WALALOO FI BAACOO 😂👍❤️
СтатистикаWalaloowwan babareedoo, bashanasisoo akkasuma baacoo nama boharsaan ni argaatu share godha!! WALALOO FI BAACOO(@beekii_walaloo)
- Последний пост
- 13 авг.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 1
- Всего постов
- 25
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Видео (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 181
- 1/48двое суток
- 207
- 1/72трое суток
- 223
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Natu ballesse hin jedhiin... Ati dhugaa qabda...! Anatu barfaatee... Kanaafis natu gadda...! Gamachuu kee malee... Gadduu kee hin fedhu...! Waanan godhes beeka... Na jaalladhu hin jedhu...! Nagaa kee naaf tahi... Gammachuun jiraadhu..! Maatii ajaa'ibaa..... Jaalala ijaaraadhu...! Anis har'a booda.... Garaa kee hin dhufu..! Jireenya kee ammaaf... Sitti hin ta'u gufuu...! Waa'ee kee hin dubbadhu... Waa'ee kee hin barreessu...! Gara deemtuu kamuu... Waaqayyo si haa gaggeessu...! @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#Sabaaban_dhabe Eenyutti hiimaadhu... Ani dhiphina koo...?🥺 Kan ala na lalluuf.. Homaa hin qabu rakkoo..! Nama dhabeem... Garaan na haamte..!🥺 Nama na jajjabeessu.. Anatti dhiyaatee...! Kan ani qaba jedhu... Hiriyyaa ta'e fira...!🤮 Dhimma koo hin qabani... Ani qophaa jira...!😔 Abjuun koo dhugaa hin ta'u... Anaaf galma ga'e....!🥺 Harka koorra hin gahu... Tasaa na milkaa'e...!🤷 Dur waanan hawwuu... Kan ani karoorsee...! Hundaarraa abdii kutee... Ani qaataan dhiisee...!🥺 Sababaan dhabeefi.... Sababa lubbuun jiraachuu...!🥺 Nama tokko hin qabu.... Kan naaf hawwuu gammachuu..! Gammachuun sirraa haa fagaatu... Akka waan ani jedhame...!🥺 Sababaan jiraachuun dhabe... Ani maaliifi akkaan uumamee..?🥺 Qophaa'ummaan natti ciimee... Ga'a ani hin dandeenye...!🥺 Dogoggoraa guddadha ani... Guyyaan dhalachuu koo geenye..!😭😭 Bahuu hin dandeenye... Dukkanni na moohatee...!🥺 Jiraachuu koorraas... Eega Ani abdii kutee...!😭 @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#Maal_deebisu? #Maatii... Bilbila kitaaba keessan... Maaf dhiistee odeessuu..? Maaliif akka durii kee... Dhokattee hin teessuu..? Dur si dadhabnee... Qorraa aduu hin jettuu...! Gad baatee dhabatte... Yeroo isa bilbiltu...! Amma maaltu ta'ee... Kan guyyaadhan raaftu...? Waan xiqqaan guddaadhaan... Hundummaa keenya loltu...? #Hiriyyaa... Beekii maaliif dhiistee.. Waa'ee isaa dubbachuu...? Akka si amanuuf... Maqaa isaan kaakachuu...? Akka durii kee dhufasafi... Maaf hin jettuu kaam ufaadhu.. Yeroon jalqaba Isa argu... Hamaadhumoo dhungadhu...? @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#part_2 Lafee hin fayyista... Walitti deebistee...! Onnee cabsifteefoo.. Faala maalii laatte...? Orthopedist dha jedhan... Beekaa nama guddaa...! Onneen kootu cabee.. Faala maal na qabda...? Baduu hin bannee hanga har'aa.. Bubbuluu turullee...! Fayyuus hin dandeenye... Sirriin natti caale..! Deebisuu ni dandeessa.. Yaaltee iddoo isatti..? Moo furmaata qabdu.. Ani du'uu kootii...? @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
