- Последний пост
- 11 июл.
- Последнее чтение
- 14 авг.
- Постов за неделю
- 0
- Всего постов
- 20
- Тип
- открытый
- Язык
- om
- Категория
- Новости и СМИ (по похожим)
- В каталоге с
- 14 авг.
- 1/24сутки в ленте
- —
- 1/48двое суток
- —
- 1/72трое суток
- —
Оценка по просмотрам недавних постов: пост набирает почти всё за первые сутки.
Посты
Bubbee S1E18 Misirroo Siitkoomiin Bubbee garamitti deemaa jira? Bubbee fi Jiituun gaa’ela dhaabbatan moo? Michuun akkam taati laata? Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa! https://youtu.be/LTPnq2dNB9I?si=IHWVrXF9HvyuK3_K
Bubbee S1E13 Hirmii Siitkoomiin Bubbee sadarkaa biraatti ce’aa jira. Jiituun (Tiyyaan) erga dhuftee as bifa haaraan ol ka’ee hojjatamaa jira. Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa! https://youtu.be/8-Nt6pP5zNU?si=vVtZktknEvtdaTDw
"....Addunyaa kanarra jiraachuun dirqama miti. Namni dhaabbatee hafu tokkollee hin jiru. Hundumtuu yeroosaa eeggatee gaafa guyyaa xumurasaa inuma du'a. Yoo du'a sodaatanillee duuti hundattuu as adeemaa jirti. Garuu guyyaa du'aa asitti wanta tokkotu jira. Gaafa jireenyi ulfaate, gaafa haalli hunduu dukkanaa'ee bita namatti galu, abdiiwwan jireenyaa hunduu bakkaa dhabamanii muka qabataa yoo dhaban, hiriyoota baay'ee fi maatii ofii gidduu dhaabbatanii qofaa ofii gaafa tahan...jiraachuudhaafillee sababa tokko xuqaa jireenyaa yoo dhaban daandii gubbaatti itti adeemanii du'a simachuun furmaata xumuraati. Gaafa humni ofii yaada ofii, hawwii ofii waliin wal hanqatu, namoonni gaafa moggaatti nama gatanii qofaa ofii tahan, waaqnillee gaafa nama jalaa callisu kan namatti dhi'oo jiru du'a tokkittiidha. Anis kanaafan dhufe. Dachee fokkistuu lubbuu fi foon kee wal keessatti gidirstite kana faana turuu hin dandeenye. Natti qorre..anis nan qorre. Wantoota baay'ee argachuuf wantan lamuu hin deebine baay'ee dhabeera. Amma kunoo dhumarratti ofii koon dhabe. Nan beeka, waan dachee irratti dhabne duunee akka hin arganne nan beeka. Garuu ammoo jireenya ciniinsifannaan guute kanarrammoo du'atu gaariidha. Dhugaadha waan baay'ee yaaleera. Haalota humnaa fi umurii kootiin kan wal hin madaalle baay'ee xuxxuqee jireenya mo'achuuf carraaqeera...homaa utuun hin hambifatin mokkoreera. Namoonni baay’een obsi jedhu; garuu obsi namaa daangaa qaba mitiiree? Eeyyee obsi ni dhuma. Abdiinis ni dhidhima...abdi kutannaadhaan bakka bu’a. Eeyyee akkasi! Waan tokkon isiniin jedha; namoonni na jaallattanis na jibbitanis dhiifama. Du'a koo dura dhiifama. Laphee koo qulqulluu murtoo kana fudhadheera. Atis yaa Waaqayyo; namni akka of ajjeesu, lubbuu ati uumtee fi dhiigaan bitte akka balleessu akkati hin barbaannee fi cubbuu guddaa tahe sirriittan beeka. Sababoota koo garuu ni argita. Garuu du'a koo dura wanta tokkon si kadhadha. Cubbuuwwan koo durii fi kanan amma raawwachuuf jiru hundaaf al tokkotti dhiifamaa fi araara naaf godhi. Du'a koon dura, du'aa jiraachuu koo kanaaf araara naaf godhi. Lubbuu koo tokkittii ishee jireenya dachee kanaan gidirfamtee gara kee dhufaa jirtu kana ammoo boqonnaa bara baraan simadhu. Si amaneera! Obboloota koo, seenaan koo kanumaan xumurameera. Hub:- Ergan du'ee awwiltii fi suuraawwan kootti gaarummaa koo hin himinaa....Nagaatti! " jedhee xalayaa du'a duraa barreessee qajeele.. . . . Waaqni lubbuu kana cubbuu of ajjeesuu isaaf ni dhiisaafii? Du'a dura of ajjeesaa jiraachuu isaaf araara kadhateera. Ni danda'amaa? By Carroo
