Addis Standard Afaan Oromoo
Статистика- Последний пост
- 14 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 28
- Всего постов
- 336
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 1 914
- 1/48двое суток
- 2 250
- 1/72трое суток
- 2 426
Медиана по постам, которые мы застали свежими и померили через сутки.
Посты
“Tattaaffiin #aangoo giddugaleessatti kuusuu” mootummaan taasise, dhaabbilee dimokiraasii fi mirga namoomaa #Itoophiyaa bara 2025 keessa caalaatti miidheera: #Gamtaa_Awurooppaa Finfinnee, Hagayya 14, 2026: Tattaaffiin mootummaan Itoophiyaa wayita “wal muffiin sabootaa” fi fincilli hidhannoo deemaa jirutti angoo giddugaleessatti ol kuusuuf godhe bara 2025 keessa “dhaabbilee dimokiraasii caalaatti kan hubee fi kabaja mirga namoomaa kan miidheedha” jechuun Gabaasni Waggaa Gamtaa Awurooppaa (EU) kan Mirga Namoomaa fi Dimokiraasii Addunyaa Bara 2025 ibse. Gabaasni kun akka jedhetti, haalli mirga namoomaa fi dimokiraasii Itoophiyaa caalaatti walitti bu’iinsa hidhannoitiin, tasgabbaa’uu dhabuu fi miidhaa waraana waggaa lamaaf naannoo Tigraay, Amaaraa fi Afaar keessatti raawwatameen kan dhiibbaan bocamedha. Odeessa guutuuf dubbisaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9563
#Gazexeessitoonni #Itoophiyaa hidhaman shan gadhiifamuun dura yakka #shororkeessummaa irratti hirmaachuu isaanii akka amanan dhiibbaan irratti godhamaa jira: #CPJ Finfinnee, Hagayya 14, 2026: Gartuun Kabaja Migra Gazexeessitootaaf Falmu (CPJ) abbootiin taayitaa Itoophiyaa gazexeessitoota waggoota sadan darbaniif hidhamanii jiran shaneen akka gadhiisan waamicha dhiyeesseera. Gareen kun akka jedhetti, gazexeessitoonni kun hidhaarraa bilisaan bahuuf jecha fincila hidhannootti hirmaachuu isaanii akka amananiinii fi dhiifama akka gaafataniif dhiibbaan irratti godhamaa jira. Gazexeessitoonni kun – Goobazee Siisaay, Maskaram Abarraa, Ganat Asmamaaw, Daawit Bagaashaaw fi Abbaay Zawduu – gabaasa jeequmsa Naannoo Amaaraa keessatti ka’e irratti dhiyeessaniin walqabatee yakka shororkeessummaatiin bara 2023 keessa hidhaman. Guutuu odeessichaa dakaa dubbisaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9556
#Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabuun dhiibbaa walii galaafi akkasumas walabummaa isheetis saaxiluu Ministirichi ibsan Finfinnee, Hagayya 14, 2026: Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabuu isheetiin dhiibbaawwan hammaan hin tilmaamamneef: jechuun: baasii ol-aanaatiif fi sodaa daangaa biyyaatiif saaxilamaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiiksii Alamu Simee (PhD)ibsan. Ministirichi gaazexaa Bariisaa waliin turtii taasisaniin, biyyattiin ulaa galaanaa dhabuu isheitiin sekteroonni miidhaan irra gahe keessaa Ministirri Geejjibaafi Loojistiiksii isa tokko ta'uu eeraniiru. Biyyi ulaa galaanaa hin qabne iccitii kan hin qabne ta'uu fi waan kanaaf diinaaf kan saaxilamtuu fi dhiibbaa walabummaa biyyaa irratti kan uumu ta'uu ibsaniiru. Guutuu odeessichaaf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/1VPKqbvuoJ/
