tgindex
Muslim women(dubartii muslimaa)โค๏ธ๐Ÿ‘Œ

Muslim women(dubartii muslimaa)โค๏ธ๐Ÿ‘Œ

ะกั‚ะฐั‚ะธัั‚ะธะบะฐ

Channel kan seena irraa fayyadama yaadoota amantii fi dhugaa qabatama qofa irraa walhubachiifna inshaa'allaah ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡yoo nu qunnamu barbaaddan ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

ะŸะพัะปะตะดะฝะธะน ะฟะพัั‚
14 ะฐะฒะณ.
ะŸะพัะปะตะดะฝะตะต ั‡ั‚ะตะฝะธะต
15 ะฐะฒะณ.
ะŸะพัั‚ะพะฒ ะทะฐ ะฝะตะดะตะปัŽ
5
ะ’ัะตะณะพ ะฟะพัั‚ะพะฒ
38
ะขะธะฟ
ะพั‚ะบั€ั‹ั‚ั‹ะน
ะฏะทั‹ะบ
om
ะšะฐั‚ะตะณะพั€ะธั
ะะพะฒะพัั‚ะธ ะธ ะกะœะ˜ (ะฟะพ ะฟะพั…ะพะถะธะผ)
ะ’ ะบะฐั‚ะฐะปะพะณะต ั
13 ะฐะฒะณ.
ะŸะพะดะฟะธัั‡ะธะบะธ
8ย 904
โˆ’33 ะทะฐ 5 ะดะฝ.
ะกัƒั‚ะบะธ
โˆ’5
โˆ’0,06%
ะะตะดะตะปั
โ€”
ย 
ะœะตััั†
โ€”
ย 
ะŸั€ะพัะผะพั‚ั€ะพะฒ ะฝะฐ ะฟะพัั‚
309
37 ะฟะพัั‚ะพะฒ
ะ’ะพะฒะปะตั‡ั‘ะฝะฝะพัั‚ัŒ
3,5%
ะบ ะฟะพะดะฟะธัั‡ะธะบะฐะผ
ะŸะพัั‚ะพะฒ ะฒ ะดะตะฝัŒ
0,7
ะฒัะตะณะพ 38
ะฃะฟะพะผะธะฝะฐะฝะธะน
1
ะบะฐะฝะฐะปะพะฒ
ะžั…ะฒะฐั‚ ั€ะฐะทะผะตั‰ะตะฝะธั
ะพั†ะตะฝะบะฐ
1/24ััƒั‚ะบะธ ะฒ ะปะตะฝั‚ะต
191
1/48ะดะฒะพะต ััƒั‚ะพะบ
218
1/72ั‚ั€ะพะต ััƒั‚ะพะบ
236

ะžั†ะตะฝะบะฐ ะฟะพ ะฟั€ะพัะผะพั‚ั€ะฐะผ ะฝะตะดะฐะฒะฝะธั… ะฟะพัั‚ะพะฒ: ะฟะพัั‚ ะฝะฐะฑะธั€ะฐะตั‚ ะฟะพั‡ั‚ะธ ะฒัั‘ ะทะฐ ะฟะตั€ะฒั‹ะต ััƒั‚ะบะธ.

ะŸะพัั‚ั‹

  • Ofiin Dorgomi ๐Ÿ‘‰Namni ati waliin dorgomuu qabdu si'ii kaleessaati. jireenya keessatti namoota biroo waliin of dorgomsiisuun baayyee faayidaa hin qabu, xiyyeeffannoon kee inni guddaan guddina dhuunfaa kee irratti ta'uu qaba. ๐Ÿ‘‰โ€‹Namoota biroo waliin of madaaluun abdii kutannoo fi faallaa guddina dhuunfaa sitti uumuu danda'a. Namoonni baayyeen nama ilaaluun of tuffatanii, abdii kutatanii jiruu isaanii balleessu. sababni isaas tokkoon tokkoo namaa seenaa, ka'umsaa fi mul'ata adda addaa qaba waan ta'eefi. ๐Ÿ‘‰Garuu, yeroo ofii kee isa kaleessaa waliin of dorgomsiistu, tarkaanfii dhuunfaa keetiifi fooyya'iinsa galmeessite ilaaltee sirriitti madaaluu dandeetta. Eessaa kaatee eessa geette?, Beekumsa, amalaa fi dandeettii kee isa kaleessaa waliin yoo walbira qabde, guddina kee isa dhugaa argita. ๐Ÿ‘‰Tarkaanfii takka fuulduratti deemi. Dogongora darbe irraa baradhu, milkaa'ina xiqqaas ta'e guddaa galmeessituun fuulduratti tarkaanfadhu, kaleessaa caalaa fooyya'uuf yoo tattaafatte, injifannoo itti fufiinsa qabu galmeessitaa jabaadhu.

