- Последний пост
- 27 июл.
- Последнее чтение
- 15 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 23
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Видео (по похожим)
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 266
- 1/48двое суток
- 304
- 1/72трое суток
- 328
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Kaleessi akka riiqicha altokko qofa tajaajiluuti. Kaleessi darbeera, gubateera, ammaatti inni daaradha. Daaraan bu'aa hin qabu. Garuu nyaanni kaleessa daaraadhaan bilchaate har'a humna ta'ee si keessa jira. Kaleessi homaa miti, kana jechuun; guyyiichi waayyuu miti, akka daaraatti daaraa ta'eera. Garuu, dalagaan ati kaleessa dalagde martinuu har'a siif bu'aadha. Wanti ati guyyoota darban keessa hojjatte yoo jiraate akkuma nyaanni daaraadhaan bilchaate humna siif ta'e Sanaa humna ta'ee abdii sitti hora. Guyyoota darban irraa homaa hin qabdu, sin fayyadu, kosii ta'eera. Al tokko tokko kosiin faayidaa nii qabaata. Garuu guyyoonni darban, inni wiixata, kibxata... jedhamee waamamu in qaqqabatamu waan ta'eef "zeeroo"dha, inni hin jiru. Jechi gutummaatti faayida maleessaa ta'uu guyyoota darbanii naaf ibsu waan hin jirreef "haa ta'u" jedheen guyyoonni darban guutummaa guututti "zeero" dha jedheen tara. Gochaawwaan kee guyyaa guyyaa guyyoota darbanii "zero" miti kana beeki. Guyyonni sun har'a irra teessee duubatti deddeebitee kan yaadduu yoo ta'e inni, kosii xuraa'e fii summii summaa'een kan badhaadhedha. Jireenya kee suuta suuta dhora. Gad si oofa, gochawwaan kee guyyaa guyyaa keessatti akka ati milkoofneef, anniisaa kee dhugee, xuuuxee gogsa. Yoos humna dhabda of jibbita, miira gadaantummaa miireessita. qaamni kee inni walittii dhodhoobbamee jabaa fakkaatu ofiin of nyaachuu jalqaba. Gogaan Lafeetti maxxana, lafeen deebisee gogaa dhiibe ol baba'ee mul'ata. Sirnoonni uumamaa qaamota kee keessa jiran walii galuu dadhabu. Odeeffannoon sammuu irraa gara qaamota biraatti ergamu anniisaa dhabee karatti hafa. Qindoominni qaamota gidduu jirus adda cita. Gammachuun kee nii sokka. Umurii malees "Nan dadhabe" jettee himatta. Kana hundumaa kaleessa keessa keessaa ba'uu dadhabuutu fida. amma jiraadhu. Kaleessaa keessa homtuu hin jiru—kaleessumtuu hin jiru. Abiddichi amma boba'aa jira. Wanta bilchaatu yoo qabaatte ammuma bilcheessii. Wanti bilchaatu hin jiru yoo ta'e immoo rakkoo hin qabu, wanta hin jirre homaa gochuun hin danda'amu. Haa hubatamu amma isheen boba'aa jirtu kun borummoo daaraadha. Jireenyi itti fufaadha ammarra darbee wanti " boru/bor" jedhamtu wanti maqaa malee maalummaan ishee hin beekamne jirti. "Har'i kun boru kaleessa taati" kana jechuun Har'is daaraa/kosii ta'uuf deemti jechuudha. Kanaaf jireenyi "amma qofa jiraatamti". Amma jiraannaan, jireenya jiraachaa jirta. Baayyuma hin dhiphatin. Ati jirta. I'm not motivating you📣 coz, I'm not psychologist. https://t.me/bashannanuuf
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
видео или голосовое, без подписи
Channel photo updated
Jireenyi jalqabaa inni lafa irratti namni haa jiraatuuf waaqni uume maal fakkaata laata? Moo isuma amma jiraachaa jirru kanadha. Waa'een jireenyaa gaafa gara sammuu namaatti dhufu; ilaalchi karaa amantaa namni waa'ee jireenyaa irratti qabu akkuma jirutti ta'ee, ilaalchi ykn ibsi namoonni akka dhuunfattis haa ta'u akka gareetti qaban, akka itti oolaanii bulanii fii bakka oolanii bulan irratti hundaa'uun ilaalcha dhuunfaa isaanii qabaatu. Yaadoleen garaagaras akka gareewwan garaagaratti nii jiraatu. Kana malees ibsi waa'ee jireenya akkuma amantiin