tgindex
SOG Production

SOG Production

Статистика
@sogproductionВидеоанглийский

"DO YOUR BEST GOD IS YOUR REST". Join the @sogproductionchat STAY WITH US @sogproduction Nuu quunnamuuf: @jundifelix

Последний пост
05:04
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
20
Всего постов
38
Тип
открытый
Язык
английский
Категория
Видео (по похожим)
В каталоге с
14 авг.
Подписчики
3 673
+50 за 3 дн.
Сутки
+6
+0,16%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
848
37 постов
Вовлечённость
23,1%
к подписчикам
Постов в день
2,9
всего 38
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
484
1/48двое суток
554
1/72трое суток
598

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • BARNOOTA 8FFAA HUMNA DU'AA KA'UU KRISTOS KIBXATA Hagayya18 Kristos Isa Jalqabaa Yesus utuu hin jiru ta'ee waa'ee egeree wanti eegamu hundi soba qofa ta'a ture (1Qor. 15:12-19). "Amma garuu Kristos warra du'an keessaa kaafameera" (1Qor. 15:20). Du'aa ka'uun isaa taatee seena qabeessa dha. Kanaafis, warri Kristositti amananii du'an yeroo dhufaatii isaatti akka ka'an amanuu dandeenya (1Qor. 15:20-23). 1Qorontos 15:20-23 dubbisi. Yesus "isa jalqabaati" jechuun maal jechuudha? Dhumni bara hamaa kanaa qaamaan du'aa ka'uu warra Kristositti amananii du'aniitiin mirkanaa'a (1Qor. 15:24; Mul. 20:5, 6). Akka Addaam isa dhumaatti, Kristos geggeessummaa biyya lafaa kanaa isatti deebisee fiduudhaan mootummicha abbaatti dabarsee kenna (1 Qor. 15:25-28). Kristos Waaqayyo jala of galchuunsaa (1 Qor. 15:28) akkaataa hariiroo Addaamii fi Kristoos walii wajjin qaban itti fakkeeffameen hubatamuu qaba. Karoora fayyinaa keessatti akka Addaam isa dhumaatti (1 Qor. 15:45) Yesus jaalala abbaa isaatti guutummaatti of kennuudhaan waan Addaam inni duraa gochuu dadhabe godhe. Phaawulos 1Qorontos 15:29-34 keessatti yaada isaa waa'ee goowwummaa du'aa ka'uu Kristosiin ganuu itti fufee ibsa. Fakkeenya cuuphaa fayyadama, sababni isaas inni ofii isaatii fakkeenya amantoonni du'a isaattii fi du'aa ka'uu isaatti hirmaachuun Kristosii wajjin tokkummaa qabaachuuti waan ta'eef (Rom. 6:3, 4; Qol. 2:12). Kanaaf dhugaa du'aa ka'uu ganuun gowwummaa dha. Haa ta'u malee, wanti hubachuun isaa nama rakkisu Phaawulos "warra du'aniif cuuphaman" (1 Qor. 15:29) jechuun isaa maal jechuu isaati kan jedhu dha. "Yaadonni adda addaa kennamaa turaniiru, garuu ibsicha akka murtoo namootni tokko tokkoo gaafa du'aa ka'uu michoota isaanii du'aan dhabanii wajjin walitti sassaabamuuf jecha akka cuuphamu isa jedhuun hiikuun gaariidha. Akkasuma illee cuuphaaf murteeffachuun deebii jireenya fakkeenyaa namoota Kristositti du'aniif kennamu ta'uu danda'a. Dhimmi kun namoota bakka warra du'aniif utuu hin taane sababa warra du'aniif jecha cuuphamanii kan ilaallatu dha." Carl P. Cosaert, "1 Corinthians," Andrews Bible Commentary: New Testament (Berrien Springs, MI: Andrews University Press, 2022), p. 1652. Lammaffaan, du'aa ka'uun hin jiru taanaan balaan du'atti of kennuu gatii hin qabu (1Qor. 15:30-32). Qooda isaa qannoo biyya lafaa kanatti gammaduu wayya ture (1Qor. 15:32). Jechoota Phaawulos 2Ximotewos 1:12 keessaatti yaada kenni. Waa'aa egeree akkamitti akkas mirkaneeffataa (sure) ta'uu danda'e? Nutoo akkamitti dandeenya? #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #OLMAA_GAARII_QABAADHA. @sogproduction https://www.youtube.com/@SOGProduction1D).

