tgindex
DHANGAA OROMIYAA

DHANGAA OROMIYAA

Статистика

Seenaa oromoo Dhaamsa oromummaa Foolii oromoofi oromiyaa Asitti argattu

Последний пост
10 авг.
Последнее чтение
14 авг.
Постов за неделю
0
Всего постов
20
Тип
открытый
Язык
om
Категория
Новости и СМИ (по похожим)
В каталоге с
14 авг.
Подписчики
5 225
−9 за 4 дн.
Сутки
−7
−0,13%
Неделя
 
Месяц
 
Просмотров на пост
1 585
20 постов
Вовлечённость
30,3%
к подписчикам
Постов в день
0,0
всего 20
Упоминаний
0
каналов
Охват размещения
оценка
1/24сутки в ленте
162
1/48двое суток
185
1/72трое суток
200

Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.

Посты

  • OROMIYAA ●Yeroo jalqabaaf maqaa Oromiyaa jedhu kan moggaase fi kaartaa Oromiyaa  kan sarare   namaa maqaan isaa "Luws Craft" jedhamudha bara 1837 hanga 1850 tti osoo baha Afriikaa naanna'ee maqaa moggassu.      ¤ Bara sanas Oromiyaa har'aa kana "Ormaaniyaa" jedhee moggaasee ture!      ¤ bara 1970 keessa immoo "biyya Oromoo "jedhamee moggaafame.      ¤ bara 1976 tti ammoo "Oromiyaa" jedhamee moggaafame. ● Afaan Oromoo Afaanota Afriikaa keessatti dubbataman 1000 ol ta'an keessaa sadarkaa 3ffaa irratti argama.    ¤ Afaanota Kuush 40 dubbataman keessaa Afaan Oromoo 1ffaa dha.    ¤ bara 1934 hanga 1966tti Afaan Oromoo Itiyoophiyaa keessatti akka hin dubbatamne akka badu taasifamee ture. ●Biyyoota Afriikaa 56 keessaa bal'inaan kan Oromiyaa caalu Biyyoota 17 qofadha.    ¤ Oromiyaan bal'ina lafaatiin Faransaayiin ni caalti, akkasumaas Itaaliiti dachaa lama tatti.    ¤ bal'inni Dachee Oromiyaa biyyoota akka Kuubaa, Bulgaariyaa, Biritaaniyaa wajjin wal qixadha. ● baay'inni Uummata Oromoo baha Afriikaa jiraatanii yeroo amma Miiliyoona 60 olidha. ● Mootiin yeroo jalqabaatiif Kuush ykn Oromoo hoogganaa turan "Amarraanaa Asiisii (Ateetee) fi  Osiriis jedhamu. ● Oromoon jaarraa 16ffaa dura sirna adda ta'e kan ittiin bulu sirna Gadaa kan yuneeskoo irratti galma'e qaba!!! ● Oromiyaan Godinoota 21 fi aanolee 350 qabu. ¤ Godinoota Oromiyaa 21 teessoo magaalaa isaanii waliin         1.wallagga Bahaa_ Naqamtee         2. Wallagga Lixaa _ Gimbii         3. Qeellam wallagga_ Dambi Doolloo         4.Horroo Guduruu wallagga _ Shaambuu         5.Iluu Abbaa Booraa_ Mattu         6. Buunnoo Baddalle_ Baddalle_         7.Jimmaa_ Jimmaa         8. Shawaa kibba lixaa_ walisoo         9. Shawaa lixaa_ Amboo        10. Shawaa kaabaa_ Fiichee        11. Godina Addaa Oromiyaa naannawa finfinne _ Finfinne        12. Shawaa bahaa _ Adaamaa        13. Arsii lixaa_ Shashamannee        14. Arsii Bahaa _ Assallaa        15. Baalee _ Roobe        16.Borana_ Yaa'a Ballo        17. Gujii  Nageelle 18Gujii Lixaa Bulee Horaa 19 Haraggee Bahaa Harar 20 Harage Lixa Ciroo 21 Baale Baha Gindhiiri ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️ https://t.me/Dhangaaoromiyaa👈👈👈👈 join share godhaa

  • Kabajamtootaafi jaalatamtoota maatii chaanaalii dhangaa Oromiyaa baga gammaddan chaanaaliin keessan kan yeroo adda cite amma haala gaariin deebi'ee ittu fufuuf qophii isaa xumuratee jira baga gammaddan isiniin jenna