gargar ta'e ilaalchi isaan jireenyaaf qabanis garaagara. Akka fakkeenyaatti warreen ilaacha “kayyoon jireenya inni guddaan gammaduudha " jedhu qaban ni jiru. dhuguma kaayyoon jireenyaa inni guddaan gammaduudhaa? Namni kan uumameef guutumma bara isaa gammadee akka jiraatuufii? faallaa yaada kanaa immoo ilaalchi "Namni jireenya isaa keessatti wanta isa gammachiisuu irraa of qusaachuu qaba. Wantoota gammachuu isaaf laataan ykn burqaa gammachuu irraa fagaachuu qaba" kan jedhanillee jiru. Kanneen biroo immoo "jireenyi akkuma amma gochaa jirru oolle buluu ykn walmakaa gammachuufii gaddaati" kan jedhanillee lakkoofsa hin qaban. Ilaalchaawwaan garaa garaa haa jiraataniyyu malee ilaalchi hunda biratti fudhatamummaa qabu jira. "Namni kamuu jireenya isaa keessatti gammadee jiraachuu hin jibbu fedhii qaba. " kun ta'uuf immoo jireenya keessatti namni nama ni barbaachisa. Kan nama gammachisu nama, kan gammachuu sana laatu garuu waaqa. "Yeroo gammadan jireenyi namatti tola. Yeroo namni biraa waa'ee keef gammadu immoo caaladhumatti nama hawwata. " Ofiin of gammachiisuun matumaa hin danda'amu. nama firoomfachuun, nama jaalachuun, nama ofitti qabuun akkasumas namootaan walitti dhufeenya fayyaa qabu uummachuun gammadanii jiraachuun nii danda'ama. Tarii namni namaan walitti dhufeenya uumuu irratti garaa garummaa nii qabaata. Gariin walitti dhufeenya uumuu irratti suuteeyyiidha. gariin ammoo namatti siquufis ta'e namarraa cituufis si'aaodha. Namarraa adda ba'uuf mudaa xiqqoo namarra barbaaduu, jireenya namaa guutuu dogoggora yeroo tokkoon madaalu. Dhugaaan jiru jireenyi dhala nama dogoggora yeroo tokkoon hin murtaa'u! Namni ofitti mudaa hin qabu, garuu mudaa nama biraa nii arga. Eenyulle nama mudaa hin qabne jaalachuuf feedhi qaba. Ni jaalatas hanga mudaa isaa argutti. Kanaaf atis nama mudaa hin qabne qofa waliinaan walitti dhufeenya uummadha ykn jaaladha, jettee teessa taanan otoo nama wajjiin walitti dhufeenya hin uummatin, otoo jaalala namaa hin argin, otoo gammaddee hin jiraatiin addunyatti dhiistee godaanta. Namni mudaa hin qabne hin jiru. Kanaaf namooti amma jiran kun sin darbinin dhaamsa kooti. 📥 Facebook: Samuel GM 📥 Telegram : Samuel GM
....Jira guyyaan tokko tokko... part 2ffaa! Baroonni du'ani...ji'oonni taranii...guyyoonni sokkanii....saatiiwwaan kufanii wal jijjiiran keessa....Jira guyyaan tokko tokko...guyyoonni mataa keetti si dachaasan. Jechoota kumaatamatu mataarraa si uursa. Of jala teessee of taajjabda. Ofuma gadi laalta. Sulula keessatti of argita... of ceephata.. of ifatta! Guyyoonni hooo jedhanii sitti duulan. guyyaan ofumaan deebitee of tuffattu. Guyyaan ofumakeen muu! Jettu wayii nii jira. Animoo? Eecci! Ofiin jetta. Of sururta! Of hadheeffatta. Afaantu si hadhaa'a. of tufta! Of ilaalteet of jibbita...of ilaaltee of sukkuumtee of miiccitee, ammas daaraa. Hoomocha jechoota gadi-galootiin of zafazzafta. Andoodeedhaan yaadota kee ligidaa'ee rirriittee qulleessuu yaalta. Inni ammas xamxaammaa dha! Jiraam guyyoonni akkasii...! Kan kaleessa diinni kee ittiin si arrabsaa ture yaadatteetu of garafuu jalqabda. Diina kee jajja. Eeyyen sirrii jedhan...anatu akkasiim anatu dhoqqeedhaam ofiin jetta....jira guyyoonni dhoqqee ta'anii fuulatti si dhoobaman..ofirraa miiccitee kan dadhabdu wayii ...! Hin jiruu? Jira malee... Guyyaan fuulli kee raara'u! Jira guyyaan itti fuulli kee bacaqii gannaa fakkaatu. Jiruun dhoqqee miiccamee hin qulloofne si harkatti taati...! Si harkatti bacaqatti. Raaroftee si rarraafti... .....Jira guyyaan tokko tokko....... itti fufa!