Bubbee S1E12 Tiyyaan gara Bubbeetti Jiituu taatee dhufteetti. Waan ajaa’ibaa ilaaluuf qophooftanii? Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/IcGVKl1o1RI?si=b23JcbiKgl5k1TEV
Yaa obboleettii koo… nama kee horma wajjin arguuf akka deemtu yaaduun dhuguma nama dhukkubsa…garuu🌙 Jireenya keessatti gaaffii hedduun deebii hin qabu. Abalu maalif na miidhe?, Maalif na dhiisees deeme? Maalif jaalalli keenya hin milkaa’in hafe?” jechuun halkanii guyyaa of dararuun dogoggoradha. Yeroo tokko tokko deebiin gaaffii keenya sanaa nama biraa harka osoo hin taane, yeroo keessa dhufee deebii nuuf argamsiisa; kana jechuun deebiin keenya yeroo harka jira jechuudha. Guyyaa tokko tarii teessee yaaddee “Galata Waaqaa baga namni sun kan koo hin ta’in” yeroo ati jettu ni dhufa ta’a. Akka waan mudannoon kun sirratti reef jalqabeetti hin ilaalin. Namni tokko si dhiisee deemuun isaa yeroo hunda si balleessuuf miti; yeroo tokko tokko akka ati of beektee cimtuu taatuuf ta’uu mala. Lapheen kee yeroo cabu sagalee guddaa hin dhageessisu; callisa keessatti utuu namni hin dhaga’in si dhiiga. Namni hundi akka ati nagaa qabdutti si ilaalu; ati garuu keessa keetti suuta suutaan yaadannoo kaleessaa keessatti liqimfamtee dararamaa deemta. Garuu obboleettii koo, yeroo hunda dukkanni halkan keessatti hin hafu ni bari’a. Halkanni hin bari’in hafe takkaa si mudatee beekaa? Tasumaa hin jiru; dhi’uuf bari’a bari’uuf dhi’a. Na amani guyyaa tokko ni fayyita. Guyyaa tokko immoo nama yeroo tokko sababa boo’icha kee ta’e yaadatte keessa keetti teessee kolfita. 🤍 Gaafas maaltu na tuqnaanin akkas gadde jetta. Har’a haala sana keessa jirta taanaan ifa borii kee dukkaneessuuf, of ajjeesuun furmaata ta’ee sitti hin argamin; Jireenyi abdiidha. Abdiin qabdiidha. Jiraadhu. Eeyyee miidhamteetta of amansiisiitii gadda kee keessa sirriitti jiraadhu. Gadda kee amantee hirmii baafachuun fayyinaaf si kudhaama. An hin miidhamne jettees fakkeessuuf hin dhama’in. Ati inni dhiiraas akkasuma. Fayyuuf namni kamuu akka dhukkubsate beekuun yayyaba. Keenboon Abrahaam @Ornobel
📢 Advertising in this channel You can place an ad via Telega․io. It takes just a few minutes. Formats and current rates: View details
