VOH Business
Статистика💎🧑💻💸💰💎 for ads http://adstelo.com/@voh_news @VOH_EDUCATION @VOH_BUSINESS @VOH_SPORT @VOH_TECHNOLOGY @VOHACADEMY @VOH_NEWS @VohADS
- Последний пост
- 15 июн.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- английский
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Bara bajataa haaraa 2019tti galii qarshii tiriliyoona 1.817 sassaabuuf karoorfachuusaa Ministeerri Maallaqaa beeksise. Kanneen keessaa:- 👉 Qarshii tiriliyoona 1.5 ykn dhibbeentaa 82 (%82) galii gibiraa irraa 👉 Qarshii biliyoona 120.4 galii gibiraan ala ta'an irraa 👉 Qarshii biliyoona 83.4 deeggarsa baajataa kallattii michoota irraa 👉 Qarshii biliyoona 121.6 gargaarsa pirojeektii irraa akka walitti qabamu yaadameera. Walumaagalatti, bara baajataa 2019tti maddeen biyya keessaa, jechuun galii gibiraa fi gibiraan al ta'an irraa, qarshiin tiriliyoona 1.6 akka walitti qabamu kan karoorfame yoo ta'u, kunis waliigala galii keessaa dhibbeentaa 88.7 (%88.7) uwwisa. Hafeen dhibbeentaa 11.3 (%11.3) ammoo gargaarsa alaa irraa akka argamu karoorfameera. Baasiin baajataa Mootummaa Federaalaa bara baajataa 2019 qarshii tiriliyoona 2.3 akka ta'u tilmaamameera. ✨Qarshii tiriliyoona 1.2 baasii idileetiif, ✨Qarshii biliyoona 568.2 baasii kaappitaalaatiif, ✨Qarshii biliyoona 520.6 deeggarsa baajataa mootummoota naannolee biyyaalessaatiifi ✨Qarshii biliyoona 14 naannoleef deeggarsa raawwii galmawwan misooma waaraan (SDGs) kan oolu ta'a. Hir'inni baajataa qulqulluun Mootummaa Federaalaa bara baajataa 2019 dhufu qarshii biliyoona 308.6 yoo ta'u, hir'ina baajataa kana uwwisuuf qarshii biliyoona 5.7 liqaa alaa irraa, akkasumas qarshii biliyoona 302.9 liqaa qulqulluu biyya keessaa fudhachuun akka uwwifamu karoorfameera.
без подписи
🇧🇪🇪🇰🇸🇮🇸🇦 Bilbilli harkaa koo, galii kooti 📱💰 Akka meeshaa qofaatti hin laalu, Inni naaf ta'eera tirkaa 🛠️ Dinagdee addunyaa ittin laalu 🌍 Asiif Achii fiigee mankaararee 🏠 Bilbilaaf inteernetan of ijaaree 🌐 Bara bilbilli kaardii nyaattu 📇 Amma eegalle kunooo Akka madda galii taatu 💵 Bara hojii dhabnee Of jijjiiruun ta'e gaara ⛰️ Bilbilaaf inteerneetan Hiyyummaa goona daaraa 🌟 Bara namni hojii dhabee Karaarraa tahee oolu 🚶 Namni ilaacha of too'ate Guyya tokko milkaa'u oolu 🏆 Kanaan booda hafee Hojii dhabdumman kalee Namni bilbilaaf inteernetan Waa mallaqaa dalagee 💸 Namni jedhu "kun dhugaa mit," 🤔 Anis nan dhaga'e yeroo tokkoo, Garuu ilaalcha keenyaaf kaane Waan hundaan baanne rakkoo 🚧 Har'a ani hojii dhabe jedhu: "Carraan koo ana bira jira," 🎯 Bilbila koo harkatti qabadhee, mallaqaa koo argachaa jira! ✨ Naa argachuuf akka Isinitti hin taane gaafai, IMO fi Messenger, 📲 WhatsApp ykn Telegramii, Yoo feete direct bilbili. 📞 Telegraph: @Jemas23 Facebook WhatsApp 0949602077 📱 @VOH_NEWS #VOH_NEWS #𝗩𝗼𝗶𝗰𝗲_𝗼𝗳_𝗵𝘂𝗺𝗮𝗻𝗶𝘁𝘆_𝘀𝗮𝗴𝗮𝗹𝗲𝗲_𝗵𝗮𝗾𝗮_𝗾𝗮𝗯𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮
Damma Toonii kuma 300 fi kuma 59 omishuuf hojjetamaa jira- Ministeera Qonnaa Itoophiyaan Bara baajata 2018tti Damma toonii kuma 300 fi kuma 59 oomishuuf hojjetamaa jiraachuu Gorsaan Minisitir Deetaa Ministeera Qonnaa Girmaa Mulugeetaa himeera. Bara 2014 irra eegalee oomishaa fi oomishtummaa dammaa guddisuuf gaagura aadaa gara ammayyaatti jijjiiruuf hojii hojjetameen gaagurri ammayyaa baramaa dhufuu kaasaniiru. Bara baajataa kanatti gaagura ammayyaa miiliyoona 2 fi kuma 800 ol raabsuuf karoorfamuu ibsuun, gaagurri miiliyoonni 2 fi kuma 300 raabsamaa jiru jedhan. Bara darbe Dammi toonii kumni 300 fi kumni 26 oomishamuu eeruun, bara kanas toonii kuma 300 fi kuma 59 oomishuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Bara 2015 irraa eegalee hanga ammaatti mandarri dammaa kuma 8 fi 800 ol hundeeffamuu hubachiisaniiru. #FMC https://t.me/VOH_BUSINESS
Baankiin Daldalaa Kaffalatii maallaqawwan sharafa alaaf mijeessuu moosaajii haarawa ifoomse Baankiin Daldalaa Itoophiyaa dhaabbata biyya keessaa Istaar Peeyi Faayinaanshaal Serviis jedhamu waliin ta’uudhaan moosaajii kaffaltii maallaqawwan sharafa alaa mijeessu Sii Bii Ii Konnect (CBE CONNECT) jalqabsiisuu ibse. Obbo Eefreem Makuriyaa, Bakka Bu’aan Pireezidaantii baankii Daldalaa Itoophiyaa, Ambaasaaddarootnifi angawootni bankichaa olaanoon sirna tajaajila jalqabsiisuu kana irratti argamanii jiran. Sagantaa kana irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Obbo Eefreem Makuriyaa, “moosaajiin kun namootni maallaqa sharafamu biyyatti erga na karaa seeraan alaa dhiisanii, gama fudhatama qabuun akka ergan kan jajjabeessu” jedhani. Odeessa guutuuf dubbisaa https://web.facebook.com/share/p/18FAwkiX44/
Baankiin Siinqee Itoophiyaa keessatti Baankii Invastimantii Shanaffaa ta’uun eyyama argate Baankiin Invastimantii Siinqee Abbaa Taayitaa Kaappitaala Gabayaa Itoophiyaarraa eyyama argachuun sektera Baankii Invastimantii biyyattii keessatti baballataa jiru keessatti hirmaannaa isaa seensifachuu ibse. Eyyama Mudde 30, 2025 kenname kanaan Baankiin Invastimantii Siinqee, Baankii Kaapppitaalaa Awaash, Baankii Kaappitaalaa Baankii Daldalaa, Baankii Invastimantii Kaappitaalaa Wagaaganfi Baankii Invastimantii Farist Addiisitti aanuun baankii shanaffaa eyyama baankii invastimantii argate ta’eera. Odeessa guutuuf dubbisaa https://web.facebook.com/share/p/1ZVFJJ317g/
#BaankiinAwaash bara kana bu’aa qarshii biiliyoona 25.6 argachuu ibse, qabenyi walii galaa baankichaa biiliyoona 400 fi biiliyoona 42 gahuus beeksise Baankiin Awaash bara bajataa 2017 gama sektera baankiwwan dhuunfaan galii guddaa jedhame walii gala qarshii biiliyoona 25.6 yoo argatu, qabeenyi walii galaa isaas birrii biiliyoona 400 fi biiliyoona 42.6 gahuu ibse. Baankichi kana kan beeksise Sanbata darbe walgahii idilee 30ffaa Abbotii Aksiyoonotaa fi wal gahii hatattamaa dhaabbatichaa 18ffaa irratti dha. Obbo Tsahaayi Shifarraa, Hoji Raawwachiisaan Baankii Awaash, Baankichi bara2017 hojii herrega buusuun dura bu’aa qarshii biiliyoona 26.67 argachuu ibsan. Kunis kan bara darbeen yoo wal bira qabamee ilaalamu, dhibbeentaa 137 dabaluu ibsuu FMC gabaaseera. https://t.me/VOH_BUSINESS