  • Rabbiin yoo sijaalate ๐Ÿ‘‰ Rabbiin yoo hojii kee sirraa jaalate badii fi haraama irraa si fageessa. Garuu yoo dhugaan si jaalate immoo, badii fi haraama san sirraa fageessa. Haraamni ufiinuu si baqata. Kuni kan agarsiisu namni Rabbiin isa jaalate eegumsa addaa Rabbiin irraa argata. Akkasumas dogoggora keessatti akka hin kufneef wanti badii ta'e hundi isa irraa fageeffama. #Rabbiin si jaalannaan hojii keeyrii hojjatta, arraba keetu zikrii Rabbiitiif laafa, ija keetu haraamarraa qabama, gurra keetu keeyrii caqasa, onnee teetu iimaanaan guutama, Sammuu keetu beekumsa haqaatiin guutama, balbala keeyrii hundatu siif banama, hamtuu hunda sirraa fageessa, sheyxaanni sirraa baqata, Jiruun tee tasgabbii argatti. "Yaa Rabbi! Gabroota kee kanneen jaalatte keessatti nu galmeessi" #Ee Rabbiin yoo si jaalate, eegumsa isaatiin karaa qajeelaa irra si kaaha, jireenya kee keessatti haraamaa fi badii irraa si eega. Haraamni sitti ulfaata, maqaa qofa dhageetta. Yaa Rabbi nu jaaladhu.

  • Rafuuf osoo deemtuu...Moobayil tee if harkaa qabda, addunyan hundi Moobayil tee san keessaan fuula kee duratti banamteeti jirti. Waan haraami fi badii taโ€™e tokko laaluuf qophaaโ€™u jirta...hanganumatti Rabbiin kee akka hin jaalanne yaadatte , isarraa qaanfattee suuta jattee Moobayil tee firraa cufte: "Yaa Rabbii! Dhugumatti waan kana dhiisuun kiyya siif jacha jaโ€™eeti" jetta. Na dhageeysaa ? Tarkaanfiin ati osoo namni tokkolleen si hin argin fudhatte tun, Rabbii biratti sadarkaa guddoo ati takkaa yaadaan niin gaha jattee tilmaamuu hin dandeenye irra si geeysu dandeessi! Sababa isaaf jacha waan lubbuun tee jaalattu dhiifteef jacha ; Rabbiin rakkoo sitti jirtu sirraa fura , hiree tee siif tolcha ,bakka ati hin yaannee si razaqa hundaa ol qalbii tee keessa gammachuu siif kaayee si jaalata.

  • ะฑะตะท ะฟะพะดะฟะธัะธ

  • โ€œNamni Rabbi sodaate, namoota sodaachuu irraa ni boqota.โ€ โ€œAkhlaaqni gaariin hojii gaggaarii keessaa isa guddaadha.โ€ โ€œQalbiin yoo qulqullooftu, jireenyi namaa ni miidhaga.โ€ โ€œAraarri nama dadhabaa miti; humna qalbii agarsiisa.โ€ โ€œYeroo kee hojii gaariitti fayyadami; yeroo bade deebisuu hin dandeessu.โ€ โ€œNama irratti jechuun dura, of ilaali.โ€ โ€œDuโ€™aan dura tawbadhu; yeroo boruu mootummaa kee miti.โ€ โ€œArrabni kee yeroo eeggattu, kabajni kee ni dabala.โ€ โ€œQabeenyi guddaan qalbii gammachuu qabdudha.โ€ โ€œIlmi namaa hojii isaa irraa mootummaa argata; maqaan qofa nama hin fayyadu.โ€ Jechoonni kunneen keessaa baayโ€™een isaanii hiika gorsa isaanii irraa kan walitti qabamanidha; yeroo tokko tokko jecha isaanii sirriitti akka dubbatanitti osoo hin taane, akka jechuun isaanii irraa hubatamutti ni dhiyaatu.

