ta'e ajjee-saniiru, mucaan akaakayyuu isaa fi akkoo isaa sanyii lakkaa'ee ajjee-seera.
Ruwaadaa keessa sabaaf sablammoota gurguddoo sadiitu turan. Isaanis Tutsi, Huti, fi Twa kan jedhamanidha. Sabaf sablammoonni kun afaan walfakkaataa dubbatu. Twa warri jedhaman Ruwanda warra jalqabaa yemmuu ta'an, hedduminni isaanii dhibbeentaa 1% tokkodha. Huti warri jedhaman immoo dhibbeentaa 85%niin Ruwandaa dhuunfatanii kan jiraatanidha. Kan hafan dhibbeentaan 14% Tutsidha. Beenjiyeemonni gita bittaa Jarmanoota booda 1916 Ruwaandaa seenanii hanga 1962tti Ruwandaa kolon-eeffatanii turan. Garaagarummaa guddaan kan uumame yeroo kana ture. Innis qotee bultoota Hutii fi horsiisee bultoota Tutsii gidduutti. Beeljiyeemonni Tutsootatti irra caalaa dhiyaachuudhaan barnoota barsiisuu, bulchiinsa isaanii keessatti bakka kennuufiidhaan isaan waliin hojiiwwan biiroo fi bulchiinsaa gargaraa akka hojjetan taasisaa turan. Hutoonni immoo faallaa kanaa hojii akka qonnaa fi horii horsiisuu hojjetaa, hojiin geggeessummaa fi barnootaa akka isaanii hin malle of amansiisuun miira gadi aantummaatiin hojii qonnaa isaanii hojjetaa turan. November 1,1959 Hutoonni hoogganni keenya Tutsootaan nu jalaa ajjee+fameera jechuun fincila guddaa kaasan. Tutsootas ajjee+su fi qe'ee irra isaan buqq-aasuu hojii manee guddaa godhatan. Itti fufee gargaarsa Beenjiyeemotaatiin january 28, 1961 mootii Ruwandaa kan Tutsii ta'e ariyuun biyyattii sirna mootii irraa gara Huutonni itti heddummatanitti jijjiiruun, gara Ruplibika Hutitti jijjiran. Waggaa itti aanu 1962 Beeljiyeemonni Hutotaaf biyya isaanii gadhiisaniifi bahan. Hutoonni aangoo akka qabataniin jalqabumaan isin Beeljiyeemota waliin ta'uun nu cunqursaa turtan, nu bitaa turtan, jechuun Tutsoota hedduu ajjee-suu fi godaansisuu gad jabeessanii itti fufan. Kana irraa kan ka'e Tutsoonni dhibbaatamaan lakkaa'aman biyya isaanii Ruwaandaa gadi dhiisanii biyya ollaatti jireenya baqattummaa jiraachuu itti fufan. Tutsoonni biyya ollaa keessa baqattummaan jiraatan kun ollaa isaanii Ugaandaa keessa taa'anii, mootummaa Ruwaandaa kan qe'ee isaanii irra isaan ari'e irratti qabsaa'uu eegalan. Boodarra jaarmiyaa Rwandan patriotic front(RPF) hundeessuun mootummaa Ruwaandaa biyya isaanii irra isaan ari'e waraa+nuu eegalan. Waraa-na gara garaa geggeessuun bakkeewwan hedduu hojiin ala gochuu itti fufan. Waraa-na mootummaa irrattis halee-llaa gurguddaa raawwachuun ollaa irra gara biyyaatti siquutti fuulleffatan. Sochiin isaanii kun itti fufuun jalqaba bara 1990ta gara jalqabaa jibba guddaa fi wal qoodinsa sabaaf sablammoota biyya sanaatif sababa guddaa uume. Boodarra mootummoonni gamtooman walitti bu'insichaaf daandii nagaayaa barbaaduun RPF fi hooggana Huutii Jovénal Habyarimana gidduu bara 1993 Taanzaaniyaatti mariin akka geggeeffamu taasisan. Akka yaadama marii sanaatti mootummaan ce'umsaa dhaabbatee aangoon RPFootaf akka qoodamu, qooda kanaa immoo RPFoonni lol-a dhaabuun Hutoonni fi Tutsoonni waliin ta'anii Ruwaandaa akka geggeessan walii galtee "Arusha" akka mallatteessan taasifame. Walii galtichis Taanzaaniyaatti mallatta'e. Walii galteen Taanzaaniyaatti mallattaa'e kun boodarra of tuultota warra Hutii dheekkamsiise. Nuti dhibbeentaan keenya 85%dha, akkamitti warra xiqqaa fi maxxantuu Tutsii jedhamtu kanaaf aangoo qoodnee waliin biyya keenya geggeessina, kun hin ta'u jechuun walii galticha morman. Isaan warra waggootaaf, akka nuti hin baranneefi doofaa taanee hafnuuf nu hacuucedha, isaanii waliin biyya qooddachuun nun barbaachisu jechuun haalota hunda gara sanyummaatti geessuun dubbii hammeessan. April 6,1994 Ruwaandaa waggoota digdamaaf (20) kan geggeessaa ture, dhalataa Hutii kan ta'e perezedantii Juvénal Habyarimana fi pezedantii Burundi Cyprien Ntaryamiran feetee kan turte xiyyaarri Boing tokko qilleensa Ruwandaa, Kigaalii keessatti misaayelaan rukut-amtee kufte. Jalqaba geggeessaan Hutii walii galteen nagaa waan itti hin tolleef xiyyaara kana rukut-ee kan kuffise hidh+attoota Ugandaati. Isaantu xiyyaara perezedantii rukut-ee kuffise jechuun ibsa miidiyaaf kenne. Taateen kun Hutota baay'ee aarse.
Uummati Oromoo abbummaa Finfinnee fi Dirre Dawaa mirkaneeffachuu kan inni danda'u yoo humna fayyadame qofaadha. Qabeenyaa dhaabbataan akka lafaa hoo'uu fudhadhuudhaan namaaf deebi'ee hin beeku. Magaalaa guddittii fi qaalii akka Finfinnee irratti kan murtoo kennu humnadha. Oromoon immoo abbummaa Finfinnee kana yoo humna isaa jabeeffatee dhuunfate malee hoyi hoyiin dhuunfachuu hin danda'u. Impaayera siyaasni ishee yeroodha gara yerootti wal xaxaa deemu kana keessatti immoo yeroo kamiyyuu humnaa fi tokkummaatu barbaachisa. Humni Oromoo yoo hin cimnee fi hin tokkoomne Finfinnee dhiisiiti, magaalota akka Shaggar dabalatee magaalota kan biroo iyyuu dhabuu danda'a!! Kanaaf gaaffiilee abbummaa Finfinnee irratti qabnu deebisuuf humna jabeeffachuutu nurra jiraata. Humnichi humna waraa-naati. Waan gatii qaalii akkasii aarsaa qaalii itti baaftee deebisiiftatta malee marii biyyaaleessa maaloo maaloree jettee kan kashalabbeen walitti qabamtee waccitee galtuun miti.