- Последний пост
- 12 авг. 2025 г.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
https://t.me/Jaiferu_Toyar/1670
https://t.me/Jaiferu_Toyar/1670
без подписи
без подписи
🌹 Chaanaalota babbareedoo fi jaalatamoo barnoota irraa argachuu dandeessan isiniif qabannee dhiyaannee jirra. Maarree isinis join godhaa !! Warreen chaanaalii beeksifachuu barbaaddan immoo @ibnu_surur qunnamaa!! 🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
☀️Abbaa✨:-''Ani bar Oolmaa Gaarii kan isinitti oole otoo isin hin dhalatin duraa'''.🦋✨! Ijoollee:-✨Akkamitti Abbaa otoo hin dhalatin??🤔 ☀️Abbaa:-✨Haadha akkana fakkaattu isiniif filadhe ka😍🤌 ...Filannoo keessan Bareechaa....Yaa obbolaa🦋😍 https://t.me/islamumanqaromina
Mallattoolee Gabroota Rabbii🦋✨ ✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨✨ 1 Nama kabajuu...Allaahaadhaaf ajajamu.....namootaafis hanga isaaniif maluun ajajamuu...! 2 Salaata:keessattuu salaata sunnaa...hamma danda'een kan gad dhaabee salaatu....! 3 Sodaan Qabrii...ibiddaa kan isaan yaachistu...! 4 Qabeenya kan kennatan! 5 Badiiwwan gurguddoo irraa fagaachuu....! 6 bakka wanti fokkataan itti dalagamu irraa fagaachuu....! 7 jecha rabbiitiif kabaja kennuu....!.ajajamuufi 🌸Yaa Gabroottan rabbii....Mallattoolee kana keessaa....kamtu hojii keenya fakkaaata laata?😥....tokko tokkos silaa ta'ee gara hojii keenyaatti fiduun barbaachisaadha..✨ wallaahi ani haala keenya sodaadhe😥Yaa Rabbii Rahmata kee nuuf godhi... يا الله🫀 https://t.me/islamumanqaromina
MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA KUTAA 1️⃣4️⃣FFAA Kutaa 13ffaa dubbisuu Hubadhaa ❁ QABEENYA HAADHA MANAATIIFI ILMAAN QOFATTI SHAAGHALAMUU: ◉ Waa’ee fitnaa qabeenyaa ilaalchisee Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: ummanni hundinuu waan ittiin mokkoramte ni qabdi mokkoroon ummata kootii immoo qabeenya.” Tirmiziitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. • Qabeenya irratti bololuun (futunuun) hanga yeeyyiin inni busaa’ee lafa qonnaa irra jirtutti gadi dhiifame ishee balleessu irra diinii Islaamaa balleessa. Kun immoo hiika jecha Ergamaa Rabbiiti ﷺ: “hanga namni qabeenyaafi kabajaa irratti bololu amantii isaa balleessu tokko yeeyyiin bebbeela’oon lama kan busaa’ee irratti gadi dhiifaman ishee hin balleessanu.” Tirmiziitu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Kanaafuu Nabiyyiin ﷺ xiinxallaa qabaachuutti nu kaasan. • Rabbiin ol ta’es ni jedhe: “sana keessa ummata xiinxalanuuf mallattooleetu jira.” Kanaafuu Ergamaan Rabbii ﷺ qabeenya walitti funaannachuu keessatti bal’ifannaa zikrii Rabbii irraa nama shaagalu bal’ifachuu dhorganii jiru. Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “qabeenya walitti qabuu irraa kan siif ga’u khaadimaafi geejjiba karaa Rabbii keessatti yaabbattu qofa.” Ahmadtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Warra qabeenya walitti guuruu baay’isan Nabiyyiin ﷺ dinniinanii jiru; warra akkasuma sadaqaas baay’isu malee. • Ergamaan Rabbii ﷺ ni jedhan: “nama kallatti afraniin mirga isaatiin bitaa isaatiin fuuldura isaatiifi duuba isaatiin akkana akkana akkana akkana akkana jedhe malee warri qabeenya baay’isan salphataniiru.” Ibn Maajaahtu gabaase. Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. Kan inni itti fedhe hulaalee sadaqaafi kallattii khayrii keessatti jechuudha. ◉ Hawwii dheerachuu: • Rabbiin ol ta’e ni jedhe:“Haa nyaatanii; Haa qanani’anii; hawwiin (sobaa) isaan haa daguu isaan dhiisi. (Itti gala isaaniis) fuula duratti ni beeku.” Alhijri:3. • Aliyyiin (ra) ni jedhe: ‘irra guddaan waan an isiniif sodaadhuu fedhii horofuufi hawwii dheerachuudha. Fedhii hordofuun haqa irraa nama deebisa. Hawwii dheerachuun immoo aakhiraa nama dagachiisa.’ Fat-hul Baarii keessa jira. Hadiisa keessatti immoo “waa afur goggogina irraayi: ijji imimmaan irraa goguu qalbiin goguun hawwiin dheerachuufi duuniyaa irratti bololuudha.“ Hawwii dheerachuu irraa kan argamu khayrii hojjachuu irraa nama taatiyeessa; tawbaa duubatti harkisiisa; kajeellaa duuniyaa baay’isa; aakhiraa dagachiisa; qalbii gogsa. Sababni isaas laafuufi qulqullaa’uun qalbii kan argamu du’a qabrii mindaa adabbiifi jabina aakhiraa yaadachuudhaan argama. Rabbiin ol ta’e ni jedhe: “barri isaan irratti dheeratee qalbiin isaanii gogde.” Jedhamee jira: ‘namni hawwiin isaa gabaabbate gaddi isaa xiqqaatee qalbiin isaa ife. Kunis waan du’a fuuldura isaatti dhiheessee ajaja Rabbii keessatti qabsaa’uuf.’ Fat-hul Baarii. • Nyaata dhugaatii hirriba gurjaa dubbiifi wal makannaanis sababa iimaanni dadhabuufi qalbiin goguuti: • Nyaata baay’isuun sammuu laaffisee qaama ajaja Rabbii irraa laaffisa; kallattii shayxaanni keessa yaa’us qaama keessatti qallaba. Jedhamee jira: ‘namni baay’ee nyaate baay’ee dhuge baay’ee rafee mindaa baay’ee hongaa’a.’ • Dubbii keessatti daangaa dabruun qalbii gogsa. Namootaan walitti makachuu baay’isuun immoo jidduu namichaafi lubbuu isaa qormaatuu ishee qofaan kophaa bahee waa’ee ishee to’achuu xiinxaluu irraa dhorga. Kofla baayyisuun immoo jiruu qalbii keessa jiru fixnaan du’a. Ergamaan Rabbii ﷺ hadiisa sahiiha keessatti ni jedhan: “kofla hin baay’isinaa; kofla baay’isuun qalbii ajjeesa.” Ibn Maajaahtu gabaase.Inni Sahiih Aljaami’iin keessas ni jira. • Akkasumas yeroon inni ajaja Rabbii keessatti hin dabarfamne qalbii gogaa dhorgaan Qur’aanaafi gorsi iimaanaa homaa isa hin fayyadne uuma. • Sababni dadhabina iimaanaa baay’eedha; ishee lakkaa’anii fixuun hin danda’amu.Garuu waanuma dubbatame qofaan waan hin dubbatminitti dhaqqabuun ni danda’ama.Namni sammuu qabu kana mata isaatiin itti dhaqqaba. Akka Rabbiin qalbii keenya qulqulleessuufi badii nafsii keenyaa irraa nu tiksu kadhanna. Kutaa 15ffaan itti fufa insha'allaah. https://t.me/keyralumma
ZINAA IRRAA AKKAMITTI OF EEGAN???? Kutaa 1ffaa kutaa 2ffaa kutaa 3ffaa
اللهم صلِّ على محمد وعلى آل محمد كما صليت على ابراهيم وعلى آل إبراهيم إنك حميد مجيد، وبارك على محمد وعلى آل محمد كما باركت على إبراهيم وعلى آل إبراهيم إنك حميد مجيد.🍃 https://t.me/keyralumma