  • Nan Danda'a! Namicha lammii Indiyaa tokkotu jira. Heyyama barsiisummaa argatee Oromiyaa keessatti barsiisuuf dhufe. Akkuma dhufeen mana barumsaa tokkotti ergame. Mana barumsaa itti ergame sana yeroo deemu bakki qullaan jiru tokko qofa ture. Innis barnoota Afaan Oromoodha. "Maal wayya? Iddoon qullaan nuti qabnu Afaan Oromoo qofaa!" jennaan, "Rakkoon hin jiru! Galmee jechootaa naaf kennaa malee inuman barsiisa! Nan danda'a!" jedheen jedhama

  • @-Gootota Gola Oromiyaa-@ ♡__☆☆__♡ Boorana Jaatanii Alii Tandhuu, Barana mee Rabbii kee Kadhuu. Gujii Jeneraal Xulaa Duubee, Tokkummaan maaf nu dhibee? Biyya Jaatanii Alii qabna Boorana Gumi gaayyoo, Biyya Leenjisoo Diigaa Arsii Ambatoo Daayyoo. Biyyi tiyya heddu qabdi Yoom gootota dhabee, Biyya Gujii Girjaa irraa Jeneraal Xulaa Duubee. Dachii qananiituu teenna irraa Saannatee Tulluu dimmtuu, Dalloo mana Raayituu irraa Baalee Jen Waaqoo Guutuu. Biyya Haaji Aadam Saaddoo Goota gara Lafa Baalee, Shawaa Agarii Tulluu irraa J.Taaddasaa Birruu Salaalee. Biyya L.Kol Abdiisaa Aagaa Goota Najjoo Wallaggaa, Biyya Muusxafaa Huseen Arsii Leenjisoo Diigaa. Biyya Aabbishee Garbaarraa Qeellam Dr.Hayilee Fidaa, Biyya Roobaa Buttaa teenna Arsii Jaal Nadhii Gammadaa, Dachii Elemoo Qilxuu irraa Biyya Jaarraa Abbaa Gadaa. Baalee Kol.Aliyyi Cirrii fa'a Biyya Kol.Huseen Bunee, Biyya Bosona Yaayyoo Qeyee Caalii Shonee . Shawaa Alamuu Qixxeessaa Biyya Maammoo Mazammir, Warra Shanan Gibee keenna Biyya Jimmaa Abbaa Jifaar. Oromiyaa naannawe mee Kam himee kam dhiisee? Biyya Muhaammad Alii fa'a Worqiituun Wolloo Kamisee ! @-----------------☆☆------------@

  • без подписи

  • Ni dandeessa! Haala koo ilaalee kan natti murteessu Hin dandeessu jedhee mogolee na buusu Dadhabbii koo ibsee hamilee na cabsu Waa akkan hin hojjenne booddee na deebisu Amma deebiin qabaaf waanan ittiin jedhu Dubbadheen falmadha afaan hin qabadhu Nan danda'an jedha eenyutu naan morma? Kaayyoo koo dhugoomsuun ni danda'ama! Hin danda'u jedhee sammuun koo hin amanu Abdii kutee taa'ee kufaatiif nan kennu Karaa dogoggoree dalga na hin hoogganu To'annoo koo jala abjuun koo hundinuu Sichi of hin tuffadhu xiqqeessee of ilaalee Eenyummaan koo sirriin amma erga naaf galee Kutannoo guutuunan hojiif ka'a malee Mammaradhee hin taa'u waan fedhe ta'ullee Amansiifadheera itti himee sammuu koo Booddee akka hin deebine sodaatee waan tokko!

  • Ganamaan hirriba kaanee,saamumaa jibuutiitiin fuula dhiqanna,uffata turkiiyaa gac,goonee hujiitti qajeella, saa’atii kooriyaa dirannee harka facaasaa sochoona, kophee caayinaa godhannee,lafaan dhiitaa oolla,buna siinii yamanii miila lama jalaa qabdutti makrajii ingilizii keessaa buufannee dhuugna,baajajii hindiin miila sadi itti goote yaabbannee gulufna,zeyitii ruusiyaatiin waxii dhuugna,raashiana kanaadaa liqimsaa,baanaa su’uudii ufirra buusna,dhuma dubbii firaasha lafa buufannee ciqilfataa,ufiitti kokkolfaa biyya teenya ni jaalanna jenna. Biyya lilmee oomishuu hin dandeenye keessa jiraataa akka turre irraanfannee,biyya namni wal caala jechuu mana barnootaatii nu barsiisaa turan keessatti guddannee,biyya Afaan tokko Aadaa tokko jedhan keessatti umrii fixannee,itoophiyaa “hagaree “ jechuu hin beeytan nuun jechuun qoosaa yerooti. Biyyi tuni,asii achi ijaaramti malee,kan kana duraa, humnuma Rabbiitiin aduu har’aatiin nu geette malee, silaa seenaa qofa taatee hafti ture,ammayyuu dirqiin liqmsiisaatuma dhufame malee,Ormi hin sarmu waan taheef,waa oomishuu,waa ijaaruu,waa lafa buusuu irratti xiyyeeffachuun dirqama,seenaafi seeneffamni kan barraahuu dandahu,waan lafa bu’e yoo qabaanne qofa. ✍️ Cushland Sufian Ousman

