TULLUU MISIRAACHOO
СтатистикаWalitti qabama barattoota Koorsii Waggaa 1-4 M/K Tulluu Misiraachoo Qulqulluu Gabri'eel Leemanii Baruumsa Afuura M K Ortoodoksii walooma Koorsii waan Sagaleedhan,PDFdhan irraa arganudha. Yadaa 👉https://t.me/Golaa_Marii
- Последний пост
- 14 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 21
- Всего постов
- 223
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 66
- 1/48двое суток
- 75
- 1/72трое суток
- 81
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
без подписи
Nuti, maallaqi barbaachisaa ta'us, utuu tarree warra maallaqa gurguddaa qaban teenyee barbaanna ta'a; Gooftaan garuu, waa'ee maallaqaa akkasaa kanatti akka ilaalluuf akkas nuun jedha, ''Jireenyi namaa, baay'ina maallaqa isaan mitiitii of-eeggadhaa!" Luqaas 12:15. Nuti, ''Iyyasuus Gooftaadha'' jechuun ga'aa nutti fakkaachuu danda'a; Gooftaan garuu, akkasitti akka itti daballee ilaalu barbaada, ''Fedha Abbaa koo isa samiirra jiruu kan raawwatu malee, ya Gooftaa ya Gooftaa kan naan jedhu hundi Mootummaa Waaqayyotti kan galu miti'' Maat. 7:21 Nuti, isuma Gooftaan nuuf jedhee fannifame qabannee akka waan fayyina keenya keessatti qooda hinqabneetti amanneerra ta'a; kunis garuu barumsa Gooftaa ture, ''Anis isiniinan jedha, maallaqni fincila keessanii yemmuu dhumutti mana jireenya barabaraatti akka isin simataniif, isaan michoota horadhaa [hiyyeessota gargaaraa]" Luqaas 16:9 Nuti, isa du'u caalaa inni lubbuun jiru waan baay'atuuf, waan takka turree, horree, harrii baafnee, . . . akka harka ijoollee keenyarratti duunee boqonnutti fuuldura keenya ilaalla ta'a; gaariidha, Gooftaan garuu, akkasitti akka ilaalluuf akkas jedhe, ''Isin ammoo qopha'aatii jiraadhaa; Ilmi Namaa [Gooftaan] yeroo isin itti hin yaannetti dhufaatii'' Luqaas 12:40 Akka Hoolaa sanaa kan inni ba'aa cubbuu keenyaa wajjin nu baatee fannootti olba'e, warra nutti bal'eessan isa duukaa akkas jennee akka ilaalluufidha, ''Yaa Abbaa, waan godhan hin beekaniitii isaaniif dhiisi'' Luqaas 23:34 Dabalataan, waa'ee baatamuu Hoolaa kanarraatii kan hubannu, utuu Reettii ta'eetii inbaatamti turtee kan jedhudha. Reettiin baddee argamte, deebisuufuu nama rakkifti; yoo baatanis, namarratti dhidhiittatti. Kanaafitu namoota akka gowwaatti ilaalamaniin, 'Inni Reettiidha' jechuurra, 'Inni Hoolaadha maal beeka' jenna. Kanaaf, utuu hindubbatin, utuu hinbaqatin qabamuun, yoo baatanis utuu hin wuxxifatin baatamuun, mallattoo ajajamuuti, mallattoo nama badee galeeti. Namni gaabbiitiin gara Waaqayyotti deebi'e, hafuura dhokfatee Waaqayyoo wajjin jiraata, mataa buusees Daawwit duukaa akkas jedha, ''Ani cubbuukootiif nan quuqama'' Faar. 38:18, ''Irra-daddarba koo beeka, cubbuun koos yeroo hundaa fuula koo dura jira'' Faar. 51:3 Qulqulluun Pheexiroosis waan jedhu qaba, "Egaan, yeroo isaatti akka ol ol isin qabuuf, harka Waaqayyoo isa humna-qabeessa jalatti of-salphisaa" 1Pheex. 5:6 Itti-fufa, . . . Tamirat Gmariyam 5/12/2018
Luqaas 15:1-7 (3ffaa kan itti-fufe) Qulqulluun Yohaannis Afawarq, jechoota Kitaaba Qulqulluu keessa jiran utuu hin ilaalin dura, waa'ee jecha sanaaf Waaqayyoon galateeffata ture; nutis, jecha kanaaf Waaqayyoon galateeffannee jalqabna; kan akkas jedhuuf, ''Yemmuu argatettis, itti-tolee gatiittii isaatti baata'' Luqaas 15:5 Ya Gooftaa! Tikseen Hoolaa bade sana argate sidhaa? Sababni isaas, tikseen Hoolaasaa bade argate yookiin gurgurachuuf, yookiin qalatee nyaachuufidha; kan ati nuunis ba'aa keenyas baatte, muka fannoo gogaa sanarraa maal argachuuf jetteeti? Ati, waan nyaatamus waan gurguramus muka sanarraa hin arganne, eeyyee! nuti garuu kana kana arganneera, "Fannootiin cinqaaree xalayaa gatii barreeffama keenyaa karaa duraa dhabamsiise'' Qol. 2:14, ''Lola fannoo isaatiin ajjeese'' Efe. 2:16, ''Kan isatti amanu jireenya barabaraa akka qabaatuuf, Ilmi namaa fannifamuu qaba'' Yoh. 3:14, ''Madaa'uu isaatiin fayyine'' Isaayy. 