Humnootni finciltootaa #Sudaan, #RSF magaalaa murteessituu biyyattii kan daangaa #Itoophiyaa 'tti aantee jirtu to’chuu beeksise Finfinnee, Hagayya 14, 2026: Humnoonni finciltootaa Sudaan Raapppiid Sappoorti Foorsis (RSF) akkasumas loltoonni isaaf tumsan magaalaa Al Kurmuk kan Naannoo Biluu Naayili (Blue Nile) keessatti argamtuu fi daangaa Itoophiyaatti dhihaattu qabachuusaanii gabaafame. Maddoonni waraanaa fi mootummaa Kamisa kaleessaa miidiyaa Al Jazeera’f akka beeksiisanitti, lolatonni RSF fi Sochii Bilisummaa Uummata Sudaan- Kaabaa (SPLM-N) gara magaalattii kan seenan akkuma humnoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan (SAF) keessaa ba’aniini. RSF’n gama isaatiin raayyaa ittisa biyyaa irratti miidhaa guddaa geessisuu fi meeshaa waraanaa fi rasaasa hedduu booji’uusaa addeesseera. Guutuu odeessa kanaaf cuqaasaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9552
Dhaabbanni oomisha konkolaataa #Chaayinaa #Chery warshaa #Nissan kan #Afrikaa keessaa bitate; dhaabbati konkolaatawwan baatirii elektirikaan socho’an omishu kun gabaawwan haaraatti ce'aa jira Finfinnee, Hagayya 14, 2026: Dhaabbileen oomisha konkolaataa Chaayinaa konkolaatota alatti erguu irraa gara Afrikaa keessatti omishuutti bal'inaan ce'aa jiru; kunis guddina magaalaa ariifachiisaa, dabaluu lakkoofsa namoota kutaalee hawaasa galii giddu-galeessaa argatanii fi imaammata mootummaa deeggarsa kennu irratti hundaa’eeti jedhame. Kunis ardichi gabaawwan sekteerichaa kan guddataa jiran keessaa tokko ta'a jechuun abdachuuni. Kunis tooftaa hir'ina fedhii biyya keessaa fi dhiibbaa uggura daldalaa Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaa keessatti ol ka'aa jiru dandamachuuf gargaaru keessaa tokko. Odeessa guutuuf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/1BkMRGTs8s/
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
Dhaabbanni #Artifishaal_Inteelijeensi #Itoophiyaa fi #Raayyaan_Ittisa_Biyyaa dandeettii humna raayyaa biyyaa teeknoolojii hubannoo namtolchee’n cimsuuf waliigaltee mallatteessan Finfinnee, Hagayya 13, 2026: Dhaabbanni IArtifishaal Intelijeensi Itoophiyaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa Raayyaa Ittisaa ammayyaa teeknoolojii hubannoo namtolcheen ijaaruuf waliigaltee taasisaniiru. Waliigalteen kun dhaabbileen kunniin loojistikii, leenjii, nageenya saayiberii,eegumsa fayyaa raayyaa ittisaa, akkasumas damee raayyaa qilleensaa fi waraana elektirooniiksiin teeknoolojii hubannoo namtolcheen deeggaruudhaan dandeettii raayyichaa cimsan ta'uu ibsameera. Akka dhaabbichi ibetti, Ajajaan Walii Galaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa sirna waliigaltee kana waliif mallatteessuu irratti, olaantummaa fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf raayyaa ammayyaa ijaaruun teeknoolojii hubannoo namtolcheen deeggaramuun murteessaa ta'uu dubbataniiru. Odeessa guutuuf cuqaasaa https://www.facebook.com/share/p/19976CGLBF/
