tgindex
FOCUS WALLAGGA UNIVERSITY 👇👉0913483010 📞

FOCUS WALLAGGA UNIVERSITY 👇👉0913483010 📞

Статистика

Welcome! 🤗 This is Focus Wallaggaa University Official Telegram Channel! Channel kana jalatti 🎚️Wangeela 🎤 FAARFANNAA 📚 Kitaabota Hafuuraa 📋Beeksisa Focus Focuseducstionalgroupteam📚

Последний пост
8 авг.
Последнее чтение
14 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
35
Тип
открытый
Язык
und
Категория
Образование
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
2 991
−1 за 2 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
1 046
34 постов
Вовлечённость
35,0%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 35
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
447
1/48двое суток
512
1/72трое суток
552

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • Cubbuu ofiif gadduu:- Cubbuu keenyan Waaqayyoon akka gaddisiisne yakkama fi cubbama tau keenya hubannee gad of deebisuun gaddu qabna. Sababni isaa Abbaa keenya isaa gaarii, eega fi tiksa keenya tae Waaqayyoon waan yakkinef. Luq 18:9-14 Cubbuu keenya Waaqayyootti himachu:- Cubbuun keenya fuula Waaqayyoo duraatti beekama waan taef Waaqayyoon yakkinee dhokachu hin dandeenyu. Fuula nama duraa dhokachu in dandeenya taa garuu iji Waaqayyoo inni Waan hundumaa uumee akkasumas argu fi beeku jala waan dhokatu tokko illee hin jiru. Kanaf jecha haala keessa jirru isa dhugaa keessa taane, kufaati fi yakka keenya hundumaa utuu isaa hin dhoksini isaatti himachu qabna. Inni immoo amanama fi qajeela waan taef cubbuu keenya hundumaa nuuf dhiisa. Far 32:1-5 1Yoh 1:8 Cubbuu keenyatti qaanau qabna:- Ceephoo yaada garaa keenya cubbuu hojjechu boodden dhufutti osoo hin taane cubbuu hojjennetti qaanau qabna. Yakkaa keenya fi cubbuu keenya hubanne cubbichatti hojjenne sanaf qaanii guddan nutti dhagahamu qaba. Kun hin tau taanan cubbuu salphisne ilaalun jireenya amana irraa hin eegamne keessatti kufna. Far 51:3 Isay 59:12 Cubbuu Jibbuu:-Yeroo baayee miira cubbuu boodde dhufu jibbina malee, Cubbuu hin jibbinu. Amantoonni baayeen shakala cubbuu kan isaan qabanif miira cubbuun booda jiru jibbu malee cubbuu sana hin jibbanii. Hin jibban jechu cubbuu isaanii in jaallatu kanaf cubbuu wal fakkata faana wallanso wal qabu. Qalbi jijjirannan immoo cubbuu jibbu dha. 1Yoh 3:4 Cubbuu irraa deebiuf murteessu:- Tuqan inni dhumaa kun warren 5nan armaan oli jiraanif buuura. Hundi isaanii kanan dha kan isaan gudunfaman. Warreen armaan olii kun murtoo of keessa hin qaban taanan ofumaati. Kanaf Qalbi jijjirannan ilaalcha cubbuuf qabnu jijjiruu, cubbuu ofiitti gaddu, cubbuu ofii himachu, cubbuu ofitti qaanauu, cubbuu jibbuu fi cubbuu keenya sana irraa deebiuf immoo murteessudha. Kana gaafa raawwannu garuu ayyaana fi araara Waaqayyoon alatti miti. Kan nun qalbi jijjirachu dandeenye iyyu Waaqayyoo araara isaan waan yeroo mara nu eeguf akkasumas akka jabaannuf immoo ayyaana isaa isa nu jabeessu waan nu kennuf nunis qalbi jijjiraachuf in dandeenya. br. 4 Egaa angafa lubootaa isa guddicha bantiiwwan waaqaa keessa darbe, Yesus ilma Waaqayyoo erga qabaannee, beeksisa amantii keenyaa jabeessinee in qabanna. Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya qorame qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu. Yeroo barbaachisetti akka nu gargaaraniif araara isaa fudhachuudhaaf, ayyaana isaas argachuudhaaf, kottaa ija-jabinaan gara teessoo Waaqayyoo isa ayyaanaan guututti in dhi'aannaa. Ibrota 4:14-16 Amana taatee yoo qalbi hin jijjirattu tae maaltu mudata? Waaqayyo qulqulluufi qajeelaa waan taeef cubbuu callisee ilaaluu hin dandau amantoota qorontoosiin amma duaattiyyuu akkuma adabe hardhas waaqayyo qalbii hin jijjiirrannu taanaan abbummaa isaatiin nu adabuu hin dhiisu. Akkumaa Abbaan ilma isaa jaallatu gaafa balleessu adabu waaqayyoos in adaba. Ibrota 12:2-5 Kadhata Qalbi jijjiranna Yaa Waaqayyoo akka seera kee fi abboommota keetti deddebiu dhiisun si yakkeera Fedha foon koo gammchisuuf jedhe sirratti kaheera Yaada garaa koo fi hojiin koo walii galuun hammin hojjetaniiru Cubbuun koo hundumtu fuula kee duraa jira Yakkan si dhoksu tokkolee hin qabu Yaa abbaa ilaalachan cubbuf qabu akkan jijjiruf ati na gargaari Cubbuu hojjechu koof gaddera siin Waaqayyoo isa gaarii fi yeroo mara na eegu gaddisisera gadda garaa koo naaf hubadhu. Himaanni cubbuu koo si duraatti naaf haa dhiifamuu Cubbu kootti qaanae cubbuu koos jibbe irraa deebiuuf akkan murteessuf araara kee fi ayyaana kee naaf baayisi. Humna dandeetti cubbuu irraa ittin fagaadhu naaf kenni. Kadhata koo Waan dhageessef ulfaadhu. Ameen @FOCUS WALLAGA UNIVERSITY