...... Jira guyyaan tokko tokko....part...1ffaa! fiigichikee saffisaan kallaattii mirgaatti. Amma dandeessuu qilleensa abbuuqqattee fuulduratti tufta. Qilleensi nii abbuuqqatamaa? Eeyyen! Somba keetti oksijiinii na fullaasa jettu gadi tumtee garaa kee bokoksitee kallattii kaayyoo keetti kottee keen wixxirfatta. Achi gara mul'ata keetti konkolaatta...of darbatta..of furguuggattee lafa yaadde ga'uuf sardamta. Gufuulee milkaa'ina kee, dhagaalee karaakee cufanii jiran caccabsitee darbuuf Anniisaa tuullatta. Nii tiratta ni tattaafatta ni saffista nii fiigda. Tulluu milkaa'ina kee ilaalaa saffisuutti hafuurri si hanqata. Cichoominaan xiiqomtee ifaajjita. Mudhii kee obsaan xaxattee tarkaanfii eegalta. Akka dandeessuuf akka injifattu ofitti lallabda! Galaa kee galaafattee imala eegalta. Xiyyeeffannaan kee tulluu milkaa'ina kee sanarra ta'a... Kun tarkaanfii cichoomina ati jijjiirama jireenya keef taasistudha. Hmm garuu jira guyyaan tokko tokko...! Saffisa kee isa dhumaa ati mirgatti furguuggatamaa jirtu sana completly kallattii bitaatti guyyaan si harkaa jijjiiru. Guyyoonni itti mogoleenkee akka sibiilaa jabaatu sun, otuma deemtuu rom'uu, osuma fiigduu si harkatti dadhabutu jira. Tattaaffiif cichoomina kee kan si gansiisu. Jira guyyaan akkasii...! Indee ! Jettee haga raajeffannaa bitaacha'aa keessa seentutti. Guyyoonni yaanni keef wanti sirratti raawwataman si harkatti wal dhiitan nii jiru. Guyyoota akkasii... Mirgatu si jalaa bitooma. Mirgi nii bitoomaa? Mirgaaf bitaa addaan baasuu dadhabda. Adda baasuuf bitaachomta. Dammatu si harkatti ibichata. Dhamdhama jijjiirratta. Guyyaatu si jalaa cillima... cillimeetu duudaa ta'a. abjuu keetu dukkanaa'a. Dukkanaa'ee jaamaa ta'a.. Fuula keetu si dhimmisa... dhidhimmisee yandoo roobsa, yandoo roobseetu callabbeessa. Lolaa (Galoo) waliin si firoomsa....! Jira guyyaan tokko tokko.... Si muudatee beekaa? Guyyoonni itti kaayyoo kee gante hin jiruu? Lafa waliin darabee walitti naannoftanii hin beektanii? Of ilaaltee of dhabdee hin beektuu? "Kana booda na ga'a" jettee duubatti garagaltee hin beektuu? Sirriitti beekta malee...! ✍️ Chala Beyisa follow me for more!