без подписи
https://t.me/VOH_BUSINESS
Baankiin #Birhaan galii birrii biiliyoona 2.5 argate Baankiin Aksiyoonaa Birhaan bara baajataa 2024/25 gibiraan dura bu’aa Birrii biliyoona 2.5 argachuu ifoomse. Yaa’ii Idilee Waliigalaa 16ffaa Abbootii Aksiyoonaa Baankii Birhaan Onkololeessa 28, bara 2025 gaggeeffame irratti Walitti Qabaan Boordii Daayirektaroota Baankichaa Obbo Iliigoo Laggasaa raawwii waggaa baankichaa abbootii aksiyoonaaf ibsuu baankichi gabaase. Kanaanis, dhuma bara baajataa 2024/25 baankichi gibiraan dura bu’aa Birrii biliyoona 2.5 argachuu kan ibsan Obbo Iliigoon, kunis kan bara baajataa kanaan duraa Birrii biliyoona tokkoon akka caalu hime. Dhuma bara baajataa 2024/25’tti qabeenyi baankichaa Birrii biliyoona 58.9 ga’uu dubbachuun, Kun yoo kan bara kanaan duraa waliin walbira qabame caalmaa dhibbeentaa 28.1 qabaachuus himan. Dabaluunis, kappitaalli waliigalaa Baankii Aksiyoonaa Birhaan, bara baajataa 2024/25 Birrii biliyoona 8.5 ga’uun, kan bara duraarra guddina dhibbeentaa 20 agarsiisuu eeran.
Baankiin Addunyaa sagantaa misooma magaalotaan Itiyoophiyaatti carraa hojii miiliyoona tokkoo ol uumeera jedhe Sagantaan Misooma Dhaabbilee fi Bu’uuraalee Magaalotaa Itiyoophiyaa (UIIDP), gargaarsa Baankichaa wajjin, bara 2018 hanga 2024 gidduutti carraa hojii miiliyoona 1.15 kan uume yoo ta’u, gitoota hojii yeroo 915,000 fi dhaabbataa 237,000 uumeera jechuun Baankin Addunyaa gabaaseera. Baankichi gabaasa isa dhiyoo baaseen, lakkoofsi jiraattota magaalaa Itiyoophiyaa bara 2012 miiliyoona 15 ture dachaa sadiin dabaluun miiliyoona 42 ol akka guddatu tilmaamamuun kun bu’uuraalee misoomaa, tajaajilaa fi qacarriif qormaata akka ta’u ibseera. Odeessa dabalataaf cuqaasaa https://web.facebook.com/share/p/16E4c5Z85b/
без подписи
без подписи
без подписи
Daldaltoota seeran ala gatii dabalanirratti tarkaanfiin fudhatame Bulchiinsa Magaalaa Dodolaatti daballii mindaa hojjettoota mootummaaf taasifameefi ayyaanota uummataa fuuldura keenyatti kabajamuu sababeeffachuun daldaltoota seeran ala gatii dabaluun qaala'insa jireenyaa hammeessanirratti tarkaanfii sirreeffama fudhachaa jiraachuu Waajjirri Daldala Magaalichaa ibseera. Daldaltoonni tokko tokko daballii mindaa sababeeffachuun gatii meeshaalee dabaluufi dhoksuun qaala'iinsi jireenyaa akka uumamu kan taasisan 27 irratti adabbiin seeraa fudhatamuu Ittigaafatamaan Waajjira Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Dodolaa Obbo Muhammad Umar ibsaniiru. Magaalichatti qaala'insa jireenyaa tasgabbeessuuf qindoomina qaamolee nageenyaa, caasaa siyaasaa, Waajjira Daldalaafi koreen taaksifoorsii qindaa'uun hojjachaa jiraachuu eeranii, tarkaanfiin fudhatamu kun fuuldurattis cimee kan itti fufu ta'uu dubbataniiru. #KMD