  • Akkumaan armaan olitti ibsuf yaale Qajeelaa taanerra jechuun nun mudaa maleessa, dadhabina kan hin qabne jechu miti. Qajeelota taannerra jechun madda oftuulummaa osoo hin taane karaa nuun Waaqayyoo faana nagaatti jiraachuf karra argannedha. Kunis hojii dinqisiisa ayyaanni waaqayyoo hojjetedha malee waan nu keessa maddee fi maddu tokko illee hin jiru. Kanaf Kahumsa Qajeelummaa isa tahe Waaqayyoo abbaa, maddaa fi buuura qajeelumma keenyaa hojii ilmi Waaqayyoo fannoo gubbaatti hojjete, karaan qajeelumman ittin argamu immoo amanti isaa waaqayyoo akka kennatti nuuf kenne keessan akka tahe, kaayyoo fi galmi qajeelota tahu keenya immoo hojii Waaqayyoo qofan isa tahe qajeela tahu keenyaf Waaqayyoo akka itti galateeffamufidha. Galmi Qajeelummaa ulfina Waaqayyoofiidha. Akkas gaafa jennu isaa waaqayyoo qajeelota nu godhe qofaf osoo hin taane Waamicha Waaqayyo faana jireenya wal gitu jiraachu waan qabnuf. Nuun hojii ilmi Waaqayyoo fannoo gubbaa irratti hojjeten qajeelota yoo taaneyyu hojii keenyan dadhabii fi kufaatin akka nu mudatu immoo macaafni qulqulluun bareechee in barsiisa. Kanaafuu nuun al tokkicha qajeelota fi cubbamootadha.we are simultaneously righteous and sinner Fuula Waaqayyoo duraatti Fudhatama argachuu keenyaan Qajeelota taaneerra, Foon keenya immoo waan hin furamnef ammallee guyyaa dhufaati gooftaa waan eega jirruuf biyyaa lafaa irra gaafa jiraannu cubbu hojjechun, dadhabuun, foon keenya faana wallaanso waan wal qabnuf nu akkasumas guutummatti bilisa waan hin baanef nuti cubbamootadha. Kana jechun biyyaa lafa keessa gaafa jirannu jireenya nun Waaqayyoo irraa argannef sirna biyya lafa kanaaf faallaa waan taeef sirna biyya lafa isaa kufaa kana faana wallanso wal qaba jiraanna. Kana keessatti dadhabuun, cubbuu hojjechuun fi kufuun nu mudata akkuma macaafni jedhu Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru. 1Yoh. 1:8 jedha. Qajeelota akka taane beeku qofa osoo hin taane al tokkicha immoo cubbamota tahu keenya hubachun murteessadha. Sababni isa an cubbu hin qabu yoo jenne soba akka jirru dhugaanis akka nu keessa hin jirree Macaafni qulqulluun dhugaa nuuf baha jira waan tahef. Ergumaa fayyinee cubbu akka qabnu, qajeelotas cubbamootas tahu keenya hubachuun dhugaan akka nu keessa jiru nuuf mirkaneessa. Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne immoo isa sobduu in goona, dubbiin isaas nu keessa hin jiru.1Yoh. 1:10 Macaafni qulqulluun cubbu qabaachu keenya erga nutti himeti furmaata isaa immoo nuuf kaha Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa. 1Yoh. 1:9 kanafuu cubbama tahu keenya beekenne guyyaa guyyaatti fuula Waaqayyoo isa araaran guutu barbaadachun murteessadha. Kanaf immoo Waaqayyoo gocha walitti fufaa bara jireenya keenya hundumaa rawwannu nuuf kennera innis Qalbi jijjirannadha. Qalbi jijjirannan Amana tokkof shakala dhugaa yeroo hundaa amantonni rawwachu qabaniidha. Hiikni isaas cubbuu, sirna biyyaa lafa isa kufa irra yeroo hundumaa dubbii Waaqayyoon namummaa keenya isa keessaa haareessun gara Waaqayyootti deebiudha. Waamichi keenyas Akkuma inni nu waame Qajeela tahe jireenyan qajeelota taane jiraachu waan taef sirni biyyaa lafa faana walii gala osoo hin taane yeroo mara dubbii sagalee Waaqayyoo haromfamuutu nurra jiraata. Qalbi Jijjirannanis Waantota murteessoo taan 6 of keessa qaba:- Ilaalcha Cubbuuf qabnu jijjiru dha:-Qalbi jijjirachu jechun akka Waaqayyoo itti cubbu ilaalutti ilaaludha. Yaada fi ilaalcha ofiin cubbuu hiikachu osoo hin taane ilaalcha keenya guutummaatti gara ilaalcha Waaqayyootti jijjirudha. Kunis Waaqayyoo keenya qulqulluu waan taef, waan ulfinaa isaa hin mulisne, cubbuu hundumaa baayee jibba akkasumas in ciigaa. kanaf nunis akka Waaqayyoo keenya cubbuu jibbu fi ciigau qabna.

  • QALBII JIJJIIRRANNAA Ibsa gabaabaa/article/ kana dubbisuukeen booda Qalbii jijjiirrachuu dhiisuukeef akka qalbii jijjiirrattu abdii guddaan qaba. Waaqayyoo yeroo ofii isaa yaade fi karoorsetti ulfinaa isaaf dhala nama uume. Dhala nama kana gaafa uumes kakuu wajjin gale, kakuun kunis Waaqayyo dhala namaf abboommota kennuun akka isaan isaaf abboomamnif ajaje, yeroo isan waan abboomaman raawwatan jireenya akka qabatan, yoo abboommii isa raawwachuu didan adaba akka fudhatan Waaqayyoo waadaa galeef. Haaluma kanaan Addaam fi Hewaan abboommii kana irraa daddarbun cubbuun gara biyya lafaatti gale. Karaa namicha tokkicha kana hundumtu cubbamaa taee lakkaame. Kufaatiin dhala namaa kun nama irratti rakkoowwan baayee kanneen akka rakkoo hafuuraa, hawaasummaa, siyaasaa fi kkf fidera. Garuu rakkoon hammaataanii fi inni guddaan rakkoo hafuuraati. Dhalli nama sababa cubbuu irraan kan kahe: Waaqayyoon barbaadachu kan hin dandeenye. Rom 3:10 waaqayyoon kan hin jaallanne. Rom 1:30 Hamaa kan yaaduu fi hamaa kan hojjetu. Qol 1:21 Garbummaa cubbuu fi seexanaa jalatti kan kufe. Efes 2:2 Seeraa fi abboommii Waaqayyoo kan jibbu fi irratti fincilu. Rom 8:7 Waan kan Waaqayyoo tae yaadu, fedhu fi raawwachu kan hin dandeenye. Yoh 3:19-20 Fayyinni akka isaa barbaachisu kan hin hubanne tae. Dhalli nama haala kanan fedhi isaa guutummaatti waantota armaan oliin guutamee waan jiruuf waantota kanaa alatti filachu fi jaallachu hin dandau. Kanaf dhala nama kanaf abdiin tokkichi Wangeela Waaqayyoo isaa ilmaa Waaqayyoo giddu galeessa godhate qofadha. Numa warra cubbamoota keessatti Hojii hafuurri qulqulluun wangeelli waaqayyoo gaafa lallabamu nu keessatti hojjetu irraan kan kae laphee keenya isa duaa, gurraa keenya isa duudaa fi ija keenya isa jaamaan lammaffaa dhalatee, sagalee Waaqayyoo dhageenye barsiisa dhugaa isa kan waaqayyootti walii galu dandeenye. 1Phe. 1:2 Hisq 36:26-27 Waaqayyoos amantii isa dhugaa fi isa gatii jabeessa akka kennaatti nuuf kennee amantii sanaan Yesuus kristoos ilma Waaqayyootti akka amannuf harkisa Waaqayyoo abbaatiin gara yesus dhufuun amantiin qajeelota taanee lakkaamne. Kunis akkuma abbaan keenya Abraham Waaqayyootti amanun amantii dhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa tahe lakkaamee sana nunis hojii ilmi Waaqayyoo fannoo gubbatti hojjete Waaqayyoo nuuf lakkauun ayyaanaan karaa amantii Qajeelota taane lakkaamnnerra. Qajeelotaa tahu jechuunis mudaa maleessa tahu ykn immoo akka Waaqayyoo qajeela tahe (qajeelummaa waaqayyoon kan wal gitu) nuunis tahuu jechuu miti. gabaabatti qajeelaa tahu jechun “fuula waaqayyootti dhihaachu dhaaf ija jabinaa qabaachu” jechudha. Nunis sababa yakka keenya fi irra daddarbaa keenyaan waaqayyoo faana diinota taane turre amma garuu Waaqayyoo faana walitti dhufeenya jiraata qabaachuu dhaaf yeroo hundumaa akka tahutti, hojii ilmi Waaqayyoo fanno gubbatti hojjeten Waaqayyootti araaramne fuula Waaqayyoo duraa daddebiuu dhaaf, Waaqayyoo duraatti fudhatama argachuu dhaaf, Waaqayyoon akka abbaa keenyatti galateeffachu, kadhachu, himata keenya isaa duratti dhiheeffachu fi cubbuu keenya isaatti himachuf karaa ayyaana Waaqayyoo dandeetti argannerra. Kanaf Qajeelaa tahu jechun namni cubbamaan, qulqulluu fi qajeelaa hin taane tokko akkamitti fuula Waaqayyoo dura jiraachu dandaa gaaffii jedhuuf deebii kenna. Qajeelummaan Waaqayyo namaaf kennu amantii irra in dhaabata gara amantiittis nama in geessa. Kunis wangeela keessatti in mul'ata; akkuma caafamee jiru immoo, "Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in jiraata. Rom. 1:17