  • BARNOOTA 8FFAA HUMNA DU'AA KA'UU KRISTOS WIIXATA Hagayya 17 Kristos Isa Du'aa Ka'e, Abdii Keenya Tokkicha! Phaawulos 1Qorontos 15:9-19 keessatti bu'aan du'aa ka'uu ganuu hangam hamaa fi suukkannessaa akka ta'e ibsa. Du'aa ka'uun hin jiru taanaan amantoonni egeree caalaa amma irraa abdii dhabu. 1Qorontos 15:9-19 dubbisi. Utuu Kristos hin kaane ta'ee maal dhabna turre? Waaqeffattoonni waaqa tolfamaa durii du'aa ka'uutti hin amanan turan, keessumaa addunyaa Griikotaa keessatti amantii qaamnii fi lubbuun lama ta'uu (yeroo du'an lubbuun isa du'ee bakka lubbuun dhaquu qabdutti barrifti jedhanii amanu turan. Phaawulosis keeyyata 1 Qorontos 15:12-19 keessa jiru gaaffii afaanii baay'ee burjaaja'uu isaa agarsiisu gaafachuun jalqaba. "Maali? isin keessaa kaan akkamitti warra du'an keessaa kaafamuun hin jiru jechuu danda'an?" (1Qor. 15:12). Keessumaa sababa dhuga baatonni ijaa baay'een turaniif du'aa ka'uutti amanuu dhabuun Phaawulosiif waan hin yaadamne ture (1Qor. 15:5-8). Ammallee abdiin isaanii soba irratti ijaaramuudhaan du'aa ka'uu malee cubbuu keessa jiraachuun isaanii caalaatti hamaadha. Du'aa ka'uun hin jiru taanaan yoos immoo (1) Kristos du'aa hin kaane (1 Qor. 15:13, 16); (2) Lallabni keenya waa'ee hin baasu (1Qor. 15:14); (3) Amantiin keenyas duwwaadha (1Qor. 15:14); (4) Nuti dhuga baatuu sobduu taaneerra (1 Qor. 15:15); (5) Amantiin keenya waa'ee hin baasu (1 Qor. 15:17); (6) ammallee cubbuun keenya nurra jira (1 Qor. 15:17); fi akkuma beekamu (7) warri du'an baduu isaaniiti (1 Qor. 15:18) jedha. Du'aa ka'uu malee, lallabnii fi amantiin lamaan isaanii iyyuu duwwaadha (1Qor. 15:14). Jechi Griikii "duwwaa" jedhu agarsiisu kenos dha. Kun hiikkaa gaarii ta'us garuu baay'ee bal'aadha. Warri hiikan jechi kenos jedhu kun "duwwaa" jechuu kan inni ta'u yoo dhugaa dhabuu ("soba") ta'e moo bu'aa dhabuu ("bu'aa ykn faayidaa dhabeessa") yoo ta'e moo kaayyoo dhabuu "kaayyoo maleessa" ykn "akkasumaan") yoo ta'e dha kan jedhu irratti wal falmu. Hiikkaan isaa kallattii maal iyyuu haa ta'u, jecha Griikii mataios (1 Qor. 15:17) jedhu irraa amantiin du'aa ka'uu hin qabne waan akkasumaaniitti fakkeeffama. Jechi mataios jedhu kenos irraa garaa garummaa guddaa qabaachuu baatus, yaadni isaa garuu Yesus hin jiru taanaan amantiin waa'ee hin baasu, bitaatta'ummaadha, sababni isaas cubbuun keenya nuuf hin dhiifamne waan ta'eef kan jedhudha (1Qor. 15:17). Nutis goyyomsuu fi goyyomuudhaan dhuga baatuu sobduu taaneerra (1Qor. 15:15). Erga lubbuun nama du'ee baatee gara samiitti (gahannamatti) barrifti ta'eetii namni tokko 1Qorontos 15 akkammitti hubachuu danda'a? Kanaafuu, barsiisa duuti hirriba ta'uu isaa hubachuun maaliif akkas barbaachisaa ta'a? #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #OLMAA_GAARII_QABAADHA. @sogproduction https://www.youtube.com/@SOGProduction1D).

  • 16 авг.5437из Umer

    Gahee koo immo baheera

  • 16 авг.5283из Umer

    Waldaan keenya baayina namoota diqqaa qabaatus namoota walda keenya biraan isiniif naan gaha waaqa wajjiin ni milkeessina isin faana jirra jabaadha, Gurmuun maqaa waaqatin socho'u ni milkaaha milkooftanii isin arguu feena

  • BARNOOTA 8FFAA HUMNA DU'AA KA'UU KRISTOS JALQABA TORBANII Hagayya 16 Du'aa Ka'uu Kristosiin Lallabuu Phaawulos wangeela irratti xiyyeeffachuudhaan 1 Qorontos 15 jalqaba. Waa'ee wangeela: (1) isa warra Qorontositti lallabee, (2) isa isaan fudhatan, (3) isa isaan itti cimanii dhaabatan, (4) isa isaan ittiin fayyanii dubbata (1Qor. 15:1,2). Saaqinsi kun nama dubbisu sana waan itti aanee boqonnicha keessatti dhufuuf kan qopheessuu fi du'aa ka'uun Kristos fayina keenyaaf ammam barbaachisaa akka ta'e kan agarsiisudha (dabalataan Rom. 10:9, 10 ilaali). Du'aa ka'uun isaa kutaa wangeelaa keessaa isa baay'ee barbaachisaa yeroo ta'u isa ganuun amantii Kristositti qabanii wajjin wal faallessuu ta'a. 1Qorontos 15:1-4; Luqaas 24:44-47; fi Roomaa 1:1-4 dubbisi. Heertuleen kun waan wal isaan fakkeessu maal qabu? Namni tokko 1Qorontos 15:1-4 keessatti cuunfaa ergaa Phaawulosiin argachuu danda'a. Gaaleen "akka caaffanni qulqullaa'oon jedhanitti" jedhu addatti heertuu kakuu moofaa keessaa tokko kan agarsiisus ta'e guutummaa kakuu moofaa kan agarsiisus yoo ta'e rakkoo hin qabu. Du'uu fi du'aa ka'uun Yesus kakuu Waaqayyoo isa kakuu moofaa keessatti argamu fiixaan baasa. 1Qorontos 15:2, 11 dubbis. Heertuun kun yaada amanuu fi lallabuu maaliif wal bira kaa'e? Hariüroon lamaan isaanii gidduu jiru maali? Namoonni Kristos akka du'aa ka'e lallaban hundi du'aa ka'uun isaa taatee seenaa akka ta'e dursanii amanuu qabu. Kana keessatti, 1Qorontos 15:5-8 kakuu haaraa keessatti ga'ee cimaa ba'ata. Heertuun kun ragaa caaffata qulqullaa'aa jabaa ta'e kan dhiheessu yoo ta'u Kristos erga du'aa ka'ee booda namoota baay'eetti mul'achuu isaa fi isaan keessaa baay'een yeroo Phaawulos xalayaa kana barreessetti akka lubbuun turan dubbata (1 Qor. 15:6). Egaan Phaawulos dhaqaatii waan isaan argan ofii keessan isaan gaafadhaa jechaa jira jechuu dha. Dhugummaa du'aa ka'uu Kristositti hanga kana amantii qaba ture. Namoonni kunniin dhuga baatuu ijaati. Isaan waan Yesus akka isaan ta'aniif isaanitti himee ture jechuunis "dhuga baatuu dubbii kanaa" ta'an (Luqaas 24:48). Du'aa ka'uu Kristositti amanuuf sababoota maalii qabna? Akkasuma illee, wantoonni kan biroon kan biyya lafaas ta'u qulqullaa'aa utuu ija keenyaan hin argiin garuu immoo kan amannu maal fa'i? #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #OLMAA_GAARII_QABAADHA. @sogproduction https://www.youtube.com/@SOGProduction1D).