без подписи
Barattoonni yuunivarsiitii mootummaa gara yunivarsitii yeroo deeman lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa(TIN) qabatanii akka deeman ministeerri galiiwwanii beeksiseera. Ministeerri Galiiwwanii kaffaltii qoodinsa baasii barnoota olaanoo walitti qabuuf tokkoon tokkoon fayyadamaa baasii qoodamuu Lakkoofsa Eenyummaa kaffalaa gibiraa (TIN) argachuu akka qabu yaadachiiseera. Barattoonni haaraa fi kan jiran dhaabbilee barnoota olaanoo mootummaa (Yunivarsiitiiwwan) hundi lakkoofsa eenyummaa gibiraa argachuun lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa (TIN) waajjiraalee galii walitti qabuu naannoo isaanii ykn waajjiraalee naannoo isaaniitti akka iyyatan ministeerichi odeefannoon ministeericharraa argame ni mul’isa. Barattoonni kunneen yeroo yunivarsiitii seenan Lakkoofsa Eenyummaa kaffalaa gibiraa (TIN) fidanii akka dhufan hubachiifameera.
без подписи
без подписи
Oomisha Avokaadoo gabaa biyya alaaf dhiyeessuuf hojjatamaa jira! Godina Buunnoo Beddelleetti oomisha Avokaadoo gabaa biyya alaaf dhiyeessuuf baay'inaafi qulqullinaan hojjatamaa jiraachuun himameera. Qonnaan bultootni Aanaa Gachii avokaadoo sanyii filatamaa kanaan dura misoomsan irraa oomisha gahe sassaabuun gabaa alaaf dhiheessaa jiraachuu himan. Oomisha avokaadoo ofiif fayyadamaniin alatti galii ittiin argachuuf kan duraa caalaatti babal'isanii kan dhaaban tahuus himan. Godinichatti hojiiwwan qaama ashaaraa magariisaa tahuun hojjetamaniiifi galtee nyaataaf fooyya'iinsa diinagdeef karoorfamuun misoomaa jiran keessaa misoomni avokaadoo isa tokkodha. Haaluma kanaan sanyii avokaadoo fooyya'aa qonnaan bulaan dhaabuun oomishasaa gabaa biyya keessaafi alergiif akka dhiheessuuf hojjetamaa turee jira. Kanaanis waggoottan sadan darbanitti jalqabbiif oomishni avokaadoo gabaa biyya keessaarra darbuun alaaf dhihaataa turee jira. Bara kanas oomisha avokaadoo kana gabaa alaaf dhiheessuun eegalameera. Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuu godinichatti misooma muduraa lafa hektaara Kuma 10 olirratti misoomaa jiru keessaa avokaadoon lafa hektaara kuma 3 olirratti qonnaan bulaafi waldaalee IMX'tiin misoomaa jiraa jedhan. Bara kanas oomisha avokaadoo sanyii filatamaa firii kenneerra oomisha kiilogiraama kuma 30 gabaa alergiif dhiheessuuf karoorfamee hojiitti seenamuu ibsan. Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu bara kana oomisha avokaadoo baay'inaafi qulqullinaan gabaa alaaf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraa jedhan. #KominikeeshiniiGodinichaa @tikvahethafaanoromoo