tgindex
Amantii Waaqshuumaa

Amantii Waaqshuumaa

Статистика

Amantaa • Aartii • Hawaasummaa • Barnoota • Teeknooloojii Marsariitii: https://awblogonline.wordpress.com/

Последний пост
14 авг.
Последнее чтение
13 авг.
Постов за неделю
2
Всего постов
21
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
382
+1 за 1 дн.
Сутки
0
0,00%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
179
21 постов
Вовлечённость
46,9%
к подписчикам
Постов в день
0,3
всего 21
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
36
1/48двое суток
41
1/72трое суток
44

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • видео или голосовое, без подписи

  • Mata-jabina kootiin dhalootni maaliif dogongora? Nama dogongorsuun cubbuu dachaa hojjechuudha. Tokko dogongoruun sun mataan isaa cubbuudha. Inni 2ffaan immoo sababa kootiin namni biroo gufachuun cubbuudha. Bara keenya keessatti kiristaanummaa akka malee hiikkachuunii fi akka mataa keenyaaf ta'utti madaqsinee, kiristaanummaaf ajajamnee jiraachuu osoo qabnuu kiristaanummaa ajajnee akka fedhii keenyaatti jiraachuun baratamaa dhufaa jira. Kana kan fide tokko immoo balaa jechama "Amanuu qofti gahaadha" jedhuudha. Har'a namoonni miidiyaa hawaasaa kana irraa maqaa "Iyyesuus" dhahachaa, akka amanan himachaa garuu suur-sagalee fi suuraan, akkasumas barreeffamni maxxansinu Kiristoosiin mitii safuu hawaasichaa iyyuu hin calaqqisiisne baay'achaa deemaa jira. Kiristaanummaan amantaa gara feenetti qajeelfannu osoo hin taanee, amantaa gara Gooftichaatti nu qajeelchuudha, gara Gooftichaatti nu guddisuudha. Kiristaanummaan jireenyadha. Jireenya guutuu. Kan fedhii biyya lafaan itti makaa hin qabne. Kan dhugichi Kiristoos qofti keessatti mul'atu. Kitaaba Qulqulluu keessatti abbootnii fi duuka bu'ootni jireenya akkamii jiraachaa akka turan dubbisuun salphaadha. Jireenya qulqulluu ofittummaa hin qabne. Kan kasoominaan guute. Isaan bu'aa lafarraaf hin jiraanne. Inumaa addunyaa tuffatanii lubbuu isaanii osoo hin qusatin wareegamaa turani. Nuti garuu har'a kiristaanummaa fedhii keenyaa wajjin walitti mijeeffannee biyya lafaa ho'ifannee keessa jiraachaa jirra. Kana keessatti osoo ari'atamuun dhufee eenyuutu qabsuura? Kanumadha kan Gooftaan gaafa dhufaatii 2ffaa sana nama amanu nan argadhaa laata jedhe. Silaa kiristaanummaan of dhorkuu, of mo'uu, of bituu qaba. Kiristoosiif jiraachuu, isaaf jecha fedha ofii dhiisuu. Kiristaanummaan qabsoodha. Lola. Waraana. Waraana Seexanaa wajjinii. Kiristaanummaa keessatti akka feete jiraatta jechuun Seexana waamtee ofirratti hidhachiista jechuudha. Dhaloota seenaa jireenya qulqullootaa dhaggeeffachuun maal na fayyada jennu, jireenya isaan dabarsan xiqqooma hin dinqisiifanne, dhaga'uu iyyuu hin barbaadne; dhaloota soomuun faayidaa maalii qaba jedhu, kasoomina xiqqoo ishee hin qabne, yeroo wal fakkaataatti immoo "Ani kiristaana" jennu kana eenyuutti fakkeeffamna? Yoo xiqqaate dhaloota nu boodaaf, safuu keenyaaf eeggannaa gochuun nurra ture. Akka feetee jiraachuu keenya akka feene agarsiifachuun dhagaa mataa keenyatti hiisisee bishaan tuujjuba keessa nu buusisa. Nu haa baraaru🙏!

