Oduu durii
Статистика- Последний пост
- 18 апр.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- und
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Hantuuta sodaattuu. Hantuuta adurree bayyee sodaattuu tokkotu ture. Sodaa adurree irraa kan ka'e fala barbaadachuuf gara ogeessa tokkoo deemtee "adaraa maalo adurree sodaachuko irraa kana ka'ee jiraachu hin dandeenye gara adurrettii na jijjiiraa"jetteen. Ogeesichis tole jedhee gara adurrettii ishee jijjiire haa ta'u malee yeroo biraa Yeyyii argitee sodaan isheen innii durii ittii deebi'e. Ammas gara ogeesichaa deemu "Adaraa yeyyiin waan na sodaachiseef gara yeyyiittii na jijjiira jettee. Ogeesichi tole jedhe gara yeyyiittii jijjiireen. Gara yeyyumattii jijjiiramtee gammaddee utuu jiraattuu ammas guyyaa kan biraa Qeerransa aritee bayyee sodaattee hurgufamuu eegalte. Ammas gara ogeesicha deemun maaluma naa wayyaa amammoo qeerransa argeen bayyee sodaadhe gara qerrensaattii na jijjiira jetteen. Ogeesichis tole jedhen haa ta'u malee ogeesichii ammaa garuu gara Qeerransattii utuu hin taane gara Hantuutattii deebiseeni. Hantuutittiinis yemmuu kana argitu bayyee naate aarin guutamtee "maalif gara hantuutummattii na deebistani maalin balleessee?" jettee gaafattee. Ogeesichis "Ani wanta ati na kadhattee siif raawwadheera,gara wanta barbaaddettiis si jijjiireera haa ta'u malee bocnikee yoo jijjiiramullee lapheenke amallee lapheedhuma hantuutati" jedheen jedham. Hubadhu:- Jijjiiramni innii sirriin kessaan eegala malee bakkee irraan mitii addunyaa kanaaf namoonnii bu'aa gurguddaa buusan namoota ilaalchi isaani jijjiirame malee namoota bocni qaama isaani jijjiirame mitii. #Oduudurii
Guyyaa tokkoo namicha falaasama hordofuu fi nama qaroo dhabeessaa tokkotu waa'ee macaafa qulqulluu irrattii waliin mormu turan. Namichi innii falaasama hordofu macaafi qulqulluun oduu durii sooressonnii hiyyesota hacuucuf fi gadi aantummaa akka ittii dhaga'amu gochuuf barresanidha malee Waaqayyoo wanti jedhamu hin jiru jedhe. Namichi innii qaroo dhabeessii garuu akkana jechuun hiriyaa isaaf gaaffii dhiheessee. "Tole akkas taanan wantoota naannookeettii ilaaltu kana hunda maaltu uume?" "Yeroo mataa isaanittii ofiin uumaman" "Tole ammaa aduun ifaa ishee laacha jirtii?" "Eeye bareechite ifashee laacha jirti" "Lakkiibboo aduun ifa ishee laacha hin jirtu!" Namichi falaasama hordofu bayyee aarun "Akkamiin utuu ijaan hin argin aduun ifa ishee laacha hin jirtu jettaa?" jedhee gaafate Qaro dhabeesichis "Ati utuu Waaqayyoon hin argin akkamiin waaqayyoo hin jiru jetta jedhee deebiseef jedhama. #Oduudurii
Bara jireenya jiraattuu kessattii gammachuu dhugaa argachuu barbaaddaa yoo ta'e waa namaa hiixachuu shaakali. Formulan gammachuu dhugaa ittiin argatan kennuu × kennuudha. Eebbifamaa. #Oduudurii
Channel photo removed
Namoonnii Magaala naqamtee jirtan group kana join gochuun meesha barbaaddan mana keessan teesanii ajajachuun iddoo jirtanittii isin dhufaa kanaafu join gochuun ittii gargaaramaa. @sicceonlinework
DARGAGEESSAA FI GORSA JAARSA TOKKOO! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Dargaggeessa tokkotu ture. Fuudhee akkuma waliin jireenya eegalaniin, jireenyi baay'ee itti ulfaate. Kanaaf sababni, duwwummaa golasaanii ture. Furmaata barbaaduuf mana gadhiisee deemuun dirqama itti ta'e. Manaa fi haadha warraasaa gatee, bakka biraa deemee hojii humnaa hojjetee waa qabatee dhufuuf deeme. Waggaan tokko yeroo dhumu galuuf jedhe, garuu homaayyuu walitti qabatee hinjiru. Galmasaa bara itti aanutti qabate. Bara sanas hinmilkoofne. "Har'a...bor...waggaa har'aa...bara dhufu...." osoo jedhuu waggaa 15 mana irraa fagaatee ture. Maallaqni inni walitti qabatee jiru qarshiii 