Jaalalaa Dhugaa
СтатистикаThose who think that dreams are always out of reach, then he has never tried to reach out to measure the distance! ; The dream is in your next step, if you keep moving forward, then the dream will come true in the next step! 👩🏽💻𝐂𝐄𝐎 @Laty_Niftalem
- Последний пост
- 14 авг.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 3
- Всего постов
- 23
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 73
- 1/48двое суток
- 83
- 1/72трое суток
- 90
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
без подписи
без подписи
без подписи
Andualem............🥺 Daawwitii manaa Ifa jiruu koo...! Ati deemnan mul'ate Hir'uun koo...! Karaan fagaatuus Dhufuun koo hin ooluu Gaafas siin hima Waan ormi jedhuu🥺 💔 beektaa laata...? Waanan keessa jiru Kanan dheessaa jiru Afuurakoo isa fakkii Abuurakoo isa shakii Ifa kankoo isa sobaa Bifa kankoo isa kophaa Qubas qabdaa laata...? Sirraa fageenya koo Jiraa nageenya koo Fira dhabeenya koo Taa'ee hammeenya koo Waa'ee Jireenya koo🥺💔 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 GODHI • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Jul 25/2026🕑 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 👍🔥Like / React Family!
꧁┃• GORSAF•┃📋꧂ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ♻️ FORWARD ♻️ Xiyyeeffannoo hin kadhatiin ; Gatii kee ijaarradhu! 💎 “Namootatti of ibsuuf hin dadhabiin; garuu of guddisuuf ciminaan hojjedhu. Namoonni baay’een, ‘Maaliif na hin hubanne? Maaliif bakka naaf hin kennine?’ jechuun xiyyeeffannoo kadhachaa yeroo isaanii gubu. Dhugaan garuu kana: ati yeroo gatii qabaattu, namoonni ofumaan yeroo isaanii keessatti xiyyeeffannoo siif kennu. Billaacha dirree keessaa ari’uuf hin fiigin; biqiltuu kee isa sibira jiru kunuunsi. Yeroo iddoon kee bareedu, billaachi ofumaan gara keetti dhufu. Hojiin kee: • Beekumsa kee guddisuu, • Dandeettii kee dagaagsuu, • Eenyummaa kee ijaaruu qofa haa ta’u. Ija namaa keessa seenuuf osoo hin taane, eenyummaa kee irratti amantaa qabaachuuf hojjedhu. Warri kaleessa akka “nama salphaatti” si ilaalan hundi, boru akka nama ol’aanaa fi hin salphanneetti yeroo si argan itti dhaga’an… sun mootummaa dhugaa dha. Nama gatii guddaa qabu ta’uu kee ofiif mirkaneessi!” 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 GODHI • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Jul 13/2026🕑 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 👍🔥Like / React Family!
꧁┃• Dubbisa 34FFAA•┃📋꧂ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📚 • SHARE • ♻️ SHARE♻️ Bara durii harreen tokkoo tasa osoo deemtuu boolla gadi fagoo ta'e tokko keessatti kufte. Harreen sun baay'ee naateetoo sa'aatii dheeraaf gargaarsa argachuuf iyyite. Garuu namtichi sagaleeshee dhaga'e tokko dhufee yommuu ilaalu, harree sana boolla keessaa baasuun baay'ee akka isatti ulfaatu hubate. Innis Akkana jedhee "Harreen kun baay'ee dulloomteetti, as keessa baasuufis humna guddaa gaafata kanaaf asumatti ishee awwaalla. Garuu boriif Akka harreen biraa Boolla kana keessa hin buuneef Boolla kana cufnee dhabamsiisuun harree kanas boolluma kana keessatti awwaalla jedhee murteesse. Namoota ollaa isaa waamee meeshaa barbaachisu akaafaa fudhachuun biyyo boolla keessatti naquu jalqabani. Jalqaba irratti harreen sun biyyoo isheetti naqamaa jiru sana sodaatte iyyite.garuu booda waan isheen barbaada turtetu argameefi. Namoonni boolla keessa gadi laalan. Wanti isaan argan baay'ee isaan dinqisiise! Biyyoon yommuu ishee irratti naqamu, harreen sun mala ajaa'ibsiisaa tokko fayyadamaa jirti. Biyyoo rakkinaa boollicha keessatti ishee awwaaluuf irratti naqamu hunda ofirraa harcaasaa irra ejjechuun achii ol siquu jalqabde. Hammas yoo isaan Biyyoo isheetti deebisan isheenimmoo Biyyoo sana ofirra harcaasttee irra ejjechuun tarkaanfii tokko ol butamti. Namoonni biyyo isheetti naquu itti fufani isheenis ofirraa harcaasuun biyyoo sanarra ejjettee boollicha keessa ol ba'uu itti fufte. Dhuma irratti, namni hundi osoo dinqisiifatuu, harreen sun hamma gubbaa fiixee boollichaatti ol siquun utaaltee boollicha keessaa baatee deemsa ishee itti fufte. Jireenya keessatti biyyo rakkinaa gosa adda addaa namootni si jibban sirratti naqaniin abdii kuttee bakka kuftetti biyyoo Rakkoo sanaan 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 GODHI • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 May 22/2026🕑 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 👍🔥Like / React Family!
