tgindex
Walaloo Afaan Oromoo

Walaloo Afaan Oromoo

Статистика

YouTube koo Subscribe taasifadhaa! https://youtu.be/nHNbSkjacjs?si=lcAOjfM0q5iGoEG1

Последний пост
14 авг.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
6
Всего постов
25
Тип
открытый
Язык
om
Категория
Видео
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
637
0 за 1 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
225
25 постов
Вовлечённость
35,3%
к подписчикам
Постов в день
0,9
всего 25
Упоминаний
2
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
43
1/48двое суток
49
1/72трое суток
53

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • https://youtu.be/C535P4zyFcg?si=Fyg85-r6KuMzwTI7

  • https://youtu.be/jpL1tt-dnvI?si=hoQFbpSWJbg65gfu

  • https://youtu.be/Z4UM2A4K7KM?si=LREryJ4xUZeQgBnC

  • Telegram kuni member 635 ol qaba namni irratti tajaajila afuurawaa kennuu barbaadu yoo jiraate admin nan kennaaf🤔 https://t.me/Walaloo_AO

  • 12 авг.5321из WalalooAO

    #Part_3 QIDDAASEE MAARIYAAM LAKKOOFSA 57-78 Waaqummaan garuu, abbaa ilma afuura qulqulluudha. Waaqayyo tokko, aangoo tokkittii fi bulchiinsa tokkittiidha. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun ni yaadu. Abbaaa ilmi afuurri qulqulluun Ni dubbatu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni jaallatu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni gorsu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni dubbatu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni raawwatu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni hojjetu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Walii galchisiisu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni xummuru. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni ergu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni leenjisu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ragaa ni ta’u. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Nama ni harkisu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni shaakalsiisu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni gorsu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni qulqulleessu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni bareechu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni kabaju. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Garaa ni jabeessu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni barsiisu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni golgu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni uffisu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Aantee ni taasisu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni taa’u. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni murteessu. Abbaa Ilmi Afuurri qulqulluun Ni qoratu. Akkanas kan jedhan jiru Abbaan ni yaada, ilmi ni dubbata. Afuurri qulqulluun ni jaallata. Abbaan ni gorsa, Ilmi ni dubbata, Afuurri qulqulluun ni xummura. Abbaan ni hojjeta, Ilmi walii galchisiisa, Afuurri qulqulluun ni raawwata. Abbaan ni erga, ilmi ni leenjisa, Afuurri qulqulluun ragaa ni ta’a. Abbaan nama ofitti harkisa, Ilmi ni shaakalsiisa, Afuurri qulqulluun ni gorsa. Abbaan ni qulqulleessa, Ilmi ni addeessa, Afuurri qulqulluun ni kabaja. Abbaan ni jabeessa, Ilmi garaa ni jabeessisa, Afuurri qulqulluun ni barsiisa. Abbaan ni gaaddiddeessa, Ilmi ni uffisa, Afuurri qulqulluun aantee ni taasisa. Abbaan ni taa’a, Ilmi ni murteessa, Afuurri qulqulluun ni qorata. Akkasitti ni amanamna, akkasitti ni amanamna, tokkummaa osoo addaan hin baasin, adda kan bahes akka hin taaneef, walitti kan makames akka hin taaneef addaan haa baasnu (haa beeknu). Akka Abrahaamii fi akka Yisihaaq, akka Yaa’iqoobis sadi kan jennu miti, qaamaan sadi yommuu ta’u tokkoodha malee. Uumama hundumaa kan duursu akka Addaam tokko kan jennu miti, waaqummaan tokko yeroo ta’u, sadiidha jenna malee. Yihuudonni hamoon wallaalummaa isaaniin, fuulaaf qaamaan waaqayyo tokkoodha, kan jedhan cuubbamootii lammii Ismaa’eelootaas kunoo ni dhageenyaan, isaan laphee isaanii kan jaamsaniidha. Waaqonnisaanii baay’ee, seexanoonnisaaniis baay’ee kan ta’an, waaqa tolfamaa kan waaqeffatan warra amantii hin qabne, kunoo ni arginaan. Nuti garuu, daandii gaarii warra nu barsiisan ni hordofna. Duuka bu’oonni akkas jedhanii akka nu barsiisan. Abbaan Aduudha, Ilmi Aduudha, Afuurri qulqulluunis Aduudha. Hundumaa ol kan ta’e, inni Aduu dhugaadha. Abbaan Ibbiddaadha, Ilmi Ibiddaadha, Afuurri qulqulluunis Ibiddaadha. Olaantummaan kan jiraatu inni tokkicha ibidda jireenyaati. Abbaan Bakkalchaadha, Ilmi bakkaalchaadha, Afuurri qulqulluunis bakkalchaadha. Aduu dukkanni irraa fagaate inni, tokkicha bakkalcha bariidha. Abbaan hundee wayniiti, Ilmi hundee wayniiti, Afuurri qulqulluuniis hundee wayniiti.addunyaan hunduu kan ittiin mi’aa’e wayniin jireenyaa tokkoodha. Abbaan Aannaniidha, Ilmi aannaniidha, Afuurru qulqulluun aannaniidha. Dabalata kan hin qabne aannan (Haliibiidha) tokkichi isaadha. Akkanatti amanna akkanattis amanamna. @WalalooAO Itti haa fufuu??? Itti haa fufu yoo jettan! #Part_4 jedhaatii barreessaa!

