JEECHOOTA BEEKTOTAA
СтатистикаChannela keenya kana irraa waantota isin argattan kan akka:- 👉Jeechoota Beektotaa 👉Dhugaa Addunyaa 👉Jechoota Ajaa'ibaa 👉Asoosama garaa garaa 👉Jechoota jaalalaa fi kkf Yaadaaf admin:@Habtem Link:https://t.me/+0jrRKLS5VHkxODdk
- Последний пост
- 12 июл.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 25
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
https://t.me/beeka24
видео или голосовое, без подписи
JEECHOOTA BEEKTOTAA pinned «FALA GUBA LAPHEEF ( Dhukkuba garaachaa) 1. Gosoota nyaata mi'eessituun itti baayyate irraa of qusachuu 2. Nyaata qullubbii, mimmixa ( barbareen ) itti baayyatee irra of qusachuu 3. Loomii, burtukaana , timaatima fa. 4. Nyaata coomaa 5 dhugaatii irraa alkoolii…»
FALA GUBA LAPHEEF ( Dhukkuba garaachaa) 1. Gosoota nyaata mi'eessituun itti baayyate irraa of qusachuu 2. Nyaata qullubbii, mimmixa ( barbareen ) itti baayyatee irra of qusachuu 3. Loomii, burtukaana , timaatima fa. 4. Nyaata coomaa 5 dhugaatii irraa alkoolii , karameellaa , chokoleeti, buna fi dhugaatiwwan lallaafaa. Irra ofqusachuun baayyee gaaridha. 6. Nyaata eega nyaatanii booda sa'atatii 2 turuun rafuu 7. Bishaan baayyisanii dhuguu, maastikaa alanfachuu , 8 . Muuzii , apple nyaachu , shaayi jinjabilaan dhuguu 9. Aarii fi dhippachuu dhiisu akkasumaas spoortii hojjachuu ulfaatina keenya jiddu gala godhu qabna 10. Qoricha garaachaaf kennaman sirnaan fayyadamuu Galatoomaa Fayyaan lubbuu teenyaf Page keenya like and follow gochuun mammilaa keenya taha
Baankiin Sababa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa (NID/Fayda) Walhinqabsiifne jedhuun Lkk Herreega Maamilaa Cufuu Nidanda’aa? Yoo Cufe Bu’uura Seeraa Hoo Niqabaa? “Eeyyee” 1. Labsii Eenyummeessa Biyyaalessaa (Labsii Lak. 1284/2015) Labsiin kun eenyummeessi dijitaalaa biyyaalessaa (Fayda) tajaajiloota mootummaa fi dhuunfaa hundaaf akka ragaa jalqabaatti akka tajaajilu dirqama kaa'a. • Keewwata 18 (1): "Eenyummeessi Biyyaalessaa (Digital ID) tajaajiloota tajaajila kennitoota mootummaa fi dhuunfaa irraa kennaman argachuuf ragaa eenyummaa bu'uuraa ta'ee tajaajila." • Keewwata 18 (2): "Tajaajila kennitoonni (Baankonni dabalatee) eenyummaa nama tajaajila gaafatuu mirkaneessuuf Digital ID fayyadamuu qabu." 2. Labsii Ittisa fi To’annoo Hanna Maallaqaa (Labsii Lak. 780/2005 ykn 2013 GC) Labsiin kun baankonni eenyummaa maamiltoota isaanii akka qulqulleessan (Customer Due Diligence) ni dirqamsiisa. • Keewwata 11 (5): "Dhaabbanni maallaqaa (Baankiin) eenyummaa maamilaa ragaa amansiisaan mirkaneessuu yoo dadhabe, herreega banuu ykn tajaajila kennuu hin qabu; hariiroo hojii jiru immoo adda kutuu (terminate) qaba." (Digital ID ragaa amansiisaa mootummaan murteesse waan ta'eef, isaan malee tajaajilli adda cita). 