Finfinnee Post
СтатистикаYaada yoo qabaattan @wakumafekadu dubbisuu dandeessu. Ulfaadhaa, horaa bulaa🙏
- Последний пост
- 10 мар.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 15 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
#Intala_Ilkaan_Bireesii 💃😂 Haati manaakoo Turungoo Mazgabuu waggaa 3 dura ilkaan ishee #bireesii'dhaan hidhattee turte. Garuu ilkaan ishee bireesiidhaan hidhamee haa hafuu, milishaatiin utuu hidhameyyuu waan sirraa'u miti. Dhiyoo kana wal lollee isumaan na ciniinte. Tarii dhukkuba #teetaanesii na qabsiisuu danda'a jedheen mana yaalaa deeme. Dookterichi "laabraatoorii ilaaleera nagaakeeti" nan jedhe. Ani garuu hin amanne. "Yaa dookter! Laabraatooriidhaan ilaaluu qofa miti, maaloo VAR'dhaan naaf ilaali" jedheen dubbii kaase😂 Sirbi nuti dur beeknu tokko... "Magaalleen bifaan boonti Diimtuun konkonaan boonti, Kam jaalleen kam dhiisa Lachuu garaa na nyaatti!" Jedha. Utuu bara kana ta'e garuu... "Magaalleen #human_hair'n boonti Diimtuun #bireesii'n boonti, Kam qabeen kam gadhiisa Lachuu kaaffeerra joortii!" Waan jedhu natti fakkaata😂 @waaqooF @waaqooF @waaqooF Hordofaa✌️
#Jinjanaa_Durba_Horroo_Wajjin💃 Isa: Hi Ishee: Eenyu'a ati? Isa: Wal haa barru Ishee: Eenyu'an je'eem, maqaakee hima'u Isa: Suuta jedhi maal taate? Ishee: Maqaakee hima'u yookaan bilbilakee cufa'u Isa: Tole, Olqabaan jedhama. Ishee: Bakki alootakee eessa'a? Isa: Naannooma ati jirtu Ishee: Shaambuu'aa? Isa: Lakki Ishee: Guduruu'aa? Moo Fincaa'aa'a? Isa: Lakki achis miti Ishee: Haratoo'aaree? Moo Saqalaa'a? Isa: Lakki achis miti. Ishee: Yoo dubbatte dubba'u. Kana caalaa nan amaasiin Isa: Tole nan dubbadha. Ishee: Dubba'ukaa. Moo Jaartee, Jaardagaa yookaan Amuruu'a? Isa: Lakki. Ishee: Maa'a je'a kunimmoo?! Gurbee yoo dubbatte dubba'u yookaan bilbilakoon cufa'a Isa: Anoo Dongoroodha Ishee: Ati Dongoroo miti Donqoroo'a malee. Lammaffaa akka natti hin bilbille tortoraa. Bilbila gura irratti cufte! Part 2 itti fufa...
Taaksii keessatti narratti rafte. Narratti rafte jechuurra narratti duute yoon jedhe wayya! Ani nama irratti mitii, siree irratti akkas rafee hin beeku. Bakkan itti bu'u ga'e. Intalli hirribaa hin kaane. Akkam godhuu? Darbeen deeme. Narraa kaati jedhee utuun eeguu sirumaa taa'umsa sirreeffattee jilbakoorra rafte. Amma egaa dirqama narraa ka'uu qabdi. Sababni isaayyuu isheen narraa ka'uu baannaan na biraa waanti ka'u jiraachuu danda'a. Homaa gochuu hin danda'u, seera uumamaati😀 Utuu waantichi hin ka'iin ishee kaasuun yaale. Gad jedhee ilaallaan akkuma silaa of gattee rafaa jirti. Daandii hamma kanaa wajjin deemeen tola deebi'aaree? Gad jedheen maddii ishee dhungadhe. Takkumaan utaaltee kaatee teesse. Ani maddii isheen dhungadhe; isheen garuu maddiikoo kabalte😭 Sana booda rifadheen hirribaa ka'e. Kan rafaa ture ishee utuu hin taane anadha. Kanan jirus taaksii irra utuu hin taane sireekoo irra. Abjuudha 😀
Nutis surree jalatti #taayitii yoo uffanne malee qorri baranaa ulfaataadha😄
