tgindex
Yaadota

Mana Yaadonni keessa yaa'an

Последний пост
5 авг.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
und
Категория
Новости и СМИ (по похожим)
В каталоге с
15 авг.
Подписчики
2 212
−1 за сутки
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
485
20 постов
Вовлечённость
21,9%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
103
1/48двое суток
118
1/72трое суток
127

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 📢 Advertising in this channel You can place an ad via Telega․io. It takes just a few minutes. Formats and current rates: View details

  • Bubbee S1E18 Misirroo Siitkoomiin Bubbee garamitti deemaa jira? Bubbee fi Jiituun gaa’ela dhaabbatan moo? Michuun akkam taati laata? Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa! https://youtu.be/LTPnq2dNB9I?si=IHWVrXF9HvyuK3_K

  • #Yeroon_Buqqaasi! Maanguddoon tokkotu mucaa amalli isaa rakkisaa qaba ture. Mucaa kana barsiisuuf jedhee fudhatee laga deeme. Bosona keessa osuma deemanii muka reefu biqiltu tokkotti dhufani; isa booda mucaa isaatiin "Yaa mucaako mee biqiltuu xiqqoo kana buqqaasii natti kennimee" jedhe. Mucaan kunis takkumaan buqqaasee itti kenne. Ammas osuma deemanii muka isa duraa irra caaluufi amma hojjaa ilma isaa gahu tokko argee "Yaa mucaako mee muka kanas buqqaasii naaf kenni" jedhe. Yeroo kanatti mucaan kunis buqqaasuuf in rakkate. Haa tahu malee humna isaa hedduu fixuudhaan, hedduu dafquudhaan buqqaasee abbaa isaaf kenne. Ammas takka akkuma bosona keessa deemaniin muka qilxuu guddaa isaatti bahani. Maanguddoon kun ammas ilma isaan "Mee qilxuu guddaa kana buqqaasii naaf kenni" jedhe. Yeroo kana mucaan kun qilxuu kana buqqaasuu mitii yeroo inni hundee isaa xuqu baalli qilxuu kanaa tokkittiin illee socho'uus tahe harca'uu hin dandeenye. Mucaan kunis abbaa isaatiin "abbaa muka akkas guddatu kana ana mitii namni naannaa keenyaa hundi illee yoo dhufee gotote hin buqqaasu" jedhee deebiseef. Maanguddoon kunis ilma isaan akkas jedhe "Yaa mucaako muka guddaa sana buqqaasuu kan dadhabdeef waan inni hundee isaa jabeeffateefi; akkasuma amalli hamaan yoo nama keessatti hundee jabeeffate biyyi illee yoo wal gahe nama keessaa buqqaasuu hin dandahu, shaakala hamaa yerootti of keessaa hin buqqaasuun hin dandahamne jira, kanaaf ammaan, ijoollummaa kee kanaan amala hamaa irraa deebihuu qabda; yoo kana gochuu baatte yeroo guddattu namuu si gargaaruu hin dandahu" jedhe. Ilmi maanguddoo kanaas fakkeenya abbaa isaa irraa baratee, karaa isaa isa hamaa irraas deebihe. Shaakaloota tokko tokko ganamaan dhiisuun barbaachisaadha. Kibiritii tokko gaafa qabsiiftu, ibbidda xiqqoo harka kee irra jirtu kana harka kee irratti dhaamsuu dandeessa, erga bosona qabatee garuu biyyi dhaamsuu dhiisuu dandaha. Obboloota ko, hiriyaa gadhee irraa dafaa hariiroo keessan buqqaafadhaa! Nama amala badaa qabu waliin hedduu hin deemiin! Isa nan deebisa jettee ofiikee of dhabda! Shaakala hamaa, hiriyaa badaa, nama mul'ata keef galtee hin taane yeroon buqqaasi! Isinan Jaaladha! Bayanane @Yaadota

  • Bubbee S1E13 Hirmii Siitkoomiin Bubbee sadarkaa biraatti ce’aa jira. Jiituun (Tiyyaan) erga dhuftee as bifa haaraan ol ka’ee hojjatamaa jira. Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa! https://youtu.be/8-Nt6pP5zNU?si=vVtZktknEvtdaTDw