BARNOOTA بسم الله الرحيما الرحيم🫰 🆉ɪɴᴀᴀ 🅸ʀʀᴀᴀ 🅰ᴋᴋᴀᴍɪᴛᴛɪ ᴏғ 🅴ᴇɢᴀɴɪɪ???? ᴋᴜᴛᴀᴀ 1⃣ғғᴀᴀ Jireenya dhala namaa keessatti qormaanni karaalee adda addaatin nama qunnama. Addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taatef, wantoonni nama qoran guyya guyyaan dabalaa adeemu. Zinaan hojii fokkuu ta’uu waliin wanta guddaa namoonni ittiin qoramaniidha. Keessumaayyu, marsaa dargaggummaa fi shamarrummaatti umriin 15-25 jiru umrii baay’ee ulfaata namni qormaata kanaan itti qoramuudha. Kaayyoon guddaan qormaata kana keessa jiru: nama Rabbiif jedhe of qabu fi nama badii kanarraa of hin qabne adda baasun ergasii jazaa isaaniif kafaluudha. Qormaata booda namni wanta hojjateef jazaa ni argata. Kanaafu, namni takkaa qormaata zinaa kana darbuun mindaa guddaa argata, takkaa immoo qormaata kana kufuun adabbii guddaaf of saaxila. Zinaan (sagaagalummaan) qormaata keessaa qormaata tokko erga ta’ee, namni akkamitti qormaata kana darbuu danda’aa? Mee gargaarsa Rabbii olta’aatin haa tarreessinu: 1-Wantoota gara Zinaatti nama fudhatan irraa fagaachuun tarkaanfiin jalqabaa zinaatti nama fudhatu, wantoota zinatti nama geessan hojjachuudha. Wantoota kanniin haala kanaan guduunfu dandeenya: ilaalu, yaadu, waliin haasawuu, walitti makamuu, ergasii badii zinaatti kufuudha. Mee wantoota zinaatti nama geessan armaan olitti kaasne muraasa isaanii haa ilaallu: Ilaalcha- kana jechuun ijaan wantoota baditti nama harkisan ilaaludha. Ilaalun tarkaanfi jalqabaa gara zinaatti nama fudhatuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namni tarkaanfi dhumaa irra gahee akka baditti hin kufneef, tarkaanfiwwan jalqabaa irraa akka fagaatan akkana jechuun ajaje: ﴿َوََل َتۡقَرُبواْ ٱلزِّ َنَىإِّنَُّهۥ ََك َن َفَٰ ِّح َشةٗ َوَسآءَ َسبِّيٗل٣٢﴾ Sagaagalummattis hin dhihaatinaa. Dhugummatti inni hojii fokkataa fi karaa hamaa ta’ee jira.” Suuratu Al-Isra 17:32 🫰🤌Itti FUFA إنشاء الله🥰 🌸Hiriyoota...Akkasuma Namoota ni fayyada jettanii yaaddaniif share...Godhaa.....Qooddattoota ajrii irraa haa taanuun dhaamsa kooti☺️ 🤌🫰Share🌸🌸👇 https://t.me/abdii940
Inshaa''allaah kutaa kutaadhan gabaabsee kitaaba kana isiniif maxxansa... hangasiifuu share godhaa...! https://t.me/abdii940
Yaa Nama sa'aatii kana...dhagahaa jirtu......Kan online irra jirtu.......Rabbiin kee si yaama.... Du'aahii keessan Gaarii na Yaadadhaa🥹🥹❤️🩹 Isin jaalladha🌹🌹🌹
Abdullaah bin Abbaas 💥Namni tokko na bira dhufee...yahuudota waswaasni sheyxaana akka hin muudanne himu''...naan jedhe... ''Dhugaa jette: sheyxaanni mana fardaa keessaa dhimma hin qabu..''jedheen 💥sheyxaanni dhara kan hojjatu namoota rabbiif ajajaman irratti...''jedheen... 👉Akkuma Namichi rabbiif ajajamaa deemun....mormiin sheyxaanaas dabalaa deema'' ☀️Haalli mormiidhaa..kana fakkaata..''Ni didda moo...ni fudhatta?jedhame 👌Kana waan ta'eef...muslimni sheyxaanarraa carraaqqii didiinsaa kaasuutu irra jiraata......Wal dorgomuunis:Rabbiif ajajamuu fi Badiirraa towbaa deebi'uu haa ta'u..! 🎋☀️Niyyaa Gaarii fi...Waan Gaarii irratti....cimuun rabbiif ajajama....badii dhiisuu fi...towbaa deebi'uufis ni carraaqa......dharri sheyxaana dadhabaadha....! 💔Kanuma keessaa hanga lukti kee jannata ykn jahannam keessa boqattutti si hin dhiisu Sheyxaana Abaaramaa irraa rabbitti maganfanna✨✨ " Du'aahii keessan Gaariin na hin dagatinaa🥹🥹❤️🩹 Wallaahi Rabbiif jecha...isin jaalladha🫀🌹🌹 https://t.me/keyralumma