Ani namoota baay'eef jira. Anaaf garuu namni tokko hin jiru. Jireenyi akkasi. Namoonni tokko tokko, namaaf nama ta'uuf dhalatan malee, namni akka isaaniif nama ta'uuf hin heyyamamneef jedheen yaada. Gaafa hunda namaa wajjin dhiphachuu, namaaf yaaduu, namoota jajjabeessuuf isaan kan dursu hin jiru. Ofii isaaniif garuu namoota sana keessaa, nama 1 hin qaban. Ati akkuma namoota gita keetti jajjabeessitu, warreen siin olii irraa jajjabina ni barbaadda. Warra si duuba jiran akkuma karaa agarsiistu, kan ati qajeeltoo irraa barbaaddus jira. Garuu karra sitti cufatu. Warra garaan isaanii cabe fujla ilaaltee beekta. Ati garuu utuu imimmaan kee arganii hubatamuu dadhabdee jechootaan kun imimmaan kooti jettee yoo hinteef illee, sin hubatan. Dhimmi koo dhimma gariiroo biraa miti. Dhimma jiraachuuti. Ilaa jireenyatu akkasi. "Bakakkaa samii buute dacheen baachuu hin dadhabdu" kennaa hin didan. Namaaf nama ta'uu kee dhiisuuf yoo yaaltes hin dandeessu. Nama hubachuu, namootaaf yaaduu, isaaniif dhimmamtee dhiphachuu...ofiif ammoo hubatamuu dadhabuu; ofii kophaa akka taatu namni siif tilmaamuu dadhabuu... Guyyaan ati dhiphattee, hubatamuu dadhabdu yeroo dhufu waan ati bartu "Edaa dhaggeeffatamuun, fudhatamuun, hubatamuun namootaaf hamma kana bu'aa qabaa? Namootaaf gurra kennuufi jajjabeessuun hamma kana waan guddaa turee? Akka salphaatti isaaniif olmaan oolaa ture, edaa akka salphaatti hin argamu turee? Yoos kana dura namoota meeqa hubachuun koo gatii guddaa hin tilmaamamne meeqa baasa?" jettee akka yaaddu si taasisa. Namoota baayyeef utuu hin beekin oolmaa baayyee akka oolle, gaafa oolmaa sana dhabnee miidhamne hubanna. Jireenyi akkasi. Namni tattaafatee dhama'ee, jabaadhuu gaafa dhabe waan baayyee hubata. Namni namaaf nama ta'ee, nama hin qabne garuu jooraadha. Faara namootaa dubbistee keessa isaanii bubachaafii, ofii garuu himattee iyyuu hubatamuu dadhabuun dhukkuba. Akka atis hubatamuu, dhaggeeffatamuun si barbaachisu hin hubatan. Namootatu si qaba malee, ati namoota dhabuu dandeessa. Gama biraan namoonni tattaaffii kee hunda bishaanitti gaafa naqan, si miidha. Miidhamtrs dhiiftes ammoo namni siif dhimmamu hin jiru. Kan akka kolfitee, dhokfattee darbuu hin jiru. Ta'us keessi kee du'aa adeema. Kun hundi kanadha. Guyyaa gammachuutti gadda yaadachuun nama dhukkubsa. Kaleessis, har'is, boris fuula wal fakkaataa, boqonnaa wal fakkaataa taanaan dhamdhama dhaba. Dubbachuuf yaaddee, waan dubbattu dhabda. Dubbiin baayyeedha garuu, dubbiitu hin jiru. Jireenya ... Jabaadhaa egaa Keenboon Abrahaam @Ornobel
Twitter warreen qabdan maatii keenya ta’aa! https://x.com/kaachuu_y/status/2054094675523371278?s=46
Bubbee S1E8 Boba’aa Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/3Gpe8OlHuNg?si=qtxyI8LNJ96jcY9e
Bubbee S1E5 Battallee Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/9ys0owk_ewI?si=WkVSJqekxpVdcC3m
Bubbee S1E4 Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/_r3xujyB4qI?si=fs7VR1HUGR0i2yxs
Hogguu takka takka Jireenyi filannoo tokko qofa siif laatti; diiguu. diiguudhaan alatti filannoo biraa hin qabdu. Garuu waan mararfattu osoo jaallattuu diiguu caalaa wanti nama dhukkubu hin jiru. Nan beeka yeroo tokko tokko kan duraa caalaa bareeduuf kan duraa caalaa miidhaguuf diiguun dirqama. Bareeduuf diiguun dirqama ta'uyyuu kan diigamu keessa immoo yaadannootu jira. Yaadannoo kaleessaa, kaleessa riqicha har'aa! Namni yaadannoo irraa adda ba'ee jiraachuu hin danda'u. Sababni isaa yaadachuun