  • Karra shaanan finfinne 1,karra koree✓karra gara sabbataa, walqixxee, Jimma.... 2,karra Qirxii karra gara sululta fiichee... 3,karra Alloo ✓karra gara walloo... 4,karra Qaalluu✓ karra gara Bishooftuu, Adaamaa,... 5,karra Gafarsaa✓ karra gara Hoolata. Amboo, Lixa geessu Kutalee Bulchinsa Magaala finfinne 1✓kutaa magaalaa Addis ketema 2✓kutaa magaala Gulelle 3✓Kutaa magaalaa Lideta 4✓kutaa magaalaa Kirkos 5✓kutaa magaalaa Lemi kura 6✓kutaa magaalaa Yeka 7✓kutaa magaalaa Kolfe kerenio 8✓kutaa magaalaa Bole 9✓kutaa magaalaa Arada 10✓kutaa magaalaa Akeki kalit 11✓Kutaa magaalaa Nifas silk-lefto Guyyaa tokko gara maqaa isaanii ganamatii ni deebi'u...

  • Hin gumgumiin, uumaa kee galateeffadhu! Ni danda'ama ta'ee utuu danda'amee Uumaan kee waa'ee kee utuu gaafatamee Utuu yaada kennee maaliif akka si uume Maal dubbata laata deebiinsaa maali mee? Ani nama kana lafarratti uumuun koo Hamaattii isa eegee 'sa jiraachisuun koo Sammuu isaaf kennee nama taasisuun koo Wanta biraaf miti sababni koo tokko Walirraa utuu hin kutiin haala kam keessattuu Ana uumaa isaa akka galateeffatu Kaayyoo kanaaf ture kan inni jiraatu Isaaf garuu hin galle dhugaa kanatu Xinnaafis guddaafis cal jedhee gumguma Waakkiidhaan dubbata yeroo hundumaa Jedha jedheen yaada utuu gaafatamee Akka ati jiraattuuf Waaqni inni si uume!

  • Roobert Mugaabee fi haati warraa isaa ijoollee 6 erga waliin godhatanii booda guyyaa tokko wal lolaan. Achii haati manaa isaa baay'ee aartee uffata ishee boorsaatti guurrachuu eegalte. Mugaabeen gocha ishee kanatti ajaa'ibsiifamee " Maaliif uffata kee waliitti guurracha jirta?" ittin jedhe. Isheeniis "kanan booda si waliin jiraachuun na gahe jira gara harmee kootin deema..." Innis gara kutaa ciisichaa deemee uffata isa waliitti guurrate. Yeroo kana argitu isheen "Ati hoo eechaa deemuuf uffata kee guurratta?" Mugaabee "Anis gara haadha kootin deema." Ishee " Ijoollee eenyuuf dhiiste deemta?" Mugaabee " Isaaniis gara haadha isaanii deemu danda'u."

  • #ARSII •••••• Maqaan Arsii jedhu kun hedduu turaadha.qorataan seenaa kan warra arabaa sheikh Isaq Ahmed Alawi jaarraa 12ffaa keeyssa gaafa biyya Afrikaa tana daawwatu Gosa Arsii jedhamtu naannoo laga ganaalee tanatti argee Akka ture kitaaba isaa gubbatti ibsee jira.( Madda : oromo and the Christian kingdom of Ethiopia). Gara biraatiin kitaaboota gara garaa gubbatti maqaan gosa Arsii jedhu kun yeroo maqaa 'waraantisha' jedhuun hoggaa waamamu ni mul'ata. jachii waraantisha jedhu kun jacha warraanticha jedhu irraa fudhatame.warraanticha jachuun "the warrior" Jachuudha.maqaan kun maqaa gaafa caffee tumaa bareeda kurkurtuu booda maqaa dhufe. Akkuma beekamu ilmaan bareentoo jaarraa 15ffaa keessa iddoo saditii Akka caffee tumatan ni himama.issaaniis:- 1- caffee mormor 2-caffee bareeda kurkurtuu 3- caffee haroo Garjjaati.iddoon kun hundi lafa amma baalee jedhamtu naannoo Dallo tana keeyssa. Ilmaan bareentoo gaafa caffee tumaa bareeda kurkurtuu San Akka Aadaa oromotichatii ilmaan bareentoo keeyssa Angafticha irraa ykn karrayyuu irraa Abbaa bokkuu hoggaa filatan ilma 2ffaa irraa ykn marawa keeyssa Abbaa seeraa , ilma 3ffaa ykn Arsii keessa Abbaa waraanaa jachuun filatan. Kanaaf ture maqaan waraanticha jedhu kan Arsiidhaaf kan moggaaffameef akkuma beekamu gostii Arsii gosa akkaan loltuu Akka turtee beekamaadha.garuu angoon tun bara sadeet sadeetitti wal jijjiran. tanaafi gadaan bareentoo shanan gadaa kan qabuuf. ilmaan bareentoo shananuu gumii shanan gadaa (gadaa cabinet ) keessatti hirmaatan. Maddi:- Oromo Graphya. Gola seenaa Oromoo keessa kan fudhatame dha!.

