Dr Nafyad -Yadon Clinic
СтатистикаThis is Official account of Dr Nafyad Getu - Yadon Clinic Beellama qabachuuf 0909102009 irratti bilbilaa
- Последний пост
- 15 нояб.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Vaayirasiin kun nama Dhibee kanaan qabamee mallattoo agarsiisu waliin tuttuqii qaamaa fi dhangala’oo qaamaa kanneen akka Dhiiga, gorora, fincaan, sanyii dhiiraa (ispermii) , furrii, imimmaan, dafqa, , balaqqama fi kanneen biroo isaan keessa bahuuf saaxilame Dhibee kanaaf saaxilama. Kana qofa osoo hin taane Uffata walii uffachuun, siree tokko irra waliin ciisuu, wal dhungachuu fi wal qunnamtii saalaan daddarba. Vaayirasiin kun of eeggannoo yoo hin goone carraa inni dhukkubsataa irraa gara ogeessota fayyaatti daddarbuu isaa olaanaadha. Namoota Dhibee kanaan lubbuun isaanii darbe awwaaluuf Yeroo kafananis of eeggannoo yoo hin goone gara nama isa kafanu sanatti ni daddarba . Namoonni dhukkuba vaayirasii kanaan qabaman mallattoo armaan gadii agarsiisu Dhaqna gubaa/qaama gubaa -Dadhabbii gar malee -Dhukkubbii maashaa fi buusaa -Mataa dhukkubbii -Teessisaa/garaa kaasaa -Olguurraa/balaqqama Yoo dhibeen kun daraan hammaachaa deeme dabalataan malattoo akka -Dhiiguu qaamaa karaa funyaanii, afaan, irga ilkaanii, gogaa jala, ija, karaa qaamaa saalaa fi qaamota keessaa -Garmalee gadi bu'uu dhiibbaa dhiigaa -Dadhabuu kalee fi tiruu fi qaamota ijoo biroo -Of wallaaluu faa agarsiisa Kanaaf of eeggannoo akkamii gochuu qabna? -Nama Dhibee kanaan qabame ykn mallattoo agarsiise waliin tuttuqqii qaamaa gochuu dhiisuu● -Yoo nama dhibee kanaan qabame yaalan/kunuunsan golgaa harkaa fi meeshaalee addaa dhimma kanaaf hijiirra oolan (personal protective equipment) fayyadamuu. -Nama Dhibee kanaan shakkame hatattamaan gara mana yaalaa geessuu -Harka keenya saamunaaf bishaaniin qulqulleefachuu ykn Sanitizer fayyadamuu Fayyaa hin dhabinaa Dr Naafyaad Geetuu
Of eeggannoo Dhibeen Heemoraajik fiiver Kan naannoo jiinkaatti kahe maali ? Tibbana weerarri Dhibee Heemoraajik fiver naannoo jiinkaatti kahe sababa vaayirasii marburg virus jedhamuun dhufuu isaa qorannoon mirkaneessee jira ! Baattuun vaayirasii kanaa sinbira halkanii (Fruit Bats) iedhamturraa namatti darba . Simbirri halkanii kun akka soorataatti fuduraaleef abaabboo fayyadamti . Dhangala’aan Simbira kana keessaa bahu kan akka Fincaan , gororaa fi dhangala’aan biroo qaama ishii keessa bahu yoo nama tuqe vaayirasiin kun namatti darba . Vaayirasiin kun yoo nama qabu carraan lubbuu namaa dabarsuu isaa baay’ee ol’aanaadha. Hanga %88 gahuu danda’a. Dhukkubni kun nama mallattoo dhukkubichaa muldhisuu jalqabe irraa qofa namarraa namatti darba . Simbirri halkanii baattoo vaayirasii kanaa taate kan isaan jiraatan holqa keessadha. Gaafa namoonni albuuda baasuuf akkasumas waan biraaf gara holqaa seenan, fincaan, udaan, ykn gorora sinbira halkaanii kanaaf saaxilaman vaayirasichi gara namaatti daddarba
Boru ganama sa'aa 5:00 irratti karaa ETV Afaan Oromoo nu eegaa.
