DHUGAA MACAAFAA ✝
Статистика“Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.” — 1Xim. 2:5
- Последний пост
- 10 авг.
- Последнее чтение
- 13 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 23
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- В каталоге с
- 13 авг.
- 1/24сутки в ленте
- 228
- 1/48двое суток
- 261
- 1/72трое суток
- 281
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
#UTUBAALEE_AMANTII_PIROTESTAANTII_SHANAN: ✔️ #Macaafa_Qulqulluu_Qofa. 📖 “Caaffanni qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.” — 2Xim. 3:16 ✔️ #Ayyaana_Waaqayyoo_Qofa. 📖 Efe. 2 ⁸ Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti; ⁹ hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin janyetti. ✔️ #Amantii_Qofa. “Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti.” Gal. 3:26 ✔️ #Kristos_Qofa. “Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" jedhe.” HoE. 4:12 ✔️ #Ulfina_Waaqayyootiif_Qofa. “Nuyi warri duraan dursinee Kristosin abdii godhanne, ulfina isaatiif galata akka taanuuf nu fo'ate.” Efe. 1:12 @dhugaadhaam
3. Mootichi,"Gaarummaa Waaqayyoo akkan itti argisiisuuf, maatii Saa'ol keessaa namni hafe tokko illee hin jiruu?" jedhee in gaafate; Ziibaan immoo mootichaaf deebisee,"Ilmi Yonaataan tokko jira; inni immoo miilli isaa lachuu naafa" jedhe. 4. Mootichi itti dabalees,"Inni amma eessa jira?" jedhee in gaafate; Ziibaan immoo,"Inni mandara Lodebaar mana Maakiir ilma Amii'el jira" jedhee deebiseef. 5. Daawit mootichi yommus Lodebaaritti nama ergee, mana Maakiir ilma Amii'elii isa in fichisiise. 6. Mefii-Bosheet ilmi Yonaataan Saa'ol gara Daawit dhufee, ulfina isaatiif hamma lafa ga'utti in qoomma'eef; Daawit,"Mefii-Bosheet!" jedhe; innis,"Ani garbichi kee kunoo, asan jira!" jedheen. 7. Daawit immoo,"Hin sodaatin! Ani abbaa kee Yonaataaniif jedhee gaarummaa sitti nan argisiisa; lafa Saa'ol akaakayyuu keetii hundumaa siif nan deebisa, yeroo hundumaas maaddii koo irraa in nyaatta" jedheen. 8. Mefii-Bosheet,"Ani eenyu iyyuu ti, gara ana garbicha kee isa akka saree du'aa ilaalta?" jedhee in qoomma'eef. 9. Mootichi yommus Ziibaa hojjetaa Saa'ol waamee,"Ani waanuma kan Saa'olii fi maatii isaatii ta'e hundumaa Mefii-Bosheet akaakayyuu gooftaa kee Saa'oliif kenneera. 10. Inni wanta ittiin jiraatu akka argatutti, ati, ilmaan kee, hojjetoonni kees midhaan isaaf qotaa, wanta lafti isaa baasus isaaf galchaa! Inni garuu ofii isaatii yeroo hundumaa maaddii koo irraa in nyaata" jedhe; Ziibaan ilmaan kudha shanii fi hojjetoota digdama qaba ture. 11. Ziibaan mootichaan,"Waanuma gooftaan koo mootichi ana garbicha isaa abboome hundumaa nan hojjedha" jedheen; Mefii-Bosheet immoo akkuma ilmaan mootii keessaa isa tokkotti maaddii Daawit mootichaa irraa in nyaate. 12. Mefii-Bosheet mucaa ilmaa "Miikaa? jedhamu tokko qaba ture; namoonni mana Ziibaa keessa jiraatan hundinuu Mefii-Bosheetiif in hojjetu turan. 13. Mefii-Bosheet inni miilli isaa lachuu naafa ture, sababii yeroo hundumaa maaddii mootichaa irraa nyaatuuf, Yerusaalem keessa in taa'e. 2 Saamuʼel 9:3-13 #maranaataa_Yesuus #dafii_koottu_gooftaa @dhugaadhaam
Macaafni qulqulluu of keessaa macaafota 66, boqonnaawwaa 1189 fi caqasoota 31,102 of keessaa kan qabu yoo ta'u, caqasoota kana lamatti qoodnee 15,551 kara duubaatti 15,551 gara fuulduratti yoo goone gidduutti kan nuti argannu maal jedha seetan? eessattis argama isinitti fakkaata? "Nama amanachuu irra Waaqayyotti kooluu galuu wayya." jedha innis macaafa Faarfannaa 118:8 irratti argama. maal jechuun barbaade seetan dhuguma namoota yoo amananne bu'aa muraasaa fi quubsaa hin taanetu argama. Meeqatu dubbatee kanan sii godha jedhee achittin si eega jedhee si waliinan jira jedhee ka'i jedhee erga deemsa jalqabsiisee bineensatti nama kennee deebi'a seetan? Qooda kanaa Waaqayyotti kooluu galuun jireenya isa ammaafis isa dhufuufis wabii qaba. Haaleluuyyaa #maranaataa_Yesuus #dafii_koottu_gooftaa @dhugaadhaam
