Jemal Kumbi
СтатистикаOnly for legal awareness and educational purpose. Never take as legal advice or reference. All here are personal views. Never represent institutions nor groups.
- Последний пост
- 15 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 19
- Всего постов
- 47
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 12 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 1 075
- 1/48двое суток
- 1 231
- 1/72трое суток
- 1 328
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
видео или голосовое, без подписи
Foormii waliigaltee kiraa haaraa
Labsii toohannoo mana kiraa Lkk 1320/2024
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
Hagayya 8/2018 #Marsaa_5ffaa_kutaa_9ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa Qophiin kun Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha. Qophii keenya har'aa kutaa #9ffaan Faayidaa Ummataaf jecha Qabiyyee Gadi Lakkisiisuu, Beenyaa Kaffaluu fi Kaafamtoota Misoomaa Deebisanii Dhaabuun akkamitti Raawwatama? Barbaachisummaan Labsii kanaa fi Sababa misoomaan qabiyyee gadi lakkisiisuu maali? Mootummaan Qabiyyee irraa adeemsa akkamiitiin uummata kaasuu danda’a? Hawaasni qabiyyee lafaa yoo gadi dhiisan komii yoo qabaatan eessatti dhiyeeffachuu danda’u? Adeemsa Misoomaa keessattis Hirmaannan Hawaasaa maal tahuu qaba kan jedhuu fi dhimmoota kaafamtoota misoomatin walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Tafarii_Haylamaariyam ti. Qophicha dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.
Kireessaan Yeroo Barbaadee fi Akka Barbaadetti Kanfaltii Kiraa Dabaluu ykn Kireeffataa Baasuu ni Danda’aa? ============================================================================== Tarii deebiin qabxii gaaffiin kennamu kireessitoota qabeenya manaa (keessattuu mana jireenyaa)tti toluu dhiisuu mala. Inumaayyuu darbees mustachios nidanda’a ta’u . Garuu deebichi deebii seera bu’ura godhatee dhiyaatu waan ta’ee fi Seera wallaaluun immoo itti gaafatamummaa kan hinoolchine waan ta’eef hundaafuu ciniinnatan hubachuun faayidaa malee miidhaa hedduu hinqabaatu. Itoophiyaa keessatti dhimmi kiraa manaa keessaayyuu yeroo ammaa seerri kallattiin kan itti bahedha. Labsiin To'annoo fi Bulchiinsa Kiraa Mana Jireenyaa Lkk, 1320/2024 Hariiroo Kireessaa fi Kireeffataa gidduu jiruu fi haala daballii gatii kiraa ilaalchisee tumaalee adda addaa fi addaa hammatee hojii irra oolee jira.. Qabxiin inni duraa Labsii kanaan walqabatee ilaalamu kireessaan gatii kiraa manaa akka barbaade lafumaa ka’ee yeroo fedhetti dabaluu nidanda’a moo miti kan jedhudha. Kanaan walqabatee kereessaan salphaatti "borii eegalee kaffaltiin kiraa Birrii 5000 ykn 10,000 ni dabala" jedhee fedha isaatiin qofa murteessuu akka hindandeenye labsicha irraa ni hubatama. Kana jechuun kireessaan gonkuma gatii kiraa mana ofii gonkuma dabalatu hindanda’u yaada jedhu labsichi hinqabu garuu daballiin kiraa haala seeraan hayyamamee fi adeemsa tumameen qofa raawwatamuu akka qabu toohannaa cimaa gochuu labsichaattu mul’ata. Qabxiin inni biroo kireessaan yeroo barbaadetti kireeffataa mana koo har’aa ykn boruu kaasee gad-lakkisii bahi jechuun akka fedhe mana gad-lakkisiisuuf mirga niqaba moo miti kan jedhudha. Kireeffataan akkaataa waliigaltee seeneetti gatii kiraa waliigalame yeroon kanfaluun namusaa fi tasgabbiin mana kireeffate nageenya isaa eegee hanga jiraatetti, yeroon waliigaltee otuu hinxumuramin kireessaan abbaa manaa ta'uu isaa qofa caqasee yeroo barbaadetti manaa ari'uu hin danda'u. Kanaaf immoo waliigalteen kiraa isaan giddutti raawwatamu barreeffamaan jiraachuun hedduu murteessaadha. Waliigalteen isaaniitis hamma gatii kiraa, yeroo turmaata isaa, haala kaffaltii, haaromsa waliigaltee fi haala waliigalteen itti addaan citu ifatti mul'isuu qaba. Gama biraan kireessaniis qabeenya isaa bulfachuu fi ittifayyadamuu ilaalchisee mirga abbaa qabeenyummaa isaatis labsichi tilmaama keessa galchuun kan bahe fakkaata. Fakkeenyaaf, kireeffataan gatii kiraa Akkaataa Waliigalteetti yeroo fi sirnaan yoo kaffaluu baate, waliigaltee cabsuun yoo itti fufe, mana sana haala seeraan alaatiin yoo itti fayyadame ykn gochaa biroo waliigaltee/seera candy yoo raawwate, kireessaan adeemsa seeraan kaa'ame hordofuudhaan mirga isaa kabachiifachuu ni danda'a. Walumaagalatti: Kireessaan yeroo barbaadee fi akkuma fedhetti gatii kiraa dabaluu hin danda'u. Kireeffataas sababa fi adeemsa seeraa malee humnaan ari'uun hin danda'amu. Kireeffataanis dirqama waliigaltee isaa akkaataa waliigalameen eegee raawwachuun nageenya qabeenya manaa kireeffate eegee jiraachuuf dirqama qaba. Waliigaltee kiraa barreeffamaan gochuun fi seeraan galmeessisuun eegumsa qaama lamaaniifuu ni fayyadama. Guutuu labsichaa 👇👇👇 https://t.me/speaklawinabsentia argachuu dandeessu.
