tgindex
Jechoota jaalala

Jechoota jaalala

Статистика

Channela keenya kana irraa:- ☑Jechoota jaalala ☑Baacoo fi Afoola ☑Dubbiste irraa baratta ☑Asoosama adda addaa fi kkf. YouTube channel Kenya subscribe godha 🙏, 🙏 🙏 🥰 https://www.youtube.com/@Kenbolyrics @kenbo_dagafu

Последний пост
30 нояб.
Последнее чтение
14 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
24
Тип
открытый
Язык
om
Категория
Видео
В каталоге с
14 авг.
Подписчики
2 412
+6 за 4 дн.
Сутки
+1
+0,04%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
4 830
23 постов
Вовлечённость
200,2%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 24
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
1/48двое суток
1/72трое суток

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • 30 нояб.3 274422

    #ASOOSAMA_GABAABAA ‎ ‎ #MIIRA_MIIDHAME ‎ ‎ #Kutaa_3ffaa ‎ ‎ Barr. Jaali Abata ‎ ‎Ayii anaa maal irraa akkan eegalu wal laaleen peennaa koo qabadheen Afaan kiyya ittiin rurukutaan qooxii manaa ilaaleen yaadaan dhidhime...... Achii asis deebi'een imaltuu yaadaa jedheen mata duree godhadhee katabuu itti fufe.... ‎ ‎ ‎Imalli yaada koo tokko jedhee eegalee..... Maal jedhee akkan eegalu hin beeku. Guyyoonni hunduu guyyoota duukkanaa natti ta'an si dagachuus si abdachuufis hamileen koo na du'an. Gaarummaa kee yaadee osoon hin turin jechoonni keetiif gochoonni kee warreen faallaa jaalala keenya ta'aan sun fuula koo dura toora galanii dhufan.... ‎ ‎Yaanni koo murtii kennuuf eenyuun akka yakkamaa gootu yaadde dhiphina yaadaan gidirfamti. Sitti murteessuuf si jaallata dhiisuuf gochoonni kee dedebi'anii gara kiyya dhufuun ragaa sirratti bahu. har'as waa'ee keef murtii tokkorra osoon hin ga'in hafee jedheen miira aariin peenna kiyya darbachuu qofan yaadadha..... Ammayyu garuu imalli yaadaa hin xumuramne.... ‎ ‎Adduunyaa jaalala keessatti dhugaan akka uraa #lilmoo dhiphatti. Sobni fi gochoonni fokkataan garuu dagaagani mullatu. Miira kee nama baayyee jaallattu cina teesse hogganuun baayyee akka ulfaatu ati inni dubbisaa jirtu kun beekta. Garuu dhugaan jiru miira yeroo sanaa hogganuu yoo dandeesse jireenya kee keessatti waanti to'anoo keen ala bahu hin jiru. ‎ ‎Firiin koo har'a na gidirsitus bor guyyaan tokko akka jiru abdiin qaba. Ani Beekan Kumaalaa haga yoomitti jaalala isheen akkan gidirfamu hin beeku. Garbummaa jaalala jalattin kufe... Yoom akkan injifadhu hin beeku. Ufff Firii, Firii koo maalo na dhagahi? jedhee osoo Afaani hin fixin... itti fufa.... ‎ ‎