  • без подписи

  • Hirriban Dhabe Namicha tokkotu hirriba dhabuun rakkate. Rakkoo guddaaf yommuu saaxilamu gara ogeessa xiinsammuu deemee mariisisuuf murteesse. Ogeessi xiinsammuus rakkoo isaa haalaan erga dhaggeeffatee booda yaada furmaataa kenneef. "Galgala utuu hin rafiin dura qaama kee dhiqadhu. Nyaata garaatti hin ulfaanne nyaadhu. Isa booda ciisi. Ija kee wal irra buufadhu. Ganama erga hirribaa kaatee hamma galgalaatti wantota hojjette hundumaa duraa duubaan yaadadhu. Utuma yaadachaa jirtuu hirribni si fudhatee sokkaa!" jedhe. Namichis gorsa hayyuu sanaa fudhatee gale. Galgala akkuma inni jedhe godhe. Ganamaa eegalee wantota hojjechaa oole yaadachuutti ka'e. "Ganama ka'een mana fincaanii deeme. Fuula koon dhiqadhe. Cireen nyaadhe. Waajjira koon deeme. Abbootii dhimmaa keessummeessaan oole. Sa'atiin laaqanaa yoo ga'u laaqana nyaachuufan hoteela deeme. Kalaankala tokko ajajadheen nyaadhe. Qarshiin kenneef..." erga jedhee booda sagalee ol kaasee iyye. "Uu..uu...uu! Edaa qarshii abbaa dhibbaa itti kennee deebii hin fudhatiinan hafe. Nan irraanfadhe edaa... "Ni iyye. Hirribaa barbaaduf hirribaa dhabuun jira!

  • I_AM_NOT_STUPID Gurbaa dhiiraa tokkotu mucayyoo takka jaalatee mana saanii yoo deemu isiin abbaa waliin mana isaanii birajirti. INTALA:obboleesso maal barbaadadhufte? GURBAA:kitaaba 'shall we meet'jedhuu barbaadeen dhufe,niqabdaa? INTALA:dhiifama isa hin qabu garuu kitaaba 'wait meat the door i will come' jedhuqaba. GURBAA:garuu isaan illee ninqaba,kitaaba'ok do it faster please' jedhamu hoo qabdaa? INTALA:eeyyee isaa fi kitaaba 'ok my sweet' jedhusnin qabajetteen. ABBAA;intala tiyya kitaaba kana mara kan dubbistu taanaan baayyee cimtuudha, barana1ffaaba'uu hin ooltu...Garuu kitaaba tokko irraanfattemalee. INTALA:kitaaba kam abbaakoo? ABBAA:kitaaba isa I am not stupid I can understand everything' kan jedhuu dagatte malee🤔🤣

