tgindex
Riyaad Raayyaa

Riyaad Raayyaa

Статистика

@riyaadraayyaa Dabalatas lakk bilb;- 0937178516 Toora You Tube kiyyaa:- https://youtu.be/qqH5VJ-1b1c

Последний пост
11 авг.
Последнее чтение
15 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
24
Тип
открытый
Язык
om
В каталоге с
13 авг.
Подписчики
4 695
−6 за 4 дн.
Сутки
−6
−0,13%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
1 770
24 постов
Вовлечённость
37,7%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 24
Упоминаний
2
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
428
1/48двое суток
490
1/72трое суток
529

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • BUNA ☕ Si’eessituu sammuu Burqisiistuu yaadaa Dhangaa jaallatamtuu Addunyaaf araadaa. Qorsa dhibee mukuu Dawaa qaamaa-qalbii Simboo Eebbaan uumee Nu badhaase Rabbi... Urgaa funyaan taree Ruuhiin nama suufu Dhugaa kan si bare Unatee sin quufu. Albuuda mi’ooftuu Nu keessaa magartee Miidhagdee qaaloftee Aalamaaf dabarte. Bu’uura dinagdee Biyyaaf wabii taatee Afrikaa, Ameerkaa Biraaziliin baate. 'Shammattuu' doolaarii Hammattuu mooraalii.... Marartuu faannikee Addunyaa weerare, Meeqatu siif sirbee Maqaa keen geerare. Namaaf firii laatta Kanniisaaf daraaraa, Guca nagaa ollaa Yaa faajjii araaraa... Silas gaafa sibinnu Gatiidhaan warqii gittaa Gaafa si gurgurannu Nuuf hin jijjiirtuu kittaa, Ta’us yaa suusiikoo Ulfoo haadha sugaa, Jiraadhu bunakoo Jiraadheen si dhugaa! ✍️.... @Riyaad_Raayyaa tiin

  • 7 июл.1 646395

    Bakkalcha lixaan ba'ee Ibse addunyaa mara Leo jechuun isadha Warri hin beekne baraa Badhaasa biyya lafaaf Nuuf kenne waaqni gubbaa Eeyyee Messi'n isadha Mootiin mootota kubbaa! Injifataa kan darbee Kaadhimamaa alanaa Greatest of all time Goat jechuun isa kana. Raajeffachiisaa hundaa Jifataa qixan qabne Isaa dirreerra jiruu Kan nuti abdiin dhabne Daqiiqaaf sekoondiitti Qabxii ture jijjiiree, Kan harka kennachiisu Morkataasaa micciiree Imimmaan deeggaraasaa Cophni tokko akka'n buune, Masaanuummoo boo'ichaan Ijji jaraa akka'n guune... Kan taasisu isa kana Haa baru firaaf ormi Hin dhalanne, hin dhalatu Qixa isaatti kormi! > Miidhagsaa dirra lafaa Faaya bareeche dachii Gabaabaa hojiin dheeraa Messi maashina galchii Badhaafamaa Ballond'0r Si'a 8 moo'atee Barcuma mootii kubbaa Morkii male too'ate. Abbaa waancaa Addunyaa Worqiin isaaf wol dhaltee Badhaasni inni morkate Hunduu harkasaa galte... Jechoonni afaan Addunyaa Wolitti dhufee himaan Hangam si ibsuu yaalus Ogeessi afaanii cimaan Kan jechi afaan hundaatu Si ibsuu hin dandeenye Si qofa mootiin kubbaa Namuu qixakeen geenye! .... Har'as raajii hojjattaa Akka kaleef dheengaddaa Barakee osoon hin taanee Dhalachuu koottin gaddaa. Ofiin nu qixxeessuudhaaf Warri qabanu dharraa Warri kaleessa boo'an Nu boossisuudhaaf harra Utuma warri kufan Nu harkisanuu gadi Shoorakeen daqiiqaatti Galchinee goolii sadii Gadda jaraaf daballee Ofiif uffanne adii.... Leo Messi goaticha Gahumsisaa'n hir'anne Osoo ati dirree jirtuu Nuti hin beeknu bir'annee Greatest of all time Guddicha akka gaaraa Ni beekna akka hojjattu Sekoondiitti waan haaraa. Atis silaa hin beektuu Takkaa nu qaanessitee Surprise nu gootee Diina ittuu yaanessite. kanaafan si jaalladha Kunoo citee sitti hafee Ijji si hin argine Dhugaa; ilaalaa rafe! ✍️... @Riyaad_Raayyaa

  • 7 июл.1 3381

    без подписи

  • 7 июл.1 3511

    без подписи

  • 7 июл.1 3631

    без подписи

  • 7 июл.1 3611

    без подписи

  • 3 июл.1 8825

    без подписи

  • 3 июл.1 80512

    “Ilmakoo har'i guyyaa keeti. Messi ta'us dhaabuu akka dandeessu addunyaatti agarsiisi” jecha Haadha gooli eegaa CVD'ti. “Jaallatamaa Ilmakoo: yeroo jalqabaaf xiyyaara akkan yaabbadhee adeemuufi gara America akkan dhufu kan na godhe gahumsa dhaabbataa keetiifi cimtee hojjachuu keeti. Har'a Messi woliin gaafa morkii qabdu, waaqayyo jagnummaa, ogumaafi jabina akka siif kennun siif kadhadha. kubbaan miilaa dirreerratti murtaa'a waan ta'eef, maqaa beekamaa gonkumaa hin sodaatin. har'a Addunyaan guutuun Messi'n akka calaqqisee mullatu eegaa jira. ani garuu... Addunyaan gooli eegaa 'xiqaatii' hundumaa ofirraa deebisuuf kutatee dirree seene akka agartu nan amana. Xumurrikee biyyakee Cape Verde'f kabaja; akaksumas Afrikaanota hunda kan boonsu waaqni siif haa taasisu. gaabbiifi qaanii tokko malee gara manakee deebi'i. kabajaatu si eeggata Ilmakoo..! Rabbi amanamummaa ati hojiikeef qabdu kana milkiin siif haa kaffalu.” Haadha gooli eegaa Cape Verdetu eebba kana ilma isaaniif galaa taasise. Ani deeggaraa Leo Messi tahullee dubbiin harmee kanaa garaa na raafnaanin Afaan Oromootti isiniif hiike. Argentina'f carraa gaarii!!✌️🥰

  • 30 июн.2 270245

    Dukkana daheeffattee Haadhoo keettii si kuttee, Sarettiin si nyaatte sun Osoo'n mul’atin duttee... Sekoondiin - daqiiqaatti Daqiiqaan gara saatii Sa'atiin gara guyyaa Torbanis gara baatii, Akka maraa gundootti Naanna’ee of micciiree, Baatiinis woggaa ta’ee Bara baraan jijjiiree, Erga halkanittii sana Harka cubbuutiin duutee, Hacee erga si dhabnee Waggaa 6'ffaa guute! ••• “Waggaa shanan kanatti Mee maal fa'a naaf gootani? Dhugaakoo baaftaniittuu Dharaan adda footanii? Osoo yeroo naaf kennee Natti'n himin cubbuukoo, Dabeessichi dukkanaan Galaafate lubbuukoo... Gantuu na baafachiifte Hafuura kiyya dhumaa, Soqxanii qabattanii Naaf baaftaniittuu gumaa? Moo tarii akkuma kalee Akka amala keessanii Wocitanii naaf boo’aa Hidhii nyaattu teessanii? ••• Biqiltuun dhaabee deeme Firii buusee bargatee, Sabni kiyya tokkoomee Bilisummaa argatee..? Dhiigakoo dhangala’eef Qaamakoo isaaf gubate, Wolabummaa isaaf ta'uu Oromoon naaf hubatee...? Nyaapni addaan baramee? Moo... tarii akka durii, Qumaara si-yaasaatiin Anaan wol dibu xurii? Eenyu abukaatoo ta'ee Haqakoo baasuuf falma? Eenyudha gar-jabinaan Kan na qopheesse qalmaa? Dirqiin ittii cituukoo Sabni kiyya naaf baree? Mee nattimaa qomookoo Woggaan 6 maaliin tare?” Jettee atuu nu'n gaafattu Akkaataa biyyaaf firaa, Kanumati dur beektu Wanti addaa maaltu jira? ••• Garuu..... Uummannikee garraamiin Dhugumaan si jaallatu Sabni garaa qulqulluu Marartoon si laallatu, Erga gaafa dhabakeen Onneen isaa rifatee, Woggaa shan boo’uu male Kolfa qaata ifate. Dhugaaf gumaakee baasuuf Itti duudee karaani, Maraatee hidhii nyaata Siif laalatee garaani. ••• Ihim.... Nyaattee waakkachuu bartee Dhiigaaf lafee goototaa, Kan dhiigaakeen xuroofte Impaayerri moototaa, Dhugaakees gumaakees Daaraa jala dibdee, Ibiddarra teessi Of dhibdee - wol dhibdee! ••• Eeyyee.. Turtii yerootiif male Hurriin hin dhoksu gaara, Dibaan ibidda'n dhaamsu Uffatee turus daaraa... Haqnikee akka voolkaanoo Gaafa tokko xaaxa’ee, Garaa ciibsuudhaaf taa'a Sabakee siif raata’e! .... Walaloon; Riyaad Raayyaa tiin (RP) Suuraan; QEERROO MAGAALAA AGGAAROO Yaadannoo woreegama Goota keenya qaalii artist Hachalu Hundessa woggaa 6fffaa!

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • без подписи

  • 30 июн.1 57010

    YAADANNOO WOREEGAMA JENERAAL ARTIST HACAALUU HUNDEESSAA WOGGAA 6FFAA!

  • 27 мая2 54039

    Muslimoonni Guutuu Addunyaa irratti argamtan martinuu baga Ayyaana Eid_Al_Adahaa kan bara 1447'ffaa nagaan geessan/geenye! Ayyaana milkii fi Gammachuu nuuf haa tahu!

  • 18 апр.3 604777

    IMIMMAANKEE HIN QOORIN; Gaafa ijaan si laalan Atoo dargaggeessaa Duudaa Abbaa keetii - awwaalcha hambaa keetii Ati reef dhageessaa? Akka jawwee raftee Tarii achitti haftee? Biyyi keehoo duutee Awaalamuun qaataa, Dunquqquudhaa laata Hirribaa reef kaataa? Egaa mee dhaga’ii Oduu firaan ga'ii Gadda isiis taa'i....! ••• Kan ishee xureesse Dhiigni Abbaa kootii Duuteetti biyyikee Isheen hambaa mootii Gaafa nuuf dhalattu Keemmoo duute biyyi Qoma rukutadhuu "Uuuu uuu" jedhii iyyi Qaata siif awwaalle Aarsinee ixaana Deemi gadda taa'i Waamii firaaf aanaa Dhiigaaf lafee keenyaan Durikaa nagaddaa, Kana booda'n jiru - boo'i shakkaladhuu Eee.. dunkaana gaddaa! ••• Abjuun bara beelaa Buddeen buddeen jedhaa Hawwiin hin daanga'u Siif hubannaa fedha Gaala deemsan dhaabu Silaa iyyi saree Birmataa'n argattu Qaata biyyi baree... Mana keenyaa cidhaa Gaafa si'iif musoo "Imimmaan keen qoorin" Siin jenneerra nusoo! ✍️... Riyaad Raayyaa

  • 18 апр.2 72111

    без подписи