  • без подписи

  • 29 нояб.2 637104

    #ASOOSAMA_GABAABAA ‎ ‎ #MIIRA_MIIDHAME ‎ ‎ #Kutaa_2ffaa ‎Barr. Jaali Abata ‎ ‎ ‎ ‎Guyyaa miti kan abaarame;- ana kan abaarame jedheen yaada koo keessa deebi'a. Uffffffff Jedheen imala yaada koo keessa bahee turetti deebi'ee dhidhime... ‎ ‎Jechoonni gara sammuu kootti toora galanii akka ya'aa bishaani natti lola'aanis Ani garuu baase waraqaa irratti katabuuf ammayyu tole hin jenne. Sababni isaa miirri koo isheef yaadota lama gidduu jiru. ‎ ‎Inni tokko Maal siif gooti ati ofii jaallatte faana ishee buute dhiphina yaadaan gidirfamta. Isheen yaada kee kanas waan tole jette siif fudhatte miti? maalumaf ishee faana qoramta? kan jedhee na gaafatu sammuu kooti, kan gaafatamus sammuuma kooti. ‎ ‎Inni lammaffaa immoo Lakki, lakki kun doggoggora malee isheen baayyee si jaallatti garuu baaste dubbachuuf waan sodaa keessa isheeti qabduuf siif himuu dhiiste malee akka si jaallattu fuula ishee irraa beekama. Sanuu ijaan hatte, hattee si ilaaluun ishees sanuma mullisa naan jedha. ‎ ‎Yaadota armaan olii Kun sammuu koo keessa asiif achi fiiguun jechoota tooraan gara sammuu kootti yaa'uu sana bittinsuuf yaalu.. Ayii anaa.... Itti fufa... ‎

  • без подписи

  • #ASOOSAMA_GABAABAA #MIIRA_MIIDHAME Barr. Jaali Abata Sagaleen muuziqaa ani dhageeffadhu gurra kooti akka damma minya'uu. Qophummaa koos na dagachiisani miiraa yaadaan na gulufsiisu. Farda yaadaan imaleen guyyoottan dabarsaa turre yaadadha. Tuujjuba yaadadhan dhugameen egeree koo dagadha. ‎ ‎Jireenyaaf abdii kutadheen seen-duubee koo abaara. Sagalee koo ol-kaase iyyuuf afaan koo dubbiin luugameera ... maalif akkan uumame guutummatti dagadheen uumaa ofirratti abaara. ‎ ‎Miira gaabbin sammuu koo haleelaan jira. Guyyoonni koo hunduu maalif akka abaaraman beeku baadhus. Abaarsan waan guutaman fakkatu. Tarii guyyaas osoo hin taane anuma laata abaaramaan jedheen yaada. Abaarama fi cubbamma tahuu koo yeroon yaadadhu guyyootan abaara ture silaa deebi'een dhiifama gaafadha. Guyyaa miti kan abaarame;- ana kan abaarame jedheen yaada koo keessa deebi'a. Uffffffff jedhee. .. itti fufa...

  • Coming soon 🥰 react

  • Amaloota Yeroo Durbi Tokko Dhiira Jaallattu Agarsiiftu ------------------ 1. Yeroo Haasoftu, Kolfitu, Taphattuu Fi Teessu Ija Hattee Hattee Si Ilaalti Taanaan 2. Si Fuulduratti Dhiiraa Wajjin Taphachuu Fi Hasa'uu Baayyifti Taanaan 3. Yeroo Hiriyoota Ishee Waliin Teessu Waa'ee Kee Hammaa Hamma Haasofti Taanaan 4. Lafa Ati Jirtutti Dhiyoo Taahuu Jaallatti Taanaan. 5. Gaafa Sitti Haasoftu Harkishee Fi Qaamni Ishee Ni Hollata Yoo Tahee. 6. Gaafa Si Bira Dabartu Yookin Deemtu Deemsa Jijjiirti Yookan Deemsatu Harkaa Bada Taanaan 7. Yeroo Ati Shamarree Biroo Waliin Haasoftu Ni aarti Taanaan ------------------ Kana Caalaa Maal Eegdare Intalli Si Jaallatteetti Obbole.😋

  • #Ana = akkam bareeddu koo? #Ishee=Ng ##Ana = hiriyaa dhiira qabdayi? #Ishee=eeyyeen #Ana= silaa hiriyaan si godhadha. #Ishee= ano qaba cidha torbe dhufu geggeffana #Ana=tolee konkolaata kootinin isin ajjaba #Ishee= in amanuu konkolaata qabdamo #Ana= eeyyee konkolaatas manas qaba. #Ishee=ano qaldiifan siin jedhe malee hiriyaa hin qabum lubbu koo #Ana=anis qaldiifan jedhe malee konkolaatas manas hin qabu lubbu koo😁 nama hin se'iina nama miti jarattiin😁