3000 qofaadha. Amma galuun hin oolumaaf, kanuma qabatee galuuf qajeele. Namoota muraasa ta'anii osoo daandii dheeraa deemaa jiranii, jaarsa tokkotti dhufani. Haasawaa keessa, dargageessichi haala keessa ture itti haasahuu hindhiifne. Kanaan wal qabsiisee jaarsichi waan tokko jedheenii. "Qarshii qabattee jirtu kana naaf kenni, animmoo gorsan si gorsa. Gorsi ani si gorsu kun, furtuu jireenyakee ta'a" jedheen. Akka godhu dhabe. Kan qabuu kanuma, kanuma kennuuf jira. Kennes! Jaarsis, qarshii 3000 kanaan gorsa sadii kenneef. "1. Dhiyoo jettee karaa qaxxaamuraa hin deemiin! 2. Waan si hin ilaallanne keessa hin seeniin! 3. Ariifattee murtoo hin kenniin!" kan jedhu ture. Dargageessichi gorsa isaa fudhatee harka duwwaa isaa yommuu qajeelu, warreen kaan gorsicha tuffachuun itti qoosaa turani. Akkanumaan osoo deemanii, bakka wayii gahani. Karaa bosona tokko keessa nama baasu deemuuf yeroo qajeelan, dargageessichi gorsa jaarsaa yaadatee deebi'e. "Dhiyoo jettee karaa qaxxaamuraa hin deemiin!" jedheera jaarsi. Kanaaf warreen kaan dhiisee karaa biraa qabate. Osooma deemuu, karaatti itti dhiyee mana namaatti gore, buluuf. Osoon turiin oduu tokkootu gurra isa bu'e. Saamtonni jarreen bosona keessa bahuuf deeman sana saamanii boodarra akka isaanuu ajeessan, oduu gaddaa dhagahe. Gorsa jaarsaattis baay'ee gammade. Mooraa mana bulee sana keessatti awwala arge, dargaggeessichi. Maal akka ta'e gaafata. Abbaan manaa akkana jedha; "Manni koo karaarra waan ta'eef, namoonni goranii bulu. Yeroo kana haati manaa koo maaliif akka akkas fokkiftu na gaafatu. Yeroo kana, ani aareen isaan ajjeessa. Ajjeeseen isaan awwaala. Kun awwaala isaaniiti. Ati akkana naan jechuu dhabuu keetiin badhaasa qabda" jedheenii qarshii 10,000 badhaase. Yeroo kana dargageessichi naasuu guddaa keessa taa'ee waa tokko yaadate. "Waan sin galchine keessa hin galiin" jedhee ture jaarsi. Guyyaa itti aanu gara mana isaa duraa, gara haadha manaa isaa deemuuf imala eegale. Halkan keessaa sa'aa 6tti gahe. Raftee jirti. Hirriba keessaa hin kaasu jechuun, suuta jedhee harka loofatee banatee ol seene. Ajaa'iba arge. Haati warraasaa dargaggeessota lama jidduu rafaa jirti. Aaree waraanuuf jedhee, gorsa jaarsaa yaadate. "Ariifattee hinmurteessiin!" kan jedhutu isa dhorke. Aariima guddaa keessatti of qabeetu, gadi bahee galbii bule. Ganama haati warraasaa yeroo kaatu, isa argitee naatee boo'uu eegalte. Itti marmitees akkana jetteen; "Baga nagaan naaf dhufte. Anis waggaa hedduuf obsaan si eegaan ture. Yeroo ati deemte kan garaatti na hafanii turan, kunoo amma dargaggoota ta'anii si eegani." Jarri isheen jidduu raftu ijoolleemasaa turani. Galgala badii gochuu dhiisuusaaf baay'ee galateeffate. Gorsa jaarsaan akkasitti nama ta'e. Jireenya gammachuus maatiisaa waliin jiraachuu eegale. Qarshii 3000'n waan qarshiin hin bitne argate. Ergaa koo: ❏ Gorsis ta'e muuxannoon dhala namaaf daandiidha. Jiruufi jireenya guyyuu keessatti galaa ta'uun nama sooru. Ogeessi isa gorsa fudhatuufi hojiirra oolchudha. Fudhachuu dhiisuun garuu, aarsaa hintaane nama kanfalchiisa. Yeroo tokko tokko, waan xiqqo barbaachisuuf jecha isa hundumarra barbaachisutti dugda gannee argamna. Akkanaan dhabaa jiraanna. Kanaaf hubannaatu fala. Yeroo kamuu haa barannu, muuxannoo fi gorsa ofitti haa aanfannu! Galatooma ulfaadha Maddii fb Jeldu bloggers #Oduudurii