  • Haala asiin gadii irratti tiiyfachuun jireenya milkii guyyaa hundaati, gammachuu yeroo hundaati fi jireenya balโ€™aa guutuu duniyaa fi Aakhiraati: 1. Salaataa Fardii yeroo irratti eeggachuu.. 2. Haadha fi Abbatti tola oolu fi rahima maxxanfachuu. 3. Sunnaawwan Rawaatiba fi Salaata Witrii irratti tiiyfachuu. 4. Ibaadaa dabalataa (Nawaafila)โ€”salaata, soomaa fi sadaqaaโ€” irraa sinqeeyfachuu. 5. Wirdii Quraanaa irratti tiiyfachuu. 6. Arjummaa, tola ooltummaa fi jecha gaarii baay'isuu. 7. Zikrii heddummeeysuu: (Subhaanallaah, Laailaaha illallaah, Allaahu Akbar...) 8. Qajeeloo fi fayyaa kadhachuu baay'isuu. 9. Istighfaara baay'isuu: (Astaghfirullaah wa atuubu ilayhi). 10. Haqaa namootaa firraa kafaluu, nama haqa sirraa qabu ykn ati miite dhiifama gaafachuu , dhugaa dubbachuu fi du'aaf qophaa'uu. Namni haalli isaa akka asiin olii kana tahe.. "Rabbii saatiin wal qunnamuu jaalate, Rabbiinis isa qunnamuu ni jaalata."

  • Hundi keessanuu ilmaan abbaa tokkooti! Maalif wal jibbitan akkanatti? Yeroo darbuuf jecha walitti hin hammaatinaa, wal hin sossobinaa, wal hin gowwoomsinaa, wal hin madeessinaa, walitti hin hammaatinaa, wal hin miidhinaa! waliif hubadhaa, wal-irratti laaffisaa laalaa, waliif irra dabraa.

  • Nama Ilaaltee Badii hin Hojjatin ุฑุณุงู„ุฉ ุงู„ูŠูˆู… ๐Ÿ‘‰Ilmi namaa kuni ajaa'iba qaba. Osomaa argu of soba. Adeemsi isaa garagara, raawwiin isaas wal hin fakkaatu. hojii gaarii qofa hin hojjatu. Hojii badaas ni hojjata. Irra baayyee garuu namni hojii badaa hojjatu sababa "Ana qofaa miti namni hundi akkas hojjataa jira" jedhuuni. ๐Ÿ‘‰Badiin tokko waan namni baayyeen hojjateef gaarii ta'uu hin danda'u. sammuu qulqulluu birattis fudhatama hin argatu. Namni dhugaa jaalatu karaa sirrii irratti kophaa isaallee yoo ta'e haqa irra dhaabachuu qaba. ๐Ÿ‘‰โ€‹Baay'ina namaa ilaaltee hin sobamin. Namoonni baayyeen yeroo badii keessatti kufan ana qofaa miti, nama baayyetu hojjataa jira jechuun sammuu isaanii sobu. ๐Ÿ‘‰ Baay'ina namootaa jalatti dhokachuun itti gaafatamummaa jalaa nama baraaruu hin danda'u. Hundi keenna adda addaan gaafatamna. badii kee irraa namni si baraaru hin jiruu of dhaqqabi. ๐Ÿ‘‰hardha jireenya kee keessatti tarkaanfii kee hunda qorachuudhaan, baay'ina namootaa osoo hin ta'in haqa qofa hordofuun boqonnaa sammuu siif kenna. Rabbiin haqarra gadi nuhaa dhaabu.

  • Jireenyi dhugaan waan qabduun osoo hin taane, bu'aa gaarii ati jireenya namoota biroorratti fiddeen madaalama.