  • #KUTAA CIISICHAA SEENAN! ▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰ ▣Abbaa manaa fi haadha manaatu yaada tokkorratti wal lolu. Ergasii utuu dhiifama waliif hin godhiin kutaa ciisichaa seenu. Lamaan isaaniyyuu eenyu dursee akka dhiifama gaafatu wal eegan. ▣ Borumtaa abbaan manaa lafa hojiitti Wal gahii qaba ture. duraan haadha manaatu 'yeroon sitti gahee ka'i' jedhee hirriiibaa dammaksa. Amma garuu Wal mufatan. ▣Kanaaf abbaan manaa 'boru Wal gahiin qabaa saa'atii 11: 00 tti na kaasi'' jechuu barbaade. Garuu dursee itti dubbachuu hin barbaadne. Kanaaf waraqaa irratti boru wal gahiin qabaati saatii 11: 00 tti na kaasi'' jedhee barreessee siree irra kallatti isheen ciistuun kaa'e. ▣Ganama abbaan manaa hirriiibaa yoo ka'u saa'atiin 3:00 ta'eera. Innis baay'ee aaree, of cina yoo ilaalu waraqaa arge. Yoo dubbisuu "saatii 11: 00 ta'eera ka'i'' jedha. Innis "osoo galgala itti dubbadhe ta'e" maal qaba?'' jedhee gaabbiin of waxalee. ▣ Kana gidduutti waahilli ( hiriyaan waajjira tokko keessa wajjin hojjetan) bilbila haadha manaa isaa irratti bilbilee " Tolaan jedhama, bilbilli abbaa manaakee hin hojjetu, har'a wal gahii irraa maaliif hafe? xumura wal gahichaa irratti durgoo fi carraa torbee tokkoof biyya faransaay deemanii maatii waliin bashannanuu akka qabu amma nutti himani, carraan sii fi abbaa manaa kee darbuun hin qabu turee" jedheen . ▣Ishiiniis baay'ee aartee, "osoon dursee itti dubbadheera ta'ee carraan kun nun darbu ture" jettee gaabbiin quba of nyaachuutti kaate. ◈Asirratti waantti hubatamu ▱▱▱▱▱▱▱▱▱▱▱ Bara jiraattu keessatti 'DHIIFAMAAF' garaa bal'aa qabaachuun gaabbii hin darbine hambisa. Boqonnaa sammuu namaaf kenna. Kanaaf har'uma, nama itti gadditeef dursii dhiifama godhiif. Maaltu beeka sababa jibba kanaa eebbi siduraa qabame jira ta'a. Galatoomaa!! ✍️Bar.@kenbo_dagafu

  • Qajeelfama jireenya mataa kee qabaadhu! Ta'uu baannan... Namoota sitti fayyadamaniif garba taatee hafta!