seera uumaati. Gaariis haa ta'u yaraa yaadachuun dirqama. Wanti dinqiin immoo yaadannoon gadhee hin qabu. Sababni isaa darbeera. Namnillee gaafa du'u gaarummaan isaa dubbatamaamii? Ajabiim! Dhukkubni gaafa darbe, dhibee isaa caalaa cimina keenyatu keessaan nutti mul'ata. Akkamittin darbe jennee of raajeffanna bar! Nama, uumama of jaallataa! Diiguu keessa kaleessa balleessuutu jira nuti immoo bu'aa kaleessaati. Kanaaf diiguun baay'ee ulfaata. Garuu akka haaraatti dhalachuuf, lammata qummuudanii biqiluun, biqilanii daraaruuf filannoo biraan hin jiru. Filannoon tokko qofa gaafa ta'u filannoo ta'uun isaa hafee ajaja ykn dirqama ta'a. Dirqamni immoo lubbuu guraara hafuura laamshessa! Gaafa sana yaadannoo kaleessaa caalaa 'bor' kan jadhamutu si yaachisa. Guyyaa akkasii borii kee ijaaruuf kaleessa keetti gasoo qarattee baata! Kaleessa kee dhabama gootee borii kee ijaarta! @Ornobel
Bubbee S1E3 Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/VjjtwzGkZv8?si=4KVXpJnyfMLGpQkx
Bubbee S1E2 Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/uwEyIJMtBlU?si=aqYUih0W6kSFWc1Y
Bubbee S1E1 Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera. https://youtu.be/yDcndaSQV5A?si=-tnYpdd_P1fHau9f
Miira akkasii, isa arge qofaatu beeka! 🥹💔 “…yoo duutes hin yaaddahiin, waanan si biraa hafu mitii!”🥺 Xalayaa haadha loltuu tokkoo, kiphii(kiisii) loltuu wareegamee tokko keessaa argamedha. Ammoo waanta dhugaadha, tiibbanuma;biyyanumatti!👨🏽🎨 “Dhalakoo; erga ati manaa baatee manni ‘cirri’ jedheera. Ammuma balballi karra alaa rukutamun ‘mucaankoo dhufe’ jedhee utaalee lafaa ka’a, akka sin taane gaafan baru, lolaan imimmaanii maddii koorra guyyaan yaa’u bifa fuulakoo balleesseera🥹. Kan si dhibu, yeroo hundaa uffatakeen haammadhee rafa. Lubbuudhaan kan na tursu, foolii keeti!. Ollaan keenya ammoo yeroo hundaa waaheekee na gaafatu. ‘Nagaadha’ jedheen deebisaaf. Sodaakoo dhokseen isaan jajjabeessuudhaaf yaala. Ilmookoo; hunda caalaa kan jajjabeessuu barbaadu garuu ana haadha keeti!🤔 Gaafa ati beeloftu, mardhimaan kootu marama, natti beekama. Gaafa ati dheebottu, qoonqootu na goga. Yoo sitti qorru, dirratu na oollata…..Yoo jiraatteef tarii sin arga, yoo duut-es hin yaaddahiin waanan si biraa hafu mitihoo. Waanti na yaaddessu; ‘tarii allaattiin foonkee nyaatte, biqilan dhufaatii keetiif jedhee mooraa keessa hafes yoo dhuftee funaannattehoo’ jedhee gaafan yaadudha!😥 Yoo tole mana keenyatti, yoo dabemmoo mana waaqaatti wal-argina…Jabaadhu! Deesseekee irraa! Dhalakoo; lafa war-aanaa jirtuuf!” ✍🏿🥺 Oli Wak
Ati loltuudha!…🥹 Jaalalleekee hardhaa, haadha manaakee boruu waliin achuma ‘kaampii’ waraa-naa keessatti wal-bartu. Yeroo tokko tokko inumaa loltummaa keessaa dhiiftee bahuuf murteessitee, ishee dhiiftee bahuun du*a sitti taati. Gaafa sana biyya dhiiftee, isheef loltuu taatee itti fufuu filatta. Biyya caala ishee ofitti aansita.Biyyikee isheedha! ….guyyaa tokko oomaa waraa-naa mooraa guutuu waliin dirqama fudhattanii dirree waraa-naatti bobbootu. Isheenis achi keessa. Atis! ADDA