Rakkoo ka'uu dhabuu qaama saalaa dhiiraa (Erectile Dysfunction) *** ~>Rakkoowwan wal quunnamtii saalaa dhiiraa keessaa tokko rakkoo ka'uu dhabuu qaama saalaa dhiiraati. Ka'uu dhabuun qaama saalaa dhiiraas tasumaa ka'uu dhabuu, jabaatee ka'uu dhabuufi fedhii wal quunnamtii saalaa dhabuu of keessatti kan qabatudha. Rakkoon kunis, qaama saalaa qofa irratti kan daanda'u miti. Eeyyeen, dhaabachuun/ka'uun qaama saalaa dhiiraa adeemsa walxaxaa sammuu, hormoonota, narvii, ujummoo dhiigaa, maashaaleefi miiraa hirmaachisuu kan barbaadudha. Namoonni rakkoo kanaan hubaman dhiphina sammuuf saaxilamuu, ofitti amanamummaa dhabuu, akkasumas hariiroo jaalalaa keessatti gammachuu dhabuu fi Jaalallee isaanii ulfeeffachuu dadhabuun isaan mudachuu danda’a. Baay’een isaanii rakkoo kanaaf ogeessa fayyaa mariisisuu waan qaana’aniif, filannoowwan furmaataa hin barbaachifne irratti yeroo xiyyeeffatan ni mul’atu. •#Sababoonni ka'uu dhabuu qaama saalaa dhiiraa maal fa'i? ~>Rakkooleen xiinsammuu: - Dhiphina sammuu - Yaaddoo - Rakkoolee hariiroo jaalalaa keessatti uumamu ~>Rakkoolee fayyaa biroo kanneen akka:- - Dhukkuba onnee - Dhukkuba hidda dhiigaa (atherosclerosis) - Dhiibbaa dhiigaa - Dhukkuba sukkaaraa - Furdina garmalee - Tamboo xuuxuu - Hanqina hirribaa - Dhukkuba Parkinsanii -Rakkoolee jeeqamuu hormoonii waliin wal qabatanii fi k.k.f tahuu mala • Rakkoon ka'uu dhabuu qaama saalaa kun, dhiibbaalee akka hiikkaa gaa'ilaa, dhiphina sammuu, ofitti amanamummaa dhabuu, haadha manaa ulfeessuu dhabuufi wal quunnamtii saalaatti gammaduu dhabuu geessisuu danda'a. •#Dhibee kana akkamiin ofirraa dhorkuu ykn yaalamuu dandeenya? - Alkoolii dhuguu dhiisuu yookan hir'isuun - Dhiphina hir'isuu yookan to'achuun -Rakkoowwaan hariiroo maatii huban furuu yookaan hir'isuun - Tamboo aarsuu dhiisuun -Ulfaatina qaamaa gar malee ta'e hir'isuun - Sochii qaamaa yeroodhaa yerootti gochuun -Mana yaalaa deemuun qorannoo yeroodhaa yerootti gochuufi yaalamuun ~Namoonni rakkinaa akkasii qabdanii fi dhimma fayyaa kamiiniyyuu qorannoofi yaalii fayyaa gochuu barbaaddan, teessoon keenya: Finfinnee, Hayat, naannoo Addababayii Daraartuu Lakk. Bil. 0909102009 Kilinika Yaadon Fayyaa hin dhabiinaa!
