𓆩ᥫ᭡Jireenya 𓆩♡𓆪Jaalalaa𓆪ᥫ᭡ Love ❤ ፍቅር
СтатистикаJaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu❣❤️🔥😁😅🤣😂Dabalataan qoosaa bohaarsoo😇😋
- Последний пост
- 26 мая
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 24
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Warra kee akka si barbaachisutti si jaallachuu waan hin dandeenyeef dhiifama godhi, achiis ofii keetiif bakka dogoggoraa hundatti jaalala barbaaduu keetiif dhiifama. @Jireenya_jaalalaa 🫰 Iid Mubaraak 🌏
Namoonni wal jaallatan amala armaan gadii qabu. Badii dhiifamaan bira darbu. Yeroo wal yaadan waliif bilbiluu ykn qaamaan wal arguu filatu. Jecha nama biraa caalaa jecha walii filatu. Yeroo waliif kennu. Wal kabaju. Maatii walii isaanii kabaju. Rakkoon gidduu isaanii seennaan marii isaan lameen qofaatiin furatu qaama sadaffaa malee. Haasaa namaatiif iddoo hin qaban. Wal argachuuf jecha gaarri isaan gara hin galchine hin jiru. Yeroo hunda siin jaalladha waliin jedhu. Utuma hanga fedhe wal lolanii deemi si hin jaalladhu waliin hin jedhan. #Ѕнαʀє 🫀 @Jireenya_jaalalaa 🫰
❤️Nama si amanu gonkumaa hin sobin. ❤️🩹Waan darbe irraanfadhu but don't try it! 💔Miira kee too'adhu malee hin garboominiif! 🫀 @Jireenya_jaalalaa 🫰
Of Caalaa Jaalattee Of Hin Maraachin! Ilaa sitti himuu Karaa salphaan utuu ati hin beekin ittiin of ajjeestuu fi ittiin of salphistu, of caalaa nama jaalachuudha. Kuni karaa ati maraachuf imala taasisaa jirtudha. Jaalattus, jibbitus kuni dhugaa jiruudha. Ilaa fira koo uumaa keetti aansitee kan jaalachuu qabdu of qofa. Of caalaa nama jaalattee ofis nama sanas of hin dhabsiisin! Pls bro ofitti deebi'i! Of caalaa nama jaalachuun turus bu'aan isaa gaddaa fi caba onnee fidha. Ati yoo ofirratti xiyyeeffatte akkasumas wanta si jijjiiru irratti yoo xiyyeeffatte wantoonni baay'en sirratti xiyyeeffatu. Hagamillee jaalattus of jijjiiruf qarshii kee invest godhi malee jaalala bituuf qarshii kee invest gochuu irraa of qusadhu! Jaalalli jaalalumaan bitama. 💐❤ @Jireenya_jaalalaa ❤️🩹
Jireenya mataa kee oofuu yoo hin dandeenye jireenya namaa irratti imalaa taata. kanaaf kan ormaa dhiisi kan kee gaggeeffadhu! ❤ @Jireenya_jaalalaa ❤️🩹
Durbi tokko jaalala ishee waggaa afurtamaaf (40) dhoksuu dandeessi. Garuu,inaaffaa sa'aatii tokkoof dhoksuu hin dandeessu. ❤ @Jireenya_jaalalaa ❤️🩹
WANTOOTA NAMOONNI DU'UUF DEEMAN ITTI GAABBAN: Biyya Awurooppaa Hospitaala tokko keessatti Narsoonni (Nurse) dhukkubsattoota wal'aansa ulfaataa irra utuu jiranii dhibeen isaanii akka hin fayyine itti himame irratti qorannoo gaggeessan. Dhukkubsattoonni sun warra akka du'an itti himame garuu immoo Hospitaaluma keessa iddoo "Hospice" jedhamtu akka ciisan godhaman. Wanti isaaniif barbaachisu hundisaa achumatti dhiyaataaf hanga du'anitti; yeroo kana narsoonni isaan san tajaajila