3. Labsii Baankii Biyyaalessa Itoophiyaa (Labsii Lak. 591/2000) Labsiin kun Baankii Giddugaleessaa Itoophiyaatti (NBE) aangoo qajeelfama baankota hunda irratti hojjetu baasuu kennaaf. • Qajeelfama NBE (Directive): NBE qajeelfama baankonni hundi maamiltoota isaanii "Fayda ID" waliin akka hidhan dabarseera. Baankonni qajeelfama kana yoo hin kabajne adabbii guddaaf waan saaxilamaniif, herreega maamilaa dhowwuuf dirqama qabu. 4. Labsii Hojii Baankii (Labsii Lak. 592/2000) Baankonni seeraa fi qajeelfama Baankii Giddugaleessaa (NBE) hordofuuf dirqama qabu. Walumagalaatti: • Labsii 1284/2015 (Kwt 18): Fayda ID tajaajila baankii argachuuf ulaagaa godhee kaa'e. • Labsii 780/2005 (Kwt 11): Yoo ragaan eenyummaa hin guutamne tajaajila adda kutuun dirqama jedhe. Kanaaf, baankiin herreega kee kan dhowwe (freeze kan godhe) tarkaanfii seeraa (legal administrative measure) Labsii 1284/2015 fi Labsii 780/2005 irratti hundaa’uun dhufeedha. Maallaqni kee ammas qabeenya keeti, garuu sochoosuuf ragaa eenyummeessaa (Fayda ID) dhiyeessuun dirqama. Via Saabu Sendel
Namni tamboo xuuxu bu'aa sadii argata! 1. Hin dulloomu 2. Sareen isa hin nyaattu 3. Hattuunis isan hattu ~ Hin dullomu; sababnisaa, carraa dulloomuu osoo hin argatiin, sombisaa miidhamee, dafee waan du'uuf. Sareen isa hin nyaattu; sababnisaa, namichi sombisaa burkutaa'ee waan dadhabuuf, ulee dhadhaabbachaa deema; sareenis nama ulee qabatee deemu ni sodaatti. Hattuun isa hin hattu; sababnisaa, hattuun halkaan yeroo manasaa saamuu dhaqxu, namichi halkan guutuu qufa'aa waan buluuf, hattichis "dhaga'aa jira" jechuun ofirra deebi'a! Akka sirritti na hubattan abdiin qaba! Fayyaa keenya eeggachuuf tamboo xuuxuurraa of haa eeggannuun dhaamsa kooti. #share
Dubbii warra sadii , akka saditti fixan. ******** 1,dubbii warra Gowwaa, Sossobaan fixan. 2, Dubbii warra Hayyuu, dhugaa itti himaa fixan. 3, Dubbii warra yaraa sodaachisuun fixan... ● WAA SADI SITTI HIN FAKKAATIN.. ~Dubbachuun bekumsa, ~Obsuun wallaalummaa, ~Nama kabajuun sodaa .......Sitti hin fakkaatin. ● WAA SADII HIN SEE'IN ~Nama beektu hunda fira kee, ~Nama si lolu hunda diina kee, ~Nama badii irra si dhorku hunda hammaataa....Hin see'in. ● WAA SADII HIN HAWWIN................. ~Bokokni quufaa miti, ~Abaarsi eebbaa miti ~Summiin qorichaa miti.. hin hawwin. ● WAA SADII JETTEE HIN TILMAAMIN. ~Nama kolfu hunda gammadaa, ~Nama dureessa hunda arjaa, ~Nama dhabaa hunda doqna.. jettee hin~ tilmaamin. ● MANGUDDOON WAA SADII JAALATU ~Oduu:-haasawa gaggaarii ~Aduu:-caama ganamaa ~Adii:-dubbii dhugaa...... jaallatu. ● WAA SADII HUBATTU MALEE HIN SEENIN ~Dubbii keessa hin beekne, ~Bishaan gad-fageenya isaa hin beekne, ~Imala daandii isaa hin beekne Hubattu malee hin seenin. waan dubbiftanif galatooma💞💞 Ergaan koo yoo si tole 👉Share 👍Like 👍 Follow
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
https://t.me/beeka24?livestream=65cda754ee525d5a48
Live stream started
Dubbi xiqqoo takka ta faayidaa qabdun isiniif dhama mee. Ilmi nama kun haa xiqqaatu ,guddatu 'miskina haa tahu tujjaara haa tahu ,beekaas ,wallaalaas haa tahu ñuma kabajii fuula bareeda gaggeeysi maaliif jennaan namuutu rabbiin kenna isaaf kenne qaba. Dhugaa garagarummaan ni jirti takka ol si fuudha takka, gad si deebisuu mala.waan gosa abaluu taheef ,ganda abaluu taheef , fira warra abalu jette nama hin jaalàtiin , hin jibbiin.