  • Gaarummaan himadhu tokko hin qabu. Gaarummaan ittiin jiraadhe yoo jiraate araara kee qofa. Ani nama dadhabaadha. Dubbii kee qajeelaa sanatti jiraachuuf rakkadheera. Akka jecha keetti osoon hin jiraatin jabina amantii an himadhu maaltu jira? Nyaata lagachuu kootii? Mana keetti deddeebi'uu kootii? Gooftaa Gooftaa siin jechuu kootii? Kanan ittiin of jaju maaltu jira? Kanan ittiin boonu yoo jiraate araara kee qofaani. Akka fedha keetti buluu dhiisuu koof, fakkeessuu koof, jaalala of keessaa dhabee hafuuratti laafaa ta'uu kootiif, si yakkee, of yakkee ulfina kee ofitti hir'isuu kootiif, kennaa kee tuffadhee guumgumuu kootiif, yeroo yerootti si ganee si dagachuu kootiif, daban yaaduu fi hojjedhu hundumaaf gaafan mana qulqullummaa keetti ol galu maal jedhee si kadhadhu? Sodaadhaan, "Yaa Waaqayyo, ana nama cubbamaatti araarami"! nan jedha. --Luq.18:13

  • Marsariitii Ilma Mootii haaressaan ture. 'Functionality/tajaajila' baay'ee itti daddabaleera. Wixinee isaa jijjiiruu irraa kaasee, walaloo gosa gosaa filachuun akka danda'amutti, 'copy' gochuun, 'search' gochuun akka danda'amutti itti dabaluuf yaaleera. Walaloo jaallattan 'favorite' gochuun akka dandaa'amutti, 'dark/light mode', walaloon suur-sagaleen hojjedhe muraasas itti dabalee kaa'eera. Pdf walaloowwan "Ilma Mootii" of keessaa qabus achumarra 'download' ta'uu akka danda'utti kaa'eera. Yaadota kitaabicha irratti kennamanis bifa bareedaan kaa'eera. Saanduqa yaadaa fi kanneen biroo itti daddabaluun fooyyessuuf yaaleera. Kun qabiyyee xiqqoodha garuu gara fuula duraatti qabiyyee isaas ta'e wixinee isaa fofooyyessaa kanan deemu ta'a. Mee seenaa daawwadhaa! --https://ilma-mootii-poem.vercel.app/ Fayyadama isaaf viidiyoo kana daawwadhaa! Liinkii: https://ilma-mootii-poem.vercel.app/

  • Akkam jirtu? Barattoonni eebbifamtanii, akkasumas eebbifamaa jirtan akkuma beekamu amma adeemsi itti aanu bakka banaa hojiif beeksisa ba'an dorgomuudha. Kanaaf immoo ulaagaa jalqabaa fi hafuu hin qabne tokko CV/Resume bareedaa qabaachuudha. Hojiif dorgomuudhaaf CV bareedaa hojjetachuu, yookiin immoo kan hojjetattan haareffachuu yoo barbaaddan, gatii baay'ee madaalawaa fi yeroo gabaabaa gidduutti isiniif hojjenna. Keessaan na dubbisaa! Carraa Gaarii! DM me: @amantii521

  • Namni amanu, namni bifa Waaqayyoo qabu hin sodaatu... (Barreeffama itti aanee jiru bal'inaan dubbisaa!)

  • Namni amanu, namni bifa Waaqayyoo qabu hin sodaatu... (Barreeffama itti aanee jiru bal'inaan dubbisaa!)

  • 26 июл.1 49287

    Yoo Waaq jedhe: Deemsi karaa fagoo Imalli dheeratu nama hin daangessu, Ergamoota eegee kan kunuunsee Fuudhee galma nama geessu, Galaanni yoo guute, manii isaarra darbee Ce'umsa nu dhorkee, Lafa gogaa ta'a Gaafa Waaqni jedhee Humna isaa nuuf erge, Kan nu gaaduu yaa'u Yoo galaanni nyaatu Gad jallaatti ilaalla, Nun galata baannee Ililleen weeddisaa Biyyichatti galla! Kun hundumtuu in ta'a Gaafa Waaqni jedhu Mo'ichatu argama, Ni shakkitu taanaan Mee Musee gaafadhaa Innuu sinitti himaa! Guutuu isaa liinkii kanaan daawwadhaa! Miidiyaa Sootiriyaa ሶትርያ ሚዲያ

  • 25 июл.12911из Soteriamedia

    ✔️Gadhiifameera✔️ Walaloo Afuuraa ajaa'ibaa 'Yoo Waaq-jedhe' jedhu Amantii Waaqshumaatiin (Dn) -affeeramtaniittu; daawwadhaa! https://youtu.be/S7dFW_h55TQ?si=OBwgCxR7Ug_nBHuu

  • Ergamoonni Nu Araarsuu/Nuuf kadhatuu? Akkamitti? Barreeffama itti aanu dubbisaa!

  • Ergamoonni Nu Araarsuu/Nuuf kadhatuu? Akkamitti? Barreeffama itti aanu dubbisaa!

  • Ergamoonni Nu Araarsuu/Nuuf kadhatuu? Akkamitti? Barreeffama itti aanu dubbisaa!

  • 25 июл.9812из Soteriamedia

    ✔️Walaloo✔️ 'Yoo Waaq-jedhe' Amantii Waaqshumaa (Dn) tiin. Har'a galgala sa'atii 2:00tti YouTube Miidiyaa Sootiriyaa irratti nu eegaa ✝️YouTube► https://youtube.com/@Soteriamedia21 ✝️Telegram► https://t.me/Soteriamedia ✝️Facebook► https://www.facebook.com/soteriamedia21 ✝️TikTok► https://www.tiktok.com/@sootiriyaa ✝️WhatsApp► https://whatsapp.com/channel/0029VavbGc972WU2EwxH953o

  • Akka fedha isaatiif Jaalala isaa malee, Eenyuut humna isaatiin Manaa ba'ee gale? Osoo heyyama isaaf Fedha isaan hin baanee, Silaa yoona badnee Duunee biyyoo hin taanee? Inni jiraaf jirra Malee silaa hin jirru, Bakka kufnee kaanee Boriif hin qabsuurru, Inni jiraaf ijaan Ilaallee lip-sanna, Inni jiraaf seeqnee Kolfinee taphanna, Jiraadhaa nuun jedhee Isat-du'a ajjeesee Nuuf raggaase mirga, Kanaaf yoo mil'annu Iji keenya takkaan Kiristoosiin arga, Oolmaa isaa hundumaaf Arraba keenya irra Kan jiru galata, Guddina isaaf yoomuu Guyyoonni hundumtuu Isaatiif Sanbata! Baga Sooma Hiiktan ✨! Ayyaanni Phaawuloosii fi Pheexiroos nu waliin haa ta'u!

  • Adoolessa 5 - Yaadannoo wareegamummaa Qulqulluu Phaawuloosii fi Qulqulluu Pheexiroos

  • Adoolessa 5 - Yaadannoo wareegamummaa Qulqulluu Phaawuloosii fi Qulqulluu Pheexiroos

  • Ilma Abbaaf Dhalate ☦️... Barreeffama itti aanu dubbisaa!

  • Ilma Abbaaf Dhalate ☦️... Barreeffama itti aanu dubbisaa!

  • Mootii Ulfinaa (King of Glory 👑) Akka Daawwit waa'ee Mooticha Ulfinaa sana faarfanna. Akkuma Daawwit faarfannaa isaa 24 irra jirutti faarfate, "Mootichi ulfinaa sun eenyu inni?" Jennee gaafanna. Achii booddee, “Inni Waaqayyo isa jabaa aango-qabeessa, Waaqayyo isa duulattis aangoo qabuu dha." Jennee ni deebisna, dhugaa baana. -- Far. 24:7-10 Mootiin ulfinaa akka ol galutti, "Isin yaa eegdota balbala keellotaa ol banamaa" in jenna. "Mootiin ulfinaa kun eenyu inni? Inni Waaqayyo Gooftaa maccaati, isa mootiin ulfinaa" in jenna! Mana Kiristaanaa keessatti, yeroo waaqeffannaa guddaa Sirna Galatoo(qiddaasee) sanatti diyaaqoniin "Gurguddoonni balbala banaa, balbala banaa, balbala banaa" yeroo jedhu hin dhageenyee? Mana qulqullummaa keessatti, bakka qulqulluu iddoo aarsaa sana duratti luboonni aarsaa dhiheessan yeroo sagadan hin arginee? Eeyyee! Balbala banaafii kan jedhame sun Mootii Ulfinaatiifi. Mootichi Ulfinaa sun eenyu? Qulqulluu Phaawuloos kan jedhe sana, isa nuuf jecha aarsaa ta'e, Gooftaa Iyyesuus. Isa mootiin ulfinaa! Eeyyee! Inni ol haa seenu. -- 1Qor. 2:8 Balballi laphee keenyaa haa banamu. Gooftichaaf gad haa jedhu. Jabaan sun, aango-qabeessi sun laphee keenyatti ol haa galu. Kottaa Mootii Ulfinaa jennee goofticha faarfannaa. Mootichi Ulfinaa sun eenyu inni? Inni Waaqayyo Gooftaa maccaati, isa mootiin ulfinaa. Kottaa gara Mana Kiristaanaa. Kottaa gara waaqeffannaa sirna galatootti. Kottaa "Mootii Ulfinaa" jennee faarfannaa. Kottaa Gooftaa Iyyesuusiif sagadnaa. Inni Waaqayyo keenya. Akkuma dhalanneen galata isaatti guddanne. Har'as kottaa galatuma isaatti guddannaa. Mootiin ulfinaa mana keenya, laphee keenyatti ol haa seenu. Eeyyee eeyyee! Eenyu inni mootiin ulfinaa? Inni Waaqayyo Gooftaa maccaati, isa mootiin ulfinaa!

  • "Mootiin Ulfinaa Eenyu Inni?" Barreeffama itti aanu dubbisaa!