namoota kana interview godhuu jalqaban Akkuman jedhe isaan kun warra du'uuf ji'a sadi yookiin ji'a jaha hafeefidha. ❍ Gaaffiin narsoonni kun gaafatan akkana jedha: "Bara jiraattee keessatti wanti akka malee si gaabbisiisu maali?" Kan jedhudha. Tokko tokkoon irra deemanii interview godhanii wanta isaan hundi jedhan akka armaan gadii kanatti kaa'an: #1. Gammadaa hin turre. Baran jiraadhee guutuu gammadee hin beeku; gammadaa ta'uuf wantoota alarraatin eegaa ture kan jedhan, kana malee miti gammachuuf beellama qaba ture, gaafa makiinaa bitadhe gaafa mucaan kiyya fuudhe, heerume gaafa digrii fudhadhe jechaa jiraachaa ture kun akka malee na gaabbisiisa" jedhan. #2. Beekumsaan of-hin guddisne. Carraa barachuu hedduun qaba garuu barachuu hin dandeenye. Wantoota na barsiisanii fi namoota na barsiisan hedduutu na bira jira garuu ani gara galee hin ilaalle kun na gaabbisiisa jedhan. #3. Ofii koo hin tajaajille. Akka maashinaatti hojjechuu malee qaama kiyya hin tajaajille. Ispoortii hin hojjanne. Nyaata qaamni kiyya barbaadu hin nyaachifne kunoo har'a siree irratti na galche kun na gaabbisiisa. #4. Haaloo fi jibbiinsaanin jiraadhe. Namoota hedduun aarsaa fi arrabsaa jiraadhe. Nama hedduun garaatti qabadhee miidhaa ture. Hiyyeessa hedduun boochisaa ture, namoota hedduu haaloo itti qabadhee akka malee jibbaa ture har’a du'uuf ji'a sadiitu naaf hafe wanta dabruuf jedheen wanta hafu hojjedhe kun akka malee na gaabbisiisa. #5. Namoota osoon gargaaruu danda'uu hin gargaarre. Qabeenya hedduun qaba waan hedduutu harka kiyyarra jira garuu osoon humna qabuu namaaf humna hin taane. Ijoolleen haadhaa fi fira kiyyaa osoo akkan ani gargaaru barbaadduu garuu ani gargaaruu hin barbaanne. Rakkataa ollaa kiyya jiru osoon rakkina isaa arguu akka nama hin argineettin ija cufadhee bira darbee jiraachaa ture. Har'a qabeenya san hunda dhiisee deemuufin deema kun akka malee na gaabbisiisa. #6. Waanin carraaqeef hin beeku. Ganamaa galgala akka addaattin hojjachaa ture. Roobaa fi caama keessa deemee qabeenya taatu fidadhee garuu hiikaa itti dhabe, maaliif akkan dhama'e dhabe, maal akkan dogongore hin beeku, fiiguu malee maalif akkan fiigu hin beeku, addunyaa ari'uu malee waan takka hin agarre, kunoo har'a humna dhabe. Kun akka malee na gaabbisiisa #7. Abjuu kiyyaaf hin jiraanne. Waggaa digdama guutuu waajjira tokko keessan hojjadhe. Company tokko qofaafin umrii kiyya guutuu fixe, garuu homaa na hin gammachiisne. Dhugaadha maallaqa itti argadhe, garuu abjuu kiyya ganamaa jiraachuu hin dandeenye. Kennaa rabbiin naaf kenne ol baasee itti hin fayyadamne akkuman bakka tokkotti hidhamee hojjetaa turetti kunoo irraa deemuuf deema. Kun akka malee na gaabbisiisa. #8. Maatii kiyyaaf yeroo hin kennine. Guyyaa hunda fiiguu malee mana kiyya ol garagalee hin