53:3 Tikseen Hoolaa sana mataatti baachuun isaa, Hangafa Lubootaa kan Kakuu Moofaas nu yaadachiisa. Lubni Kakuu Moofaa, ba'aa Isiraa'eelotaa kan bakka bu'u dhagoolee gat-jabeeyyii qaalii ta'an kudha-lama qoma isaatti diree baata ture. Maqaan isaas, Ifoodii jedhama ture. Hangafni Lubootaa kan Kakuu Haaraa Gooftaan garuu, qoma isaatti utuu hin ta'in gatiittii isaatti, dhagoota kudha-lama qofas utuu hin ta'in, ba'aa biyya-lafaa hunda kan ofirratti baate ture; akkuma Eebbifamaan Yohaannis akkas jedhe, ''Inni cubbuu keenyaaf dhiifatamadha, garuu cubbuu keenya qofaaf miti, cubbuu addunyaa hundumaafidhas malee'' 1Yoh. 2:2 Kan biraan kan nuti itti deebinee ilaaluu qabnu, Tikseen sun yemmuu Hoolaa sana argate, urufa keessaa haa ta'uu, boolla keessaa haa ta'uu, allayyaa keessaa haa ta'uu, qilee keessaa haa ta'uu; dhaqdhaqa keessaa haa ta'uu, caffee muraa keessaa haa ta'uu, raaree keessaa haa ta'uu, . . . lafa argatee nutti hin himne; yemmuu mana ga'es, bakka akkasiitiin fidee dhufe hin jenne! Kunis hojii-fayyinaa kan Mana-kiristaa nutti mul'isa. Namni tokko yemmuu gaabbii galu, Manni-kiristaanaa, kun ejjerraa dhufe, kun hannarraa dhufe, kun ajjeesee dhufe, . . . jettee bakka namni dhufe hindubbattu; lubni aangoon cubbuu namootaa hidhuuf hiikuun isaaf kenname, cubbuu kana hidhee dhoksee gata; nama sanaafis Qurbaana ba'uuf jedhu dura akkas jedhee kadhataaf, ''Ya Waaqayyo gara gartuu kee Qalbii Jijjiirrannaa keessa jiraaniitti ilaali. Akka baay'ina dhiifama keetti dhiifama taasisiif. Akka baay'ina arjummaa keetti, yakka isaanii balleessiif; waan hamaa hundarraa isaan eegi; baraaris. ''Yakkasaanii isa darbe dhiisuudhaan nagaadhaan lubbuusaanii fayyisi; Mana Kiristaanaa qulqulleettii kee wajjin tokko taasisi. Tokkicha Ilma kee Gooftaa keenyaa fi Waaqa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin dhiifamasaaf araarasaan Mana Kiristaanaa qulqulleettii keetti isaan dabali. Isaan kan jiru kabajni fi jabinni siif nii ta'a; Isa wajjin, Hafuura Qulqulluu wajjinis, har'as, yeroo hunda, bara baraan Ameen'' (Qiddaasee Duuka-bu'ootaa) Akkasumas, Hoolaan sun erga gatiittii Tiksee sanaatti baatamee booda, boqonna marga lalisaa keessaa argatu caalaa kan boqote ta'uun isaa, waan eegamudha. yemmuu badetti Hoolaan sun, sodaa bineensaan nyaatamuu keessa ture. Erga Tikseen sun isa baatee booda garuu, sodaaf yaaddoo keessaa ba'eera. Amma kan bineensa sodaatu utuu hin ta'in, deemsarraa kan boqotedha, qixxee isa isa baatuu kan ilaaludhas. Gooftaan kan inni gatiittii isaatti nu baatu, akka lafa-lafa ilaalluuf miti. Akkuma namoota baay'ee gidduutti abbaan mucaasaa gatiitti baatee isa ofii ilaalu akka mucaan isaa argu taasisu, Gooftaanis isanni argu akka arginu barbaada. Kanaaf Hoolicha ofirratti baate. Nuti nama beekamaa ta'uu isa lafarraa ilaalla ta'a; Gooftaan garuu, akka isaatti akka beekamtii biyya lafaa ilaalluuf akkas nuun jedha, "Namni yoo addunyaa hunda bu'aa-buufate, lubbuu isaatti yoo hir'ise garuu maal bu'aa-qabaataaf?" Maat. 16:26
Hiikkaa Mul’ata Yohaannis boqonnaa 8:3—5 —Gabaabinaan. Join: @abdiimaariyaamiifinjira https://telegra.ph/Mul-835-08-14
без подписи
