PEACE MESSAGE 📡🛰️🔊📜
Статистикаوَٱللَّهُ يَدْعُوٓا۟ إِلَىٰ دَارِ ٱلسَّلَٰمِ وَيَهْدِى مَن يَشَآءُ إِلَىٰ صِرَٰطٍ مُّسْتَقِيمٍ Yunus 10:25 For contacts 👉 @Wayof_jannah
- Последний пост
- 14 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 10
- Всего постов
- 70
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 95
- 1/48двое суток
- 108
- 1/72трое суток
- 117
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Rabbii namoota akka ati miidhamtuuf dhoksaan sitti hojjatan irraa si haa eegu. Yeroo hunda du’aa’ii tana kadhadhu. Ikhlaasa tolii, niyyaa gaariin, miidhaa dhokataa irraa Rabbitti maganfadhu. Namoonni nutti kolfan hundi qalbii isaanii keessa jaalalatu jira jechuu miti. Islaamummaan gaarummaa fi amala gaarii akka qabaannu nu gorsaati, hamtuu dhokataarraa akka of eegnu amma nu akeekkachiisa. Amaanaa keenya Rabbii Waa hunda beekutti, kan waan dhokataa fi ifaallee argutti kennanna. Hinaaffaa, Jibbaa fi shira hamaa irraa Isatu nu eega. Eegumsi isaa eegumsa jaalalarraa maddeedha. 👉 Rabbiin ol aane namoota garaa qulqulluu qabaniin nu haa marsu 👉 Qalbii teenya goggogiinsa irraa nuu haa eegu 👉 Karaa dhugaa fi qajeellummaa irrattis nu haa tiysu. 👉 Hamti nuti hin beekne, kan nutti dhufaa jirtu nurraa haa deebisu. Aamiin 🤲
سلامٌ على مدينةٍ أضاءت بنور الحبيب ﷺ،🌙 وسلامٌ على كل قلبٍ اشتاق إليها. 🤍
Nabiyyicha Addunyaa Hundaaf Ergaman SAW Nabi Muhammad (SAW) Ergamaa ilmaan namaa hundaaf ergamanii dha. Nabi Muhammad SAW nama tokko ykn saba tokko qofaaf kan ergamee miti. Inni ilmaan namaa hundaa fi addunyaa guutuu akeekkachiisuu, karaa Rabbii irratti waamuu fi rahmataaf kan ergamee dha. 1. Qur’aanni ifatti akkana jechuun mirkaneessa! وَمَا أَرْسَلْنَاكَ إِلَّا كَافَّةً لِّلنَّاسِ بَشِيرًا وَنَذِيرًا وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَ النَّاسِ لَا يَعْلَمُونَ “Nuti nama hundaaf, gammachiisaa fi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine; garuu irra caalaan namootaa hin beekan.” (Suuraa Saba'i 34:28) ➡️ Aayanni kun ergaan Nabi Muhammad saw nama hundaaf ta’uu ifatti ibsa. 2. Ergamtoota duraanii irraa adda ta'uu; Nabiyyoonni duraanii yeroo baay’ee saba ykn ummata isaanii qofaaf ergamaa turan. Rabbiin Nabi Muhammadiin SAW akkana jedheen: قُلْ يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنِّي رَسُولُ اللَّهِ إِلَيْكُمْ جَمِيعًا “Jedhi: Yaa ilmaan namaa! Dhugumatti, ani Ergamaa Rabbii isin hundaaf ergamee dha.” ( Suuraa A’raaf 7:158) 3. Qur’aanni nama hundaaf rahmata akka ta'an dubbata. Rabbiin akkana jedha: وَمَا أَرْسَلْنَاكَ إِلَّا رَحْمَةً لِّلْعَالَمِينَ “Rahmata addunyaa goonee malee si hin ergine.” ( Suuraa Anbiyaa 21:107) Kana jechuun rahmanni fi ergaan Nabi Muhammad SAW nama tokko, saba tokko ykn biyya tokko qofatti kan daangeffamee hin hafnee dha. 4. Hadiisni Rasuulaa SAW hoo maal jedha? Nabi Muhammad SAW akkana jedhan: وَكَانَ النَّبِيُّ يُبْعَثُ إِلَى قَوْمِهِ خَاصَّةً، وَبُعِثْتُ إِلَى النَّاسِ عَامَّةً “Nabiyyiin tokko tokko gara saba isaatti qofa ergamaa ture; ani garuu gara namoota hundaatti ergame.” (Sahiih al-Bukaari Sahiih Muslim) ➡️ Kanaaf, Nabi Muhammad SAW Nabiyyii ilmaan namaa hundaaf ergameedha. 