ilaalle! Ijoolleen kiyya akka ani wajjin taphadhu feeti, ani garuu isaaniif argamuu hin dandeenye, hojiidha utuun jedhuu, walgahiidha utuun jedhuu, maatii kiyya irraanfadhe, kunoo har'a utuu isaan hin quufin deemuufin deema. Kun akka malee na gaabbisiisa. #9. Namootaaf jaalala kiyya hin ibsine. Namoota hedduu jaalala kiyya barbaadan akkan jaaladhu itti hin himne, itti hin argisiisne. Haadhaa fi abbaa kiyya wajjin taa'ee jaalala isaan anarraa barbaadan hin kennineef. Hedduutu osoo na dheebotuu akka na dheebotutti kute. Kun akka malee na gaabbisiisa jedhu ·♡.· .❤ ' @Jireenya_jaalalaa
Eessa yoon jiraadhes eessa yoo jiraattes onnee koo keessa jirta yeroo kamiyyuu keessatti sin jaaladha lubbuu 😍🌪 ·♡.· .❤ ' 🙎♀ @Jireenya_jaalalaa🙎♂
Qashxii too nagaan buli warri kan bakka barbadaan bula🤨🔥 Halkan gaarii lubbuu 😘❤️ '' @JirEenya_JaaLaLaA ''
Brother chiikiin koo hin jedhamtu kan kenyaa jedhamti🙄😁 🤣Na'abzubzukh ☀️Namni haa numa ciimmu 💯 :¨·.·¨: `·. @jirEEnya_JaaLaLaA🌹 🍃😍
“Namni si jaalate si haa arkatu, namni si jibbe si haa dhabu” 🤣Na'abzubzukh ☀️Namni haa numa ciimmu 💯 :¨·.·¨: `·. @jirEEnya_JaaLaLaA🌹 🍃😍
Yeroo baayyee jaalaltii nama jaalateef malee nama jaalatameef qoosaadha. 😬 😛 🤪 🤭 🥵 😄 🤣 😂 😆 😄 🤣 😳😳😳❤️🩹❤️🩹💔💔💔
"Dhiirri tokko kophaa ta'ee haalota wahi xiinxaluun baay'ee Isa gammachiisa. Yeroo kanatti jaalalleensaa yookaan haati warraa isaa ni jeeqamti. Waan inni isheef yeroo kennuu dide itti fakkaachuu mala.Kun immoo kan agarsiisu akka isheen jaalala isaa hin kabajnee fi walabummaasaa hin feenedha. Haa ta'u malee,dubartiin hubattuu taate kophummaa isaa kana ni kabajjiif. Kophummaa isaa ni kunuunsitiif.Akkamitti akka kophummaa isaa keessatti isaaf yaaduufi isa jaalachuu dandeessu dandii soqxi. Yeroo kana jaalalli hiika sirrii argata." 🤌
Barumsaa distance malee tasumaa jaalali distance hin jiru🙄never mind🔥
Yeroodhaf osoo hin taane Jirudhaafan si filadhe...👸✨️ @Jireenya_jaalalaa
"Nama tokko yoo jaallattu namticha guutummaan guutuutti ni fudhatta.Hanqinna isaa wajjiin.Sababni isaa hanqinni kun kutaa(part) namtichaa keessaa tokko.Nama jaallattu jijjiiruuf hin yaalin.Akkana yoo ta'e sin jaalladha hin jedhiniin.Sababni isaas jijjiiruudhaaf yaaliin gootu " ani kan jaalladhu walakkaa keeti"ilaalcha jedhu of keessaa qaba.Namni si jaallachuu baatus of ta'u kee hin dhiisin.Abaaboon namni hin jiru jedhe bosona keessatti guddachu hin dhiisu.Jaallachuu yoo barbaaddes salphumatti jaalladhu."❤️ﮩ٨ـﮩﮩ٨ـ♡ﮩ٨ـﮩﮩ٨ـ❤️
❤️JAALADHU❤️ﮩ٨ـﮩﮩ٨ـ♡ﮩ٨ـﮩﮩ٨ـ