WARAA-NAAtti Ijibbaata lolu mitiiree. Sanuu gaafa akka kanaa, qubni akeektuu,millaaccii irraa sin boqotu. Amma funyaan meeshaa keetii diimatutti ciniinnattee dhukaasta💪 Diina waliin xooxirattee wal-gilindisaa jirta. Lolli ho’eera. Afaan jala wal-geessaniittu. Battala sanatti dubartiin cinakee lapheeshii lafatti maxxansitee, addashee dhagaan dahattee diinatti rasaasa roobsitu tokko sagalee rifaasisaan iyyitee “wayinee JAAAALLLEEE…” jedhu wayii kennitti. Of-cina gaafa ilaaltu jaalallee keeti, rukutamteetti. Dhukaasa dhaabdee lafarra gangalatti. Diinni morma jala sin gaheera!😳 Yoona kana naasuudhaan,battalaan cancala meeshaa kee osoon dhaamsiin (isa dhukaasuuf nyaachifatte osoon cufiin) harka bal’iftee fiigdee dhaqxee isheerratti lafa dhoofta. Ammaartee gaafa ishee lafaa kaasuuf jettu, angattoon (qabattoon) qa-wwee keetii siitti xaxamee si morma. Harka tokkoon ishee qabattee, harka tokkoon meeshaa ofirraa baasuuf osoo wixxiftuu, uraan kootii(jacket) keetii inni baarunni uree darbe, millaaccii sirkatti qaba. Hariitiin gaafa baasuuf jettu, qa-wweenkee funyaanshee qixa laphee jaalallee keettin alaamamee jirtu, rasaasa tufti.🥹 Godaanteetti! Atoo?🙎🏿♂️ @Ornobel
💔✍️🥺 Jaack mucaa dargaggeessa jedhamutu intala tokko jaallate. Biyya INGILIZ keessatti seenaa raawwatedha. Mana gurgurtaafi agarsiisa Fiilmii keessaa hojjetti. Dargaggeessi tokko yeroo hunda galma guddaa isheen keessaa hojjettu deemee ishee ilaalee deebi'uu qofaaf jecha CD FILM bitee gala. Kan nama raaju garuu, addunyaa kana'rraa waan inni jibbu yoo jiraate fiilmii ilaaluudha; garuu ishee ilaaluu qofaaf jedhee galama sana gaafa deemu Fiilmii CD 1 bitee gara manaatti gala. Gammachuu ishee ilaaluurraa argatuuf manichatti marmaara. Itti hin himne garuu ni jaallata; ijuma ishee arginaan gammadee gala. Guyyaa tokko garuu jaalalasaa itti himuuf murteeffatee, xalayaa gabaabduu, "mucattii bareedduunana ani baay'een si jaalladha. Jaalala keen qabameen yeroo hunda as marmara, yoo tole naaf jettee bilbila kanarratti naaf bilbili; sin jaladha" jedhee lakkoobsa bilbilaa isaa irratti barreessee fuula dura ishee "dup" godhee sokke. Xiqqoo erga deemee mucattiin akka waan xalayaa sana fuutee dubbiftee, namoonni mana sana keessaa hojjetan hunduu quba itti qabanii isheetti kolfaanii ishee qaanessaa jiraniifi, abbaan qabeenyaa manichaas hojiirraa akka waan sababa kanaa ariyaa jiruu itti fakkaannaan battala ariitiin ofirra deebi'ee ilaaluuf jedhee murteesse. Qooda ishee of dhiphisee utuu qalbii hiramee daandii qaxxaamuruu gidduutti konkolaataan rukutee ajjeese.🥺💔 Maatiin awwaalanii gadda taa'uu itti fufan. Intalli sun bilbila inni kenneef sana irratti galgala bilbilte.