Qoricha laataa jedhani... Qoricha dhukkubaa....!💊 Mee waa naani jedhii... Onneen na dhukkubaa....!🥹 Faala maalii qabdaa.. Dhukkuba onneef...?🫀 Fayyisuu dandeessaa.. Yoon sitti kenneef...!🥺 Anarra tureerraa... Innoo bubbuleerraa....!🤦 Dhiifama dooktorree... Amma natti ciimeerraa...!😫 Maashaleen dhiigaa koo...🩸 Lafeewwan koo hundi..!🦴 Onneetti ol na iyyu... Jedhanii faala fidii...!🤷 Keessayyuu ija keessan.. Yeroon argu ani...!👀 Onneen koo dhayaatu... Akka yeroo kani..!❤️🔥 Kanaafin dhufee... Murteessadhe harra...! Faala maaltu malee... Hin galuu adaarraa...!🤒 #itti_fufaa_part_2 👇👇👇👇👇👇👇 @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#Beekii Ani ishee... Biraabirroo keetti...!🦋 Maaf garaa jabaatte... Na dagatte ati..? Bar Ani ishee... Kolfaa kee hawwitu...! Dhiphinaafi yaado keef... Mata dhukkubsattu...! Yoo ati dhiphatte... Qoophaa kee gadditu...! Anatu siif boo'a... Garuu ni argituu...! Gadda kee kan hin feene... Gammachuu kee barbaadu...! Bar Ani biraabirroo dha...🦋 Ishee waa'ee kee yaaddu...! Sagalee kee dhaga'uufi... Sagalee bilbila kee eegduu... Bar Ani biraabirroo dha...🦋 Ishuma ati jettun bareedduu...! Ishee guyyaa argaa kee... Gammachuudhaan eeggattu...! Kolfaafi gagaamadaa... Waa'ee kee haasoftu...! Ishee waan hundaa... Si qofa godhattee...! Abbaa obboleessaa... Abbaa mana jettee...! Bar Ani biraabirroo dha... Iddoo kootu badee...!🤷 Nagaadhaa nan jedhi... Sagalee keeni yaadee...! Dhiphina kee hin fedhu... Gammachuu kee malee..! Mee waa si gaafadhu: Ana eenyutu si caalee..? @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#kana_booda... Bishaan gaddi malee, Yoomiyyuu ol hin yaa'u...! Namni kan koo hin taane, Yoomiyyuu kiyyaa hin ta'u...! Karaa dogoggoraan, Qalbii koo bitinneesse... Onnee koo biyya baaseen, Biyya ormaa geesse...! 🦋Ani ta'ee biraabirroo, Bakka teessu dhabdee...! 🍂Lafti jalaa onnee, Dararaan coollagdee...! Ga'a natti haa hafu, @Kana_booda hundumtuu...! 🌌Urjiis hin lakkaa'u, Ofii hin godhu biftuu...!🌞 Dhadhaa ibiddaa bu'ee, Baasuuf hin yaalu...! "Hin dhufta" jedhees, Karaa-karra hin lallu..! @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
Halkan gad ciiseen... Waa'ee kee yaadadha...! Si dubbisuuf yaadeen... Deebii kee sodaadha...!🥺
#uumaa Wan sammuukee jeequ... Wan si hin barbaachisne..! Maaliif ati of too'atee... Amma maaf hin dhiisne..! Walii galtee tanan... Rakkoo kee wajiin...! Sitti fayyadama... Namas tahe dini..! Kanaaf harka hin kenni... Rakkinafi dhiiphinaa....! Hunduu akka darbuu.. Abdii godhaa amaana..! Eenyutu hin hirkaatin... Ofiin of dandaa'i...! Nama osoo hin taane... Waaqa kee dhagaa'i..! Namani hin karoorsin... Ofi yaadii murteessi...! Waan duubatti SI harkiisu... Hundumaa Isaa dhiisi...! Hin dandaa'u beekuu.. Jette ofi tufaaacha...! Essa iyyuu hin gessuu.. Kana beeki bcha...!🙏 #ana: . . #itti_fufaa @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
Ijikoo si eega..... Hin dhuftu jedheetti...! Maal taate adaraa... Maaliif haftte ati...? Hafuukee amanuun.. Ana natti ulfaate...! Maaliif turte maaloo... Maal na jalaa taate..? Dhufattiin kee fagoodha.. Nan eega si hordofaa...! Maaloo ani hin dandeenye... Nan jedhi nan dhufaa...! Garaan natti jabaate... Maaf ana yaadessita..? Osoon taa'ee si eegu.. Hirriba malee na bulchita...? Yaadaa fi dhiphinni... Maraatummaatti na oofe..!🥺 Ani si jala dhumee... Nan jedhu siif dhufee...! Galgala yeroo cal'isu... Kolfi keetu natti argaama..! Suuraan kee natti ifa... Akka biiftuu ganamaa...! Si eeguun koo dadhabsiisaa... Garuu abdii hin kutadhu...! "Inni ni dhufa" jedhenim... Kanani balbala irra dhaabadhu.. 