JAALADHU 1. Kan si barbaadu jaalalli dhugaan nama si barbaadu irraa jalqaba. Namni si jaalatu yeroo hunda si yaada, si barbaada, si arguu fi si waliin ta’uu hawwa. Inni yeroo si barbaadu keessatti fedhii isaa qofa osoo hin taane, jireenya kee keessatti iddoo qabaachuu barbaada. Kunis jaalala dhugaa kan agarsiisu yoo ta’u, nama si barbaadu jechuun nama si dhabuu hin feene jechuu dha. 2. Kan si gargaaru jaalalli hojii irra ooluudha malee dubbii qofa miti. Namni si jaalatu yeroo rakkina keessatti si gargaaruuf qophii ta’a. Yeroo dadhabdu si jajjabeessa, yeroo kufte si kaasa. Gargaarsa isaa keessatti dhugaa fi qalbii guutuu qaba, osoo faayidaa isaa hin ilaaliin siif dhaabbata. 3. Kan si eegu namni si jaalatu si eeguuf yaala. Kunis miidhaa irraa, yaada badaa irraa, fi karaa dogoggoraa irraa si dhowwa. Si eeguun isaa kun sodaa irraa osoo hin taane, jaalala irraa kan madde dha. Si miidhamu hin barbaadu, nagaa kee eeguu barbaada. 4. Kan si hubatu jaalalli dhugaan hubannoo cimaa qaba. Namni si jaalatu yeroo baay’ee haala kee si irraa dubbachuu malee ni hubata. Gammachuu kee fi gadda kee ni beeka, akkasumas yeroo ati calliftee jirtullee maal akka sitti dhaga’amu ni hubata. Hubannoon kun jaalala cimaa ijaara. 5. Kan si qajeelchu namni si jaalatu dogoggora kee arguu danda’a, garuu si qeequuf miti; si qajeelchuuf. Inni karaa sirrii sitti agarsiisa, si gorsa, akkasumas akka jireenya kee fooyyessitu si kakaasa. Qajeelchi isaa kun jaalala dhugaa irraa kan dhufu dha. 6. Kan si deeggaru jaalalli dhugaan deeggarsa cimaa qaba. Namni si jaalatu murtii kee keessatti si deeggaruuf qophii dha. Yeroo ati kaayyoo kee irratti hojjechaa jirtu, inni si jajjabeessa, si waliin dhaabbata. Deeggarsi isaa humna siif ta’a. 7. Kan abdii kee ta’e namni si jaalatu abdii kee keessaa tokko ta’a. Yeroo ati dadhabdu ykn abdii kutattu, inni si jajjabeessa, akka hin kufne si taasisa. Abdii kee ta’uun isaa jireenya kee keessatti ifa siif ta’a. 8. Kan yeroo siif kennu jaalalli yeroo barbaada. Namni si jaalatu yeroo isaa siif kenna, si waliin dabarsa. Kunis si kabaju fi si jaalatuu isaa agarsiisa. Namni si jaalatu yeroo hin qabne jechuun hin baqatu; yeroo siif uuma. 9. Kan siif yaadu namni si jaalatu yeroo hunda siif yaada. Waan si fayyadu, waan si miidhu, fi haala jireenya kee irratti xiyyeeffata. Yaaduun isaa kun garaa isaa keessaa kan dhufu yoo ta’u, jaalala isaa calaqqisiisa. 10. Kan wal dhabdee booda si waliin haasa’u jaalalli dhugaan wal dhabdee irratti hin dhaabbatu. Namni si jaalatu wal dhabdee booda si dhiisee hin deemu; si waliin haasa’a, walii gala, rakkoo furuuf yaala. Kunis jaalala cimaa fi obsa qabu agarsiisa. Xumura irratti Jaaladhu jechuun jecha qofa miti; hojii, yaada, fi amala guutuu of keessaa qaba. Namni jaalala dhugaa qabu, wantoota armaan olitti ibsaman hunda hojiin mul’isa. Kanaaf jaalala dhugaa filachuu fi eeguun murteessaadha. :¨·.·¨: `·. @jirEEnya_JaaLaLaA🌹 ❤️ﮩ٨ـﮩﮩ٨ـ♡ﮩ٨ـﮩﮩ٨ـ
Durbaa bareedu kan janajanu hiyyeessa kan fudhuu soressa😅🥲😟🥺💔 rakkoodha😫😁
Shamarran yeroo gaafii jaalalaa isin gafannu inni isin nan mari'adha jettan maalodha🙄