5. Ergaan isaanii sanyii fi biyya hin ilaalu; Islaamni Araboota qofaaf miti. Araba, Habashaa, Ameerikaa, Awurooppaa, Eeshiyaa ykn Afrikaadha. Namni kamiyyuu ergaa Nabi Muhammad SAW irraa waamicha qaba. Rabbiin akkana jedha: يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنَّا خَلَقْنَاكُم مِّن ذَكَرٍ وَأُنثَىٰ ... إِنَّ أَكْرَمَكُمْ عِندَ اللَّهِ أَتْقَاكُمْ» “Yaa ilmaan namaa! Nuti isin dhiiraa fi dubartii irraa uumne... Dhugumatti, isin keessaa kan Rabbiin biratti caalaa kabajamaa ta’e, kan isin keessaa isa caalaa Rabbiin sodaatu.” (Suuraa Hujuraat 49:13) - Nabiyyiin ilmaan namaa hundaaf ergaman. - Qur’aanni ilmaan namaa hundaaf qajeelfama. - Ergaan isaanii rahmata aalama hundaati. -Waamichi isaanii gara tawhiidaa fi gabbartii Rabbii Tokkichaati.
Siinqii ganamaa qalbiif
Du'aa'iin gariin namaa godhu ammoo tama ajaa'ibaatii bar !! “Osoo hin ifaajin taa’aa nyaadhaa” jedha. Mee namni osoo hin ifaajin, osoo hin hojjatin, akkamitti taa'ee nyaata !? Islaamummaan amantii irkattummaa balfitee, hojjechuutti, Carraaqatuutti, Rizqii barbaadatuutti nama kakaastuu dha. Du’aa’iin barbaachisaa dha garuu du’aa’ii jechuun hojii dhiisanii taa’uu miti. Nama Musliimaa tokko irraa kan eeggamu waan Sababa rizqii isaaf tahu barbaadatuufi Rabbiin irratti hirkachuu(tawakkulaa) godhuudha. Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: "مَا أَكَلَ أَحَدٌ طَعَامًا قَطُّ، خَيْرًا مِنْ أَنْ يَأْكُلَ مِنْ عَمَلِ يَدِهِ، وَإِنَّ نَبِيَّ اللَّهِ دَاوُدَ عَلَيْهِ السَّلَامُ كَانَ يَأْكُلُ مِنْ عَمَلِ يَدِهِ" [صحيح البخاري] “Tokkoon namaa nyaata harka isaatiin hojjatee nyaatu caalaa nyaata gaarii hin nyaanne. Nabiyyiin Rabbii Daawud (AS) hojii harka isaatiin hojjatu irraa ka nyaatu turan.” Harka maratanii taa'uu qofaa osoo hin taane Rizqiin Rabbiin biraa dhufa, garuu sababaa geessuun hiree ofii barbaaduun dirqama. Rabbiin irratti hirkachuu jechuun harka maratanii taa’uu miti, Sababa gahaa geessuu san booda Rabbiin irratti hirkachuu dha. اللهم ارزقنا رزقًا حلالًا طيبًا واسعًا، وبارك لنا فيه. 🤲
Kanaafuu, biyya keenya sabdaneessa amantaa qabdu keessatti haala shakkii hin uumneen daangaa mootummaa fi amantii ifatti adda baasuun, bilisummaa amantii bu'uuraa lammiilee mirkaneessuuf, mirgoota kabachiisuuf fi sirna haqaa ijaaruuf iftoominni baay'ee barbaachisaadha. Iftoominaan dhimma kana irratti mari'adhaa. Amantii eenyutu bakka bu'a? Mootummaas? Har'aaf kanumaan xumuree jira. Nagaan turaa. 📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶 https://t.me/peacetv0
Mootummaan mataan isaa "na gidduu hin seenin" jedhu eenyu? 📶📶📶🔴🔴🔴📶📶📶🔴🔴🔴📶 Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል 🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵🏵 Heera Mootummaa Rippaablika Dimokrataawaa Federaala Itoophiyaa Keeyyata 11(3) irratti, mootummaan fi amantiin wal keessa akka hin seenneef, "Mootummaan dhimma amantii keessa hin seenu; amantiinis dhimma mootummaa keessa hin seenu" jechuun tuma. Dhimmi kun sirna mootummaa sekyulaaraa fi bilisummaa amantaa hojiidhaan mirkaneessuuf kan kaayyeffameedha. Garuu dhimma kana irratti mootummaan fi amantiin maalummaan isaanii ifatti adda hin baane. Daangaa daangessuudhaan mootummaa amantii irraa walaba ta'e dhaabuuf yoo ka'amu, mootummaanis ta'ee amantiin maal jechuu akka ta'e fi