"... Inni du'a morkachuuf yaaluullee, duutii deebisee isa morkate. ..." Abjuu Waggaa 150 fi Dhugaa Du’a Maaykal Jaaksan. Maayikal jaaksan namni jedhamu sirbaa fii danser(dancer) Amerikaa beekamaa yoo ta'u waggaa 150 jiraachuuf itti yaadee karoora baafate ture. Inni nama beekamtii fii qabeenyaan baadhaadhe yoo ta'u, ogeeyyii fayyaa 12 guyyaa guyyaatti rifeensa mataa isaa irraa kaasee hanga qeensa miilla isaatti waa'ee fayyummaa isaa qoratan mana isaatti qacaratee qaba ture. Nyaanni isaa yeroo hunda osoo isaaf hin dhiyaatin dura laaboraatooriitti qorannoon geggeffamaf. Namoonni biroon 15 ammoo sochii qaamaa fi hojii isaa guyyaa guyyaa hordofuuf qarshiin isaan bitee ramadatee akka qabu seena isaatu jedha. dabalataan immoo Sireen inni irrra ciisu teeknooloojii sadarkaa okisijiinii ofiin of safaru qaba ture. Kan nama ajaa'ibuu yoo qaamni isaa, fakkeenyaaf onneen isaa hojii dhaabe namoonni onnee yookiin qaamota biraa isaaf arjooman (donors) yeroo barbaadametti hatattamaan akka isaaf kennaniif qopheeffatee qaba. Inni abjuu waggaa 150 jiraadha jedhuun wantoota waggaa 150 isa jiraachisu lakkaa'ee, safare walitti qabatee deemsa isaa itti fufe. Garuu wanti nama gaddisiisu hin milkoofne. Umurii isaa waggaa 50tti, onneen isaa hojii dhaabe. Carraaqqiin ogeeyyii fayyaa 12 sun bu’aa hin fidin hafe. Namooti qaama isaaf arjoomanis bu'aa hin buusne, Akkasumas, carraaqqiin ogeeyyii fayyaa biyyaattiin qabdu walitti dhufanii godhan illee isa oolchuu hin dandeenye. Innis abjuu isaa waggaa 150 jiraachuu sana fiixaan baafachuu dadhabe."Abjuun isaa Abjuu ta'e." Wanti nama ajaa'ibu beekemtiifii dhageetti guddaa inni qabu irraan kan ka'e Guyyaa inni du'e, midiyaaleen gurguddoon addunyaan Kun qabdullee kanneen akka Wikipedia, Twitter fi AOL hojii dhaabanii turan. Jaaksan du'a morkachuuf yaalullee, du'i deebisee isa morkate. Seenaan kun qabeenya yookan beekumsa hagam iyyuu yoo qabaatte, waanta beekumsii fii qarshiin bituun hin danda'amne akka jiru si barsiisa. Maayikil Jaaksan du'a jalaa milquuf yaalii addunyaan dinqisiifattu taasiseera. 📝 SAMUEL GM
"Hunduu yeroo keetti bareedee wal qixxaata" ! Gaaffiin mataa si naannessee bishaan waaddaa jirtaa? Waan qabde dhiiftu dhabdee bishaan akaawaa jirtaa laata? Karaaleen jireenya biyya lafaa sululadha. Deemsa dadhabsiisaa fi ijibbaachisaadha. Gadi buutee ol ba'uuf jilbikee si luqqa'a. Lapheenkee si laaxama. Tirannaa daaddee keessa dhagaan mataatti si jiga...dafqatu illeedhaan si dhangala'a....bara ijoollumma keerraa jalqabdee carraaqqiin ati taasisaa guyyaa kanarra geesse nuffisiisaadha. Ijibbaachisaadhas! Har'a toora qabata bor toora qabata jettee osoo wixxirfattuu ammayyuu sanumadha! Hafuura abdii kutannaa tokkoon " Ecci" jetta! Kankoo kun" jetta. ..... Osoon taa'ee yaadaan gulufuun faarfannaa tokko banadhe. Osuman galaana yaadaa daakuun sararri tokko sammuu na hate..."Hunduu yeroo keetti bareedee wal qixxaata " jedha! Laphee kootu na na'e...! Burjaajii yaada koo keesaa utaaleen jechicha irra deddeebi'ee xinxaluu eegale. Edaa wanti martiyyuu yeroo isaatti malee hin ta'u! Jedheen hasaasuu eegale...! Hafuura kootu na boqote... gaaffii koo dagadheen gooftaakoof sagade...! Inni yeroo isaatti bareechee jireenya koo qajeelchuudhaaf humna jabaa qaba...! Nama koo! Dhiphattee of hin kukkutin! Gadditees of hin balleessin! Yaaddoftees mataa of hin dhoosin! Burjaajii jireenyaa keessaa sammuu kee baasi. Kosii dhiphinaa of keessaa balleessiitii hafuura qulqulluudhaan guutami. Kristoos keess lixiitii hafuura nagaa baafadhu. Wanti barbaade haa manca'u...haa badus! Haalli ulfaataan ati keessa jirtu naaf gala. Garuu wanta tokkotu naaf gale...Olis fiigdu gadis fiigdu karoora waaqayyootiin ala jiraachuu hin dandeessu! "Hunduu yeroo isaatti bareedee wal qixxaata" kana beeki! Nii jaalatamta! Lubbuu tokkoof share godhi pls! ✍️ Chala beyisa follow me!