Erga waa'ee Hoolaa bade sanaa dubbatee booda, Gooftaan akkas jedhee gaaffii itti aanse, ''Hoolaa dhibba qabaatee, isaan keessaas tokko yoo bade, warra sagaltamii salganii lafa-onaatti dhiisee, isa bade hanga argatutti isin keessaa barbaacha kan hin deemne eenyu?'' jechuun. Luqaas 15:4 Yaa Gooftaa! Deebii gaaffii keetii kana ani siifan deebisa, ''. . . Isa bade hanga argatutti isin keessaa barbaacha kan hin deemne eenyu?'' Kan jetteef deebiin isaa anadha. Ani gamakoon hin barbaadu. Barumsarran jira, ijoolleen guddisaan jira, ofiikoottuu dhukkubsataan jira, afaanni na rakkisa, bariin ba'a; galgalan gala hojiitu na mudda, mana taa'ee wantan hojjedhun qaba, ani ijoollummaan qaba hinguddanne, ani dargaggeessadha duran jireenya dhamdhamadha, ani ga'eessadha dullumakoof waa kaka'aachuun qaba, . . . kanaaf Ya Gooftaa ko! Ani akkan qaqqabee hinbarbaanne gamanumaanan sitti hima. Ani, nama sagaltamii-sagal irratti yoo na affeeran malee, nama tokko barsiisuuf jedhee yerookoo gubuu hin fedhu, yoo barbaade lafan jiru iyyaafatee haadhufu malee, an dhaqee hinbarbaadu. Hoolaa bade barbaaduuf barumsa barbaada mitii? Ani barumsa isaas hinqabu, anuu fedha-foonii keessa gangalachaan jira, afaaniin malee hafuuraan kadhannaa taasisuu dhiiseera, yoon barbaacha dhaqes fedha fooniikoonan ittuu nama bal'eessee gala, dirqama yoo naa kaffalame malees barbaaduunsaa natti hintolu, waan fedha foonii ilaaluu, haasa'uu, dhaggeeffachuu, dubbisuuf barreessuu waanan barbaaduuf, anuu nama na barbaadun barbaada. Kanaaf, Hoolaa bade sana barbaaduuf ani ga'uumsasaas, gara-laafinasaas, kutannoosaas, qophiisaas hinqabu; garuu, Qulqulluu Daawwit duukaan akkas jedheen si kadhadhaatii naaf eeyyami, ''Akka Hoolaa isa badeen oliigad joore, abboommii kee hin hirraanfanneetii ana garbicha kee na barbaadi'' Faar. 119:176 Itti-fufa, . . . Tamirat Gmariyam (Lallaba giyyichaa keessaa kan gara barreeffamaatti deebi'e) 5/12/2018
Kan itti-fufe, . . . (Luqaas 15:1-7'rratti takka) Tikseen sun, Hoolota 100 keessaa tokko baduu ishee kan inni adda-baafate lakkaa'eeti. Gooftaan nuti fakkeenya isa Hoolaa bade barbaadu kana keessatti arginu garuu, yoo banne kan inni nu yaadatu warra jiran keessaa lakkaa'ee nu dhabeeti utuu hinta'in, yemmuu abdii kutannu, yemmuu hojii fooniin butunnu, yemmuu namni nu jibbee nu barbaaduu dhiisu, yemmuu qaddasiisuu, ayyaana kabajuuf manaa ba'uu dhiisnee nama biraa hafnu, yemmuu ceephoon cubbuu Mana Waaqayyorraa nu fageessu, yemmuu akka keenya durii kadhachuu, soomuu, Mana Waaqayyoof jaalala qabaachuu, . . . dhiisnee yemmuu nuti isarraa fagaannu lakkoofsa keessaa hir'achuu keenya beeka malee, innoo Waaqa utuu hindhufin kan Naatinaa'eeliin muka Arbuu jalatti argedha. Akkasis kan isaaf jedhamedha, ''Iyyasuus garuu nama hundumaa beeka ture'' akka jedhu. Yoh. 2:24 Gama biraan, akkaataa itti Tikseen sun Hoolaa tokkoo bade sana barbaade yoo ilaallu, warra sagaltamii salganii, ''Lafa-onaa'' keessatti isaan dhiisee sokkuu isaati. Kunis, yaada, Hoolaa tokkoof jedhanii Hoolota 99 balaaf saaxilanii deemuu ta'a. Eeyyee! Kan ta'uu qabus kanuma ture. As irratti, warra sagaltamii sagali kan jedhaman, Fariisotaafi barreessitoota seeraa warra gaabbii galuun nu hinbarbaachisu jedhan turani. Waa'een Hoolota dhibbaa kun hiikoo biroo qabaatanis, ''Lafa onaatti'' dhiifamuun isaaniifi, ''Warra gaabbiin isaan hinbarbaachifne'' kan jedhaman, Fariisota turani. Akkuma tikeen sun lafa onaatti isaan dhiisee sokke, Gooftaanis, Fariisotaafi fakkaattota isaanii, lafa-onaatti kan fakkeeffame: oftuulummaa, ofmi'eessuu, ija-jabina, of-jajuu, fakkeessitummaa, gaabbii hingallu jechuu isaanii, . . . keessatti isaan dhiisee, warra cubbuu isaanii amananii gaabbii galuuf; akkasumas, dhageeffachuuf warra Gooftaatti siqatan isaan simatee, ofitti isaan qabee, isaan waliin maaddiitti ta'aa ture. Ittuu warri, ''Gaabbii galuun isaan hinbarbaachifne'' jedhaman Fariisota warra gaabbii galuun nu hinbarbaachisu jedhan kan agarsiisu ta'uusaa kan ifatti mul'isu ammoo, uumamni gaabbii galuun isa hinbarbaachifne kan hin jirre ta'uu isaati. Iyyoob, Ergamoota irrattuu dhibaa'ummaa qabata jedha, ''Ergamoota isaa irratti dhibaa'ummaa argata'' akka jedhu. Iyyoob 4:18. Kanaaf, uumamni gaabbiin hinbarbaachifneef kan hinjirre ta'us, warra gaabbiin isaan hinbarbaachifne kan jedhaman, seera Waaqayyoo inuma barsiifna, waltajjii Waaqayyorra inuma dhaabanna, inuma lallabna, inuma qaddasna, inuma faarfanna, inuma kadhanna, . . . garuu, gaabbii galuun Kabajamaa Foon isaafi Qulqulluu Dhiiga isaa fudhachuun nu hin barbaachisu warra jennudha warri sagaltamii salganii; kan sagaltamii salgan jedhamneefis, warri gaabbii hingalin jirruufi warri gaabbii galuun nu barbaachisa jennee hin yaanne baay'ina waan qabnuufidha. Warri gaabbii galuun isaan hinbarbaachifne jedhaman, qofaa isaanii lafa onaa keessatti dhiifamani. Kan nama gaddisiisu ammoo, yemmuu Hoolaa tokkicha bade sana argate, warra salgatamii sagaliitti fidee dabale hin jedhu; fudhatee gara manaatti gale jedha malee. Luqaas 15:6. Kanaaf isaan kan isaan hafan, lafa-onaa bakka hafuurri hamaa keessa marsa jedhame ta'e. Luqaas 11:24. Gama biraanis, Hoolota sana iddoo tokkotti walitti isaan qabee yemmuu sokke sanatti, Tikseen sun abshaalummaa fayyadameera. Hoolonni, isaan keessaa tokko yoo badde, injeeqamu, tikseetiifis sirnaan oofamanii manatti hingalani. Hamma Hoolaa bade sana argatutti, ''Lafa-onaatti isaan dhiisee'' akkuma jedhu. Luqaas 15:4. Kanaaf warra sagaltamii salganii sana mana galcheen deebi'a utuu hin jedhin, achumatti walitti isaan qabee sokke. Kunis gama biraan, amala qulqullootaa nutti agarsiisa. Qulqulloonni, hamma warri cubbamootaa gaabbiin gara Waaqayyotti deebi'anitti, gara Waaqayyotti waawwatu, baduu cubbamaa tokkoon akka isaanitti hir'atetti yaadu, hamma Waaqayyo garaa nuuf laafuttis nu eegu; kan Qulqulluun Daawwit akkas jedhes kanumaaf ture, ''Ya Gooftaa! Akkan maqaa kee jajadhuuf lubbuu koo mana hidhaatii baasi; hammati gatiikoo naaf kennitutti toloonni na eegu'' akkuma jedhe. Faar. 142:7
без подписи
Utuu kana arginuu, gammachuudhaan ba'aa nutti kenname utuu ofirratti baachuu qabnuu, afaan maaliitu sichi namaan akkas nu jedha, ''Bu'i mataa koorraa!", ''Mataattoo si baadheeraa kana caalaa maal ta'uu barbaadde?", ''Kana caalaa mataatti si hinbaadhu!", . . . Sagaleen isaa garuu akkas jedha, "Ba'aa walii baadh'aa" Gal. 6:2 Itti-fufa, . . . Tamirat Gmariyam 5/12/2018 (Wangeela guyyichaa keessaa gara barreeffamaatti kan deebi'e)
Dubbisa kanarraa jalqaba kan nuti hubannu, Waaqayyo isa bade kan barbaadu ta'uu isaati. Namoonni saayinsii yookiin eetistoonni tokko tokko, amantiin [amantaan] kan namni utuu Waaqayyoon barbaaduu kalaqedha yookiin namni sodaarraan kan ka'e kan inni uumedha jedhu; amantaaleen heedduun yoo qorataman gamtokkoon sirrii ta'uu mala; dhugaa jiru yoo ilaallu garuu, amantaa kan jedhamu adeemsa Waaqayyo gara namaatti taasisedha, kutaan Wangeela kanaa garuu, kan isa bade [nama] barbaade, Waaqayyodha malee nama akka hintaane agarsiisa; kanaaf, amantaan, hoolaan sun lafa bade