" Dubbiidhaan yookiis gochaadhaan waanumti isin hojjettan hundinuu maqaa gooftaa Yesusiin haa ta'u; isumaanis Waaqayyo abbaadhaaf galata dhi'eessaa!" Qolosaayis 3: 17 #maranaataa_Yesuus #dafii_koottu_gooftaa @dhugaadhaam
Waaqayyo gaarii waan ta'eef, gaarummaan isaas bara baraan waan jiraatuuf, isaaf galata galchaa! Faarfannaa 118:1 (MACQUL) #maranaataa_Yesuus #Maranaataa @dhugaadhaam
Channel photo updated
без подписи
Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu. ” Yohannis 14:6
GARAAKEE KUTI - DAWIT GIRMA ✝️ @dhugaadhaam
Faarfannaa 134:2 (HAH) Mana qulqullummaa keessatti harka keessan ol qabaatii Waaqayyoon galateeffadhaa. #maranaataa_Yesuus #maranaataa @dhugaadhaam
" Waaqayyo tokkichi akka jiru ati in amanta mitii? Ba'eessa goote! Isa kana hafuuronni hamoonni iyyuu in amanu, in roqomus. " Yaaqoob 2: 19 #maranaataa_Yesuus @dhugaadhaam
Bara sana yoo manaa nu dhaban waldaatii nu barbaadu Bara sana guyyaa Sanbataaf dilbataa bishaan caalaatti dheebonna Bara sana Qo'annaa macaafa qulqulluu akka dorgommiitti yaadnee wal morkanna Bara sana cubbuun cubbuudha Bara sana Maatiifi hangafni nuuf Gooftaa lammataati Bara sana yoo kadhanne malee hin nyaannu, manaas hin baanu Bara sana tajiijilli ji'a jennee tsoomaaf sagada akkasumas kadhata dhoksaa geggeeffanna Bara sana ji'i 13ffaa (phaagumeen) ji'a tsoomaaf sagadaati Bara sana dhuga ba'umsi dirqama keenya Bara sana Kabalamnee, arrabsamnee dhiifama gaafanna Bara sana yoo waldaa nu dhorkan boonyee maraanna ... Bara kana Yoo manaa nu dhaban mana bunaatii nu barbaadu Bara kana Sanbataaf dilbata Waaqeffannaaf utuu hin taane boqonnaaf(bashannanaaf) dheebonna Bara kana macaafa Qulqulluu qo'achuuf utuu hin taane, suuraafi viidiyoon likefi followers argachuuf wal dorgomna Bara kana Cubbuu hojjechuu dhiisuutu cubbuudha Bara kana of danda'oodha, eenyuuniyyuu hin dhageenyu Bara kana Dilbata diingata yoo waldaa deemne kadhanna Bara kana tajaajilumayyuu qabaachuu keenya, yeroo sagantaan gahu yaadanna Bara kana ji'i 13ffaa (phaagumeen) ji'a trip fi bashannanaati Bara kana Sagaleen warra dhugaa ba'aniiyyuu nu jeeqa Bara kana Kaballee, arrabsinee dhiifama eegna Bara kana kadhataniiyyuu waldaa badaa hin deemnu Waaqayyo hunda keenya haa deebifatu🙏 Keessumaammoo ana. Warri akkuma duraa sanatti jabaattanii jirtan itti hin qabamiinaa. Akka hin kufnetti jabaadhaas dhaabbadhaa. ✍️ Chala Margaa #maranaataa_Yesuus #maranaataa_Yesuus @dhugaadhaam
" Namni, nama amantii qabu of se'ee, arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba malee, amantiin isaa waa'ee hin baasuuf. " Yaaqoob 1: 26 #maranaataa_Yesuus #dafii_koottu_gooftaa @dhugaadhaam
Waaqayyo duwwaatu hin du'u, inni ifa homtinuu itti dhi'aachuu hin dandeenye keessa in jiraata; namni takkaa isa hin argine, isa arguus hin danda'u. Isaaf ulfinnii fi aangoon bara baraa baa ta'u! Ameen. 1 Ximotewos 6 15 Waaqayyo inni eebbifamaan, kophaa isaa waan hundumaa gararraa jiru, warra mootota ta'an irratti inni mootii ta'e, warra gooftota ta'an iratti inni gooftaa ta'e, yeroo isaaf ta'utti Kristos mul'inatti dhufuu isaa in argisiisa. 16 Waaqayyo duwwaatu hin du'u, inni ifa homtinuu itti dhi'aachuu hin dandeenye keessa in jiraata; namni takkaa isa hin argine, isa arguus hin danda'u. Isaaf ulfinnii fi aangoon bara baraa baa ta'u! Ameen. 