Jireenya kee dukkanaa Waan siif ibsun siif ibsaa Dukkana humnaa Olii Kan siif ibsu beeki obsaa Wanta ati barbaaddu Achi sirraa fagaatuu Ati obsa qabaannaan Gaaf tokko sin hanqatuu Jireenyi ati jiraattu Har'aaf ta'us ulfaata Obsii dhuma jiraadhuu Gaaf tokko siif salphataa Wanta feete hundaafuu Obsa keetu murteessaa Kaayyoof obsa qabaannaan Bakka yaadde nii geessaa Jireenya kee dukkanaa Waan siif ibsun siif ibsaa Dukkana humnaa Olii Kan siif ibsu beeki obsaa Wanta ati barbaaddu Achi sirraa fagaatuu Ati obsa qabaannaan Gaaf tokko sin hanqatuu Jireenyi ati jiraattu Har'aaf ta'us ulfaata Obsiidhuma jiraadhuu Gaaf tokko siif salphataa Wanta feete hundaafuu Obsa keetu murteessaa Kaayyoof obsa qabaannaan Bakka yaadde nii geessa 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 GODHI • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Feb 10/2026 🕑 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 👍🔥Like / React Family!
꧁┃• Dubbisa 33FFAA•┃📋꧂ ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📚 • SHARE • ♻️ SHARE♻️ Of Eeggannoo Yeroo Walqunnamtii Saalaa (Dhiirotaaf) ➲ Yeroo Walqunnamtii saalaa raawwatamu of eegannoo taasisuun murteessadha. Dogogorri uumamu sirna Walqunnamtii saalaa raawwatamaa jiruu jeeqa, darbees immoo Walqunnamtii itti aanuf eeyyamummaa ishii dhabuu dandeessa. Kanaaf amma si danda'ametti of eeggannoon barbaachisaadha. ➲ Isin lachuuf ta'uu beeki. Yeroo Walqunnamtii saalan dura qaama ho'isuun ishumatti fedhii horuuf dhama'aa akka jirtutti yaaduu hin qabdu. Qaama wal ho'isuun ishii duwwaaf qofa osoo hin taane ofii keetifis jecha akka ta'e yaadi. Qaama ho'isuun kee fedhii kee dabaluu biraa darbee s'aamummaa qaamni saalaa kee yeroo raawwattuuf akka gonfattu si godha. ➲ Uffata ishii itti hin lakkisin. Hanga ishiin uffata ofirraa guurtee fixxutti hin ilaalin. Kan kee ishiin sirra haa baastu. Kan ishii garuu situ baasuu qaba. Qabduu harmaa fi paantii dabalatee jechuudha. Yeroo baastus immoo irrumaa callistee darbachuu miti. Suuta irraa baasuu qabda. Uffata baasun salphaa fakkaatus garuu yeroo baastu san akka fedhiin ishii itti dabalutti. Irraa baastee itti ol deebisuu. Paantii walakkaa gadi buustee itti immoo ol deebsitee intala dhungachas dhumarra irraa baasuu. ➲ Hin nuffisiisin. Walqunnamtii saalatiin dura qaama kakaasun faayidaa akka qabu waan dhageesse qofaaf intala sukkuumaa ooluu hin qabdu. Hanga qaamni ishii ho'ee fedhiin fuula ishiirraa dubbifamuu jalqabnaan gaa'adha. Yoo baay'ate daqiiqaa digdamni ga'aadha. ➲ Iddoo tokkorra hin turin. Fedhiin ishii hidhiirra jira jettee achumarra afaan kee qadaaddee turuu hin qabdu. Harmi baay'ee iddoo miirawaadha jettee amma ishiin nuffitutti sukkuumaa ooluu hin qabdu. Kan akka qinxirii hin jiru jettee qaamuma kana gorogoraa itti baay'iisuun gaarii miti. Fedhiin walitti ida'ama waan ta'eef bakkuma hundayyuu kakaasun gaadeemi. ➲ Harka qofa hin fayyadamin. Ani qaama ishiitti arraba koo hin buusu jettee harkuma kee qofa irra marsaa hin oolin. Harma ishii harkaan sukkuumun akkuma jirutti ta'ee garuu kan arrabaatu caala. Arrabni waan laafina fi ho'aa ta'eef qaama ishii bakkuma hundarrayyuu gangalchuu qabda. ➲ Ishii gaafadhu. Anatu beeka jettee itti of buusuu hin qabdu. Dubartii bakka fedhiin ishii itti ka'u ishii caalaa ati hin beektu. Tokko tokko yoo morma dhungatan fedhiin ishii dammaqa, tokko tokko immoo boroo(teessuma) ishii yoo harkaan qaqqabatan fedhiin itti