taa'ee kan kalaqe utuu hinta'in, hoolichi erga argameetii booda hariiroo inni tiksee isaa wajjin qabaatedha jenna; kanaaf, amantaan, hariiroo Waaqayyo namaa wajjin taasise irraa kan argame ta'a, Kitaabni Qulqulluunis, amantaan kennaadha jedha malee argannoodha kan inni hin jenneef kanumaafidha. Yih. 1-3. Haayyonni Ibirootaas, amantaa kan jedhutti yommuu hiika kennan kan isaan, ''Daandii Waaqayyoo'' jedhaniif, kanumaaf ture. Hoolaa bade sana barbaacha mee Gooftaa duukaa haa kaanu. Amma arginuttis Gooftaa duukaa akkas jennee haa hasofnu! Hoolonni akkamitti badu? Gooftaan akkas nuun jedhinnaa laata? Hoolonni, yoo hiddi gaanfa isaanii qabate, tikeen utuu hin argin gatee gala. Akkuma Hoolaan bakka Yiisihaaqiin kenname hidda keessatti qabamee ture jechuudha. Yaa Gooftaa! Hoolaan bakka Yiisihaaq hidda keessatti qabame sun si ture mitii? Yaa Gooftaa! "Eeyyee ana ture'' nuun jettaa laata? Maarree! Ati baddeetiiree kan Hoolaa hidda keessatti qabametti kan fakkeeffamte? Akkas jettee nuuf deebiftaa laata, ''Eeyyee! Ani Hoolicha Waaqayyoo isa yihuudonni nu harkaa ba'ee bada se'anii kan finyoon na hidhanii murtiif na dhiyeessanidha!" Hoolaa badde barbaaduu kan dhamaasisaa taasisu, Hoolaan erga baddee booda hafuura bineensaa dhokachuuf jettee mar'achuu dhiisuu isheeti. Kun ammoo, akka nama gurrisaa hindhageenyetti lallabuuti. Kanaaf, Hoolaa badde barbaaduun sun rakkisaa ta'e. Tikeen sunis Hoolaa sana maqaan utuu waamee barbaaduu danda'u, ''Hamma argatutti'' barbaaduun isaas, argachuuf hammam akka dadhabe agarsiisa. Akkuma Lakk. 4'rratti, ''Hamma argatutti barbaade'' jedhu. Kunis, narraa haa ba'uumaaf akka hinbarbaanne mul'isa. Tikseen kun, ''Cubbuu hinqabu hamman danda'e barbaadeera'', ''Barbaadee'oo kana caalaa ammoo duukaan badaaree?", ''Yoo Waaqayyo ishee galche haa galtu, yoo bineensi nyaates haa sifeessuuf'', . . . jedhee hin dhiifne; ''Hamma argatutti barbaade'' jedhame malee. Kunis, Gooftaa isa waangaarii, waanqajeelaa isaan barsiiseera isaan ga'a kana booda gara Abbaattin olba'a utuu hin jedhin, hamma du'aatti kan nu barbaade nu yaadachiisa - innis, Gooftaa ture. Yemmuu Hoolaa sana argatettis waan ta'eef akkas jedhameera, ''Yommuu argatettis, itti-tolee gatiittii isaatti baata'' Lakk. 5 Hoolaa yoo ganna ta'e kan dhoqqoofte, yoo bona ta'e kan dhukee uffatte, yoo ededarra ta'e kan biyyootti rigamte, yoo bosona keessa ta'e kan qoraattiin sassarare sana qoleetti olfuudhee baachuun isaa, jaalala guddaadha. Kan bade arganii manatti galchuunuu ga'aadha'ootii maaliif baata? Kanumaa'uu ''Isatti tolee baata'' kan jedhame, ba'aan utuu baatanii namatti tolu kun ba'aa akkamiiti? Kan utuu Hoolaa kana baatuu isatti tolu kun, isa ba'aa arrabsoo namaa baachaa akka nutti toluuf nu barsiise mitii ree, ''Yemmuu isin ceepha'aan, isin ari'atan, sababa koofis yommuu hamminaan sobaan isinirratti dhugaa-ba'aan isin eebbifamtootadha, gatiin keessan samiirratti guddaadhaatii isinitti haa tolu, gammadaas'' Maat. 5:11-12 Akka Iyyoobiin dhukkuba baataa gammaduun, akka Inbaaqoomiin ba'aa hojjetanii harka-duwwaatti hafuu baachaa Waaqayyotti gammaduun, waldhabdee maatii baachaa gammaduun, amala fokkisaa hiriyaa baachaa aaruurra gammaduun, ba'aa Mana-kiristaanaa nutti kenname utuu hinguungumin gammadaa baachuun, . . . dhugumatti tikse isa Hoolaa bade sana gammachuun baate ta'udha; tikseen sunis, ''Tikseen gaarii anadha'' kan jedhe Gooftaa isa Qulqulluun Phaawuloos akkas jedheef ture, "Gammachuu fuuldurasaa tureef jedhee fannoo irratti obse, . . .'' Ibr. 13:21.