"Intalli koo Hiyyeessatti hin heerumtu" Dureessi Addunyaa kanaa Bill Gates Intalli Isaa Maaliif nama Hiyyeessatti heerumuu Akka Hin Dandeenye Ibse. Waggoota muraasa dura Ameerikaatti konfiraansii invastimantii fi faayinaansii irratti gaazexeessan tokko gaaffii fi deebii irratti gaaffii nama hunda kolfisiise tokkon isa gaafate. Gaazexeessaan akkas jedhee gaafate, " Isin sooressa Addunyaa kanaadha, otuu intala keessan dhiirri hiyyeessi ykn qabeenya hin qabne fuudhuuf barbaadee ni eyyaamtuu?" Kan jedhu ture. Bill Gates akkas jedhe, "Tokkoffaa, qabeenya jechuun herreega baankii hojiin itti baay’atu qabaachuu jechuu akka hin taane hubadhu. Qabeenyi hunda caalaa dandeettii qabeenya uumuudha. Fakkeenyaaf: namni lootarii mo'ate ykn qumaara taphatu, Yoo miliyoona 100 mo'atellee dureessa miti. Hiyyeessa maallaqa guddaa qabuudha, kanaaf miliyeenaroota lootarii waggaa 5 booda %90 deebi'anii hiyyeeyyii ta'u. Dureeyyii maallaqa hin qabnes jiru. Fakkeenyaaf hojii uumtonni (entrepreneurs) dura qarshii dhabanillee, sammuu maallaqaa fi qabeenya sana guddifachaa waan jiraniif gara qabeenyaatti karaa irra jiru. Gaazexeessaa: "Dureeyyii fi hiyyeessi akkamitti adda adda bahu?" Bill Gates itti fufee..." Gabaabumatti, Sooressi duroomuuf du'uu danda'a, Hiyyeessi immoo duroomuuf ajjeesuu danda'a. Dargaggeessa leenji'uuf murteesse, waan haaraa baratu, yeroo hunda fooyya'iinsaf yaalu yoo argite, sooressa ta'uu isaa beekuu qabda. Dargaggeessa rakkoon mootummaa keessa jira jedhee yaadee sooressa akka hattuutti yeroo hunda qeequ yoo argite hiyyeessa ta'uu isaa beekuu qabda. Dureeyyiin guddachuuf odeeffannoo fi leenjii qofa akka isaan barbaachisu ni amanu, hiyyeessi namni kaan maallaqa akka isaaniif kennuu qabu yaadu. Xumura irratti intallikoo nama hiyyeessatti hin heerumtu yeroon jedhu, waa'ee maallaqaa miti. Dandeettii namicha kanaa qabeenya uumuu dubbachaan jira. Dubbiikoof dhiifama, yakkamtoonni baay'een namoota hiyyeeyyiidha. Gaafa qarshii argatan ni maraatu kanaaf hatuu ammas dabalanii hatu. Isaan akkamitti ofuma isaaniitiin maallaqa argachuu akka danda'an waan hin beekneef nama kofalchiisu. Gaaf tokko eegduun baankii tokko boorsaa maallaqaa tokko argate, boorsaa sana fudhatee hogganaa baankii sanaaf dabarsee kennuuf deeme. Namoonni nama gaarii kana gowwaa jedhanii waamu, dhugaa dubbachuuf garuu namni gaariin kun dureessa maallaqa hin qabne qofa ture. Waggaa tokko booda baankichi hojii gaggeessaa godhee isa muude, waggaa 3 booda itti gaafatamaa maamiltootaa ta'ee, waggaa 10 booda waajjira naannoo baankii bulchuu ta'e, hojjettoota dhibbaan lakkaa'aman bulchuu fi kaffaltiin waggaatti inni argatu hanga inni hatuu danda'u ol ta'e" Qabeenyi hunda caalaa haala sammuuti yaa fira koo! ✍️Sagalee Wareegamtoota Wangeelaa The The voice of the world Christians martyrs
Erga uffata baasaniillee dhuguma wal dhiisu? Kan jedhan jiraachuu maltu! Ani garuu eeyyee jedheen deebisa! Sababnisaa Hafuurri Qulqulluun waan hundumaa gochuu danda'a! Kanaaf ammumallee yaanni foonii isaan moatee afuurri waaqaas keessatti dadhabee yeroo booda waliin fedha foonsaaniif kan haala mijeeffatanii kan wal beellaman hedduun jiraachuu waan malaniif tarii kana yoo dhagahan illee sagalee kanaan of beekuu danda'u waan taeef hiriyyoota keessan dhaqqabsiisaa iisaan oolfadhaan jedha! => seenicha eessaa fuutee mo bukkee turte kan jettanis akka jirtan gaaffii isin keessaan naaf kaastan irraa naaf gala. Kanaaf nakeessa isa cimaatu jira, kanan hordofus namoota ciccimoodha. Anis akkasiinan argee isiniif dhiyeesse jechuukooti. Maddii Facebook#