17 Warri amma biyya lafaa kanatti sooressota ta'an waan guddaa akka of hin seene, abdii isaaniis sooruma isa hin amansiifne irra akka hin kaa'anne isaan hubachiisi! Abdii isaanii Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay'isee nuuf kennu irra haa kaa'atan! 18 Wanta gaarii ta'e haa hojjetan, soorumni isaanii hojii gaarii isa isaan hojjetan haa ta'u! Haa arjooman, isa qaban warra kaaniinis haa ga'an! 19 Kanaan badhaadhummaa walitti qabatanii jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuudhaaf bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii in kaa'atu. #maranaataa_Yesuus #dafii_koottu_gooftaa #maranaataa @dhugaadhaam
Faarfannaa 5:1-7 (HAH) Yaa Waaqayyo, gurra kee dubbii kootti qabi; aaduu koo illee naa hubadhu. Yaa mootii koo fi Waaqa ko, iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu; ani sin kadhadhaatii. Yaa Waaqayyo, ganamaan sagalee koo ni dhageessa; anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa; abdiidhaanis nan eeggadha. Ati Waaqa hamminatti gammadu miti; hamaanis si wajjin hin jiraatu. Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan. Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita; Ati warra soba dubbatan ni balleessita. Waaqayyo warra dhiiga dheebotanii fi warra nama gowwoomsan ni xireeffata. Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala; si sodaachuudhaanis gad jedhee gara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada. #maranaataa_Yesuus #dafii_koottu_gooftaa @dhugaadhaam
Luba Amanamaa : Eyasu Bayisa || New 2025 ✝️ #maranaataa_Yesuus @dhugaadhaam
Yihudoota Ajjeessaa; Kiristaanota Jibbaa... =============================== Juman Al Qawasmin jedhama. Lammii Filisxeemidha. Abbaan koo hundeessaa garee Hamaasi. Waggaa 13f hogganaa Hamasas tokkottan heerume. Hundeen koo amantii islaamummaadha. Quraanni keenya "Yihudoota hunda ajjeessaa; Kiristaanota abaaraa " waan jedhuuf jibbaa daangaa hin qabneen guddanne. Waanti nama ajaa'ibu immoo "Yesus deebi'ee yoo dhufu gara keenya goree Israa'elota lola. Muktii fi dhagaan illee afaan saaqqatee musliima tokkoon 'Ela! Yihudiin tokko si duuba jira. Garagalii dhayii ajjeesi " Ilaalcha jedhurrattii bu'ureeffamne. Nama gaddisiisa.😥 Guyyaan inuman sagada. Seera amantii sirrittan eega. Ta'us islamummaan nagaa naa kennuu hin dandeenye. Waantin ani argu jawwee fi bofa qofa. Sodaa fi dhiphinatu jireenya kiyya haguuge. Gonkumaa boqonnaan ani barbaadu na dhoowwate. Allaa irra deddeebi'ee kadhadhus deebii hin arganne. Egaa rakkoon guddaan amantii kana duuba akka jirun hubadhe. Akkasitti jiraachuun du'a waan ta'eef murtoo tokkon murteesse. "Waaqayyo inni jiraataa fi dhugaan yoo jiraatte anatti of mul'isin" jedheen kadhadhe. Keessi namummaa koo inni gad fagoon Waaqayyoo akka jiru sirriitti natti hima. Bara 2014 rayyaan Ittisa Israa'el gamoo ollaa keenya haleele. Naasuu irraan kan ka'e battaluma sana waanan du'un of se'e. Halkan sana kadhannaa guddaan godhe. "Maaloo Waaqayyoo inni dhugaan naaf mul'adhu" jedheen dhimmee kadhadhe. Rafeen abjuu kiyyaan ifa akka addeessa daran mana keenya keessatti ifun arge. Ificha keessaan gooftaan Yesusis yeroo inni gara kootti adeemuun arge. Ifti isarraa balaqqeessa'u guutummaa mana keenyaa ibse. Innis afaan arabaatiin "Ani Yesusidha. Ati intala koo waan taateef hin sodaatiin"naan jedhe. Hirriba yoon dammaqu ifti ulfina qabeessi sun manan keessa jiru sana uwwiseen arge. Yeroo jalqabaaf gammachuu guddaan keessa kootti dhaga'ame. Nagaan keessa koo boqote. Waaqa ana jaalatu arge jedheen baay'ee biriqqise. Ganama hirribaa