Luqaas 15:1-7'rratti takka (Kan hagayya 5'nii) Kun barsiisaa akkamiiti? Gooftaa akkamiitis? ''Warri-qaraxa fuudhaniifi cubbamoonni hundi, isa dhaga'uuf gara isaatti dhiyaatu turan'' kan jedhu, heedduu kan nama dhibudha. Altokko lallabaa beekamaa tokkoo wajjin Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun laaqanaaf Yoodii Abiisiiniyaa deemnee turre. Haasaa keessa mudannoosaa yoo naaf kaasu, ''Altokko tajaajilaaf biyya-alaa ba'een, namichi tokko na argee achi narraa garagale; yemmuun xiyyeeffadhee ilaalu, na dhoksuuf jedhee tamboo xuuxaa ture kiisii keessa ka'aatee, isaa uffatasaa gubaa jiruun dugduubaan arge'' naan jedhe; kan Gooftaaf garuu akkas jedhame, ''. . . cubbamoonni hundi, isa dhaga'uuf gara isaatti dhiyaatu turan'' Warri Fariisotaa fi barreessitoota seeraa, Gooftaan akkasitti cubbamootatti siqachuusaa hinbarbaanne turan. Waa'ee amala Fariisotaa kana ilaalchisee barreessaan tokko akkas jedheera, ''Isiraa'eelonni, kitaaba Seera-ba'uu irratti, ''Isin, luboota mana mootummaati, uummata qulqullaa'es naaf taatu'' kan jedhame qabatanii, ofiisaanii akka qulqullaa'ootti of ilaalanii warra kaaniin ciiga'uun isaanii hin hafne'' jedhee ture. Ba'uu 19:6. Dhuguma Fariisonni namoota cubbuutti jiraatanitti araaraafi jaalala Waaqayyoo itti agarsiisanii gara gaabbiitti fiduurra jibbuu isaanii duuba sababa jiru yoo ilaalle, kan olii kun isa tokko ta'uu danda'a. Kan Luqaas kana barreesseefis kanumaaf ture, ''Warri Fariisotaafi barreessitoonni seeraa:- "Inni kunoo cubbamoota simata, isaan waliinis nyaata jedhanii walitti guungumani'' jechuun. Luqaas 15:2 Gamtokkoon ammoo yemmuu himata Fariisotaa ilaallu, hojiin qaraxa funaanuu kan barasii hojii namatti hintolleefi bara kanas utuu jiraatee kan nama gaddisiisu ture. Sababnisaas, bulchiinsi Room yoo 5'n kaffalchiisaa jedhe, isaan qarshii torba saddeet nama irraa fudhatu turani. Kan isaan itti dabalanii fudhataniifi gidduudhaa buufatan, akka miindaa isaaniitti ture. Kanaaf, safartuun giteessituun seeraan taa'e waan hinjirreef, saba tokko ta'aanis, isa beekan irraa xiqqoo, isa hin beekne irraa qaraxa guddaa fuudhu turani. Kanaafitu sababa gocha isaanii kanaa maqaan isaanii warra cubbamootaa wajjin ka'a malee, qaraxa fuudhuun, waajjira-galiidhaa hojjechuu kan bara kanaa wajjin kan tokko turedha. Gooftaanis, kan inni jara kana ofitti qabe hojii isaanii kana jaal'ateeti utuu hinta'in, hojii dalgaa sana keessaa isaan baasuuf jedheeti malee, warra qaraxa fuudhan kana biratti argamee isaan gammachiisuuf; warra qaraxa fuudhaniifi cubbamoota kana biratti argamuu dhiisuutiin ammoo Fariisota gammachiisuuf hinturre kan inni gara biyya-lafaa kana dhufe. Fariisotaaf, Gooftaan warra cubbamoota kanaafi warra qaraxa fuudhan kana biratti argamuun isaa, hojii isaanii kanaaf beekamtii kennuudha; Gooftaaf garuu, isaan biratti argamuun isaa, isaaf hamma Hoolaa bade barbaaduu ture. Kanaafitu Luqaas akkas jedhee jalqaba, ''Akkas jechuutiin fakkeenya kana isaanitti dubbate,'' jechuun. Luq. 15:3 Waa'ee cubbamoota gidduutti argamuusaa fakkeenyaan yoo isaan hubachiisus, fakkeenya sadii isaaniif dhiyeesse. Fakkeenyonni isaaniif dhiyeesse, ''Sadan fakkeenyota araaraa'' kan jedhaman yoo ta'u, kan jalqabaa waa'ee Hoolaa isa badee argamee ture. Utuu fakkeenya biroo fudhachuu danda'uu kan inni fakkeenya Hoolaa fudhateefis akkasumaan hin turre. Horii manaa keessaa sareen, adurreen yoo badan miti yoo gatanii galaniiyyuu suufaniifi tulluu ilaalaa yookiin kallattii ifa biiftuutiin mataa marsanii manatti galanii nu eeguu danda'u! Hoolaan garuu, yoo badde uumama barbaadamte malee hin argamnedha. Cubbamoonniifi warra qaraxa fuudhan kan jedhamanis, cubbuutti yemmuu kufan seera Waaqayyoo yaadatanii, Tulluu Siinaa ilaalanii, warra Mana Waaqayyotti deebi'an hin turre; akka Hoolaa isa badee warra barbaadamanidha malee. Kan Gooftaan isaan biratti argameefii kan inni akkas jedheefis kanumaaf ture, ''Hoolaa dhibba qabaatee, isaan keessaas tokko yoo bade, warra sagaltamii salganii lafa-onaatti dhiisee, isa bade hanga argatutti isin keessaa barbaacha kan hin deemne eenyu?'' jechuun. Luqaas 15:4