lamaan isaanii eenyuun fi haala kamiin akka bakka bu'an hiikni ifaafi shakkii hin uumne hin kennamneef. Hir'inni iftoomina kanaa mirgoota bu'uuraa amantii Muslimoota Itoophiyaa sarbuuf meeshaa ta'eera. Uffannaa Islaamaa, bilisummaa waaqeffannaa fi Muslima ta'anii jiraachuu, barachuu, hojjechuu fi tajaajila argachuu keessatti qaamolee farra Islaamaa ta'aniif meeshaa ta'uudhaan, ummanni Muslimaa yeroo hunda gaaffiilee mirgaa tsallafe irratti akka xiyyeeffatu fi yeroo hunda marsoo ibidda dhaamsuu keessa akka jiraatu taasise. Fuuldurattis mootummaan ta'ee amantiin maali fi eenyuun akka jedhamaa jiru haala shakkii hin uumneen yoo kaa'amuu baate, akkuma hanga ammaatti hiika dabalataa fi haala ifa hin taaneef saaxilamuudhaan, qondaaltonni dhimmoota akkasii ala akka feeteetti hiikuudhaan meeshaa roorroo ta'anii itti fufuuf carraan isaanii bal'aadha. A) Mootummaa irraa kan adda ba'uun barbaadamu maali? 🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺 Mootummaan amantii irraa adda ba'uu qaba yeroo jedhamu, amantii irraa akka adda ba'u kan barbaadnu eenyuun fi maali jedhanii ifa ta'uu qaba. Amantii irraa akka adda ba'u kan barbaadamu isaan armaan gadii keessaa isa kam? 1) Seera mootummaatii? 2) Qaama seera baastuu Bakka Bu'oota Ummataatii? 3) Qaamolee seera raawwachiiftuutii? 4) Sirna abbaa seerumaatii? 5) Abbaa seeraa seera hiikuudhaaf? 6) Abbootii seeraa seera hiikaniif? 8) Qondaaltota mootummaatii? 9) Hojjettoota mootummaatii? 10) Yaada-xiinsammuu mootummaatii? 11) Imaammatota mootummaatii? 12) Raawwii mootummaatii? 13) Tajaajiloota mootummaan lammiidhaaf kennuudhaaf? 14) Tajaajila mootummaa fudhachuuf gara dhaabbilee mootummaa kan dhufan lammiilee? 15) Tajaajila mootummaa kennuuf kan bobba'an tajaajila kennitoota? 16) Wiirtulee tajaajilli mootummaa keessatti kennamuudhaaf? 17) Qabeenya tajaajilli mootummaa keessatti kennamuudhaaf? B) Amantiin isa kam? ✅✅✅✅✅✅✅ Amantiin mootummaa irraa haa adda ba'u yeroo jedhamu, amantii kan jedhamu maali? Amantiis kan bakka bu'u maali? Qabxiin jedhu haala shakkii hin uumneen ifatti kaa'amuu qaba. Kanaafis qabxiileen armaan gadii sirriitti ilaalamanii heerri mootummaa amantiin mootummaa keessa hin seenin yeroo jedhu isa kam akka jedhu ifatti kaa'uun madaalawaadha. Garuu amantiin isa kam? Amantiis kan bakka bu'u eenyuu fi maali? 1) Amantii jechuun kitaabota qulqulluudhaa? 2) Dhaabbilee amantiitii? 3) Hooggantoota amantiitii? 4) Lammii amanaadhaa? 5) Hawaasa amanaadhaa? 6) Hojii amantiitii? 7) Ibsituu amantiitii? 8) (Ibaadaaa) Waaqeffannaaleedhaa? 9) Amantiileen fiilosoofiiwwaniidhaa? 10) Seera amantiitii? 11) Sirna abbaa seeraa amantiitii? 12) Wiirtulee hojiin amantii keessatti raawwatamuudhaaf? 13) Ibsituu amantiitii? Gudunfaa 🔴🔴🔴🔴 Seera-bu'uuraa "Mootummaan fi amantiin adda ba'uu" jedhu wabii qixxummaa lammiilee fi bilisummaa amantii ta'uu kan danda'u yaad-rimeen isaa yoo qulqullaa'e qofaadha. Seerichi yaad-rimeewwan "Mootummaa" fi "Amantii" jedhan shakkii malee ifatti yoo kaa'uu baate, sekyulaarizimiin seera-bu'uuraa dhimma keessa hin seenne ta'uun hafee, qondaaltonni fedhii isaanii ittiin madaalan fi seeraan ala wal keessa seenuu uffanna seeraa itti uffisan meeshaa ta'ee itti fufa.