  • Bubbee S1E12 Tiyyaan gara Bubbeetti Jiituu taatee dhufteetti. Waan ajaa’ibaa ilaaluuf qophooftanii? Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/IcGVKl1o1RI?si=b23JcbiKgl5k1TEV

  • Ani namoota baay'eef jira. Anaaf garuu namni tokko hin jiru. Jireenyi akkasi. Namoonni tokko tokko, namaaf nama ta'uuf dhalatan malee, namni akka isaaniif nama ta'uuf hin heyyamamneef jedheen yaada. Gaafa hunda namaa wajjin dhiphachuu, namaaf yaaduu, namoota jajjabeessuuf isaan kan dursu hin jiru. Ofii isaaniif garuu namoota sana keessaa, nama 1 hin qaban. Ati akkuma namoota gita keetti jajjabeessitu, warreen siin olii irraa jajjabina ni barbaadda. Warra si duuba jiran akkuma karaa agarsiistu, kan ati qajeeltoo irraa barbaaddus jira. Garuu karra sitti cufatu. Warra garaan isaanii cabe fujla ilaaltee beekta. Ati garuu utuu imimmaan kee arganii hubatamuu dadhabdee jechootaan kun imimmaan kooti jettee yoo hinteef illee, sin hubatan. Dhimmi koo dhimma gariiroo biraa miti. Dhimma jiraachuuti. Ilaa jireenyatu akkasi. "Bakakkaa samii buute dacheen baachuu hin dadhabdu" kennaa hin didan. Namaaf nama ta'uu kee dhiisuuf yoo yaaltes hin dandeessu. Nama hubachuu, namootaaf yaaduu, isaaniif dhimmamtee dhiphachuu...ofiif ammoo hubatamuu dadhabuu; ofii kophaa akka taatu namni siif tilmaamuu dadhabuu... Guyyaan ati dhiphattee, hubatamuu dadhabdu yeroo dhufu waan ati bartu "Edaa dhaggeeffatamuun, fudhatamuun, hubatamuun namootaaf hamma kana bu'aa qabaa? Namootaaf gurra kennuufi jajjabeessuun hamma kana waan guddaa turee? Akka salphaatti isaaniif olmaan oolaa ture, edaa akka salphaatti hin argamu turee? Yoos kana dura namoota meeqa hubachuun koo gatii guddaa hin tilmaamamne meeqa baasa?" jettee akka yaaddu si taasisa. Namoota baayyeef utuu hin beekin oolmaa baayyee akka oolle, gaafa oolmaa sana dhabnee miidhamne hubanna. Jireenyi akkasi. Namni tattaafatee dhama'ee, jabaadhuu gaafa dhabe waan baayyee hubata. Namni namaaf nama ta'ee, nama hin qabne garuu jooraadha. Faara namootaa dubbistee keessa isaanii bubachaafii, ofii garuu himattee iyyuu hubatamuu dadhabuun dhukkuba. Akka atis hubatamuu, dhaggeeffatamuun si barbaachisu hin hubatan. Namootatu si qaba malee, ati namoota dhabuu dandeessa. Gama biraan namoonni tattaaffii kee hunda bishaanitti gaafa naqan, si miidha. Miidhamtrs dhiiftes ammoo namni siif dhimmamu hin jiru. Kan akka kolfitee, dhokfattee darbuu hin jiru. Ta'us keessi kee du'aa adeema. Kun hundi kanadha. Guyyaa gammachuutti gadda yaadachuun nama dhukkubsa. Kaleessis, har'is, boris fuula wal fakkaataa, boqonnaa wal fakkaataa taanaan dhamdhama dhaba. Dubbachuuf yaaddee, waan dubbattu dhabda. Dubbiin baayyeedha garuu, dubbiitu hin jiru. Jireenya ... Jabaadhaa egaa Keenboon Abrahaam @Yaadota

  • Twitter warreen qabdan maatii keenya ta’aa! https://x.com/kaachuu_y/status/2054094675523371278?s=46

  • Bubbee S1E8 Boba’aa Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/3Gpe8OlHuNg?si=qtxyI8LNJ96jcY9e