  • ቅዳሴ ማርያም

  • 11 авг.70из WalalooAO

    Up on Gideon's story እኛን ወገኖቹን የሚጠብቀን በ #ሳሙኤል_Dereje Join my Telegram Channel for more Spiritual poem!!!🙏🏻🙏🏻🙏🏻🙏🏻 @WalalooAO

  • https://youtu.be/SHfkO1ngtSA?si=40lwzNeQQhVoigQY

  • https://vt.tiktok.com/ZS4nE7S9j/

  • 9 авг.11559из WalalooAO

    Sooma Filsataa Bartoonni gooftaadhaa soomanii soomichaa Yaa haadha Waaqayyoo nuuf muul'adhu jechaa Kanaaf nutis soomnaa subaa'ee qabannee Sooma Filsataa kana bifa addaan kabajnee Yoo boqotte sana haati Iyyesuusii Arguu barbaadneetoo akka Yohaannisii Muka jireenya Jala turullee foon kan kee Atis du'aa kaatee akkuma ilma kee Ji'a amajjii keessa ta'us boqonnaan kee Ji'a hagayyaatti ni sooman sooma kee Toofoniyaas lolus humnan qabu tasaa Ergamaan Gabri'eel ni kuta harkasaa Gubuu barbaadanis foon dubree Maariyaamii Humni Waaqa moo'u maaltu jiraa kamii Amantaan ta'anii boo'anii gaddanii Torbee lammataatti foon kee argatanii Geetesemaaniitti foon kee awwaalanii Garuu siin Maariyaam si hin moonee duunii Toomaas qulqulluutti ulfinaan muul'attee Mallattoo kafana sabbatta kee laattee Guyyaa sadi booda kaatee ulfinaanii Akka ilma keetii faaruuf ililleenii Ol baate samiitti du'a injifattee Warqeedhaan faayamtee ilma kee kadhattee Geetesemaan deemanii ilaalanis awwaalchaa Boolli duwwaa jiraa isaan dhaban jechaa Garuu Toomaas mallattoo itti agarsiisee Du'aa ka'uu Maariyaam bartootasaaf ibsee Ammas ulfina kee arguuf ol bahuu kee Subaa'ee qabatan bartootni ilma kee Si argataniiruu hedduu gammadanii Waaqayyos argamee hayyama isaanii Akkamiin duuti immoo si mootii Maariyaamii Ilmi kee mootiidhaa bitaa lafaaf samii Ilmi harkaa qabaa du'aa fi jireenyaa Kanaaf si faarsinaam Maariyaam haadha keenyaa Nutis harran soomnaa baay'isnee gammadnee Sa'aataatiif Maahileetii cimneetoo dhaabbannee Gaabbiin qulqulloofnee ol seennee mana kee Raajii kee dhageenyaa Maariyaam waa'ee kee Kidaaniif Qiddaaseen Waaqayyoon faarsinaa Osoo si'iin qabnuu Maariyaam maal dhabnaa Hiikoo Qiddaasee fi hiikoo galata keenii Si waamna ol kaasnee Maariyaam Maariyaam jennee Kadhannaaf boohichaan amantoonni si waamuu Uumama keessaahis hoomtuu siin hin mormuu Nutis agarreerraa Isa Toomaas argee Ilma keetu giiftii cubbuurraa nu eegee Dhiiga ilma keetii Maariyaam ni soorannaa Foon sirraa fudhateeniis jireenya argannaa Bara baraan taanaan Maariyaam si hin gannuu Kadhaan kee haa suphuu qaawwaa nuti qabnuu Samuel Dereje @WalalooAO

  • 4 авг.1812из Tajaajila

    Share 'BUHEE FI UUMMATA OROMOO(1).pdf'