Siinqii ganamaa qalbiif
Addunyaan Maaliif Islaamummaa Filatti? Addunyaa irratti amantiin Islaamaa saffisaan baballachaa fi namoota baay'eedhaan filatamaa jira. Sababoonni namoonni gara Islaamummaatti dhufaniif baay'eedha, isaan keessaa qabxiiwwan guguddoon kanneen armaan gadiiti: 1. Tokkummaa Rabbii (Tawhiid): Islaamummaan Rabbii tokko qofa waaqeffachuu irratti hundaa'a. Yaadni kun ifa, salphaa fi sammuu namatti kan galuudha. Wanti Rabbii gadii jiru hundi uumama ta'uu fi uumaan immoo tokko qofa ta'uu isaa hubachuun namoota baay'ee hawwata. 2. Walqixxummaa fi Haqaa (Equality and Justice): Islaamummaa keessatti garaagarummaan qomoo, bifa, sanyiin ykn qabeenyaan hin jiru. Akkuma Ergamaan Rabbii (S.A.W) jedhanitti: "Arabni ajamii (kan Araba hin ta'in) irratti caalmaa hin qabu, inni diimaanis inni gurraachas wal caalmaa hin qaban, Taqwaa (Sodaa Rabbii) qofaan yoo ta'e malee." Kun immoo namoota loogiin sanyii fi qomoo isaan nuffisiise baay'ee gara Islaamummaatti harkisa. 3. Qur’aana fi Saayinsii: Namoonni hedduun, keessattuu barattoonni fi saayintistoonni, dhugaa Quraana keessa jiru yommuu saayinsii ammayyaa waliin wal bira qaban ajaa’ibsiifatu. Fakkeenyaaf, akkaataa uumama namaa, dambalii galaanaa fi qorannoo hawaa (Space) irratti wantoonni Quraana keessatti waggaa 1400 dura dubbataman saayinsii ammayyaa waliin walitti dhufuun isaanii amantii kanaaf ragaa cimaa ta'a. 4. Kaayyoo Jireenyaa Ifa Ta'e: Islaamummaan gaaffilee bu'uuraa kanneen akka: "Eessaa dhufe? Maaliif uumame? Eessa deema?" jedhaniif deebii quubsaa fi ifa ta'e kenna. Jireenyi addunyaa kanaa qorumsa ta'uu isaa fi jireenyi dhugaa kan boruu (Aakhiraa) ta'uu isaa barsiisuun isaa namootaaf nagaa sammuu kenna. 5. Akkaataa Jireenyaa Guutuu (Way of Life): Islaamummaan amantii mana waaqeffannaa keessatti qofa hafu miti. Akkaataa namni tokko itti nyaatu, itti bulu, daldala itti hojjetu, maatii isaa itti bulchu fi bulchiinsa biyyaa hundaaf qajeelfama qaba. Sirni kun jireenya namaa keessatti tartiibaa fi naamusa uuma. 6. Qulqullina fi Araada Irraa Bilisa Ta'u: Islaamummaan qulqullina qaamaa fi sammuutti nama ajaja. Alkoolii, sammuu namaa hadoochitoota (drugs) fi wantoota jireenya namaa balleessan irraa nama dhowwa. Kun immoo namoota jireenya gadhee fi araadaan miidhaman keessaa baasuuf furmaata ta'a. 7. Kitaabni Isaa Jijjiiramuu Dhabuu: Quraanni hamma har'aatti qubee takka osoo hin jijjiiramin, akkuma bu'etti jiraachun isaa amanamummaa amantichaa mirkaneessa. Namoonni barruu namni keessatti hin fiddne barbaadan Quraana keessatti kana argatu. Gabaabumatti, Islaamummaan amantii uumama namaa (Fitra) waliin deemu, sammuutti kan galu, nagaa fi tasgabbii kan kennu waan ta'eef addunyaan saffisaan itti dhufaa jirti. https://t.me/peacetv0