  • Zaalima caalaa mazlumni (namni miidhame) gargaarsa cimaa waan qabuuf nama dadhabaa miidhuu irraa of eeggadhu. Zaalimni hanga yeroo murtaa'e humna ofiitti fayyadame nama miidhuu fi cunqursuu danda'a. Garuu yeroo muraasan booda humna kana ni dhaba. Gargaarsa homaatu hin argatu. Qur'aana keessatti, "Zaalimootaaf gargaartonni homaatu hin jiran." (Suuratu Al-Maa'idah 5:72) Namni miidhame ykn cunqurfame immoo yeroo muraasaaf ni miidhama, humna ni dhaba. Garuu san booda Rabbiin isa gargaaruun takkaa nama isa miidhe qabaa hamaa qaba takkaa immoo injifannoo fi humna cimaa kennaaf. Seenaa fi naannoo keenya irraa kana hubachuu ni dandeenya. Nama meeqatu namoota cunqursee dhumarratti nama dadhabaa fi salphataa ta'e. Faallaa kanaa, namoota meeqatu miidhamee fi cunqurfame ergasii kabajaa fi injifannoo argatan. Gabaabumatti, nama dadhabaa "gargaarsa fi humna hin qabu" jenne miidhuu fi tufachuu irraa of eegu qabna. Zaalima caalaa nama miidhame sodaachu barbaachisa. Sababni isaas, zaalimni yeroo murtaa'en booda humnaa fi gargaarsa dhaba. Namni dadhabaa fi miidhame immoo gargaarsa Rabbii qaba. Du'aayin nama zollomame (miidhame) akka qeebalamtu hadiisa keessatti ni arganna. Osoo ati nama dadhabaa "humna hin qabu" jettee miidhaa irraan geessitee ergasii inni du'aayi sitti godhee, haalli akkam ta'inna laataa?

  • "Guyyaa Mu'mintoonni Fuula Rabbii Isaanii Argan..! Osooma warri jannata seene soora jannataa keessatti qananiโ€™aa jiranii, dingata lallabba malaaikichi tokko isaaniif lallabu dhagahan; tan akkana jettu: "Yaa warra mu'mintootaa kan jannata keessa jirtan..." Morma isaanii ol fuudhanii laalanii dhaggeeffatan; qananii keessa jiran irraa jijjiiramuu waan hin feeneef "Ajajni maali?" ja'an.! Malaaikichi akkana jaโ€™ee isaan gammachiisa: "Yaa warra jannataa, Rabbiin keessan isin ziyaaruu fedha; ka'aatii Isa ziyaaruuf deemaa!" ja'an. Isaanis: "Dhageenye, ajaja goone!" ja'an. Akka sadarkaa isaaniitti wanti isaan yaabbatan isaaniif dhufti; duyda isii irratti yaabbatanii gama Rabbi isaaniitti deeman. Inni irra gadiitilleen "Namaatu na caala" jaโ€™e kan hin yaanne Isaan hundi akka sadarkaa isaaniitti ta'an.. Warra jannata keessatti kan gad aanu hin jiru! Ammas sagalee takka dhagahan; kunoo sagaleen san sagalee Rabbiiti! (Ta guddina isaati fi ol tahiinsa isaatiin malte) , Rabbiin Isaanii isaan irratti salaamtaa qara'a, akkana jaโ€™a: "Assalamu alaykum yaa ahlal jannah." Isaanis akkana jaโ€™anii deebisan: "Allahumma Antas-Salam wa minkas-Salam, tabarakta yaa Zรกl-Jalaali wal-Ikram." Rabbiinis: "Yaa warra jannataa, waan dabalattan ni barbaaddanii? Waanuma feetan Na gaafadhaa, isiniifin kennaa!" Jaโ€™a. Isaanis: "Yaa Rabbi keenya, fuula keenya nuuf hin ibsineee? Ibidda irraa nagaa nu hin baafnee? Jannata nu hin seensifnee?" ja'aniin. Ammas Rabbiin itti deebi'ee isaan gaafata; boodarra isaan: "Rabbiin waan nuti feenu hanga Isa kadhannutti nu hin dhiisu" jachutu isaaniif galutti. Isaanis: "Yaa Rabbi keenya, akka Ati nurraa jaallattu barbaadna" ja'aniin. Rabbiinis: "Yaa gabroottan Kiyya, osoo isinirraa jaallachuu baadhee jannata Kiyya isin hin naqu; waanuma feetan Na gaafadhaa isiniifin kennaa!" Jaโ€™aan. Isaanis: "Yaa Rabbi, fuula Keeti laaluu feena, nu agarsiisi!" ja'aniin. Arra yeroon Rabbiin hijaaba Isaa fi isaan jidduu jiru saaqu sun geesseeti jirti. Hijaaba Isaa firraa saaqnaan, mu'mintoonni fuula Rabbi isaanii isa guddaa san ni laalu; kan tokkoon isaanii walitti hin rakkifne (wal hin dhiibne)! Gammachuun guyyaa san gammadan guddoo waan taateef, fuulli isaanii osoo Rabbi ilaaltu ifteeti hafti. Qananiin guddon warra jannataatiif kennamu fuula Rabbi arguu dha. ๏ดฟ ูˆูุฌููˆู‡ูŒ ูŠูŽูˆู’ู…ูŽุฆูุฐู ู†ู‘ูŽุงุถูุฑูŽุฉูŒ ุŒ ุฅูู„ูŽู‰ูฐ ุฑูŽุจู‘ูู‡ูŽุง ู†ูŽุงุธูุฑูŽุฉูŒ ๏ดพ "Fuulli gariin guyyaa san ni ifti, gama Rabbi isaaniiti ilaalti." Yaa Allaah, Yaa bareedina yeroo tanaa!! Yaa Rabbi guyyaa kana nu waaffaqi, warra as keessaa dhabamu nu hin godhin.