Kan itti fufe✨✨✨✨👆 -Kan biroo hafee dhoorginsa fayyadamuuf yaada dhiheessite...💔 -Miiraan waan marfameef...siif hin dhagahamne😨 -Diraamaanis sitti tole...! -Bishaan isa barbaaddu dhugde...' -kabajni sitti agarsiifamu daran sitti tole😲 -ofii kee akka carra qabeettiitti Lakkoofte -uffata kee uffatte... -imala keetiif qarshii fuudhee harkaan si cabbaxe🥱 -Qalbii kee irraa sitti tolee...bor wal haa agarru jetteen🫤 -inni garuu deebii siif hin deebisne.🥴 -Gammadaa gama mana keetti deebite😮💨 -Nagaan akka mana geette text barreessiteef 😧 -Deebiin hin jiru😑 -Ammas deebitee barreessiteef😪 -Deebiin hin jiru😑 -Daqiiqaa muraasa booda yoo laaltu BLOCK🚫Taateeti jirta🥴 -Ni beektes -guyyaan,jiini,ni lakkaa'ame 😶 -Yeroo booda dhukkubbiin sitti dhagahame....🤕 -Gara mana yaalaa deemte...🤔 -HIV..akkasumas ulfooftee akka jirtu sitti himame.💔💔 Ni Gaabbite...Garuu maal bu'aa qaba... Yeroon isaa dabreeti jira...💔 © Obboleewwan ofii keessan,kabaja keessan eeggadhaa... Isin jaalladha❤️🩹🥰afuwan lillah Obboleewwan koo dhiiraa🥹🥹Adaraa natti hin Aarinaa....ani gorsumaafi malee isin hundi akkana jechuu miti....dhiiras ta'ee shamarran waa'ee keessan yoon dubbadhu...hunda walitti qabeeti miti....abbaan of beeka waan ta'eef keessatti of haa ilaallu... DHIIFAMA NAAF GODHAA🥹🥹🤎🙌 Du'aahii keessan Gaariin na hin irraanfatinaa💞? ? Wassalam aleykum warahmatullaahi wabarakaatuhuu🤎? ?🤎 https://t.me/keyralumma
#Intala Tana hin ta'in🙌 -Social media..irraan Hi jedhamte? -Otoo hin deebisin gara profile deemtee daaw'atte.....profile baay'ee bareeda👌😁 -Yeroo 2ffaa Hi siin jedhe....Gammachuun deebiste...💔 -Haasaa wal jijjiirun Eegalame💔 -Qaamaan wal arguuf yeroon qabame😢 -Uffata Gaarii uffattee...shittoo dibattee....sirraa bareedee deemte😠 -Bakka bashannanaa Qaalii ta'etti si fudhate..😨 -Yeroo Gaarii dabarsuu eegaltan😓 -Harka kee..jaalalaan Qaqqabaan...taqhaan si kofalchiisa😰 -ija kee ija jaalalaatin ilaalee..si seeqachiisa -akka waan walbeekumsa baay'ee qabdanii sitti dhagahame😮 -Kutaa akka qabattu si gaafate😑..tole jetteef😭 -Akka itti tolummaan sitti dhagahamu si godhe🤯 -Jaalala fakkeeffachaa..gara kiss..isa jedhamuutti si geesse😤 -Dhugaa ta'uu dhabuun siif galus...gammachuun sitti dhagahameera 🥵 -Gama Algaatti Affeeramte💔😭 -Diduuf humna dhabde💔 Afuwan yaa jama'a🥹🥹 Itti fufa inshaa'allaah🫀🫀🥰 https://t.me/keyralumma
#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda? •Nama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin barbaanne sun akka nama kuffaaratii, waan rabbiin isaa kennuu fedhu, isaa kenna, waan inni argatuu fedhee miti sanuu nama isaa kennuu feedheef, kuffaarri waa haddu hawwaa, garuu muraasa isaa malee hin argatu, inumaa isaaniraa hedduun muraasa sanuu argatuu fedhaa, haa tayuu osoo hin argatin hafa, akkasitti hiyyummaan addunya'aa aakhira'aa isarratti walitti qabamti, eega waan addunya'arraa argateen xiqqo qanani'e aakhira'atti ibidda jahanm seena Isaa jibbama fi rahgmata Rabbirraa darbama ta'e. •Ammoo namni mu'minni durummaa Aakhiraa filatee, yoo addunyarraa waa argate tolte ammoo yoon argatin, wanni inni yaadu akka hiyyummaan inni keessa jiru durummarra isaa caaltu Rabbi biratti. *Namni Aakhiraa maraxatee, Dalagaa aakhiran maltu dalage, amanee waan aakhiraan malu dalage, Dalagaan isaanii waan galata qabaati kan Rabbiin iraa qeebalee, sawaaba isaanii kennu. Yaa rabbi nu milkeessi.