  • • Ilma waaqayyoo qofaatu murtii Waaqayyo ofii isaa nurraa dabarsuu akkasumas gaaffii abboomamuu guutuu "perfect obedience" waaqayyo barbaadu sana raawwachuu danda'a Rom. 5:12-21, isa qofatu nu faakkatee bakka bu’aa keenya ta’uu danda’a Ibr. 5:1. • Kaffaltii cubbuu keenyaaf abdiin fayyinaa keenyaa akkasumas Akka Bifaafi fakkattii Waaqayyootti guutummaatti deebinee deebi’uun keenya kan raawwatamu Yesuus Kiristoos Gooftaa keenya qofaanidha Rom. 3:21-26; Ibr. 2:5-18. @Focus Wallaggaa university

  • • Foon uffachuun guutummaatti gocha uumamaan ol ta’e akkasumas agarsiisa olaantummaa, ayyaana fi oolchuu Waaqayyo keenya sadan-waaqayyo tokkoo uummata isaa furuuf kaka’umsa qabu kan agarsiisu ture Mat. 1:18- 25; Luq. 1:26-38. • Durbi ulfaa'uun karaa ittiin Ilmi waaqayyoo Eenyummaa namummaa ofitti fudhate ture. Ulfa'uu durbaatiin sadan-waaqayyo tokkootu yesuusif eenyummaa namummaa haaraa uume, bu’aa gocha kanaatinis Yesus keessatti dhugaadhumatti Waaqayyoon fuula-fuulatti wal argina, foon namaa keessa kan jiraatu ykn fooniin kan golgamu osoo hin taane ulfina guutuu hin hir’anneen kan jiraatudha. • Yesusiin akka namatti tokkootti yoo ilaalle iyyuu inni namarra baayyee caala; inni Gooftadha, Ilma waaqayyoo isa gadi of deebisee akkasumas nu waliin tokko ta’uudhaan ulfina isaa mul'isedha. 7. Ilmi jireenya waaqummaa isaa daangaa eenyummaa namummaa isaa akka hin caalchifneen daangeesse • Bu’aa foon uffachuu irraa kan ka’e Ilmi waaqayyoo akka nama dhugaa tokkotti amaloota, dandeettii qaamaa, sammuu, fedhii fi xiinsammuu namummaatiin akkasumas dandeettii dhala namaa isa jalqabaa wajjiniin jiraate. • Ilmicha foon uffate Kana dadhabinni jireenyaa guutummaatti nama ta’u keessa jiru isa mudateera. Ogummaa fi qaamaan nii guddata ture Luqaas 2:52, imimmaan fi gammachuus dabarseera, du’aa fi du’aa ka’uu ulfina qabeessa ta’een Saba isaatiif fayyina isaanitiifis arsaa kaffalera Yohaannis 11:33, 35; 19:30; 1Qor. 15:3). -4. 8. Ilmi garuu Eenyummaa waaqummaa isaa keessattis ta’e karaa waaqummaa isaa gocha raawachuu waan itti fufeef eenyummaa namummaa isaa qofaan hin daangeffamne.  • Gocha waaqummaa Kiristoos yeroo jireenyaa fi tajaajila isaa cinatti Dhugaan kun caalaatti kan inni mul’atu Ilmi waaqayyoo foon uffatee utuu jiruu ammuma iyyuu uumama hundumaa jiraachisuu itti fufuu isaatiinidha Qol. 1:16-17; Ibr. 1:3. • Kiristoos keessatti enyummaa lamatu "two nature" jira isaanis adda ta’anii kan itti fufan akkasumas amaloota fi qulqullummaa mataa isaanii kan qabaataniidha. ta’us garuu karaa enyummaa lamaan isaatin iyyuu hojjechuu danda'a ykn gocha raawwachuu danda’a. • Sababa kanaaf Ilmichi eenyummaa namummaa isaatiin guutummaatti kan daangeffame miti; akkasumas Eenyummaa waaqummaa isaatiin ala gocha raawwachuu ni danda’a. • Ilmi waaqayyoo karaa eenyummaa lamaan kanaa yoomii fi akkamitti akka hojjetu kan arginu hariiroo Sadan-tokkummaadhan fayyina keenyaaf jecha seenaa furuu keessatti hojjetameenidha. • Ilmi waaqayyoo inni yeroo hundumaa Abbaa irraa fi Hafuura qulqulluu irraa addaan hin baane lafarrattis hariiroo kanaan itti fufee jiraate garuu akka Ilma ajajamuutti akka bakka bu'aa kakuu keenyaa fi bakka bu'aa ta'ee fayyina nuuf rawwachaa jirutti itti fufee jiraate. Foon uffachuu "incarnation " keessatti waaqummaan isaas ta’e namummaan isaa hin hirdhanne hin bannes. 9.Eenyummaa Namummaa Nuti qabnu fudhachuudhaan nama isa jalqabaa uumama haaraa, gidduu galeessa keenya Isa guddaa fi mataa kakuu haaraa ta’e.  • Ilmi waaqayyoo foon uffachuudhaan, Gooftaan keenya yesuus Kiristoos jireenya isaa, du’aa fi du’aa ka’uu isaa keessatti hojii Addaam isa jalqabaa duubatti deebisee akka Addaam isa xumuuraatti karaa dinqisiisaa ta'een mo'ataa keenya ta’ee fuulduratti tarkaanfate Ibr. 2:10. • Sababa foon uffachuu irraa kan ka’e Waaqayyo Ilmi fedhii keenya hundumaa guutuuf ga’umsa guutuu qaba, keessumaa immoo barbaachisummaa sababa dhiifamuu cubbuu keenyaaf Ibr. 2:5-18; 7:22-28; 9:15-10:18. 10.Waaqayyo Ilmi inni foon uffate guutummaatti adda kan ta'eefi kophaa isaa Gooftaa fi Fayyisaa dha. • Yesus kophaa isa addadha. Waaqayyoon ulfina isaa hundumaa fi guutummaa naamusaa " mooral perfection " isaa hundumaan eenyu akka inni ta’e akkasumas cubbuun Waaqayyo duratti maal akka ta’e yoo ilaalle foon uffachuu Ilmaa waaqayyoo fi hojii inni nuuf godhu hundumaa irraan kan hafe fayyinni akka hin jirre hubanna Yoh 14:6; HoE 4:11.