  • Seenaan Waa'ee Lola Aanolee Maal Jedha? * Weerarri Arsii irratti eegalame Lola calanqoo dura ka jal qabame ta'ullee Kan Xumurame garuu Calii calanqoo booda. Weerarri ka Jalqabame Bara 1881 Keessatti. Minilik Arsii gabroomfachuuf Lola Waggaa 6 adeemsiseen Oromoota 100,000 ta'an fixee jira. Lola fuulbaana 6 Bara 1886 taasifame qofaan Oromoonni 12,000 ta'an wareegaman. Diinni ummata Oromoo Minilik ummata lolaan cabsuu dadhabnaan dhibee Gifir (Small-Pox) jedhamu Uffatatti godhuun biyya Keessa facaasee, Loon isaaniillee dhukkuba biyya Oromoo hin jirreen Akka qabaman gochuuf biyya Keessa facaasee. erga dhibeen namaaf Loon mancaastee booda ummata laafe Humna waraanaatiin irra aane. Oromoo Arsii weeraruu ka eegale jidduu Muddee Bara 1881tti. waggoota 1881--1887 kana gidduutti Lola gurguddaa 6 adeemsise. Lolli maayyii/ ka Xumuraa ka Minilik Oromoo Arsii irratti geggeesse Raas-Daargee Sah'la-Sillaaseetiin (Abbeeraa Minilik) durfame, bakki Lolli kun itti geggeeffame "Azuulee" jedhama. bakka Azuulee jedhamu kanatti humni Abbaa irree Minilik mirga argatee ka Moohe yoo ta'u, garuu Oromoon Arsii guyyaa san irraa kaasee mirga Abbaa biyyummaa dhabee kolonii Habashaa jala gale. injifannoo isaanii Kana diinonni Oromoo geggeessitoonni Sirna Nafxanyaa hundi Bara Minilik irraa kaasee hamma warraaqsa ummattoota itoophiyaa Bara 1974 tti osoo addaan hin kutin kabajaa turan. Maayyii irratti Raas-Daargeen haaloo bahuuf jecha Maqaa araaraatiin ummata walitti yaame. ummannis rakkinnatu nu mudata osoo hin jedhin dhugaa sehuun waamicha fudhachuun harka qullaa dhufan, Raas-Daargeen garuu ummata Hulluuqqoo/ karaa xurree Xiqqoo qal'oo taate Keessa tokko tokkoon akka bahu taasisuun nama kuma sadii ol (3000) caalu irraa dhiira harka mirgaa dubartii harma irraa mure. Namoota garii Qaama saala Akka Lamuu hin horreef jecha irraa muruunis argamee jira. harkaaf harma muran kana morma isaanii irratti rarraasuun dhiiga roobsaa mana isaaniitti deebi'an. garii immoo olaantummaa fii gootummaa loltoota Minilik garsiisuuf mukkeen Naannoo san jiru irratti fannisan. bakki Diinni Oromoo itti akkana godhe kun Godina Arsii, Aanaa Heexosaa, Magaalaa itayyaa biratti argama. Yeroo jalqabaatiif Bara 1991 yaadannoo harkaaf harma muraa Aanolee bakka bakka bu'oonni dhaabbilee Oromoo fi ummanni Oromoo kumaatamatti lakkaawamu argametti Aanolee irratti kabajamee ture. Kabaja san irratti Obbo Nadhii Gammadaa fi Obbo Haayiluu Daargee Gammadaa argamanii jiru. Obbo Nadhii Gammadaa Haasawa seena-qabeessa dheeraa taasise bara san. Akka Isheetuu Irranaa Dibaabaa Barreessetti Oromoonni Meeshaa Aadaa Eeboo, Albee fi k k taniin uf irraa ittisaa turan. Lola guyyaa tokko Keessatti tarkaanfii diina irratti fudhataniin loltoota Minilik 700 tahan fixanii kaan ari'anii jiran. Lola kana Keessatti waraannni minilik marroo jahaaf moo'amee torbeessootti injifannoo gonfachuu danda'e. Lola Bara 1883 Keessatti Minilikiif Oromoo Arsii gidduutti geggeeffame Keessatti Minilik Akka malee moohamuun dheessee Lubbuu isaa akka baafatee fi Farda isaa Gootichi Oromoo #Leenjisoo_Diigaa Mogolee Muruun Minilik miilaan Lafarra ari'uu seenaan Ragaa baha. =========||||=========

  • Walumaagalatti, Artisti Lammaan daa’imummaa isaatti muuxannoo hojii qonnaa maatii isaa irraa horateera. Muuxannoo isaa gabbifachuun ogummaa fakkii kaasuu fi leenjisummaan akka hojjataa mootummaatti Humna Qilleensaa Itoophiyaa keessatti baroota dheeraaf tajaajilaa tureera. Hunda caalaa ammoo, aartii Oromoo gama fakkiitiin guddisuu keessatti gahee guddaa taphateera. Gummaacha inni guddina aartiif taasisu kun mataa isaa bira darbee uummatasaa, biyyasaa fi addunyaa irrattillee xiyyeeffannoo argachuun bu’aa guddaa buuseera.