Naamusa Yeroo Mana Namaa Seenan Qabaachuu Qaban ••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••• • Rabbiin Qur’aana isaa Keesatti akkana Ja’a “ Yaa Warra Rabbitti amantan manaa namaa kan Keessan hin tahin hanga hayyama arkattanii salaamtaas jattanii malee hin seeninaa.” Suurat Al-Nuur Aayata 27 • Jireenya keenya keessatti afeeramnee taatuu ykn haajamnee mana namaa dhaquun Keenya hafa hin Qabu, yeroo mana namaa dhaqan garuu naamusa eeggachuu qabantu jira. • Naamusoota San keessaa muraasa barreeffama kana keessatti waliin laalla dubbisaa qooda irraa fudhadhaa. 1: Salaamtaa Ja’ii Hayyama Gaafadhu, Mana Namaa hayyama malee hin seeninaa 2: Mana namaa Yeroo dheeyxe balbala dhadhahi, yeroo sadii ol hin dhadhahin. Ammallee suuta dhadhahi, humnaan dhadhooytee Warra manaa hin rifachiisin. 3: Eenyu jedhanii Yeroo si gaafatan Ana jattee hin deebisin, Maqaa kee himi. 4: Yeroo Akka Seentu siif hayyaman Salaamtaa jettu malee hin seenin. Yoo Siif Hin hayyamamne ammoo dhiisii deem malee hin seenin. 5: Yeroo Mana Namaa seentu Ija tee Gad Qabadhu, Ija tee faffacaastee mana namaa keessa hin laalin. 6: Erga Haajaa tee fixatte booda teessee Warra manaa hin rakkisin haajaa tee fixannaan gara irraa dhuftetti deemi. 7: Deemuu yeroo barbaadduus hayyama gaafadhuu deemi. 8: Yeroo Deemtu Salaamtaa Warra manaa Irratti Qara’ii Deemi. • Yaa Rabbi Warra Naamusa Kana Hunda Guuttatu Nu Taasisi. Barreeffama Kana Dubbisaatii Share Waliif Godhaa. By: Ibsaa Dhugaa https://t.me/peacetv0 https://t.me/peacetv0
Siinqii ganamaa qalbiif https://t.me/peacetv0 https://t.me/peacetv0
Kitaabni seenaa haaji Hasan Gammadaa ibsu barreeffame Hagayya 2/2018 Finfinnee Seenaa fi hojii Haaji Hasan Gammadaa, Islaamummaa fi Oromummaa keessatti qaban bal’inaan kan ibsu kitaabni haaraan ustaaz Qamar Huseeniin barreeffamuu koreen kitaabichaa beeksise. Kitaabichi barreessaa fi hayyuu Ustaaz Qamar Huseeniin kan barreeffame yoo ta’u, seenaa jireenyaa, hojiiwwan gaarii fi gumaacha Haaji Hasan Gammadaa Islaamummaa fi Oromummaa keessatti taasisan irratti kan xiyyeeffatu ta'uun beekkameera. Akka odeeffannoon argame ibsutti, kitaabichi seenaa nama dhuunfaa qofa osoo hin taane, qooda Haaji Hasan Gammadaa hawaasa keessatti, keessumaa dhimma Islaamummaa fi Oromummaa cimsuu keessatti qaban dhalootaaf dabarsuuf kan qophaa’eedha jedhan. Guyyaa har’aa, koreen dhimma eebba kitaabichaa qopheessu kan filatame yoo ta'u, koreen kun guyyaa fi sagantaa eebba kitaabichaa irratti hojjechuun, qophiiwwan barbaachisan akka raawwataman ni taasisa jedhameera. Kitaabni mata dureen isaa ''Qaroo qara lamaa jedhu kun yeroo eebbifamee hawaasaaf dhiyaatu, seenaa fi hojii Haaji Hasan Gammadaa dhaloota har’aa fi dhufuuf galmee seenaa ta’ee tajaajiluuf akka gargaaru ibsameera. Maddi OIT
видео или голосовое, без подписи
https://t.me/peacetv0 Siinqii ganamaa qalbiif 🌅✨ https://t.me/peacetv0
لو جلس الإنسان يعد خطاياه، وغدراته لَفُجِعَ بنفسه، وعذبه مدح الناس له، ومااستكثر صالحاته، ولازدرى نفسه، وما ترك مكفرات الذنوب، وأدعية الغفران. ولو كان مكتوبًا على ابن آدم نشر سيئاته للناس لما كشف واحد وجهه حياءً من الناس! وكل هذا مكتوب مُسَطر علمه العظيم الحليم، دونته ملائكة أطهار. ويا ليتنا نستحي!