  • ะฑะตะท ะฟะพะดะฟะธัะธ

  • #ุฃูŠู†_ุฃู†ุช_ู…ู†_ุงู„ู‚ุฑุขู†ุŸ! ุฏููŠู†ููƒูŽ ูููŠ ุญูŽูŠูŽุงุชููƒูŽ ุฏููŠู†ููƒูŽ ูููŠ ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ู ูก. ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ู ูƒูŽู„ูŽุงู…ู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ู ุงู„ู’ูƒูŽุฑููŠู…ู ู‡ููˆูŽ ูƒูŽู„ูŽุงู…ู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุชูŽุนูŽุงู„ูŽู‰ุŒ ุฃูŽู†ู’ุฒูŽู„ูŽู‡ู ุนูŽู„ูŽู‰ ู†ูŽุจููŠู‘ูู‡ู ู…ูุญูŽู…ู‘ูŽุฏู ๏ทบ ู‡ูุฏู‹ู‰ ูˆูŽุฑูŽุญู’ู…ูŽุฉู‹ ูˆูŽู†ููˆุฑู‹ุง ู„ูู„ู’ุนูŽุงู„ูŽู…ููŠู†ูŽ. ู‚ุงู„ ุงู„ู„ู‡ ุชุนุงู„ู‰: ๏ดฟุฐูŽูฐู„ููƒูŽ ุงู„ู’ูƒูุชูŽุงุจู ู„ูŽุง ุฑูŽูŠู’ุจูŽ ูููŠู‡ู ู‡ูุฏู‹ู‰ ู„ูู„ู’ู…ูุชู‘ูŽู‚ููŠู†ูŽ๏ดพ [ุงู„ุจู‚ุฑุฉ: ูข]. ูข. ููŽุถู’ู„ู ุชูู„ูŽุงูˆูŽุฉู ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ู ู‚ูŽุงู„ูŽ ุฑูŽุณููˆู„ู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ๏ทบ: ยซู…ูŽู†ู’ ู‚ูŽุฑูŽุฃูŽ ุญูŽุฑู’ูู‹ุง ู…ูู†ู’ ูƒูุชูŽุงุจู ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ููŽู„ูŽู‡ู ุจูู‡ู ุญูŽุณูŽู†ูŽุฉูŒุŒ ูˆูŽุงู„ู’ุญูŽุณูŽู†ูŽุฉู ุจูุนูŽุดู’ุฑู ุฃูŽู…ู’ุซูŽุงู„ูู‡ูŽุงยป. ุฑูˆุงู‡ ุงู„ุชุฑู…ุฐูŠ ูˆุตุญุญู‡ ุงู„ุฃู„ุจุงู†ูŠ. ููŽูƒูู„ู‘ู ุญูŽุฑู’ูู ุชูŽู‚ู’ุฑูŽุคูู‡ู ูŠูŽุฒููŠุฏู ูููŠ ู…ููŠุฒูŽุงู†ู ุญูŽุณูŽู†ูŽุงุชููƒูŽ. ูฃ. ุชูŽุฏูŽุจู‘ูุฑู ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ู ู„ูŽูŠู’ุณูŽ ุงู„ู’ู…ูŽู‚ู’ุตููˆุฏู ู…ูู†ูŽ ุงู„ู’ู‚ูุฑูŽุงุกูŽุฉู ู…ูุฌูŽุฑู‘ูŽุฏูŽ ุชูŽุฑู’ุฏููŠุฏู ุงู„ู’ุฃูŽู„ู’ููŽุงุธูุŒ ุจูŽู„ู ุงู„ู’ู…ูŽู‚ู’ุตููˆุฏู ููŽู‡ู’ู…ู ุงู„ู’ู…ูŽุนูŽุงู†ููŠ ูˆูŽุงู„ู’ุนูŽู…ูŽู„ู ุจูู‡ูŽุง. ู‚ุงู„ ุงู„ู„ู‡ ุชุนุงู„ู‰: ๏ดฟุฃูŽููŽู„ูŽุง ูŠูŽุชูŽุฏูŽุจู‘ูŽุฑููˆู†ูŽ ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ูŽ๏ดพ [ุงู„ู†ุณุงุก: ูจูข]. ูค. ุงู„ู’ุนูŽู…ูŽู„ู ุจูุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ู ุงู„ู’ู…ูุคู’ู…ูู†ู ุงู„ู’ุญูŽู‚ู‘ู ู‡ููˆูŽ ุงู„ู‘ูŽุฐููŠ ูŠูŽู‚ู’ุฑูŽุฃู ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ูŽุŒ ูˆูŽูŠูุทูŽุจู‘ูู‚ู ุฃูŽูˆูŽุงู…ูุฑูŽู‡ูุŒ ูˆูŽูŠูŽุฌู’ุชูŽู†ูุจู ู†ูŽูˆูŽุงู‡ููŠูŽู‡ูุŒ ูˆูŽูŠูŽุชูŽุฎูŽู„ู‘ูŽู‚ู ุจูุฃูŽุฎู’ู„ูŽุงู‚ูู‡ู. ู‚ูŽุงู„ูŽุชู’ ุนูŽุงุฆูุดูŽุฉู ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ุง ุนูŽู†ู’ ุฎูู„ูู‚ู ุงู„ู†ู‘ูŽุจููŠู‘ู ๏ทบ: ยซูƒูŽุงู†ูŽ ุฎูู„ูู‚ูู‡ู ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ูŽยป. ุฑูˆุงู‡ ู…ุณู„ู…. ูฅ. ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ู ุดูŽููŽุงุกูŒ ูˆูŽุฑูŽุญู’ู…ูŽุฉูŒ ู‚ูŽุงู„ูŽ ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ู ุชูŽุนูŽุงู„ูŽู‰: ๏ดฟูˆูŽู†ูู†ูŽุฒู‘ูู„ู ู…ูู†ูŽ ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ู ู…ูŽุง ู‡ููˆูŽ ุดูููŽุงุกูŒ ูˆูŽุฑูŽุญู’ู…ูŽุฉูŒ ู„ูู„ู’ู…ูุคู’ู…ูู†ููŠู†ูŽ๏ดพ [ุงู„ุฅุณุฑุงุก: ูจูข]. ูููŠู‡ู ุดูููŽุงุกูŒ ู„ูู„ู’ู‚ูู„ููˆุจู ู…ูู†ูŽ ุงู„ุดู‘ูุจูู‡ูŽุงุชู ูˆูŽุงู„ุดู‘ูŽู‡ูŽูˆูŽุงุชูุŒ ูˆูŽูููŠู‡ู ุทูู…ูŽุฃู’ู†ููŠู†ูŽุฉูŒ ู„ูู„ู†ู‘ููููˆุณู. ูฆ. ูˆูŽุตููŠู‘ูŽุฉูŒ ุงุฌู’ุนูŽู„ู’ ู„ูู†ูŽูู’ุณููƒูŽ ูˆูุฑู’ุฏู‹ุง ูŠูŽูˆู’ู…ููŠู‘ู‹ุง ู…ูู†ูŽ ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ูุŒ ูˆูŽู„ูŽูˆู’ ู‚ูŽู„ููŠู„ู‹ุงุŒ ูˆูŽุงุญู’ุฑูุตู’ ุนูŽู„ูŽู‰ ุชูŽุฏูŽุจู‘ูุฑูู‡ู ูˆูŽุงู„ู’ุนูŽู…ูŽู„ู ุจูู‡ูุ› ููŽุฅูู†ู‘ูŽู‡ู ูŠูŽูƒููˆู†ู ู„ูŽูƒูŽ ู†ููˆุฑู‹ุง ูููŠ ุงู„ุฏู‘ูู†ู’ูŠูŽุงุŒ ูˆูŽุดูŽูููŠุนู‹ุง ูŠูŽูˆู’ู…ูŽ ุงู„ู’ู‚ููŠูŽุงู…ูŽุฉู. ู‚ุงู„ ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ ๏ทบ: ยซุงู‚ู’ุฑูŽุคููˆุง ุงู„ู’ู‚ูุฑู’ุขู†ูŽุŒ ููŽุฅูู†ู‘ูŽู‡ู ูŠูŽุฃู’ุชููŠ ูŠูŽูˆู’ู…ูŽ ุงู„ู’ู‚ููŠูŽุงู…ูŽุฉู ุดูŽูููŠุนู‹ุง ู„ูุฃูŽุตู’ุญูŽุงุจูู‡ูยป. ุฑูˆุงู‡ ู…ุณู„ู….