  • #Focus Wallaggaa university Waa'ee Foon uffachuu gooftaa keenyaa Wantoota Beekuutii Qabnu 10 Giddu-galeessa amantii kiristaanaa fi giddu galeessa wangeelaa keessatti Eenyummaa fi hojii Gooftaa keenya yasuus Kiristoosin argina “sagalichi nama foonii ta’e” Yoh 1:14. ilmi Waaqayyoo foon uffatee bakka keenya fayyisaa keenya ta’ee jiraachuu fi du’uu irraan kan hafe fayyinni hin jiru. Dhufaatii Ilma waaqayyoo isa bara baraa akkasumas eenyummaa namaa fudhachuu fi bakka bu’aa kakuu keenyaa ta’ee hojjechuu isaatiin alatti addunyaa kanaaf abdiin hin jiru. • Kanaaf waa'ee foon uffachuu gooftaa keenya keessatti wantoonni Nuti beekuu qabnu nii jiraatu 1.Qaamni ykn 'Active subject' foon uffachuu Ga'ee kan Ilma waaqayyoo isa bara baraati. • Yoh 1:14 ifaa nuf godha, "sagalichi nama foonii ta'e" jedha jecha biraatin kan foon uffate Ilma Isa bara baraa keessa ture malee Eenyummaa waaqummaa 'divine nature' miti. • Ilmi inni abbaa fi Hafuura wajjin hariiroo bara baraa qabu fedhii isaatiin gad of deebisee abbaa isaatiif abboomamuu fi fayyina keenyaaf eenyummaa namaa fudhachuu filate (Filp. 2:6-8). 2. Akka Ilma bara baraatti, qaama lammaffaa sadan-tokkummaa kan ta'e, inni bifa guutuu fi ibsa Abbaa waan ta’eef guutummaatti Waaqayyoo dha. • Ilmichi Abbaa fi Hafuura qulqulluu waliin guutummaatti fi walqixatti amala waaqummaa ni qooddata. Inni Bifaafi walsimsiisaa sirrii waaqayyo Abbaatti (Qol. 1:15; Ibr. 1:3). Ilmi guutummaatti Waaqayyoo dha, Kiristoos Waaqayyo Ilma waan ta’eef fiixaan ba’iinsaa fi amaloonni Waaqayyoo hundinuu kan isaati (Qol. 2:9). • Akka Ilmaatti bulchiinsa waaqaa keessatti ni hirmaata, waaqeffannaa waaqayyoof Malu ni fudhata akkasumas hojii waaqayyoo hundumaas akka Ilmaatti hojjeta Far. 110:1; Efe. 1:22; Filp. 2:9-11; Qol. 1:15- 17;Ibr. 1:2-3 3.Waaqayyo Ilmi yeroo hundumaa Abbaa fi Hafuura qulqulluu wajjin hariiroo bara baraa tartiiba qabuun jiraachaa kan ture yoo ta’u, amma foon uffachuu "incarnation" keessatti ulfinaan kan mul’atudha. • Qaamota waaqummaa kan biroo osoo hin taane ilma qofatu foon uffatee Abbaa biraa dhufe, nama fooni ta’uun isaas sirrii ture (Yohaannis 1:1-2, 14, 18). Foon uffachuu keessatti Ilmi hirkattummaa waaqummaa Abbaa irratti qabu agarsiiseera yeroo hundumaas Hafuuraan Abbaa wajjin walitti dhufeenya qaba ture (Yohaannis 5:19-30; Maarqos 1:12; Luq 4:1-21). • Bara baraa kaasee akkasumas foon uffachuu keessatti Ilmi yeroo hundumaa Abbaa isaa fi Hafuura isaa wajjin walitti dhufeenya qabuun akkasumas addaan hin baaneen jiraata malee ofii isaatiinis ta’e of danda’ee gocha raawwatee hin beeku. 4.Foon uffachuun gocha ida’uuti malee hir’isuu miti. • Foon uffachuu keessatti Ilmi waaqayyoo inni bara baraa ta'e inni yeroo hundumaa amala waaqummaa qabu sun hin jijjiiramne ykn waaqummaa isaa cinatti hin dhiisne. Garuu eenyummaa lammaffaa ofitti dabaleera, innis eenyummaa namummaa kan qaamaa fi lubbuu namummaa of keessaa qabudha (Filp. 2:6-8). • Kana irraa kan ka’es Yesuus inni tokkichi amma eenyummaa lamaan qaama tokko ta'ee jiraata, guutummaatti Waaqayyoo fi guutummaatti immoo namadha. 5.Eenyummaan namummaa Ilmi waaqayyoo fudhate Kun guutummaatti nama kan ta'ee fi guutummaatti cubbuu kan hin qabne dha. • Eenyummaan namummaa Kiristoos kan hin kufnee fi bu’aa cubbuutiinis kan hin xuroofne dha. Fincila farraa fedhii dhalootaan Waaqayyoof qabnu sun Eenyummaa namummaa Yesus fudhate keessaatti tokko illee hin argamne. • Bu’aan addunyaa kufe keessa jiraachuun qabu guutummaatti kan Isa mudate ta’us yakka ykn amala cubbuu Isa kan Addaam sanyii namaatti darbu sana tasumaa hin qooddanne. Dhugaa dubbachuuf Yesus cubbuu hojjetee hin beeku hin danda’us (Mat. 3:15; Yoh. 8:46; Ibr. 4:15; 7:26; 1Phex. 1:19). • Inni akkuma keenya kan qoramee haa ta’u iyyuu malee hamma du’aatti illee akka giddu-galeessa kakuu keenyaatti Akka bakka bu'aa keenyyatis fayyina keenya raawwateera (1Xim. 2:5; Ibr. 5:5-10). 6.Durbi ulfaa'uun mala ulfina qabeessa foon uffachuun itti raawwatame ture.