  • https://youtu.be/aafylF8QIfs?si=zmD3gIPdlTWiFRlU

  • https://youtu.be/aafylF8QIfs?si=a9x_RAdG1IZbQR2a

  • 24 июл.33179из WalalooAO

    SABABA MAALINII Sababa maalinii an kana si dhiisuu Jibbiif dhiibbaan diinaa sirraa nan deebisuu Yoo sirraa na dhiiban dideet natti caalaa Na oolfatta jedheen barruu  kee ilaalaa Addunyaan na dhiibnaan koolun sitti gala   Rakkoo moo du’aadhaa kan sirraa na foo’uu Du’een gartuu kee ta’a addunyaaf hin boo’uu Harka keetu na golgee du’arraa na oolchaa Si biran jiraadhaa maqaa kee faarfachaa Gochaa kee kan ibsuu yoon dhabellee jechaa   Yommuun si faarfadhuu yoo natti seeqanii Nyaaranis waltuquun yoo natti qoosanii Si qapheen leeyya’uu deebi’een si faarsaa Guddummaa kee gooftaa addunyaafan ibsaa Jaalala keetirraa maaltu adda na baasaa   Maqaa keen bahanii si gananis jarrii Kan faayidaan qabnee ilaalanii birrii An garuu yoomumaa goyyoomee sin ganuu Ta’eetan jiraadhaa kan galma kee banuu Anoo mallattoo kee dabarsee hin kennuu   Faayidaa ilaalee mana ormaan dhaquu Laphee kan kootirraa oolmaa kee hin haquu Si faarsaan jiraadhaa waa’ee kee lallabee Addunyaaf sin labsaa siidaa kan kee dhaabee Qalama hin badneen waa’ee kee katabee   Sababa maalitiini siin kanan jijjiiruu Kumnillee kitillee tasa nan geeddaruu Sittin jijjiirramuu ta’ee akka Gaararraa Maqaa kee dhahachuun nan oola du’arraa Kanaaf yeroo hundaa jirta laphee koorraa Barreessaan Samuel Dereje Dabtara yaadannoo koo irraa Fulbaana, 15, 2017 kan barraa’e. yaada keessan nuuf barreessuu fi nu jajjabeessuu hin dagatinaa. Lafa nagaa turaa. @Walaloo_AO

  • https://youtu.be/PsvwMIsD9UU?si=fpfbt2c3UGKb7vjJ

  • https://youtu.be/aafylF8QIfs?si=gWE9flFZU0P0rOGK

  • 19 июл.4271412

    Ergamootan oli Ergamootan olii qabda surraa addaa Ergamaa Mikaa’eel atoo maal dadhabdaa Gara lafessaadhaa kadhaan kee addumaa Halkanii fi guyyaa kan nu eegu sumaa Maaliif sin faarsinuu maaliidhaaf callisnaa Hangafa ergamootaa Mikaa’el si qabnaa Ergamni kee addaa fayyina keenyadhaa Si’iin kan nuuf kenne Waaqayyo gooftaadhaa Waaqayyoon gaditti situ nu gargaaraa Waaqarraa ergamees si’itu nu furaa Warri si qabanii takkaan qaana’anii Mirga Waaqaa taa’uu hedduu gammadanii Afaan harree banaa kabajaan kee atii Situ nu waliin ta’aa bakka hundumaattii Akka gaggeessituuf saba waaqni filee Kan carraa argatee eenyudha si malee Jawwichin rifataa maqaa kee dhaga’ee Ati gaafa dhuftuu diinni keenya na’ee Caccabeera kufee maqaa keen hidhamee Gammachuutu ta’aa maqaan kee waamamee Ati dafii koottuu Daani’eel boolla seenee Osoo ati jirtuu Leenci akkan nyaannee Afaan Leencaa cufii qaanessi diinotaa Daddafiitii koottuu hangafa ergamootaa Warra Waaqa sodaatuu naannofteetoo eegdaa Barruu kee ballaadhaan ofitti nu qabdaa Ammas dafii koottuu ati maal dadhabdaa Araarsummaa keetiin hunda harkaa qabdaa Dheekkamsaaf yoo dhuftuu balleessudhaaf hedduu Warri Waaqa beekan kufuun siif sagaduu Ati osoo jirtuu tasa diinni moo’ee sabni waaqaan gadduu Harras ariifadhuu daddafiitii koottuu hoomayyuun dadhabduu

  • https://youtu.be/pY9_bjWZuQ4?si=Rj3PKiO9GImIukqd

  • https://youtu.be/nHNbSkjacjs?si=kSmceNK3dNSyLM1_

  • https://youtu.be/jpL1tt-dnvI?si=bouPN3QhomLi_1ez