tgindex
Agaro City Communication

Agaro City Communication

Статистика

Madda Odeeffannoo Jalqabaa

Последний пост
14 авг.
Последнее чтение
14 авг.
Постов за неделю
29
Всего постов
179
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
620
0 за 2 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
78
40 постов
Вовлечённость
12,6%
к подписчикам
Постов в день
4,1
всего 179
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
74
1/48двое суток
84
1/72трое суток
91

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • видео или голосовое, без подписи

  • Qonna Magaalaa : Qonnaan Bulaa Milkeessaa Jiru !! *** Aggaaroo,Hagayya 8,2018[WKMA] Oomishni bunaa,jiruuf jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruu bira darbee diinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee adda durummaa isaa bahachuurratti argama. Bunni biyya keenyaaf sharafa alaa argamsiisuu qofa osoo hin taane maqaa gaarii biyyi keenya qabdu addunyaatti kan beeksise warqee magariisaa utubaa guddaa diinagdee biyya keenyaati. Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo ganda Bulbulootti qonnaan bulaa Obbo Mahaammadzeen Sammaan lafa jiru sirnaan fayyadamuun oomisha bunaa irraa fayyadamoo ta'aa akka jiran dubbataniiru. Mootummaan ida'amuu xiyyeeffannoo misooma qonnaatiif kenneen qonnaan bultootni carraa jiru fayyadamuun jireenya harkaa gara afaanii ture jijjiiruun ofirraa darbuun diinagdee biyyaa utubuu akka danda’an hojiin abdachiisaa ta'e sadarkaa hundatti hojjetamaa akka jiruufi kakka’umsa guddaadhaan hojjechaa akka jiran himuun,oomisha qonnaa irraa faayidaa argachaa akka jiraniis Obbo Mahaammadzeen ibsaniiru. Odeeffannoowwan magaalaa keenyaa ariitiin argachuuf : - 👉 Facebook https://www.facebook.com/profile.php?id=100064795866735 👉 Tiktok: tiktok.com/@agarocitycommun 👉Telegram: https://t.me/agarocom 👉Twitter: https://x.com/AgaroCommunica1?t=3EOZta5GW-IOoXfYtq59TQ&s=09== 👉Youtube : https://youtube.com/@agarocitycommunication?si=3px2RsTypQgS4rzf6