  • Guddina jireenya hafuuraaf illee M/qulqulluun barbaachisaadha. Mat 4:4, FROM K/D 8:3     1phex2:2    Kanaafuu caaffanni qulqullaa’an buddeena jireenya hafuuraa isa namni Kristoositti amane ittiin jiraatu,guddina jireenya hafuuraaf barbaachisaa ta’edha. Fedha Waaqayyoo isa mul’ifame (the revealed will of God) hubachuuf illee barbaachisaadha. Kes 29:29 D) sufficiency of scripture M/qulqulluun nu barsiisuuf,nu qajeelchuf,balleessas nu hubachiisuuf,hojii gaarii hundumaaf nu qopheessuf,guutuu nu gochuuf  Ga’aadha jechuudha.(NOTHING ELSE IS NEEDED FOR GODLY LIVING)!  2Xim3:16-17 Sababni inni qofaasaa ga’aa ta’efis hargansuu Waaqayyooti waan ta’ef(GOD BREATHED)! Kanaafuu akkaataa Waaqeffannaa keenyaa qajeelchuuf,qajeelummaa keessatti immoo namni akka guddatu gochuudhaaf, qajeelfamaafis akkuma kana ga’aadha jechuudha. Waa’ee namaa guutummaatti nutti himuudhaafis ta’e,waa’e Waaqayyoo nutti himuuf M/qulqulluun ga’aadha. Barbaachisummaa isaa hundaaf macaafni ga’aadha,akkasumas HERESY DEFEND gochuudhaaf illee ofiima isaa ga’aadha. PSALM 19:7 Garuu SUBJECT hundumaa irratti ga’aadha jechuu keenya miti. ( about our business, about mathematics…) Garuu GENERAL PRINCIPLE immoo nuuf in kenna, maal gochuu akka qabnuuf hin qabne!

  • AMALOOTA(ATTRIBUTES) MACAAFA QULQULLUU A) Authority of scripture   Dhimmi Aangoo macaafaa dhimma baay’ee murteessaadha waan ta’ef, sirriitti hubachuuti qabna. Sababni isaa dubbii Waaqayyoo akkasumas hafuura baafannaa(GOD BREATHED) Waaqayyooti waan ta’ef. 2XIM3:14-17 Caaffatichi Waaqayyo isa aangoo guutuu qabu biraa kenname waan ta’ef aango qabeessadha. (It’s source) Amantii amantootaaf, jireenya Kristiyaanotaa murteessuu,bocuuf,bulchuu keessatti caaffanni qulqullaa’an aango qabeessa ta’usaati. W/Kristiyaanaa irratti illee aangoo guutuu qaba. Efe.5:26-27 Waaqayyo akka olaantummaasaatti Wanta sabasaatiif mul’isuu barbaade namoota garaagaraatti fayyadamuudhaan,karaa hafuura isaatiin wanta namoonni sun barataniif hubatan sana akka barreeffamu godheera. Kanaafuu Olaanaa ta’uuf aangoo qabaachuun isaa qaama isa kenne irratti kan hundaa’edha jechuudha. (Geggeessaa HAFUURA WAAQAYYOON barreeffame) Aangoo Waaqayyo ittiin kenne sanaan hojjetas! Y/Kristoos illee mormii Fariisotarra isa quunnamaa ture,yaada isaanii sana diiguudhaaf akka madda aangootti wanti inni fayyadame caaffata qulqullaa’adha! Mark 7:8-9! Temptation in wilderness (It’s written) Mat.4:4-10! Caaffanni Macaafa qulqulluu keessa jiru hundumtuu Sagalee Waaqayyoodha jennee waan amannuuf, M/qulqulluu keessaa jecha tokko amanuu dhiisuun, akkasumas abboomamuufii dhiisuun Waaqayyoof abboomamuu dhiisuudha jechuudha. Utubaa keenya isa jalqabaati waan ta’ef dhiifama tokko maleellee labsuu qabna jechuudha. 2Xim4:2 Kufaatii waldaa Kaatolikii illee kan fide Aangoon M/qulqulluu waan saamameefiidha. To apply the authority of Scripture is to live as if God himself is speaking and therefore,to believe,obey, and submit accordingly! “Dhuga ba’umsa Caaffata Qulqullaa’ootiin ykn sababa ifaa ta’een yoon amane malee, Phaaphaasiis ta’e yaa’i qofatti hin amanu. Yeroo baay’ee dogoggoranii,of faallessuun isaanis waan beekameef,qalbiin koo sagalee Waaqayyootiin booji’ameera. Faallaa qalbii ofii deemuun immoo gaariis ta’e sirriis waan hin taanef homaa ofirraa deebisuu hin danda’u,hin deebisus. Kunoo as dhaabadheen jira,kan biraa hojjechuu hin danda’u.’’  MAARTIN LUUTER! B) Clarity of scripture     Macaafni qulqulluun ifaadha gaafa jennu, barsiifni macaafa qulqulluu nama dubbisee hubachuuf gargaarsa Waaqayyoo barbaaduuf,karaa hubatamuu danda’uun macaafa barreeffameedha jechuudha. K/D 6:6-7     Kanaafuu Waaqayyo M/qulqulluu akka nuyi hin hubanneef jechoota isaaf himoota isaa waliin xaxee nuun kennine jechuudha.    Waaqayyo karaa ittiin nu biratti beekamuu barbaadeen,afaan keenyaan,aadaa keenyaan,sirna barreeffamaa keenyaan fayyadamee Waaqayyo ofiisaa nutti mul’ise jechuudha.(Iftoominaan of mul’isuu barbaaduu Waaqayyoo)     Keessattuu seenaa furee(Redemtive history) hubachuudhaaf,Waaqayyo karaa ifaan of mul’iseera.(Way of salvation) Barsiisa bu’uuraa(essential) ta’an irratti ifaadha. Fakkeenyaaf, TRINITY, SIN,GLORY OF GOD,RESURRECTION,HOLYSPIRIT… Garuu waan hundaratti ifaadha jechuu hin dandeenyu. Fakkeenyaf, BAPTISM,ESCHATOLOGY Sababii Kufaatii (DEPRAVITY) keenyaf dhugaawwan M/qulqulluu keessa jiran guutummaatti hubachuu dadhabne nutu malee, Waaqayyo kana kan godheef nu burjaajessuuf (confuse) nu gochuuf miti.(Nu bukkee sababii rakkinni jiruufiidha). Garuu ifaadha jenneemmoo, gara barbaannetti macaafa qulqulluu hiikuutii hin qabnu. (We believe in SOLA SCRIPTURA NOT SOLO SCRIPTURA) HISTORICALLY, Barsiisa Waldaan kristiyaanaa soba jettee mormite (heresy) fudhachuun, karaa kanaallee macaafa qulqulluu ibsuun ifaa ta’uu macaafaa ibsuun nii danda’ama. C) Necessity of scripture Wangeela fayyinaa beekuudhaaf,kunuunsa guddina hafuuraatiif akkasumas fedhii Waaqayyoo beekuudhaaf C/qulqullaa’an barbaachisaadha jechuudha. Namni tokko fayyuudhaaf Wangeela beekuu qaba. Wangeelli immoo macaafa keessa waan jiruuf, fayyina keenyaaf M/qulqulluun baay’ee murteessaadha jechuudha. Rom 10:9 Yoh 14:6  (Daandii fayyinaaf barbaachisaadha jechuudha).