  • Isheenis itti seeqatte. Biyya isaa gaafatte. Innis biyyaa isaafi waan keessa jirus itti hime. Biyya Chaaynaatti barachaa akka tureefi ari’amuun biyyatti galuu, erga biyya gales daandiirra jiraachaa kan jiru ta’uu gurra buuse. Intalattiin garmalee gaddite. Fuutee manattiin galte. Osoo akkasiin jiranuu jaalala eegalan. Rakkoo heddus waliin siphatan. Osoo kun kanaan jiruu ijoollee naannoo isaa jiran, barattoota kutaa 8ffaa walitti qabee bilisumaan barnoota Fiiziksii qo’achiisuu eegale. Ijoolleen garmalee jaalatte. Dandeettiin isaa garmalee isaan raaje. Akka carraa barsiisaan Fiiziksii mana barumsa ijoollee sanaa hojii gadi dhiisee barattoonni barnooticha malee taa’aa turan. Achumaan mucaan jabaan akkasii nijira jedhanii hooggantoota mana barumsichaatti himan. Manni barumsichaas bilbileefi waame. Garuu, Daani’eel barnoota Fiiziksii danda’a malee ogummaa barsiisummaatiin leenji’ee dokmantii hinqabu. Kanaaf, yoo isaan ragaa barnootaa gaafatan dhiyeeffachuu hindandeenye. Gara manaatti deebi’e. Manni barumsichaa guyyaa borumtaa bilbilaniifii hanga barsiisaan Fiiziksii qacaramuufii barattoota fuuldura dhaabbatee akka too’atu itti himan. Kanaanis, guyyaatti qarshii shantama akka kafalaniif himaniif. Baay’ee gammade. Tole jedhees hojii eegale. Akka ijoolleen hinjeeqne too’achuu malee kitaabarraa barsiisuun waan isaaf hin eeyyaminiif gaafa guyyaa jalqabaa ‘Boqonnaa O’ jedhee gabatee gurracharratti barreessee maalummaa barnoota Fiiziksiifi xiyyeeffannoo barnootichaa barattootaaf ibse. Guyyaa sana akka ajaa’ibaatti barsiise. Barattoonni hundi irraa gammadan. Ittuma fufee barsiisuu eegale. Hooggantoonni mana barumsichaas odeeffannoo kana nidhagahan. Dandeettii isaatiin hedduu raajaman. Mindaa isaas dabalaniifi kuma sadiif dhibba shanirraa kuma sagal galchaniif. Isa dura kutaa 8ffaa seenu hanga kutaa 12ffaas seenee akka barsiisu taasifame. Haala kanaan mana barnootichaa keessatti barsiisaa adda duree ta’e. Ajab! Takka turee yaadni tokko dhufeef. Mana barnootichaa gadi dhiisuun kophaatti mana barumsa dhuunfaa isaa kan barattoota keessatti qo’achiisu hundeessuu. Achumaan mana barumsaa barattoonni bkeessatti qo’atan kan maqaan isaa Sed of My School jedhamu hundeessuun hojii eegale. Bara 2016 barattoota 45 inni qo’achiise keessaa 42 qabxii guddaa fiduun Yuunivarsiitii Finfinneefi Adaamaa seeneen. Barattoonni 3 immoo qabxii ‘remedial’ argachuun irra deebiin qoramanii amma Yuunivarsiitii keessatti barachaa jiru. Nama kanatu gidduu kana viidiyoon isaa kan yeroo inni waa’ee #enersia barsiisuu #tiktok irratti gadi dhiifame mul’achuun ijoo miidiyaa hawaasaa ta’ee, namni gariin barsiisaa Fiiziksii isaa kan duraanii akka abaaru, gariin immoo osoo guyyuma tokkos taatu barsiisaa kanaan baradhee, kanneen hafanis irraa deebiin Fiiziksii nama kanarraa barannuu laata akka jedhan isaan taasise! Seenaa nama kanaa irraa barnoota kumaatamtu baratama. Isin maal fa’atu irraa baratama jettu? ✍️ @kenbo dagafu

