DAANDII MILKAAYINAA🚀
СтатистикаWelcome to Daandii Milkaayinaa 💫 — where wisdom meets action.
- Последний пост
- 31 июл.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 30
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 184
- 1/48двое суток
- 210
- 1/72трое суток
- 227
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Waa'een doktiriinii fayyinaa (𝑆𝑜𝑡𝑒𝑟𝑖𝑜𝑙𝑜𝑔𝑦) dhimmoota falmiin itti baay'atu keessaa tokkodha. Kiristaanummaan fakkeenya fudhadha. Yesus fayyisaa ta'uu isaa, dhugaa tokkicha ta'uu isaa amanteetta yoo ta'e, amantee fayyuu keef sababa kan ta'e eenyuudha? Karicha ni filatte moo, siif filame? 1) 𝐶𝑎𝑙𝑣𝑖𝑛𝑖𝑠𝑚: fayyuu kee keessaa ga'ee tokkoyyuu hin qabdu. Hojii fayyinaa kan hojjete si akka hin taane silas ifaadha, kan jedhamaa jiru garuu, kan ati amanteyyuu sababa duruma murtaa'ee tureef malee, sababa ofiin filatteef miti. Waaqayyo namoota amananii fayyuuf jiran uumamuu isaaniin dura akka fedha isaatti murteesse. Namni kamuu ofii isaatiin dhugaa fayyinaa beekuu bira ga'uus ta'e, bira ga'uudhaaf hawwuu hin danda'u. Fayyuu fi fayyuu dhabuun wanta tasuma amala ykn tattaaffii namaa irratti hundaa'u miti. Warri duruma yaadaan qabamanii turan hundi isaanii fayyuuf jiru; isaaniin alas eenyuyyuu hin fayyu. 2) 𝐴𝑟𝑚𝑖𝑛𝑖𝑎𝑛𝑖𝑠𝑚: hojii fayyinaa kan hojjete Waaqayyo ta'us, karicha kan filatu si'i. Waaqayyo fayyina nama tokkoo dursee akka murteessetti yoo dubbatame, murteessuun isaa dursee beekuu isaa irratti waan hundaa'uufi. Murtee nama sanaa dursee beekuu isaa malee, fayyina nama sanaa ofiin murteessuu isaa miti. Nama tokkotu hojii dadhabsiisaa siif hojjetee, qarshii hojicha irraa argamu ammoo akka ati fudhattuuf sitti hiixate yoo ta'e, hojicha kan hojjete si ta'uu baatus, qarshii sana fudhachuus ta'e dhiisuun garuu filannoo keeti. Akka 𝐶𝑎𝑙𝑣𝑖𝑛𝑖𝑠𝑚'tti qarshicha fudhachuu dhiisuu hin dandeessu; hojicha qofatu siif hojjetame osoo hin taane, bu'aa hojichaa fudhachuu fi dhiisuun kees faanuma siif murtaa'e. Akka 𝐴𝑟𝑚𝑖𝑛𝑖𝑎𝑛𝑖𝑠𝑚'tti garuu hojichi kan siif hojjetame ta'us, fudhachuu fi dhiisuu kan murteessu si'i. 3) 𝑀𝑜𝑙𝑖𝑛𝑖𝑠𝑚: fayyina sana kan filate si'i; addunyaa ati fayyina sana keessatti filatte kan murteesse garuu Waaqayyodha. Fakkeenyaaf, biyya biraa fi haala biraa keessatti dhalatte osoo ta'ee, tarii fedha bilisaa kee fayyadamtee karaa fayyinaa sana hin filattu ta'a. Biyyaa fi haala amma keessa jirtu kana keessatti garuu fedha bilisaa keetiin karicha filatta ta'a. Waaqayyo addunyaawwan lamman kana (isa ati keessatti fayyituu fi hin fayyine) keessaa kan barbaade 𝑎𝑐𝑡𝑢𝑎𝑙𝑖𝑧𝑒 gochuu danda'a. Addunyaa ati keessatti hin fayyine keessa jirta yoo ta'e, addunyicha kan murteesse Waaqayyo ta'us, kan ati fayyina dhabde fedhuma bilisaa kee fayyadamteeti. Bifa kanaan 𝑠𝑜𝑣𝑒𝑟𝑒𝑖𝑔𝑛𝑡𝑦'n Waaqayyoo fi fedhi bilisaa keenya wal faana adeemu. Yaadotni kun bakkaa bakkatti ibsa an kenneef irraa adda kan ta'es qabu; baay'ee bal'atus. Gabaabsuu irratti waanin xiyyeeffadheef, caqasawwan yaadota sana faana ka'anis hin eerre. Sadeen keessaa (tarii kanneen hafan biroo keessaas) kan ilaalcha kee ibsu kami? Caqasa kam sababa godhatte?