  • Bara Hoolaatti re'ee hin ta'iin ! Guyyaa har'a immoo kitaaba vladmer putin ganamaa akka hirribaa irra dammaqeen akka dawwatitti ilaaluu malee , akka waangeelattis dubbifatu malee mana hin bane , kitaaba Joe Biden teessuma fuul-duraa isa irra dhabu hin barbannee ! kitaaba mottumoonni gurrachaaf adii dhufaa darbaa itti fayyadaman ! walin wal isiin barsiisaa ! kitaabiichii '' The 48 laws of power '' kan jedhu yoo tahu , Barreessan kitaabichiis Roobert Greene jedhamam ! bara 1998 A,L, A Awuroppatti kan maxxanfamee yoo tahu , kitaabni kuniis Taatee waggoota 3000 Oliif aangoof jecha godhamee cuunfee seera 48 jabaa nuun jedhe jira , kitaabni kun '' New work times best sellerdham !kuniis copy miliyoona 1. 2 ooltu ameerikaa keessatti qofa gurgurameem , kitaaba kun fuula kudhan qofatti waan hedduu si barsiistiim ! mee har'aaf kitaabicha keessaa waa muraasaa isiiniif haa kaasuu ! Seerri 1ffaan '' Never outshine the master '' kan jedhu yoo tahu ! Bakka hoogganaan kee jirutti talent kee dhoksii , fex fex hin jedhiin riphii tahii yoo kana hin taane garuu akka hudhatti cittuu beekadhuu jechuudha ! sababiin isa hogganan hojetaa isa jala jiruun caalaamuu akka hin feene atuu bareechitee ni beekta ! gama kaniin seerri inni 22ffaa "Yeroo dadhabdu yeroo mo'amaa adeemtu hin loliin. Duuba deebi'uu filadhu. Duuba deebi'uun salphina miti akka ati deebitee of ijaartuuf yeroo siif kenna, Garee si injifataa jiru sanas ni rakkista akka inni aaru goota. Hanga humni diina keetii dadhabaa dhufutti eegi. Si mo'ee akka gamaduuf carraa hin kenniniif (mooralii isaa cabsi)... duuba deebi'i. Lolli sun xumura argachuu sababa dhabeefi xiiqiif miira keessa gala. Akkasitti salphaatti injifachuu dandeessam seerri itti aanuu WHEN ASKING FOR HELP, APPEAL TO PEOPLE'S SELF-INTEREST, NEVER TO THEIR MERCY OR GRATITUDE ! jedham inni kun immoo akkasiim yeroo kadhattu si gargaaruu isaatiin innis akka fayyadamu itti himi. Sababa sitti hixateef waa akka argatu hubachiisiin! Inniyyuu keessa isaatti beeka ati yaadachisiin😀 "sile mariyam" hin jedhiin... Obboleessa koo na gargaari jannata galtaa jedhenii fakkeenyaaf yoo qar. 50 naaf laatte deemeen laaqana nyaadha. Lubbuun koo si galateeffatti. Ani immoo gaafa achi deemnu (quba koo samiitti olqabee ) ragaan siif baha🙄 jedhi Ati garuu amma utuu na gargaaruu dandeessuu utuu waan sirraa hafu qabduu "Waaqayyo siif haa laatu!" Yoo naan jette. Anis Sheexannis Waaqnis sitti kolfina😀 sababiin isa waaqni si kenna ati immoo naaf laatta jedhi hubachiisi ! jedha Waaqi nama akka kootii siif qormaata godhee uume. Rabbi gad buhee naaf hin kennu. Inni siif kenna ati anaaf laatta. Ati malaykaa anaaf Rabbi gidduu jirudha jedhiin😌

  • Bubbee S1E5 Battallee Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/9ys0owk_ewI?si=WkVSJqekxpVdcC3m

  • 📢 Advertising in this channel You can place an ad via Telega․io. It takes just a few minutes. Formats and current rates: View details

  • Bubbee S1E4 Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/_r3xujyB4qI?si=fs7VR1HUGR0i2yxs

  • Of Barbaadan malee of argachuun hin jiru!