#jaalalleewwan_lameen. ================================ #maaloo_qalbiin_dubbisaa! #Dargaggeessa tokkotu mucaa #durbaa tokko wajjin wal jaallatan. Sababa baay'ee ishee jaallatuuf akkamittiin akka fedha foonii (#wal_Quunnamtii_saalaa) wajjiin geggeessuu itti yaadee xiinxaluu jalqabe! Sana boodaa humnaan qabe uffata irraa baasu gaafa jalqabu akkas ittiin jette! "Anaafi ati jaalallee dha. Baay'ee wal jaallannas. Kanaaf humnaan ana qabu sin barbaachisu! Waan ati yaadde hundumaa #fedha koon tole siifan jedha! Kanaaf #maal_anarraa_barbaadde?" Jettee gaafatte. Sana boodaa gurbaan ishee fedheera waan taheef akkam akka ta'us wallaale. Fedha isaa guutachuuf mucaa fuudhee mana duwwaa tokkotti geeffate #siree yaabsise. Utuma Sana, kana jedhanii miira isaanii to'achuu dadhaban.mucaan durbaa kunis akkas isaan jettee! "#Amma_waan_hundumaa_isaa_bilisaan_raawwachuu_dandeenya_waan_taheef_mana_kana_sirriitti_nuuf_cufi" ittiin jettee. Innis " #tole" jedhee cufe. "Ibsaa kanas cufi"ittiin jette.Innis "tole" jedhee cufe. "Uffata kee ofirraa yaasi" ittin jette.Innis "#tole" jedhee ofirraa yaase Sana booda innis akkas isheen jedhe "#Bareeddukoo_uffatakee_ofiirraa_Baasi!" Isheenis " Tole "jettee ofirraa yaaste! Kana gidduutti waan hin eegamne tokkotu tahe! Maaltu ta'ee? Isheenis afaan ishee saaqqatte akkas ittiin jette.... "#Bareedakoo! ani baay'een si jaalladha! Waan hundumaa siifan ta'a. Amma yeroon kun anaaf siif yeroo addaa dha. Waan barbaanne hojjechuuf yeroo kanatti namni nu argu jiraa?" Jettee isa gaafatte. Inni "#nama_biroo_miti_anaafi_atiyyuu_wal_argaa_hin_jirru_duukana waan taheef" jedhee deebiseef. Tole garuu "#gadi_fageenyaaf garaa galaanaa,#xiqqeenyaaf garaa mixii, #Jabinaaf garaa dhagaa qoree hubatee kan beekuu,inni inni #kaleef_ribuu namaa qoree iddoo handhuurri namaa itti hidhame beeku, inni #duukana_keessatti_eenyummaa namaa hubatee beekuu,Inni #qullaakoo fi #qullaakeetti uwwisuuf qophaa isaa qullaa muka gogaa irratti dhaabatee,inni dhaqna keenya isa kosii nurraa baasee dhaqna isaa isa bareedaa #Qulqulluu_mudaa_hinqabne Sana nutti uwwise #Yesus garuu nu argaa jira jetteen. Maaloo maaliif dhaqna keenya isa akkas gatii guddaafi kabaja qabu xuureessinaree? gaahela keenyaas maaf gaahela #abaaramaa goonaaree? Duukana kana keessatti kan sirritti nu ilaala jiru kristoos qofa! Kanaafan ibsaa ifaa jiru cufi, manas cufi siin jedhee ture." Jettee itti himte. Sana booda jaalallee ishee kun bakka jiru walallee! #Imimaan ija isaa keessaa akka malee gad roobuu jalqabe. "#dhaqnakoo isa Qulqulluu maafan xureessaa?" jechuun boo'uu jalqabe. Sana booda uffata ishees isa kan isaas itti uwwisee erga raawwatee akkas jedhe "#Ati_anaaf_dhuguma _haadha_manaa_ogeettiidha! Si argachuukootti baay'een boona. Hafuurri Qulqulluun karaakee Waan guddaa na hubachiise naaf jiraadhu! "Ittiin jedhe jedhama. #Dhaamsakoo! Fedha foonii keenya ishee daqiiqaa 5-10 kanaaf jennee dhaqna keenya isa kristoos nutti uwwise kana hin xureessinu! Fedha foonii keessan Hafuura Waaqayyoon mo'aa jiraadhaa! Qeensa miilla keenyaa jalqabe hanga rifeensa mataa keenyattu kan dhuunfate jiru #kristoosidha! Nuti kan ofii keenyaa miti! “Dhagni keessan bu'aa #dhagna_Kristos akka ta'an hin beektanii ree? Egaa bu'aa #dhagna_Kristos fuudhee bu'aa dhagna gaalamootaa godhuu ree? Matumaa kun hin ta'u.” — 1Qor. 6:15 1Qor. 6 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹⁸ Halalummaa baqadhaa! Cubbuu namni hojjetu keessaa warri kaan hundinuu dhagna namaa hin tuqan; namni halaleen garuu dhagna isaatti cubbuu hojjeta.¹⁹ Dhagni keessan mana qulqullummaa hafuura qulqulluu isa isin keessa jiru ta'uu isaa hin beektanii ree? Hafuura kanas Waaqayyo biraa argattan; mana qulqullummaa hafuura isaas erga taatanii, isin kan ofii keessanii miti. ²⁰ #Waaqayyo_gatiidhaan_isin_bitate; kanaaf guutummaa dhagna keessaniin waan inni ittiin galateeffamu hojjedhaa! Egaa kun dubbii sagalee waaqayyooti irraa akka barattaniif jedheen kanan #dubbiserraa isiniif qooduu jaalladhe. Dubbii sagalee waaqayyoof bakka ha laannu! Waan darbuuf jennee Waaqayyoo abbaa keenyaa isa ilma isaa nuuf laate gaddisiisuu irraa of ha eegannu!