Yoom darbaa? Gadadoon marfamtee Rakkinaan dhiitamaa Eelaa sagal bachuun? Gaaffiin sammuu guunnaan Yaadaan burjaaja'aa Hidhii ofii nyaachuun? Yoom darbaa? Dhuguma cala'aa Dhuguma nii hafaa Dafee nurraa badaa? Moo? Barumaan gubachaa Barumaan tirannaa Afuuffachaa madaa? Tarii? Uumaan keenya dafee Deebii baatee dhufaa? Gudeelchi rakkinaa.... Saggoorraa nu kufaa? Moo? Gaaffiin keenya didee Baraan itti fufaa...........? ✍️ Chala beyisa ti!
Ilkaankee siif cabsaa....? Dhagaa daaktee nyaattaa? Eenyuun murtee gatuuf Qottoo qartee baattaa...? Amma kaachaan geessee Alaammattee murtuu .... Kottee kee sassaabdee Sammuudhaan hin furtuu? Namummaatii baatus Dhugaayyuu lagattee.... Akka kuftee cabduu Akkamiin dagattee....😀? Qalbii kee haguugdee Daangaa jiru ceetee.. Nama kaaniin murtee Waan miliqxu seetee ..🤔? Qottoon ati baattee Muruuf kaate jirmaa Suma fanaxxaree... Taate galaa rirmaa...😁 Mukkillee nii hafaa, takka turee lataa Summiin arraba kee suma kutee gataa! ✍️ Chala Beyisa Buraayyuu, kellaa
Micciiramtee mormaa cabdee Uuruu dhiibdee gaarreffattee Nanaannoftee na haallattus Garaan kankee naaf baqaqee Ol utaaltee lafa lafa tumtee... Kuftee kaatee na jaalattus....! Natti siqxeef natti hoo'ee Narraa siqxeef natti qorree Hin burjaa'u yaa namanaa... Giriisa keef iddoo hin qabu Fakkeessuu kankee caala... Eenyummaa koottan amanaa. ✍️ Chala Beyisa (Ati-anaaf)
Ecci...! Kutaa 5 ffaa... Surura surura sururamaa Fageenyarraa si ceepha'a Dhamdhamnisaa ibichadhaa... Jireenyatu qoreen guuta... Ija keetu wal si shakkaa Goromsatu jibichadhaa....! Dafqa keetu si sissinnooma Karoora keetiin wal dhiitee Dugda faallaa sitti gataa..... Daaddee deemtee obaafteetu Biqilaankee nii cooligaa Qoreen dachaa sitti lataa.....! Aduun yaadaa si waxallaan Keessi kankee si goggogee Hafuurri kee daguugamaa... Bubbee sardaan si urgufnaan Qor-qalbiin kee si biliqee Mul'anni kee haguugamaa....! Ecci....🙂↕️ ✍️Chala beyisa December 16-2025 @ WKU!