  • Artisti Lammaa Guyyaa bara 1928 Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aa Liiban bakka Daloo jedhamutti dhalate. Maatiin isaa qonnaan bultoota waan turaniif, Lammaan hojii qonnaatin maatii isaa gargaaraa guddate. Lammaan hojii qonnaa cinaatti, namoota naannawa ogummaa meeshaalee qonnaa kanneen akka nohee, hordaa fi waanjoo hojjatan xiyyeeffannaan ilaala ture. Akkasumas, namoota naannoo isaatti ogummaa meeshaalee manaa adda addaa supheerraa hojjatan argaa guddate. Lammaan, daa’imummaa isaatti ogummaa namoota naannawa ilaalaa waan guddateef bocaa fi fakkiilee adda addaa mukaa fi supheerraa hojjachuu eegale. Namoonnis waan inni kalaqu kana ilaaluun baay’ee waan dinqisiifataniif, abbaa isaa mana barnootaa akka galchuu gorsan. Lammaanis, ogummaa naannawasaatti horate guddifachaa deemuun yeroo umriin isaa waggaa 17 ga’u carraa mana barnootaa seenuu argate. Mana barnootaa keessatti cimina fakkii kaasuu fi barnootaaf qaburraa kan ka’e barattootaa fi barsiisotaan baay’ee dinqisiifatama ture. Haala kanaan, barnootasaa hanga kutaa 7 Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti, Mana Barnootaa Bishooftuu sadarkaa 2ffaa yeroo sana ‘Libne Dingil’ jedhamutti baratee xumure. Yeroo sanatti kutaa 7 xumuruun akka sadarkaa olaanaatti waan ilaalamuuf ogummaa barsiisummaan akka leenji’uuf gara dhaabbata Leenjii Barsiisotaa Adaamaatti ergame. Haata’u malee, leenjiin kun fedhiisaa waan hin turreef, Bishooftuutti deebi’ee bocaa fi fakkii garagaraa bifa nama hawwatuun kaasuu fi bocuu itti fufe. Boca Lammaan yeroo sana boce keessaa tokko boca xiyyaaraati. Boca xiyyaaraa kanas mukaafi abujadiirraa hojjachuun gara Humna Qilleensaa Itoophiyaa geesse. Namoonnis boca xiyyaaraa kana baay’ee jaallachuurraa kan ka’e bulchaa Humna Qilleensaa Itoophiyaatti agarsiisan. Bulchaan Humna Qilleensichaas boca xiyyaaraa sanatti hedduu waan gammadeef, nama boca kana hojjate akka dhiyeessaniif ajaje. Yeroo walarganis ogummaa Lammaa dinqisiifachuun, gara fuulduraatti maal baraachuu akka barbaadu gaafate. Lammaanis, “Humna Qilleensaa Itoophiyaa keessa seenee barachuun barbaada,” jedhee ibseef. Bulchichis akka baratu waan eeyyameefiif, Lammaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa seenee barachuu eegale. Humna Qilleensaa keessatti leenjii meeshaalee waraanaa, qaama xiyyaaraa hiikuu fi suphuu waggaa shan leenjifamuun eebbifame. Ogummaa ittiin eebbifameenis namoota leenjisaa ture. Artisti Lammaan hojiisaa idilee Asmaraatti osoo hojjatuu ogummaa fakkii kaasuu artistoota biyya Xaaliyaanii irraa caalaatti barate. Sana booda, fakkiilee garagaraa kaasuun bara 1950 Asmaraatti daawwannaaf dhiyeesse. Sanarraa ka’uunis beekamaa dhufe. Haa ta'u malee, sirna yeroo sanaatiin dhiibbaan uummatarra ga’aa ture isa yaaddessaa ture. Kanarraa kan ka’e, hojii aartii isaatiin mormii isaa ibsa ture. Fakkeenyaaf, fakkii adurree aannan jigsitee, hantuuta ishee bira jirus dhiistee foon qooxiirraa buusuuf yaaltu kaasuun ibsate. Qondaaltonni mootummaa yeroo sanaas hojii isaa balaaleffachuun yeroodhuma sana hojii mootummaa akka dhaabu taasisan. Garuu, Artisti Lammaan duubatti osoo hin deebi’in, hojii fakkii kaasuu kutannoon itti fufuun, jireenyasaa haala gaariin gaggeessuu jalqabe. Ogummaa isaan beekamtii guddaa argachuurraa kan ka’es biyyoota addunyaa kanneen akka USA, Siwiidin, Yuunaayitid kingidam, Naayijeeriyaa, Keeniyaa fi Seenegal keessatti hojiisaa daawwannaaf dhiyeessuu danda'eera. Agarsiisa fakkiileefi boca adda addaa dhiyeesse kana irraas galii guddaa argate. Artisti Lammaan Magaalaa Bishooftuu keessatti gaalerii 'Aartii Afrikaa’ jedhamu baneera. Gaalerii kana keessatti fakkiilee mimmiidhagoo kanneen akka muka, gogaa, baala, rifeensa beelladootaa fi kkf irraa bocaman yookiin kaafaman baay’eetu argamu. Keessattuu, fakkiileen aadaa Oromoo naannawa adda addaa agarsiisan qalbii namaa booji’u. Namoonni biyya keessaa fi alaa daawwannaaf gara gaalericha deemuun daawwatu; kaanis ni bitatu. Kaka’umsaa fi fedhii ogummaasaa dhaloota har’aa dhaalchisuuf qaburraa kan ka’e, .........................

  • Bara 1995tti, Aliin badhaasa Toroontoo Afrikaan meeritis Awwaard(Toronto African Merits Award) argateera. Bara 2010tti ammo, Yuunivarsiitii Jimmaa irraa Dokitreetii Kabajaa aragateera. Mudde 2012tti Dorgommii Daddaraaroorratti isa jalqabaa irratti marsa xumuraarratti keessummaa kabjaa ta'uun affeeramee argameera. nagan boqodhuu

  • Alii Birraa weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa Oromooti. Aliin Fulbaana 29, 1950 magaalaa Dirre Dhawaa naannoo Lagaharree jedhamutti dhalate. Jireenyaa Ijoollummaa Isaa Aliin kan dhalate Dirre Dhawaa keessatti. Abbaa fi haati isaa Aliin dhalatee waggaa sadi'itti addaan bahan. Aliin sana booda abbaa isaa biratti guddate. Yeroo ijoollummaa isaa mana barumsaa Arabiffaa galee Afaan Arabaa barateera. Sana boodas mana barumsaa galee amma kutaa 6tti barate. Yeroo ijoollummaa isaa karaa irratti daldala adda addaa hojjatee of gargaaraa ture. Wayita umuriin isaa 13 ta'u, hawwisoo Afran Qalloo kan aadaa Oromoo guddisuuf dhoksaadhan hojjachaa turetti makame. Sirbi inni jalqaba waltajjiirratti sirbe "Birraa dha bari'e" kan jedhamu ture. Kanarraa ka'ee maqaa Alii Birraa jedhamu argate. Mootummaan Hayila Sillaassee hawwisoo kana bara 1965tti cufee miseensota hawwisoo kanaas gartokkee mana hidhaatti naqe. Aliinis baqatee gara Finfinneetti gale. Jireenya Isaa Finfinneetti Aliin erga [[Finfinneetti galee booda hojii sirbaa adda addaa hojjachuu jalqabe. Yeroo kana Aliin sabboonaa Oromoo Ahimad Taqii wajjin wal bare. Ahimad Taqiis Alidhaaf akka ittiin sirbuuf jedhee gitaara biteef. Beekkamtummaan Aliis magaalaa Finfinnee keessatti saffisaan dabale. Aliin Afaan Oromoon biratti Afaan Amaaraa, Afaan Arabaa, Afaan Hararii fi Afaan Sumaaleetiin sirbuu danda'a ture. Kunimmoo namoota adda addaa biratti akka jajamuu fi jaalatamu godhe. Namoota isa jaalatan keessaa tokko Iyyu'eel Yohaannis kan jedhamu dura bu'aa Kibur Zabanyaa kan ture tokko ture. Innis Aliin Kibur Zabanyaatti akka makamu godhe; achittis weellistoota beekkamoo kan akka Mahaammud Ahimad, Xilaahun Gassasaa, fi Buzunash Baqqalaafaatti makame. Kibur Zabanyaa keessa yeroo turetti, carraa gara naanoo adda addaa deemee itti dandeettii isaa agarsiisu argate. Gara Sudaanis deemee wellistoota bebbeekkamoo akka Mahaammad Waardiifaa wajjin sirbe. Yeroo Finfinnee jiru, waltajjii gurguddaa akka Haagar Fiqirii fi Raas Tiyaatiriifaatti sirba ture. Boodarra abbaa isaa wajjin mariyatee Finfinnee gad lakkisee deeme. Bara 1970n keessa, yeroo Warraaqsi Itoophiyaa jalqabu, Ahimad Taqii baha Itoophiyaa keessatti loltuu mootummaatin odoo loluu du'e. Aliinis baayyee gaddee akkas jedhee sirbe Yaa Hundee Bareedaa Yaa Fiixee Miidhagaa (Hundeen maqaa kan bira Ahimad Taqii ture) Aliin hojii isaa weellisummaa fi qindeessumma itti fufe. Albamii isaa kan jalqabaas bara 1971 baase, kunis albamii sirba Afaan Oromoo kan jalqaba ture seenaa sirba Oromoo keessatti. Achii booda sirba jaallatamoo akka "Hin Yaadin", "Asabalee", "Ammalelee" fi "Gammachu" godhate. Albamiin isaa sirboota Afaan Sudaan kan akka "Al-Habiib Ween" fi sirba Hararii kan akka "Yidenqal" of keessaa qaba. Biyya Alaatti Leellistuun Alii Birraa, Imbaasii Iswiidin kan Finfinnee jiru keessatti Itti-aantuu Sekreeterii (vice-secretary) kan turte, Alii gaa'ilaaf gaafatte. Aliinis gaaffii kana fudhatee bara 1985tti ishii fuudhe, maqaan ishii Birgittaa Astroom jedhama. Birgittaan kan dhalatte Istookoolmi Iswiidin keessatti (Adoolessa 21, 1942 - Fulbaana 13, 2009). Bara 1986tti, haati manaa Alii Sawud Arabiyaatti jijjirramate, Aliinis ishee faana Sawud Arabiyaatti gale. Haa ta'u malee, Sawud Arabiyaan Aliitti itti hin tolle. Kanaaf gara Iswiidinitti ce'ee achi waggaa lama jiraate. Bara 1988, Aartis Akkaadaamii Loos Aanjeles (Los Angeles Arts Academy)tti barachuuf gara USA deeme. Bara 1990tti erga eebbifameen booda bara 1992tti albamii lama Itoophiyaan alatti kan jalqabaa gad lakkise. Kunis addunyarratti akka beekkamu godhe. Aliin konsertii baayyee biyyoota adda addaa keessatti geggeesseera. Kana keessaa bara 20005tti ayyaana waggaa haaraa Itoophiyaa irraatti Sharaaten Addis kaasuun ni danda'ama. Bara 2009tti, Aliin dhukkuba Kaanserii marrimaanii akka yaallamaa jiru yoo dubbatamu, garuu sirba akka itti fufuun hojjatu yoo dubbatu albamiin isaa kan dhiyoo baase garuu kan dhuma ta'uu hin hafu jedhama. Badhaasa