  • 25 июл.1 00092

    Jechi BIBLIOLOGY jedhu jecha afaan Greek  Lamarraa kan dhufeedha. Innis, Biblion:  Book i.e BIBLE Logos:    Study (Study about the book or Bible) Kanaaf Walitti gaafa dhufu BIBLIOLOGY jechuun Qo’annaa waa’e M/qulqulluu jechuudha.              WHY DO WE STUDY BIBLIOLOGY? To understand God. (Waaqayyoon hubachuudhaaf).  Karaa sirrii ta’e Waaqayyoon akka barruuf nu gargaara.  Gosoota Ogwaaqummaa     biroo(Christology,soteriology,Ecclesiology…) hubachuuf illee  Bu’uura    Bibliology jalatti qabiyyeewwan ilaaluuti qabnu muraasa: Eenyummaa(Nature) M/qulqulluu Amaloota (character or attributes) M/qulqulluu Safartuu (Canon) M/qulqulluu Akkaataa Hiikkaa M/qulqulluu(Hermeneutics)   Egaan M/qulqulluu hubachuuf, waa’e M/qulqulluu    kan nuyi keessatti ilaallu, waa’ee eenyummaaf   amaloota macaafaa keessatti jechuudha.  Eenyummaa(Nature); What sth is(its essence or core being)  Amaloota (Attributes); What sth has or shows(it’s qualities or characteristics)    Example:    Fire, Water     God|  Nature: Divine being(What God is)           Attributes: Omniscient,Omnipotent,loving,holy   Kanaaf caaffanni qulqullaa’anis Eenyummaaf   Amaloota mataasaa qaba jechuudha. EENYUMMAA(NATURE) MACAAFA QULQULLUU INSPIRATION(GOD BREATHED,THEOPNESTOS) INERRANCY(Dogoggora kan hin qabne ta’uu) INFALLIBILITY(C/qulqullaa’an hin dogoggoru, dogoggoras qabaachuu hin danda’u) AMALOOTA (ATTRIBUTES) MACAAFA QULQULLUU Authoritative(Ol’aanaa ta’uu M/Q) Clarity(Ifaa ta’uu M/Q) Necessity(Barbaachisaa ta’uu M/Q) Sufficiency(Ga’aa ta’uu M/Q)   Kanaafuu, Eenyumaf amaloota Macaafaa kana erga hubanneeti kan nuyi Barsiisa(Doctrine) warra  kaan hubachuu dandeenyu jechuudha. NATURE (EENYUMMAA) MACAAFA QULQULLUU 1) Inspiration 2 Xim 3: 16- 17 HA)  Caaffanni qulqullaa’an hargansuu(hafuura baafannaa) Waaqayyooti. Kana jechuun hafuurri kan itti baafatame jechuu osoo hin taane,ofiima isaati hafuura baafannaa Waaqayyooti jechuudha. Kalaqa namaa osoo hin taane,maddisaa Waaqayyo  biraa kan ta’eedha. Waaqayyo gaafa hafuura isaa baafatu,macaafa isaa  nuu kenne jechuudha.(Barreeffama ergamoonni barreessanitti hafuura baafate jechuus miti).    Dubbii hafuurri keessa jiru jechuus osoo hin taane, ofiimasaa hafuura baafannaa Waaqayyooti. Kanaafuu, gaafa M/qulqulluu dubbisnu sagalee Waaqayyoo dubbisaa jirra jechuudha. Gaafa C/qulqullaa’a beeknu,Waaqayyoon beekna jechuudha.    Gaafa C/qulqullaa’af abboomamuu didnu,Waaqayyoof abboomamuu didaarra jechuudha.    C/qulqullaa’an gaafa dubbatu Waaqayyootu  dubbata, kanaaf hargansuu(hafuura baafannaa) Waaqayyooti jenna.  So, it guides our decision,shaping our character,strengtening faith, correcting errors and motivating obedience 2) Inerrence C/qulqullaa’a keessatti seenaan caafamee jiru,yaadni waliigalaa C/qulqullaa’a keessa jiru kamiyyuu dogoggora(error) hin qabu YKN wanti Waaqayyo C/qulqullaa’a keessaan nutti mul’iseef nuuf kenne kamiyyuu dogoggora kan hin qabneedha. Hebr.6:18 G/JOHN 17:17 Kanaafuu, C/qulqullaa’an dubbii Waaqayyooti waan  ta’ef, Waaqayyommoo yeroo hunda dhugaa waan ta’ef, C/qulqullaa’anis guutummaatti dhugaaf,dogoggora kan hin qabneedha. S/lakk.23:19 So, we can trust it completely,obey it faithfully,teach it accurately,and defend the truth with confidence 3) Infallibility C/qulqullaa’an dogoggora qabaachuu hin danda’u ykn hin dogoggoru isa jechudha.   Fakkeenyaaf, namni si’a tokko tokko waan sirrii waan godheef, hin dogoggoru ittiin jechuu hin dandeenyu. Iddoo itti dogoggoru qaba waan ta’ef!    Akkasuma C/qulqullaa’an infallible(hin dogoggoru) jennee kan nuyi amannuuf, si’a tokko tokko waan sirrii waan hojjetuuf utuu hin taane,   NATURE(EENYUMMAASAAN) dhugaa waan ta’eef hin dogoggoru jenna jechuudha. Tit.1:2 (God’s promises recorded in scripture cannot fail)     God’s Word cannot fail in what it intends to accomplish (to achieve his purpose)!  Isa.55:11

  • 23 июл.1 000124

    BIBLIOLOGY  PART 1                📖 1phex2:1-3    “ THE MOTTO OF ALL TRUE SERVANTS OF GOD  MUST BE, ‘WE PREACH CHRIST; AND HIM  CRUCIFIED”.   CHARLES HADDON SPURGEON Qo’annaa hafuuraa yeroo taasifnu yoo xiqqaate gosoota ogwaaqummaa(Theology) armaan gadii kana sadan beekuutii qabna. ✓ Biblical Theology; Fakkeenyaf Macaafa Efesoniin beekuu yoo barbaanne,                   • Seenduubee macaafa Efesoon,  yeroo sana magaalaan Efeson maal akka fakkaattu,  Paul haala akkamii keessa taa’e akka barreesse, akkasuma caasefamnif seerlugni, akkaataan barreeffamaa  yeroo sana turan maal akka fakkaatan ilaalun yaada kutaa sanaammoo Contextually ilaaluu jechuudha. Kun akka barbaannetti M/qulqulluu akka hin hiikkanneef nu gargaara.(EXPOSITION) ✓Historical Theology; Seenaa keessatti W/Kristiyaanaa kutaa tokko akkamitti hiiktee barsiifte isa jedhu ilaaluu jechuudha.  Fakkeenyaaf, jaarraa 1ffaa ka’ee (Apostolic father kanneen akka bartuu Yohaannis (Polycarp),isaan booddeemmoo kanneen jiran EARLY CHURCH FATHER,warreen akka Iraaniyes Iginaatiyes ,Tertullian, middle time irra kanneen jiran kanneen akka Augustine of Hippo,Jerome  boodarammoo Thomas Aquinas,John Wickle,Marthin Luther,John Calvin,Edward,James White,Spurgeon…..etc M/qulqulluu Wajjin waan waliigalu,wanta seenaa W/kristiyaanaa keessatti barsiifame hundumasaa nii fudhanna jechuudha ✓Systematic (Topical) Theology; Topic tokko jalatti barsiifni M/qulqulluu guutummaansaa maal jedha kan jedhu ilaaluudha. Fakkeenyaaf; TRINITY, CHRISTOLOGY, PNEUMATOLOGY, SOTERIOLOGY, ESCHATOLOGY, BIBLIOLOGY(Barsiisa Waa’ee caaffata qulqullaa’a) Bibliology’n egaa kutaa Ogwaaqummaa kana jalatti jechuudha kaninni qo’atamu! Waaqayyo Karaalee Gurguddoo lamaan of mul’iseera. Isaanis;   1) General Revelation(Mul’ata Waliigalaa). Rom 1:20  2) Special Revelation ( Mul’ata addaa)…Kun waa’ee Fayyinaa gadi fageenyaan hubachuuf kan nu gargaarudha. Waaqayyo akkaataa nuuf hubatamuu  danda’utti caaffata qulqullaa’a(Holy Bible)  keessatti waa’e ofiisaa nuuf ibseera. Uumama ilaallee Waa’e fayyina keenyaa hubachuu hin dandeenyu jechuudha. ITTI FUFA