Naannoo #Oromiyaa tti humnaan namoota leenjii waraanaaf qabuun ammas mullataa jira; kun wayita #Itoophiyaa 'n #rakkoo_nageenyaaf saaxilamtetti Finfinnee, Hagayya 13, 2026: Gabaasawwan akka agarsiisanutti, – Bulchiinsa Magaalaa Shaggar dabalatee – Naannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraatti dargaggoota dirqisiisanii leenjii waraanaatti geessuun ammas deebi’ee mul’achaa jira. Maatiwwan, dargaggoonni fedhii isaaniitiin ala fuudhatamuu itti fufuu, sababa kanaanis maallaqa akka kaffalan gaafatamaa jiraachuullee himaniiran. Addis Standard haala kanarratti ragaa dhiyeenyaa kanaa jiraattota Godinaalee Hararghee Bahaa fi Baale Bahaa irraa kan walitti qabe yoo ta’u, innis sodaafi tasgabbii dhabuu biyyattii keessatti bal’achaa jiruun walqabata. Guutuu xiinxala kanaa dakaa dubbisaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9548
Haala naannichaa caalaatti hammaataa dhufeen, godaantota gara #Yamanitti baqatan keessaa ammas irra caalaan lammiilee #Itoophiyaa ta’uun ibsame Finfinnee, Hagayya 13, 2026: Akka Dhaabbanni Godaantotaa Idil-Addunyaa (IOM) ibsetti, godaantota kuma 13 fi 687 Adoolessa 2026 keessa Yaman galan keessaa dhibbeentaan 91 lammiilee Itoophiyaati. Kunis baatii sana keessa lakkoofsa godaantota biyya waraanaan miidhamte seenanii keessaa isa baayee guddaa ta’uun ibsameera. Akka gabaasa Sirna Hordoffii Sochii Godaantota Yamaan har’a ibsetti, baay’inni godaantota biyyatti seenanii ji’a Waxabajjii irraa dhibbeentaa 3n dabaleera. Godaantonni kunis daandii buufata qarqara galaana kibbaafi karaa daangaa Yamaan fi Omaan walqabsiisuun kan seenan ta’uun eerameera. Odeessa guutuuf dubbisaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9545
Imbaasiin #Sudaan_Kibbaa #Naayiroobiitti argamu sababa kaffaltii kiraa manaa cufamuun gabaafame Finfinnee, Hagayya 13, 2026: Hojjattoota imbaasichaa fi lammilee Sudaan Kibbaa gara imbaasichaatti imalan akka ibsanitt, Imbaasiin Sudaan Kibbaa Keeniyaatti argamu kaffaltii kiraa manaarraa kan ka’e cufameera. Hojjataan imbaasichaa tokko Raadiyoo Tamaazuujiif akka hindheenneetti, imbaasiin naannoo Kilimani Naayiroobiitti argamu kun Roobii, Hagayya 11 cufame. Akka hojjataan kun jedhetti, mootummaan kaffaltii kiraa mana kanaa ji'oota afuriif osoo hin kaffalin kan hafe yoo ta'u, hagi kaffaltii kanaa hangam akka ta'e garuu qorannoo bilisaatiin mirkaneessuun hin danda'amne. "Imbaasiin yeroo ammaa kana cufameera. Kaleessa cufame. Hamma mootummaan gidduu seenutti imbaasichi akkuma cufametti tura," jechuun hojjataan kun dubbateera. Odeessa guutuuf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/1Q4SN6CqaC/