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • "Mariin biyyaalessaa furtuu siyaas-diinagdee biyya keenyaati." Jiraattota Magaalaa Aggaaroo !! *** Aggaaroo,Hagayya 7,2018[WKMA] Biyyi keenya Itoophiyaan seenaa siyaasa addunyaa keessatti biyya mootummaa yeroo dheeraa qabduuf biyya dursitee qaroomte taatullee rakkoowwan siyaasaa jaarraa tokkoo jaarraa biraatti darbaa dhufeen kuusaa rakkoo barkumee lamaatiin biyya goolama siyaasaaf saxilamte ta’uun ni beekama. Uummatni Itoophiyaa barkumee lamaa oliif kan wal keessa jiraateef duudhaa amantaa akkasumas aadaa waliin jireenya guddaa kan qabu ta’ullee rakkoo keessaaf alaa galu irraa kan ka’e rakkoowwan kun hanga ammaatti hiikamuu hin dandeenye. Duubatti deebinee seenaa biyya keenya yemmuu ilaallu sirnoota mootumma goonfoo keessatti wal qixxummaan amantaa sabaa kan hin jirreef siyaasni biyyatti garee muraasaan kan oofamu yemmuu ta’u rakkoon kun balaa uumeen keessattu jaarraa 18ffaa keessa mootumaan giddugalleessaa mootummoolleen xixiqqoo naannoo naannootti uumamuun barri “zemene mesafint” ykn “Era of priinsiis”uumame. Barri motummaa goonfoo Hayillesillaasees kanuma itti fufsiisuun qotee bulaa abbaa lafummaa dhoowwachuun biyyattiin kan garee muraasaa jechuunis kan firoota isaaniif sanyii isaanii gochuun waggaa 40 oliif biyya cunqursaadhaan erga bitanii booda bara 1960ffaa keessa Yuunivarsiitii Finfinneetti fincila barattoota Yuunivarsiitiifi manneen barnootaatiin uumameen gaafiin dabalataa miindaa rayyaa ittisa biyyaa dabalatee Darguudhaan bara 1966 mootummaan kun garagaluu danda’eera. Sirni darguu "lafa qotee bulaaf" dhaadannoo jedhuun ala gaaffii hedduu deebisuu kan eegale ta’ullee waraana kaaba biyyaa keessatti uuamameef waraana keessoo uumamee akkasumas yaadama soshaalizimii haala biyya keenyaa giddugaleessa hingodhanneen biyyoottan dhiyaatiin jibbamu fudhate ka'uun sochiin hundi gara waraanaatti jechuun rakkoo uumeen wayyaaneen qaawwa kanaan fayyadamtee ergama biyya diiguu misiraaf biyyoota diina keenyaa ta’an fudhachuun galaana diimaa kan nu dhabasiiste yemmuu ta’u garaagarummaa amantaaf sabaa daran babal'isuun olaantummaa garee muraasa babal'isuun biyya kana saamichaaf saaxiluun maqaa walqixxummaa sabaaf sablammootaatiin daldalaa turan. Kana hunda karaa qabsiisee,biyya keenya rakkoo kana keessaa baasuuf "Mootummaan Ida’amuu" marii biyyaalessaa hirmaachisaaf haqa qabeessa ta’e uumuun yeroo ammaa kana biyyi keenya mari'achaa jirti. Mariin kun seenaa siyaasa Itoophiyaaf Afrikaa keessatti isa jalqabaa yemmuu ta’u biyya keenya gara boqonnaa haaraatti kan ceesisuu,rakkoo keenya barkumeewwaniif gangalataa dhufee furmaata kan kaa'uufi rakkoo siyaas- diinagdee keenya akka hiiku amantaa guddaa uummatniifi mootummaan kan irraa qabudha. Haaluma kanaan jiraattonni Magaalaa Aggaaroo yaada kennaniin akka jedhanitti;mariin biyyaalessaa tokkummaa biyyaa ijaaruuf murteessaa akka ta'e himuun,garaagarummaan yaadaa,sabaa,aadaa fi amantii jiraatus,wal kabajuu fi waliif obsuun bu'uura misoomaa fi nageenyaa akka ta'e dubbataniiru. Kanaaf mootummaa biyya bulchaa jiru qofa osoo hin taane,lammiileen biyyattii hundi gahee isaanii bahachuu akka qabanis dhaamaniiru. Odeeffannoowwan magaalaa keenyaa ariitiin argachuuf : - 👉 Facebook https://www.facebook.com/profile.php?id=100064795866735 👉 Tiktok: tiktok.com/@agarocitycommun 👉Telegram: https://t.me/agarocom 👉Twitter: https://x.com/AgaroCommunica1?t=3EOZta5GW-IOoXfYtq59TQ&s=09== 👉Youtube : https://youtube.com/@agarocitycommunication?si=3px2RsTypQgS4rzf6

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • "Gaaffii keenya yeroo dheeraatu deebii argate." Ogeessota fayyaa Hospitaala Waliigalaa Magaalaa Aggaaroo !! * Aggaaroo,Hagayya 6,2018[WKMA] Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii lafa mana jireenyaa sadarkaa sadarkaan deebii kennuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuu irratti argama. Haaluma kanaan guyyaa har'aa Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti lafa mana jireenyaa ogeessota fayyaa Hospitaala waliigalaa magaalichaa waldaa sadii miseensota 60'f laficha akka simatan ta'e jira. Ogeessonni kunneen turtii Kominikeeshinii Magaalattii waliin taasisaniin akka jedhanitti,lafa mana jireenyaa argachuun carroomu akka ta'e himuun,gaaffii yeroo dheeraa gaafataa turre deebii argachuun isaatiif Bulchiinsa magaalichaafi qooda fudhattoota sadarkaan jiran galateeffatannaa jedhan. Odeeffannoowwan magaalaa keenyaa ariitiin argachuuf : - 👉 Facebook https://www.facebook.com/profile.php?id=100064795866735 👉 Tiktok: tiktok.com/@agarocitycommun 👉Telegram: https://t.me/agarocom 👉Twitter: https://x.com/AgaroCommunica1?t=3EOZta5GW-IOoXfYtq59TQ&s=09== 👉Youtube : https://youtube.com/@agarocitycommunication?si=3px2RsTypQgS4rzf6

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

  • видео или голосовое, без подписи

Agaro City Communication — tgindex