  • ะฑะตะท ะฟะพะดะฟะธัะธ

  • ู„ุง ูŠููˆุชู†ู‘ูŽูƒ ุบู†ุงุฆู… ุงู„ุฌูู…ุนุฉ! ู‚ุงู„ ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู…: "ุฅู† ู…ู† ุฃูุถู„ ุฃูŠุงู…ูƒู… ูŠูˆู… ุงู„ุฌู…ุนุฉุŒ ูุฃูƒุซุฑูˆุง ุนู„ูŠ ู…ู† ุงู„ุตู„ุงุฉ ููŠู‡ุŒ ูุฅู† ุตู„ุงุชูƒู… ู…ุนุฑูˆุถุฉ ุนู„ูŠ". ู‚ุงู„ ุณูŠุฏู†ุง ุนุจุฏ ๏ทฒ ุจู† ู…ุณุนูˆุฏ: "ู„ุง ุชุฏุน ุฅุฐุง ูƒุงู† ูŠูˆู… ุงู„ุฌู…ุนุฉ ุฃู† ุชุตู„ูŠ ุนู„ู‰ ุงู„ู†ุจูŠ ุฃู„ู ู…ุฑุฉ". ูˆู‚ุงู„ ู†ุจูŠู†ุง ุตู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู„ูŠู‡ ูˆุณู„ู…: "ู…ู† ู‚ุฑุฃ ุณูˆุฑุฉ ุงู„ูƒู‡ู ูŠูˆู… ุงู„ุฌู…ุนุฉ ุฃุถุงุก ู„ู‡ ู…ู† ุงู„ู†ูˆุฑ ู…ุง ุจูŠู† ุงู„ุฌู…ุนุชูŠู†". ูˆุนู† ุฃุจูŠ ู‡ุฑูŠุฑุฉ ุฑุถูŠ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ ุฃู† ุฑุณูˆู„ ุงู„ู„ู‡ ๏ทบ ุฐูƒุฑ ูŠูˆู… ุงู„ุฌู…ุนุฉ ูู‚ุงู„: "ุฅู† ููŠ ุงู„ุฌู…ุนุฉ ู„ุณุงุนุฉุŒ ู„ุง ูŠูˆุงูู‚ู‡ุง ู…ุณู„ู… ูŠุณุฃู„ ุงู„ู„ู‡ ููŠู‡ุง ุฎูŠุฑู‹ุง ุฅู„ุง ุฃุนุทุงู‡ ุฅูŠุงู‡". ูˆุนู† ุณู„ูŠู…ุงู† ุงู„ุชูŠู…ูŠ ู‚ุงู„: "ูƒุงู† ุทุงูˆูˆุณ ุฅุฐุง ุตู„ู‘ู‰ ุงู„ุนุตุฑ ูŠูˆู… ุงู„ุฌู…ุนุฉ ุงุณุชู‚ุจู„ ุงู„ู‚ุจู„ุฉ -ูŠุฏุนูˆ ูˆูŠู†ุงุฌูŠ ุฑุจู‡- ูˆู„ู… ูŠูƒู„ู‘ู… ุฃุญุฏู‹ุง ุญุชู‰ ุชุบุฑุจ ุงู„ุดู…ุณ". ูˆู„ุง ุชู†ุณูˆุง ุงู„ุฏุนุงุก ู„ุฅุฎูˆุงู†ู†ุง ุงู„ู…ุณุชุถุนููŠู† ููŠ ูƒู„ ู…ูƒุงู†.