🥺 @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#Dhuguma_ture... Kan ani siif kennee... Onneekoo dabarsee...! Garaas nan hin hanqaanne... #Si_jaallachuu_koo Yeroon adda baasee...! #Garuu... Akka si hin hawwine... Onneekoo kan qabe..! Dhiphina addaan qaba... Kan deemsaakoo dhabe..! #kanaafi... Osoon hin barbaadin... Sirraa of fageessee...! Tole eenyuu gaafuurree... Ani bakka geessee...? @Garuu... Si duubisuufi yaadee... Si bilbiluufi baasee..! Ofiitin haasaha.... Isa darbee kaasee..! Jechaafi haasaha kee... Kolfa kankee yaadee..! Garuu ati hin jirtu... Si dhabe barbaadee...!🥺 Akka dhufne osoon beekuu... Siin eega yeroo maraa...! Message kee na fiduu... Jedheen bilbila koo daraaraa...! Sagalee kee dhaga'uufi.... Ilalaa sagalii kudhani...! Beekam garuu hunda... Akkanaan balleesse ani... 🤷 @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#maaliif?🥺 Maaliif akka tahe... Beekuu badhus ani...! Gammachuu hin qabu... Akka nama kaanii...!🥺 Waanan barbaadu... Ishoo anaaf dhufe...! Jedhee osoon xumurin... Harkaa koo irraa kufe...!🥺 Cubbuu addaan qaba... Kan dhiqaamee hin baane...? Amma fedhe yaalus... Kan jirun nan taanee...? Ani eenyu gad tanani... Moo’u dadhabe jireenya..! Abaarsa adda ta’eetu... Jiramoo mana keenya...? Jireenyi ana irratti... Daachadhan dabalee..! Uuu maal godhu... Ofii ajjeessuu tolee..?🥺 @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#Dhiifama_ofi_Koo Dhiifama kanan dirqamaan... Dhugaa kee ukkaamsee...! Tartiiba guddina keetii... Sadarkaa kee gadi buusee...! Anatu humnafi dandeetikee.. Yeroo kee si jalaa nyaate...! Anatu karoora kee... Saree dhaaf si laate...! Dhiifama jireenya namaaf... Hojjeetu kanan si godhe..! Dhiifama of dagaagadhu... Namaaf jiraadhu kanan jedhe...! Dhiifama kabaja si malu... Waanan si dhowwadheef...! Kan ati hin dandeenye... Waanan si gaafadheef...! Dhiifama hiriyyoota keeirraa... Anatu si haambise...! Hamilee fi mogolee kee... Anatu gad buuse...! Dhiifama naaf godhi... Madaa si madeessee...! Kolfa fi gammachuu kee... Anatu balleessee...! Anatu siif kenne... Boo’uu fi miidhamaa...! Hundumaa nan sirreessa.. Naaf godhi dhiifama...?🥺 @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
Amma ati na yaaduu Animoo dacha Isa Yoomuu battuu beekii Ati yaadakoo kessa Halkani warrii tahe Guyya aduu safaa Nama bira miti Yaadnikoo si qofa Ijiokoo si arguufi Libsaata yeroo maraa Nama guutee jiru kessa Si qofatu na mararaa Maqaan kee hin baduu Sammuu kiyyaa kessa Iddoo olana fudhaate Qophuuma kee tesaa Suuraa kee ilalun sasadha Akka wan na jalaa dhumtuu Bar taahetani si egaam Akka wan bariste dhuftuu @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#kan_itti_fufe_part_2 #isa: Qoyyii si jeeqayyii... Sitti haasa'un koo...? Natti himii soodattin.. Homaa qabu rakkoo...!🤷 #ana: #Ayi_si_kana🤦 Hawwii koo beektaa... Kanani hawwuu raafee ka'e...! Osoo guyyaa maraa... Sagaalee kee dhagaa'e..! Karaa fagoo kanas... Balaali'ee si bira ga'e...!🥺 Osoon si hamaadhe... Takkaf birabirroo ta'e...!