  • #Physics Barachuun Amma ture maal godhu🫣❤️ Dargaggeesi yeroo sadi yuunivarsiitiirraa ari’amee daandiirra jiraachaa ture, seenaa hojjate. Daani’eel Shaambal jedhama. Magaalaa Dirre Dhawaa, Ganda Qoreetti dhalate. Yeroo barnoota sad.1ffaa barachaa turetti barataa dhibaa’aa, qabxii gadi aanaa galmeessu (poor performance) ture. Akka carraa ta’ee yeroo ‘ministirii’ fudhatan mucaa cimaa tokko bira taa’ee qabxii 96 fide. Abbaan isaa immoo mana barumsichaatti wardiyyaadha. Isatu dursee qabxii mucaa isaa sana arge. Hedduu itti gammade. Maatiin isaas sireerraa bu’aniifi ofii lafa bulaa, isa immoo sireerraa bulchuu eegalan. Ulfina uffachiisan. Miseensonni maatii hundi mataarratti baatan. Mucichis achirraa eegalee ilaalcha barnootaaf qabu jijjiirate. Yeroo kutaa 9ffaa seenu qo’annaa isaatti gadi jedhe. Haaluma kanaan, barattoota waliin baratan keessaa sad. 3ffaa bahuun tarree barattoota ciccimoo hiriire. Qorumsa kutaa 12ffaa immoo qabxii 515 fidee Yuunivarsiitii Finfinnee seene. Osoo gara Finfinnee hindhufin dura, Daani’eel maatii irraa fagaatee hinbeeku. Mucaa manaati. Amantii isaattis cimaa ture. Kanarraa kan ka’e, mucaa maatiifi ollaan abdii guddaa irraa qaban ture. Ta’us, Daani’eel erga Yuunivarsiitii Finfinnee seeneen booda addunyaa biraa keessa gale. Garba araadawwan adda addaa keessa seenee. Barataa ta’uu isaa irraanfatee jimaa qama’uu, sigaaraa aarsuu, akkasumas shiishaa harkisuu hojii idilee isaa godhate. Kanarraa kan ka’e, waan qabxii gadi aanaa galmeesseef waggaa 2ffaa semisteera 1ffaa irratti yuunivarsiiticharraa ari’ame. Giddumatti immoo biyyi Hindii beeksisa carraa barnoota biyya alaa (scholarship) baaste. Innis beeksisicha argee dorgome. Garuu, afgaaffii osoo hinqoramin waan jala darbeef milkaa’uu hindandeenye. Gara maatii galees, “Biyyi Hindii carraa barnootaa baastee turte. Anis barnoota koo isa Yuunivarsiitii Finfinnee ‘withdrawal’ guutee isa sana immoo dorgomaa ture. Garuu, loogiin na hanbisan. Kanaaf, bara dhufu irra deebiin barachuun dirqama natti ta’a” jedheen. Yeroo kana maatiin isaa hedduu gaddan. Gaddanis hindhiisne. Waan qaban gurguranii carraa barnootaa biyya Chaaynaatti argate tokko akka baratuuf ala ergan. Daani’eel asii fulla’ee Chaaynaan bahe. Achittis barnoota cinamatti dhiisee akkuma baratame garba araadota adda addaa daakuu itti fufe. Gara biraatiin immoo, appilikeeshinii ‘Wuchat’ jedhamurratti hojii daldalaa eegaluun galii maddisiifachuu eegale. Takka turees ‘doormii’ yuunivarsiitichaa keessaa bahuun kophaa mana kireeffatee jireenya qananii jiraachuu eegale. Sababa barnootatti xiyyeeffachuu dhabeef ammas yeroo 2ffaaf yuunivarsiitii biyya Chaaynaa irraa ari’ame. Sana booda, guyyaa tokko osoo ashiishii dhugu qabame achuma Chaaynaatti guyyoota kudhan erga hidhameen booda gara biyyaatti galfame (deported). Ammas yeroo 2ffaaf biyyuma Chaaynaa Magaalaa biratti barachuuf apply godhe. Milkaa’uunis garas imale. Yeroo kana, araada wanta jedhamu tokkos keessa galuu akka hinqabne waadaa ofiif gale. Ta’us, guyyaa jalqaba doormii yuunivarsiitichaa seenee eegalee osomaa dhuguu waggaa tokkoof osoo daree hinseeniin hafe. Ajaa’iba! Ammas yeroo 3ffaaf yuunivarsiii irraa ari’amuun darsa isaa guurratee fuulan Itoophiyaa ilaale. Erga biyya gales maatii isaa dhokatee Finfinneetti daandiirra jiraachuu eegale. Takkaa turees, “Hiriyyoota kootu asitti na arguu mala” jedhee jireenya daandiirraa Finfinnee gara Bishooftuutti jijjiirate. Bishooftuutti dhaqnaanis jireenyi itti ulfaate. Guyyoota lamaaf agabuu oole. Nilaaffate. “Yoo du’es Finfinneetti du’uu naaf wayya” jechuun ijoollee buufata konkolaataa keessa hojjatan qarshii geejjibaa kadhatee baasiin imala isaa gara Finfinneetti taasise. Jireenyi isaa guyyaa kanarraa ka’ee jijjiirame. Baasii keessatti intala Bishooftuu deddeebitee Finfinneetti hojii miidhaginaa (decoration) hojjattu takka bira taa’e. Osomaa imalaa jiranuu sagalee guyyaa lama nyaatafi dhugaatii malee oolte, sagalee laaftuu takkaan “Biyyi teessan nibareeddi!” jedheen.