  • Bubbee S1E3 Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/VjjtwzGkZv8?si=4KVXpJnyfMLGpQkx

  • Bubbee S1E2 Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/uwEyIJMtBlU?si=aqYUih0W6kSFWc1Y

  • Bubbee S1E1 Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/yDcndaSQV5A?si=-tnYpdd_P1fHau9f

  • Daandii kee qofa deemi! Barreessaan beekamaa Samuel Johnson jedhamu, “Style is the dress of thought.” jedha. Kunis, dhihaannaan dubbii ykn barreeffamaa tokko agarsiistuu eenyummaa abbaa yaadaa sanaati akka jechuuti. Ogummaa barreeffamaa keessatti yaadrimee bareedduu ani jaalladhu, dhimma xiyyeeffannaan dubbisuu /critical reading/ dha. Namoonni hedduun yeroo Miidiyaa-hawaasummaa kana gubbaatti barreessan, akka waan dubbisaan waan isaan barreessan sana qofa dubbisee darbutti yaadu. Garuu akkas miti. Namoonni haxxee (intelligent) taa’an, Eenyummaa Nama waan sana barreessee, dandeettii, beekumsaafi sadarkaa nama waan sana barreessees salphaatti hubatanii darbu. Kunis, wantoonni nuti barreessinuufi dubbannu waan nu ilaallatan moo waan nu hin ilaalannedha isa jedhu dabalatee, amma nuti geenyuufi nuti maal akka fakkaannu akkasumas naamusaanis ta’u beekumsa waa’ee waan dubbannu sanaatiin nama akkamii akka taane ibsanii darbu. Kana jechuun namni gariin waan dubbatuufi barreessu fakkaachuu baatus, wanti inni dubbatuufi waan inni barreessu garuu daawitii inni keessatti ilaalamu ta’anii nama sana mullisu jechuudha. Namni baayyeen homaa waan isa hin ilaallanne irratti yaada kenna. Waan beekumsa itti hin qabne irrattis ogeessa ta’ee yaadasaa dhiheeffata. Barreeffamni isaa sun garuu, yaada inni ibsaa jiru sana qofa osoo hin taane, Eenyummaa nama waan sana dubbachaa/barreeessaa jirus sirriitti ibsa. Waan barreeffame tokkorraa kan hubatamu dhimma barreeffame qofa osoo hin taane, dhimma waan sun barreeffameef dabaltee amma namni waan sana barreesse ga’uus ni dabalata (tokko jedhi!)🍻 Waa hundaafuu maal jechuun barbaade seetan, Waan isin hin ilaallanne keessa tarkaanfachuun, qilleensa nagaatti faalama dabaluudha. Dubbiin hundi sagalee keenya hin barbaadan; rakkoon hundis harkaa fi ogummaa keenya hin gaafatan. Yeroo tokko tokko ogummaan guddaan, callisuun daangaa eeguu fi bakka ofii beekuu dha (lama hin jettuu ? 🥂) Kanaaf jireenya nama dhuunfaa irratti yeroo yaada kennitu, nama sanatti inaafaa akka hin jirre ‘irgixenyaa’ ta’i. Kanaachi barreeffamni kee mataa keerra alaabaan inaaffaa guddaan fannifamee akka jiru ragaa sitti ba’a 😉 Ennaa dhimma yeroo (ajandaa) irratti yaada laattu, Eenyummaa fi dadhabbii nama dhuunfaa akka hin busheessineef of eeggannoo godhi. Kanaachi, barreeffamni kee yeroo galagalfamee dubbifamu, nama sana waliin dhimma dhuunfaa qabaachuukee ykn itti bitamuu kee ibsa 😎 Ammoo utuu dandaa’amnaan naamusa waliif kuudh’achuu (credit) waliif kennuu, dinqisiifachuun baratamee waan hunda caalaa waan hoseedha🥰 Waan hundaafuu ati yaa nama naamusa qabuu, callisii daandiikee qofa deemi ! Nagaan oolan🍻 Lalisaa Indiris @Yaadota