без подписи
без подписи
⚜Baga Geessan⚜ Hagayya 07, guyyaa kanatti Qulqulleettii Haannaan gaa'ela qulqulluutiin Qulqulluu Iyyaaqem irraa Haadha Ifaa Dubroo Maariyaamiitiin ulfaa'uu isheetu yaadatama. Kunis ayyaanota Dubroo Maariyaam 33n keessaa isa tokkodha! #Qoricha_Hewaan ➠Abbootni, “Kufanii ka’u harkaan; turanii kabajamu ilmaan” akkuma jedhan gaddii fi giidiraan Addaamii fi Hewaan kan isaan irraa darbe mucaa isaan booda irra turanii argataniinidha. Abbaan Hiriyaaqoos, ‘Jalqabni uumama hundaa siin haaromfame’ akkuma jedhe Durbeen Maariyaam warra ishee Addaam fi Hewaaniin lammaffa kan deesse, mucaa isaaniiti. Abbaan Giyoorgis, ‘Abbaan Hewaan mucaa Hewaanirraa dhalate’ akka jedhe isheen uumaa Addaamii fi Hewaan deessee warra isheef akkoo ta’uu kan dandeessedha. ➠Jarraa hedduuf gaddi ture kan si cabse yaa haadha keenya Hewaan! mucaa kee ishee xiqqoodhaan akka jajjabaattuuf koottu ilaali; Waaqayyo abidda si’ool keessatti kan si gatee fi sababa keen dhalootni hundi gara si’ool seenuu isaanii argitee kan boossu yaa Hewaan, intalli kee firiin ishee gara si’ool dhufee si’iifi ilmaan kee akka baasu dubbachuuf jirra gara keenya kottu. Qulqullichi Efreem, “Egaa har’a Hewaan si’ool keessa teessee haa gammaddu; Ilmi intala ishee akkoo ishee fayyisuuf qoricha ta’ee bu’eera hoo!” jedhee kan si faarfate yaa Hewaan, yaa haadha keenya muka balasii du’a fiddu haammatte! mucaan kee ishee xiqqoon firii jireenyaa haammattee ishee ilaaltee akka ittiin jajjabaattuuf dafii koottu. “Yaa Hewaan jireenya siif fiddee jirtihoo kabaja intala keetti gammaduuf kottu” ➠Durbee Maariyaamiin yeroo hunda gammadi yoo jennuun Hewaaniinis ni yaadanna; “Hidhaan Hewaan miidhu siin kan irraa citeef yaa giiftii Maariyaam gammadi” jenna mitiiree! Yaa’iqoob inni Siruug akkas jedha:- “Gatiin Hewaan irra jiru maalidha? Mee xalayaan murtii ishee bahee haa dubbifamu; gatii Hewaan irratti mallatteessite Ilmi Dubroo Maariyaam amma ni kaffala. Bofti Hewaaniin ciniinee ture; Maariyaam isheen xiqqoon garuu fayyinaaf kan ta’u baala qorichaa kenniteef” Imimmaan Hewaan waggoota kuma shaniif dhibba shan dhangala’e kan haxoofteef, gaaddidduu du’aa jala teessee kan turte haadha ishee Hewaaniif jireenya kan deesse, Haadha ishee dukkana keessa deddeebituuf ifa haammattee kan kenniteef Haati Ifaa Durbee Maariyaam turte. ➠Dogoggora Hewaan mukkeen gannataa keessatti raawwatte Durbeen Maariyaam Naazreet galiilaatti sirreessite. Hewaan Gannata osoo jirtu wanta gochuu dadhabde hunda mucaan xiqqoon garuu raawwattee isheetti agarsiiste. Dhala namaa gannata keessaa kan baase haasawaan bofaa fi Hewaan gidduu ture sun lammaffa nama gara gannataatti kan deebise haasawaa qulqulluu Gabri’eelii fi Maariyaamii gidduu tureen bakka bu’e. Seenaan seexanni bofarra bulee dhala namaa dogongorsuu isaa, “bofti dubartittiin akkas jedhe” jedhamee guyyaa guyyaatti yoo dubbatamuufii boquu namaa cabsaa akkuma ture, amma garuu dabaree keenya dubbii Maariyaamii fi Gabri’eelii, “Ergamichis gara isheetti seenee akkas jedhe” jennee kadhannaa yeroo hundaa keessattillee utuu hin hafiin irra deddeebinee kan kadhanuuf faarfannu yaadannoo kabaja keenyaa ta’e. Simannaa dubaraan gara murteetti kan deeme dhalli namaa simannaa dubaraatiin gara jireenyaatti dhufuufi shirri seexanaa milkaa’uu dhabuu isaa faarfachuun missiraachoo dubbanna. “Har’a Gabri’eel ni dubbata waan ta’eef seexanni haa callisu; sobni ni bada; dhugaan ni mul’ata; kan turan hunduu darbu, Durbeen yeroo deessu hunduu lammaffaa haaraa ta’a” jedha Maar Yaa’iqoob. Madda: የብርሃን እናት፣ ሄኖክ ኃይሌ (ዲ/ን)! Eebbi ayyaana ishee nurra haa bulu! Ameeen! Miseensa chaanela #GODOLIYAAS ta'uuf👇 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Kalabhiyahu @Kalabhiyahu ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