ka'een waa'ee Yesus internet irraa dubbisuu jalqabe. Achiin kiristaana biyya Gibxii tokko argadhee wajjiin dudubbanne. Dubartiii sun akkan macaafa qulqulluu dubbisuu qabuu fi barnoota amantii barachuu akkan qabu natti himte. Musliimonni hedduun abjuun gooftaa arganii akka amanaa jiraniis naaf eerte. Na jajjabeessites. Anis akkasittan fayyee gara ifa bara baraa isa ta'e Yesus Kiristoositti amane. Dhaamsi koo ummatata musliimaaf waan tokko. Waaqayyoo baay'ee isin jaalata. Sammuu keessanitti fayyadamaa gaaffii gaafadha. Islamummaan akka ati waa gaafattu hin barbaadu. Waan jedhame qofa akka ati fudhattu si dirqisiisa. Isin garuu gaafadhaa. Kan dhugaa, fayyina, jireenyaa fi nagaa barbaaduuf islamummaan deebii hin qabdu. Fayyinni Yesus Kiristoos qofaan malee hin jiru. Isatti amanaatii fayyina bara baraa argadhaan erga jaalala guddaan ani isiniif dhaamudha. Dhuga ba'umsichi kan Juman Al Qawsumiiti. Source: CBN News Duresa Guluma tu hiikee barreesse. #maranaataa_Yesuus #maranaataa @dhugaadhaam
Waaqayyo tiksee kooti! Faarfannaa 23 ------------ 1 Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu! 2 Inni marga lalisaa keessa akkan boqodhu in godha, gara laga itti aara galfataniittis na geessa; 3 inni lubbuu anatti in deebisa, maqaa isaatiif jedhee daandii qajeelaa irra na geggeessa. 4 Ani bowwaa dukkanaa'aa sodaachisaa keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabbanni kee ana in jajjabeessu. #dafii_koottu_gooftaa #maranaataa_Yesuus #maranaataa @dhugaadhaam
Ani siif amanamee akkan deddeebi'utti, yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi, maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi! Faarfannaa 86 ------------ 8 Waaqayyolii keessa kan akka kee tokko illee hin jiru, yaa gooftaa! Waan hojjetame keessaas kan akka hojii kee hin jiru. 9 Sabni ati uumte hundinuu in dhufu, fuula kee durattis in gombifamu, yaa gooftaa! Maqaa keetiifis ulfina in kennu. 10 Ati guddaa dha, hojiin kees dinqisiisaa dha, si'uma duwwaatu Waaqayyo! 11 Ani siif amanamee akkan deddeebi'utti, yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi, maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi! 12 Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha, bara baraanis maqaa keetiif ulfina nan kenna. 13 Gaarummaan ati ana argisiifte guddaa dha, ati lubbuu koo boolla lafa jalaa isa gad fagoo keessaa baafteetta. 14 Yaa Waaqayyo, warri gad-dhiisatti jiraatan ana irratti ka'an, gareen warra nama sodaachisaniis jireenya koo balleessuu in barbaadu; isaan kun of dura si hin buufanne. 15 Ati garuu yaa gooftaa, Waaqayyo oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa; aariitti suuta jetta, gaarummaan kee fi amanamummaan kee immoo guddaa dha. #maranaataa_Yesuus #dafii_koottu_gooftaa #maranaataa @dhugaadhaam
Otoo Waaqa amanattee jirtuu balaan sin argatu. Elaa dubbiin sagalee gooftaa akkas jedha. Faarfannaa 91 11 Karaa ati adeemtu hundumaatti, akka si eeganiif ergamoota isaa siif in abbooma; 12 miilli kee dhagaatti akka hin buuneef, isaan harka irratti si baatu. 13 Ati leencaa fi mar'ataa irra in ejjetta, leenca saafelaa fi jawwee in dhidhiitta. 14 Waaqayyo immoo, "Sababii inni na jaallatee anatti maxxanuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuufis, eegumsaan ol isa nan qaba. 15 Inni ana in waammata, anis deebii nan kennaaf, yeroo rakkinaatti isaa wajjin nan jiraadha, achi keessaa isa nan baasa, ulfina akka inni argatus nan godha. 16 Bara dheeraadhaan isa nan quufsa, akka ani fayyisus isa nan argisiisa" in jedha. #maranaataa_Yesuus #maranaataa #dafii_koottu_gooftaa @dhugaadhaam