Moojulii Seera Taaksii fi Gumurukaa https://t.me/Ardaaseeraa
Seera Waliigaltee Power point credit to Tigist Asaffaa https://t.me/Ardaaseeraa
👉Beeksisa Qacarrii Hojii Ogeessota seeraatiif bahe 👉Fuula FB Obbo Mul'isaa Ejjetaa irraa kan fudhatame. Join:-@desberofMM Desalegn B.
Extraordinary explanation not only suitable for the children’s level of understanding but also for so many adult children.
Qooda qabeenya Dhaalaa Du'aatti Hirmaachuuf Qabeenya Osoo Du’aan lubbuun Jiruu Fudhatame Deebisuun Dirqamaa (collation) ? ================================== Seera Dhaalaa kwt 1065 - 1067; Murtii Dhadhacha Ijbt Glm Lkk 113247, 160761, 162475 fi Murtii haaraa glm lkk 249367 ta’errattti gaafa 28/05/2017 kenname waliin kan ilaalame =========================== ✍🏻Qabeenya Dhaalaa kennaan otuu dhaalchisaab jiru fudhatame du’a isaa booda qabeenya dhaalaatti deebisuun (collation) yaadama seeraa gama tokkoon mirga dhaaltota kennaan fudhatan hinqabnee eeguu fi akkasumas gama biraan dhaalaan kennaa fudhate dabalataan hanga kennaa fudhateen alatti qooda isa dhaqqabuu qabu akka hindhabne eeguuf diriirfamedha. Kanaaf collation dhaaltota kennaa hinqabne qofa otuu hintaane Dhaalaa kennaa fudhates mirga isaa eeguun haqummaan akka jiraatu kan godhu yoo ta’u Seera Hariiroo Hawaasaa Kwt 1065 - 1067 jalatti bal’inaan diriirfamee jira. ✍🏻Dhaddachi ijbt MMWF glm Lkk 113247, 160761 fi 162475 ta’an irratti dhaalaan qabeenya du’aa otuu du’aan jiru kennaan fudhate du’a booda qixa qabeenya fudhateen qooda qabeenya dhaalaa keessaa bahuu akka qabu murteessuun hiikkoo dirqisiisaa kan kenne yoo ta’u kunis dhaaltuun kennaa fudhate gonkuma dhaala du’aa keessatti hirmaachuu hinqabu hiikkoo jedhu otuu hintaane hanga qabeenya kennaan fudhatee qooda qabeenya dhaalaa keessatti makamuun shalagamee hangi kennaan fudhate hanga hanga qooda dhaalaan isa gahuu ol yoo ta’e kan fudhate qabatee qooda keessatti hirmaachuu irraa akka hafuu fi hangi fudhate hanga qooda silaa argachuu qabuu gad yoo ta’e immoo garaarummaa hafe dhaaltota kaan waliin qooddachuu akka qabu hiikkoo agarsiisudha. ✍🏻Dhimma murtii haaraa glm Lkk 249367 ta’erratti gaafa 28/05/2017 kennameenis iyyataan gama tokkoon qabiyyee iddoo lamaa otuu dhaalchisaan jiru kennaan fudhate akkuma jirutti qabachuun gama kaaniin immoo qabeenya dhaalchisaa hafe dhaaltota kaan waliin hirmaachuuf gaaffiin dhiyeesse seeraan ala akka ta’ee fi yoo dhaala keessatti hirmaachuu barbaade qabiyyeewwan kennaan dursee fudhate deebisee dhaalatti makuu ykn immoo qabiyyee lamaan isaa qabatee dhaala du’aan ala ta’uu qaba jechuun murteessee jira. ✍🏻Gabaabumatti karaa lama fayyadamuun akka hindanda’amne murtiin haaraan kun ifatti hiikkoo kan kenneedha. https://t.me/speaklawinabsentia