  • 16 авг.1 34174

    🎉 BAGA GAMMADDAN! HAFTUU PRODUCTION! 🎉 @Haftuuproduction Hin dagatinaa! Hundaafu🙏🙏 Lakkoofsi hundi zeeroo (0) irraa jalqaba. Isiniis gaafa guyyaa JIMAATA 27, ji’a Muddee, bara 2012 A.L.I., yeroo dhukkubni Koronaa addunyaa raasaa turetti, isiinis walitti nu qabuuf (0) irraa tokko jettanii eegaltaan tokko(1) suniis; kunoo har'aa kudhaanis(10)s, (20)s,(30)s,(40)s(50)s,(60)s(70)s,(80)s,(90)s,(100)s,(200)s,(300)s,(400)s,(500)s,(600)s,(700)s,(800)s,(900)s,(1000)s,(2000)s,(3000)s,(4000)s,(5000)s,(6000)s,(7000)s,(8000)s,(9000)s jedha;  amma immoo 10,000 gaheera, Geettanituu, baga geetaan isinif malaa. Channel Haftuu Production(@haftuuproduction) waggoota muraasa keessatti hordoftoota 10K ol ga’uun keessan nu warra SOG Production(@Sogproduction) keessatti akka junior keessanitti gammachuu fi boonsaa guddaa nutti uumeera.❤️🙏 Dhugaa hedduu tokko,  yoo fedhaa Waaqa ta'ee nutiis gaaf tokko 10k akka gennu fakkeenyaa channel biroo nuu hin barbaachisu isinuu nuuf fakkeenya (Role model) kenna guddadha. Milkaa’inni akkanaa waan tasuma dhufu miti. Isiin waan harki keessan hojjettu hundumaa keessatti Waaqayyo Waaqa keessan yaadadha; innis karaa keessan isiinif qajeelcha akkuma Macaafni Qulqulluun jedhuti, “Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha.”— Fak. 3:6” jedha. Kanaaf, hojii, carraaqqii fi kutannoo keessan duuba harki Waaqayyoo akka jiru ni amanna. Keessumaa content amantii hojjechuun kun hojii salphaa miti. Ergaa Waaqayyoo dhalootaaf dabarsuun itti gaafatamummaa guddaa fi obsaa gaafatudha. Garuu fedhii, amanamummaa fi gargaarsa Waaqayyootiin as geessan. Kanaaf, “Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, Waaqayyo garuu in guddise.”— 1Qor. 3:6 jechuu dandeenya. 10K kun galma xumuraa miti; jalqaba wanta Waaqayyo isin keessatti hojjechaa jiruuti. Kanaaf abdii hin kutatinaa, hojii gaarii keessanitti jabaadhaa. Macaafni Qulqulluun, “Yeroo isaatti humna utuu hin dhabin galfachuuf waan jirruuf, ammas kottaa wanta gaarii ta'e gochuutti hin laafnu!”   — Gal. 6:9 jedha. Milkaa’inni kun kan keessan qofa miti; kan warra isin hordofan, isin jajjabeessan, hojii keessan qoodan, kadhannaa fi deeggarsa isiniif godhan hundaati. Hundumaa ol garuu ulfinni Waaqayyoof haa ta’u, sababni isaas kennaan gaarii hundinuu Isa biraa dhufa,Yaq. 1:17 ¹⁷ Kennaan gaariin hundinuu, kennaan guutuun hundinuus abbaa ifaa biraa ol waaqa gubaadhaa in dhufa; abbaa ifaa bira gegeddaramuun, yookiis gaaddisi gara galuun iyyuu hin jiru. Baga gammaddan! Baga 10K geessan! 🎊❤️ Waaqayyo hojii harka keessanii haa eebbisu, daandii keessan haa qajeelchu, tajaajila keessaniin lubbuu hedduu haa tuqu. 10K irraa gara waan caaluutti Waaqayyo isin haa geessu. 🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏 ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ 🔥🔥🔥🔥🔥🔥🔥 💪💪💪💪💪💪💪 🙌🙌🙌🙌🙌🙌🙌 💥💥💥💥💥💥💥 Yaa nama koo, ani #nama; atis #isumaa; innis, isheenis #sanumaa; nuu martuu #kanumaa .Garuu kana gonkumaa hin dagatinaa: #Waaqa gaditti namni #namaan. #SOGs_Haftuunis_isiinumaan_isinumaaf!!!! Worrotta haftaniifis Linkin kunotii , @haftuuproduction, @sogproduction ammas #Share fi #subscriber gochuun nuu fanaa tura. SOG Production(@sogproduction) irraa kabajaa fi jaalala guddaadhaan❤️,Haftuu production (@haftuuproduction) tiif. Hundaafu galatoomaa ebbiifamaa🙏🙏🙏❤️❤️❤️❤️