Maatama Gaandiin Wantootni Kudhan Jireenya Namaaf Balaadha Jedha! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ⓵. Qabeenya hojii malee argame (wealth without work) ⓶. Gammachuu sammuun hin fudhanne (enjoyment without conscience) ⓷. Beekumsa sirna isaa hin hordofne (knowledge without character) ⓸. Daldala hamilee malee (business without morality) ⓹. Saayinsii namummaan ala bahu (science without humanity) ⓺. Amantii miira amantummaa/osoo hin argin amanuu of keessaa hin qabne (religion without compassion) ⓻. Siyaasa qajeelcha/hoggansa hin qabne (politics without principle) ⓼. Mirga itti gaafatamummaa dhabe (right without responsibility) ⓽. Aangoo gaafatama hin qabne (power without accountability) ⓾. Guddina itti fufiinsa hin qabne (development without sustainability) Dubbisuun nama gahaa nama godhaa. Waa irraa barattuu jedheen abdadha.🙏
KADHATICHA! Namicha waggoota dheeraadhaaf karaa irra taa'ee kadhatu tokkotu ture. Umurii isaas, aduu dhiitee bariitu, karaa sana irra taa'ee waan tokko gochuun dabarsa ture. Innis namoota daandii sanarra isa bira darbaa oolan qarshii kadhachuudha. Guyyaa tokko akkuma yeroo kaanii namichi kara-deemaan tokko isa bira darbuu yoo dhufu, "Adaraa na gargaari. Rabbi irraa argattaa" jedhee moofaa ciccituu isa fuuldura jirturra akkuma inni saantima muraasallee buuseefii darbuuf harka isaa raasee kadhate. Namichis, "Ani homaa waan siif kennu hin qabu. Waaqni siif haa kennu" ittiin jedhe. Itti dabalees, "Kan ati irra teessee jirtu kun maaliidha?" jedhee miira shakkiin kadhataa sana gaafate. Kadhatichis, "Homaayyuu miti. Saanduqa xiqqoodha. Ergan gaafa asitti argee eegalee waggoota dheeraadhaaf kanuma irra taa'een kadhataa ture" ittiin jedhe. "Bantee ilaaltee beektaa?" namicha kara-deemaa santu gaafata. "Lakki." "Maaliif hin banne?" "Homtuu keessa hin jiru nan beeka. Maaliifan bana?" Kara-deemtichis, "Mee har'a banii ilaali!" ittiin jedhe. Kadhatichis irraa ol ka'ee saanduqa xiqqoo sana bane. Yoo keessa saanduqichaa ilaalu garuu ija isaa amanuu dadhabe. Saanduqichi warqeen guutee jira. Namichi waggaa afurtamaa oliif warqee gatii mi'aa irra taa'ee saantima muraasa kadhataa ture. Seenaan kun kitaaba 'The Power Of Now' jedhu kan Eckhart Tolle barreesse irraa fudhatame. Barreessichis dhaamsa seenaa kanaa akkasiin kaa'e: "Anis namicha kara-deemaa homaa waan siif kennullee hin qabneedha. Garuu akka ati gara keessaa ilaaltuuf sittin hima. Gara keessaa yeroon jedhu keessa saanduqaa kan warqee barbaachaaf gootu miti. Keessa isa isa caalu, kan sitti dhihoo jiru, keessa ofii keeti. Keessa ofii kee ilaali. Gaafas 'ani kana booda kadhataa miti.' ofiin jetta." Isin hoo maal irraa hubattu? Maddii facebook irraa #Oduudurii
GAABBII Guyyaa tokkoo hojjetaa Ogummaa mana ijaaru (anatsummaa) qabu tokkotu hooganaa isaa bira deemun soorama bahee maati isaa wajjiin jiraachu akkaa barbaadu, kanaaf heyyema akkaa kennuuf gaafata. Ogeesichi hojjetaa jabaa waan tureef hogganaan isaas yemmuu kana dhagahe ni gaddee. Haa ta'u malee yaada isaa akkaa jijjiiruuf karaa baayyee jechootan sossobus yaadasaa jijjiirsisuu akkaa hin dandeenye yemmuu galeef "Tole haa ta'u garuu deemukeen duraa oolma tokkoon si kadhadhaa mana tokkoo qofa naaf ijaaru dandeessaa?" jechuun gaafate. Hojjetichis gaaffii hogganaa isaatti waan mufateef narraa haa ba'uu jedhee fedhii malee manichaa ariitin ijaare raawatee. Hooganichis furtuu manichaa hojjetaa isaatti kennee "Kun gatii dadhabbiikeetif kennaa ani siif gumaachudha" jedheen. Namichis yemmuu kana dhagahettii "Utuu kankoon ta'uu beeke maalifin akkanattii ijaara?"jedhee yaade hojii isaatti baayyee gaabbee jedhama. Hubadhu:- Yeroo baayyee hojii gaari waggoota danuu hojjennee aari guyyaa tokkoon hojii keenya bishaan nyaachifna. Tisiisni xiqqoon akkuma ittoo baayyee balleesitu aarin guyyaa tokkoo dhamaati keenya dhadhaa ibidda buute taasifti. kanaafu obsuun gaaridha. Haa hafuun waan baayyee hambisaa.