  • #Copha_Jaalalaa #Ribqaaf_Abdiisaa #Kutaa_Xumuraa!! #Barr. Jaali Abata Kutaa isin darban profile koo Jalaa argattuu! #Dubbisa_Gaarii!! Guyyaa tokko taateen addaa tokko anaaf Abdiisaa gidduutti Uumame! osooma teenye waliin taphannuu fuula isaa irraa miirri of dadhabuu natti muldhate! miirri isaa waan obsa Isa dhorke natti fakkata! Anis sukkumaan isaa Ajaa'iba na godheera! obsuu yaalus hin dandeenye Luka isaa boraafadheen ija isaa keessa ilalaan itti odeessa! afuurri koo na qabbana'aa dhufe. Abdii Koo sin jaalladha jedhee osoon Afaani hin xumurin hidhiin Kootiif hidhiin isaa wal sime. Lamaan keenya wal gangalchuutti kaane miirri kiyya ho'ee akka abidda saafaa laboobaa jira. Anis Abdiisaa koo ofitti qabee hammadheen dhungoon isa haleele. Dabaree dabareen hidhii wal xuuxutti kaane. Gorora keenya ishee akka dammaa minyooftu sanas daangaa malee Wal afeeruutti kaane. Harki Abdiisaa guntuuta kiyya sukkuumaa, asii gadi sokke. Anillee dhorkuuf hamilee hin arganne milkaa'i goota koo jedheen dhiise akkuma miiraan oofamaa jirruttin bir jedheen dammaqe. edaa jaalala dhugaan se'e Abjuutu na dhamaase! #XUMUREERA!! Barruu biraan haga walitti deebinutti turtii gaarii!!

  • без подписи

  • #COPHA_JAALALAA #Ribqaaf_Abdiisaa #Kutaa_3ffaa #Barr. Jaali Abata Kutaa isin darban profile koo Jalaa argattuu! #Dubbisa_Gaarii!! Abdii wa, waa sii haasofsiisuu barbaadeen turen jedheen sosodaachaa maal ture Ribqo naan jedhe Anis ija isaa keessa ilaaleen Afaani baafachuu sodaadhe kana gidduutti Abdiisaaf bilbilli bilbilame innis dhiifama yeroo tokkof jedhee bilbilaan haasa'u eegale. Nan gubadhe carraan har'a argadhe kunis na jalaa gubachuufi jedheen ofitti hasaase. Innis akkuma haasa'ee xumureen dhiifama #Ri maal na gaafachu barbaadde naan jedhe kokolfaa! Ana sodaan keessa koo na weerareera Arrabni kiyya akka nama macha'ee dubbii waan dadhabe fakkata irree isaa qabadheen ija isaa keessa ilaaleen dubbachuuf Arrabni na hidhamen callisema ilaale. #Ri koo maal taate si dhukkube moo? naan jedhe! anis mataa kiyya sochoosen lakkin jedhe. Maalire na gaafadhu kaa naan jedhe Anis deebiseen #Abdii koon jedhe. Innis yoo #Ri koo naan jedhe. Anis deebiseen sodaachatuman #Abdii koo si, si, sin jaalladhen jedheen innis anis sin jaalladha #Ri Koo naan jedhe. Fuula koo irraati battaluma miirri gammachuu mula'ate! anis ofitti qabeen hammadhe. Nan gammade deebii akkasii afaan Abdiisaa irraa nan dhaga'a jedhee hin yaanne. Amma aniif inni jaalallee waliif taane. Yeroo mara waliin haasofne, waliin bashannana! Abdiin anaaf qaroodha isa in argin oole, buluu hin fedhu! Guyyaa tokko. itti fufa. .......