  • Yaa nama koo… Gaafa ati duutu: Bilbilli kee yeroo jalqabaaf ni callisa…Namoonni muraasni “maaliif hin kaasne?” jedhu… Xiqqoo boodarra garuu akka ati hin jirre dhaga’u… Boodarra namni biraa lakkoofsa kee fudhata, Sagaleen kee keessaa bada…Lakkoofsi bilbilaa keetii nama biraatti darbuu danda’a ykn ni cufama…Ati garuu kamin akka ta'uu hin beektu...Tarii yeroo ati jirtu bilbilli nama du’ee yeroo siif bilbilamu keessa kee hangam akka raafamu atuu beeka…Kanaafuu “osoo cufamee wayya” jechuun hawwita ta’a…San sittuu beeka #Telegram kee keessatti “last seen long time ago” jedhu qofa hafa…Facebook kee irratti suuraan kee ni hafa…Garuu namni biraa account kee seenee banu danda’a…Postii kee ni haqa…Ykn akka waan ati amma iyyuu jirtuutti itti fayyadama…Namni bee hin  ulfaata… WhatsApp kee irratti “typing…” jedhu yeroo dhumaa booda hin mul’atu…Ergaan kee nama biraa bira ga’a malee deebiin si bira hin deebi’u… Namoonni tokko tokko chat keessan dubbisanii boo’u…Garuu boodarra imimmaan isaanii haqanii jireenya isaanii itti fufu… Suuraan kee gallery namoota bira keessatti ni hafa…Garuu yeroo bilbilli isaanii guutamu keessaa haqama…Kanneen suuraa kee hin qabne immoo “silaa suuraa isaa qabaadhee…” jedhanii yaadu. Uffanni kee urgaa kee dhaba…Namni biraa uffata…Kopheen kee miila biraa baata…Sireen kee nama bira boqochiisa…kanneen hedduu gammadu hin  qabduu maaltuu beeka osoo jirtuu kan hin fayyadnee dutee fayaadata ta'a!!!! Maqaan kee yeroo muraasaaf afaan namootaa irra jiraata…“Nama gaarii ture…” jedhu…Warri yeroo ati jirtu siif yeroo tokkoyyuu hin kennineyyuu yeroo san “haayi namaa…” jedhu… “Silaa hin du’u ture…” jedhu…Garuu yeroo muraasa booda hundi isaanii hojii isaanii itti fufu… Kutaan ati keessa taa’taa turte ni callisa…Sagaleen kee hin dhagahamu…Kolfi kee ni dhabama…Balballi ati yeroo hunda rukutaa turte akkuma sana hafa… Ati nama yeroo muraasaaf as turtee qofa akka taate…ni ta'a Namni ati jaallatte guyyaa tokko nama biraa waliin...Namni siif boo’e guyyaa biraa gammadee jiraachuu danda’a…Sababni isaa jireenyi nama tokkoof dhaabbachuu hin danda’u… Har’a ati online dha… Sanu amma Bor account kee “inactive” ta’uu danda’a… Har’a namoonni message siif ergu…Bor maqaa kee search godhanii “last seen long ago” jedhu argu… Dhugaan jiru tokko qofa: Namni hundi bakka yeroo muraasaaf kenname keessa jiraata…Boodarra hundumaa isaatu dhiisee biraa ni deema!!! Kanaafuu yaa nama koo… Gaafa ati duutu:Addunyaan yeroo muraasaaf si yaadatti, Boodarra garuu akkuma bishaan laga keessaa darbuu… Hundumtuu si bira darba…kanumaa wonti lafannaa. #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #HALKAAN_GAARII_OLMAA_GAARII_QABAADHA. @sogproduction

  • BARNOOTA 8FFAA HUMNA DU'AA KA'UU KRISTOS Hagayya 15-21 SANBATA WAAREE BOODA Qo'annoo torban kanaaf dubbisi: 1Qorontos 15; Luqaas 24:44 47; Mul'ata. 20:5, 6; Qol. 2:12; 2Xim. 1:12; 1Tas. 4:13-17. Heertuu yaadannoo: "Kristos du'aa hin kaafamne erga ta'ee, lallabuun keenya dhimma hin baasu, amanachuun keessanis dhimma hin kutu... Kristos du'aa hin kaafamne erga ta'ee, amantiin keessan immoo waa'ee hin baasu, cubbuun keessan ammuma iyyuu isin irra jira." (1Qorontos 15:14-17). Phaawulos bara isaa keessa illee warroota du'aa ka'uu gananii wajjin wal falmuutu isarra ture. Kun akkam nama dinqisiisa! Dhuma irratti, namoonni bara sanaa waan duuti dhagna namaa irratti hojjate arganiiru. Reeffi namaa akkamitti baqee, achiis biyyootti deebi'ee sana booda amma homtuu dhibutti akka jijjiiramu beeku. Namoonni yeroo dheeraaf du'aa akka turanis beeku. Dhugaansaa namoonni baay'een kan jiraatan caalaa yeroo dheeraaf du'an. Yoo xiqqaate akka ilaalcha namaatti warri du'an du'aa ka'uun nu warra har'a jirru caalaa warra yeroo sanaa waan amansiise hin fakkaatu. Dhimmi Phaawulos dubbachaa tures isa ta'uu hin oolu. Waan baay'ee barbaachisaas ture. Yesus du'aa hin kaane taanaan, inni isa ofiin jedhee ture sana miti, fannoon waa'ee hin baasu, akkasumas cubbuu keenyaafis gatiin hin baafamne jechuu dha. Abdi kutannaan amma illee hunda keenya irratti hafee jira jechuu dha. Garuu, gooftaan keenya du'aa ka'eera, samiittis ol ba'eera, gara manaatti nu fudhachuuf immoo deebi'ee ni dhufa! Torban kana 1Qorontos 15 fi barsiisa isaa waa'ee du'aa ka'uu Kristos irratti xiyyeeffanna. Ilaalcha addunyawaa warroota waaqa hin beekne isaan marsanii turaniin dhiibamuun warra Qorontos keessaa muraasni du'aa ka'uun hin jiru jechaa turan. Phaawulos kanaaf deebii yeroo kennu, abdiin fayyina keenyaa du'aa ka'uu Kristosiin qofa akka ta'e mirkaneessa. Sanbata isa Hagayya 22f qophaa'uuf barnoota torban kanaa qo'adhu. #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #OLMAA_GAARII_QABAADHA. @sogproduction https://www.youtube.com/@SOGProduction1D).

  • #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #OLMAA_GAARII_QABAADHA. @sogproduction

  • #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #OLMAA_GAARII_QABAADHA. @sogproduction

  • Hin dagatinaa! Lakkoofsi hundi zeeroo (0) irraa jalqaba. Nutis (0) irraa eegallee tokko(1) jenne;  kudhaanis(10)s, (20)s,(30)s,(40)s(50)s,(60)s jenne;  amma immoo 70 geenyeerra. Galatoomaa! Eebbifamaa! Namoonni nu waliin jirtaan hundi keessanu galata guddaa nuu biraa qabdu; kanneen haftanis obsaan isin eegna. Yaa nama koo, ani #nama; atis #isumaa; innis, isheenis #sanumaa; nuu martuu #kanumaa .Garuu kana gonkumaa hin dagatinaa: #Waaqa gaditti namni #namaan.  #SOGs_isiinumaan_isinumaaf!!!! Worrotta haftaniifis Linkin kunotii ammas obsumaan isiin egaa jiraa!!! #Share fi #subscriber gochuun nuu fanaa tura. Hundaafu galatoomaa ebbiifamaa🙏🙏🙏❤️❤️❤️❤️ https://www.youtube.com/@SOGProduction1D).

  • SOG Production pinned «BARNOOTA 7FFAA FAKKII JAALALAA Hagayya 8-14 SANBATA WAAREE BOODA https://t.me/sogproduction/2794 JALQABA TORBANII Hagayya 9 Barbaachisummaa Jaalalaa https://t.me/sogproduction/2797 WIIXATA Hagayya 10 Waan Jaalalli Godhu https://t.me/sogproduction/2807 KIBXATA…»

  • 14 авг.2 023133

    BARNOOTA 7FFAA FAKKII JAALALAA Hagayya 8-14 SANBATA WAAREE BOODA https://t.me/sogproduction/2794 JALQABA TORBANII Hagayya 9 Barbaachisummaa Jaalalaa https://t.me/sogproduction/2797 WIIXATA Hagayya 10 Waan Jaalalli Godhu https://t.me/sogproduction/2807 KIBXATA Hagayya 11 Waan Jaalalli Hin Goone https://t.me/sogproduction/2810 ROOBII Hagayya 12 Fakkii Yesus https://t.me/sogproduction/2814 KAMISA Hagayya 13 Amantii, Abdii, fi Jaalala https://t.me/sogproduction/2816 JIMAATA Hagayya 14 Yaada Dabalataa: https://t.me/sogproduction/2817 #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #Sanbataa_Gammachuu. @sogproduction https://www.youtube.com/@SOGProduction1D).

  • BARNOOTA 7FFAA FAKKII JAALALAA JIMAATA Hagayya 14 Yaada Dabalataa: Ellen G. White, "The Need of Love," fuula. 545, 546, Review and Herald, August 28, 1888. "Ogummaan isaa hammam illee guddaa yoo ta'e, namni onneen isaa jaalala Waaqayyoo fi namoota biroon hin guutamne bartuu Kris-tos isa dhugaa miti. Amantii guddaa fi humna dinqii hojjetu utuu qabaate illee jaalala hin qabu taanan amantiin isaa waa'ee hin baasu. Arjummaa guddaa agarsiisuu danda'a ta'a, garuu wantoota qabu hunda iyyeessota akka nyaachisu kan godhe jaalala dhugaa utuu hin taane kaka'umsa kan biroo ta'uu danda'a, sababni isaa hojiin fuula Waaqayyo duratti akka fudhatama argatu isa hin taasisu waan ta'eef. Akka inaaffaa isaatiif du'a aarsaa fudhachuu nama danda'u ta'a, garuu jaalalaan hin kakaafamne taanaan, akka nama fedhii isaatiin goyyomee yookiin dharraa of jajuutiin guutameetti Waaqayyoon ilaalama"-Ellen G. White, The Acts of the Apostles, f. 318, 319. "Lallabadoota baay'ee qabna. Kan baay'ee barbaachisu... nama lubbuu badaa jiraniif jaalala qabu, jaalala isa humna guutuun teessoo Waaqayyoo biraa dhufu qabudha. Kristaanni dhugaan karaa uumama hundumaa jaalala qooda. Kutaa qaamolee murteessoo ta'an hunda sammuu, onnee, harka gargaarsaa, miilla, namoonni bakka Waaqayyo akka isaan dhaabatan barbaade jabaatanii dhaabachuu akka danda'an isa taasisu, akka isaan karaa miicciramaa miilla isaaniif hin baafanneef, warri naafti karaa irraa akka goraniif tuqa. Abiddi jaalala Kristos lubbuu badaa jiraniif qabu sirna kristiyaanummaa guutummaa jireenyaati." Ellen G. White, Lift Him Up, f. 134. "Jaalala isa onnee Kristos keessaa yaa'u qofatu fayyisuu danda'a. Isa jaalalli keessaa burqu sana qofatu akka imimmaan muka keessaa yookiin dhiiga qaama keessaa lubbuu madoofte deebisuu danda'a." Ellen G. White, Education, f. 114.         Gaaffilee Marii 1. Amalootni jaalalaa gaariin Phaawulos tarreesse guutuudha jettee yaaddaa? Yoo miti ta'e, wanti ati tarreeffamichatti dabaluu barbaaddu maali? 2. Phaawulos "jaalala bira ga'uuf dhimmaa" (1 Qor. 14:1) jedhee yeroo ajaju maal jechuu isaati jettee yaadda? Isa inni 1 Qorontos 13:4-7 keessatti dubbatee wajjin maaliin wal fakkaata? 3. Amaloota jaalalaa keessaa jireenya kee guyyaa guyyaa keessatti wanti ati baay'ee hojütti jijjiiruu qabdu isa kami? Waldaa kee keessatti warra kamtu caalaatti barbaachisa? Utuu haasofnuu, Phaawulos maaliif jaalala kennaalee kanneen akka raajii, afaan hin beekamne dubbachuu fi beekumsaa (1 Cor. 13:8) wajjin wal bira qabe? 4. Phaawulos tokkummaa miseensota warra Qorontos gidduudhaa dhibeef jaalalli furmaata waaraa ta'uu isaa dubbata. Maaliif? Kun akkamitti waldaa keenya har'aa keessatti hojii irra ooluu danda'a? #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #Sanbataa_Gammachuu. @sogproduction

  • BARNOOTA 7FFAA FAKKII JAALALAA KAMISA Hagayya 13 Amantii, Abdii, fi Jaalala Haga ammaatti, jaalalli obsaa, gara laafessa, gammachuun kan guute, jabaa, kan amanu, kan abdatu, fi kan obsaan danda'u ta'uu isaa baranneerra, sababni isaas Yesus waan kana hundumaa waan ta'eef. Kana hundumaa ta'uu danda'uu Yesusiin si'a tokko arginee jennaan, tarkaanfiin itti aanu isa akkeessuu (fakkeessuu) dha. Kun waan Phaawulos warra Qorontosiif hawwu ture. Haa ta'u malee, wantoota badoo (negative) amaloota jaalalaa hin taane saddeettan irraa jecha "hin" jettu sana yoo kaafne geengoo waldaa isaanii keessatti "warri Qorontos amala isaan qaban isa sirrii waan nuuf ibsu argachuu dandeenya.' Inaaffaa, of bokoksuu, of jajuu, hamaa yaaduu, ofittummaa, salphaatti aaruu, fi dogoggora namoota kan biroo irra barbaaduu fa'i. Phaawulos gochimoota asitti fayyadame haala warra Qorontositti hodhaa jira."-Verlyn D. Verbrugge, "1 Corinthians," in The Expositor's Bible Commentary: Romans Galatians, revised edition (Grand Rapids, MI: Zondervan, 2008), p. 372. Warri Qorontos waan baay'ee barachuu qabu turan. Nutis akkasuma. Phaawulos waan jaalalli godhuu fi hin goone erga ibseen booda shaakala jaalala dhugaa akka mi'eessuuf jecha amala jaalalaa isa bara baraa irratti xiyyeeffachuudhaan kutaa kana xumura. Gaaf tokko, raajiin hin barbaachisu; hundumti keenya afaan tokko qofa dubbanna; beekumsi namaa inni hanqina qabu kun haaraa isa ta'e beekumsa Waaqayyoof iddoo gadhiisa (1 Qor. 13:12). Kennaaleen hafuuraas yeroo kaayyoon isaan kaa'amaniif fiixaan ba'u ni dhaabatu (1 Qor. 13:10). "Jaalalli garuu bara baraan jiraata!" (1 Qor. 13:8). Akkuma kana illee, Yeroo Kristos deebi'u, amantiin ijaan arguuf iddoo gadhiisa (2 Qor. 5:7), akkasumas, wanti nuti yeroo dheeraaf abdachaa turres dhugaa ta'a (Rom. 8:24). Waan hundumaa irra kan caalu immoo, jaalalli akka alaabaa amala sadan tokkummaa waaqaatti jabaatee dhaabata. Haa ta'u malee, carraan amantii fi abdiin bara baraan jiraachuus ni jira. Amantiin muuxannoo fayyinaa yoo ta'u (Rom. 4:3), abdiin immoo hawwa gammachuu fi beekumsa haaraa lafa haaraa keessaa eeggachuu shaakala warra bara baraaf fayyanii agarsiisa. Haa ta'u malee, jaalalli Waaqayyoo bara baraaf mo'a. Yeroo dhihootti, Gooftaa keenya fuulaaf fuulatti ni argina (1 Qor. 13:12). Amma guyyaan sun dhufutti jireenya keenya amaloota gaarii kana sadaniin ibsuu nu barbaachisa: isaanis, amantii, abdii fi jaala-la. Sadeen kun karaa Hafuura Qulqulluu bakka bu'oota guutummaa jireenya kristiyaanaati. Kanaafidha yeroo hundumaa kristiyaanota gidduutti kan inni caqafamuuf (Rom. 5:1-5; Gal. 5:5, 6; Efe. 1:15, 18; 4:1-5). Haa ta'u malee, jaalalli isa hundumaa irra caaludha. Waan hunda caalaa immoo amalli eenyummaa Waaqayyoo isa sirrii ibsuuf dhimma baasuu danda'u isa qofadha (1 Yohannis 4:8). Hima "Waaqayyo jaalala" jedhu irra turi. Akkas jechuun maal jechuu akka ta'e akkamitti sirriitti hubachuu dandeenya? Utuu yaadicha walakkaa fudhachuu dandeenyee, gaaleen sun maaliif oduu gaarii akkasii nuuf ta'a? #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #OLMAA_GAARII_QABAADHA. @sogproduction

  • Hin dagatinaa! Lakkoofsi hundi zeeroo (0) irraa jalqaba. Nutis (0) irraa eegallee tokko(1) jenne;  kudhaanis(10)s, (20)s,(30)s,(40)s(50)s jenne;  amma immoo 60 geenyeerra. Galatoomaa! Eebbifamaa! Namoonni nu waliin jirtaan hundi keessanu galata guddaa nuu biraa qabdu; kanneen haftanis obsaan isin eegna. Yaa nama koo, ani #nama; atis #isumaa; innis, isheenis #sanumaa; nuu martuu #kanumaa .Garuu kana gonkumaa hin dagatinaa: #Waaqa gaditti namni #namaan.  #SOGs_isiinumaan_isinumaaf!!!! Worrotta haftaniifis Linkin kunotii ammas obsumaan isiin egaa jiraa!!! #Share fi #subscriber gochuun nuu fanaa tura. Hundaafu galatoomaa ebbiifamaa🙏🙏🙏❤️❤️❤️❤️ https://www.youtube.com/@SOGProduction1D).

  • 12 авг.1 082196

    BARNOOTA 7FFAA FAKKII JAALALAA ROOBII Hagayya 12 Fakkii Yesus 1Qorontos 13:4-7 yeroo dubbifnu haa guddatus haa xiqqaatus hamma ta'e amaloota jaalalaa agarsiisuu dadhabuu keenya yeroo hubannu dhiphanni nutti dhaga'amuu danda'a. Phaawulos yeroo 1 Qorontos 13 barreessu Yesusiin yaada keessaa waan qabu fakkaata. Dhugumas, Kristos qofatu amaloota jaalalaa akkasii agarsiisuu danda'a. Kanaaf, Phaawulosiif fakkeenyi jaalalaa inni sirriin Yesusidha. Yohannis 13:1, 34; Yohannis 15:9, 12; 1 Ximotewos 1:14; 2 Ximotewos 1:7, 13; 1 Yohannis 3:16; fi 1 Yohannis 4:7-12, 19-21 dubbisi. Heertulee kana irraa waa'ee jaalalaa maal barachuu dandeenya? Waaqayyo jaalala (1 Yohannis 4:8). Amma tokkicha ilmasaa dabarsee kennutti guddaa nu jaallate (Yohannis 3:16). Yesus immoo agarsiiftuu jaalala kanaa isa guutuudha (Ibr. 1:3). Jaalalli akkamitti akka of ibsu baruu yoo barbaadne callifnee gara Yesus ilaaluu qabna. Kakuu haaraa keessatti fakkii Yesusiif xiyyeeffannoo yoo kennine amaloonni jaalalaa warri gaari-in 1 Qorontos 13 keessaa hundi isa keessatti akka argaman hubanna. Yesus obsaa dha. "Yesus Kristos ana isa cubbuutti isa duraa ta'e kana keessaan obsa [makrothymia] isaa guutummaatti akka mul'isutti, warra jireenya bara baraatiif isatti amananiif fakkeenya akka ta'uuf, ani araara argadheera" (1 Xim. 1:16). Yesus gara laafessa. Macaafni Qulqulluun "gooftaan gara laafessa" jedha (1 Phex. 2:3). Heertuu kana keessatti jechi "gooftaa" jedhu Yesusiin agarsiisa. Jechi "gara laafessa" jedhu immoo jecha Griikii chrēstos jedhu kan hundee jechaa wal fakkaataa gochima chrēsteuomai ("gaarummaa agarsiisuu") jedhu kan 1 Qorontos 13:4 keessatti argamu irraa kan dhufe dha. Yesus dhugaatti gammada. Yesus yeroo jaalala abbaa isaa duukaa bu'uu fi jaalala inni isaaf qabu hubatutti gammachuutu isatti dhaga'ame (Yohannis 15:9-11, Yohannis 17:12-14). Yesus waan hundumaa baata (obsaan danda'a). Ibroonni 12:2, 3 Yesus "...obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e...ittiin mormuu cubbamootaa obsaan danda'e" jedha. Akka Yesusitti namni baay'ee obse hin jiru (Fil. 2:8). Kana kan inni godheef gammachuu isa dura kaa'amee jiruuf jedheeti. Yesus waan hundumaa amana. Yeroo Anaaniyaas geeddaramni Phaawulos dhugaa ta'uu isaa gaafate (HoE 9:13, 14), Yesus "mi'a hojii kootii isa... ani fo'adhee dha" jedhee deebiseef (HoE 9:15). Yesus namoota akkaataa isaan amma irra jiran utuu hin taane karaa humna isaa isa isaan ta'uuf jiran ilaala. Karaan kan biraan jaalalli dhugaan maal akka ta'e Yesus ittiin nutti mul'ise maali? #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #OLMAA_GAARII_QABAADHA. @sogproduction