🥺 Hello Hello Bilbilli kun kan Jack mitii, Jack jiraa jette. Adaadaa isaatu irraa kaase, "sorry Jack du'eera, har'a balaa konkolaataariin lubbuun isaa darbinaan awwaallee gaddarra jirra" jette. Intalli sunis, naasuun bakka jirtu wallaaltee... adaraa harmee koo GPS keessan naaf ergaa; gadda isaa qaqqabachuun barbaada; waa'ee isaa baruun barbaada jette. GPS'saanii erganiifii, isheenis mana jack'faa deemtee, yeroo ol galtu adaadaa Jack sanaan wal argitee, Pls harme kutaa inni keessa jiraatu, bakka inni rafu arguun barbaada na geessuu dandeessuu jette. Yeroo kutaa Jack dhaqxee lixxu VCD. Fiilmii inni bitaa ture baay'inarraa kan ka'e koorniizii bira ol darbeera. Fiilmii yeroo hunda dhufee nurraa bita; inni hin ilaaluu banee? jettee adaadaasaa gaafatte. Adaadaan isaas deebistee, addunyaa kana irraa kan inni baay'ee jibbu fiilmii ilaaluudha jetteen. Fiilmii sana kan inni dhaqee bitu edaa intala sana arguu qofaaf jedhee ture. Egaa intalli kun utuu inni ishee hin jaallatin duraa jalqabdee jaallachuu keessa darbitee, tokkoon tokkoo VCD itti gurgurtu keessatti "Adaraa mucaanana tole naaf jedhi, ani si jaalladheera" jettee barreessitee waraqata VCD sana hunda keessa ka'aafii turteetti. Jack garuu VCD banee hin ilaalu. Isheen jaalala isaan miidhamteetti baayyees eegaa turteetti. Inni dubartii isa jaallattutti jaalalaan gubata; isheenis akkasi. Dhaamsin koo as jira; carraa kanaan namni hundi Jack akka hin taane isiniif dhaamuun barbaada. Waaqayyo waggoota hedduu dura, karaa ilmasaa Yesuus Kristoos isinin jaalladha jedheera. Isin har'aa borii ganaa Waaqayyo na jaallata jettanii kadhachaa ooltanii bultu. Akkasitti barri keessan dhumee akka hin duune. Jaalalli Waaqayyoo isiniif haa galu. VCD keessan banaa ilaalaa. Macaafa banaa ilaalaa. Oolmaa guyyaa guyyaa keessan keessatti jaalala Waaqayyoo ilaalaa. Utuu jaalala isaa hubattanii hin dhamdhamin duunaan, inni isin hin beeku. Jiraatti warra jaalala isaa dhamdhamantu, du'anis mirga isaa taa'u akka taatan isiniif caafuu koo hubadhaa. Sanbata eebbifamaa qabaadhaa. © Keenboon Abrahaam ✍️ @ornobel
Osoon guyyaa sana daqiiqaa tokko siif kenneera ta'ee, har'a ati jiraattee, ani siin boqodha ture taha. Boqonnaa nagaa, kan ani siif dhowwadhe sana, Waaqayyo siif haa kennu. Nagaatti... nagaatti hamma guyyaa wal arginuutti. Daniel Moti @ornobel
💔😭👇 Kaleessa galgala, qilleensi isaa ni qorra ture. Ani garuu mana taa’ee, hojii dhuunfaa koo irratti xiyyeeffadheen “har’a wanti hundi nagaadha sahatii kana hojiin dabarsuun qaba” jedheen ofitti hime. Daqiiqaa muraasa boodas bilbilli koo iyyuu eegale, maqaa kee iskiriinii irratti yeroon argu, “Ammas tapha isaatiif na waama ta’a, yookiin waanuma yeroo hunda natti hasa’u sanaaf bilbila” jedheen yaade. “Boodan deebisaaf” jedhee 'Silent' godheen gara hojii kootti deebi’e. Maalin beeka? Daqiiqaan ani bilbila kee jalaa diduuf murteesse sun, daqiiqaa lubbuun kee qaama kee keessaa ba’uuf raafamaa turte ta’uu isaa osoon beekee, silaa miilaan fiigeen si bira ga’an ture. Yeroo bilbilli kee lammata iyyu, “Maalif akkas natti bilbilaa?” jedheen aaree bilbila koo gadi garagalche. Osoon bilbila sana hin kaasin, osoon si hin dhaggeeffatin daqiiqaan kudhan ni darbe. Daqiiqaa kudhan booda garuu, bilbilli koo iyyuu dhiise. “Eeyyee, amma na dhiisee rafeera” jedheen boqonnaa argadhe. Garuu ati hin rafne. Ati daqiiqaa sanatti, balaa tasaa kanaan lafa