#Itoophiyaan baasii geejjibaa lammilee ishee seeraan ala Afriikaa Kibbaa turan gara biyyaatti erguuf baafame akka qoodaattu #Afriikaa_Kibbaan gaafatamte Finfinnee, Hagayya 12, 2026: Afrikaan Kibbaa Itoophiyaa dabalatee #Naayijeeriyaa fi #Malaawiin baasii Raandii miliyoona 200fi miiliyoona 92 (doolaara miliyoona 18 ol) kan biyyattiin godaantota seeraan ala biyyattii keessa turan barana biyyaa ari'uuf baaste keessaa gartokkee akka kaffalan ifaan gaafatte. Ministeerri Dhimma Keessoo Afrikaa Kibbaa gaaffii kana Kibxata, Hagayya 11, Koree Parlaamaa Dhimma Keessootiif ibsa yeroo kennutti ibseera. Daarektarri Walii Galaa Ministeerichaa Toomii Makhoodee (Tommy Makhode), ministeerichi duraan adeemsa godaantota deebisuu kanaaf bajata Raandii miliyoona 60 qofa kan qabate ta'us, hojii kanaaf Raandii miliyoona 200fi miiliyoona 92 baasii godheera jedhan. Guutuu odeessichaaf cuqaasaa https://www.facebook.com/share/p/1ETcCbXQeQ/
видео или голосовое, без подписи
Haleellaa humnoonni #Huutii doonii fe'umsaa #Masrii kan daandii Baab El-Mandab Keessa darbuuf ture irratti raawwataniin namoonni ja’a du'an, kudhanimmo madaa'an Finfinnee, Hagayya 12, 2026: Humnoonni Huutii Yamaan kan Iraaniin deeggaraman doonii fe'umsaa Masrii kan 'Tihamah' jedhamu irratti yeroo inni daandii Baab El-Maandab qaxxaamuraa turetti misaa'elaan haleellaa irraatti raawwachuun namoonni ja'a du'anii, kudhan ammoo madaa'uu mootummaan Yamaan beeksise. Kibxata, Hagayya 11, misaa’elonni sadii doonii alabaa Taanzaaniyaa qabu rukutuun hojjettoota doonichaa afur kan lammiin Paakistaan sadiifi lammiin Indoneeshiyaa tokko ajjeessuun ibidda guddaas qabsiisaniiru. Odeessa guutuuf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/1T6R6pTBw7/
Humnoonni finciltootaa magaalaa daangaa kan #Sudaan haleelan; Raayyaan Sudaan “haleellichi daangaa #Itoophiyaarraa ka’uu” himata Finfinnee, Hagayya 12, 2026: Humnoonni finciltootaa Sudaan Raappiid Sappoorti Foorsis (RSF) jedhaman Kibxata magaalaa daangaa Naannoo Biluu Naayil (Blue Nile State) keessatti argamtu Geysaan haleeluusanii RSF fi aangawoonni naannoo sanii beeksiisaniiru. Kanaan walqabatees maddi raayyaa waraana Sudaan tokko Dhaabbata Oduu Faransaayi (AFP)’f, haleellaan sun “daangaa Itoophiyaa keessaa” kan banameedha jechuun ifoomseera. Waraanni sun buqqaatii namoota nagaa haarawa kan kaase yoo ta’u, Jaarmiyaan Godaantotaa Idil-Addunyaa (IOM) uummanni 2,500 ta’an Geysaan irraa buqqa’aniiru jechuun ibseera. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) kun, gareen hordoffii buqqa’iinsaa (Displacement Tracking Matrix) haalli nageenyaa xaxamaa deemuusaatiin maatiiwwan 500 ta’an buqqa’uu tilmaameera jedhe. Odeessa guutuu dakaa dubbisaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9542
Angaa’oonni #Beenishangul_Gumuuz humnoonni nageenyaa yaalii gareen hidhate #Giilgal_Bales seenuuf taasise “Fashaleessuu” beeksisan Finfinnee, Hagayya 12, 2026: Bulchiinsi Godina Matakkal humnoonni nageenyaa Naannoo Beenishangulgumuuz ,Godina Matakkal keessatti yaalii gareen hidhate Kibxata ganamaa magaalaa Giilgal Bales seenuuf taasise fashaleessuu beeksise. Bulchiinsi Godinichaa ibsa Kibxata baaseen, qaamni hidhate bosona keessa socho’u kan “Humna Gumuz” jedhee ofi waamu kan garee “Faannoo waliin” tumsa uumee hojjetu ganama keessaa sa’aatii 12:00 irratti “uummata nagaa miidhuuf” gara magaalaatti seenuuf yaalee turuu ibse. Bulchiinsi godinichaa akka beeksisetti, humnoonni nageenyaa tarkaanfii qindaawaa fudhataniin garee hidhate kana akka duubatti deebi’an taasisaniiru jedhe. Guutuu odeessichaa dakatti argattu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9534