Walaloo kana🥰
"Qoraan fixus bilchaateera" jedhe brother inni xiqqaa ministry kutaa 6 darbee😄 Gurbaan kutaa 6'tti qoraan fixe jennaan Yuniversiitii gaafa seenu maal akka bobeessu hin beeknu😄
Channel photo updated
Tarii jaalala kootu Miidhagakeef sababa Tariis jaalallikoo Miidhagakeen jalqaba Yoona, Simboo dhaabbii keetii Kan na dagu libsuu Bareeda seeqa keetii Kan faara na ibsu Mil'adhee, argeetan Birakee hin dabarre (Miidhagni- hundeen aartii Eenyuun hin mararre?) Yookaas, Miirri bifa gararraa Erga na to'atee Kishaafa miirichaan Ijikoo si do'atee, Jaalalli eenyummaakee Erga na dhuunfatee Biftikees goobanee Anatti mul'ate! Kam akkanni dursee, Kam akka hangafu Ifa naaf hin taane Murteen natti haa hafu! Yoona, Yaa'a dubbannaa keetii, Sagalee gurra hatu Kan caqasuu eegallaaan Qalbiin yeroo dagatu Kan jeeqama furuursu Kan miira na uruursu, Sanafaa dhaggeeffatee Onneen sababeeffate! Yookaas, Mudaa keessaa calalee Gurrakoorraa fageessee Jaalalatu sagaleekee Wallee natti fakkeesse! Kam akkanni dursee, Kam akka hangafu Ifa naaf hin taane Ibsi natti haa hafu! Silas yaa faayatoo, Fuulli seeqa qabaannaan Anaa fi sitti tolee Guyyootni faara laannaan Sababeessee ibsuuf An yaadota hin saadu Takka takka bohaartiin Xiinxala hin barbaadu! Walaloo: Raga Isayas
Guyyaan dubartootaa march 8 utuu hin taane march 7 akka ta'e dubbatama. Garuu utuu dhiqatanii, dibatanii, uffatanii guyyaan tokko darbe jedhan😂 Happy Woman's Day 🥰
#Anaa_fi_Marii_Geetaa👨🍳 Group marii-geetaa ani karaa telegram baqadhee dadhabetu karaa TikTok natti dhufuu jalqabe. Mee waanti kun maaluma jedheen dhaggeeffadhe. Gosti dhukkubaa isaan biratti furmaata hin arganne hin jiru😂 Dhukkuba dawwee, teessisaa, kaachisaa, dadhabina wal qunnamtii saalaa, kaanserii, HIV, busaa, taayifooyidii, garaa kaasaa, dugda kutaa, hafuura kutaa, abdii kutaa😂, rakkoo waa dagachuu... Hunda keessaa inni dhumaa kun xiqqoo na ilaallata. Darbee darbee rakkoo waa dagachuun nan qaba. Waan kana deemee ilaalamuun qaba jedheen deeme. Achi ga'ee gaafa dabareenkoo ga'u #Marii_geetaan'faa na waamanii "Maal taatee dhufte?" naan jedhan. Maal jedhee itti himuu? Daqiiqaa 5 keessatti maal ta'ee, maal barbaadee akkan deeme nan dagadhe😭 Taa'ee itti yaadee yaadeen dadhabe. "Baqqaa ka'ii gara manaakeetti deemii, gaafa yaadatte koottu" naan jedhan. Tole jedheen bahee deeme. Gara manaa utuun deemuu karaa walakkaa yoon ga'u dhimman deemeef sanan yaadadhe. Rakkoo waa dagachuukoo...😭 Yerooma sana fiigeen ofirra deebi'e. Garuu maal godha? Gaafan achi ga'ummoo deebi'een bakka manichaa dagadhe 😭
Waa bituuf suuqii deemnaan abbaan suuqii namicha tokko wajjin wal falmaa jira. Namichi poostaa bituuf dhaqee 'Oriijinaala miti, baayyee haphiidha' jedhee falma. Abbaan suuqii 'Ani ofiikoo hin hojjenne, yoo siif ta'e fudhuu narraa deemi' ittiin jedha. Namichi yookaan fudhatee hin deemu yookaan dhiisee hin deemu, dhaabbatee falma😂 Ani sirumaa waanan bituuf deemeyyuu dagadheen haasaa isaanii dabaree dhaggeeffadha. Achii namicha isa bitu sanatti garagaleen "Fudhu obboleessakoo! Poostaan kanuma' ittiin jennaan "Baayyee haphiidha bar" naan jedhe. "Maal rakkoo qabaree? Waraqaa ittiin baatta malee icciitii ittiin baattamoo?" jennaan abbaa suuqii dhiisee anaan dalga ilaaluu jalqabe🤭