ilmaa fi Abbaa 💥Anaa fi Abbaa koo giddutti...walitti bu'iinsi uumame....... Otoo hin yaadin sagalee koo itti ol kaase..🥺💔 Waraqaa barreesse wahiillee teessoo irratti darbee Aarii koo qabbaneessuf ...Gola ciisichaa koo seenee rafe... Yeroo wahii..university otoo baradhuu..abbaa koo otoo taphadhuun dhiifama gaafachuu barbaadee... ❤️🩹Abbaa....keessaa lukaa irra..luka...gara jalaa...laafaadha yoo jedhame..dhagahee ture...saniif luka keetin mirkaneeffachuu barbaade..hidhii kootin tuqee ilaaluu naaf heyyamtaa?...jedheeni...ergaa barreessefii imala gara isaatti eegale.... 🪐Yoo mana seenuu abbaan koo boo'aa otoo jiruu...mana saaloonaa keessatti argadhe...na ilaalee🥺tasumayyuu luka koo akka dhungattu siif hin heyyamu💔 naan jedhe... 💥Abbaan koo..haasaa isaa itti fufe...luka jalli laafaadha kan jedhamte dhugaadha...Yeroo ati daa'ima turtetti garagaggalchee dhungadhee ilaaleera.....jedheen Ijji koos imimmaanin marfame💔 Abbootiin keenya otoo nuti hin yaadin nu dabru..otoo isaan nu hin dabrin ...hamma dandeenyen haa kunuunsinuun😞🤎 🌹Rabbiif jecha isin jaalladha🥀 🫀🫀🌹Ooltii Gaarii🌹🥰 https://t.me/abdii940
💌 Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatu jaalalloowwan koo hundi nagaafii rahmanni rabbii isiniif hajiraatuu jechaa waamicha ykn gahee amantaan koo islaamummaan narraa qabu isiniin gahuun barbaada innis waamicha gara barnootawwan dursuu qaban kan akkaan barbaachiisoo tahan kan isiin maletti amantaan keenyaa fi dalgaan amantaa keenyaa dhaabbachuu ykn qeebalamuu indandeenye barnoonni sunis maali yoo jettan kunoo kanneen gadii kana ⤵️ 👇 ➡️ Barnoota Toohidaa ➡️ Barnoota Aqiidaa ➡️ Barnoota waa'ee iimaana ➡️ Barnoota Seenaa/siiraa Obboloowwani fi obboleettin koo hundi akka gama barnoota kanaa dhuftanii barattan hiriyoottan keessanis garas affeeruun ykn ergaa keenya kana shear forward gochuun Gahee amantaan keessan isinirraa qabu bahadhaa isiniin jenna ⤵️ kan gadii kana tuqaa👇
#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda? •Nama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin barbaanne sun akka nama kuffaaratii, waan rabbiin isaa kennuu fedhu, isaa kenna, waan inni argatuu fedhee miti sanuu nama isaa kennuu feedheef, kuffaarri waa haddu hawwaa, garuu muraasa isaa malee hin argatu, inumaa isaaniraa hedduun muraasa sanuu argatuu fedhaa, haa tayuu osoo hin argatin hafa, akkasitti hiyyummaan addunya'aa aakhira'aa isarratti walitti qabamti, eega waan addunya'arraa argateen xiqqo qanani'e aakhira'atti ibidda jahanm seena Isaa jibbama fi rahgmata Rabbirraa darbama ta'e. •Ammoo namni mu'minni durummaa Aakhiraa filatee, yoo addunyarraa waa argate tolte ammoo yoon argatin, wanni inni yaadu akka hiyyummaan inni keessa jiru durummarra isaa caaltu Rabbi biratti. *Namni Aakhiraa maraxatee, Dalagaa aakhiran maltu dalage, amanee waan aakhiraan malu dalage, Dalagaan isaanii waan galata qabaati kan Rabbiin iraa qeebalee, sawaaba isaanii kennu. Yaa rabbi nu milkeessi.