  • LOLA GURGUDDAA OROMOON JAARRAA 16FFAA KAASEE (#Gootummaa Oromoo durii kana obsaan dubbisaamee:) ✍️Uummati Oromoo jaarraa 13ffaa irraa kaasee diinota lama Habashaa fi Isilaamota Affaarii fi sumaalee of irraa lolaa ture. Diinota kana lameenis miidhaa guddaatu irraa gahaa ture. Of-irraa ittisuuf haa faccisu malee hamma sirna Gadaan of ijaaree jabaatetti akka humnaatti gad of dhaabu hin dandeenye. ✍️Kanaafuu jaarraa 14ffa fi 16ffaa gidduutti Isilaamotii fi Kiristaanonni Oromoo saamuudhaan dagaagaa turan. Garuu Oromoon walakkeessa jaarraa 15ffaa irraa kaasee sirna Gadaa ijaarratee cimaa fi jabaataa waan dhufeef roorroo gama lachuun itti dhufu of irraa ittisuuf #lafa_isaa_deebifachuu jalqabe. Haa tau malee faaraan kan Oromoon cime jaarraa 16ffaa keessatti ture. Jaarraa 15ffaa keessatti waraana Habashaa wajjin bara Zara Yaaqoob fi Baaida Maariyaam naannoo Hora Laangaanoo fi Baallii keessatti wal lolanii turan. Lolli gurguddaan garuu jaarraa 16ffaa keessatti ture. ✍️Lolli jaarraa 16ffaa keessatti deeme hundi isaa Gadaan geggeeffamaa ture. Lubi tokko akka sadarkaa aangoo qabachuu isaa gaheen lolli bifa haaraan deema ture. Kanaaf duula Oromoo hubachuuf #Luboota_kaan_Gadaa fudhatan waliin ilaalla. ✍️1, GADAA MEELBAA 1522_1530: Gadaan duraa Meelbaa jedhama jedhu. Bara Gadaan Meelbaa kana Oromoon abbaa duulaa itti ijaaree yeroo duraatiif gurmuun duulatti bobbaase. Baallii weeraruu jalqaban. Namticha Amaaraa maqaan isaa Faasil jedhamu wajjin wal lolanii innis lola irratti due. Duula Oromoo isa jalqabaa kanaan Amaarri dawwee jedhaan. Afaan Amaaraatti #dawwee jechuun dhukkuba #lamxii jechuu dha. ✍️2.GADAA MUUDANA 1531_1538: Meelbaatti aanee kan Gadaa fudhate Muudana jedhama. Bara Muudanaa kana seera jajjabaa lama tuman. Lubi hundi duula akka duulu fi lafa haaraa baasan malee meendhicha akka hin hidhanne kan jedhu ture. Baalli kan Meelbaan weeraruu jalqabe Muudanni dhuunfatee hamma qarqara laga Awwaashitti irraa qabatan. Barri Gadaa Muudanaa kun bara Isilaamni Imaam Ahima @Hunduu_jira @Hunduu_jira