  • https://www.facebook.com/share/18wiUiTXBZ/

  • Waa Barachuu Hin Dhiisin! Guyyaa Hunda Waa Dubbisi Osoo Fuula Takkalle Taate,Diin Kee Baradhu, Sammuu Tee Jijjiiri, Waa Dubbisuun Tahuu Yookan Muuxannoo Adda Addaatiin Akkata Jireenya Hubachuuf Tattaafadhu, Namni Waa Barachu Lakkise Deemsi Isaa Fuulduratti Osoon Taane Uf Duubatti Taha.

  • Kan barbaachisu, akka namootni yaadan ta'anii argamuu fi waan jarri jaal'atan qofa dubbachuu fi hojjechuu osoo hin taane, ogummaa isaan ittiin nama jaal'atan horachuudha! Sunimmoo Rabbiif jiraachuudhaan argama. Waa lama walitti qabuun, akka nama farda lama yaabbateeti! Nama farda lama yaabbate, lukasaatu tarsa'a. Sababni isaas faradoon lammanuu karaa lama qabdi kunis karaaseerra fuutee gulufti sunis karaaseerra ittiin saggaarti kana gidduutti lukti namichaa dhooha. Bakka kanatti kan dogongore, fardoota osoo hin taane namicha! Kanaafuu jaalala namaa barbaadaa jaalala Rabbii barbaaduun waan garaagaraati. Gonkumaa waan namni namaan jedhu ofirra eeguun sirrii miti! Sammuu ofii caalaa kan nama hordofuuf, taajjabu hin jiru. Yoomuu nama biraa of irratti eeguun hin ta'u ofumaaf of qorachuudha malee. ofii sirrii taanaanimmoo, namaaf sirrii ta'uun dirqama miti! Sababni isaas, jarris nama waan ta'aniif, waan sirrii qofa hin arganu! Namoota hunda gammachiisuun waan hin danda'amneedha. Saanduqa yaadaa ta'uun hin ta'u! Kan waan namni keessa buuse cal'isee fuudhu!.

  • Kaayyoon keenya waan hunda irratti walii galuu osoo hin taane, waan walii nu galchu irratti wal-dhabuu dhabuudha!

  • Waa tokko dhiisi ุฑุณุงู„ุฉ ุงู„ูŠูˆู… #Jireenyi kee akka jijjiiramuuf, jalqaba waan guyyaa guyyaan gootu keessaa waa tokko jijjiiruu qabda,. Jijjiiramni guddaan tasa hin dhufu, bu'aa amalaa fi aadaa guyyaa guyyaan ati aadeffatterratti hundaa'a. Hanga waan amma hojjataa jirtu tokko jijjiiruu dhiiftutti, bu'aan haaraa fi jireenyi fooyya'aan dhufu hin jiru. ๐Ÿ‘‰โ€‹Tarkaanfiin xiqqaan guyyaa guyyaan ati fudhattu yoo walitti dabalame jijjiirama guddaa fida. milkaa'inni dhugaa kan jalqabu yoo ati waan guyyaa guyyaan aadeffatte jijjiiruu irratti itti gaafatamummaa fudhatte qofaa beeki. โ€‹๐Ÿ‘‰Boruun kee akka jijjiiramuuf hardha murtii haaraa fudhachuun amala kee irratti hojjachuu qabda. Jireenya fooyya'aa fi milkaa'ina dhugaa bira gahuuf tarkaanfiin inni jalqabaa hojii kee kan hardhaa haala haaraa fi gahumsa, akkasumas ogummaa qabuun hojjachuu keeti. #Wanta guyyaa guyyaan gootu jijjiiruun gara milkaa'ina haaraatti si geessaa ofitti hin caldhisin.