Yeeyyii fi Hoolaa: Yeroo tokko, hoolaan xinnoo tokko tuuta hoolotaa wajjin marga tokko irratti dheedaa ture. Hoolichi xiqqaan sun baayʼee dira'a waan taʼeef, hoolota sana irraa fageenya muraasa faggate dheedu jalqabe . Marga haaraa fi mi’aawaa achitti argate sanatti gammaduu jalqabe. Garuu osoo hin beekin garee isaa irraa fagoo deemee ture, garuu kana hin beeku ture. Hoolichi dhugaa biraas hin beeku ture: Yeeyyiin tokko itti dhiyeenyaan isa hordofaa akka ture! Hoolichi hoolota irraa fagaatee akka jiru yommuu hubatu deebi’ee isaanitti makamuuf murteesse. Haa ta’u malee, hoolaan sun ol yemmuu jedhettii yeeyyii beela’ee fi haxxee ta’e tokko duuba isaa dhaabatee jiraachu isaa argee baayyee nahe. Hoolichi yeeyyiitti of kennuu malee filannoon biraa akka hin jirre hubate. Hoolaanis, "Ati na nyaachuuf jettaa?" jedhe yeeyyiicha gaafate. Yeeyyii"Eeyyee, haala kamiinuu!"jedhee deebiseef Hoolichi ammas, "Garuu maaloo yeroo muraasa na eeguu dandeessaa? Amma marga baay'ee nyaadheera garaan koos margaan guutameera. Amma yoo na nyaatte akka waan marga nyaattuutti sitti dhagahama! Kanaaf maaloo." hanga margi sun daakamuttii na eegii" jedheen. Yeeyyiinis ''Tole nan eega. Ati na dura as waan jirtuuf yeroo dabalataa eeguu nan danda'a!" jedheen. Hoolichi yeeyyiicha galateeffate. Yeroo muraasa booda yeeyyichi hoolaa nyaachuf qophaa'e, hoolaan garuu ammas akkas jedheen. "Kabajamaa yeeyyii maaloo yeroo dabalataa na eegi. Margi ammallee hin daakamne amma yoo na nyaatte garaa koo keessatti marga baay'ee argita! Mee nan shubbisa sana booda salphaatti ni daakama" jedhe. Yeeyyichis tole jedhe. Hoolaan xiqqaan sun yeroo muraasaaf erga shubbisa bareeda shubbise, achiis akka tasaa dhaabbate. Yeeyyiinis maalif akka dhaabe gaafate. Hoolichis "Muuziqaan waan hin jirreef sirritti shubbisuu hin danda'u. Bilbiltuu kana morma kootti argitaa? Bilbiltuu kana hiiktee sagalee guddaa dhageessisuu dandeessaa? Sana booda saffisaan shubbisuu nan danda'a, margi garaa koo keessa jirus dafee ni daakama" jedheen. " Yeeyyichi fedhii hoolaa nyaachuutiin mo’amee waan tureef waanuma fedhe hojjechuuf qophaa’e. Bilbiltuu morma hoolaa sanaatti hidhamee jiru buqqisee humna isaa hundaan bilbile. Yeroo kana tiksichi hoolaa xiqqoo sana barbaadaa osoo jiruu bilbilli bilbilamuu dhaga'e. Yeeyyii fi hoolaa wal biratti arge. Ulee qabatee gara Yeeyyittii fiige. Yeeyyichis tiksee ulee qabate ittii fiigu argee fiige baqatee bade, hoolichis haala kanaan dura oole! Humni qaamaa gahaa miti. Yeroo tokko tokko, namoonni sammuu qaroome qaban qaaman garuu dadhabboo ta'an namoota qaamaan ciccimoo ta'an mo'uu danda'u! Kanaafu sammuunke albuuda gatii jabeessaa seeran itti gargaarami.