Waa'ee forex meeqaan keessantu beekaa?
አርፍዶአል🤦 Ati akka deemsaaf karaa qabattellee natti hin himne. Kakaaf jechootakee an hin shakkine sana ija dura naqabdee, gochaa dugda dubbisaa gaabbii qabu naaf hiixaataa daandiin hin beekne gara manakeetti baafatte. Akka nadhiistee jiraachuu dandeessu erga bartee, keessa onneef gola garaakeetiis nama biraa erga dhaalchiiftee akka deemte nabeeksiifte🥹 Kankoo sigodhachuuf aarsaan an kaffale sun qooda siin kankoo gochuu ittuu achi narraa sifageessan. Tole deemi jedhee feedhiikee eegeen ofiikooti ulee gaabbiin of tumaa, yaadannoo jireenya naaf hin taanen of waxalaa jiraachaan ture. -Hardha eessaan bari'e? Maaltu garakoo siyaachise? 🥹Guyyoottan baay'ee rukkuttaa balbalakooti hundumaa sardama kanin ka'ee banaa tureef harkii balbala naaf baniif rurrukutu sun siin waan natti fakkataniif ture. Guyyoota gara jalqabaa ati deemte sanamee...of jabeessuuf, humna ofiif kennuuf wantiin qabee gad hin lakkisne Maaltu jira? Kun fafa namnuu gochuu hin qabu jedhee kanan yaadaa ture godheen of sossobaa ture. Ilaa sibiraa yeroon guyyaa ta'uuf mala; kanaaf osoo hin gufatiin garakoo dhufuu dandeesse. Ana biraa garuu halkanaa'eera karaan gara mana keetti geessus narkaa badeera. Lakki harka qabeen sigeeffadha utuu ati jetteeyyuu bona walakkaa daandiin sibarbaacha irra deddeebii'ee,imimmaan ijaakootiitin awwaarriin dhoqqeesse sun mucuceessee nakuffisa🤷 #አርፍዶአል🥹 Sin YAADADHA siwajjiin jiraachuuf garuu karoorasaa hin qabu. 👉Gufuun dha'ee nama cabsee in yaadatama, harkii didhiibee nama fayyiise garuu in jaallatama, in kabajama, wajjiin jiraachuuf filatama💝🙏 .....xalayaa xalayaa baay'ee keessaa argame... ✍🏻🦋
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
без подписи
Wow today profit Good day
без подписи
Namoonni baay'een guyyaa guutuu: "Akkamitti maallaqa argadha?" jechuun of gaafatu. Yeroo isaanii baay'ees gaaffii kana irratti dabarsu. Garuu gaaffiin sirriin isa kana miti. Gaaffiin sirriin: "Akkamitti ogummaa koo guddifadha?" Ja'anii of gaafatuudha. Maaliif? Sababni isaa, maallaqni ofumaan hin uumamu. Namoonni maallaqa argatan rakkoo namoota biroo hiiku. Rakkoo hiikuuf immoo ogummaa (skill) si barbaachisa. Yoo ogummaa kee guddiste: • Gatii guddaa namootaaf uumta. • Carraa hojii fi daldalaa bal'ifta. • Galii kee dabalta. • Maallaqni immoo bu'aa ogummaa kee ta'ee siif dhufa. Kanaaf maallaqaaf ariifachuu dhiisi. Ogummaa kee guddisuurratti xiyyeeffadhu. Ogummaan dursee dhufa; maallaqni immoo isa hordofa.
https://youtube.com/@oromocomedy1?si=shq_gtdxsg0A8I7g
Kottaamee ijoolleen group kana keessa jirrru caldhisnee taa'uu dhiisnee Channel kana irratti YouTube banannee toora tooraan link isiniif maxxansee subscribe waliif gochuudhaan wal guddifnaa akkuma jaraattii Maal jettu???
Si dhabuu hin barbaadu jechuun si dhiisuu hin danada'u jechuu miti; Kanaafuu natti hin booniin❣️Kuma jira.
Challenge tokkon isiniif qopheessa Itti hirmaachuuf namni fedhii qabdan harka kaasaa?