  • Kitaaba baay'ee dubbisuudhaan namni sadarkaa duraarra jiraachuu malu Oshoo akka ta'e kan dubbatan jiru. Oshoonis kana jedhee ture. Gaafanni du'e mana kitaabaa isaa keessa kitaabilee 120,000 caalantu ture. Yeroo sakatta'amanittis kitaaba hundarra jechuun hanga danda'amutti mallattoo fi bakkeewwan inni jala sassarareen guutuu turan. Innumtuu kitaabilee 'Library' isaa keessa jiran hunda dubbisee akka fixe dubbateera. (Guyyaa tokkotti kitaaba ja'a yoo dubbiste,waggaa 46 keessatti kitaaba kuma 100 dubbista nama koo. ) Gaafuma Ijoollulummaa isaa mana maatiisaa keessaa 'library' qaba ture. Umriin isaa gaafa waggaa 14 ture kitaabilee 4,000 caalan kuufatee ture jedhama. Waa'ee baayina kitaabasaa abbaan Oshoo Gaafa dubbatan, "Gara jalqabaa mana keessaa library qabna turre, dhuma jala library keessaa mana qabaanne"jedhanii turan. Muummee falaasamaa yeroo baratutti Pirofeesaroota isa barsiisan Gaaffiidhaan waan rakkiseef mooraa inni itti baratuun kutaa barnootaa akkanni hin seennee fi gaafa qormaataa qofa akkanni dhufu dirqisiifamuunsaas mana turee akka fedhetti kitaaba akkanni dubbisuuf carraa gaarii ta'eefii ture. Namni kun dhiibbaa guddaa akkanni uumu kan godhe kitaaba. Galgala sa'atii afur qofaaf akka rafu dubbatee ture. Yoo ijoo barsiisa isaa ta'e bal'inaan amantii Budiizimii fi Jayinizimii waliin wal fakkaata. Kan nama tilmaamamuu hin dandeenye (unpredictable) isa fakkeesse gama hundaan hubannoo kuufachuu isaati. Waan hundarrattuu waan beekuu fi waan jedhu hin dhabu. Kanatu kitaabilee isaa 400 olitti tilmaaman nuffii malee akka dubbifaman taasise. Sanuu, Oshoon kitaaba harkaan barreesse tokko hin qabu. Kitaabni isaa hunduu haasaa fi barsiisa (discourse) isaa irraa waraabaman. Namni gaafa harkaan barreessu gulaalaa, jechootas fo'achaa barreessa. Kan isaa garuu yaadotni bilchaatoon hanga sana baay'atan Gulaallii tokko malee fudhataman. Dhumarratti, an 'kitaaba dubbisi' siin hin jedhu; barreeffama dheeraa kana dubbistee fixxeetta taanaan kitaaba akkati dubbistu beeka. @Yaadota

  • Filannoo akka ta'uuf du'aaf jireenya kaa'eera. Gubii jireenya biyya kanarraa boqochuuf du'a akka hin filannemmoo ammas filannoo kee eeyyameet du'a filachuu keetti bara baraan akka dhiifama hin argannemmoo godhe. Ofiin si fide ofiin si fudhaadha. As gidduutti fuulli jireenyaa nutti guuramuun, karri jiruu nutti cufamuun haalli jiruu nutti hadhaa'uun eenyutu itti gaafatamaan gaaffiidha. Eenyuyyuu itti hin gaafatamu. Fayyaa guutuu sii kenne. Humna dargaggummaa sii kenne. Sammuu sii kenne biyya sii kenne. Ifaaf dukkana qilleensa bilisaa sii kenne. Dacheen irra adeemtu sin himanne. Waan ati ofii keetiin argachuu hin dandeenye mara sii kenne. Waaqa gahee isaa bahatee gahee kee keessattis si gargaaruuf sochiikee eegudha. Sochiin keenya eessa jira? Gaaffii kana sirriin deebisnaan sirreeffamni eessa akka jiru ni beekta. Galateeffachuus ni eegalta! @Yaadota

  • Mana kee keessa teessee karaa fooddaa ala daandii gubbaa namoota deeman otuu ilaaltuu, Karaa mirgaa durbartii mana amantaatii deebitu karaa bitaa ammoo dubartii sagaagaltuun tokko yeroo wal bira darban arge. Atis keessa keetti "Isheen tokko hagam carroomtudha, isheen kun ammoo abaaramtuudha" jette. Garuu yeroo muraasaf ija kee dunuunfattee keessa kee osoo dhaggeeffattee lamaan isaaniiyyuu keessa iddoo boqonnaa hafuura keetii ta'u argatta. Gucha jireenyaa lamaan isaan keessatti ni argatta. Kahaalil Jibraan @Yaadota

Yaadota — tgindex