Ulfa gadameessaan alaa (Ectopic Pregnancy) *** Sanyiin kormaa (Sperm) fi hanqaaquun dhalaa ujummoo gadameessaa keessatti wal argachuun fartilaayizeeshinii gaggeessu. Akka bu'aa fartilaayizeeshiniittis micireetu uumama. Micireen kun keessa gadameessaatti maxxanuun guddachuu isaa itti fufa. Kun adeemsa sirrii jalqaba ulfaati. Kanarraan addatti, jechuun micireen uumame keessoo gadameessaan alatti kan maxxanu yoo ta'e, ulfa gadameessaan alaa jedhama. Ulfi gadameessaan alaa kun, gadameessaan alatti bakkeewwaan garagaraa akka; ujummoo gadameessaa, ovarii, garaa keessaafi fiixee gadameessaatti mul'achuu danda'a. •#Waantonni ulfa gadameessaan alaaf nama saaxilan maal fa'i? :- ~> Miidhamuu yookan godaannisaa'uu ujummoo gadameessaa ~>Infeekshinii gadameessaa fi ujummoo gadameessaa ~>Dhibeewwan wal quunnamtii saalaan daddarban ~>Ulfa gadameessaan alaa kanaan dura mudatee beeku ~>Tamboo aarsuu ~>Ulfa umuriin 35 booda uumamu ~>Yaalii baqaqsanii yaaluu garaa gara gadiifi kkf dha. •#Ulfi gadameessaan alaa mallattoolee akkamii qabaata? - Dhukkubbii garaa gara gadii - Dhaabachuu laguu - Dhiigni qaama saalaan yaa'uufi kkf #Hub: Ulfi gadameessaan alaa yeroo tokko tokko dho'uun rakkoo hamaa haga du'aa geessisuu danda'a. Kanaaf dubartiin tokko mallattoolee armaan olii kana of irratti argite jennaan ariitiin gara mana yaalaa deemtee ilaalamuufi yaala fayyaa argachuun irra jiraata. •Yeroodhaan qoratamuufi yaalamuun dhibee hamaa itti aanurraa nama oolcha. ~Namoonni qaamaan dhuftanii dhimma fayyaa kamiiniyyuu qorannoofi yaalii fayyaa gochuu barbaaddan, teessoon keenya: Finfinnee, Hayat, naannoo Addababayii Daraartuu Lakk. Bil. 0909102009 Kilinika Yaadon Fayyaa hin dhabiinaa!
#Dhiiguufi Durbummaa *** Gaaffiilee yeroo baay'ee keessaan gaafataman irraa haa eegallu:- 1. Durbummaan maali? 2. Yeroo shamarri tokko jalqaba wal quunnamtii saalaa gootu dhiiguun dirqamaa? 3. Yoo dhiigni hin jiraanne durbummaa hin qabdu jechuudhaa? 4. Durbummaan wal quunnamtii saalaa osoo hin raawwatiin baduu danda'aa? •#Durbummaan maali? Karaalee garagaraa waan hiikni itti kennamuuf, hiikni kallattii durbummaaf kaa'ame hin jiru. Karaa ilaalcha wal quunnamtii saalaan yeroo fudhatamu, shamarri tokko durbummaa qabdi kan jedhamu, tasumaa wal quunnamtii saalaa kan gootee kan hin beekne yookaan dhiira faana kan wal hin beeknedha. Karaa ilaalcha hawaasaan immoo, durbummaan akka haamilee, qulqullummaafi dhaabbii hawaasaatti kan fudhatamudha. ~>Karaa fayyaanis (Medical considerations) akka biraan ilaalama. Kanneen olii irraas addadha. Akkanuma durbummaa waan jedhamu hiika anatoomiifi fiziyooloojii mataa isaa danda'e hin qabu, karaa fayyaatiin yeroo ilaalamu. Sababni isaas, waan namoonni baay'een durbummaa jedhanii waaman yookaan beekaniifi meembireeniin qaama saalaa dubartootaa haguugee argamu kan "Hymen" jedhamu gargar waan ta'eefidha. •#Meembireenii ulaa qaama saalaa dubartootaa (Hymen) maali? ~> Hymen'n meembireenii haphiifi dhisamaa haga ta'e yookaan guutuutti ulaa qaama saalaa dubartootaa haguugee kan argamudha. Hammiifi yabbinni isaa namaa namatti, akkanuma yeroodhaa yerootti garagarummaa kan qabaatudha. Sababoota garagaraan tarsa'uu yookaan baduus kan danda'udha. Sababoonni itti tarsa'uu danda'us:- - Yeroo wal quunnamtii saalaa jalqabaa - Hojiilee ulfaatoofi ispoortii garagaraan - 'Vaginal cup' (Kan yeroo marsaa laguu dubartoonni fayyadaman) fayyadamuun -Miidhaa balaan dhaqqabuun -Uumamaanis jiraachuu dhabuu mala. ~>Kanaaf, yeroo hundumaa yoommuu wal quunnamtii saalaa jalqaba godhan dhiiguun dirqama miti. Kanaan dura wal quunnamtii saalaa godhuu baattullee carraan dhiiguu 43% qofa. Perseentii baay'een dhiiguu dhiisuu danda'aa jechuudha. Kanaafuu, dhiiguu waan dhiifteef durbummaa hin qabdu jechuu hin dandeenyu. Akkanuma wal quunnamtii saalaan alattis meembireeniin armaan olii sun tarsa'uu waan maluuf wal quunnamtii saalaa qofatti wal qabsiisuu hin qabnu. Eeyyeen, dhugaan karaa fayyaa jiru kanadha. ~Namoonni qaamaan dhuftanii dhimma fayyaa kamiiniyyuu qorannoofi yaalii fayyaa gochuu barbaaddan, teessoon keenya: Finfinnee, Hayat, naannoo Addababayii Daraartuu Lakk. Bil. 0909102009 Kilinika Yaadon Fayyaa hin dhabiinaa!
#Dhala dhabuu (Maseenummaa) dhiiraa *** ~>Yeroo baay'ee waa'een dhala dhabuu yookaan maseenummaa yoo ka'u, kan karaa dubartootaa dhufutu dursee sammuutti nama dhufa. Dhugaan jiru garuu kanarraa addadha. Eeyyeen, maseenummaan karaa lachanuu dhufuu kan danda'udha. Dhiirris ta'e dhalaan maseenummaaf carraa wal qixaa kan qabanidhas. Kanaaf, akkuma maseenummaa karaa dubartootaa irratti xiyyeeffannee ilaallu, kan karaa dhiiraa dhufus xiyyeeffannoon ilaaluun gaarii ta'a. •#Dhiirri tokko dhala dhabe kan jennu yoo akkam ta'edha? ~>Dhiirri tokko, dubartii umurii wal hormaataa keessa jirtuufi dhala godhachuu dandeessu waliin wal quunnamtii saalaa gahaafi eeggannoo maleessa (Reasonable frequency and Unprotected sexual intercourse) turtii waggaa tokkoof godhee ulfeessuu hin dandeenye yoo ta'e dhala godhachuu dadhabe yookaan dhala dhabe (Maseene) jedhama. •#Sababoonni dhiirri tokko itti dhala dhabuu danda'u maal fa'i? :- 1. Rakkoolee fayyaa kanneen akka:- - Dhisamuu veyinoota qola cidhaanii - Jeeqama hormoonotaa - Infeekshinoota garagaraa (Mumps orchitis, STIs, Prostatitis) -Cufamuu karaalee geejiba sanyii kormaa - Rakkoolee dhangala'uu sanyii kormaan wal qabatan -Dhukkuboota akka narviifi sukkaaraa 2. Dhiibbaalee naannoofi haala jireenyaa: - - Tamboo xuuxuu, alkoolii dhuguu -Hirriba dhabuu, dhiphinaa -Ho'aan hubamuu cidhanii - Furdina qaamaa hammaan ol ta'e -Umuriin fagaachuu ~> Akkuma armaan ol eerame, waantota baay'eetu dhala dhabuu dhiiraa namatti fiduu danda'a. Mallattooleen wal qabatanii dhufanis ka'umsa dhibee sanaa irratti hundaa'uun garagara kan ta'anidha. Kan hundaaf furmaanni, gara mana yaalaa deemanii qorannoo fayyaa wal hormaataa gochuudha. Osoo baay'ee hin miidhamiin yeroodhaan yookaan dafanii qoranoo fayyaa gochuunis gamnummaadha. Kanatu gorfamas! ~>Akkuma maseenummaan karaa dubartootaa qofa hin taane, akkanuma karaa dhiira qofas miti. Kanaaf qorannoon kan gam lachuu ni barbaachisa. ~Namoonni qaamaan dhuftanii dhimma fayyaa kamiiniyyuu qorannoofi yaalii fayyaa gochuu barbaaddan, teessoon keenya: Finfinnee, Hayat, naannoo Addababayii Daraartuu Lakk. Bil. 0909102009 Kilinika Yaadon Fayyaa hin dhabiinaa!
#Dhukkubbii yeroo wal quunnamtii saalaa (#Dyspareunia, (Pain during sex)) *** ~Dhukkubbii yeroo wal quunnamtii saalaa kan jedhamu, yerooma wal quunnamtii saalaa godhan qofa miti; dhukkubbii wal quunnamtii saalaa dura yookaan booda namatti dhagahamullee ni dabalata. Kanaaf, dhukkubbiin yeroo wal quunnamtii saalaa, dhukkubbii wal quunnamtii saalaa dura, yeroo wal quunnamtii saalaa raawwataniifi edda rawwataniin booda nama dhukkubuu kan danda'udha. Dhukkubbiin kun, fayyaa qaamaafi miiraa kan hubuu yoo ta'u, yeroo wayiitti dubartoonni 75% ta'an rakkoo kanaan ni hubamu. Ta'us, garri baay'een dhibee kanaa yaalamuu kan danda'udha. •#Sababoonni dhukkubbii yeroo wal quunnamtii saalaa maal fa'i? :- 1. Goginsa qaama saalaa Qaamni saalaa sababoota garagaraaf goguu yookaan jiidha dhabuu danda'a. Sana keessaa muraasni: jijjiirama hormoonotaa, qorichoota garagaraa fayyadamuufi fedhiin haalaan osoo hin ka'iin wal quunnamtii saalaa gochuudha. 2. Infeekshinoota garagaraa (Bacterial vaginosis, yeast infection, and STIs) 3. Kulkula keessa qaama saalaa, fiixee gadameessaafi gogaa 4. Miidhamuu maashaalee naannoo qaama saalaa 5. Godaannisa yookan madaaleen qaama saalaa keessa yoo jiraatan 6. Jeeqama miiraa (Aarii, muddama, sodaa) 7. Dhiitaafi kulkula qaamolee wal hormaataa • #Dhukkubbiin yeroo wal quunnamtii saalaa sinitti dhagahama taanaan wal gochuutu sinirraa eegama? ~Sodaafi qaanii tokko malee jaalallee yookaan abbaa warraa keessan mariisisuun, yaala isaaf fala dhahuu qabdu. Akkanuma, dhukkubbiin kun amaloota armaan gadii kana ni qabaata yoo ta'e, gara mana yaalaa deemuun yaala fayyaa argachuun sinirraa eegama. Kunneenis:- 1. Dhukkubbichi hamaa yoo ta'e 2. Yeroo wal quunnamtii saalaa gootan yeroo mara ni mudata yoo ta'e 3. Rakkoolee akka dhiiguu qaama saalaa, guba yookaan leyida qaamaafi dhangala'aa qaama saalaa akka sirrii hin taaneen bahuu faana wal qabata yoo ta'e. 4. Hariiroo jaalalaafi fayyaa miiraa keessan kan miidhu yoo ta'e #Eeyyeen, dhukkubbiin yeroo wal quunnamtii saalaa sin mudatu amaloota armaan olii kana ni qabaata yoo ta'e, hatattamaan mana yaalaa deemuun yaalamuun sinirraa eegama. Fayyaa ofii eeggachuun qaaniifi sodaa hin qabu. Kanaaf, osoo itti fufinsaafi irra caalaatti miidhaa sinirraan hin gahiin yaalamuun fayyaa keessan eggadhaa. ~Namoonni qaamaan dhuftanii dhimma fayyaa kamiiniyyuu qorannoofi yaalii fayyaa gochuu barbaaddan, teessoon keenya: Finfinnee, Hayat, naannoo Addababayii Daraartuu Lakk. Bil. 0909102009 Kilinika Yaadon Fayyaa hin dhabiinaa!
Dhangala'aa qaama saalaa dubartootaa ** ~Dhangala'aa qaama saala dubartootaa keessaa bahuun wal qabatee gaaffileen ka'an baay'eedha. Sana keessaa muraasni: 1. Dhangala'aan qaama saalaa dubartootaa keessaa bahuun dhukkubadhaa? 2. Halluun sirriin dhangala'aa kanaa maal ta'uu qaba? 3. Faayidaan isaa maali? 4. Yoo maal ta'e yaala fayyaa barbaada? •Dhangalaan qaama saalaa dubartootaa keessaa bahu, dhangala'aa xannachaa qaama saalaa dubartootaafi fiixee gadameessaa irraa maddu ta'ee faayidaalee akka: qaama saalaa qulqulleessuu, jiidha qaama saalaa eeguufi dhukkuba ittisuu kan qabudha. Halluudhaan adii yookaan qulqulluu, kan foolii hin qabne yookaan gidduu galeessa kan ta'eefi dhukkubbii faana kan wal hin qabannedha. Yoo akkana ta'e sirrii yookaan fayyaalessa jechuu dandeenya. Faallaa kanaa, halluun kelloo yookaan magarsiisa yoo ta'e, akkanuma foolii badaa kan qabu, qaama saalaa hooqsisuu faana kan wal qabatu, guba keessa qaama saalaafi dhukkubbii kan qabu yoo ta'e sirrii kan hin taane yookaan fayyaalessa mitii jechuudha. •#Sababoonni sirrii ta'uu dhiisuu dhangala'aa qaama saalaa dubartootaa maali? :- 1. Infeekshinoota garagaraa (Bacterial vaginosis, yeast infection, and STIs) 2. Jijjiirama hormoonotaa 3. Hir'ina qulqullinaafi eeggannaa qaama saalaa 4. Wal quunnamtii saalaa eeggannaan alaa 5. Dhukkuboota biraa kanneen akka dhiita qaama saalaa keessaa, kanseriifi kulkula qaama wal hormaataa (PID). Kanaaf, qaama saalaa dubartootaa keessaa dhangalaa'aan bahuun sirriis ta'e sirrii ta'uu dhiisuu mala. Sirrii yoo ta'e, rakkoo tokko waan hin qabneef yaadda'uu hin barbaachisu. Sirrii yoo hin taane garuu, hatattamaan gara yaala fayyaa deemuun barbaachisaadha. •#Yoo maal ta'e gara yaala fayyaa deemuun barbaachisa? 1. Yoo jijjiirama halluu, fooliifi qabiyyee qabaate 2. Yoo guba keessoo qaama saalaa, dhukkubbiifi hooqxoo waliin wal qabate 3. Yoo dhukkubbii garaa gara gadiifi marsaa laguu jidduun dhiiga karaa qaama wal hormaataa arguun jiraate 4. Yoo dhangala'aa kanaan wal qabatee yaaddoofi miirri fayyaa dhabuu namatti dhagahama ta'e ~ Kanaaf, dhangala'aa qaama saalaa dubartootaa keessaa bahuun wal qabatee mallattoolee argaan olii kana yoo of irratti argitan, gara mana yaalaa deemuu qabdu. Yeroodhaan qoratamuufi yaalamuun dhibee hamaa itti aanurraa nama oolcha. ~Namoonni qaamaan dhuftanii dhimma fayyaa kamiiniyyuu qorannoofi yaalii fayyaa gochuu barbaaddan, teessoon keenya: Finfinnee, Hayat, naannoo Addababayii Daraartuu Lakk. Bil. 0909102009 Kilinika Yaadon Fayyaa hin dhabiinaa!
Nagaan isiniif ha tahu akkam jirtu Kiliinikni Yaadon erga hojii eegalee Baatii 4 lakkoofsiseera! Namoonni hedduun magaalaa finfinneef Kutaa Oromiyaa garaagaraa dhufanii yaalaa si’ataaf gaarii argachaa jiru ! Qorannoof yaalii fayyaa hunda dabalatee Dabalataan yaalii armaan gadii kennuu eegalleerra 1. Rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa 2. Rakkoo dafanii Ispermii dhangalaasuu 3. Dhukkubbii yeroo wal qunnamtii saalaa 4. Dhibee wal qunnamtii saalaan daddarban 5. Rakkoo Jeeqamuu marsaa laguu fi kkf kennuu eegaluu keenya Yeroo isinii ibsinu gammachuu guddaan! Teessoon keenya Magaalaa Finfinnee, Hayat , Derartu Adebaby Beellama qabattanii dhufuuf 0909102009 irratti bilbilaa !
Killeen cidhaanii yeroo baay’ee hammaan wal qixa tahuu baatus haala adda taheen cidhaanni keessan yoo dhiitahe dabalataan mallattoo akkasii ofirratti yoo argitan mana yaalaa dhufuu hin dagatinaa 1. Dhukkubbii cimaa cidhaani 2. Diimachuu naannoo cidhaanii 3. Dhangala’aan addaa karaa qaama saala bahuu 4. Fincaan fincaa’uu dadhabuu 5. Dhukkubbii naannoo mudhii ykn handhuura gadii 6. Fincaan yeroo fincooftan gubuu ykn dafee dafee isin fincaansisuu. Namoonni qaamaan dhuftanii yaalamuus tahe nu waliin mari’achuu feetan Teessoon keenya :- Yadon Clinic , Finfinnee , Hayat , Derartu Adebabay 0909102009 irratti bilbilataniif beellama qabattanii dhufuu dandeessu ! Fayyaa hin dhabinaa Dr Nafyad Getu
без подписи
без подписи
Bakka hojii Yadon clinic Hayat , Derartu Adebaby Beellama qabachuuf 0909102009
Beeksisa Hojii Dhaabbanni keenya Yadon Healthcare ogummaa Fayyaa Medical Laboratory dabalataan dorgomsiisee qacaruu barbaada ! 1. Medical Lab Technologist ( BSC) Muuxannoo hojii = waggaa 0 fi isaa oli 2. Lab Technician (Diploma) Muuxannoo hojii = waggaa 2 fi isaa oli Bakka hojii ;- Finfinnee, Hayat , Derartu Adebabay . CV keessan email :- info@yadonhealhcare.et “ irratti nuuf ergaa !
Dhaggeeffadhaa , muudannoof muuxannoo Amman beekurraa isiniif qoodeera https://youtu.be/rExkgYTKVuQ?si=mIVcYdj3ukqdVLNq
Namoota na gaafachaa turtaniif
Akkam jirtu ? Ayyuun Online shopping hojjechaa jirti . Link kanaan telegram channel Ishee join gochuun ajajachaa https://t.me/ayufashion55
Namoonni hedduun bakka argama Kiliinika kankee eessa jettanii na gaafachaa jirtu ! Teessoon: Finfinnee, Hayat , Derartu Adebabay Lakk . 0909102009
"Furmaata Singiggoo/gubaatii laphee fi qara laphee(Gastroesophagial reflux disorder/GERD) Rakkoon kun kan dhufu rakkoo laafachuu huutuu garaachaarraan kan ka'e Asiidiin garaachaa haayidirookiloorik asiidii jedhamu gara ujummoo nyaataa laphee keenya keessa jirutti(Esophagus)ol darbuurraan kan ka'e rakkoo dhufudha. Kanaaf namoonni baay'een miira gubaatii qara laphee jalaa fi laphee gara bitaaf saaxilamu. Mallattoo kan biraan kanneen akka nama haqqisiisuuf lollociisiisuu danda'a. Namoonni baay’een rakkoo kana Onnee nu dhukkuba jedhanii himatu. Mee namoonni rakkoo kana qabdan maal gochuu qabdu/hin qabdan? 1.Yeroo raftan boraatii fayyadamaa 2.nyaata hedduminaan hin nyaatinaa 3.yeroo hirribaa sahaa 2-3 dursaa irbaata nyaadhaa 4.yeroo raftan kallattii bitaan rafaa 5.shunkurtaa diimaa dheedhii soorachuu dhiisaa 6.alkoolii dhuguu dhiisaa/hiri'isaa 7.Buna baay'inaan dhuguu dhiisaa 8.sigaaraa aarsuu dhiisaa 9.nyaata zayitii itti baay'ate/qimamii/urgeessituun itti baay'ate soorachuu dhiisuu 10.ulfaatina qaamaa hir'isuu 11.cuunfaa birtukaanaa fi loomii baay'inaan fayyadamuu dhiisuu 12.chokkolaataa baay'inaan soorachuu dhiisuu 13.dhiphina/aarii hir'isuu 14.nyaata xixxiqqeessa nyaadhaa Akkasumas qorichi madda asiidii kanaa hir'isu waan jiruuf fayyadamuunis gaariidha. Namoonni qaamaan dhuftanii yaalamuuf nu marisiisuu barbaaddan Teessoon : Finfinnee , Hayat , Derartu adebabay Lakk. 0909102009 Fayyaa hin dhabinaa Dr Nafyad Getu.