видео или голосовое, без подписи
Labsii gumruukaa gama kontirobaandii toohachuu ilaalchisee fooyyessuun Labsii haaraa bahe Lkk, 1425/2018
видео или голосовое, без подписи
Yaadni Furmaataa Marii Biyyoolessaa Irraa Argamu Bu'aa Kallattiidhaan Tumaalee Heera Fooyyessiisuu Ni Qabaa? ^^^^√√√√^^^^^^√√√√√√√^^^^^^^^√√√√√ ✅Labsiin Koomishinii Marii Biyyoolessaa Itoophiyaa Hundeessuuf bahe, Labsiin Lakk.1265/2014 kwt 4(2) jalatti itti waamamni koomishinichaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif ta'uu tuma. ✅Labsichi kwt 6(4) jalatti immoo kaayyoo koomishinichaa keessaa tokko Yaadotni furmaataa maricha irraa argame hojiirra akka ooluuf deeggarsa taasisuun lammilee, akkasumas mootummaafi uummata gidduutti sirni dimokiraasii wal amantaa irratti hundaa'e sadarkaa biyyoolessaatti akka ijaaramu taasisuu ta'uu ibseera. ✅Keewwata 9(10) jalattis, gahee hojiifi itti gaafatamummaawwan koomishinichaa keessaa tokko yaadota gorsaa (furmaataa) marii irraa argamanifi sanada tooftaa ittiin yaadni furmaataa hojiirra oolu ibsu qopheessuun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif, Qaama raawwachiistuudhaafi qaamolee mootummaa ilaallatan kan biroodhaaf kan dhiyeessuufi uummataaf ifa kan godhu ta'uu tumeera. ✅Kana malees, kwt 9(11) jalatti mootummaan yaadota furmaataa marii irraa argaman hojiirra oolchuu akka danda'uuf karoora ifaafi qabatamaa ta'e akka qopheeffatuuf deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta'uu tumeera. ✅Itti fufuun, kwt 21(2) jalatti aangoofi gahee hojii Manni Maree Koomishinichaa qabu tarreessuun isaan keessaa tokko yaadota furmaataa koreewwaniin qophaa'anii dhiyaataniifi marii Uummataatiin argaman tarreeffamaan sakatta'uunifi qindeessuun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif, Qaama Raawwachiistuufi qaama mootummaa ilaallatu biroodhaaf akka dhiyaatuuf murteessuu (mirkaneessuu) akka ta'e tumeera. 👉Tumaalee kanarraa kan hubatamu, koomishinichi To'annoofi Ol'aantummaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa jalatti hojii isaa kan hojjetu ta'uu; yaadota furmaataa marii irraa argamanis qaama kanaaf kan dhiyeessu ta'uu; adeemsa yaadota furmaataa dhiyaatan hojiirra oolchuuf deemamu keessattis deeggarsa kan taasisuufi hojiirra oolmaan isaas karoora ifaafi qabatamaa (adeemsa dabalataa biroo) qabaachuu kan qabu ta'uudha. 👌Kanarra darbee, Yaadni Furmaataa dhiyaatu bu'aa Kallattiidhaan tumaalee heeraa fooyyessiisuu akka qabu labsichi hin akeeku. Heerri biyya keenyaa kan fooyya'u akkaataa (adeemsa) heericha kwt 105 jalatti tumameen ta'uun isaas ni beekama. ❓❓Mee isin akkamitti hubattan? Yaada nuuf qoodaa. Join:-@desberofMM Desalegn B.
видео или голосовое, без подписи
Hagayya 4/2018 #Marsaa_5ffaa_kutaa_8ffaa_Qophii_Yuuba_Seeraa Qophiin kun Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Faanaa Miidiyaa korporeeshinii waliin ta'uun Effi Emmii Asallaa 90.0 fi Effi Emmoota Faanaa hunda irratti torbeetti si'a tokko hawaasa bira kan gahuudha. Qophii keenya har'aa kutaa #8ffaan Heerri fi Seerri Biyya keenyaa Bilisummaa Qaama Namaatiif Eegumsa akkamii taasisa ? Yakka Dirqisiisanii gudeeduu jechuun maal jechuudha? Eenyu irratti yakki kun raawwatama? Nama gocha dirqisiisanii gudeeduu raawwate irratti tarkaanfii akkamiittu fudhatama? Sababa yakka dirqisiisanii gudeeduutiin miidhaa akkamiittu qaqqabuu danda’a? Dubartii gudeedanii gaa’ela yoo waliin raawwatan yakka irraa bilisa ta’uu danda’uu? Dubartiin takka hiriyaan ishee akka gudeedamtu dhiiraf yoo haala mijeessite seeraan ni gaafatamtii? Yakki akkanaa akka hin raawwatamne gaheen hawaasaa maal tahuu qaba? kan jedhuu fi dhimmoota dirqisiis anii gudeeduun walqabatan irratti ibsa bal'aa kan kennan Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO) #Obbo_Zabbanaa_Shibashii ti. Qophicha dhaggeeffachuun yaadaa fi Gaaffilee mata durichaan walqabatan fuula FB keenyaa irratti nuuf barreessuun ibsa dabalataa argadhaan dhaamsa keenya.
“Sagalee Seerotaattu Na na komata/abaara” Sookraaxis ============================================== Eeyye, duuti Sooqiraaxis woreega olaantummaa seeraatiif lubbuun kaffalamee dha. ================================== Dhugaa waan barsiiseef, dhalootas wallaalummaa irraa waan dammaqseef, Bulchiinsi siyaasa abbootii irree fi hoggantoonni amantaa seera jallataa fi haqummaa hinqabneen taargaa yakkaa isaa kennuun adabbii du’aa irratti murteessisan. Hubadhaa! Isa irratti murtaa’e osoo hin taane, irratti murteessisan. Maneen Murtii sadarkaa sadarkaan jiranitti ol-iyyannoo yoo dhiyeessellee murticha cimsuun itti raggaasisan. Dhumarratti, jal’inni seerichaa fi haqadhabdummaan murtichaa kan isaan gaddisiisee fi hedduu isaan yaaddesse namoonni sooressi tokko tokko Sookraaxisiin baqachiisuuf murteessanii, hiriyaa Sookraaxis kan kan ta’e 'Kiriitoo‘ nama jedhamu ergaa kana akka dhiyeessuu fi isa amansiisuuf gara Sooqiraaxisitti ergan. Sookraaxis garuu, “Seerichis ta’ee murtiin natti murtaa’e jal’aa fi haqa maleessa ta’uusaa ni beeka; ta’us hangamis jallataa fi haqa maleessa yoo ta’eyyuu seeraa fi murtii mana murtee biyya kootiif amanamaa ta’uun qaba. Du’a sodaadhee yaada naaf dhiyaatetti walii galee fudhachuun seera irraa yoo baqadhe, sagalee seerotaattu na ceepha’a,” jechuun yaada seera irraa baqachuu isaaf dhiyaate osoo hin fudhatin dide. “Ijoollee koo fi haadha manaa kootiin yoon kadhatamellee, sammuu koo kan na ceepha’u sagalee seerotaa irra hin caalan,” jechuun deebise. Mariin itti fufe, garuu yaada baqachuu irratti isa amansiisuun gonkumaa hin danda’amne. Yoo xiqqaate raawwii adabbii ilaalchisee gara kaffaltii maallaqaatti akka jijjiiramuuf manni murtii yoo hayyameyyuu Sookraaxis garuu “Haqaa karaa seeraatiin hin arganne karaa seeraan alaatiin (jaarsummaaniis ta’ee dallaalaan) akka naa kennamu hin fedhu” jedhe. Dhumarrattis, kadhaa baay’ee booda adabbiin du’aa itti murtaa’e fannefamuun raawwatamuu irraa gara summii 'Hemlock' (Keemloon) jedhamu buna keessatti kennameefii dhuguun akka du’u yaada dhiyaate fudhatee dhuma jireenya isaa ta’e. Hojiiwwan isaa garuu jiraataa ta’anii bara baraan itti fufan. (Kitaaba mata Duree የህግ ፍልስፍና jedhuun nama Daawit Bazzaabih jedhamuun Afaan Amaaraan barreeffame irraa fudhatamuun kan hiikameedha) https://t.me/speaklawinabsentia
Abbaan manaa yookaan haati manaa gaa'ila keessatti qabeenya dhuunfaa isaanii gurguranii maallaqa baankii kaa'an, maallaqni sun qabeenya dhuunfaa isaanii ta'uu isaa mirkaneessuuf addatti galmeessisuuf dirqama hin qaban jechuun Manni Murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijjibaata Lakk. Galmee, 221394,ta'een Muddee 29, 2014 sagalee Caalmaan murteessee jira. Guutuu murtii kanaa galmee 221394 waliin maxxansine irraa Channel telgm koo jalatti ni argattu.