Namoon national id keessan bifaa pdf tin siin bu'uu didee inbox me
Nagaa keessaan jirtuu
Nagaa kessaan
"The poor wait for the ‘right time’ to invest. The rich create the right time by learning and acting." - Robert T Kiyosaki ( Rich Dad Poor Dad ) #RichMindsetPoorMindset #CreateYourOpportunity #InvestInYourselfFirst ➡️Waa'ee kaleessaa yaaduu dhiisi! Amma murteessi! Murtoon tokko jireenya kee bara baraan jijjiiruu dandaʼa! Saatii kana irraa eegaluun waanan danda'u hunda nan raawwadha(godha) jedhii murteessi! ➡️Nama kutannoo hin qabne namni barbaadu hin jiru! Kutannoo hin qabdu taanaan ofiifis warra jaallattuufis humaa gochuu hin dandeessu. Namni duubatti deebi'u ni qisaasama! Wantoonni ati barbaaddu hundi sodaa kee duuba ta'uu isaa beekuun murannoo qabaachuu qabda! ➡️Duubatti deebitee homaa jijjiiruu hin dandeessu; Amma yoo jalqabde garuu xumura kee miidhagsuu dandeessa; Nama fooyya'aa ta'uu qabda! Ammuma murteeffadhu Waanuma murteeffatte keessa jiraatta waan ta'eef!
JECHOOTA HAYYOOTAA! 1.👉 Waan tola jedhamee namaaf laatamu fudhachuun dura waan duuba jiru ilaaluun gaariidha. 2.👉 Kaayyoo kee galmaan gahuuf wanni si daangessu hin jiru, yoo ati of daangessuuf murteessite malee. 3. 👉Yeroo diinni kee dammaqu hin lolin, si injifachuu waan danda'uuf! 4. 👉Dhugaa kee gaafa barbaaduu jalqabdu namoota naannoo keetii si soban barta. 5. 👉Galma itti cichitee milkeessitu tokko qabaadhu. 6. 👉Rakkoo addunyaa furuuf dhalatanii, rakkoo ofii waliin du'uun fafa. 7.👉 Nama si sobu wajjjin gammaddee kolfuu irra, nama dhugaa sitti himu wajjiin gadditee boohuu sii wayya. 8.👉 Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti! 9.👉 Kan nama qaanessu ba'aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane, sammuu hin yaanne baachuudha! 10. 👉Addunyaa tana irratti harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus, namni akka harreetti yaadu hin dhabamu! 11. 👉Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane, wanta dukkana keessa jiruudha! 12.👉 Abbaa qabeenyaa guddaa ta'uuf dirqama qabeenya guddaa irraa hojii eegaluu hin qabdu. 13. 👉Hir'ina Namaa haasa'uun dura ati hir'na irraa qulqulluu ta'uu kee of gaafadhu. 14.👉 Nama rakkoo isaaf furmaata si gaafate itti hin boonin, Atis boru waan si mudatu hin beektuu! 15. 👉 Namni jiraachuu kee jibbu, milkaa'ina kee akka waraana addunyaa sadaffaatti sodaata. 16.👉 Namoota akka Alaabaatti ganama si fannisanii, Galgala gadi si buusaniif bakka hin kennin. 17.👉 Namoonni galma isaanii beekan tasa harka hin Keennan. 18. 👉Rakkoo faarsuun amala nama kutannoo hin qabneeti. 19. 👉Kutannoo qabannaan bakka hawwite ooltee bultee ni geessa. 20.👉 "Amma rakkinni si rakkisuutti ati hin rakkatin" [Jecha Ameerikaanotaa] 21.👉 "Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha" [Jecha warra Arabaa] 22.👉 "Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha" [Jecha warra Chaayinaa] 23.👉 "Nama Jaallataniif maallaqa hin liqeessan" [Poolandoota]
видео или голосовое, без подписи
Lubbuun kee waanuma fedhe irraa haa tolfamtuu, kan kee fi kan koos tokkuma. —Emily Brontë ━━━━━━━━━━━