🦋 #isa: Nan sobniin beekii... Ani soba jaaladhu..! Osoo dhugaa ta'e... Hin jettuum fagaadhu..! #itti_fufa 👇👇👇👇👇👇 @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#Seenaa_walitti_fufa_part_1 #isa Maaliifi ergaa dhuftee... Kan ofi duuba laaltuu...? Naf himii maaliidhaa.. Kan ati soodaatuu...? #ana: Soodaa keessa koo... Sif himuu dandaa'u...! Sittin himaa jedhuus... Akkan yaaduu hin ta'u...! #isa Maaliidhaa natti himii... Rakkoo maaltuu Jira..? Kan si dhowwuu eenyuu.. Hiriyyaa moo fira..? #ana: Kan Ani sitti himuu... Dandaa'u ammattii...! Nagaa anafi ta'i... Bakkummaa jirtuutti...! #isa: . . . #itti_fufa 👇👇👇👇👇👇 @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#wagga_3_booda #isa: Mee dhiisii kan darbee Hin yaadatiin kan darbee taree #ana Tole #isa Mee nafi himii Akka gaffa duraa Ana jaalatarree...? #ana: Jaalala egale... Nama bira baree..! Jaalali sifi qabu.. Irra darbee taree..! #block🤮 @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
Dhugaan sin jaalladhe... Haaluun natti ulfaatee ...! Jaalali koo garuu... Imimmaan qofa uffate..! Mirii jaalala ati qabdu... Anafi akka tannee bareeraa..! Onnee koo sitti hidhamte... Har'a hidha ishee kutteera..! Maaf akkas taatee... Jedhe si hin gaffaadhu...! Kan koo tahu dhiisuu keef... Tasaa si hin komaadhu...! Madda koo si godhadheen... Dheebuu koo ba'uuf yaadee...! Sirraa abdii muruu koo... Ani yoomin barbaade...!😔 Ati madda nama biraatti... Animoo karaa deemaa...! Gatii jaalala koofi hin soodatin... Si hin gaffaadhu gumaa...! Baga carra kee argatte... Anafi abdii dhabuun haa ta'u..! Onneen koo sif dhiiguyyu... Gammaachuu keefi na ha ga'u...!🤵👰 @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#.... Fageenyi gidduu keenyaa... Kiiloomeetiraan lakka’ama..!😔 Onneen koo garuu si bira.. Yeroo hunda kajeelama...!🤦 Osoo siin jaalladhuu.. Addaan nu fageesse...!😔 Yaadni kee natti dhufee... Keessa koo na dheesse..!🥹 Iji koo si dhabee... Karaa kee eeggataa...! Onneen koo si yaadee.. Dhaabbatee roraataa..!🥹 Ati fageenya jirta.. Anis asitti hafee....😔 Hirribni na jibbite.. Si yaadaaniin rafee...!😴 @beekii_walaloo @beekii_walaloo
#isa: Anafi dhaagaa'imee... Sagaalee gabbiikoo...😔 Sif dhufeen jiram... Naf deebi'i beekiikoo...! #Akka_durikee naf himiimee... Kiyyaa akka taatee ...! Jireenyi akka sin tanne.. Anarraa addaan baatee...! Nan jedhimee hin baruu.. Dandaa'e nama bira...! Onneefi qalbiin koo.. Yoomuu Suma bira..! #ana: Eenyudhaame ati...? Sin baree bar Ani...! Eenyuma kee himii... Itti deebinaa Kani..! #isa: Addarraa beekiikoo... Nan miidhin hangaasi..! Kanarraa hin deemuu.. Kan Ani jirus asi...! Balleessakoo guddafi.. Dhiifama ammasi..!🙏💔 Kan hoomtuu hubbanee ... Daanyaas tahe mootummaa..! Miiraan amma kessa jiru... Dhaagaa'i sittaan himaa...💔 Baadii kan koo yaadeen... Halkaan abjuun deema..😔 Jireenyi si malee... Edaa hin qabu dhama...! Kan deemtuu hundii... Sin natti fakkaate..! Beekiikoo jenaani... Maraatu nan jeete...🤷 Baduu hin dandeenye... Ati onnee koo keessa...! Balbalaasa cuuftee... Qophaa kan kee teessa..! Akkamin nan Jetta...? Eenyudhamee ati... Waa maraakee duri... Ani bar beekaaketti..! #ana Baay'ee dogongortee... Dhiifama obbolleessa..! Maqaa osoo tannee... Yeroofi iddoosaa...!🤷 Kan achi hin sochoone... Ani bar dhagaa miti...!🪨 Nannooftee yoo dhuftee... Kan argaatuu ati ..! 👇👇👇 #block @beekii_walaloo @beekii_walaloo @beekii_walaloo