Dhoksaa Milka'inaa Dargaggeessaa tokkotu gara Socrates deemun dhoksaan milka'inaa maaldha? jechuun gaafate. Socratesis dargaggeesichaan guyyaa ittii aanu naannoo qarqara lagaattii(Bishaanittii) akkaa isa bira dhufu ittii himaa. Borumtaas dargaggeesichi iddoo jedhamettii gara Socrates deeme Socratesis dargaggeesichi isaa waliin akkaa gara Bishaanittii seenu ittii himaa utuu bishaanichattii seena jiranii bishaanichi morma bira isaan ga'ee. Sanaan booda Socrates mataa dargaggeesichaa qabuun bishaan keessaattii ukkaamse, dargaggeesichi hammaa humnasaa harkaa ba'uuf wixxifachuu eegalee haa ta'u malee waan humnaan qabee jiruuf harkaa ba'uu hin dandeenye. haala kanaan hanga dargaggeesichi ukkaamamee bifi isaa jijjiiramuttii qabeeni bishaan keessaa tursee turtii yeroo dheera booda gad-dhiise. Dargaggeesichis sababii qilleensi ittii hir'ateef ariitiidhaan afuura baafachuu eegalee sanaan booda Socrates dargaggeesichaan "Yemmuu bishaan keessaa turtee maal argachuu barbaade(feete)?" jedhee gaafateen. Innis "Qilleensa argachuu qofaa"jedhee. Socratesis " Dhoksaan milka'inaa innii guddaan isa kanaa yemmuu milka'inaa akkuma qilleensichaa baayistee barbaaddu ni argattaani" jedheen. Hubadhu:- Fedhii guddaan tuqaa milka'inaa isa jalqabaati. Akkuma ibiddii tiqqoon baayyee hin ho'ine (hin gubne) fedhii xiqqoonis milka'inaa guddaa hin argamsiisu. "Eelan Eele dhabbatu" jedha Oromoon #Oduudurii
Yeeyyiiwwan lama. Guyyaa tokkoo biyyaa hindi keessattii mucaa xiqqoo tokkotu gara barsiisa beekamaa amantaa Buddhism deemudhaan Yeeyyii argee akkaa sodaate ittii himee. Barsiisichis mucichaa ija keessaa ilaalun "Yaa ilmakoo kan ati sodaachu qabdu bineensa Yeeyyii jedhamu kan ijaan argamu utuu hin ta'in kan ijaan hin argamnee yeroo hundaa kan si wajjiin jiraatan Yeeyyiiwwan lamadha". Mucaa :- "Yeeyyiiwwan lamaa?" Barsiisa:- "Eeyyee Yeeyyiiwwan lama." Mucaa :- "Eenufaadha isaan immoo?" Barsiisichis "Yaa mucaako Yeeyyiiwwan lamaan si keessaa jiran yeroo hundumaa wal-lolaa jiraatu. Yeeyiwwan kunis innii tokkoo HAMMEENYA mallatoowwan isaas jibbaa, hinaaffaa, soba, lola, aari, arrabsoo, of-tuulummaadha. Innii lammaffaan immoo GAARUMMAADHA mallattoon isaas jaalala, dhugaa, gammachuu, obsa, walii-yaadu, tokkumma, abboomamuu, fi gad-ofqabuudha" jedhanii deebisaniif. Mucichis deebisee "Egaa eenyutu moo'ataree?" jedhe gaafate. Barsiisichis "Yaa ilmakoo kan moo'atuu isa atii seeran bareechitee kunuunsitudha" jedhaniin jedhama. Hubadhu :- Egaa har'a atis isa kamiif iddoo guddaa laattee kunuunsa jirta. Namni bu'aa yaada isaa jiraata. Of-jijjiiruu yoo barbaade jalqaba ilaalcha kee fi yaadakee jijjiiri. Gaari yaadi gaaritu si quunama. NAMNI WAANUMA FACAASE HAAMA. #Oduudurii
Lukkuu Abshaala Mandara tokkoo keessaa Lukkuu abshaala kan obboroo namoonnii sagalee isaatti gargaaramuun hirribaa dammaqan tokkotu turee. Guyyaa tokkoo yeeyyiin gara lukkuu kanaa dhufee "Yaa Lukkuu sagalee kiilolee sagaleen kee fagoorra akkaa nama hawwatu dhaga'een dhufee" jedheen. Lukkuchis yemmuu kana dhaga'ettii gammachuun guutamee mormasaa ol kaase iyyuu eegalee.Yeeyichis carraa kanattii gargaaramuun Lukkuchattii utaale ilkaan isaatin murma isaa hudhee fudhatee gara bosonaattii arreede(fiige). Namoonnii naannoo yemmuu kana argan Lukkuu Yeeyyii harkaa buusuf duuka didichani(fiigani). Lukkuchis yemmuu kana argettii mala wayiitu dhufeefi Yeeyidhaan akkana jedheen "Yaa Yeeyyii dugda duubakeedhaan namoonnii naannoo si harkaa na buusuf si duuka fiiga jiruu gara isaanittii garagaliiti ani kankee akkan ta'ee ittii himii si dhiisanii haa deebi'aniiti" jedheen. Yeeyiinis yaada isaa waliin walii galee akkuma lukkuun jedhe namootattii dubbachuuf yemmuu afaan banuu lukkuuchi harkaa ba'ee gara namootattii barrisee lubbuusa oolfatee jedhama. Hubadhu:- Jireenya keessattii haalota addaa addaan booji'amtee kufteeta ta'aa haa ta'uyyuu malee kan ati miidhamtu gatii kufteef utuu hin taane gatii kufaatikee keessaa ka'uuf abdii kutatteefidhaa. Kufaatin jireenya dhalan namaaf carraa isa dhumaa utuu hin taane sadarkaa barumsa jireenya isa jalqabaati. Kanaafu gatii kufteef of ceepha'uu dhiisi iddoo kuftee ka'uuf karaa barbaadi. Kufaatikee irraa baradhuu malee gaabbii kufaatidhaan jireenyakee haguugdee ifa jireenya utuu hin argin akkaa hin duune. #Oduudurii