Ecci...! kutaa 4ffaa Harkikee dognomee kiisiikee lagataa Ijakee lamaantu jiraa wal dagataa.....! Yaadni kee miliqee qililleetti kaataa Dugda si qirqirsee arraba si nyaataa...! Hundumtuu bitaadha gurraachi burreedha Ija kee shakkita, caammaatu surreedhaa...! Gaafa akkasii kanaa, Gaaf jireenyi burree Gaafa of oolfachuuf, gurgurattu surree....... Gaafas ecci jettaa, sururfattee laaltaa Bubbee wajjiin fiigdaa, eergama kee haalta Yaadaan baddaa baatee, takka boolla lixxaa Abdii kee sharaftaa, gurgurattee fixxaa........ Harkaan marii qabdee, yaadakeetiin mugda Ibicha cuunfitee, malakkeedhaan dhugda😂 ✍️ Chala Beyisa Caamsaa 30-2016 @Wku
Ecci! kutaa 3ffaa .... Bishaan abidoomnaan Qilleensi awwaaraa.....! Luqqeettuun si cabee Sammuutu si haaraa...! Boraatiin bofoomnaan Wayyaankee qaanqataa Qoonqoo fii fal'aanni..... Wal-kiphuu hanqataa...! Gaafas ecci jetta, bifa kee xaragaa..... Yaadaan dhoqqee faaltee, ofitti maragaa. Yaa jireenyaa jetta, mormakee cabsitaa Sagal afuurfattee, dhiphina labsitaa...😠 ...... Egaa maal gootagaa, jiruun si faallessaa Osoo birraa yaadduu, gannaan si daallessaa Yaanni kee soorummaa, Gin kaboota ultaa Fedhiin kee xiyyaaraa, farda ooftee bultaa Huccuu haaraa feetaa, kan qabdu citaadha Ati mirgaan yaaddaa, jireenyi bitaadhaa..🫢 ✍️ Anuma!
Qulqulleessuutti dhoqqeedhaan faalte😐 ...mana qulqulleessuun dura of qulqulleessuun wanta baay'ee barbaachisaadha. Kanaan ala fuulduraa qulqulleessaa duubaan kotteedhaan faaltessaa deemta. Xiyyeeffannoon jiru manicha bareechuu yoo ta'e, dursa kottee kee isa faalta'e sana ofirraa sukkuumii miiccadhu. Lakki xuriinkoo na marareera yoo jette, of sassaabbadhuutii manicha keessaa nuuf luqqa'i! Qaama dursee of argatetu mana haga Arbaa ga'u kana keessaa barbaadee nama arga waan ta'eef! ...Yaadni xuraa'aan nii kufa, barnoonni itti fufa😘
Shamarran biyyoota arabaa garaa garaa hojjechaa turtanii muuxannoo qabdan eessa jirtu? Biyyi akka addunyaatti level economy esheetiin sadarkaarra jirtu kuwait harka bal'iftee isin simachuurratti argamti! Shamarran ulaagaa sana guuttan karaa seera qabeessa deemtanii hojetachuu yoo barbaaddan na dubbisaa 🫱 0910346988 Inbox @chalchalish !
Ecci....! kutaa 2ffaa! Buddeen sagal fixaa, Garaadhaa beeloftaa Kotteedhaan socho'aa, keessoodhaan eeloftaa Hmm Qiinqiniin si qorqee, lafeekee lixeeraa Mogoleekee nyaatee, si dhugee fixeera Irri calaqqisee, lalisee saaraadhaa Keessikee ciinca'aa, gubataa daaraadhaa Qilleensi bubbisuu, dhagaa guuree kaataa Miira keetu boo'aa, Sammuutu si nyaataa Karoortee imaltee , walakkeessee kufaa... Funyoo baattee fiiguun sammuutti si dhufaa Tiifuunuu ulfaataa, wanti hundumtuu yakka Lama tarkaanfattaa, nageenya kee shakkaa... As laaltee achi laaltee, qilleensa bir'attaa Lootuun"shokok"goonaan, kiiloo shan hir'atta! ✍️ @chalchalish follow me for more! 📷
Ecci!.....kutaa 1ffàa😡😏 Of si tuffachiisnaan, jireenya jibbitaa Rakkinni kabalee hammacee si bitaa... Dhiibbaan wal gurmeessee Fuulatti si fiigaa Dadhabbiikee mara libsuu takkaan diigaa Tiifuutu sijjeesa, Gaaddisatu si gubaa.. Yaaddon si huuqqisa, jechatu si hubaa Gaafas icci jettaa gaafas of tuffattaa Eenyummaa kee haaltee, rakkina uffatta😰 ........ ✍️Wku Caamsaa 30-2016! @Chalchalish Follow us for more!