Har’aaf kaniinumaan xumura. Maaloo dhimma kana irratti bilisaan irratti mari’adha. Nagaatti turaa! 💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥
Garaagartee sadarkaa hawaasaa, naannoo, afaan, amantaa fi koorniyaa irratti hundaa’e, akkasumas aadaa caallaa dhihaachuu hunda balleessuudhaan, dinagdee wal-qixaa, badhaadhina fi haqa hawaasummaa mirkaneessuuf qajeelfama wal-simaa, hammataa fi hirmaachisaa irratti hundaa’ee hawaasa wal-qixa uumuuf kutannoof;” ✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅ Akkasuma Itoophiyoofis barbaachisaadha. Seensa heeraa keessatti “saboota, sab-lammoota fi uummatoota” jedhu cinaatti Itoophiyaan biyya amantaa danqaa fi sab-danqaa ta’uu ishee mul’ataan dabaluun gaafachuun, eenyummaa biyyattii kan seeraan beekamtii kennuudha malee amantaa fi siyaasa walitti dhiheessuu ykn mootummaa amantaa dhaabuu miti. Dhugaatti biyyattii amantaa fi saboota hedduu qabaachuu ishee beekuun, mirga wal-qixa hordoftoota amantaa hundaaf eeguu fi mootummaan amantaa hunda irraa walaba akka ta’u godha. Gara biraatiin, gaafataanis ta’e mormaan Kiristaanas ta’e Muslima, biyyattiin biyya amantaa danqaati jedhamte heera keessatti akka hin waamamne mormanii, gaafficha “mootummaa amantaa dhaabuufi” jedhanii moggaasa dogoggoraatiin ukkaamsuuf yaalan shakkamuun irra jira. Siyaasessaanis ta’e qaamni tokko yaada wal-qixxummaa amantaa fi saboota hedduu kana yoo sodaate fi morme, sababni isaa mul’ataadha: yaa amantaa tokkoon ol’aantummaa qabdu uumuu barbaada; yookiin hordofoota amantaa isaatiin aango siyaasaa guutuutti qabachuu hawwa. Mee qaamni dhugaa biyya amantaa fi saboota hedduu ta’uu seeraan akka mirkanaa’u gaafatu akkamitti sodaatama fi shakkama? Yaadni wal-qixxummaa fi hammattummaa hunda aadaa maaliif sodaan irra jiraata? Sababni isaa sodaan kan maddu dhugaaooma yaadichaa irraa otoo hin taane, wal-qixxummaan yoo dhufe ol’aantummaa fi faayidaa kophaa ture sana na dhabsiisa jedhu sammuu yaadda’u keessaa ti. Kunis biyya amantaa hunda taate arguu hin barbaadan, yookiin wal-qixxummaa amantaa guutuu irratti kan hundaa’e biyya arguu hin fedhan. 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴 Gaaffichi: Amantaan siyaasa keessa yaa seenuu? Miti. Paartiin amantaan yaa ijaaramuu? Miti. Sirni sekulaaraa yaa hafuu? Miti. 💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢💢 Kaayyon guddaan gaaffii kanaa hawaasni amantaa Itoophiyaa keessatti gumaacha seenaa ijaarsa biyyaa keessatti qaban beekamtii heeraa akka argatu gochuudha. Kunis mootummaa amantaa dhaabuu, amantaa fi siyaasa makaa gochuu ykn paartii amantaan ijaaruu miti. Abbummaan biyyaa hawaasa amantaa kan mirkanaa’u seensa heeraa keessatti gumaachi seenaa isaanii yoo beekame, eegumsa seeraa yoo argatan, fi aango, qabeenya fi bakka bu’iinsa keessatti hirmaannaa hammataa yoo qabaataniidha. Kanaan ala heerri ammaa (keessattuu