  • 5 июл.1 28839

    Obboloota ko! Isin yeroo waamamtan, namoota attamii akka taatan of irratti ilaalaa! Akka yaada namaatti baay'een keessan ogeessota miti; baay'een keessan beekamoo miti; baay'een keessanis sanyii warra gurguddaa keessaa miti*. Waaqayyo garuu namoota ogeessota yeellaasisuudhaaf, waan biyyi lafaa gowwaatti lakkaa'u fo'ate; Waaqayyo warra jaboo yeellaasisuudhaaf waan biyyi lafaa dadhabaatti lakkaa'u fo'ate. Waaqayyo wanta jira jedhamu lafatti dabaluudhaaf, wanta jira hin jedhamne, wanta biyya lafaatti gad deebi'aatti lakkaa'amuu fi wanta tuffatamaa fo'ate*. Kanaafis namni tokko illee fuula Waaqayyoo duratti of hin jajin*. Kristos Yesusitti jiraachuun keessan Waaqayyo biraa ta'e; Waaqayyo Kristosin ogummaa keenya nuuf godhe. Isumaan qajeelota taanee, Waaqayyoof qulqulloofnee in furamna*. Kanaafis, “Namni of jaju gochaa gooftaatiin of haa jaju!” kan jedhu caafameera*. Focus Wallaggaa Yuunivarsiitii irraa!

  • 27 мая2 039392

    Waan hundumaa gaarummaa warra isa jaallataniif akka hojjetu beektanii rakkina keessatti akka obsitaniif akka isin gargaaru, Gooftaan kadhannaadhaan fuula isaa dura turuu keessatti dhabbataa akka isin taasisu, yeroo hundumaa fuula isaa barbaaduufi humna isaa irratti akka of gattaniif akka isin gargaarun isiniif kadhanna. Our last word Jireenya keenya keessatti, hasaa keenya keessatti, Tajaajila keenya kessattis, warri nuti isin gaddisisne, warri nuti respect isin hin goodhin warri nuti yerookeenyaafi gurrakeenya isinif hin keennin, hiriyoonni keenya nutti dhi’attanis hundunaa dhifama isin gaafanna. Jaalallii kabajiifi, lapheen nuti isiniif qabnu tilmaama hin qabu, bayyee isin jallannaa, Waaqaayyo abbaa biraa gooftaa keenya yesuus kiristoos biraas ayyanni araarriifi nagaan hunduma keessani wajjin haa ta’u. amen.

  • 27 мая1 845143

    Deva_Focus: Yeroo waa'ee keessan yaadannu Yeroo hundumaa akkas jennee isinif kadhanna Yeroo hundumaa ayyaana isiniif hin malle kanaan waaqayyotti akka dhihaattaniif isiniif kadhanna; abboommii inni isiniif kenneef ajajamuufi jaalalaan deebii akka isaaf kennitaniif isiniif kadhanna. Gooftaan ilaalcha araara isaatiin dhaqna keessan aarsaa jiraataa, qulqulla’aadhaafi isa biratti fudhatama qabu gootanii akka dhiyeessitaniif akka isin gargaaru isiiniif kadhanna. Jireenyi  keessan, yaanni keessan, gochi keessanifi jechi keessan hundinuu waaqeffannaa ta'ee isaaf akka dhiyaatuuf, kunis karaa aarsaa Ilma isaafi humna Hafuura Qulqulluu isa isin keessa jiruun qofa akka ta'e beektanii, waan hundumaa keessatti isaaf jiraachuu akka hawwitaniif laphee keessan akka qajeelchuufi akka isin bocuf isiniif kadhanna. Waaqayyo abbaan keenya, biyya lafaa kana akka isin hin fakkanneef akka isin eegu, duudhaafi dhiibbaa bara ammaa kanaan qabamuun hammam salphaa akka ta'e beektanii, humna Hafuura isaatiifi dubbii isa aango-qabeessaan kana keessaa akka isin jijjiiruf  isiniif kadhanna. Fedha isaa qoruufi adda baasuu akka dandeessaniif, guyyuma guyyaan karaa dubbii isaa sammuu keessan akka haaromsu, waan gaarii, fudhatama qabuufi mudaa hin qabneen isa duratti akka dhihaattaniif, jireenya isin Kiristoosin akka fakkattaniif itti isin waame sanaa gadi akka hin jiraanneef humna ayyaana isaatiin akka isin gargaarun isiniif kadhanna. Hamma dhiigni keessan dhangala'utti cubbuu wajjin wal'ansoo akka qabdanif, cubbuuttis harka akka hin kennineef isiniif kadhanna.  Yoo dadhabdanii cubbutti kuftan gama cubbuu kessanii gortanii famluurra gooftaan keenya  garraamii fi kan gadi-of deebise ta’uu isaa bektanii  laphee cabaafi raafamuun fuula goftaatti  akka fiigdaniif isiniif kadhanna.  Addunyaan kun rakkinaa fi qoramsa cubbuu baay'eedhaan yoo isin mudatteyyuu, humna Hafuura Qulqulluutiin jabaattanii, jireenya qulqullummaaf akka loltan, mo'ichas akka argattaniif isiniif kadhanna. Gooftaan ayyaana isaatiin jireenya gadi-of deebisuu akka isiniif kennu, ofii keessan caalaattis akka hin yaanne akka isin barsiisu, akka safartuu amantii inni isiniif kenneetti sirritti akka of ilaaltaniif akka isin gargaaruf isiniif  kadhanna. Jaalala inni Kiristoos keessatti isiniif argisiise kan calaqqisiisu, jaalalli isin namoota biroof qabdan dhugaa akka ta'uuf, inni qofti madda gaarummaa hundumaa akka ta'e beektanii, waan hamaa jibbuufi waan gaarii jabessitanii akka qabattan akka isin barsiisuun isiniif kadhanna. Namoota naannoo keessan jiran jaalala obbolummaatiin akka jaallattanifi kiristoos akka inni itti isin kunuunsetti akka isaa kunuunsitanif akka isin gargaaru; ayyaana, obsa fi gara-laafinaan akka inni isin guutuf isiniif kadhanna. Kabaja namatti argisiisuu keessatti warra kaan caaluuf osoo hin taane, ofii keessan irra obboloota keessan akka  calchistaniif humna akka isiniif kennun isiniif kadhanna . Jireenya keessan keessatti ba'aa walii keessanii akka baattan, ba'aa obboleessa keessanii fi obboleettii keessanii jaalalaan akka baattaniif isiniif kadhanna. Ofittummaa dhiistanii, dhiphinaa fi aarsaa walii keessanii, gaddaafi rakkina keessanis waliin qooddatanii, jaalala Kiristoos isa dhugaa akka calaqqisiiftanif isiniif kadhanna. Namni tokko dadhabina isaatiin yoo cubbuutti kufe, of tuulummaafi akka safara biyya lafaatti osoo hin taane, hafuura garramummaafi naasutiin gara iddoo isa isa duraatti  akka isa deebiftanif  ykn ishee deebiftanif, isiniifis ta'e isaaf fayyisaan, kan dhiifama godhu, kan deebisee nama  ijaaru Yesuus qofa akka ta'e beektanii, ba'aa walii baattanii seera Kiristoos akka raawwattaniif isiniif kadhanna Hinaaffaa isaaf qabdan keessatti yeroo daddhabdan Abbaan akka isin eeguuf isinifan  kadhadha. Hafuura cimaafi garaa ibiddaan isa tajaajiluun akka isin guutu, qormaatafi rakkina keessatti illee abdiidhaan akka dhihaattaniif akka isin jabeessuf isiniifkadhanna.

