Amaanaa Dhalootaa🥰
Статистика"Namni hundi waanuma yaadu dubbata. Ani yaadaafiin si qaba. Jaalala malee humaa sirraan barbaadu♡." Nagaan siif haa tahu. https://t.me/nuredin_00 https://t.me/nuredin_00 https://t.me/nuredin_00
- Последний пост
- 24 янв. 2025 г.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Sababuma hedduu dubbatteef malee, sababa hedduu callisteef namni ati dhabdu tokkolleen hin jiru. Dubbii xiqqeeffadhu.
- Waan arra facaafatte boru haammatta. Waan facaaftu hubadhu. Akka boru yeroo haamtu qoreen hin diramneef.
Rabbi waan ati hin dandeenyeen sin mokkoru. Obsi humna kee amanii jiraadhu.
Namoonni milkaa'oon yeroo hunda nama gargaaruun gammachuu argatu. Garuu namoonni dadhaboon, nama gargaaruu irraa bu'aa maal akka buufatan yaadu. Garaagarummaa jireenyaati.
Jireenyi kun akkana... Guyya tokko tokko, guyyaa ati jaalattu, guyyaa tokko tokko, kan ati hin hubanne, guyyaa tokko tokko, kan akka gar malee yaaddu si taasisu, guyyaa tokko tokko kan maaliif akka jiraattu wallaalchisee si naasisu, guyyaa tokko tokko kan osoo akka dhufuu eegaa jirtu, Garuu dhufuun isaa kan tasa hin yaadamneetu si mudata. Mee ati guyyaa kam kamiin qoramtee jirta?
Namni akkamiin if dagata?
Yoo gammachuun keessa kee hin jiraanne, if jajjabeessun akkamiin dandahama...
Ee waanuma lama. 1. Jireenya keenya fuulduratti oofna. 2. Jireenya dhiifnee duunee awwalamna.
Yeroo tokko tokko akka yaadde osoo siif tahee, kana caalaa dhukkubsatta.
Maal qaba... Dhukkuba malee, Wanti hundi osoo akka jalqabaa bareedee...
Namoonni tokko tokko, dantaa isaaniitiif jecha si yaaduu bira dabranii siif yaaduu jalqabu. Atis Umrii dheeradhuuf!
Namni dhugaan si jaalatu... 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 Jaalala siif qabu, jecha caalaa gochaan siif ibsa. Maaliif akka si abdatu fedhii qaama isaa, isa bu'ee caamu, sitti baafachuu caalaa, jaalala dhugaa keessa onnee isaatii miira keetiif dhaamuun siif cimsa. Hammannaa lapheetti si qabatu caalaa, qabannaa akka hapheetti sitti maxxanee jiraachuuf addunyaa tanarraa suma qofa barbaada. https://t.me/nuredin_00 https://t.me/nuredin_00 https://t.me/nuredin_00
Namni dhugaan si jaalatu... 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 Jaalala dhugaatiin, akka wal argattaniif waan dandahu hunda taasisa. Garuu Hireen qooda Rabbii taatee yoo wal dhabdan, jaalalumaan garaa keeysaa akka sitti toluuf Rabbi siif kadhata. Jaalalti argachuu caala jaalachuu beekuudha. https://t.me/nuredin_00 https://t.me/nuredin_00 https://t.me/nuredin_00
Yaa nama jaalalaan qabame... 👇👇👇👇👇❤️👇👇👇👇👇 Namni dhugaan si jaalatu, yeroo haraamiin sitti dabarsurra, halaaliin akkamitti akka sitti dhiyaatu beeka. Yeroo, qabeenya, haala keeysa jiruun osoon taane, Qulqulluu jaalalaatiin jiraatuutu itti mullata. Waaniin siin ja'eefiin qaba.
Jaarsa khaasaa, jaarsa baasaa, jaarsa daasaa kamtu irra gaariidha? Sababni?
Namni jaalatu, nama jaalatutti, garaa hin jabaatu, dhama yaadatutti yaadannoo hin hifatu, qaama jaalaturraa hin baqatu, qalbii jaalatu hin tuffatu, onnee onneen isaa jaalattu sanirraa addaan bahee, dandahee hin jiraatu, yeroo tokkoofis osoo taatee, miira jaalatu san hin gowwoomsu. Kanaan achi, nama jaalala hin hubatin ykn dhugaa jaalalaa hubatee hin fudhataniidha. Jaalalti beekkumsa!
Tokko yoo yeroo dantaa ati irraa qabdutti sirraa fagaate, tokko yoo yeroo dantaa sirraa qabu fixate sirraa fagaate, tokko yoo nama sirra caalu waan argateef sirraa fagaate, tokko yoo jireenya siin ala akka jiraachuu dandahu hubatee sirraa fagaate, kamtu irra garaa jabaate?
Jalqabbiin isaanii sin sossobin. Gaafa duraa Sheeyxaanninuu gaarii ture.
Jireenya kee keessatti, jechaafi gochaan amanamaa tahi. Nama jechi bareedu, kan gochi fokkotu osoon taane, nama jechaafi gochi wal simu tahii jiraadhu. Jiruunuu gabaabduudha.
Gaafaan du'ee biyyee Boraafadhee ciisu Gaafaan gu'ee iyyee Fedhiin qabu dhiisu >> >> >> Gaafaan jaalalleedhaan Wal arguuf rakkannu Dharraa waliif qabnu Wal bahuuf hanqannu >> >> >> Gaafaan humna malee Dirqamaan mudadhu Lubbuun kophaa bahuu Dirqamaan fudhadhu >> >> >> Mee gaafa san dhiiroo Haalli koo akkami? Gaariin dalagadhe Dhaalli koo hangami?