seensi fi keeyyatni 8) abbaa irree sabootaaf qofa kennuun, abbootii amantaa akka mirga salphaa argatetti malee akka uumaa biyyaatti hin ilaalu. Kanaafuu, hordoftoonni amantaa sagalee isaanii dhageessisuu kan danda’an gaaddisa sabaa jalatti yoo dhokatan qofa ta’eera; bakka bu’iinsa haqa ta’e yoo gaafatanis “amantaa fi siyaasa maktan” sababa jedhuun dhiitamu. Sababa kanaaf, sadarkaa biyyaattis hordofoota tokko gochuun fakkeenya ta’uu fi tokkummaa biyyaatiif bu’uura ta’uu kan qaban dhaabbileen amantaa mataan isaanii dhiibbaa siyaasa sabaa keessa galanii, dhiibbaa uummata biyyaa fi naannolee irratti qabaachuuf asurita sabaa keessatti lixaara. Kana malees, siyaasessitoonni sabaa hordofoota dhaabbilee amantaa akka sabaan ijaaraman, namoonni saba isaanii dhaabbilee amantaa akka qabataniif barbaaduu irraa kaasee, biyya keessatti fi alaattis dhaabbilee amantaa sabaan ijaaraman uumuu irra geessiseera. Kanaafuu, fooyya’iinsi kun kan kaayyoeffate Itoophiyaa saba qofaansha ilaalchuu qabbaneessuun, Itoophiyaan biyya sab-danqaa fi amantaa-danqaa taate akka mul’attu fi tokkummaan ishee jabaatee lammiilee ishee hunda wal-qixxummaan kan hammatu akka tatu gochuudha. Mootummaan alanga wal-qixxummaa jedhu irra darbee, Itoophiyaan mootummaa sekulaaraa irratti hundaa’uun dambii, kawwammoo, muudama fi bakka bu’iinsa keessatti dandeettii bu’uura godhachuun, akkuma Itoophiyoof saboota fakkaachuu qabdi jedhamu, bifa amantaa ishees sirriitti calaqqisiisuu qabdi.
Sodaan Eessa Dhufe? 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴 Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል ✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅ Sodaa hunda caalaa hammeenya kan qabu waan dhufee hin mul’atin fi hin beekamne sodaachuudha. Baay’ee isaa yaaddoon akkanaa “Waanun qabu dhabuufiimoo?” soda jedhu keessaa kan maddu yoo ta’u, marii guyyaa guyyaa keessattis “Otoo akkana ta’ee maaltu beekama?” yaada jedhuun calaqqisa. Amala namaa keessatti waan haarawa hin beekamne sodaachuun fi shakkuun waan gadi fageenyaan jiruudha. Namoonni haala ammaa, faayidaa ykn iddoo hawaasa keessatti qaban irratti wabii dhaban, yaada haarawa, fooyya’iinsa ykn jijjiirama caasaa fuuldura dhufe hunda shakkii guddaan ilaalu. Marii hawaasummaa fi siyaasaa keessatti gaaffiileen wal-qixxummaa, hammattummaa fi fooyya’iinsa caasaa ilaalchisee ka’an – kanneen akka gaaffii abbaa biyyummaa heeraa – iddoo deebii gaarii argatan, agartuu wanta badaa fuuldura dhufeen deebii kennuufii sodatamuun mormamu. Sodaan waan hin beekamnee marii hawaasaa keessatti karaa armaan gadiitiin calaqqisa: “Waanun qabu dhabuufiimoo?” 📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶 Gareen ykn namni tokko seenaa keessatti iddoo, ol’aantummaa ykn abbummaa argate dhabuu yoo sodaatu, yaada seeraa fi hojii haarawa akka gochaa hamaatti ilaaluun isaa hin oolu. Mormiin