Gatii kitaabichaa fi Shamarran Lama 👭 Taaksiidhaan deemaa jirra. Isheen tokko ilkaan kaarruu balbala banaa fakkaatu qabdi. Ilkaan sana lamaan walitti fiduudhaaf #bireesii'dhaan hidhattee jirti. Garuu ilkaan sana bireesiin walitti fiduun haa hafuu, dallaalaan ana jedhe haasa'ee waan walitti fidu hin fakkaatu😂 "Nama hin dhibuu garuu? Utuu 1000 jennee iyyinuu warri raabsan 3000 hanga 5000 gurguraa jiruum. Maal waansaa karaa jireenyi ittiin nuuf salphatutu irratti barreeffamee jiramoo?" jette kolfite. Achumaan bireesii sana akka nu argisiisuuti natti fakkaata🙈 Hiriyaan ishee "Ati qoosi, kitaaba kanammaa uqqubii galee illee bitadha malee ani hin dhiisu" jette, miira xiiqiin. Natti tole! Bara Oromoon baayyee kitaaba dubbisuun haa hafuu, wal dubbisuu dhiise kanatti qaxalee akkasii arguunkoo na gammachiise😋 Isheen sun itti fuftee, "Ani qarshii kana hundaan hin bitu; utuma namni bitee naaf kenneyyuu kitaaba hamma kanaa guddatu dubbisuun haa hafuu, fuula isaa lakkaa'ee iyyuu fixuu hin danda'u" jette. Ani kana caalaa callisuu hin dandeenye, "Itti hin dhiphatiin obboleettiikoo! Namni hamma dhumaatti dubbisee fixe tokko yaada isaa gabaabsee sitti haa himu" jedheen taaksii sanarraa bu'e. "What ?" naan jette. Deebii isheef hin kennine, deebiikoo #raddaatii irraa fudheen bu'ee miillaan deemuu jalqabe🚶♂️ Akkan hubadhetti hamma ilkaan ishee lamaan wal baqatan caalaa ishee fi kitaabni wal baqataniiru. #Bireesiin dhaloota kanaa fi kitaaba walitti fidu hojjetamuu qaba 😂
Qarshii natti fidee "Ishee kana account koo irra naaf galchi" naan jedhe. Irraa fuudhee lakkaa'uuf jennaan birriin foorjidii dha. "Kabajamoo maamilaa! Qarshiin kun kun foorjidiidha" ittiin jennaan "Rakkoo hin qabu callisii irra galchi" naan jedhe🙄 "Foorjidiidhan jedhe bar, akkamittan galcha?" ittiin jennaan "Qarshiin kankoo, account'n kankoo mitii? Siin maaltu si dhibe?" naan jedhe😭 Dhumarra "Isin silaas quuftaniittu, qarshiikoo naaf deebisi, baankii biraa deemeen galfadha" naan jedhee na lolaa jira😂
Amala na dhiisuu dide keessaa tokko konkolaataa keessatti nama irra rafuudha😂 Har'ammoo dabareen na ga'ee namatu narra rafe. Sanuu dhiira🙈 Jalaan siqe, natti siqe. Achin jedhe, natti jedhe... dhumarra narratti jige. Ani hirriba akkasii taaksii irratti mitii, siree irratti rafee hin beeku😁
#Anaa_fi_kondominiyeemii 🏢 Namoonni tokko tokko kaffaltii kondominiyeemii kaffaluuf garakoo dhufu. Warri isaaniif bahe 'mee qarshii kana account kondominiyeemii koo irra naaf galchi' jedhanii kokkolfaa dhufanii kokkolfaa deemu. Gammachuu qabu. Sababni isaayyuu mana isaanii keessa jiraatu. Mana fincaanii tokko nama 30 ta'anii hin fayyadaman. Firrikoo dhufe jedhanii hin dhiphatan. Sagalee TV gad qabaa jedhee namni isaanitti dubbatu hin jiru. Yoom asii baana jedhanii hin dhiphatan... Warri kondominiyeemiin sun utuu isaaniif hin ba'iin kaffalaa jiran ammoo fuulli isaaniiyyuu nama sodaachisa. Qarshii natti kennanii deemu utuu hin taane natti darbatanii deemu yoon jedhe wayya. "Ayi Adaanech...manichi silaa nuuf hin ba'u callisnee qarshii keenya as keenya" jedhanii dalga na ilaalu. Ani akka waan ofiikoo manicha isaan dhowwadheettin ol jedhee isaan ilaaluu sodaadha😭 Kaanimmoo dhufanii "Yookaan mana hin argannu, yookaan qarshiin keenya hin dhalu..." jedhu. Ani ammas akka waan ofiikoo dhala isaa isaan dhowwadhee ofii fudhachaa jirutti natti dhaga'ameen callisee gad jedhee hojiikoo hojjedha. Jarana na dhiisaa🤲 Anaa fi kondominiyeemii keessan waanti walitti fidu hin jiru. Tarii suufii uffadhee fuldura keessan teenyaan #baala_gizee sinitti fakkaadhee laata? Ani baala-gizee miti, akkuma keessan taa'een #gizee eeggachaa jira😂 Mammaaksa "Jarjaraan re'ee hin horu" jedhu sana siniif jennee jijjiirree jirra. "Jarjaraan kondominiyeemii hin argatu!" 😁 @waaqooF
Karaa irra teessee siqsiq jettee boossi. Garaan na hammaate. Bira darbuun dadhabe. Sababa boo'icha ishee ta'a jedhee waanan yaade hunda itti siqeen gaafadhe. Deebiin ishee hundi "Lakki" kan jedhu qofa. ⭕️ "Qarshii dhabdee waa rakkattee?" "Lakki" ⭕️ "Jaalalleekeetu si dhiisee deemee?" "Lakki" ⭕️ "Kooyyee Facceetii kondominiyeemii abbaama ciisicha tokkoo illee si dhowwatanii?" "Lakki" ⭕️ "Ashawaa Meedaatii lafti si jalaa dhumeeree?" "Lakki" ⭕️ "Ihii... utuu 'gizee'nkee hin ga'iin 'Baala-gizee' si jedhaniiree?🙄" "Lakki" "Maal taatee akkasitti boossaree?" Ittiin jennaan "Hojiin dhabe😭" naan jette. Xiqqoo ilaaleen callise. Sana booda "Akkakee kana bakka itti boossu dhabdeeti malee saatalaayitiin nuti dhiyoo kana ol ergineyyuu hojii dhaabdee taa'aa jirti" jedheen bira darbe🚶♂️
Channel photo updated
Channel photo updated
Rakkoo keessa jirra 😎 ⭕️ Yoo qabeenya horatte "Jawwee manaa qaba" ⭕️ Yoo rifeensa guddiste "Qawwee manaa qaba" ⭕️ Yoo isheen IPhone qabatte "Qaama ishee gurgurteeti" ⭕️ Yoo inni Iphone qabate "Dubartoota biyya Arabaa saameeti" ⭕️ Yoo fuute ykn heerumte "Isaaf hin taatu/isheef hin ta'u" ⭕️ Yoo dhalchite ammoo "Daa'imni isa hin fakkaatu" Waan ta'emmaa dhukkubsanneerra 🤣
Na dhaga'aa jaranaa Raajiin ta'e barana 😳 Jaalalleekoo Ishee 1'ffaa Wajjin siree yaabee Ilaaleera #Cheekaappiif, Tasa hin mul'attu Sababa #Meekaappiif Jaalalleenkoo Ishew 2'ffaa Utuu lubbuukoof Jilbeeffattee sagadduu, Utuu foonkoof Harreedhaan nagadduu Bishaanitu na jalaa nyaate Utuun boo'uu narkaa baate😢 Jaalalleenkoo Ishee 3'ffaa Dhiira hundaaf kakaatee Fira qarshii qofa taatee Diyaaspooraatu nyaate Amma biyya alaa baate💃 Amman sadii jaalladhee Haatirikii hojjedhe, Utuun gaafas jabaadhee Maatirikii hojjedhe Silaa yoona kana Baradheen siyaasa xiinxala, Amma garuu kunoo Mana kireeffadheen gala😀 Join👉 @waaqooF Join👉 @waaqooF Join👉 @waaqooF ✍ @wakumafekadu