  • без подписи

  • #COPHA_JAALALAA #Ribqaaf_Abdiisaa #Kutaa_2ffaa #Barr. Jaali Abata ( Add godhaa!) Jaalalli isaa Onnee koo irratti #Cophee keessa kiyya dhuunfate! Miirri koo hunduu isa miireffata. Abdiin kana osoo naaf hubatee jaalalan isaaf qabu kana osoo narra qoodate? jedheen hawwe! hiriyyoonni koo maal maal taate Ribqaan jedhanii gaaffiin walii isaani muddu. Qaamaan huqqadheen jira, huqqina koo irraa kan ka'e mucaan hiriyyaa koo #Badhaatuun #Ri koo maal taate? maaliif natti hin Imattu naan jette. Anis callisuu irra darbee dhibee koo himachuu hin dandeenye sababni isaa yoo bartes qorsa naaf ta'uu hin dandeessu. Dhibeen koo kun kan qorsa argatu yaalii Dr Abdiisaa qofa. Guyyaa tokko osoo inni kaaffeedha laaqana nyaachuuf deemaa jiruun arge. Anis laaqana nyaachuuf waanin deemaa jiruuf. Carraa kanatti fayyadameen isa waamuu barbaadeen #Badhaatuun Immoo maali in maraatte naan jetti jedheen sodaadhe. Abdiisaan mucaa callisaadha baay'ee hin odeessu Gaafa dubbatu dubbiin isaa qoosa of keessa qaba. Ogummaan dubbata. Kabaja namaas beeka Ilma safuun guddateedha! Anis Guyyaa tokko qophaatti argadheen Abdiisa Akkami? jedheen nagaa gaafadhe innis fuula ifaadhan Nagaa galata uumaa ofii akkam? naan jedhe. Anis deebiseefi Nagaa kiyyan jedhe. Amkamire barnooti naan jedhe. Gaariidha jedheen deebiseefi Abdii wa, waa sii haasofsiisuu barbaadeen turen jedheen sosodaachaa maal ture Ribqo naan jedhe Anis ija isaa keessa ilaaleen Afaani baafachuu sodaadhe kana gidduutti. itti fufa......

  • без подписи

  • Jechoota jaalala pinned «#COPHA_JAALALAA #Ribqaaf_Abdiisaa #Kutaa_1ffaa #Barr. Jaali Abata Guyyichi yoomu hin dagatamu hiikni jaalalaa maal akka fakkatu kanin itti bare guyyaa sanaadha! Iji isaa qorsa fakkata, bareedinni isaa saffisa…»

  • #COPHA_JAALALAA #Ribqaaf_Abdiisaa #Kutaa_1ffaa #Barr. Jaali Abata Guyyichi yoomu hin dagatamu hiikni jaalalaa maal akka fakkatu kanin itti bare guyyaa sanaadha! Iji isaa qorsa fakkata, bareedinni isaa saffisa ol-aanadhaan onnee kiyya booji'e! Jaalalaaf kanin bitame guyyaa sanaadha. Ani Maqaan koo Ribqaan jedhama kanin dhaladhe Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiidha! Abban kiyya Qabeenya bunaatin baay'ee beekamoodha! akkuma umuriin koo barnootaf ga'een mana barnoota na galchan! Anis Amma kunoo barnoota Koo sadarkaa 2ffaa xumuree ergan "University" Asoosaa seene waggaa lama ta'eera. Abdiisan kan dhalate magaala Gimbiiti. "University" Asoosaati barnoota "Accounting" waggaa sadaffaa barachaa Jira baruma kana eebbifama. Anis kanin isa arge osoo inni gara mana kitaaba deemaa jiruuti. Fuulli isaa ifaadha Callisaa namaati. Gubaan Jaalala isaa erga na waxalutti ka'e bubbuleera. baasee itti himuuf Akka aadaa kooti shamarri dhiira gaafatti osoo hin taane; gaafatamtee deebii kenniti! halkan irribi ija kooti hin dhufu sammuu Koo keessa kan jiru Abdiisaa qofa. Fedhiin nyaataf qabullee baay'ee gadi bu'e. Osoon yeroo mara Isa waliin oole filannoo koo isa angafaati. Onneen kiyya isaaf akkuma banametti jira. Ijaan hin argin yoon oole illee natti hin tolu. Akka inni gaaffii Jaalalaa naaf dhiyeessuf illee yaali hedduun taasise garuu naaf hin milkoofne. Jaalalli isaa Onnee koo irratti #Cophee keessa kiyya dhuunfate! Mee obboloota koo akkamiin #Abdiisaa Jaalallee kiyya taasifachu danda'aa??? kutaa 2ffaan itti fufa....