Amantaan tokko sirrii ta'ee namatti mul'annaan maddi isaa xiyyeeffannoo maaf ta'a? Namni tokko fudhachuufi dhiisuudhaaf qabxiin murteessaa ta'e wantichi 𝐚𝐦𝐚𝐧𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚 ta'uu fi dhiisuu irratti hunda'a malee, 𝐦𝐚𝐝𝐝𝐚 irratti hin hundaa'u. An akkasittan hubadha. Asumaan, amantaaleen aadaa hawaasaa irratti dhiibbaa akka qaban ifaadha. Garuu, sun sababa amantaa fudhachuu dhiisuu ykn ganuu nama tokkoof quubsaa miti.Ammoo, nama tokkoon amantaan kee sababa aadaa keenya dhiibbatuuf dhiisi jechuun waan hin fakkaanneedha.Nama amantaasaa jaalatuuf sun tasuma amantaasaa caalaatti dhimma ijoo ta'ee waan itti hin mul'anneef. Kanan jechuu fedhe baay'ee ta'us, ijoo yaadakoo ibsadheera jedheen abdadha. Ijoolleen amantaa Waaqeffannaa keessa jirtanis ta'e, warri amantaa kam jalayyuu hin jirre si'a baay'ee sababni nuti dhiyeessinu hanga malu bilchaatoo miti. Waa'een Of-ta'uu dhabuu isaanii fi waa'een amantaa ormaa hordofuu isaanii waan si'a baay'ee dubbatamuufi ijikoo irra deddeebiin arguudha. Kun lachuu akka kootti sababa miidhagoo miti. Sababoota dhibbootaan lakka'aman hedduun osoo jiranii kanatti cichuun hin tolu. Yooma ta'ellee sababootni dhiyaatan kanarra haa ce'an. Qajeeltoo akka na hubattan nan abdadha. Yaada addaa yoo qabaattan ibsachuu dandeessu. https://t.me/DAANDII_MILKAAYINAA
...NAN GORSIN JEDHEEN SI GORSA Waa'een jiruukoo si quuqee Rakkachuunkoo si naasisee Tarii... Gorsakee akkati naaf qooddu Dirqama yoo si taasise Adaraa ×4 Hamileesseen gorsa jettee Waan hin jirre natti hin shoolin Baayyistee nan nuffisiisin Haasaa tokko keessa hin oolin Jechoota filachuuf jettee Haxiixxee moggaatti hin ba'in Fakkeenya fudhachuuf dhaqxee Maqaa namaas natti hin dha'in Dubbiin baayyachuusaaf miti Haasaa xiqqooniyyuu qorsa Adaraa yoo na dhageesseef Nan gorsin jedheen si gorsa Sababnisaa.... Isati naan jechuuf jettu Raawwiisaan dadhaba malee Dhugaa waaqa isa jiraataa Bubbuleera erga naa galee Kanaa mannaa... Yaada amma jettu kanarraa Sadarkaakee butii caali Qarshii xiqqoo natti kennii Akka hin jijjiiramne ilaali Malee... Yeroo firii keetii dhuftee Natti haasoofnaan amma teessu Jechakoo dhumaan sitti hima Jabaadhuun nan tasgabeessu An kanin bardaadaa jiru Nama qarshii naa liqeessu https://t.me/DAANDII_MILKAAYINAA
#Breaking #Kutaa_8ffaa #Result Breaking ❗‼️ Bu'aan Qormaata Naannoo kutaa 8ffaa naannoo Oromiyaa bara 2018 ifoomeera! Odeeffannoo fuula Facebook sirrii Biiroo Barnoota Oromiyaa irraa arganneen yeroo ammaa kana bu'aan qormaata naannoo barattoota kutaa 8ffaa bara 2018 kan Naannoo Oromiyaa ifoomuu isaa mirkaneeffanneerra. Barattoonni kutaa 8ffaa qormaata kana fudhattan armaan gadiin qabxii keessan ilaalladhaa! Website :- http://oromia.ministry.et Carraa Gaarii! Barattoota kutaa 8ffaa hundaaf share https://t.me/DAANDII_MILKAAYINAA
...IN GUYYA'A Akka gaafa deemanii Deebiif namaa in milkaa'u Namni gatanii deeman Bakkuma sana in taa'u - Akkum-gaafati deemte Gaddee boquu gad-qabu Dursitee yaaduu qabda Bor akka si qaqqabu - Onneesaa rifachiiftee Gaafa diddee sokkitu Ka'ee utuu si teessisuu Gaafa deebi'uuf jettu Daandiin ati irra baate Cufaadha sin seensisu - Innis... Turtii muraasa booda Miiricha keessaa ba'a Deebi'uuf gaafa yaaddu In barfata in guyya'a https://t.me/DAANDII_MILKAAYINAA
YouTube automation hojjechuudhaan namoonnii baayyeen ji'aan birrii 70k ol argachaa jiru Isinis namoonni group kana keessa jirtan Namni kumi tokko 1k Walii gallee channel YouTube keenya subscribe isaa 1k godhachuudhaaf group gadii kanatti dabalamnee gaafa 1k geenyu YouTube walii keenyaa subscribe walii gochuudhaan maallaqa waliif ha argamsiifnu https://t.me/youtube1k1