Angawootni naannoo haleellaa #dirooniin Mootummaa Federaalaa himachuun wal qabatee muddamni #Tigraayi ammas #Itoophiyaa mudachuun gabaafame Finfinnee, Hagayya 12, 2026: Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa angawoota Naannoo Tigraayi waliin himata Addi Bilisabaasaa Ummata Tigraayi (ABUT) Mootummaan Federaalaa Hagayya 10, 2026 haleellaa diroonii raawwate jedhuun wal qabatee wal himannaa keessa seenee jira. Haleellaa kana hordofee garuu ragaan namoota du’aniifi kaayyoon inni xiyyeeffate ilaalchisee gabaasawwan wal adda tahan bahaa jiran. Haleellaan gabaasame kun Aanaa Raayyaa Allaamaaxaa Ganda Merewaa, daangaa Naannoo Amaaraa biratti kan raawwatamedha. Maddeen ogeeyyii fayyaa waabelleeffachuun AFPn akka gabaasetti, miiseensonni raayyaa Tigraayi afur —dubartii tokko fi dhiira sadii—haleellichaan madaa’aniiru. Guutuu oduu kanaaf cuqaasaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9531
#Somaaliyaatti hoongee yeroo dheeraafi beelli hammaachuu hordofee namootni kumootaan lakkaawaman qe’ee baqataa jiraachuun gabaafame Finfinnee, Hagayya 12, 2026: Luul Mohaammad ijoollee ishee shan wajjin daandii irra guyyoota lamaaf erga turtee booda, kiilo meetira 300 deemtee nyaata tokko malee fi egeree ishiifi ijoolleeshee eeggatu osoo hin beekin, magaalaa gara Kibba-Dhiha Somaaliyaa kan taate Baaydo’aa geesse. Caamsaa fi roobni dhabamuun Luul fi maatii ishee magaalaa Saakow kan naannoo Juubaa jiddu galeessaa jirtu irraa akka buqqa'an isaan dirqisiiseera. Isaanis Hagayya 03 magaalaa Baaydo’aa kan ammaa beela, goolama nageenyaa fi hanqina nyaataan namoota buqqa'aniif buufata guddaa taate gahuuf odoo hin taane, gandaa gara gandaatti naannawaa turan. Odeessa guutuuf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/1FCWxJUpND/
#Itoophiyaan buufata #Burhaakaabaa kan #Somaaliyaa waggoota 12 booda dabarsitee kennite Finfinnee, Hagayya 11, 2026: Cehumsa itti gaafatamummaa nageenya biyyooleessaa caalaatti humnoota Somaaliyaatiif dabarsuu kaayyoo jedhu hordofuun, Itoophiyaan buufata waraanaa duraa magaalaa tarsiimawaa Somaaliyaa, kutaa Baay keessatti argamtu Burhaakaabaa keessa ture humnoota nageenyaa Somaaliyaatiif dabarsitee kennuu ishee Somali Guardian gabaaseera. Ergamni Gargaarsaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa (AUSSOM) akka beeksisetti, sirni dabarsii kun deeggarsa Waajjira Gargaarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Somaaliyaa (UNSOS) tiin Hagayya 8 taasifameera. Buufatni waraanaa bara 2014 irraa eegalee Raayyaa Ittisa Biyyaa Ithiyoophiyaatiin (RIBI) qabatamee ture kun, Waraana Biyyooleessa Somaaliyaa Diviishinii 60ffaa tiif dabarfameera. Guutuu odeessa kanaa dakattii argattan https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9527