  • 27 мая1 514195

    Dhaamsa obboloota keessanifi michoota keessan Eebbifaman  bara kanaa irraa ( GC- Brothers ) HIN IRRANFATINAA Hojiin furee Kiristos kan raawwatame fannoo irrattidha. Gooftaan keenya Yesus Kiristos waanjoo bara dheeraa ilmaan namootaa kan inni cabse fannoo irrattidha, gatii kan nurraa baase, daabilos isa nama kasasu kan inni qaanesse, namootaaf bilisummaa kan inni labse fannoo irrattidha malee mana qulqullummaa Yesusaalem keessatti miti...fannoo hin irranfatinaa….. Iddoon sun Manneen sagadaa keessa isa tokko hin turre. Warri harka isaa irraa nyaatan raawwannee isa hin beeknu  isaa wajjinis hin turre jedhanii irraa fagaatan sun , warri duraan itti siqan irraa kan baqatan sun, duuka buutota isaa kan turan yeroo isaan isa ganan bakki kun fannoo gubbaattidha. Jajannaan, harka walitti buusuun fi galateeffachuun kan hin jirree,  bakki qofummaa sun golgootaa gubbaadha. Iddoo inni itti warra jaaman ija isaanii banee, warra beela'an nyaachisaa, warra lamxii qulleessaa, gooboo qajeelchaa turetti isinitti hin fakkaatin.  Bakka iinni itti namootaf gaaffii hatattamaa deebiseef, warri isa duukaa bu'an bakka itti miirri isaanii tuqame, bakka itti warri isaan tajaajilamaa turan gammachuudhaan burraaqanittis miti. Xibiriyaados fi Galiilaa ykn Qofirnaahomitti yeroo gooftaan keenya deddeebi'aa turettis miti. Bakka inni qullaa isaa samii fi lafa gidduutti rarraafametti, gonfoo qoraatti bakka inni keewwatetti, xoofoo hadhaa'a bakka inni dhugetti,  namoota uume harkatti mismaaraan bakka itti waraaname goolgota bakka jedhamu tabba sana qaraani'oo gubbaattidha…. Fannoo hin irranfatinaa… Iddoon sun Qaanaa galiilaa mana cidhaa, yeroo inni qani nama oolche miti, bakki itti Kiristos misiraachoo '' xumurameera ''  jedhu labse. Bakka itti lubbuu kumaatama quubsee nyaachisettis miti. Gaara Debirezayit bakka itti bifi isaa jijjiiramee ulfinni isaa muldhatee fi Pheexiros immoo ''asitti argamuun keenya attam gaarii dha'' jedhettis miti. Kaayyoon gara biyya lafaa dhufuu isaa fiixaan kan inni ba'e bakka armaan olii keessaa isa tokkotti illee utuu hin taane, ''xumurameera'' bakka inni jedhe fannoo gubbaatti dha….Fannoo hin irranfatinaa… Kiristiyaanummaa fannoon alaa isa Qaanaa Galiilaa, Kiristiyaanummaa fannoon alaa isa kan qurxummii fi buddeenaa, Kiristiyaanummaa fannoon alaa isa kan haala mijataa fi utaalchaa sana seexanni hin ari'atu; yoom iyyuu ittiin hin mormu; hin jibbus. Kana duukaa bu'an danuudha; kan harka walitti dha'anis baay'eedha. Isin garuuu Waan hundumaa caalaa Kiristoosiin oolmaa inni fannoo irratti isiniif ooleen kan beektan gammadaa. Hundeen amantii keenyaa fi lallaba keenyaa kanadha. …. Fannoo hin irranfatinaa….. Qolosaayisin dubbisee fixee, waa'ee gamoo, konkolaataa fi buukii baankii lallabaan lallabu, farfataan farfatuufi jiraatan jiraatu kiristiyaanummaan isaa kan Kiristos miti. Fannoo hin irranfatinaa. Ergaan barsiisa keessanii  kan isin fuula namootaa  ilaaltanii hin jijjiirree fi miira namootaf jettanii hin tottolchine Kirostos isa fannifame isiniif haa ta’u. Tajaajiltoonni isaa warri nu dursan fi ergamoonni isaa warri ''bifa isaa'' nuun jedhan Kiristosin ala kan biraa beekuu dhiisuuf kan kutatan obboloonni keenya lallabi isaanii, barsiisi isaanii fi daadhannoon isaanii Kiristos isa fannifame qofaa ture….. Fannoo hin iiranfatinaa “Ani garuu fannoo gooftaa keenya Yesus Kristos isa ittiin biyyi lafaa ana irraa fannifame, anis biyya lafaa jalaa fannifame sanaan malee, waan biraatiin of jajuun matumaa anaaf hin ta'u.” Gal. 6:14

  • 25 мая1 38118

    #Bor

  • 25 мая1 4481

    видео или голосовое, без подписи

  • 25 мая1 6531

    видео или голосовое, без подписи

  • 25 мая1 4361

    видео или голосовое, без подписи

  • 25 мая1 1931

    видео или голосовое, без подписи

  • 25 мая1 2501

    видео или голосовое, без подписи