  • SOG Production pinned «Namni tokko akkana nuun jedhe: “Ji’a tokkootu mitii, waggaatu subscribers 10K hin geessan; sanuu content amantii hojjetta, waan hin yaadamne dha.” Dhugaa dha, waggaa tokkotu mitii, waggaa hedduutu gahuu dhabuu dandeenya ta'a. Garuu yoo fedhaa Waaqaa ta’e…»

  • 11 авг.1 11416

    Namni tokko akkana nuun jedhe: “Ji’a tokkootu mitii, waggaatu subscribers 10K hin geessan; sanuu content amantii hojjetta, waan hin yaadamne dha.” Dhugaa dha, waggaa tokkotu mitii, waggaa hedduutu gahuu dhabuu dandeenya ta'a. Garuu yoo fedhaa Waaqaa ta’e, waggaatti, ji’aatti, torbanitti, mitii guyyaatti illee gahuu dandeenya ta'a tarii akkasumas. Sanas ta’uu, kanaas ta’uu, nuti garuu akka SOG Productionitti wantoonni muraasni challenge kana qofaa irraa kan ka'ee sirriitti nuuf gale jiru: 1#ffaa. Namni jalqabaa kufaatii kee garaan hawwu, namootuma ati “sirriitti nuu beeku, nuuf yaadu” jettee yaaddu akka ta’e. 2#ffaa. Badhaafamuun, argachuun qaama biraa akka dhabuu, hanqachuu, hirdhachuu ofii isaaniitiin namoonni yaadan akka jiran. 3#ffaa. Namoonni baay’een Wangeela lallabuu irratti dubbatu malee, haala kamiin “wal tumsina, wal cimsina, fikkf hoo?” kan jedhuuf ani maal godhaara? Hunduu silaa social media irratti akka qulqullummaa shakkaluudhan beekamnaa baay'een kennaa; nuutiis,  qabatamaan lafatti hoo? Yoo  kana jennu nutii eenyutu qubaa qabuuf mitti, eenyutu. Nuti akka SOG Production waanumaa muraasa waan shakalleef, namoonni baay'een akka nutti nama amantiin heddu cimaati nu ilaaluu,  dhoksaa hanqina kennaa garuu nuuf abbaa kenna qofatuu beeka. Hundaafuu Waaqayyo nuu haa gargaaru; nuti hunduu ofumaa haa ilaallu. Jechumaaf👈 Social media irratti qulqullummaan baayatee Gaafa firrin isaan ilaalamu, heddumina like fi subscribers ta’ee mul’atee. “Akka taanee qofa ofii eeggadha,” jedhee namni tokko nuu gorse ture. Har’a nuus “subscribers nuuf godhaa” yeroo jennu isaan yaadanne. Hundaafu Waaqayyo nuu haa gargaaruu. 4#ffaa. Akkuma guutuu waldaa biyyaa keenyaatti, “Maaliif lakkoofsi kennaa gadi aanaa ta’e garuu?” jechuun waan baay’een..... Yaa nama koo, ani #nama; atis #isumaa; innis, isheenis #sanumaa; nuu martuu #kanumaa .Garuu kana gonkumaa hin dagatinaa: #Waaqa gaditti namni #namaan.  #SOGs_isiinumaan_isinumaaf!!!! Worrotta haftaniifis Linkin kunotii ammas obsumaan isiin egaa jiraa!!! #Share fi #subscriber gochuun nuu fanaa tura. Hundaafu galatoomaa ebbiifamaa🙏🙏🙏❤️❤️❤️❤️ https://www.youtube.com/@SOGProduction1D).

  • 11 авг.2 82551

    BARNOOTA 7FFAA FAKKII JAALALAA Hagayya 8-14 SANBATA WAAREE BOODA https://t.me/sogproduction/2794 JALQABA TORBANII Hagayya 9 Barbaachisummaa Jaalalaa https://t.me/sogproduction/2797 WIIXATA Hagayya 10 Waan Jaalalli Godhu https://t.me/sogproduction/2807 KIBXATA Hagayya 11 Waan Jaalalli Hin Goone https://t.me/sogproduction/2810 #Yaa_nama_koo_ani_nama_atis_isumaa_innis_isheenis_sanumaa_nuu_martuu_kanumaa. #OLMAA_GAARII_QABAADHA. @sogproduction