Artii Fakkii Bocuu Mucaa xiqqaa kan Ronnie jedhamuu dandeettii fakkii bocuu(kaasu) qabu tokkotu turee. Haa ta'u iyyuu malee abbaa isaa akka innii fakkii bocuu hin heyyemuuf turee. Guyyaa tokkoo utuu naannoo foddaa mana isaani cina (bukkee) taa'u karaa foddaa konkolaata halluun isaa Diima karaa irraa dhaabate jiruu tokko argee fakkii isaa bocee. Guyyaa ittii aanu qorataan yakkaa (police)n qorannaaf gara mana isaani dhufee odeefannoo waa'e konkolaatichaa mara( hunda) fakkii Ronnien bocee irraa funaanatee(sassaabatee), sababni isaas konkolaatichi kan balaa raawattoota(Gangster) turee. Guyyaa ittii aanu qorataan yakkaa gara mana Ronniefaa dhufee karaa fakkii mucaasan gargaaramuun akkaa yakkaa raawattoota to'annoo jala oolche abbaa Ronniettii himee. Abbaan isaas kana yemmuu dhagahuu hojii mucaa isaatin baayyee gammadee mucaasas eebisee, fakkii bocuu irraas gonkumaa akkaa hin dhorkineen waada seenefi. Hubadhu:- Wanta harraa hojjechuu ykn abjuuke eegaltee namoonnii baayyeen si harkattii tufachuu ykn jecha mogolee si buusu sittii dubbachuu danda'uu. Haa ta'uu malee waan ati hojjettuu guyyaa tokkoo biyyaaf bu'aa buusu danda'aa kanaafu utuu oduuwwaan naannokee kan mogolee si buusaniif iddoo hin kenniin abjuuke galmaan gahuuf tattaafadhu. "Obsaan haanan goromsaa dhuga" jedha Oromoon. #Oduudurii
Quuroo fi Yeeyyii Guyyaa tokkoo Yeeyyiin baayyee beela'e tokkoo nyaata barbaadachuu olii fi gadi utuu fiigu akkaa tasaa quurroo afaanittii foon gumaa baate nyaachuf jedhu argee. Sanaan booda akkas jechuun quurroo jajjee "Yaa Quurroo bareedu yemmuu ati weedistu sagaleenke baayyee nattii tolaa takkaa na dhageesisimee" jedheem. Quuroonis jecha Yeeyyii kanaan booji'amee weedisuuf afaan yeroo banuu foon gumaan sun lafa bu'ee sanaan booda yeeyin ittii utaale nyaatee akkas jedhee "Yaa Quurroo gowwaa nana ani sagaleeken jajee malee waa'e sammuukee sittii hin himnee" jedheen jedhama. Hubadhu:- Oromoon akkaas jedha "Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufi". Namoonnii baayyeen yemmuu waa sirraa barbaadan lafaa si fuudhanii gaararraa si kaa'u, maqaa hin jirreen si waamu, waa meeqa sittii kuulu. Garuu erga waan barbaadan argatanii galagalanii iyyuu si hin ilaalani. Kanaafu waan hundaa 'maalif?' jedhii gaafadhu. #Oduudurii
Obbolootakoo jaalatamoo fi kabajamoo page kana irraa yeroo muraasaf akkan badee beeka kanaaf dhiifama guddaa isin gaafachaa yoo waaqayyoo jedhe haala fooya'aadhan bareefamoota babbareedo qabadhee akkaan dhufu abdiin qabaa. Guddaan isin jaaladha #Oduudurii
Seeqa isaa gonkumaa ibsuu hin danda'u! Jechoonni afaan isaa keessaa ba'an garaan koo inni yeroo dheeraaf gadde akka gadda isaa isaa irraanfatu na taassise, yeroo inni sagalee marartoon "harmee Waaqayyo dhuguma akka si jaallatu qofa sitti himuu barbaada." Jedhu, Ergamaan xiqqaan sun qorraa fi rooba keessa dhaabatee barruu baatu sana naaf kennu balbala koo cufee barruu sana hundan dubbise. Sana booda teessoo fi funyoo sana kaasuuf gara mana gubbaatti deeme. Akkuma argitan amma ani intala Mootichaa gammachuu qabdudha. Kallattiin mucaa sanaa, yeroo inni deem gara waldaa kanaa waan ta’eef, ergamaa Waaqayyoo xiqqaa yeroo isaa eegee jireenya koo bara baraan si’ool keessaa baraare Waaqayyoo isa jireenya barabaraa naaf kenne galateeffachuun dhufe" jettee dhugaa baate. Amantoonni Waldaa sana keessa jiran hunduu ni boo'an. Tajaajilaan sunis gara ilma isaa sana deemuun harka isaa qabachuun hirqinfatee boo'e. Ilma isaas dhiifama gaafate. Anis nan jedha, barreeffama kana barreessuuf yeroo baay'ee narraa fudhate. Sababii yeroo dhabdaniif ykn dubbisuu nuffitaniif ergaan kun nama biraa bira akka hin qaqqabne na jalaa hin godhiinaa. Ergaan Waaqayyoo kun jireenya nama tokkoo irratti jijjiirama guddaa fiduu akka dandaʼu yaadadhu. Jaalala Waaqayyoo babal'isuuf gonkumaa hin dhibaahiin. Akka #Share gootan jaalala Waaqayyoon sinaan gaafadha. ✍Tadele Fekadu TD ! #Eebbifamaa🙏🥰🥰 #maranaataa #maranaataa-Yesuus @dhugaadhaam