https://t.me/Tulluu_Misiraacho/3891?single 👇Sher 👇 Join 👇 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ https://t.me/Tulluu_Misiraacho https://t.me/Tulluu_Misiraacho ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══
без подписи
Anaan yeroo ammaa mana kiristaanaa keessatti nuti tajaajiltoonni ( Especially Diyaaqonoonni )haalli ittiin tajaajilaa jirruu fi amalli ummata naannawaa keenyaa biratti qabnu baay'ee na sodaachisa. Even arrabsamuu mana kiristaanaatiif illee sababni inni guddaan amala nuti tajaajiltootni agarsiisaa jirrudha. Kanaaf akka mana kiristaanaa keenyaatti diyaaqonootaaf leenjii gaggabaabaa kennnuuf yaalaa jirra. PPT kunis leenjii diyaaqonoota dabrii keenya irra jiraaniif kanan qopheesse keessaa kutaa isa 1ffaadha ... Kutaa 2ffaa fi 3ffaa yeroon xumure nan gadhiisa. Diyaaqonoonni fi tajaajiltootni hundi keenya leenjiiwwan fi mariiwwan akkanaa mana amantaa tokkoon tokkoon keenyaa irratti osoo taasisne Waaqayyoon karaa keenyaa hojii isaa ni hojjeta jedheen yaada. Jireenyi tajaajiltootaa Afuura qulqulluun akka gaggeeffamu hundumti keenya haa kadhannu 🤲 ╭══•|❀:✧๑♡๑✧❀|: ══╮ @Zekiristos27 @Zekiristos27 ╰══•ೋ•✧๑♡๑✧• ══ Tiktok | Telegram | Instagram | Facebook
Kitaaba, “Haadha Ifaa” — Dn Heenook Haayilee — Dn Guutaa Charuu ’tiin hiikame. Page waliigalaa: 445 Size: 145.3 MB Join: @abdiimaariyaamiifinjira
“Imimmaan Dhiigaa” 😭💔 Akkuma raajichi Ermiyaas dhiphuu saba isaatiif, “Halkanii guyyaa, saba koo dhume sanaaf booʼuuf, maaloo😭 mataan koo madda bishaanii, iji koo immoo burqaa imimmaanii taʼe!” (Erm. 9:1) jedhe, har’a golee qe’ee keenyaatti roobni imimmaanii fi iyyi onnee tarsaasu nutti baay’ateera. 😭 Jaalala obbummaa dhabuunii fi gargar fagaachuun keenya dallaa eegumsaa diigee, dhiiga namoota fakkii Waaqayyootiin uumamaniin akka harki dhiqatamuuf daandii baneera! 🥀 Osoo nuti garaa waliif laafneerra ta’ee, dantaa dhuunfaa keenyaa irra tarkaanfannee miira obbummaatiif dhaabanneerra ta’ee, gidiraan kun nu hin argatu ture. Qara seefii walitti luqqifachuu dhiisnee, utuu gaachanaa fi dawoo jabaa waliif taaneerra ta’ee, shirrii fi hammeenyi diina nagaa kam iyyuu lafaan nu hin dha’u ture. 🥺 Akkuma Oromoon, “Gowwaan balbala ofii baneetu, hattuutti karaa agarsiisa” jedhu, daandii jibbaa nuti of gidduutti bal’isnee saaqne kanaan, warri nu diiganii nu balleessuu fedhan halkanii fi guyyaa nutti dhama’u. 😭 Gidiraa suukkanneessaa fi dhiiga dhangala’aa dachee Biyya keenyaa, keessumaa Wallaggaa Baha, lafa Angar Guutee keessatti uummata irra ga’aa jiru, madaa dhabamuu tokkummaa fi cubbuu keenyaatiin nutti dhufeedha. 💔 Haadholiin yeroo ilmaan isaanii jalaa dhumaniif gaggaban, daa’imni yeroo eegduu dhabdu, namoonni fakkii uumaatiin uumaman dacheen dhiigaa isaaniin yeroo qaamaa dhiqamtu arguu caalaa wanti onnee nama cabsu maaltu jira? 😭😭 Maaloo, fakkii Waaqayyoo kan ta’e ‘Namummaa’ keenyaaf jennee haa naanu! 🥺 Aaduu fi dhiphuu sabaatiif, iyya warra harka qullaa hafaniitiif dhugumaan gurra haa kenninu. Hunda caalaa immoo, harka keenya gara Waaqayyootti bal’ifnee dhiiga qaqqaalii dhangala’aa jiru kanaaf qalbii jijjiirrannaan waliif haa kadhannu. 🤲 Waaqayyo inni abbaan araaraa akkuma sagalee isaa irratti, “...saba koo warri maqaa kootiin waamaman gad of deebisanii yoo kadhatan, fuula koos yoo barbaaddatan, karaa isaanii isa hamaa irraas yoo deebi’an, ani samii irraa nan dhaga’a, cubbuu isaanii nan dhiisaaf, biyya isaanis nan fayyisa” (2 Seen. 7:14) jedhe, uumaan hundaa danda’u rooba nagaa fi tasgabbii buusee, dhimma hudhaa nutti ta’ee lubbuu galmee isaarra jirtu kana onnee arjummaa isaatiin ilaalee akka nuuf qabbaneessuuf, guutummaa garaa keenyaatiin jilbeenfannee fuula isaa haa barbaaddannu. 😭🙏 @abdiimaariyaamiifinjira
без подписи