irratti kuftee, dhiigaan dhiqamtee, namni si kaasu dhabamee, “Waahelakoo...” jettee maqaa koo waamaa, bilbila kee bira ga’uuf harka kee lafa irra harkisaa turte. Osoon ani mana taa’ee 'Facebook' fayyadamu, ati lafa qorraa sana irratti kophaa kee hafuura dhumaa baafachaa turte. Osoon ani "Boodan dubbisa" jedhu, ati garuu "Yeroo hin qabu" jettee du’a wajjin wal’aansoo qabaa turte. Namoonni naannoo sana turan yeroo si arganitti, ati dhiigaan haguugamtee akka turten dhagahe. Bilbilli kee harkuma kee keessa akka jirus natti himan. Ati bilbila sana kan qabattee turteef, ambulance waamachuuf osoo hin taane, sagalee koo dhaga’uuf, yeroo dhumaaf "Nagaatti qomookoo" naan jechuuf ture. Ani garuu hin kaasne. Callisni koo sun si ajjeese. Yeroo oduun du’a keetii natti himamu, addunyaan kun na jalaa dukkanoofte. Gara bakka ati itti kufte sanaan fiige. Dhiigni kee aspaaltii irratti gogeera, kophee kee tokkoo fi bilbila kee caccabaa sana qofan arge. Bilbilli kee caccabeera; garuu ergaan kee inni keessa jiru, inni ati osoo hin dubbatin hafte sun, bara baraan na guba. "Maaliif na jalaa calliste? Maaliif na hin oolchine?" jettee gaaffii osoo hin gaafatin duute. Osoon bilbila sana kaaseera ta’ee, silaa atis bilbila haasofsiisuuf jettee qarqara daandiitti motora kee dhaabda ture; balaan sunis si hin argatu ture. Ani callisuu kootiin sababa du'a keetii ta'e. Amma awwaala kee irra taa’een, biyyoo jiidhaa kana qaqqabaan dhiifama si gaafadha. Garuu deebii hin qabdu. Kolfi kee, taphni kee, gorsi kee, hundi isaa biyyoo ta’e. Ani garuu, nama hiriyaa isaa "Busy dha" jedhee du'aaf kenne ta'een hafa. Hiriyaa dhiiraa dhabuun, addunyaa kana irra kophaa ofii deemuudha. Gaachana koo, iccitii koo, obboleessa koo... dhiifama naaf godhi. Sagalee kee isa dhumaa sana osoon dhaga’eera ta’ee, har’a gaabbiin kun na hin nyaatu ture. Garuu "Osoon" bishaan darbe hin waraabu. Amma yeroo bilbilli koo iyyu hundatti, onneen koo "Tarii dogoggora ture, tarii inni deebi'eera" jettee utaalteetu dhikkifatti. Garuu bilbila sana yeroon kaasu, sagalee kee miti; sagalee addunyaa kanaa, kan ati keessa hin jirre, kan na jibbisiiste sanan dhaga'a. Har'a haadha kee bira dhaqeen ture. Isheen "Mucaan koo dhufe" jettee yeroo na hammattu, imimmaan koo na hudhee, ijji koo dhiiga uffattee. Isheen "Waaqayyo si haa eebbisu, ati isaaf obboleessa dhugaa turte" jettee na eebbistus, eebbi ishee sun anaaf abaarsa natti ta'e. Osoo isheen beektee, silaa "Ilma koo yeroo inni si waametti maaliif jalaa calliste?" jettee na gaafatti turte. Iccitii kana baadhee jiraachuun, ija haadha keetii ilaaluun, du'a caalaa natti ulfaateera. Lakkoofsa kee bilbila koo irraa haquu hin dandeenye; amma iyyuu maqaa kee isa 'My Brother' jedhu sana yeroon argu, nagaan waan jirtu natti fakkaata. Darbee darbee, "Maal irra jirta?" jedhee barreeffama siifan erga; "Seen" akka hin godhamne beekus, tarii lubbuun kee na arga jedheen abdadha. Obboleessakoo, lafti ati irra ciiste sitti haa salphatu, anoo lafa kana irra jiraachaa, keessa koo gubachaan jira.