ka'a, kan ishee keetis eessa akka ta'e ishumatu sirra beeka. Yeroo ati tuqxu sochii ishiin taasiftu hordofuudha. ➲ Bakkuma hunda tuttuquu hin qabdu. Dubartii tokkotti kan tolu jaalallee/niitii keetti immoo toluu dhiisuu danda'a. Iddoo miirri dubartii jira jedhame hunda har'uma waliin ga'u malee jechuu hin qabdu. Yeroo tuttuqxu deebii ishiin siif laattu hordofaa ta'uu qaba. ➲ Tartiiba eeggadhu. Rifeensa irraa jalqabde taanan akkasumatti gadi koottu. Morma dhungattee harma bira gadi dabartee qinxirii gubbaa qubachuu hin qabdu. Harma ishii dhungattee qinxirii osoo hin tuttuqiin raawwachuu jalqabuu hin qabdu. Hundumayyuu akkuma tartiiban jirutti hanga nafsaalatti itti deemi. Fayyaan faaya ; Fayyaa ta'aa. 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 GODHI • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ ✍️ Dr. Firomsa Jibril 📜 Jan 10/2026 🕑 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 👍🔥Like / React Family!
-/-/-/- Yoon Du'e😔-/-/- Nan yaadin akka duraa Hin boo'in hirqinfattee...! Waan wajjin dabarsinee Seenaa qabnu yaadattee...! Jaalalaa koo hin dabalin Suuraa qabnu hin ilaalin...! Sibiraa deemuu kootiif Aariin ofii kee hin kabalin...! Seenaa qabnu awwaalii Waa'ee koo irraanfadhuu...! Isa kan kootii dhiisiitii Jiruu kee jiraadhuu...👨🏾🦯 👍🔥Like / React Family! ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Jan 01/2026 🕑 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa
Si yaadeera garuu Si dagachuun qabaa...! Sin jaalladha garuu Si lagachuun qabaa...! Hin dhufin deebitee Madaa kootti buutaa...! Iddoo Ati baatee Ofii koon itti guutaa...👨🏾🦯 👍🔥Like / React Family! ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Dec 26/2025 🕑 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa
#Abbaatu_Of_Mara! Namni ni dubbata Gorsa laata malee...! Mirgi kan abbaati Of ta'uuf yoomillee...! Daandii badii irra Gaafa deddeebitu...! Dogongora baayyeen Yennaa of marsitu...! Karaa kee qajeelchuf Namni waa ni jedhaa...! Hojiitti kan hiiku Kan biraa miti sidhaa...! Gorsa fudhatteen Injifachuuf bara...! Jaalattus jibbitus Abbaatu of mara...👨🏾🦯 👍🔥Like / React Family! ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Dec 21/2025 🕑 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa
Barbaacha keetan joora Yaa lookoo koo eessa baate...! Akka qarshii Itoophiyaa Ciimmaa arba taate...! Qeerransa gannaa taate Isa fixeensi luuge...! Isa rifeensa kaasee Fuula dhoksee of haguuge...! Isa gaafa achii ka'u Bokokee gaara ga'u...! Diina soora godhachuuf Akka qawwee dhuka'u...! Akka ciimmaa Qeerransaa Baddee cillibbaan buute...! Argaa namaa dhokatte Hanqaaquu Guchii taatee... 👨🏾🦯 👍🔥Like / React Family! ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Dec 13/2025 🕑 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa
DHUGAAN DHUGAADHA...! Yaa dhugaa dhugitti ...! Yaa ishee ilmoo Waaqaa...! Akka bakkalchaatti Fagootti muľatta ...! Yoo afaan si qaban Funyaaniin dubbatta...! Yandoon si jiisaaree Hongeen si gogsaaree...! Gaarri si golgaaree Boolli si dhoksaaree...! Ol jettee argamta Tuullaa soba keessaa ...! Warqee yoomuu hin rakasne Qabeenya hiyyeessaa ...! Gumbiin kee saamamee Yoo bultes agabuu ...! Hiddi kee hin citu Lafeen kees hin cabu... 🦴 👍🔥Like / React Family! ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Dec 08/2025 🕑 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa
Waddeessi Daraareeraa Ijaan Hin Naqaneef Malee Garaan Koo Si Yaadeeraa Sin Arganneef Malee...! Keessa Keessa Cilaattii Argamni IsheeMukumaa Keessi Koo Siif Dhaahatti Yaaduma Keen Gungumaa Qeerransa Yenna Argee Bosonun Daran Dheessaa Sammuu Koo Situ Raakeem Natti Dhufta Abjuu Keessa...👨🏽🦯 👍🔥Like / React Family! ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Dec 02/2025 🕑 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa
-//- -//- NAN DUU'A -//- -//- Eyyee nan duu'a gaaf tokko Gaafa guyyaan koo ga'u...! Lafa kannarrattan hafaan Hin yaadamu silaan ta'u...! Garuu gaafan du'ee darbuu Dhaabatee xiyyoo boollaa...! Seenaa durii kastee... Isaa sirriif ololaa...! Anaaf hin bo'iin lakkii... Garaa keerraa harqite...! Yaadadhu ishee gaafa...! Jiraa kootti na jibiitee...👨🏽🦯 👍🔥Like / React Family! ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Nov 26/2025 🕑 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa
TAATUMMAA....👨🏽🦯 Kolfa koo hin ilaalin Kolfi koo si sobaa...! Dhoksaadhaan imimmaankoo Hooggayyuu gadi coba...! Fuulli gammachuu hima Keessi koommoo kan biraa...! Seeqni ilkaan kiyyaa Taatummaarra jira...! Narratti hin beekaminiifan Miira dhoksee jiraadha...! Malee golakoo keessaa Ba'aa danuun baadha...👨🏽🦯 👍🔥Like / React Family! ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Nov 23/2025 🕑 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa
Ofiisaaf dhimmamee Dhimma ba’u malee...! Boriisaaf sardamee Sardaa cabsu malee...! Rakkoo dandamatee Carraaqqatu malee...! Ofiif gangalatee Warraaqqatu malee...! Dukkanni hamaa dhufee Gaafa ifa haguugu...! Rakkinatti kufee Yoo nafti isaa dhiigu...! Gatantaree cabnaan Kan ol isa qabu...! Harka isaarraa dhabnaan Dhiirri fira hin qabu...👨🏽🦯 👍🔥Like / React Family! ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ ✍️Waadaa Getachoo 📜 Nov 20/2025 🕑 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa
Ati naaf kennaadha Kennaa gatii jabaa...! Addunyaa kanarraa Tokkittii keen qabaa...! Sin jaalladha malee Sittin yaadu dabaa...! Siif jecha miidhamee Siif jecha nan cabaa...! An egaa yoomiyyuu Si dhabuu hin fedhuu...! Ati Onneef tiruu koo Moo lubbuuko jedhuu...! Siif garaa hin muruu Akkamittan muraa...! Rakkoo jiruu kootii Harka keetu furaa...! Koo ta'uu kee baree Ijaan si ilaalladhee...! Wanta hundaa keessa Bagan si jaalladhee...! 👍🔥Like / React Family! ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Nov 19/2025 🕑 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa
Anaaf rafuu dhaba Kan na marse keessaa Harki caalan isaa...! Keessaan summii baatee Fuula isaa ibsaa...! Gammaduu koof maraatee Boo'uu kootti kolfaa ...! Imimmaan koo arguuf Madaa kiyya horfaa...! Jiruu isaa dhiisee Anaaf rafuu dhaba...! Na kuffisuuf yaadee Gufuu kiyyaan caba...👨🏽🦯 👍🔥Like / React Family! ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Nov 18/2025 🕑 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa
Yeroon si argu hundaa Qalbiinko ni gammaddii...! Sirraa fagaannaan garuu Turtee hin turtu nii baddii...! Dhukkuba ta'aa jedhee Himadhus ogeessattii...! Maqaa keetu argamee Onnee kiyya keessattii...! Obsee si barbaadee Waan hundaa danda'ee...! Dhoksee si jaalladhee Dhukkuba naaf ta'ee...! Ba'aa jaalala kee Obse dhokse baadhee...! Utuun si jaalladhuun Sitti himuu sodaadhee...! 👍🔥Like / React Family! ➲ ⎾@Laty_Niftalem⏌ 📜 Nov 17/2025 🕑 📚 • 𝗙𝗢𝗥𝗪𝗔𝗥𝗗 • 📚 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa 📩 ┃ ➫ @Jaalalaa_Dhugaa