yaada haarawaa irratti ka’u hedduun isaanii sababa qabatamaa yaadichaa caalaa “Iddoo seenaa fi abbummaa qabu na dhabsiisaa?” soda jedhu keessaa madda. Aadaa baratamaa kan ta’e, sirna haarawaa hin beekamne sana dura dhaabbachuu fi waliin jijjiiramuu caalaa, haala ture sana akka gaachana qofaatti qabachuudha. “Otoo akkana ta’ee maaltu beekama?” 🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴 Waan hin beekamne sodaachuun yeroo hunda haala sodaachisaa fuuldura ka’uu danda’u tilmaamuu fi akkuma waan reeffa ta’etti fudhachuu dha. Yakki adeemsa kana keessatti uumamu, falmii yaadichaa madallii irra kaa’uu caalaa, nama yaada sana dhiyeesse irratti “kaayyoo dhokataa” barbaaduudha. Sirna hojiirra hin oolle fi hin beekamne sana “biyya diiga”, “giddugaleessa walitti bu’iinsaa godha” ykn “fedhii aangoosati” jedhanii maqaa xureessuun, bu’aa sodaa waan haarawaati. Kunis shakkiilee fi tilmaama daangaa darbe “otoo akkana ta’ee maaltu beekama?” jedhu irraa madda. Kaka’umsa Kanneen Biroo Shakkii Guddaan Ilaaluu Sodaan waan hin beekamnee kaka’umsa gaarii namoota biroo hedduminaan akka shakkan godha. Gaaffiin wal-qixxummaa hawaasaa ykn fooyya’iinsa seeraa yeroo ka’u, sammuun sodaan mo’atame yaada sana dafee badii, xaxaa fi kaayyoo jibbiinsaa waliin hidhata. Deebiiwwan jajjaboon akkanaa kan agarsiisan, wanti fuuldura dhufe sodaan qofa yoo madaalame, mariin hawaasaa sababummaa fi sammuu qabbana’aa irraa gara aarii, jibbiinsaa fi maqaa xureessittii akka jallatu dha. Yaaddoo Sababa Qabu fi Eegumsa Seeraa Barbaaduu 💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥 Sodaan hundi garuu sababa malee miti. Ilaalchaan tokko tokko dhiibbaa sirni haarawaa fiduu danda’u sammuu qabbana’aan fi karaa seeraatiin xiinxaluun, yaaddoo “otoo akkana ta’ee maaltu beekama?” jedhu sanatti furmaata caalu agarsiisu. Marii hawaasaa keessatti dhiibbaa fi faayidaa yaada haarawaa of eeggannoon madaaluun barbaachisaadha. Caasaa seeraa fi siyaasaa bal’aa mirga lammiilee hunda wal-qixxummaan mirkaneessu diriirsuun, sodaa waan hin beekamnee karaa sababaatiin deebisuuf gargaara. Hawaasa tokko keessatti namoonni sadarkaa eenyummaa isaaniitiif iddoo kennan wal-caala. Namoonni tokko tokko sabummaa isaaniitiif, kaan amantaa isaaniitiif, gariin namummaa isaaniitiif, kaan immoo Itoophiyummaaf sadarkaa ol’aanaa kenu. Kanaaf, nagaa fi haqni turu kan mirkanaa’u, heeri biyyaa filannowwan fi ijee eenyummaa kana hunda wal-qixxummaan beekamtii kenne fi amanee yoo caaseffame qofa. Fakkeenya gaarii kan ta’u seensa heera Neeppaal ti; akkas jedha: ⛔⛔⛔⛔⛔⛔⛔⛔⛔⛔⛔⛔⛔⛔⛔⛔ “Uummata keenya kan sab-danqaa, afaan-danqaa, amantaa-danqaa fi aadaa-danqaa ta’e, akkasumas amala naannoo garagaraa beekuudhaan, tokkummaa hawaasummaa fi aadaa, dandeenyaa, jaalala fi tokkummaa garaagartee keessaa eeguu fi guddisuuf;
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи